Mana

Oduu

Afaan Oromoo

Amantii

Buhaarsa

Joollee

Seenaa

Tapha

Marihadu






Seenaa

Afaan Oromoo
Akkaataa bultumaa
Amantii Sirna Gadaa
Godaansa Oromoo jaarraa 16ffaa

Seena barreeysitoota Habashaa

Seena barreessitoota arabaa



 


Afaan Oromoo
Akkaataa bultumaa
Amantii Sirna Gadaa

k
Seenaa Ummata Oromoo

 

Akkaataa bultuma Oromoon Gaddaan duratti.

Sirna Gadaan duratti akkaataa bultuma Oromoo akkam akka ture wanti beekamu hinjiru. Qesoota Amaaraa tahee, seenaa barreeysitoonni gara biraa waa’ee Orommoo kan barreeyssuu jalqaban jaarraa 16ffaa booda ture. Kanaf sanaan dura seenaan Oromoo ture himamsa aadaarraa, yoo argame malee wanti galmaa’e kan jiru hinfakkaatu. Haa tahuu malee, himamsa afaaniitfi akkaataa dagaagina hawaasaarraa kan hubachuu dandeenyu nijira. Akkaataan dagaagina hawaasaa dhala namaa kamiyyuu sirna keeessa dabru niqaba. Haalli hawaasni Oromoo bara Gadaa duraafi booddee keessa ture calaqqiinsa akkaataa bulmaata isaa ka duraanii nuuf ibsuu ni dandaya. Akkuma ummata kamiyyuu hawaasni Oromooo gamtooma Doofaa durii keessa turuun isaa waan hin’ooleedha. Kuniis akkaata qabeenya dhuufaa turerraa calaqqisa. Ormoon waan tikfattee tureef qabeenya dhuunfaa loon yoo tahe malee, lafti qabeenya gamtaa ture. Kanaa wajjiin kan ilaalamu haala walbulchiinsa isa jidduu tureedha. Hamma hawaasaatti Oromoon guddatee sadarkaa gosa gahetti manguddoo walbulchuun saa hin’oolle. Kabajaa manguddoon hawaasa Oromoo keessatti qabu har’allee aadaa Oromoo keessatti ni calaqqisa. Hamma Gadaan dhufee bakka qabtetti, manguddootaan buluun kun sadarkaa sadarkaan guddataa dhufuun hinhafne.Haalli kun akkamitti ture? Akkamitti hojjachuu dandaye? Wanti kana calaqqisu boodana dabree maali? Hawaasa Oromoo keessatti aadaan jalqabarraa ka’ee gad dhaabbate hariiroo hangafaafi quxxusuuti. Hariiroon kun dura sadarkaa maatii keessatti gad dhaabbate. Ilmi hangafni kabajamuu qaba. Warri quxxusuu isa hordofu. Waan inni jedhe dhagayu. Hariiroon kun maati duwwaa keessatti hin hafu. Akkuma hawaasni sun dagaaguun hangafaafi quxxusuun ibidda, manaafi gosa keessattiis hojiirra oola. Ibiddi hangafaafi quxxusutti adda bahee walkabjuuniifi waliif abboomamuun buluun dhalate. Hariiroon ku yeroo dheeraaf hawaasa Oromoo keessatti hojjate.Goso tokko keessa karra hagafaafi quxxusuu nijiraatu. Maanguddootni karra hangafaa keessa jiran biyya (gosa) bulchuurratti qceelfama kennu. Karri quxxusuu tahan warra hanagafa kana jalatti gurmaawu. Sadarkaa gossaattiis hariiroon kun ittifufa. Gositi hangafni yeroo warra kaan qaceechu, geggeessu warri quxxusuun isaan jalati walitti qabamu. Gosootni kun akkasitt walitti dhufanii tokkooma gosaa (tribal confederacies) tolfatan. Tokkoomni gosaa kun ammoo, walkeessatti hangafaafi quxxusuu qabu. Hawaasa Oromoo keessatti akkaataan hangafaafi quxxusutti qoodamuun kun qoodama karra cimdii" ( bi social differentiation) jedhama. Sirni bulmaataa karra lamatti qoodamuun bu’ureeyfamu ammoo, sirna qoodama karra cimdii taha. Hamma Gadaan dagaagutti akkaataan bulmaata Oromoo sirna kanaan ture. Sirna kana keessatti manguddoonni qooda lammii guddaa qabu. Manguddoota lammii keessaa ammoo, kan warra hangafaa hunda dursu. Waldhabbii gosoota giddutti ka’u manguddoota kanaatu ilaala. Gosoota Oromoo keessaa Booranni hangafa. Kanaaf waldhabbiin gosa bareentumaa, fakkeenyaaf Arsiifi Macca giddutti yoo ka’e, manguddoota Booranaatu ilaala. Haalli kun gosa, karra hundumaa keessatti akkasitti hojjata. Ummata ollaa wajjiin waldhabbiin yoo argamees, gumaabaasuufiis tahee, falmu, lola waan ilaaluufi dantaa lammii saanaa guutummatti manguddootaan ilaalamee murtii godhata.

Sirni manguddootaan qaceelu amaluma hawaasa doofaa taheellee kan Oromoon dhaabbate jabaa tahuun isaa, hangafaafi quxxusuun qaceeluu isaati. Sirna isa booddee Oromoon tolfatee ittiin walbulcheef bu’ura kan qabuudha. Sirna Gadaa keessatti hawaasni Oromoo gartuu lamatti qoodamee ijaarame. Gartuuleen kun aadaadhaan hangafaafi quxxusutti beekamu. Garuu waltoo’achuufi walgituurratti walqixa. Fakkeenyaaf qoodamni akkasii Boorana keessati Sabboofi Goona, Maccaa keessatti Booranaafi Gabaro, Ituu keessatti Kuraafi Galaan, Humabnna keessatti Qal’oofi Anniyya jedhamanii beekamu. Haaluma qoodama gosa keessa duraan tureetu Sirna Gadaa keessattiis ga-dhaabbate jechuudha. Kanaaf Oromoon osoo sirna Gadaatiin as hin bahin, sirna qoodama karra cimdii kanaan walbulchaa ture jechuun nidandeenya.

Lola Amntiifi Miidhaa Oromoorra gahe jaarraa 10ffaa _15ffaa

Amantiin Kiristaanaafi Islaamaa Gaafaa Afrikaa walduraa duubaan seenaan. Amantiin Kiristaanaa jaarraa 4ffaa keessa warra Habashaa keessaa seenee amantii warra mootii tahe. Mootoonni Habashaa Kiritaanummaa fudhatanii saboota kaaniis fudhachiisuu jalqaban. Amaantiin Islaamaa gara Afrikaatti kan cehuu jalqabde Jaarraa 7ffaa keessa ture. Nagadaafi Islaamummaa babal’isuun walqabatanii gara Afrikaa qarqara galaana diimaarraa bakka heddutti faca’e. Jaarraa 10fi12 giduutti lafaa qarqara galaana diimaa bira dabree godina kana keessatti babal’achuu jalqabe. Hawwiin babal’achuu amantii kana lamaanii, waldura dhaabbatee lola lubbuufi qabeenya ummata godina kana balleessuuf deemsifame. Lolli kun keessattuu ummata Oromoorraan miidhaa gudda gahe.Oromootniifi Affaarootni walitti aananii qubatan. Giddu saaniitti lafa irra tiikfatan bal’ifachuuf waldhiibuu irratti lolli sadarkaa adda addaatti ture. Lafa bishaaniifii margaa qaburraa waldhiibanii gumaa gidduu isaaniitti argamu manguddoota gosaan fixachuun niture. Haalli kun garuu eega amantiin Islaamaa Affaaroota seenee jalqabe bifa amantii babal’isuu dabalatee cimaadhufe. Affaarootni lafa Oromoorraa dhiibanii qabatan mootooma Islaamaa tolfachuu jalqaban.Affaarootni amantii Islaamummaa fudhatanii mootooma dhaabbachuu haajalqaban malee, haalli isaan keessa turan gaariimiti. Islaamummaa hundaan hinfudhanne, kanaafuu isaan jidduu waldhabbiin niture. Tokkooma gosa tokkicha jalatti waan hin sassaabamneef haala faffaca’ee keessa turan. Mootoomni Islaamaa dhaabbataniin xixiqqoo faffaca’oo turan. Mootoomni Islaamaa hoggaas uumaman Ifaat, Adaal, Harar, Awwusaa,…turan. Mootoomni hoggaa Ifaat keessatti dhaabbate Walashama jedhamee beekama.

    1. Motomni Islaamaa kun hawwii lama-sdii qabu turan. Isaaniis: Amantii Islaamaa babal’suu Daandii nagadaa harkatti galfachuufi
    2. Daga gabbataa tahe qabachuudha.

Kanaaf Oromoota olla isaanii jiran dhiibuu jalqaban. Jaarraa 13ffaa keessa Oromoota naannoo Faxagariifi Dawwaaroo keessaa arihanii dhufatan, achiirraa dhaabbatanii Baalliifi Daraaratti duulanii Oromoota amantii Islaamaa Fudhachiisan. Bakka kanatti mootooma Islaamaa tolafatan. Babal’ifannoon Islaamaa kun Habashoota yaaddeesse. Hawwii isaan Kiristaanumma babal’isuuf qaban dura dhaabbate.Islaamummaan babal’atee, Oromoota daga isaaniirraa dhiibee yeroo daga kiristaanaatti dhihaate kana, Habashoonni rakkina keessa turan. Yeroon kun yeroo mootummaan Aksum caphee harka Agawutti gale, lolli Agawootaafi Habashoota jiddutti tahe, yeroo humni isaanii itti laaffisuudha. Eega Agawuun qabatees lolli Habashoota jiddutti deemaa waan tureef, humni isaanii keessatti nilaaffate. Mootonni Agaw kan Zaaguwee jedhamee beekamu, hamma walkkeessa jaarraa 13ffaatti irra turee booda moo’ame. Habashoonni aangotti deebi’an. Habashoonni eegasii human isaanii jabeeyfatanii dhiibbaa Islaamoota ykn Affaarootaa dura dhaabbachuu jalqaban.Bara 1250rraa kaasee lolli kiristaanafi Islaama jiddutti yeroo dheeraaf godhame jalqabe. Habashoonni Affaaroota ofjalatti gabbarsiisuu, dagaafii mantii isaanii babal’ifachuuf babal’ina amantii Islaamaa dhaabuuf; Affaarootniniis daga bal’ifachuufi, babal’ina amantii kiristaanaa dhaabuuf tattaafataa turan. Lamaanuu daga Oromoo kan hoggaa Affaarootni dhunfatanirratti waan walqunnamaniif lolli hedduun lafa Oromoorratti tahan. Wallolli Kiristaanaafi Islaama giddutti jalqabame itti fufe, bara Imaam Ahmed sadarkaa guddaarraa gahee hamma Oromoon Gadaan ofjaaree ka’etti deeme. Habashoonnifi Islaamoonni daga Oromoo Faxagar, Dawwaaroofi Baalli keessatti wallolanii qabeenya Oromoo saamuudhaan dabree ofcimsaa turan. Lola kana keessatti hedduu kan hubame Oromoodha. Ormoon qabeenya saamamee, lubbu namni heedduu irraa dhumanii, miidhaa guddaan irra gahe. Umanni Oromoo diina isaa lachuu ofirraa lolaa lafa isaa deebifachuuf tattaafachaa ture.Lolli Habashootaafi affaaroot jidduu bara mootii Habashaan Yagiba Tsiyoon (1285-94) jalqabame. Yagibaan Tsiytoon Adaalitti duulee cabsee irra aane. Duula isaa kana booddee Islaamoota wajjiin araara uume, akka nagadoonni Islaamaa biyya seenaan yeroo eehamu, isaafiis karaan kennamee ABUNA alaa fidachuu dandaye. Yagbia Tsiytoon gaafa du’e ijoolleen isaa aangoorratti walqabuu jalqaban. Haala kana keessatti Habashaan deebi’ee laaffate. Affaarootni haala kan hubatanii ifatti weeraruuf human walitti qabachuu jalqaban. Yeroo kan Habashoonni Affaarootaaf daga dhiisanii araaraman. Araarri kun ammallee fedhii babal’ifannoo Islaamaa quubsuu didee ifaan ifatti weeraruuf qophii gochuu jalqaban. Dhiibbaan Islaamootaa Habashoota walitti itichee sabboonummaa keessatti dagaagse.Yagiba Tsiyoon booddee waggaa saddeettamaaf Habashoonni eega waljeeqanii booda Amde Tsyoon (1314-44) aangoo qabate. Amde Tsyoon Habashaa daddaaqamuu kana keessaa baasee walitt itichee jabeesse. Kanaaf bu’ureessaa mootummaa Habashaa jedhamee beekama. Bara isaa keessa Habashoonni weerara gurguddaa Affaarootarratti oofanii milkaawan. Amde Tsyoon lola isaa ifatti rukutuun jalqabe. Sulxaan Ifaat bulchaa ture, haqaddiin nama jedhamu ture. Haqq-ad-diin Habashaa loluudhaaf osoo qopkhirra jiruu, ergamaa Habashaa kan Kaayroodhaa galu Islaamummaa fudhachiisuuf yaalee dinnaan ajjeese. Amde Tsyoon kana sababa godhatee bara 1328tti Ifaatitti duula bobbaase. Ifaatiin rukutee moo’e. Haqqaddiin booji’ame. Amde Tsyoon Faxagaariis rukutee eega ofjala galchee booda oobaleessa Haqqaddiin Sabnaddiin itti shuume. Eega Amde Tsyoon deebi’e booda Sabnaddiin Habasharratti fincila kaasuu yaade. Mootummaan Islaama Adiyyaafi Baaletti ergatee akka issaf tumsan gaafate. Agawuttiis dhaamsa ergee akka isaan keessaan itti ficilanii humna mootichaa tamasaasan gaafate. Akeekni isaa Habashatti, karaa lamaa sadiin duulanii of giddutti rukutuu ture. Amde Tsyoon garuu mala isaani kana dafee bira gahee, diinoota saa tokko tokkoon rukutuu jalqabe. Dura hadiyyaa cabse, achii Faxagar, itti aansee Dawwaaroofi Ifaat rukutee cabse. Affaarootiifi Islaamoonni akkasitti saphatti kan cabuu dandayaniif 1 ) mootummaa xixiqqotti waan adda qoodamanii turaniif 2) ummanni isaanii irra guddaa waan tiikfatteefi godaantuu waan tahaniif ture. Amde Tsyoon Faxagar, Dawwaaroo, Ifaatfi Hadiyyaa dhunfatee nama Jamaal addiin jedhamu irratti shuumee gara daga issaatti deebi’e.Kun lola Habashootaaf Affaaroota jidduu hoggaa tahu Faxagariifi Dawwaaroo keessattiis Oromootaafii Habashoota gidduutti lolli niture. Bara 11329-32tti hoggaa Amde Tsiyoon Faxagariifi Dawwaarotti duulaa ture, lola guddaatu tahee ture. Lola kanan Oromoota hedduutu dhume, qabeenyaan saamamee daangaa hinqabu. Lola balleessi kan lubbuufi qabeenya hinbararre waan taheef, Oromoonni Faxagariifi Dawwaaroo gad dhiisanii jalaa godaanuun dirqii itti tahe. Deebisaanii qabachuuf haa lolan malee, bara Amde Tsiyoon kana keeessatti Oromootni osoo dhiibamnii qarqara laga awaashiin gayan. Ormoon waan qabu fudhatee sababa jalaa godaaneef, keessa qubatanii bulcuu hindandeenye. Duula isaa qideeyfachuuf akka tahuufitti Amde Tsiyoon kaampii waraanaa Manzitti tolfate. Bara isaa kanaa jalqabee Habashoonni qubsuma waraanaa lafa Oromoo keessatti ijaarrachuu jalqaban.Affaarootni eega bara Amde Tsiyoon cabanii moohamanii hamma 1441tti bayyanachuu hindandeenye. Ifaatiifi naannoo sanarraa fagaatanii ofjaaruu jalqaban. Dakar, Harariifi Awusaatti deebi’anii humna isaanii jabeeyfatanii duulaa turan. Garuu habashaa injifachuu hindandeenye. Bara 1441tti Affaarootni Adaal jedhaman Habashatti lola bananii mohaman. Affaarootni naannoo Awusaafi warri amantii hinfudhatiniis bulchiinsa Habashaa didanii walaqabatanii ficila kaasan. Baayidaa Maariyam (1478-94) waraana karaa lama 1473/74tti itti erge.waraanni lachuu nimoohame. Injifatamuun waraana Habashaa kun jabinafi ol’aantummaa isaa dhabamsiise, eegasii humni gad deemuu jalqabe.Lolli Oromootaafi Habashoota jidduu hoo? Oromoon bara Amde Tsiyoon Faxagariifi Dawwaaroo keessaa dhiibamanii qarqara laga hawaash ga’anii lolli hindhaabbanne. Mootoomni Habashaa kan Amde Tsiyoon booda dhufaniis Oromoo dhiibuurraa turan. Bara Zara Yaaqoob (1434-68) mootii Habashaa ture waraanni Habashaa Baallii keessatti dhiibachaa ture. Yeroo tokko waraanni Zara Yaaqoobfi Oromootni naannoo Haroo Laangannootti wallolanii turan. Oromoota Baallii keessaa baasuuf haa dhiibaman malee, daga sana dhufachuu hindandeenye. Kuniis Oromoonni looniifi ilmaan isaanii jalaa godaansisanii gaafa dadhabban waan miliqaniif ture. Waraanni Habashaa daga isaarraa fagaatee dhufe kun, waan nyaatu dhabee yeroo beela’u deebi’ee galuuf dirqame. Waraana laafee jiru kana Oromoon karatti eegee daguun rukutee hedduu irraa fixe. Kanaaf lafa Oromoo keessa qubachuu hindandeenye. Bara 1445tti Oromootni Dawwaroo deebifachuuf lola itti banan. Zara Yaaqoob itti duulee injifate. Waraanni Habashaa duula godhee eega raaw’ate booda gara daga isaatti yeroo debi’u Oromonni ammoo lola jalqabu. Haala duula ba’uufi galu kana xiqqeessuuf, Habashoonni boroo Baallii keessa qubsuma waraana gara biraa tolfatan. Achirraa Dawwaarootti duuluu jalqaban. Lolli kun haaluma kanaan takka ka’ee takka dhaamaa, hamma bara 1468tti itti fufe, dhumarratti Zara Yaaqoob Dawwaaroo keessatti lolarratti moohamee harka Oromootti du’e.

Zara Yaaqoob booddee Baa’ida Maariyam (1468-78) aangoo qabatee duula Oromoorratti godhuu ittifufe. Duula inni Baallii qabachuuf godhe keessatti Oromootni humna isaarraa hedduu fixan. Yeroof Oromo cabsuu dadhaban. Habashoonni qubsuma waraana isaanii kan bara Amde Tsiyoonfi Zara Yaaqoob lafa Oromoo keessatti tolfatanirraa ka’anii salphatti Oromoo weeraruu jalqaban. Lolli gurguddaan Dawwaaroo, Baallifi Faxagar keessatti deemuu jalqabe. Oromoon yeroo kanatti ofijaaree waan hinjirreef midhaa guddaan irragahe. Oromoon dhiibamee Awaashirraa gara kibbaatti ittifame. Naannoo kanatti ittifamuun saas akka inni ofjaaruuf isa dhiibe.

    

Amantii sirna gadaa

Amaantiin Gadaa ummanni qabaatu keessaa tokko waan sirna Gadaa keessatti hojjetaman aadaa tahee qaama Oromootaa akka ture olitti kaafneerra. Inniniis waan sirna sana gadi jabeesse akka tahe hubatamaadha. Aadaa jiran keessaahiis amantiin hordafamaa ture, sirnicha utubee kan jabeesse dha. Amantiin aadaa haatahuu malee, mataa isaatiis sirna Gadaa keessatti waan aadaa tahan hundaa kan jabeesseedha. Kanaaf amantiifi aadaan tokkummaa akka qaban ifaadha.

Jireenya hafuura qabu keessatti dhalli namaa, hubannoota naannoo isaarraa qabuun waan amanu qabaachuu waan malu, bara Gadaa keessattiis ummanni Oromoo waan itti amanu qaba ture. Inniniis waaqa jedhamee yaamama. Waaqni waan hundumaa ol kan tahe, hunda kan tolcheefi kan uume, waan hunda kan dandayu, … tahuu isaatti amanama. Ormootaafi waaqa kana kan walqunnamsiisan qaalloota jedhamu. Hojiin isaaniis akka qeesotafii sheekootaati.

Qaaloota yeroo jennu akka bara dhihoo keessa ummata samuuf jecha sobanii, gowwoomsanii irraa waa guurratan akka qaallichaa Habashaamiti. Qaalloonni Oromoo bara sirna Gadaa ummata, uumamaafi biyyaaf waaqa kadhatu; galateeffatu, ummata eeybisu, looniifi madhaaniif rooba kadhatu, warra bira dhaqanii waaqa kadhachuuf isaaf muudaniif eebba keennu. Dalagaa kana fi kana fakkaataniin akka ummanni amantii Waaqatti amanuufi hordofu godhu; ummataafi Waaqa walqunnamsiisu.

Oromoonni karaa Qaalluu Waaqaan walqunnamuu malee, akkaataa biraas niqabu. Kuniis yeroo garagaraarratti ofiis waaqa kadhachuufi galateeyfachuudha. Bakki itti waaqa kadhatan, galateeffataniis galma ijaarame keessa, muka jala, gaararraa malkaa gubbaa,…dha. Kanneen utuu kana godhanii, yeroo yerotti dhaqanii Qaalluu muudu. Ayyaanni amantiis yerootti ayyaaneeffataman nijiru. Isaaniis warraa akka

  1. Ateetee- Kan dubartootaati. Inniniis kan mucaa argachuuti.
  2. Nabii - Kan abbootiiti.
  3. Jaarri ayyaana nagayaa, tikfama namaa, looniifi qa'eeti.
  4. Abdaarrii-ayyaana dachii midhaan baasisuuti

Qaallonniis sirna ayyaana amantii kanarratti ummata gorsu, jajjebeessu. Qaalluun eessaa baha? Gaaffiin jedhuu ka'uun nidandaya. Gosa keessaa Qaalluun bahuu dandayuufi hin dandeenye jiru. Inniniis waanuma hangafummaafi quxxusummaa hawaasa Oromoo keessa turerraa tahuun nimala. Qaalluun gosa beekamaa keessaa baha. Achi keessaa bahee gosoota hafniifiis Qaalluu tahu. Hundaaniis muudama. Qaalluun gosa beekamaa keessaa haa bahu malee, tokko qofa taha jechuumiti. Maadhee hawaasa olii sana keessaa dabalanii jiraachuu dandayu. Garuu isaan keessaa tokkootu hundarra kabajaa qabaata. Isaanutuus yeroo ayyaanaa muudatti muudamaas. Fakkeenyaaf Boorana keessatti Qaalloota (laduu) shana jiran kan Maxxaarrii sadaniifi kan Karrayyuu tokkoofi kan Odituu tokko keessaa hunda caala kabajaman Qaalluu Odituuti.

Qaalluun isa oliiti jechuudha. Booranaa alaas qaalluun kana muuduuf Oromoonni lafa fagoo deemanii dhaqu. Kanaaf, sadarkaa qabu; warri gad hafan isaa gaditti dalagu jechuudha. Qaalluun abbaadhaa ilmatti dabree dhaalama deema. Namchi mataan amantii Qaalluu hoggaa jedhamu, haati mana isaa ammoo, qaallitti jedhamti. Qaallitiiniis akkuma qaalluu kabajamtuudha. Ilma hangafaatu yeroo abbaan isaa du'u dhaalee qaaluu tahuuf carraa duraa qaba.

Sirna Gadaa keessatti muuda Qaaluu kan yeroo malee, ayyaanni guddaan muuda jedhamu jira. Inniniis jidduu Gadaa tokkootti yeroo (si'a) beekamaafi dhaabbata tokkotti yaha. Ayyaana kanarratti Oromoonni dhaqanii galma isaatti qaalluu olii muudu. Sirna tahu keessatti yeroo kanatti eeyba Qaalluu fudhachuun beekamaadha. Namoonni lafa fagoorraa ka'anii dhaqan, ganda isaatti muudu, achitti qalanii nyaatu, nyaachisuusi.

Eegaa, walumaagalatti dalagaan Qaalluu inni tokko namaafi waaqa walqunnamsiisuu akka tahefi jireenyi hafuura Oromootaa maal akka fakkaatu ilaalleerra. Qooda Qaalluufi amantiin sirna Gadaa keessaas sirni kun sirna amantii tahuu fakkeessa. Dhugaan isaa garuu sirna amantiis, ofkeessaa qabaachuudha.

Qoodni Qaalluun qabu kan biraa aadaa Oromoo kan sirna Gadaa keessaa tiksuufi too'achuudha. Kanarratti bakka guddaa qaba. Akka aadaan sirna kanaa hin dabnefi seerriifi heerri sirnichaa hin banne qaceelcha. Ummata biratti karaa aadaafi amantii fudhatama guddaa guddaa waan qabuuf, yaada ummataa (public opinion) dhufata isaa jalaa waan qabuuf aadaa Oromoo tiksuufi daandii sirna Gadaarratti too'achuu dandaya. Waan haraamuu, caphana,… gatama namatti fiduu dandayanirraa ummata eegu dandaya.

Kanneenirratti dabalee qoodni guddaan Qaalluun qabu jireenya polotikaa sirna Gadaa too'achuufi qajeelchuudha. Murtii polotikaarratti fuulaan yoo qooda hin fudhannellee, waan yaada ummataa of harkaa qabaniif qajeelchuufi karooraratti qooda guddaa kennu. Filmaata qondaaloota Gaddfi marii biyyaarratti argamuudhaan gargaaru. Filmaata qondaaloota Gadaarratti yaada ummataa sassaabuudhaan irratti hundeeyfamanii ija filmaata godhamee adda baasanii labsu. Marii seeraafi heeraarratti argamanii akka seerriifi heerri Gadaa hin dabneef gorsuufi qajeechuudha. Qoondaaloota Gadaa aangoo qabatan sirnaan muudu, eeybisu. Kanaaf, amantiin sirna Gadaas karaa kanaafii kana fakkaataniin jireenya polotikaa ummata Oromoo qajeelchuurratti qooda guddaa qaba.

Eegaa xumuruudhaaf, geggeessaa amantii kan tahe Qaalluun jireenya hawaasa Oromoo sirna Gadaa keessatti qooda guddaa sadii qabaata. Isaaniis:-

  1. qooda amantii - namafii waaqa walqunnamsiisuu
  2. qooda aadaa- aadaa sirna Gadaa eeguuf, tiksuufi too'achuu
  3. qooda polotikaa- filmaatarrattiifi marii biyyaa kan seeraafi heeraarratti too'achuufi qajeelchuudha.

Dhumarratti aadaan, polotikaafi amantiin walitti hidhatoo tahuun ifaadha



Tabarooleen Gola kanaa idileen seeraan tikfamoodha.
Barreeyfama gola kana keeysatti dhihaatan mara, hayyama qa'ee kanaatiin maletti qabeentaan Bilisummaa (gola) kanaa idileen yookiin quucata isaa, bifa fedheen, sagaleedhaan, katabbiidhaan, suuraadhaan asirraa waraabuun dhorkaadha!
Copyright © 2001-2004 Bilisummaa. All rights reserved
Home | News | Language | History | Islam | Culture | B.game