Mana

Oduu

Afaan Oromoo

Amantii

Buhaarsa

Joollee

Seenaa

Tapha

Marihadu






Seenaa

Afaan Oromoo
Akkaataa bultumaa
Amantii Sirna Gadaa
Godaansa Oromoo jaarraa 16ffaa

Seena barreeysitoota Habashaa

Seena barreessitoota arabaa



 



k
Seenaa Ummata Oromoo

Seenaa Barreeysitoo Arabaa

Seenaa ummatoota Gaafa Afrikaa warra barreeysan keessaa Arabootiin warra duraati. Keessattu eega amantiin Islaamummaa Gaafa Afrikaatti babl'achuu jalqabe, Araboonni bifa lamaan dhufuu jalqaban. Kuniis bifa amantii babal'isuufi nagadaan ture. Araboonni bifa kanneen keessa tokko ykn lachuutuu, waa'ee Oromoo galmeessanii seenaa barreeysanii jiru. Har'a seenaa Oromoo barreeysuuf qorachuuf maddi tokko barreeysaa Arabootaa taheeti argama. Akkauma haalaafi yeroo isaan barreeysanitti, akkasumas ilaacha isaanirraa kan ka'e, barreeysan isaanii mudaa qabaachuu nidandaya.

Seenaa Oromoo qoratanii barreeysuuf, madda adda addaafi mudaa isaan qaban ilaallee jira. Madda jiran kanatti dhimma bahuudhaan seenaa haqaa barreeysuuf, maddi amansiisaan himamsa afaanif aadaa Oromoti taha. Seenaan afaanii akka barri dheeratuun, ilaalchaafi muxannoo haaraya dabalataa akka demu yaadachaa, qormaata godhamuun seenaa keenya barreysuu nidandeenya. Jarsooliin Oromoo kan seenaa dur beekan utuu hin dhabamin waan godhamuun irra jiru. Maddi kun gayuu akka dandayu irraanfachuun nurra hinjiru.

Hunda caalaa seenaan Oromoo dgaagsuufi guddisuuf qoodni qabsoon qabu guddaa akka tahe dagachuun namarra hinjiru. Sadarkaa har'a ummanni Oromoo ABO jalatti hiriiree kallachaa isaa waliin qabsoorra waan jiruuf, waa'ee ummata Oromoo baruuf gaaffiin ka'aa jiran guuddaadha. Har'a waa'ee Oromorratti qormaata guddaatu beektoota bijyya baayyeen godhamaa jira. Keessattu waggaa 10rnan dabranii as qormaatni kun dabalaatuma jira. Kun tolatti kan dhufe utuu hin tahin, dhaabni waa'ee ummata kanaaf falmu waan jiruufi. Qabsoo godhuun seenaa dabaa jiru sirreessuudha dandaya. Dur namootni hedduun maqaa Gaallaa jedhu malee, maqaa Oromoo hin beekan. Har'a garuu maqaan Oromoo jedhu hundaan beekamee jira. Kun bu'aa qabsoo keenyaati.

Koloneeffattoonni yoomillee taanaan, ummanni isaan koloneeffattan seenaa qabu jedhanii hin yaadan. Seenaa ummata koloneeffatanii dabsanii ykn akka waan hin jirree godhanii dhiheessu. Seena oromoos kan qunnamte kanuma. Qabsoon arra godhaa jirru, seenaa ummata keenyaa gaddhaaba, baduurraa hambisa, alagaan akka qoratuuf karaa bana. Qabsoo keenya finiinsuun sagalee ummata Oromoo baay'atee akka dhagayamu godha, fedhii alagaan waa'ee isaa baruuf godhu guddisee, qormaata irra bal'aatiif karaa bana. Kaanaaf seenaa keenya haga har'aa alagaan barreeyfamee ija qeeqaafi xiinxalaan barata, sabbontonni Oromoo seenaa dhugaa qoratanii bareeysuuf dirqamni akka irra jiru yaadachiifna. Haga har'aatti kan argamees firii qabsoo keenyaati

Ummata Oromoo

Ummanni Oromoo jedhamu Gaafa Aafrikaa keessa kan jiraatudha. Kan inni dubbatu afaan Oromooti. Ummanni Oromoo walitti ejjee osoo addaan hincitin, godina kana keessa qubatee argama. Bakka bal'aa irra haaqubatuu malee, afaan tokkicha kan hundi itti waliigalu qaba. Kaabaa-Kibbatti, Bahaa-Dhihatti ummata aadaa tokkicha qabuudha. Diinagdeedhaaniis walirratti irkannoo cimaa qaba. Bara dheeraaf walabmmaan jiraataa turee, dhuma jaara19ffaa keessa alagaan kan koloneeffatameedha. Har'aas waliin dhaabbatee bilisummaa isaatiif lolachaa jira. Kanaaf akkaataan yaadasaa walfakkaata, hawwiifi fedhi siyaasa tokkicha qaba. Kaanfi ummnni Oromoo kan saba tokko kan jedhamuuf.

Damee dhala namaa Afrikaa keessatti argaman keeessa, Orommoon damee kuush jalatti argama. Dameen dhla namaa Afrikaa keessatti argaman:

Haam ykn kuush

Seem

Neegiroo

Buushmeen ykn Hotteentoos

Negirilloos jedhamu. Dameen kuush bakka gurguddaa lamatti addaa qoodaman. Kuush Kaabaafi Bahaatti warri argaman:

Beejjaa , Berberiins (barbara,nuuba), Oromoo, Sumaaleefi saboota Kibba empaayera Tophiyaa jala jirani, garuu isaan dhiiga Neegiroo wajjiin walmakuun hin'oolle. Misroota duriifi haaraya. Ummata kana keessa hammi hammi tokko dhiiga gara biraa makachuu hin'oolle.

Kuush (haam) Kaabaa keessaatti warri argaman ammoo, Berbersii, Siraanaayikaa, Trippolitaaniyaa, Tuniisiyaa, Aljeeriyaa, Berbersii Morookkoo, Tureegfi Tiibuu saharaa fuulbe dhiha Suudaaniifi Gu'aanchee warra kanaari Aayland keessaati.

Ummanni Oromoo saboota Gaafa Afrikaa keessatti argaman keesssaa isa guddaadha. Lakkooysi ummata Oromoo kan har'a kolnii Toophiyaa jala jiru duwwaan miliyoona 20 ol nitaha. Biyyoota Afrikaa keessaa kan baayyina namaatiin Oromoo caalan afur qofa, akka sabaatti yoo fudhanne, sabni Oromoo, saba tokkicha guddaa Gaafa Afrikaa, tarii kan Afrikaati. Ummata Empaayera Toophiyaa har'aa kessaa walakkaa ol kan tahan Oromoota maqaa "Gaallaa" jedhu.

Ormoon maqaa gaallaa jedhu kanaan akka ofi hinyaamne, seenaa barreeysitoonni raagaa nibahu. Fakkeenyaaf namichi Chaarles T. Beke jedhamu bara 1847tti yeroo barreeyse- "isaan maqaa boonaa Ilma Oromoo" jedhuun ofwaamu, garuu warri Habashaa Gaallaa jedhuun waamu" jedhe. Ummanni Oromoo eega maqaa kanaan ofhinwaamne, maddi isaa eessa taha? Hundee maqaa kanaatiifi hiikkaa isaarratti wanti odeeyfameefi barreeyfame hedduudha.

1. Oromoon dur hogguu lola dhaqee, yeroo moo'ee ykn moo'amee jedhu " Kootta ni gallaa" jedhee walwaama. Kootta nigallaa isa inni jedhurraa maqaan "gaallaa" dhufe warri jedhan nituran.

2. Oromoon dur gaala waan tiiysuuf, akkasumaas fe'atee waan demuuf yeroo inni gaala jedhu dhagayanii 2. "gaallaa" ittiin jedhan jedhu:

dur ummata gosa "Gool" jedhamuutu Faransaayii keessa ture, maqaan achirraa dhufee jedhanii warri odeessu nijiru.

Namichi Yihuudii kan Abbaa Balzezar Tellez jedhamu ammoo, jechi "Gaallaa" jedhuu kun afaan Hibiruufi Giriikirraa dhfeedha jedha. Afaan hibiruufi Girikii kessati "gala2 jechuun "aannan" jechuudha. Kanaaf achirraa dhufuun nimala jedhu.

Habashoonni ammoo, maqaa gaalaa jedhu kanaaf hiikkaa kannanii jiru. Namichi kassate Birhaan Tassammaa kan guuboo (kuusa) jechoota afaan Amaaraa barreeyse yeroo hiike: Gaalaa jechuun aramanee, yaal salaxxanee, cakkanyi, ye amaaraa xilaat" jechuudha, jedhee jira. Barreeysaan amaaraa gara biraan ammoo, dhugaa jiru lafa kaayee jira. Maqaa Gaallaa jedhu kan kanneef warra Habashaa,warra qomaaxaafi beela biyya keenyati fideedha. Akka inni jedhetti "isaan Oromoodha ofiin jedhan, garuu Amaarri immoo, "Gaallaa" jedhaan" maqaa kanaan dura Oromoo yaamuu kan jalqabe Amaara tahuun ifa ta'a. Biyyoonni ollaafi warri Arooppaas isaanirraa fudhachuun isaanii dirree ta'a.

Amaarri maqaa kanaan Oromoota yaamuun jibbiinsaafi diinummaa, akkasumas garaagarummaa karaa amantii isaanii gidduu jirurratti kan hundaa'eedha. Kuniis battala Oromootaafi Habashootni walqunnamanitti, Oromoon amantiilee guddaa lamaan keessaa hinqabu ture. Habashoonni lafa Oromoo irraafudhachuuf fedhii waan qabaniif, Oromoon ammoo, biyyaa saa irra jabaatee waan ittiseef, jibbiinsaafi diinummaa guddaatu gidduu isaanii jira. Kanaaf maqaan "Gaallaa" jedhu kan diinni Oromootaaf baaseef, maqaa balfachuufi tuffii tahee argama.

Har'a Oromoo ta'ee kan maqaa Gaallaa jedhuun ofwaamu hinjiru. Yoo jiraatees nama doofa (sodaataa) isa dhumaa ykn qaamaan duwwaa utuu hintaane, kan sammuu dhaaniis gabroome qofa. Seenaa qorattoonni addunyaa, gaazeexoonni biyya adda addaafi raadiyoon addunyatti lallaban hundi maqaa "Gaallaa" jedhu dhiisanii Oromotti dhimma bahaa jiru. Kun bu'aa qabsoo Oromoo akka tahe ifaadh

Madda saba Oromoo

Maddi ummata tokko lafa akkasii, goleefi boolla akkasii keessaa jedhanii himuun baay'ee nama rakkisa; hin barbaachisuus ture. Ummanni tokko akka bineessaa boolla keessaa jiraataa turee, gaaf tokko akka waakkoo kan olba'uumiti. Idiletti maddi saba sanaa damee dhala namaa irraa gosa akkasii keessaati jechuun nigaya ture. Madda saba Oromoos hoggaa xiinxalan haala kana hordafuun quubsaa ture. Haa tahuu malee seenaa Oromoo warri barreeysan dabsaa waan turaniif dirqitti waa'ee madda Oromoo kaafnee xiinxaluun barbaachisa taha.

Maddi saba Oromoo eessa? Gaaffii jedhu namoonni adda addaa akka adda addaati deebisu. Isaan kaan akka yaada isaan dhiheessanitti yooo adda qoodne:

Waan qeesoonni Habasha barreeysan,.

Aafrikaa alaa dhufe warra jedhan

Aafrikaa keessaa golee tokko lafa kaa'uu warri barbaadaniifi

Himamsa afaan Oromootaatti adda baasuu nidandeenya

Isaan kana tokko tokkoon haalaalluu.

Waan qeesootni Habasha barreeysan

Qeesotnii Habashaa Oromoo ija diinummaatiin waan laalaniif kan isaan barreeysan dhugaa irraa fagoodha. Jibbiinsi isaan Oromoodhaaf qaban waan guddaa taheef, haga namummaa Oromoo haalanitti gahu.

Alaqaa Taayye kan jedhu "akkata Gaallaan bishaan keessa itti bahan beeksisa." Jedhee barreeyse. Gaalloonni bishaan keessaa waan bahaniif qurxummii hin nyaatan. Kanaafiis bishaanitti waaqeeyfathu jeddha.

Astime Gi'orgs kan jedhu ammoo, Gaallaan ilmaan sheeyxaanaati jechuu kajeela. Kanaan utuu hindhaabbatin oduu afaanii kan balfachuuf odeeffaman fhudhatee hiddi sanyii Oromoo gabra jadhee barreeyse. Namichi Jalqaba laali Maatewoos jedhamu tokko gabra heedduu qaba ture. Gabroota isaa kana waan miidheef jalaa badanii biyya (lafa) gara kibbaa jirutti galan. Namoonni amala gadhee qabaniifi yakkaman badanii itti dabalamuudhaan achitti walhoran. Kana boodde Habahsaa weeraran jedhee barreetsee jira. Qeesootni Habashaa kun madda Oromoo barreeysina jedhanii tuffiifi ija jibbansa Oromoof qaban dirretti himanii jiru. Wanti isaan barreeysan kan dhugaarraa fagaate waan taheef hedduu wajjiin cinqamuu hinqabnu.

Aafriika alaatti akeekuu warra barbaadan

Hindii:- Oromoon Aafriikaa ala, hindiirraa dhufe warri jedhaniis nijiru. Oromoon dur biyya Hindii keessa jiraataa turer , booda bidiruudhaan garba Hindii cahee gara Maadagaaskar dhufe. Achirraa gara Taanzaaniyaatti cahee booda Keeniyatti babal'ate jedhu. Gaarri Kilmanjaaroo jedhamu afaan Oromootiin tulluu janjaaroo jechuudha jedha. Monbaasaa jechuun bobbaa sa'aa jechu, Naayroobi jechuun naaroobi, keeniyaa jechuun keennya jechuudha jedhu. Maqaalee kana Oromoon keennuufi ykn akka tasaatti walkiphuun nimala. Garuu Oromoon Hindiirraa dhufuu har'a wanti mirkaneessau hinjiru. Ummata har'a Hindii keessa jiraatan keessa kan aadaadhaafi seenaadhaan Oromoo fakkaatan tokkolleen hinjiru. Oromoon beekkumsa bidiruu tolchuus hinqabu. Kanaaf garba Hindii guddaa kana akkamitti cehuu danda'a? Oromoon Hindiirraa dhufe jechuun dhugaa hintahu.

Faransayii :- Oromoon dur Faransaayii ture; kan jechuu barbaadaniis nijiru. Biyya Faransaayii keessa gosa Gool jedhamtu ture. Kanaaf Oromoon (Gaallaan) achirraa dhufuun nimala jedhu. Haatahuu malee kana wanti mirkaneessu hinjiru.

Faarsii:- Oromoon Faarsiirraa dhufe jechuu warri barbaadan nijiru. Kanaas Islaamoota qarqara Galaanaa jiraatantu jedhu. Namichi M.D Abdi'e jedhamu yeroo galmeessu hundeen ykn shanyiin saba Oromoo ijoollee dubraa obbalaa sadii turan. Isaaniis dubartoota Jarusalaam(Iyyerusalam) ; booda sanyiin isaanii walhoranii baay'anaan mootummaa Kibbaa isaanii (Arabiyaa) jiru weeraran. Sana booddee karaa Baab-el-mandab gara Aafriikaatti cehann jedhu.

Konii Israa'eel:- seenaa barreeysaan Yehuudii kan abbaa Belzezar jedhamu ammoo, waan dinqii katabe. Oromoonni kolonii Israa'eel turan jechuu barbaade. Abbaan Belzezar Tellez akka jedhutti dur ummtni kun adii ture. Israa'iiliitu isaan bulchaa ture. Bara Israa'iloonni faca'an ummatni kun Aafrikaatti cehanii naannoo kaaba baha Afrikaa keessa qubatan jedha. Kun eegaa yaada tasa namaaf hinfudhatamneefi waan mirkana tahees kan hinqabneedha.

Yaadni Oromoon Afrikaa alaa dhufe jedhu dhugaa waan hinqabneedha. Seenaa mirkanii hinqabne akkasii tana fudhatanii babal'isuuf warri tattaafatan akeeka qabau. Keessattu warri seema Afrikaa alarraa waan dhufaniif kan Oromoos kanatti harkisuu barbaadu. Oromoon osoo Hindii, Fransaayii, ykn giddu galeessa bahaarraa dhufe tahee ummatni aadaan, afaaniin, qaamaafi seenaan Oromoo wajjiin walfakkaatu achitti argamuutu irra jira. Garuu har'a Hindii, Fransaayiifi Faarisii keessatti kana hinarginu. Kanaafu maddi saba Oromoo Afrikaa alaamiti. Ummatni Oromoo, ummata Afrikaa qulqulluu keessaa isa tokko thuun hin mamsiisu.

Afrikaa keessa golee tokko warri akkekuu yaalan

Ummatni Oromoo ummatoota kuush keessaa tokko akka ta'ee mamiin hinjiru. Kuush ammoo, damee dhala namaa keessaa isa tokko tahee Afrikaa keessatti kan argamuudha. Kanaaf Afrikaa keessaa bakka madda Oromoo akeekuuf yaalame haalaallu.

Duuchaa dhumtti Oromoon toora sabbata lafaa (equator) irraa dhufe warri jedhan nijiru. Maddi ummata Oromoo ammoo, Hora Viktooriyaati warri jedhaniis nijiru. Oromoon Suudaan keessaa bakka Sinaar jedhamuu ka'ee karaa Gojjaamiifi Tulluu walaliin seene warri jedhaniis nijiru. Jechoonni kun hundinuu waan qorannoodhaan mirkanwuu qabaniidha.har'a ummatoota Burundiifi Ruwaandaa keessa jiraatan keessaa sanyiin isaanii gara Oromootti warri dhihaatan nijiru. Garuu Oromootu dur achi turee irraa godaneefi, isaantu gara sanatti godaananii wanti beekamu hinjiru. Qormaata gahaa barbaada.

Qeesiin Amaaraa Abbaa Baahiree jedhamu bara 1593tti hoggaa waa'ee ummata Oromoo barreeyse.

Oromoonni gara dhihaarraa laga biyya saanii kan galaana jedhamu cehanii, bara Atsee waang Saggad gara huduuda Baallii dhufa" jedhee ture. Algni galaana jedhamu har'a adda hinbahu. Oromoon lagaan galaana jedhee ni waama. Tarii inni Abba Baahireen jedhu kun laggeen gannaalee, wabee, saganfi walmal ykn Dawwaa keessaa tokko tahuun nimala. Naannoo Baalli jedhamu kutaa har'a Baale jedhamuun walitti fakkeessuun hintahu. Seena qorqttoonni Baahiree booda garii haala gaafas Oromoon lafa isaa deebifachuuf sosso'aa itti ture hubachuu dhbuu irraa, waan Baahireen barreeyse fudhatanii waan Baahireen barreeyse fudhatanii madda ummata Oromoo himu. Haathuu malee, Baahireen madda Oromoo Afrikaa keessatti akeeka malee ala hinbaafne.

Maddi Oromoo Afrikaa kessa tahuu isaa seena barreessitoonni hedduun amananii jiru. Haathuu malee, Afrikaa keessaa naannoo Kaaba-Bahaa tahee achi keessatti golee tokkotti Oromoo murteessuuf warri tattaafatan nijiru. Isaan kana keessaa warra bebeekkamoo duwwaa ilaalla. Namni biyya Xaliyaanii Enrikoo cheruulii jedhamu, maddi saba Oromoo fiinxee Gaafa Afrikaa, Kaaba bahaa Somaaliyaa naannoo mijerteeniyaati jedha. I:M: Luwiis kan jedhamuus waan Cheruuliin jedhe kan fudhachuudhaan seenaa Somaalee barreeyse. Obboo Yilmaa Dheereessaas yaaduma Cheruulii kan hundee fudhachuun maddi OromooKaaba-baha Soomaaliyaati jedha. Cheruulli irraa jalqabanii seenaa qorattoonni yaada kan dhugoomsuuf akkas jedhan: "maddi Oromoo Majarteeniyaa ture. Somaaloonni yeroo sana Oromoorraa gara Kaabaa naannoo Barbaraafi Zayilaa turan. Jaarra 1ffaa ykn 11ffaa keessa Arbitichii Sheek ismaa'il jedhamu biyya Somaalee dhufe. Dubartii Somalee fudhee gosa daroot irraa hore. Qur'aana isaan barsiisee Islaameesse…jaarraa12ffaa keessa bakka turan -Barbaraafi Zayilaarraa warraaqanii Oromoo waraanuu jalqaban. Oromoon dura dhaabachuu waan hindandayiniif jalaa siqaa Ogaadeen seenan. Booddee Somaaloonni waan itti jabaataniif, Oromoonni jalaa sossohanii Waabi Shabeellee cehanii qubatan.

Yaadni isaan dhiheessan akka tocho'iinsa (godaansa) Oromookan jaarraa 16ffaa ragaa ni taha kan jedhaniidha. Yyadni kun Oromoofi Somaalee gidduu karaa antrippoloojii hidhata jiru haaluudha. Oromoofi Somaaleen yeroo kamii jalqabanii adda bahanii, kopha kophatti gara sabaatti dagaaguugu jalqaban gaaffii jedhuuf deebii gahaa dura argachuu barbaachisa. Tarii yeroon Oromoofi Somaaleen gosa tokko turanii waliin naannoo jedhame keessa jiraatan jiraachuun nimala.

Yaadni Oromoon Kaaba baha Somaaliyaarraa madde jedhu hamma 1963tti beektoota baay’een waan fudhatamee ture. Yaada kana kan faalleessu qorannoon godhomee Habarlaand nama jedhamuun ture. Oromoon Somaaliyaa keessaa dhibamee dhufe osoo hintaane, baddaa Baalee keessa jiraata ture. Habarland hoggaa kana ibsu. Oromoonni kan maddan Kaaba Somaalee keessa osoo hintaane baddaa Baalee irraati. Achitti gosa tokko tahanii horii horsiifachuu qofaan utuu hin thin qotiinsaan bulan. Dongoraadhaan qotuu turan. Garbuus facaafatu. Booda walitti baay’anaan karaa hundaan, gara Somaaletti hamma Bur-haqabaafi Mija-rteenitti, gara Booranaafi Keeniyaatti hamma laga xaanaatti, gara Habashaattis hamma daangaa Tigraayitti, hamma Suudaaniifi hararitti bittinnaa’an" jedhe.

Habarlaandaan kan irratti dabalee yaada Oromoonni Somalootan dhibaamanii gara naannoo har’a jiraatanitti faca’an jedhu kun waan hinfakkaanne tahuu isaa ibsa. Yaada Habaralaandi kan kan warrra kaanirraa kan adda isa godhu, Oromoon baddaa Baalee keessa qubatee qonna qotataa kan ture malee, jaarraa beekama tokko keessa akka awwaannisaa ka’ee kan godaane akka hintaane ibsuu isaati.

Yaada Habarlandaa kan deeggaru, seenaa qorattoonni adda addaa yaada darbatanii jiru. Charles T.beke barreeyfama isaa kan 1847 barreeyse keessatti Oromoon lafa gammoojjii, lafa naannoo Somaaleeti kan dhfteemiti jedha. Naannoo isaan dura turan, lafa gaara qabu, baddaa tahuu qaba jedha.bifti Oromoo akka inni ummata gammoojjii (negiroo) hin taane ragaa nitaha. Habashaarraa gara kibbaa ummata jiraataa ture, lafti isaa badda, nannoon isaa galaanni ykn bishaan guddaan turuu nimala. Beekeen yaada isaa akkasitti hogga lafa kaayu, kan Habarlaandi wajjiin waliitti dhufa. Tellez kan jedhamuus Oromoon lafa Baalliifi galaana hindii gidduu jiru keessaa jiraataa ture jedha. Kanaaf wanti qorattoonni kun jedhan idileetti Oromoon lafa baddaa kaaba baha Afrikaa keessa jiraataa ture kan jedhuudha.

Hunda caalaatti qorannoo irraa bal’aa gochuudhaan, uummatni Oromoo ummata Afrikaa qulqulluu tahuu isaa kan addeesse Harbert S. Luwiis jedhama. Waa’ee madda saba Oromoo qorachuudhaaf S.Luwiis waan lama gurguddaa irratti hundaawe.

Qormaata afaanoota kush Bahaafi

Himamsa aadaati.

Luwis afaanoota ummatoota kuush afurtamii-torba keessaa kan Kuusha bahaa warra baay’ee waliitt dhihaatan 24 qorate. Afaanootni kun, akka walfakkaatanitti bakka afuritti qoode. Afaanootni kaan bara dheeraaf wailirraa adda waan turaniif malee, hundi isaanii dur tokko akka tahan addeesse. Herbert.S.Luwis ummatoota Kuush bahaa keessaa kanneen baay’ee Oromoo wajjiin walfakkaatu qoratee, madda Oromoo hoggaa ibsu:

Hunda caalaa afaan isaanii Afaan Oromoo wajjiin kan walfakkaatu kan ummata Koonsoo, Gidoollee, Gatoo, Arboora, Gaawwata, Waraasa, Tsemaayiifi Galab kan isaan argaman Toophiyaarraa gara kibba har’a biyya Gamuugoofa jedhamtu keessa., Hora Abbyyaafi Caamoorraa gara kibbaatti nannooa laga Sagaanifi Duulee keessa. Jaarraa baay’een fuuldura afaan Oromoo afaanoota jara kanaa wajjiin tokkicha tur. Booda eega afaan hunda isaanii adda babahee raaw’atee Oromoon gara dhihaarraa kan hafe gara hundatti yeroo socha’u jarri kaan achuma biyya isaanii kan duritti hafan. Kanaafiis Oromoonni tooruma Haroo Abbaayyaatiifi Caamoo naannoo lageen saganiifi Duulee turan jedhee jira. As keessaatti Harbert S.Luwis warra kaan caalaa bakka beekamaa tokko lafa kaayuuf carraaqe. Qormaanni inni godhe kun, saboota kaani wajjiin walbiraqabee waan taheef irra bal’aadha. Haatahuu malee, Oromoon bara kanarraa kaasee akkamitti saboota kanaa wajjiin adda bahee kophatti saba tahuu jalqabe gaaffiin jedhu ammallee qormaata barbaada. Sabootni ollaa walii jiran waldhibuu nijiraata, yeroo tokko inni tokko jabaatee hoggaa lafa isaa bal’ifatu, lafti isa kaani ammoo nidhiphata. Haalli kun wal jijjiree jiraata. Qormaata Harbertirraa akka hubannutti maddi saba Oromoo naannoo lageen saganiifi Duuleeti. Garuu madda saba Oromoo lafa dhiphaa akkasii keessatti hidhuun qormaata boru godhamuuf nama rakkisa. Qormaata gara biraatiin utubamuu qaba. Jalqaba laali

Madda ummata Oromoo bira gahuuf, himamsi aadaa bakka guddaa qaba. Seenaan afaaniin dabru madda seenaa keessaa isa jabaa tahullee waan bara dheeraan duraa himuurraatti mudaa hinqabaatin hin hafu. Hammi afaaniin waltti dabarsaa fidan yeroo wajjiin ni jijjiirama, kaniis irraanfatamuun nimala. Haatahuu malee, seenaa tokko barreeysuu keessaatti qooda guddaa qaba. Xasoo Magiraa qormaata seenaa Oromoo godhe keessatti himamsa aadaaf bakka guddaa kenne jira. Manguddoota Oromoo kutaa adda addaa keessa jiran gaafatee, hundi saanii naannoo walitti dhihoo tahe akka himatan bira gahe.

1. Jaarsooliin Ituufi Humbanna (Harargee) afaan tokkoon mormorii dhufne jedhu. Mormor kutaa Baalee naannoo Dalloofi Mandooyyuu jedhaman keessaa qarqara laga Gannaaleetti argama.

2. Jaarsooliin Arsii naannoo Bareedduu Kurkurruu jedhamu himatu. Kuniis Baalee keessatti lageen walamaliifi Mannaa giddutti argama. Laggeen kun Baddaa Baalee keessaa burqanii Konyaalee Dalloofi Mandooyyuurraa yaa’anii Gannaaleetti galu.

Oromoon Wardaayi Keeniyaa keessatti kan argaman Tullu Nam-durii dhufne jedhu. Mangddoonni Booranaas Tulluu Nam-durii kana himatu. Tulluun Nam-dur kan argamu Baalee keessaa Koonyaa Dalloofi laga walmaliifi Gannaalee giddutti.

Oromoonni Maccaafii Tuulama oggaa gaafataman afaan tokkoon, Haroo Walaabuu himatu. Walaabuun kan aragamu Baale keessa Konyaa Dalloo laga Gannaalee qarqaratti ganda Bidree jedhamtu cinatti.

Ormoonni Gujii bitaafi mirga laga Gannaalee naannoo Girjaarraa dhufne jedhu. Girjaan kutaa Sidaamoo Awraajjaa Jamjam keessatti gara mummee laga Gannaaleetti argama.

Eegaa himamsa aadaa kanarraa akka hubatamuu dandayutti Oromoon Afrikaa alaa akka dhufe wanti akeeku hinjiru. Oromoon as Afrikaa keessaa akka ture, keessattuu Kaab baha Afrikaa keessa akka ture argisiisa. Himamsi aadaa kun kan akeeku Ormoon Kutaalee har’a Sidaamoofi Baale jedhaman keessaa Konyaalee Dalloo, Mandooyyuufi Jamjam keessa akka jiraata tureedha. Ormoon yeroo dheeraadhaaf naannoo kan jiraate jechuun ni dandaya. Haa tahuu malee, Ormoon asitti dhalate jechuuf qormaata irra bal’aa kan hariiroo ummatoota kuush wajjiin jiru xiixaluu barbaachisa.ummatni tokko gaafuma tokkotti bakka tokkotti kan dhalatuumiti. Dagaagina dhala nama kan yeroo fudhatu keessa dabree kophatti bahee ummata mataa isaa dandahe taha. Xumuramuudhaaf kan jedhuu dandayu, ummatni Oromoo ummata Gaafa Afrikaa keessaa isa tokko, damee kuush keessatti argama, yeroo dheeraa irraa kaasee kaaba-baha Afrikaa keessa jiraate, har’aas jiraataa jira.

 



Tabarooleen Gola kanaa idileen seeraan tikfamoodha.
Barreeyfama gola kana keeysatti dhihaatan mara, hayyama qa'ee kanaatiin maletti qabeentaan Bilisummaa (gola) kanaa idileen yookiin quucata isaa, bifa fedheen, sagaleedhaan, katabbiidhaan, suuraadhaan asirraa waraabuun dhorkaadha!
Copyright © 2001-2004 Bilisummaa. All rights reserved
Home | News | Language | History | Islam | Culture | B.game