Mana

Oduu

Afaan Oromoo

Amantii

Buhaarsa

Joollee

Seenaa

Tapha

Marihadu






Seenaa Ummata Oromoo



Afaan Oromoo
Akkaataa bultumaa
Amantii Sirna Gadaa
Godaansa Oromoo jaarraa 16ffaa

Seena barreeysitoota Habashaa
Lola gurguddaa jaarraa 16ffaa

Sirna Gadaa



k
Seenaa Ummata Oromoo

 

 

Seena saba Oromoo Fi sirna Gadaa

Dhibbaa alagaa bitamuu waggaa dhibbaa Oromoo irra turuurraa kan ka'e hedduun ummata Oromoo har'a Oromummaa isaa haa beeku malee, seenaa ummanni kun keessa dabree as ga'e ragaa qorannoon deggaramee barreeyfame irraa wanti inni hubatu baay'ee xiqqaadha.
Ammaas tanaan seenaa ummaata guddaa kanaa guutumatti barreeyfamee jira jachuu utuu hin ta'in gaaffiilee Oromoon tokko ofgaafatuufiis tahee, seenaa dharaa diinni Oromoo irratti odeessuuf deebii ga'aa ni taha waan jedhamuuf; kunoo seenaa Oromoo kan sab-boontoota ilmaan Oromootiin haala rakkisaa keessaaa barreeyfamee, akka ummaata keenya gargaaruuf asirratti maxxansine. Nuti maxxansitootni kan keessa qabnu gulaala dogongora qubee dabree dabree mul'atuufi maxxansaa qofa malee, qophiin isaa kan sab-boontoota ilmaan Oromoo tahuu isaa osoo hin hubachiisne bira hin tarru.

Barbaachisummaan barreeyfama kanaa bal'inaan seenaa irratti waan kaa'amee jiruuf, Oromoon ani eenyu? Maddi koo eessa? Daangaan koo eessa? Firaafii diinni koo eenyu kan jedhu hundi haala gahaatiin deebii quubsaa akka argachuu dandayu shakkii hin qabnu.

Seenaa saba Oromoo

Seenaan qorannoo ykn barnoota akka ummanni tokko itti jiraataa tureedha. Seenaan saba tokko yeroo jennu qorannoo ykn barnoota waa'ee shanyii saba saba saniiti jechuudha. Seenaan sabni tokko akkamitti jiraataa ture? Haala akkam keessa dabre? Ogummaa akkam qaba ture? Aadaan isaa maal fakkaata? Kan jedhaniifi gara biraas kaasee deebii itti barbaada. Gabaatti, seenaan qorannoo ykn barnoota haala shanyyiin (sanyyiin) ummata biyya tokkoo karaa dina'gdeefi hawaasummaa keessa dabreedha.

Ummanni tokko haala jireenya isaa hubachuuf abbootiin abbootii isaa ykn shanyyiin isaa haala keessa dabran qorachuu barbaachisa. Haalli ykn akkaataan jireenyi shanyii ofii keessa dabre jireenya har'aa irratti calaqqiinsa ni qabaata. Isa ha'aa hubachuuf isa dabre qorachuun barbaachisaadha. Kaleessi yoo hin jiraanne har'i hinjiraatu. Waan shanyyiin keenya keessa dabree as gahe qorannee baruun kan har'aa ijaarachuuf baay'ee barbaachisa. Kaleessi har'a, har'i boru maddisiisa. Kan dabre yoo hinhubatin kan har'aa hubachuun, kan har'aa yoo hinhubatin kan boruu qiyaasuun hinkajeelamu.

Namni seenaa abbootii isaa, kan shanyii isaa hinbeekne jaamaadha. Bishaan gabatee irra jiru, kan gara barbaadanitti oofamuun wajjiin walfakkaata. Namni seenaa irraa hinbare, badii seenaa deebisee dalaguuf dirqama. Namni seenaa shanyii isaa hinbeekne, maqaa, aadaafi sabummaa isaa gatee kan alagaa fudhachuuf tattaafata. Ummanni Oromoo seenaa boonsaa, biyya badhaatuufi aadaa dagaagaa qaba. Ilmaan Oromoo hedduun garuu, kan waan hinbeeyneef alagatti ofharkisuu kan barbaadan nijiran. Seenaa saba ofii baruun eenyummaa ofii nama barsiisa. Firaaf diina adda baafachuuf nama gargaara. Walumaa galatti, seenaa saba ofii beekuun sab-boonummaa dagaagsa.

Seenaa saba keenyaa kan boru itti boonnu duwwaafi miti. Tahuus hin qabu. Mataa ofii dabree beekuufi yaadachuuf barra. Barree ammoo dabarsinee barsiifna. Kanaaf ilmaan Oromoo hundi seenaa Oromoo baranii dabarsanii barsiisuun dirqama taha. Seenaa dabrerraa kan barree yaadachuuf, jireenya keenya har'aa hubachuuf nu gargaara. Madda rakkoo keenya har'aa baruuf, seenaa abbotiin teenya dabarsan beeku qabna. Rakkina har'aa furuuf mala lafa kaayyachuuf seenaa dabre beekuun hedduu barbaachisaadha. Rakkinaafi guddina sabni keenya keessa dabree as gsahe yoo beekne kan boruu yaaduu dandeenya. Daandii qabsoon keenya fudhachuu qabu tolchuufi tolchinees sirritti ta'uu isa kan itti ilaallu calaqqee seena Oromoo keessatti taha. Seenaa dabre kan fagoofi dhihoo, yaadaafi ilaalcha keenya irratti ifaan ykn osoo hin mul'anne dhiibbaa niqabbata. Seenaa keenya ka barruuf, ofii hubannee akka sirritti galmeessinee dhaloota boruutiif dabarsuudhaafi. Waanti nuti har'a hojjannu , boru seenaa taha. Kanaaf Oramoo kan tahe hundi seenaa shanyyii isaa baree dabarsee barsiisuun haalaan barbaachisaadha.

Barbaachisummaa seenaa baruu erga hubatamee, gaaffi ka'antu jira. Seenaan Oromoo barreeyfamee jiraa? Eenyufaatu barreeyse? Yoo hin barreeyfamne tahe akkamiti barreeysuun dandayama? Gaaffiileen kan fakkaatan hedduun ka'uu mala. Osoo deebii gaaffiilee kanaa kennuu hinyaalin dura madda seenaa waan athan keessaa lama qofa yoo ka'aan gaarii taha.

Maddi seenaa ummata tokkoo inni duraafi guddaan seenaa afaanii(oral history) fi aadaadha. Hamma sadarkaan dagaagina hawaasummaa tokkoo barreeysaan waa galmeessuun hinjalqabaminitti, seenaa dhalootarraa dhalootatti himamsa afaaniitiin dabraa dhufa. Abbaan ijollee isaatti "dur shanyiin keenya akkasiti bulaa ture, bara akkasii rakkina akkasiitu tur, dur jireenyi akkas ture" jedhee yeroo itti odeessu, seenaa dabarsaa jira jechuudha. Sabootni hedduun har'allee afaan isaaniitiin barreeysuu hinjalqabne nijiran. Seenaan saboota akkasii barreeyfamuuf maddi guddaan seenaa afaaniifi aadaa isaaniiti taha.

Seenaa tokko qorachuuf ykn barreeysuuf maddi lammaffaan waan galmeeyfameedha. Beektoonnif qorottoonni haala jiruufi jireenya, aadaafi afaan ummata tokkoo yeroo galmeessan seenaa dabarsaa jiru. Waan beektoonni ykn qorottoonni barruudhaan har'a lafa kaayan, boru kaan itti dhufee barata ykn irra dhaabatee xiinxala. Seenaan ummata tokkoo nama isaa keessa dhalateen barreeyfame irra wayyinni hinhafu. Inninuu, yoo namni sun dhiibbaa adda addaarraa qulqulluu tahe malee, mudaa qabaachuu nidandaya. Keessattu yeroo seenaa uummata gara biraa barreeysan jibba, jaalalalfi dhiibbaa adda addaarraa qulqulluu yoo hintaane badii guddaan dalagamuu nimala.

Seenaa tokko qorachuufi baruuf madda waan tahan keessaa guddaa lama kaafnee jirra. Eegaa, seenaan ummata Oromoo barreeyfamee jiraayi? Ykn ummanni Oromoo seenaa qabaayi? Gaaffiilee jedhan laaluu ni dandeenya.diinootni ummata Oromoo, 'Oromoon seena hinqabu' jedhu. Ummanni seenaa hinqabne hinjiru. Namni tokko hoo seenaa mataa isaatti,seenaa jireenyaa niqaba. Seenaan ummata sanaa barreeyafamee jiraachuufi dhiisuun waan gara biraati. Diinootni Oromoo seenaa hoggaa jedhan waan galmeeyfame qofa ifdura qabu. Seenaan ummataa hedduun barreeyfamuu kan dandaye erga beekkumsi barreeysuu argame booda ture. Har'allee afaanotni tokko tokko barreeysaa hin qaban, seenaan saboota akkasii karaa lamaan qoratama.

  1. seenaa afaanii
  2. waan alagaan, waa'ee ummata sanaa barreeyse irraa taha.

Ummanni Oromoo afaan isaan kan barreeyssuu jalqabe bara dhihoo keessa. Kanaaf ilma Oromoo tokkoon seenaan isaa galmeeyfamee jira jechuu hindandeenyu. Bara dhihoo as garuu, ilmaan Oromoo tokko tokko seenaa saba isaanii barreeysuuf tattaafataa jiru. Haathu malee seenaan Oromoo himamsa afaaniifi aadaatiin dhalootarraa dhalootatti daddabraa har'a as gahe jira. Seenaa saba keenyaa qorannee galmeessuuf, seenaan afaaniifi aadaa madda guddaadha. Haa tahu malee, himamsi afaanii lakkuma bubbuluun jijjiiiramaa hiikkaafi ilaalcha adda addaa fudhachaa akka deemu irraanfachuun namarra hinjiru. Har'a seenaa keenya qorachuuf himamsa afaaniitti daballee maddi gara biraa kan seenaa afaan keenyaa (oromiffaa) tiifi antiropolojii taha.

Antiroppolojiin saayinsii qorannoo waa'ee dhala namaa, aadaa, hoodaafi amantii, akkaataa jireenya isaa irratti godhamuudha. Kanaaf seenaa afaanii kan dhalootarraa dhalootatti daddabraa dhufeefi, qormaata afaniifi antiroppolojii irratti godhamu walqabachiifnaan seenaan dhugaa barreeyfamuu nidandaya.

Seenaa Oromoorratti qormaanni godhamuu qaba hoggaa jennu, seenaan Oromoo akka waan tasa hinbarreeyfamneetti fudhachuu hinqabnu. Oromoonni seenaa ummata isaanii barreeysuu kan jalqaban dhihoo kanatti haatahuu malee, namoonni alagaa hedduun seenaa Ummata Oromoo barreeysanii jiran. Har'aas kan qormaata godhaa jiran hedduudha. Anmoota alaagaa kan seenaa Oromoo barreeysan gosa sadihitti, qooduu nidandeenya.

Isaaniis: 1)qeessota Habshaa,2) waarra Orooppaa 3) Araboota. Isaan kana tokko tokkoon haalaallu.

Lola Calanqoo Fakkeenya Diddaa Gabrummaa

Abdoo Adamaatiin) Addunyaan dhugaaniifi kijibni ,gaariiniifi ajaan, bilisummaaniifi gabrummaan, walqixxummaaniifi ol-aantummaan bakka walmormaa jiraatu dhuma irraattiis bakka dhugaan gaariin bilisummaan walqixxummaan injifachuudhaan kijibni ajaawaan, gabrummaan ol-aantummaan kufee itti abaaramu kun seera uumamaati, namni, sabni, dhaabnifi biytii kamiyyuu adeemsa seera kanaa faalleessuuu hin dandayu. Kaleessa arraafi boru lolli, waraanniifi qabsoon warraa humna ofii abdatee ummata biroo gabroomsuudhaa duuluufi warraa gabrummaa kana ofirraa ittisuudhaa ka’u jidduu gaggeeyfamu yoollee yeroodhaaf dogoggorri (gabroomsaan) humna qabaatee moohe dhumarratti gabroomsaaniif gabrummaan kufuuniifi abaaramuun isaa hin oolu. Warri haqaaf, diddaa gabrummafi bilisummaaf loleefi wareegame farfamaa jiraatan.

Ummanni Oromoos abbaa seenaafii muuxannoo akkanaati. Mootootni Habashaa jaarraa dabran keessa meeshaa waraanaa baranoo Awrooppaa iraa argataniin fayyadamuudhaan qabeenya Oromiyaa saamuufi ummata keenya garoofachuuf Oromoorratti duulanii jiru. Ummanni Oromoos meeshaa boodatti hafaa qabuun bilisummaa biyya isaatiifi jiruu gabrummaa ofirra dhoorkuuf lola danuu lolee jira. Akkasumas diinewwan lola bay’eerratti wareegama hedduu kafalee jira. Kaayyoo dhugaa ummanni Oromoo waragameef ni faarfama ni kabajama. Lolli haqaafi diddaa gabrummaa ummatni Oromoo agarsiisaniifi seenaadhaaniis bakka guddaa kan itti kennamuu keessaa tokko lola Calanqooti. Lolli Calanqoo ummanni Oromiyaa Bahaa karaa dhugaarra dhaabbatee gabrummaa ofirraa hanbisuuf kan ittii lolledha. Kanaafuu kaayyoon gootoota Oromiyaa Bahaa faarfamaa jiraata.

Lola Calanqoo dura haalli jiru maal fakkaata? Minilik maalif ummata Oromiyaa gabroomafachuu fedhe? Oromoon maalif moohame? Guyyaa lola Calanqoo irraa eegalee Oromoo maaltu irra gahe jedhaniifi qabxiilee biroo barreeyfama gabaaba kana keessattii laaluu yaalla.

Ummanni Oromiyaa Bahaa humna weerartoota alaagaadhaan osoo hin cabin dura yeroo dheeraadhaaf sirna gadaatiin ofbulchaa akka ture ragaaleen bay’een ni mirkaneessu. Ummanni Oromoo godina Haragee Bahaa (isa ammaa) keessa jiraatu maqaa afran qalloo ykn ilmaan afran qal’oo jedhuutiin keekama. Ilmaan afran qalloo jechuun Obarraa, Ala, Dagaafii Baabileen Caffee takka jalatti walitti qabamuudhaan seera sirna gadaatiin bulaa akka turan ni himama. Motummaan Oromoo sirna gadaatiin bulaa ture kuniis mootummaa Raabaa Doorii jedhamuudhaan beekama.

Kana malees jalqaba jaaraa 6ffaarraa eegalee hanga humni waraanaa Mootummaa Misrii Mahammad Ra’uuf baashaatiin hogganamu bara 1875 akka lakkoousa Awrooppaati Magaalaa Harariifi ummata naanno kanaa humnaan cabsee waggaa kudhaniifi bulchutti mootummaan Magaalaa Harar mootummaa of dandaye tahuudhaan of bulchaa ture. Bara 1885tti mootummaan Misrii loltoota isaa Harargee Bahaa keessaa waytii baasu ummanni naannoo kanaa hanga lola Calanqo irraa cabutti waggaa lamaaf bilisa tahuudhaan ofbulchaa ture.

Lola Calanqoo dura ummanni Oromoo Harargee Bahaa yeroo dheeraadhaaf karaa adda addaatiin siyaasaa mootummaa Magaalaa Harar keessaa hirmaachaa turuu isaa malee Oromoo n saboota ollaa wajjiiniin walitti dhufeenya nagayaafi gaarii tahee uumuu dandaye. Minilik Oromoofi ummata biroo cabsuuf waytii ka’u sababa kijibaa danuu dhiheeysee ture. Barreeysitootni seenaa Habashaa katabaniis taanaan umrii impaayara Minilikiin ijaarame kana dheereessuudhaan olola sobaa oofuurraa fagaatanii hin beekan. Minilik waxabajjii 4 bara 1885 Haragee weeraruudhaaf qophaa’uu isaa Mootii Xaliyaanii kan ta’an Umbertoof xalayaa katabeen sabootni adda addaa kan irraa qubatanii jiruu biyya abaabayyuufi akaakayyuu saa irraa saboota kanaan fuudhamte deebisuu akka tahe godhee dubbatee jira. Garuu mirga abbaa biyyummaafi akaakayyuufi abaabayyuu isaatiif eenyu akka kaneef xalayaa kanaarra waahumaa hin kaasne. Jechi Minilik kun mootiileen Habasha hangam oftuulaafi mirga abbaa biyyummaa saboota biroo akka hin fudhanne nu agarsiisa.

Minlik akka jedhutti Haragee qabachuuf kan isa kakaase Oromooniifi ollootiin isaa farraa nagayaa waan tahaniif of-bulchuu waan hin dadeenyeefi haalli kun akkanaan yoo itti fufe mootummaan Habashafi Awrooppaa kan miidhaman ta’uu isaaniiti. Kanaas xalayaa mootii mootii Xaliyaaniitiif ergeen irratti haala armaan gadiitiin ka’ee jira.

…..nuti lola (waraana) jibbinuuf Turkootni Haragee irra hoggaa ta’anuu cal’isnee turre. Ammammoo haalli jijjiiramaa jira. Saahibootni koo Harargee jiran baatii jaha irraa jalqabee biyyiti Gaalloota haraka galee namni hudinuu sodaatee jira jechaa guyyuu naaf katabu. Xalayaan amma dhumarratti dhufte Turkootni guutummatti gad-dhiisanii jiru kan jedhuudha. Ummanni biyya kana tiiksuu ofirraa dhabnaan, ijoollee Gaallaafi Shoomaale (soomaalee) sassaabnee qawwee qabsiifnee loltuu goonaa jedhaa jira naan jedhan.dubbiin kun waan ta’uumiti (mootummoota) mootummaa Awrooppaafi mootummaa Shawaa kan miidhuudha. Kana jechuun shiftaan ka’ee biyyi ni bada: karaan ni cufama. Ammoo mootummaa akaakayyuu koo shiftaan islaamaa ka’ee ballaeessite ammaas shiftaan islaamaa bahee mootummaa kiyya irraatti haa tabatuu jedhee taa’ee laaluun naa hin taatu jedheetiini. Akka mootii Shawaafi akka mootii kristaanaatti biyya koo eeguun waan narra jiruuf Haragee deemee akkaan qabadhu kan na godhe kanaadha…. (Takastsadiq maku’iaa 303)

sababni sobaa mootileen Habashaa kanarratti kan dhaabbatuumiti. Akka jarri jedhanitti, Oromiyaafi biyya saboota biroo cabsuuf kan barbaadan ummata Oromoofi saboota gara garaa guddinaan qaroomsuufi amantiidhaaniis karaa jennataa agarsiisuudhaaf. Dhugaa dubbachuudha ummatni Habashaas taanaan yeroo san qawweeqabaachuu isaa malee qaroomaan ummata Oromoofi ummatoota biroo waan hagas caaluun hin qabu. Amantiidhaaiis yoo tahe karaan jannataa gara kana akka ta’e Oromooniifi Sabootni biroo ummata Habashaa qixa beeku malee kana hin dhaban. Sabani guddichi Minilik Oromiyaa Bahaa akka cabsu wanti kakaaseen akka inni jedhutti waan biroomiti. Ummata Oromoofi ollootii isaa eega cabse booda dafqa saba Oromootiifi ollootii isaatiin boona qabeenya Oromiyaa lalistuu waan kajeeleefi. Oromiyaan Bahaan, akka naannoo Oromiyaa biroo hundaatti qabeenya uumamaatiin kan badhaafamteedha. Dachiisii, kudaarri isii, miinaansii, loowwan siifi KKF cufa saamichaan fudhuachuu barbaadeeti. Ummanni Oromiyaa Bahaas heeddufi hojjetaa waan taheeh ummaticha gabroomfachuudhaan dhiiga ummata kanaa xuuxaa sooroomuu fedha. Oromiyaan Bahaa gaanfa Afriikaa irraa daldalaan beekama waan tateef naaicha humnaan cabsee to’achuudhaan galii guddaa mootummaa isaatiif argachhu barbaada. Kana malee shakkiin biraa hin jiru. Sababni guddichi isuma kana. Ummaticha cabsanii gabroomsuudhaan dhiiga isaa xuuxaafi dafqa isaatiin jiraachaa qabeenya Oromiyaa Bahaa saamuudha.

Kanaa wajjiin loltootni mootummaa Misraa bara 1885tti Haragee keessaa waytii bahan Minilik ammoo bara 1887ti dagee Oromiyaa Bahaa akka cabsu sababootni isa kakaasan (acceleratin factors) ni jiru. Isaa keessaa kanneen: 1) Saboota gaanfa Afriikaa dursanii cabsuuf (koloneeyfachuuf) waldorgommii mootummaa Ingliiz, Xaliyaaniifi Faransaayiti. Minilk jidduu gaggeeyfamni waan jiruuf loltoonni mootummaa Misraa hoggaa bahanuu biyyoota Awrooppaa kun isa dursanii oeoo Oromiyaa Bahaa hin koloneeyfatin Minilik dafee qabachuu dandaye. 2) Minilk Oromoorraafi saboota biroorraa, keessattuu ummata islaamaarraa sodaa guddoo qaba. Sodaan isaa kun kan madde Minilik gootummaa ummata Oromiyaa waan beekuufi. Loltoonni mootummaa Misraa HaraGEE DHIISANII EEGA BAHANII BOODA ilmaan Oromoofi ilmaan saba biroo qawwee hidhachu jiraan Minilikffi hin liqimafamne. Kanaafu ummanni Oromiyaa Bahaa yeroo argatee osoo humnaan hin cimin dafee loolttotii isaa wajjiin duulee Harargee waytii kana keessa cabse. 3) Minilik duula gabroomsa ummata Oromoofi saboota biroo irratti gageessaa eega turee booda Arsii rakkoo meeqaan bara 1886tti cabse. Cabiinsa Arsii booda Minilik ummata Oromoo Arsii irraa qabeenya saamichaan argatetti fayyadamuudhaan humna raayyaa waraana isaa heddummina meeshaa waraana baraatiifiifi baay’ina loltootaan cimsuu dandayee ture. Kanaafu Minilik wagguma san jidduu bara 1886tti ummata Oromoofi saboota biroo gabroomfachuudhaaf fuula isaa gara Harargeetti deebisuudhaan duula isaa eega itti fufebooda jalaqaba bara 1887tti Harargee Bahaa cabsuu dandayee jira.

Minilik Harargee qabachuuf hugguu ka’u duula isaa Oromoo Ituurratti jalqabe. Haaluma kanaan bara 1885tti Minilik loltoota isaa Walda Gabri’el Abbaa seeyxaaniin hogganaman gara Harargee lixaatti erge. Gochaa kanaas Oromoon cal’isee hin ilaalle. Oromoonni toora Asaboot jiraatan ittisa Roobaa Abbaa duulaa godhachuudhaan Bordodetti humna waraana Minilik miidhaa gurguddaa buusan. Garuu loltootni Minilik meeshaa waraan baraa qabaatanii waan turaniif Oromoo gara boodaarratti cabsan. Lola kana boodaas loltoota Minilikiif karaan nagaya hin turre. Oromoon waraan Miniliki bakka danutii lolee jira. Kana keessa tokoo laga Burqaa bira bakka Tulluu jedhamutti Onkololeessa bara 1886 lola guddaa isa godhuun barbadeessee jira. Warri hafaniis Walda Gabr’eliin dabalatee gara dhufanitti baqachuudhaan lubbuu jaraa hanbisuu dandayan. Minilk Oromiyaa Bahaa cabsuudhaa waytii yaadu kurfii danuu godhee ture. Ummanni naannoo osoo of hin gurmeessin Harar qabachuun faaydaan inni qabu hubachuudhan Minilik basaasa Atsimee Giorgis jedhamu gara sanatti erge. Atsimeeniis islaama daldalaaf dhufe fakkaatee Magaalaa Harar eega seenee booda ji’a sadii turuudhaan ragaa barbaachisaa tahaniifi humni waraana Abdullahii maala akka fakkaatu odeeyfannoo walitti qabee gara Miniliktti deebi’e.

Minilik Harargee cabsuutiin shariiktootni isaa kan Awrooppaa akka itti hin mufanne amansiisuuf duula isaa kanaafiis akkaa ilaalcha laalaniifiif jecha lola Calanqoo irraa baatii saddeet dursee mootii Xaliyaanootaaf xalayaa katabe. Minilik loltoota isaa walda Gabri’eeliin hogganamu Oromoo Laga Burqaa bira lola Tulluurraa maal akka godhe waan beekuuf, humna hooma waraana isaa cimsuudhaan ture gara Hararitti kan sokke. Fakkeenyaaf Minilik humna raayyaa isaa cimsuuf koonyaa Oborraa keessa bakka mudhii Ulee jedhamutti baatii jahaaf loltoota walitti qabachaa ture. Kana malees, Minilik hamilee loltoota isaa jajjabeessuuf yaaduudhaan lola Calanqoo irratti hogganaa raayyaa isaa a’uudhaan hirmaatreeti jira. Ummanni Harargee Bahaa loltoota Minilik soodaatee biyya isaa alagaaf dabarsee kennuuf qophii hin turre. Kanaafuu haga dandyu loluuf yeroo gabaabaa keessa of qopheessuu jalqabe. Gabrummaa ofirraa ittisuudhaaf ilmaan Afran Qal’oo hundinuu walwaamanii walitti dirmatan. Ummanni Oromoo humna isaa cimsuudhaaf saba Hararii (Adaree) fi saba somaalee wajjiin walta’uu isaa malee mootiin Hararii Amiir Abdullahii haga abbaa duulaa ta’u takkatti waliigaltee uumuu dandayee ture

 

Aadaa sirna gadaa

Dhallii namaa akkaata itti naannoo isaa hubatee, itti jijjiiru qaba. Kana keessatti hooda, safuu, beekumssa, qaroomaafi yaadumsi qooda guddaa kennu. Kun hundi dinagdeefi polotikaa sirna hawaasaarratti hundeeyfamau; kanneenirraa calaqqisa argamaniidha. Akkaataaan itti dhalli namaa naannoo isaa hubatee jijjiiru, daawwannoo dinagdeefi polotikaa kan tahe kun aadaa jedhama.

Sirna Gadaa keessaas aadaan maddu jira. Akkaataa dinagdeefi polotikaa issaarraa aadaan hawaasa Oromoo keessatti, bara Gadaa dagaagee beekamaa ture. "aadaa Gadaa" jedhama. Kuniis sirnicha sirna aadaa fakkeessa. Hubannootni karaa cufaa jiru akka aadaatti fudhatamee hawaasa keessatti fudhatama. Kabajaa, safuu, hoodaafi kkf qabaatee mul'ata.

Hoodni, safuufi amantiin sirna kana keessa ture hundi nama hunda biratti fudhatamee kabajama; sanii ala bahuun hawaasaa ala tahutti waan fudhatamuuf nam-tokkoo kaasee hamma maatiitti, maatiirraa kaasee hamma sabaatti qaama walii tahanii jiraatu. Akkaataan jireenya maatii, fuudhaafii heerumaa, hariiroon uumaa, baasiin gumaa, adabni seeraa cabsaniifi kkf hundi aadaa waan tahaniif fudhtamoo turan. Akka bara saniitti eenyulleen aadaa kana nifudhata. Murtiin du'aa yoo itti dabrellee namni sun aadaa waan taheef, beekee eegumsa tokko malee, taa'ee adaba isarritti raaw'atamu eeggata jedhamee himama.

Waliigalteen jaalalaan, tokkummaan waliinjiraachuuniis aadaa jiraachaa ture. Aadaa kanaa ala bahuun, badii isa sadarkaa oliitti waan fudhatamuuf, namuu aadaa tahuu isaa waan beekuuf sirna Gadaa keessa jiru kabajee osoo keessaa hinbaasin kabajee jiraata.

Heeraafii seerri biyyaa akka aadaatti fudhatamee jabaata, kabajamaas, waan jiruufi jireenya ofii ittiin geggeeffatan taheef seeraafi heerri ni kabajamu jechuudha. Waan sirna kana keessatti tahan hundi akka aadaafii amala biyyaatti fudhatamee kabajama. Akkaataan qabannoo qabeenyaa itti loon bobbaasan, looniifi bishaan eelaa baasan, itti qotaniifi akkaataan itti waa horatanii dhimma ittiin bahan aadaa Gadaa keessatti gamtoomaafi marabbaatu calaqqisa. Namuu qabeenya mataa isaa qabaatee irratti mirga guutuu qaba. Kan dhabe, kan balaan uumaafi lolli dhaqqabe, kan dhukkubsateefi abaarri itti dhufe, … hundaa suphuufi hadhaadhiyyuun beekamaadha. Har'allee Boorana keessatti "Buussaafi Gonfa" kan jedhamu aadaa osoo hin badin jiruudha. Namuu waan waliin horate waliin dhimma bahuurraa dabree hawaasa keessatti walbadhaasuufi walgargaaruun aadaa Gadaa keessatti beekamaadha.

Aadaa kanaafi kana fakkaatan ala bahuun hawaasa keessaa nama baasa. Jechuun adaba namarratti seeraan dabru malee, waan halaba (out-casted) nama taasisan jiru. Isaan keessaa haraamuu, caphanaa,…fikkf beekamoodha. Namni haraamuu, caphana,.. jedhamee gosa keessaa bahee namummaa dhabee kophaa jiraata; kophaa godaana, qubata. Gargaarsi hawaasummaa keessati godhamuuf irraa dhaabbata. Gatamuun kana fakkaatan waan jiraniif namuu aadaa Gadaa keessaa kabajee jiraata.

Sirna Gadaa keessatti yeroo garagaraatti aadaan jireenya hafuura ilmaan Oromoo calaqqisan jiru. Isaan keeessaa, ayyaanootni beekamoon kabajamuun waan jiraatani. Ayyaanoota kana keessaa kan sirna Gadaa keessaa jireenya polotikaa ilmaan Oromoocalaqqisu ayyaana buttaati. Guutuu hawaasichaa keessatti yeroo itti aangoon polotikaa Gadaa tokkorraa kanitti dabru, ayyaana kanarratti horiin (loon) qalamanii, nyaachisni guddaan godhama. Sirba, tapha, faaruufi wanni kana fakkaatan ayyaanicha ho'isan addatti beekamoodha. Ayyaana buttaa malee, kanneen sirna kana fakkaatanii maqaa mataa isaanii qaban sadarkaa oliiti dhaabbata tahanii yeroo beekoomaatti kabajaman hedduudha. Isaan keessaa garii maqaa dhawuuf:

  1. Boorana keessatti ayyaana Guduruu buufachuufi qumbii walirraa fudhachuu.
  2. Arsii keessatti ayyaana baraartiifi guduruu, gurra uraafii jaarraa qaluu
  3. Tuulam keessatti ayyaana dhagaa kooraafi jaarraa
  4. Gujii keessatti ayyaana bantii haaddachuu

Kanneenii alattiis, cidhni gargaraa yeroo beekamootti bakka bakkatti godhamu, amantiiniis qaama aadaa hawaasichaa waan taheef, ayyaanni amantii sirna Gadaa calaqqisan bakka hundatti godhamaa ture. Ayyaana kana namuu Qaalluu (geggeessaa amantii) muuduudhaan eeyba kadhata, waaqa (rabbi) isaa galateeyfata; biyyaaf nagaya kadhata; hormaatarratti milkaa'uufi ilmaan isaa, uummtaafi mataa isaaf, fayyaafi jireenya kaadhata. Eegaa, kun aadaa amantii sirna Gadaa keessaa isa tokko. Aadaa Oromoo kan bara sirna Gadaa keessatti yeroon baay'ee barbaachisaadha. Guyyaa, ji'a (baati), waggaafi Gadaa lakkaawuudhaan hawaasa Oromoo sirna kan jalatti qindeessuun qaama aadaa ture. Kanaafiis, hawaasa Oromoo keessatti qaroomni (civilization) addunyyaf gumaache kalandarii Oromooti. Kalandariin Oromo kuniis, astronoomiin kan qoratamee argameedha. Ji'a waggaa dhaloota, bara Gadaa, guyyaafi ji'a ayyaanaa lakkaawanii add baafachuuf tattaafii qormaata ji'a, urjiifi aduu irratti godhamaniin qarooma Oromoota adda godhuufi dagaagina argameedha.

Akkaataa kalandarii Oromootti ji'i (baatiin) tokko guyyaa 29.5 qaba. Waggaan tokko ammoo, ji'a 12 ykn guyyaa 354 qaba. Kanneeniis addaan kan baafataman:

  1. ba'uu, seenuufi guddina addeessaa (ji'a) lakkaawuu
  2. bakka, teessuma, mul'ina urjiilee keessaa buusaa, bakkalcha, … to'achuufi jala bu'anii hordafuudhaan tahu.

Hojii mataa isaanii godhanii hordafuudhaan kan hawaasicha beeksisan, beektoota astronoomiiti. Isaaniis beekumsa qaban kana kaaniif dabarsuurratti barnoota laatu, shaakalsiisu. Guyyootiin ji'a tokkoo soddomitti dhihaatan hundi maqaa mataa isaanii addatti qabaatu. Guyyootii jiraniif maqaa 27tu jira. Har'a Boorana keessatti hojjetaa jiru. Maqaan 27n tartiibaan guyyootii 27f tahanii hoggaa xumuraman gara isa jalqabaatti deebi'anii ammaas marsuuf itti fufu. Maqaaleen 27n kun:

Maqootiin kun hundi hiikkaa mataa isaanii qabu. Inniniis urjii, bakkalcha fi ji'arratti huundeeyfamee hiikama. Yeroo hiikamuus ayyaana guyyootii sana ibsu. Fakkeenyaaf, Gidaadaafi Gabra naannaa kan jedhaman ayyaana carraa gadheeti. Inni hiikaa hangafaa waan qabuuf, dureettiin jaalatama waan ibsuufi gaafa wanti hojjetan hundi, waan namatti tolaniifi ayyaana carraa gaariidha. Namni dhalatu ayyaana akkamiirra akka dhalate kanneen irraa himama. Eegaa, hundi qarooma Oromoota haatahan malee, sirna Gadaa keessatti aadaa tureedha.

Waggaa tokko keessa kan jiran ji'ooti (baatiileen) Oromoo 12n maqaa mataa isaani qabu. Isaaniis bakka garagaraatti maqaa adda addaa qabaatu. Ji' 12n wagga tokko keessa jiran keessa guyyaa 354 akka jiran olitti kaafneerra, ammaas ni yaadachiifna. Maqaan ji'oota Oromoo bakka bakkaatti:

Walumaagalatti aadaan calaqqisan akkaataa dinagdeefi polotikaa sirna tokkoo, akkaataa dhalli namaa ittiin naannoo isaa hubatee jijjiiru tahuu olitti ilaalleera. Sirna Gadaa keessattiis ummanni Oromoo aadaa walii galatti bifa armaan olii qabaatu akka qabu, aadaa kanarraahiis qaroomni ummata Oromoo kalandara mataa isaa qabaachutti akka geesse hubanna. Aadaa sana keessaa immoo amantiin maddee maal akka fakkaatu kophatti ilaalla



Tabarooleen Gola kanaa idileen seeraan tikfamoodha.
Barreeyfama gola kana keeysatti dhihaatan mara, hayyama qa'ee kanaatiin maletti qabeentaan Bilisummaa (gola) kanaa idileen yookiin quucata isaa, bifa fedheen, sagaleedhaan, katabbiidhaan, suuraadhaan asirraa waraabuun dhorkaadha!
Copyright © 2001-2004 Bilisummaa. All rights reserved
Home | News | Language | History | Islam | Culture | B.game