Mana

Oduu

Afaan Oromoo

Amantii

Buhaarsa

Joollee

Seenaa

Tapha

Marihadu






Seenaa

Afaan Oromoo
Akkaataa bultumaa
Amantii Sirna Gadaa
Godaansa Oromoo jaarraa 16ffaa

Seena barreeysitoota Habashaa
Lola gurguddaa jaarraa 16ffaa

Sirna Gadaa


k
Seenaa Ummata Oromoo

Lola Guddaa Jaarraa 16ffaarraa jalqabe

Ummanni Oromoo jaarraa 13ffaarraa kaasee diinoota lama: Habashootaafii Islaamoota ofrirraa lolaa ture. dinoota kana lameeniis miidhaa guddaatu irra gahaa ture. ofirraa ittisuuf haa faccisu malee, hamma sirna Gadaan ofjaaree jabaateetti akka humnaatti gad ofdhaabuu hindandeenye. Kanaafuu jaarraa 14ffaafi 16ffaa gidduutti Islaamoonnifi Kiristaanoonni Oromoo saamuudhaan dagaagaa turan. Garuu Oromoon walakkeessa jaarraa 15ffaarraa kaasee sirna Gadaa ijaarratee cimaafi jabaataa waan dhufeef roorroo gara lachuun itti dhufu ofirraa ittisuuf lafa isaa deebifachuu jalqabe. Haa tahuu malee, faaraan Oromoo kan cime jaarraa 16ffaa keessa ture. jaarraa 15ffaa keessatti waraana Habashaa wajjiin bara Zara Yaaqoobfi Ba’ida Maariyaam naannoo Hora Laangannoofi Baalli keessatti wal lolanii turan. Lolli jaarraa 16ffaa keessatti deeme ammoo, hundi isaa Gadaan geggeeffamaa ture. lubi tokko akka sadarkaa aangoo qabachuu gahen lolli bifa haarayaan deemaa ture. kanaaf duula Oromoo hubachuuf Luboota ka’anii Gadaa fudhatan waliin laalla.

Meelba:- bara 1522-1530

Gadaan duraa Melba jedhama jedhu. Bara Gadaa Melbaa kana Oromoon abbaa duulaa itti ijaaree yeroo duraatiif gurmuun duulutti bobbaase. Baalli weeraruu jalqaban. Namichaa Amaara Faasil jedhamuu wajji wal lolanii inniis duularratti du’e. Duula Oromoo isa jalqabaa kanaan amaarri "dawwee" jedhan. Afaan Amaaraatti dawwee jechun, dhukkuba lamxii jechuudha

Muudana:- bara 1531-1538Mebatti aane kan Gadaa fudhate Muudana jedham. Bara Muudana kana seera jajjabaa lama tumatan. Lubni hundi duula akka duuluufi laf haaraya baasan malee, meendhicha akka hin hidhanne kan jedhu ture. Baalli kan Melba weeraruu jalqabe Muudannii dhufatee hamma qarqara laga Awaashitti irra qubatan. Barri Gadaa Muudanaa kun bara Islaamoonni Imaam Ahmadiin geggeefamanii Kiristaanootaan lolaa turani. Lola diinootni isaa lamaan wal lolaa jiran kan Oromoon faana bu’aa ture. daareel Baates namichi jedhamu kana hogga ibsu:

"lolli Kiristaanoota Habashafi Islaamoota ture, Poortugaal gargaartee Imaam Ahmed mohamullee hin dhaabbanne. Waggootii dheeraaf dabree dabree deemsifamaa ture, gaallaa (Oromoo) haala kana duukaa bu’anii too’ataa turan. Gartuun lamanuu waan miidhameef lafa isaanii deebifachuuf ….yeroo itti eeggachaa turan"jedha. Lolli amantii yeroof akkasiit qabbanaawullee Oromoon lola isaa itti fufe. Muudanni Gadaa isaa fixee Kiiloleetti dabarse.

Kiilolee:- bara 1539-1546Kiiloleen duula bal’isee DAWAAROO rukutuu jalqabe. Yeroo gabaaba keessati handhuura Dawaaroo gahe. Galaawudoos mooti Habashaa waana isaa kan nama Adaal Mabraq jedhamuun hoogganamu Dawarrootti bara 1545tti erge. Waraanni Adaal Mabraq harka Oromootti baqe, inniniis lbaqatee laga Awaash cehe.Dawaaroo kan jedhamu Arsii har’aatt akeekuun ni dandayama. Galaawudoos Islaamoota mohuu dandahullee Oromoobiyya isaaf lolu mohuu hindandeenye. Kiiloleen Gadaa isaa fixee Biifoleetti dabarse.
Biifolee:- bara 1547-1554

Galaawudoos Adaal Mabraq moohamuu dhagayee humna isaa waliti gurmeessee, waraana warra Poortugaaal fogargaarsisee Oromootti bara 1548tti duule. Humna guddaan itti haa duulu malee, Galaawudoos Oromoo mohuu dadhabee, dahannoo jabaa qotatee Dawaaroo keessa qubate. Oromoonni achitti iti marsanii lolan. Lolli sun guyyaa kudhalama deeme. Oromoonni gootummaan lolanii gaafa 12ffaa waraana Habashaa dahannoo isaa keessatti itti seenaanii hedduu irraa fixan. Ajajaan waraana Poortugaal Ayrees Deez jedhamu madaawee boodarratti du’e. Waraanni Habashaa moohame. Biifoleen duulaa isaa itti fufef Awaash cehee Faxagar waraanuu jalqabe. Hatahuu malee, Biifoleen akka Luboota isa duraa lafa haaraya qabachuudhaan hinmilkooyne. Habashoonni dhiibbaan Oromoo gara qa’ee isaaniitti dhihaataa waan deemeef jabaatanii dura dhaabbatan. Galaawudoos humna Habasha gurmeesse ofirraa ittise. Gama lachuu namni dhube baay’ee guddaa ture. biifoleen Gadaa isaa raaw’atee Michilleetti dabarse.

Michille:- bara 1555-1562 Michilleen Gadaa isaa kana keessatti namni diina hinajjeefne akka hin fuune, akka rifeensa mataa hinhaaddanne seera baase. Akka jedhamuttiis bara Gadaa Michillee kana Oromoon fardaan loluu jalqabe. Kanaaf lafa fagoo deemee lola gochuu jalqabe. Bara Michillee kana Galaawudoos waraana isaa Faxagar keessa jiru namicha Hamalmaal jedhamuti kennee bataskaana Imaam gube ijaarutti deebi’ee ture. bara 1555tti Michilleen Hamlmaaliin bakka Dagoo jedhamutti waraanee moohe. Hamalmaal moohamuun Faxagariin guutumatti harka Oromootti deebise. Faxagar Enriif Karrayyuu har’aani taha. Michilleen Faxagar irra dhaabbatee Cafaat, Bazimoofi Daamoot salphatti rukutuu jalqabe. Gibeen qabachuuniis yeroo kana jalqabe. Bara Michillee injifannoo guddaan argame garuu, Islaamootarratti ture. islaamoonni eega Imaam Ahmed boodde weerara guddaa kiristaanatti bobbaasuu hindandeenye. Hatahuu malee, geggeessaan Islaama Harar Amiir Nuur jedhamu humna walitti qabatee bara 1559tti Habashatti duulee ture. amiir Nuur Galaawudoosiin lolee moohe. Galaawudoos lola sanirratti du’e. Amiir Nuur osoo inni injifannoo argatetti gammadee ayyaaneeffachaa jiruu Oromoonni magaalaa Harar seenanii barbadeessan. Oduu kana dhagahee osoo inni gara Harar deebu’utti jiruu Michillee bakka Tulluu Hazaaloo jedhamtutti haxxee hidhee rukute. Lola taherratti Oromoonni haa dhuman malee, Amiir Nuur ni moohame. Waraanni saa harka loltuu Oromoorratti akka dhadhaa baqee dhume. Lubbuun kan keessa bahan xiqqaa ture. lolli Tulluu Hazaaloo biratti tahe kun, yeroo dheeraaf Kiristaanaafii Islaama gidduutti lola deemaa ture addaan kute. Humni Oromoo jabaachuun warra wal lolaa turan gidduutti nagaya buuse.

Michillee booddee duulli Oromoo karaa lamaarraa tahuu jalqabe. Isaaniis:- Oromoota Walloofi Maccaafi Tuulama. Wallo keessati kan Gadaa fudhate Harmuffaa jedhama. Kan Tuulama ammoo, Hambisaa jedhama. Lachuu saanii bara 1563-70tti Gadaarra turan. Hambisaan duula gurguddaa Shawaa keessatti haa godhu malee, Amaara dhiibuu hin dandeenye. Mootiin Habashaa Minaas akka jabatti Hambisaafi Harmuffaa dura dhaabbate. Osoo isaaniin loluu du’e. Malaak Saggad ykn Sarta Dingil kan jedhamu itti dabree aangoo Habashaa qabatee lola ittifufe. Hambisaaniis lafaa haaraya osoo hinqabatin Minas wajjiin lola gurguddaa osoo godhuu Gadaan isaa dhumeeRoobaleetti dabarse. Harmuf Awaash cehee Affaarootafi Habashootatti duuluu jalqabe. Gi'orgis Haaylee kan jedhamu bakka qacinaafi Wayaata jedhamutti lolee Moo'e. Affaarootaas lolee naannoo Angootttifi Ganyi jedhamtu qabatee taa'e. Bakka kanarraa Amaara Saaynitiifi Bagamidritti duuluu jalqabe. Harmuuf bara Gadaa isaa Affaaroota, Argoboota, Doobotafi Amaaroota Ganyiifi Angoot keessa turan waraanee ofjala galchee gosa moggaase. Harmuuf Affaaroota humna isaanii cabsee baay'ee xiqqeese. Harmuuf Gadaan isaa dhumee Robaleen harka fudhate.

Robaleen:- bara 1571-1578

Malaak Saggad Roobalee Shawaa keessatti dabarsuu dhoorke. Ofiis garuu Roobalee dhiibuu hindandeenye. Shawaa keessatti haala akkanaan jiru Roobaleen Walloo Bagamidir seenee lola jalqabe. Yeroo kana Malaak Saggad saffisaan gara Bagaamidir deebi'ee Roobalee bakka wayinaa Dagaa jedhamutti lolee Roobaleen moohame wallotti deebi'e. Roobaleen hoggaa Malaak Saggfad gara Bagaamidir deeme, duula Shawaa keessatti jabeessee Amaaroota gara hallayyafi olqatti naqee biyya qabate. Malaak Saggad deebi'ee Roobalee dhiibuu hindandeenye. Gadaan isaanii dhumee lamaanuu Birmajiif bakka gaddhiisan.

Birmajii:- bara 1579-1586

Bara Gadaa Birmajii Oromootni Amaara hedduu muddanii qaban. Birmajiin Wallo Bagamidir seenanii Amaaroota hedduu fixan. Aantoot Malaak Saggad lolarratti dhuman. Amaara Bagamidir akka malee hollachiisee. Birmajiin Tuulamaafi Macaa lafa fardi isaa dhaquu dandayu mara deemee qabate. Amaarri gara hallayyaafi holqatti galtee dhokatte. Osoo gaarri, hoqiifi hallayyaan hinjiru tahee, namni hafu hinjiru jedhaa ture barreeysaan Habashaa Alaqaa Atsimeen. Malaa Saggad oliifi gad fiigutti yeroo isaa fixe. Birmajiin Shawaa laga Jamayii cehee Waqaa qabatee Amaara lafa Oromoo keessa qubatte Habashaarraa kute. Achirraa Gojjaamiifi Daamoot waraanuu jalqabe. Malaak Saggad nama Daragoot jedhamu akka Gojjaamiin ittisuuf itti erge. Birmajiin lola Daaragootirratti du'e. Haa tahu malee Birmajiin gara dhuma Gadaa isaati jala Gojjaam keessatti moohame. Biramjiin bakka lachuutti Gadaa gad dhiisanii Mul'atatti dabarsan.

Mul'ata:- bara 1587-1594Bara Gadaa Mul'ataa kana Walloon hedduu hinduulle. Yeroo lama duwwaa Godaritti duulee saamee Wallotti deebi'e. Qubatee waan taa'e fakkaata. Mula'ati, Maccaafi Tuulama duula isaa itti fufe. Bifa lolaa geeddaree Amaara karaarratti gaadanii ajjeesuu jalqaban. Gaara gidduufi saaqaa dhiphoo ta'an jiddutti eegee Amaara murachuu jalqabe. Kanaaf Amaarri bara sana lafa sodaatu bira hoggaa gahewalitti lallaba, walwaama dabra ture jedhama. Bakka fardasaaf mijjaa'u Gondariifi Gojjaam keessa gulufee basha'e. Boodaas achi quabatee taa'e. Amaarri araarfachuu jalqabdee, suuta suutaan walmakuu jalqaban. Haa tahu malee, lolli isaan jiddu hindhaabbanne: isaan keessa warri gurguddaan:Jaarraa 17ffaa jalqabarratti (1605-1617) bara mooti Habashaa Suusiniyoos Oromoon Bagamidrifi Gojjaamitti duulaa ture, garuu ofirraa ittisan.1620 Oromootni Walloo Bagamidriti duulan.Qaabsis Paaris (Paris chronicle) jedhamu lolli gurguddaan baroota 1639, 1643, 1649, 1652fi 1658tti akka tahan galmeessee jira. 1661 Oromoonni Walloo Warra HimannooGondaritti duulanii Faasilaa Dasiin lolan.1683-1688 Oromoon Guduruu Habashaa lolee moohe.1709 bara Tewoofiloos mooti Habashaa ture Oromoon Amaaratti duulee ture.Jaarraa 18ffaa kaasee lolli xixiqqaan Amaaraafii Oromoo jiddutti deemaature. Amaaroonni Oromoo ofitti qabuu (firoomfatuu)jalqaban. Waldhabbii isaan jidduu jirurratti akka Oromoon isaan gargaaru hawwachaaturan. Yeroon itti Oromoon waardiyaa mooti Habashaa tahee qa'ee(gibbii) isaaniitti galees niture. Habashoonni walii isaai fonqolchuufi aangoorraa turuufiis Waraana Oromootti yeroon dhimma ba'aa turan niture.Duula Oromoo kana booddee haala akkamiitu Gaafa Afrikaa keessatti dhalate? Humni Oromoo jechuuniis maal uume? Hamma Oromoon Gadaan of hinjaaranitti miidhaa gurguddaan irrgahaa akka ture beekamaadha. Yeroo sanaas Kiristaanootnifi Islaamootni duula wailrraa hincinne walirratti oofaa turan. Gaafni Afrikaa bakka lolaa turte jechuun nidandayama. Oromoon Gadaan ijaaramee as bahuun, madaala humna Gaafa Afrikaa keessatti jijjiire. I) lola Kiristaanaafi Islaama jidduu nidhaabe. 2) hawwii babal'achuu Habashaan qabu dhaabee walitti isii suntuurse. 3) Oromoo kabajamaafi sodaatamaa taasise. 3) Mootummaa Islaama Harar dhawee walitti bute. 5) daangaarratti waldhiibuufi lola xixiqqaa tahan malee, nagaya gara jaarraa lamaaf Gaafa Afrikaatti buuse.

Madaalli humnaa kan yeroo dheeraaf ture, kan jijjiiramuu jalqabe walakkaa jaarraa 19ffaa booda eega meeshaan lolaa haarayni harka Habashoota seene ture. Yeroo kanarraa kaaseeti kn Oromoon caphee kolonii Habashaa tahuu kan jalqabe.

 

Weerara Islaamaafi Haala Oromoo

Bara Baa’ida Maariyam waraanni habashaa maoohamee humni isaanii laafachaa deeme. Islaamoonni sana booddee human isaanii jabeeyfataa deeman. Bara Naa’ood (1494-1508) moohe keessatti haala isaan gidduu qabbaneessuuf gamni lachuu fedhii qabuture. Affaaroonni Adaal haala kana osoo argisiisaa jiranii Amiirri Harar- Mahfuuz kan jedhamu Habashaarratti lola bane. Naa’ood yeroof haa injifatuu malee, humni Islaamootaa walqunnamtii Islaamoota addunyaa wajjiin waan qabaniif daran jabaataa deeme. Habashoonni kan hubatanii isaaniis Kiristaana Arooppaatti, keessaahuu Poortugaalatti hidhachuu carraaqan. Bara 1509tti namicha Maatiwu jedhamu Armaantich gara Poortugaalitti ergatan. Haalli kun eega Naa’ood du’ee ilmi isaa Libana Dingil jedhamu ijoollee waan taheef Haati isaa bulchaa turteedha.

Libana Dingil (1508-40) guddatee eega aangoo qabatee haala nagayaan Islaama wajjiin jiraachuu jedhu kan Heleenaa (haadha isaa) geeddaree lola jalqabe. Adaaloonnis ofijaaranii gargaarsa alarraa argatanii waan turaniif Habashaarratti lola labsan. Bara 1516tti Adaaloonni Faxagar qabachuuf weerara jalqaban. Mahaafuuz lola kana keessatti du’e, lolli labsame hamma Imaam Ahmad Ibni Ibrahim al Gahaaztti bakka hin geenye.

Imaam Ahmad (1506-43) ykn Giraanyi Ahmad kan jedhamu ijoollumma isaa lafa Hubta jedhamu kan Baddeessaafii Harar gidduutti dabarse. Imaam Ahmad loltuu jabaa tahee guddate. Human waraanaa walitti qabatee Amiira Harar ajjeesee aangoo qabate. Eega sanaa human isaa guddifatee lolaaf ofqopheessutti ka’e, bara 1527tti human Habashaa kan Adaliin weeraru deemu lolee injifannoo guddaa irratti argate. Lola kana booddee Imaam Ahmad waraana isaa qabatee lola jalqabe. Bara 1529tti bakka shuburaa kuraa jedhamutti waraana Habashaa lolee moohe. Waraanni isaa garuu tiikfattootafi godaantootarraa waan ijaarameef, akkasumas gosa isaatiif waan abboomamaniif lola kan booddee ni faca’e. Kanaaf waggaa lama keessatti waraana haaraya ijaarrachuun dirqii itti tahe. Waraana isaa duwwaaaf ajajamu waggaa lama keessatti ijaarrattee lola itti fufe. Bara 1531tti Dawwaaroofi Shawaa qabate. 1533tti ammoo, Amaaraafi Laastaa dhufate. Baallii, Sidaama, Hadiyyaafi Guraagee yeroo tokkotti ofjala galche. Bara 1535tti Tigree weeraree qabatee habashaarraa harka guddaa qabate. Bakka dhaqetti Islaamummaa fudhachiisaa, bataskaana dhabamsisaa deeme. Liban Dingil gargaarsa Poortugaal gaafate osoo hindhaqqabin lolarratti du’e, Ilmi isaa Galaawudoos (1540-59) itti dabree moohe. Poortugaal waraana nama dhibba afur, qawwee wajjiin ergee ture, Liban Dingil bira gahe. Waraanni Kiristaanootaafi Ahmed Giraanyiis ni faca’e. Haa ta’uu malee, humni habashaafi Islaamootas hedduu hubamaee laffate. Haalli kun Oromoon biyya deebifachuurratti hedduu gargaare.

Duula Oromoo jarraa 16ffaa

Jaarraa 13ffrraa kaasee hamma dhuma jaarraa 15ffaatti Oromoon rakknaafi roorroo guddaa jala ture. Yeroo kana ture yeroo inni daga isaarraa dhiibamee laga Awaash gamatti ittifame. Yeroo kan ture yeroon lolli amantii kan Islaamootaafi Habashootaa gidduutti deeme hedduu isa miidhe. Sababnii saa maalirraa madde? Sabani guddaan jaarmaya isa tokkeessu dhabuusaati. Akkuma Oromoonni adda fagaatanii qubataniin gosa gosaan buluun waan isaan tokkeessu dhabame. Oromootni gosuma gosaan miidhaan isaan mudate malee, sirni walitti isaan itichee waliif tumsiisu hinturre. Kanaf roorroon guddaan irra gayuu dandahe.

Jaarraa 15ffaa keessa hawaasa Oromoo keessatti dagaagni argamuu jalqabe. Sirni tokko isaan taasisee roorroo alagaa ittiin ofirraa ittisan dagaagee hawaasa guutummaa dhaqqabuu jalqabe. Sirni haarayni biqilaa ture kun, yeroo dheera keessa kan dhufe tahullee Oromoota irree jabeessee akka lafa isaanii deebifataniifi roorroo alagaa akka ofirraa deebisan gargaare. Oromoos ummata sodaatamafii kabajamaa taasise. Sirni kuniis Gadaa dha. Jaarraa 16ffaa kaasee ummata Oromoo seenaa keessatti kan beeksiseefi harka isaatti kan hambise sirna kana. Ummanni Oromoo gara jaarraa sadii rakkinaafii roorroo isarra gahee ture ofirraa deebisuuf Gadaan ofijaare. Abbaa Bokkuu tokko jalatti walgurmeesse. Haala siyaasafi waraanaa jabaa tolchee ijaarrate. Jaarmaya isaa kanaan ummatoota naannoo isaa jiran caalatti jabaatee humna sodaatamaa tahe. Daga isaarraa qabatame deebifachuuf duula gurguddaa jaarraa 16ffaa jalqabarraa kaasee eegale, humni jajjaboon kan Habashootaafi Islaamootaa lolaan waldadhabsiisanii waan turaniif haala aanjaa argate.

Duula biyya isaa deebifachuuf Oromoon jaarra 16ffaa keessatti jalqabe kan seenaa barreeysitoonni haala adda addaatiin dhiheessuu barbaadu. Sababoota duulli kun itti dhalachuu dandayan akka adda addaatti himu.

  1. Brus namich jedhamu yeroo burqaa laga Naayil (abbayya)qorachuuf kbiyya Habashaa dhaqe, waa’ee Oromoo qoratee akkas jedhe. "duratti osoo gara daangaa Habashaa hindhufin dura isaan ((Gaalla) walakkeesa Ardii Afriikaa jiraatu turan. Lafti jalaa olka’uu jalqabnaan gost isaanii tokko tokko godaanuu jalqaban. Dura gara bahaa galaana Hindiiti sossohan. Achiti walhoranii gara kaabaatti qaceelanii Dawwaaroofi Baallii qubataan. Gost torba walaqabatnii garaa dhihaatti sossohanii kibba laga Abbaayfi naannoo Gojjaam keessa qubatan. Gartuu sadaffaan ammoo, gosa torba tahee walkeessatii hafanii achirraa gara kibbaatti babal’atan" jedhee ture.

    Akka Brus jedhu kanatti sossohiinsa Oromoo kan kaase lafti jalaa olka’uudha. Lafti kun yoom olka’e? Akkamitti? Olka’e kan jedhuuf garuu wanti ibsu hinjiru.

  2. Charles T. Beke bara 1842/3 yeroo Habashaa keessa ture waa’ee babal’ifannoo Oromoo waan qorate niqaba. Oduu afaaniin daddabru Habashootarraa qoratee kan inni lafa kaa’e: "Bara dur Gaallaan doko (savage) ture. beekumsa waan tokko hinqabu, qonna hinqotu, loon hintiiksu, uffata hinbeeku, ija mukaa funaanee, hidda harkaan qotee nyaata ture, dubartiin Amaaraa ykn Kristaanaa tokko bidiruu(qorii) tokkotti nyaata, uffata, eeboo, gaachanaafi mia garagaraa guuttattee baahar gamatti argite. Gaallaa dokoon mia kana yeroo argan baay’ee diqisiifatan, nyaaticha dhandhamanii itti tole, uffata ofitti kaa’an, mia gara biraas ilaalanii itti gammadan. Bakka burqaa qabeenya kanaa qabaachuu qabna ja’anii bahara sana cehanii, gara Kiristaanaa dhufan. Kana booddee waldhabbiin dhalatee lolli tahee biyya Habashaa qabatan" jedhama jedhe.

    Bekeen waan akka oduu afaanitti dhiheessu kana keessatti sababa babal’ifannoo Oromoo ibsuuf yaale. Oromoo cabsuuf, tuffachuufii seenaa isaa gara dabarsuuf kan odeeffamuudha malee, dhugaa tokkollee ofkeessaa hinqabu.

  3. Charles T. Bekeen ammallee itti fufee oduu afaanii kan Oromoota Walloo biratti odeeffamu jedhee barreeyse jira. Akka oduu isaa kanatti durii:-

    "Oromoon Hawaash gamaa dhufe. Osoo bahara kana hincehin duratti qarqara isaa loon tiikfatuu turan. Gaaftookko binessi jabbii tokko arihee bahara kana ceesise. Jabbiin kun laga sana ceetee achitti walhorte. Galgala hogga gaallaan loon bishaan obaafachuu dhaqu gaaddidduu loon baay’ee arge. Akka hinliqinfamneef harka walqabatanii laga cehanii loona sana dhaalan. Booda biyyi itti tollaan achuma turan. Walhoranii baay’anaan hamma daangaa habashaatti babal’atan" jedha. Oduu afaanii fakkeessanii duula Oromoo akkanatti ibsuu barbaadu.

  4. namich J. Hultin jedhamu ammoo, babal’ifannoon Oromoo haala adda addaarraa tahuun nimala jedha. Akka inni jedhutti haalli qilleensaa waan geeddarameef bishaaniifi marga barbaacha sossohan. Kun sababa tuhuu nidandaya jedha. Garuu eega haalli qilleensaa deebi’ee tolee margaafi bishaaniis argame, maallif babal'i’annoon kun itti fufe jedhee ofgaafata. Kanaaf jedha: J. Hultin, akkaata sababa babal’ifannoo Oromoo ibsuudhaaf haala hawaasa dinagdeefi siyaasaa hawaasa Oromoo qorachuu feesisa jedhee cufe.
  5. Namichi Poortugaal kan Amaanu’eel de Almaad jedhamu sababa babal’ifannoo Oromoo akkaataa lamatti hima. Tokkoffaa Habashoonni amantii katolikii fudhachuu waan didaniif waaqni isaa adabuudhaaf dha’ichaa Gaallaa kana itti erge. Osoo amantii kana fudhatanii kun hundi irra hingayu jedhee barreeyse. Lammaffaa bineessa Liqimsaa jedhamtu naannoo Gaara walaabuu bira isaan facaase. Abbaan muuda isaanii naannooo Walaabu kana jiraata. Naannoon Walabuu lafa baay’ee dinqiiti. Loon adaadii aanna baay’ee keennitu waan tureef namni qotuuf hinrakkatu. Aannan dhugee jiraata. Booda bineessi Lliqimsaa jedhamuu kan bifa saa gegeeddaratu namaafi loon nyaachutti ka’e. Kan baqatanii hamma Habashaatti babal’atan. Kun eegaa waan Almaadaan babal’ina Oromoo itti ibsuu yaaleedha.
  6. I.M.Lewis ammoo, Oromoon babal’achuu kan jalqabe waan Somaaleedhaan dhiibameef jedha. Yaada isaa kana kan deeggaran barreessitoonni maddi saba Oromoo Somaaliyaa keessa warra jedhaniidha.
  7. Asmaaroom Laggasee ammoo, sababni babal’ifannoo Oromoo tahu baay’achuu lakkooysa namaati jedha. Lakkooysi ummata Oromoo jaarraa 16ffaa keessa waan dabaleef lafti itti dhiphannaan irraa godaanuu jalqaban jedha.
  8. J.Hultin ammoo, akka sababaatti hin dhiheessin malee babal’ifannoo Oromoo kan gargaare Gadaan ijaaramuu isaati jedha. Lubi aangoo irra jiru osoo gad hindhiisin, lafa haaraya dabalee qabachuu qaba. Kanaaf akkuma Lubni haarayni dhufee aangoo fudhateen lafti itti dabalameen Oromoon babal’atee lafa guddaa qabachuu dandaye jedha.

Sababoota duula Oromoo jaarraa 16ffaa akka adda addaatti seenaa barreeyssitoonni akka barreeysan armaa olitti laalmee jira. Ummanni Oromoo yeroo sanatti karaa beekusaa dagaagee waan inni seenaa isaa ofihinbarreeyssiniif namuu akka barbaadetti barreeyssee jira. Warri kiristaana tahan kun "dha’icha waaqaati "jedhan. Kuun ammoo bineessa "liqimsaa" jedhamu baqa dhufan jedhu. Warri kaan Somaaleetu dhiibe kanaaf weerara jalqaban jedhu. Sababa sababa nama amansiisuu malu kan dhiheessaniis nijiru. Keessatuu J.Hultin sababa duula kanaa hubachuuf qorannoon gahaan hawaasa, diinagdeefi siyaasaa Oromoo godhamuu qaba kan jedhe irra fudhatama qaba. Karaa keenyaan garuu duulli Oromoo sun lafa isaa deebifachuuf ture kan jedhuudha.



Tabarooleen Gola kanaa idileen seeraan tikfamoodha.
Barreeyfama gola kana keeysatti dhihaatan mara, hayyama qa'ee kanaatiin maletti qabeentaan Bilisummaa (gola) kanaa idileen yookiin quucata isaa, bifa fedheen, sagaleedhaan, katabbiidhaan, suuraadhaan asirraa waraabuun dhorkaadha!
Copyright © 2001-2004 Bilisummaa. All rights reserved
Home | News | Language | History | Islam | Culture | B.game