Mana

Oduu

Afaan Oromoo

Amantii

Buhaarsa

Joollee

Seenaa

Tapha

Marihadu






Seenaa

Afaan Oromoo
Akkaataa bultumaa
Amantii Sirna Gadaa
Godaansa Oromoo jaarraa 16ffaa

Seena barreeysitoota Habashaa
Lola gurguddaa jaarraa 16ffaa

Sirna Gadaa


k
Seenaa Ummata Oromoo

Godaansa Oromoo Jaarraa 16ffaan duratti

Ummata akka waan hinsossoonee kana akka garaa, dhagaa ykn galaanaa godhanii fudhachuun hin tahu. Ummatni kamiyyuu ni sossoha, bakka takka gadhiisee bakka biraatti ni godaana. Seenaa ummatoota addunyaa keessatti godaansa heedduu argina. Sababootii godaansaa uuman akkuma biyya sanaafi haala yeroo sanaarratti hudeeyfama. Kanaaf sababootii godaansa uuman bal’aafi hedduudha. Haa tahuu malee, warri keessaa gurguddaa tahan nijiru:

haalli qilleensaa geeddaramuun balaa dhufee jalaa dheessuuf,

lakkooysi ummataa sanaa hedduu dabaluun dhiphina lafaa dhalatu keessaa bahuuf,

lola ummatoota olla jiddutti dhalaturraa kan ka’ee jalaa dheessuuf, kun ammoo lafa bal’ifachuuf tahu nidandaya. Seenaan godaansa Oromoo kan jaarraa 16ffaan duraa haala kana keessaa tokkorratti hundeeyfamuun nimala.

Madda ummata Oromoo yeroo ilaalletti Oromoon Baddaa Baaleefi gam tokkoon Sidaamoo keessa yeroo dheeraaf akka jiraataa ture mirkana’ee jira. Kana jechuun Oromoon hangaa jaarraa 16ffaa keessatti naannoo kana duwwatti murtaa’ee jiraataa ture jechuumiti. Godaansa haala akkasiitiin dhiheessinu warri barbaadan Qeesoota Amaaraati. Godaansi ummata kamiyyuu ballama qabatee jaarraa akkasiitiin godaana hinjedhu. Godaansi sossohiinsa ummata dhawaataan, suuta suutaan, yeroo dheerinaa keessa kan mul’atudha. Waan jaarraa tokko keessatti jalqabee dhumatuusiimiti.

Herbert S Luwis madda saba Oromoo argacuuf afaanoota Kushoota bahaa bakka 24tti qoode. Afaanoota isaanii karraa kan ka’e, durattii isaa kun lammii tokko turan jedhe. Yroo dheeraa keessa lakkooysii namaa babal’achurraa kan ka’e walirraa fagaatanii qubacuun, lammiin adda addaa dagaagan. Walbiraa godaanuun isaanii kun yoomifii akkamitti akka jalqabameef wanti beekamu hinjiru. Sababnii isaa garuu, waa asii olitti ka’erraa tokko tahuun nimala.

Lammiin affaariifi Saahoon dura godaanuu waan jalqaban fakkaata. Gara kaabaatti baay’ee fagaatanii kan qubatan, isaan kana. Lammiin kun lameen, yeroo dheeraaf waliin jiraataa turanii booda foxxqanii akka qubataniidha. Bara dhihoo dura akka waliin turan, afaan isaanii walitti seenuun ragaa nitaha. Lammiin Somaalee itti aanee sossohee waan gara bahaafi kibbaa qubate fakkaata. Ar’a Somaaleen Oromoorraa gara bahaafi kibbaa, Affaarirraa ammoo, gaara kibbaa qubattee jirti. Akka Herbert S. Luwis jedutti isaan kanatti aanee kan godaane Oromoodha. Affaar, Sahoo,Somaaleefi Oromoon hoggaa naannoo sanarraa sossohan Kuushootni bahaatti hafan ammoo, naannoo ha’a irra jiraatan keessa babal’atan malee hedduu hinsossoone.

Ormoon naannoo Mandayyoo, Dallofi Jamjam bara dheeraa jiraataa turanii dhawaata lafa naannoo isaaniitti siqaa, irra jiraataa dhufan. Yeroo isaan itti naannoo Baaleefii Saidaamoorraa sossohanii hamma Wallootti qubatan waan beekamuumiti. Garuu yeroo dheeraa keessa tahuun hinmamu. Eega Affaarootnifi Saahootni naannoo amma jiran keessa jiraachuu jalqabanii ykn, isaanumatti aananii godaananii qubacuun waan malu.

Akkaata godaansa Oromoo kan ofumaan deemaa ture kana, isa jaarraa 16ffaatti akeekuun hin tahu. Abbaa Baahireenuu yeroo akkaataa godaansa Oromoo barreeyse:

Booranni biyya isaarraa yeroo godaanu hundaan hindeemu, warri deemuu hin baebaanne nihafa. Kuniis waan mootii hinqabneef namni isaan ajaju hinjiru. Abbaan akka barbaade hojjata" jedhe. Bartels namchi jedhamu ammoo, akkaata godaansa Oromoorratti yeroo barreeyse: nama Oromoo tokko gaafatee deebii argate:

Yeroo tochoonu, ilmi hangafni bakka itti dhalateetti hafa. Ilmi quxxusuun dabranii lafa haaraya barbaadu. Ilmaa warra hangafaa naannotti hafan ammoo, firoota isaanii barbaaduu ka’anii godaanu" jedhee jira. Ragaa kana lamaanirraa kan hubachuu dandeenyu, Oromoon godaanee daangaa Keeniya kaasee hamma daangaa Tigreetti qubachuu kan dandahee, yeroo dheeraa keessa akka tureedha. Jaarraa 16ffaa keessa yeroo Baahireen barreeyse baayyinni ummata Oromoo meeqa taha? Akaa inni jedhutti utuu godaansi Oromoo yeroosunii jalqabee ilmaan quxxusuu duwwaan dabranii kan qubatan yoo tahee, lafa har’a Oromoon irra jiraatu firfirsanillee wal hingayan jechuudha. Kanaaf Oromoon jaarraa 16ffaa keessa godaanuu jalqabee utuu hintaane, jaarraa hedduun dura suuta suutaan, ilmi quxxisuun dabree qubachaa, lafa margaafi bishaan qabu barbaadaa godaane. Haalli jaarraa 16 ffaa keessatti mul’ate waan gara biraa waan taheef bakka isaatti laalla.

Duraani Oromoonni lammi tokko tahee osoo jiraatanii gosa Booranafi Bareentummati adda bahan. Bareentumafi Booranni osoo naannoo Baaleefi Sidaamoorraa gara bahaa jiraatanii lakkooysi namaafi horiin saanii baay’achuun gargar fagaatanii qubachuu jalqaban. Ilmaan Bareenummaas akka walitti heddommaachaa deemaniin adda adda bahanii qubachuu jalqaban. Ituufii Humbanni Mormorirraa ka’anii gara bahaatti sossohanii osoo adda hin bahin naannoo Odaa Bultum qubatan. Odaan Bultum kaarra Qurquraarraa gara kibbaatti hamma km 3 fagaatee argama. Ituufi Humbanni osoo adda hinbahin bakka Odaa Bultum kana handhuura godhatanii turan. Arsiin ammoo, naannoo sanarraa gara bahaatti sossohee Ituufi Humbannatti aanee qubate. Ilmaan Bareentoo keessaa gara kaabaatti fagaatee kan qubate Walloodha.

Ilmaan Booranaa ammoo, adda bahanii gosti Booranaa xiqqoo gara kibbaatti siqee qubate. Achirraa godaansa haga laga Xaanaa Keeniyaa keessatti deeme. Gujiin naannoo Jamjamirraa hedduu osoo hin fagaatin achumatti lafa bal’ifate. Booranni kaabaa (Maccaafi Tuulama) gara kaabaatti sosshan. Naannoo Shawaa har’aa eega gayanii booda Macc gara dhihaatti godaanee qubachuu jalqabe.

Godaansi Oromoo kun yeroo kam akka tahe beekuun nama dhibullee jaarraa 9ffaa ykn 10ffaa dura akka tahe beekamaadha. Naannoo jaarraa kanatti Oromootafi Habashoota jidduu (gidduu) wallolli akka ture barreeyfamee jira. Jaarraa kana keessa hoggaa Islaamummaan Shawaa seenuu jalqabe Oromoon akka achi turees waan hubatameedha. Ormoon yeroo lafa kanatti godaane, ummatni gara biraaa irra jiraachuuf dhiisuu irraa wanti beekamu hinjiru. Habarlaand akka jedhutti naannoo Shawaa har’aatti yeroo Oromoon godaane lafti duwwaa turuun nimala jedha. Namichi Poortugaal Franaaz jedhamubara 161tti yroo naannoo Gojjaamii ka’ee gara qarqara galaanaatti deemu argee akka barreeysetti " Kibba laga Abbayya keessaa Oromoonni nijiru. Isaaniifi Innaariyaa gidduu garuu, lafti duwwaadha" jedhee ture. Kanaaf lafti Oromoon itti godaanerraa guddaan duwwaa lafa daggala qabu akka ture hubatamaadha.

Seenaa Barreeysitoota Habashaa

Seenaa Oromoo inni jalqabaafi qabatamaan qeesii Amaaraa, abbaa Baahiree jedhmuun bara 1593tti barreeyffame. Barreeyfama Baahireen duratti wanti qabatamaan barreeyffame waan jiru hinfakkaatu. Abbaa Bahireen Amaara waan taheef seenaa Oromoo tan inni barreeyse mudaa gurguddaa qaba. Bara inni barreeysaa ture (jaarraa 16ffaa) keesssa Oromoon duula lafa isaa falmachuurra waan tureef hijaa(haloo) Oromoo bahuuf poolisii (imaammata) hordafamuu qabu lafa kayuuf barreeyse.

Mootoota habasha yeroo sana turan gorsuuf barreeyse. Akeekni Baahiree jabinni Oromoo eessaa akka maddufi dadhabiinsi Habashaa maala akka tahee xiinxaluu ture. Seenaa Oromoo ija diinummaatiin laalee barreeyse. Bahireen seenaa kitaaba isaa "ye Gaallaa Taarik" jedhu yeroo barreeyse akkas jedha. "seenaa Gaallaa barreeysuu kaniin jalqabeef, lakkooysa gosa isaanii, nama ajjeesuuf qophii tahuu isaaniifi amala saanii kan gara lafina hinqabne beeksisuufi. Seenaa ummata gadhee kanaa maalif barreeysite, osoo kan ummata gaariidhaa jiruu jedhee yoo namni nagaafate, "kitaaba keessa laali, seenaan Mohammadiifi mootoota Islaamaatu barreeyfamaa jiraamiti?..jedhee jalqabe.

Baahireen ilaalcha ummata Oromoof qabu seenaa kitaaba isaa keessatti xumure. Jibbiinsaafi diinummaa Oromoorraa akka ifatti mul'ata. Haala kanaan yeroo barreeyse Baahireen dogoggora gurguddaa keessa seene. Seenaa Oromoo dabsee waan barreeysseef, seena barreeysitoota isa booddee barreeysaniis karaarra dabsee jira. Daba inni hojjate kana booqannaa itti aanu keessatti laalla. Seenaa Oromoo guutumaatti, akka mata dureetti fudhatanii akka baahireetti hin barreeysin malee, qeesoota qabsiisa mootoota habashaa barreeysan, qabsiisa isaanii keessatti waa'ee Oromoo kaasanii jiru. Haa tahu malee, ija diinummaatiin waan qabsiisaniif seenaa Oromoo hedduu dabsan. Qeesiin Atsime gi'orgs jedhamu seenaa Oromoo akka baay'ee nama dinqutti barreeyse. Namummaa oromoo haga haalutti gahee "ilmaan sheeyxaanaa" jedhee barreeyse. Alqaa Taayyee kan jedhamu ammoo, "innas tawuqaallan Gallaa indeet ka baahir indewaxaa" jedhee haala baayyee fokkisaan barreeyse. Yeroo qeessotni kun waa'ee Oromoo barreeysaa turan, yeroo Oromoon itti jabaa ture. Jabinaafi laafina Oromoo baranii akkaataa itti dura dhaabbatan qiyaafachuuf ture. Eega Oromoo cabasanii koloneeffaatan boodaas, seenaa Oromoo barreeysuu nidhaaban. Warri Orooppaas akka hinbarreeysine dhiibbaa irratti godhuu jalqaban. Walumaa galatti waan qeesootni kijibduun Habashaa dabsanii barreeysan sana, seenaa dhugaa kan qormaataan bira gahame barreeysuudhaan kijibdoota Habashaa faalleessuun haalaan barbaachisaadha.

Seena barreeysitoota Awrooppaa:

Namoonni biyya Orooppaa sababafi yeroo adda addaatti naannoo Kaaba Baha Afrikaa dhufanii seenaa barreeysan nijiru. Isaan kun heeddu waan tahaniif gosa gurguddaa lamatti qoodnee ilaluu dandeenya.

  1. waarra amantii babal'isuutiin biyya Orooppaarraa dura biyya Habashaa kan dhufan warra Poortugaal turan. Isaan kun jalqabaa jaarraa 17ffaarraa kaasanii Habashaa seenuudhaan dame amantii kristiyaanaa -Kaatolikii babal'isuuf tattaafachha turan. Habashootaaf jaalalaafi maraarfannoo gudda qabu turan. Habashoonni tuqamuufi miidhamuu hinjaalatan turan. Habashoota gara amantii isaaniitti hawwachuuf tattaafataa waan turannif, waan mootoota Habashaa dallansiisu hin barreeysine. Seenaa Oromoo yeroo barreeysaniis akkuma Habashootaatti barreeysan. Namichi Poortugal-Manu'eel de Almeedaa jedhamu, yeroo seenaa Oromoo baarreeyse, Baahireerraa fudhatee ijaa jibbiinsaan barreeyse. Kanaaf waan isaan barreeysan hoggaa xiinxalmuufi kan warra kaanii wajjiin ennaa walbira qabamu seenaa Oromoo barreeysuun nidandayama. Tahaas jira.
  2. Biyya Daawwatootafi Qorottota:

Biyya daawwatoonni haala, akeekaafi yeroo adda addaatti dhufan, biyya daawwataa fakkaatanii dhufuudhaan kan mootuummaa isaaniif basaasan nituran. Waarri kaan immoo qormaata ji'ograafii ykn saayinsii gochuuf warri dhufaniis turan. Bifa adda addaan haa dhufan malee isaan kun waan argan, ummata, aadaaa, afaaniifi akkaata jireenyaa biyya sanaa barreeysanii jiru. Namoota alagaa waan tahaniif waan ijaan arkan malee, ofii isaaniitiin ummata haaseessuudhaan kallattiin waa baruu hindadayan. Nama afaan isaanii hiiku barbaadu. Kanaaf hangi isaan seenaa barreeysuuf deeman heedduu xiqqaadha. Aadaafi maalummaa ummata sanaa baruudhaaf, yeroon isaan keessa turaniis waan xiqqaa tahuuf, hubannaan isaaniis akkasuma taha. Dhiibba malee waan hojjetaniif hanga dhaga'aniifi arkan qulqullutti barreeysuu saanii hin oolamu.

Namoonni Arooppaa seenaa Oromoo, Orommtarraa qoratanii barreeysaniis nijiru. Oromoonni gabrummatti gurguramanii boodaa namooni Arooppaa tokko tokko baitatanii bilisoomasaniis nijiru. Gabroota bilisooman kanrra seenaa Oromoo waari qoratanii barreeysaniis nituran. Haala kanaan bara 1830fi 1840 namoonni Arooppaa kan seenaa Oromoo barreeysuuf carraaqan nituran. Qorannoo seenaa keenyaa kan har'a godhamaa jiruuf, kun madda tokko tahee argama.

Jalqaba jaarraa 20ffaarraa kaasee seenaa qorattootni Arooppaa, seenaa Oromoo barreeysuuf yaalii guddaa godhaa turan. Keessattuu bara Haayle Sillaasee keessa carraaqiin isaan godhaa turan guddaa ture. Mootoonni Habashaa, akka seenaan Oromoo hin barreeyfamne mala adda addaatiin dura dhaabbachaa turan. Waan qeesotni isaanii dur barreeysanillee dhoksuudhaan, gara biraatiniis akka hin barreeyfamne ittisaa turan. Har'aas itti jiru. Akka seenaan Oromoo hin barreeyfamne, dhiibbaan isaan godhan: tokkoffaa namni akkeka kana qabu, akka dhiisuykn akka kun hindandayamne godhanii itti dhiheessuudhaan harkatti busheessuuf yaalu. Lammmaffaa, akka eehama argatee qormaata kana hingoone karaa itti cufu. Haa tahuu malee, qormaata ummatoota naannoo Kaaba Baha Afrikiirratti godhame keessaa kan Oromoorratti godhameefi godhamaa jiru baayyee guddaadha. Waa'ee ummata Oromoo qorachuun mata duree qormaata guddaa tahee jira.

Seenaa Barreeysitoota Arabaa

Seenaa ummatoota Gaafa Afrikaa warra barreeysan keessaa Arabootiin warra duraati. Keessattu eega amantiin Islaamummaa Gaafa Afrikaatti babl'achuu jalqabe, Araboonni bifa lamaan dhufuu jalqaban. Kuniis bifa amantii babal'isuufi nagadaan ture. Araboonni bifa kanneen keessa tokko ykn lachuutuu, waa'ee Oromoo galmeessanii seenaa barreeysanii jiru. Har'a seenaa Oromoo barreeysuuf qorachuuf maddi tokko barreeysaa Arabootaa taheeti argama. Akkauma haalaafi yeroo isaan barreeysanitti, akkasumas ilaacha isaanirraa kan ka'e, barreeysan isaanii mudaa qabaachuu nidandaya.

Seenaa Oromoo qoratanii barreeysuuf, madda adda addaafi mudaa isaan qaban ilaallee jira. Madda jiran kanatti dhimma bahuudhaan seenaa haqaa barreeysuuf, maddi amansiisaan himamsa afaanif aadaa Oromoti taha. Seenaan afaanii akka barri dheeratuun, ilaalchaafi muxannoo haaraya dabalataa akka demu yaadachaa, qormaata godhamuun seenaa keenya barreysuu nidandeenya. Jarsooliin Oromoo kan seenaa dur beekan utuu hin dhabamin waan godhamuun irra jiru. Maddi kun gayuu akka dandayu irraanfachuun nurra hinjiru.

Hunda caalaa seenaan Oromoo dgaagsuufi guddisuuf qoodni qabsoon qabu guddaa akka tahe dagachuun namarra hinjiru. Sadarkaa har'a ummanni Oromoo ABO jalatti hiriiree kallachaa isaa waliin qabsoorra waan jiruuf, waa'ee ummata Oromoo baruuf gaaffiin ka'aa jiran guuddaadha. Har'a waa'ee Oromorratti qormaata guddaatu beektoota bijyya baayyeen godhamaa jira. Keessattu waggaa 10rnan dabranii as qormaatni kun dabalaatuma jira. Kun tolatti kan dhufe utuu hin tahin, dhaabni waa'ee ummata kanaaf falmu waan jiruufi. Qabsoo godhuun seenaa dabaa jiru sirreessuudha dandaya. Dur namootni hedduun maqaa Gaallaa jedhu malee, maqaa Oromoo hin beekan. Har'a garuu maqaan Oromoo jedhu hundaan beekamee jira. Kun bu'aa qabsoo keenyaati.

Koloneeffattoonni yoomillee taanaan, ummanni isaan koloneeffattan seenaa qabu jedhanii hin yaadan. Seenaa ummata koloneeffatanii dabsanii ykn akka waan hin jirree godhanii dhiheessu. Seena oromoos kan qunnamte kanuma. Qabsoon arra godhaa jirru, seenaa ummata keenyaa gaddhaaba, baduurraa hambisa, alagaan akka qoratuuf karaa bana. Qabsoo keenya finiinsuun sagalee ummata Oromoo baay'atee akka dhagayamu godha, fedhii alagaan waa'ee isaa baruuf godhu guddisee, qormaata irra bal'aatiif karaa bana. Kaanaaf seenaa keenya haga har'aa alagaan barreeyfamee ija qeeqaafi xiinxalaan barata, sabbontonni Oromoo seenaa dhugaa qoratanii bareeysuuf dirqamni akka irra jiru yaadachiifna. Haga har'aatti kan argamees firii qabsoo keenyaati.



Tabarooleen Gola kanaa idileen seeraan tikfamoodha.
Barreeyfama gola kana keeysatti dhihaatan mara, hayyama qa'ee kanaatiin maletti qabeentaan Bilisummaa (gola) kanaa idileen yookiin quucata isaa, bifa fedheen, sagaleedhaan, katabbiidhaan, suuraadhaan asirraa waraabuun dhorkaadha!
Copyright © 2001-2004 Bilisummaa. All rights reserved
Home | News | Language | History | Islam | Culture | B.game