Oduu Haaraya

Seenaa qabsaayaa fi goota Oromoo Dr Diimaa Nagoo.

Dr. Dima Noggo Sarbo Eenyu? Dhaloota: August 23, 1948 (Nehassie 16, 1940) Aanaa Allee, ganda Carii tti haadha isaa Adde Baftaa Digachoo (Haadha Biyyaa) fi abbaa isaa Kenyazmach Noggo Sarbo (Abbaa Sobbooq) irraa dhalate. Barmoota: September 1956 (Meskerem 1949) Mana Barmoota Haile Sellassie, magaalaa Gore seenee ulaa tokkoo haga 12 tti baratee bara 1967 (1959) xumuree, qormaata ESLCE fudhate. Barattoota 15 keessaa qofaa isaa (qormaata torba fudhate keessaa jahan) dabruu dhaan Universitii seenuu danda’us Afaan Amaaraatiin waan hin dabriniif bara sana universitii seenuu dhorkame. Qormaata Afaan Amaaraas irra deebi’ee fudhatee September 1968 (Meskerem 1960) magaalaa Finfinnee kan jiru Universiti Haile Sellassie seene. Waggaa sadaffaa yeroo raaw’atu akkuma seera universitiitti waggaa tokkoof tajaajila hojjachutu irra ture. Waggaa tajaajilaa kanas Gore tti deebi’uu dhaan mana barumsa itti barate Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Haile Selaassietti barsiisummaa dhaan dabarse. Bara 1973 (1965) Saynsii Polotikaatiin Bachelor of Arts degree dhaan dame Sayinsi Politika fi Mootummaa keessaa tokkoffaa bahuu dhaan eebbiffame. Degree isaas Mooticha Haile Sellassie irraa fudhate. Barmoota sadarkaa kanaa xumuruuf barruun qormaataa barreesse (Thesis) waa’ee polotikaa qabeenya lafa fi jijjiirama sirna qabeenya lafa ture. Keessattuu sirni qabeenya lafaa akkaataa itt lafti Oromo saamamee fi wayyabni ummata Oromo lafa dhabee abbootii lafaaf waan qootee argatu irraa haga harka afur keessaa sadii baasuu akka dirqamaa ture fi sirni kun ummata keenya lafa dhablee taasisuu irra dabree mirga dhablee akka godhes ibse. Sirni lafaa kun ummata Oromo fi ummatoota kibbaa Itiyoophiyaa addatti hiyyuummaa, gadadoo fi mirga tokkollee kan kan hin qabne akka tasise ibse. Kanneen lafa Oromo hirmaatanis irra guddaan kan kaabaa Itiyophiyaa irraa dhufan ta’uu fi lafa sana irrayyuu hin jiraatne ta’uu ibse. Barmoota itti fufuu dhaan Magaalaa Dakar, biyya Senegal kan jiru, United Nations African Institute for Economic Development and Planning kan jedhamu seenee barmoota waggaa tokkoo booda, Economic Development and Planning dhaan bara 1977 dhuma irratt Masters fudhatee jira. Barruu qormaataa barmoota kana xumuruuf barreesse irrattis haala Warraaqsa Itiyoophiyaa bara 1974 (1966) fi akkaataa sunis jijjiirama sirna qabeenya lafaa bara 1975 (1967) argamsiise, qormaata duraan godhe fi muuxannoo hojii dhaan argateen deggerame gamaaggama bal’aa godhee barreese. Dabalees, bara 1998 keessa magaalaa Birmingham, biyya Inglizii university seenee wa’ee nagaa irratti barmoota sadarkaa olii ji’oota jahaaf gegeessee jira. Barmoota sadarkaa Ol’anaa itti fufuu dhaan, bara 2009 Biyya Amerikaa kan jiru University Tennessee irraa, barmoota waggoota shanii booda degree Doctor of Philosophy fudhatee jira. Qormaata (Dissertation) barmoota kana xumuruuf godhe irrattis waa’ee mootummoota wal harkaa fudhaa biyya Itiyoophiyaa bulchanii, keessaahuu fudhatamiinsa dhabuu isaanii fi kana irraa ka’uu dhaan akkaataa isaan keessaa humnaan ummata cunqursuu fi deggersa humnoota aanga’oo irratti rarra’anu xiinxalee barruu guddaa barreesse. Hojii: 1. Akka University Haile Selaassie irraa eebbifameen qooda sochii barattootaa keessatti qabaate fi qormaata sirna qabeenya lafaa irratti godhe iraa hojii akka hin argatne godhamee, yeroo dheeraaf hojii malee ta’e. Akkanas ta’u yeroo isaa hojii politikaatiif dhimma bahe. Oromoota Finfinne keessa jiran fi barattoota University, akasumas kutaalee gara garaa keessatti marsaa barmoota polotikaa fi maadhee gara garaa ijaaruu irratti fi dhuma irratti bobba’e. Boodas, Ministeera Guddina Ummatummaa fi Dhimma Hawaasumma keessatti Godinaa Wallaggatti Toohataa Hojii Gamtaa Godinaa ta’ee hojii jalqabe. Waggaa tokko erga hojjatee booda Magaalaa Hawaasaa, Godinaa Sidaamoo, keessatti kan argamu Kolejii Leenjisa Dagaagina Hawaasaa fi Hojii Gamtaa, keessatti barsiisaa hojii gamtaa ta’ee hojjateera. Yeroo Labsiin sirna qabeenya lafaa bara 1975 labsamus Ministera Jijjirama Sirna fi Bulchiinsa Lafaa keessatti expertii jaarmayaa qottootaa ta’uu dhaan Itiyoophiyaa guutuu keessa socho’ee qottoota ijaaruu irratti qooda ol’aanaa keeneera. 2. Akksaumas University Tennessee keessatti waggoota afuriif barsiisaa ta’ee hojjateera. Dabalees kan biyya Inglizii jiru University Oxford keessatti fi Biyya Amerikaa kan jiru Princeton University keessatti waggoota lamaaf sirna politika-dinagadee addunyaa irratti qormaata geggeessee barruulee adda addaa barreessee jira. 3. Dabalees baroota dabran keessatti jaarmayoota addunyaa gara garaatiif qormaata gara garaa geggeessuu irra dabree akka gorsaattis hojjateera. Hirmaatnaa Sochii Polotikaa: Sochii polotikaa keessatti hirmaachuu utuu barachaa jiruu, keessattuu University Finfinnee keessatti jalqabe. Sana keessattis karaa lamaan socho’aa ture. Karaa tokkoon Sochii waliigalaa barattoota Itiyoophiyaa keessatti qooda ol’aanaa kenneera; akka hoogganaattis filamee barattoota geggeessera. Karaa kaaniin barattoota Oromo yeroo sana University keessa turan ijaaruu fi marsaa qormaataa dhaabuu dhaan dammaqiinsa barattoota Oromo ol kaasuu fi eenyummaa isaanii jabeessuu fi rakkina addaa ummatni Oromo qabu hubachiisuu fi mirga ummatichaaf falmuu irratti kakaasaa ture. Jaarmayaan akkasiin University keessatti jalqabe kunis booda humnoota biraa dabalatee Adda Bilisummaa Oromo bu’uressuutti geese. Bara 1973 qaamna Adda Bilisummaa ijaaruuf utubame keessatti miseensa sadarkaa ol’aanaa ta’e magaalaa Finfinnee keessaa fi Godinaalee gara garaa keessa deemee Oromoota hedduu ijaaruutti milkaaweera. Kora Bu’uressaa Adda Bilisummaa Oromo bara 1976 keessa dhoksaa dhaan Finfinnee keessatti yaamame Dura Ta’aa ta’ee geggeesse. Kora sanaanis Dura Ta’aa Adda Bilisummaa Oromo isa jalqabaa ta’ee filame. Sana boodas biyyoota Awroppaa fi Amerikaa, akkasumas Sudan fi Somaliya keessatti Oromoota ijaaruu irratti qooda guddaa kenne. Bara 1978 haga 1991 dirree qabsoo adda addaa keessatti, Godinaalee Wallagga fi Hararghe keessatti qabsoo hidhatnoo keessaa qooda fudhachuu dhaan baroota dheeraa qabsaawe. Gaafatama gara garaas fudhatee hojjateera, akka ajajaa waraana Dirree Dhihatti, Itti gaafatamaa Dinagdee fi Hawaasummaa, dame Alaa keessatti itt gaaftamaa Jarmayaa fi barruulee, Itti gaafatamaa Damee Polotikaa, Itti gaafatamaa biiroo Somaliyaatti, dirqama adda addaa irratti bobba’ee dirqama qabsoo raaw’ateera. Dirqama isaa irrattis dantaa ummata Oromo dursuu irraa bara 1980/81 mootummaa Somaleetiin hidhamee akka biyyaa bahus godhameera. Kora Lammaffaa Adda Bilisummaa Oromo bara 1989 Hararghe keessatti Laga Gobellee itrratti geggeeffames Dura Ta’aa ta’ee geggeesseera. Bara 1991 kufaatii mootummaa Dargii booda Mootummaa Cehumsaa Itiyoophiyaa keessatti Minstera Beeksisaa fi miseensa mana maree ta’uu dhaan hojjateera. Biyyoota akka Amerikaa, Kanada, Tokkummaa Awroppaa, Beljigi, Holland, Xaliyani, Israel, Gibxii, Nijeriyaa, fi kkf keessa socho’ee mummee mootummoota biyya kanneenii waliin waa’ee jijjiirama yeroo sana biyya keenya keessatti dhalate fi haala Mootummaa Cehumsaa gaafasii irratti ibsa mansiisaa kennuu danda’eera. Gargaarsa hedduus biyya keenyaaf argamsiisera. Mootummaa Cehumsaa keessaa erga bahee booda Keniyaa irraa waraana ABO Baalee keessa ture jabeessuu, logistikii fi yaadaan gumaata gochuu irraatt hojjateera. Dabalees, kibba Oromiyaa, Borana fi Gujii keessatti yeroo duraatiif naannawa sanatti waraana ABO ijaaruu danda’eera. Akkasumas biyya keenya guutuu keessatti dhoksaa dhaan jaarmayaa lafa jala diriirsuu irratti hooggan kennaa ture; qooda guddaas kenneera. Bara 1996 hidhamee Keniyaa irraa akka arihamu kan ta’ee sababni guddaan sochii farra wayyane inni biyya keessatti qindeessu fi waraana Bale, Boorana fi Gujii keessatti inni ijaaraa ture irraa himatnaa mootummaan Wayyanee mootummaa Keniyaatti dhiheeffate irraa ta’uun ni beekama. Kana irratti dabalees hojii alaa irratti bobba’ee hojii diplomasii baay’ee hojjateera. Baroota dheeraa qabsoo keessa ture kana keessatti, mootummoota fi jaarmayoota addunyaa gara garaa quunnamuu dhaan waa’ee ummata fi qabsoo Oromo ibsa gara garaa kennuu fi barruulee adda addaas barreesseera. Haga bara 1998 keessa hooggana ABO keessaa baafametti dirqama qabsoon irraa gaafatu hunda baheera. Sana boodas waan dandeettii keessa jiruun qabsoo gargaaruu irraa of hin qusatne. Baroota dabran keessa Adda Bilisummaa Oromo keessatti fottooqiinsi uumamuu yeroo jalqabu gartuulee gara garaa kana walitti araarsuuf, kannneen dhaabicha bu’uressuu irratti waliin turan biraa waliin carraaqqii guddaa godhe. Carraaqqii waggoota sadii booda, hooggannootni gartuulee gara garaa kun fedhii dhabuu irraa araarri milkaawuu hanqatnaan miseensotni gartuulee kanneenii hundaa walitti dhufanii rakkina qabsoo Oromo keessa jiru irratti Waltajjii Marii Oromo yeroo ijaaranu, isa fi namoota manguddummaa fi araara irratti hojjachaa turan afeeranii mariin bal’aan jalqabame. Marii waggaa tokkoo fi walakkaa booda, dhaabni dhugaadhaan mirga Oromoof falmu haraa bu’uuressuun barbaadchisaa ta’un isaa itti amanamee Addi Dimokratawaa Oromo bara 2013 keessa ijaarame. Kora dhaaba kana bu’uuressuuf taa’es Dura Ta’aa ta’ee geggeesse. Diimaan sochii Oromo qofa utuu hin ta’in sochii naannoo gara garaatti deemaa turan walitti fiduu dhaan kan biyya guutuu ijaaruufis tattaaffii baay’ee godge. Bara 1993 (1985) biyya Faransaa magaalaa Paris keessatti dhaabotni polotikaa Itiyoophiyaa torba walitti fiduu irratti qooda guddaa kenne; walgahii Paris sanas Dura Ta’aa ta’ee geggeesse. Tattaaffii isaa itti fufuudhaan bara 2016 dhaabota afur (Adda Dimokratawaa Oromo, Paartii Ummata Afar, Ginbot 7, fi Sochii Sabummaa Dimkratawaa Sidamaa) walitti fiduu dhaan Sochii Biyyaa Itiyoophiyaa (Ethiopian National Movement yookin Ye Itiyoophiyaa Agerawi Niqinaqee) ijaaruu irratti milkaaweera. Sochii Kanaafis Dura Ta’aa Gumii Hojii Geggeessaa ta’ee filamuu dhaan geggeessaa ture. Dhaabni ADO sochii ummatni keenya baroota afuran dabran biyya guutuu keessatti geggeessaa ture guutummaa dhaan deggeraa karaa danda’u hundaanis qooda kennaa ture. Jijjiirama ji’oota jahan dabran biyya keenya keessatti deemaa jirus bira dhaabbata; akka jabaatus hojjata. Kanaanis dhaabota biyya alaatii turan keessaa jijjiirama kana fudhatanii kan biyyatti deebi’an keessaa isa duraati. Yeroo ammaa jijjiirama kana karaa hundaan akka jabaatu hojjachaa, waan dandeettii isaa keessa jiruun gargaaraa, seenaa qabsoo Oromo fi sirna bulchiinsa Itiyoophiyaa akkasuma Polotikaa qabeenya lafaa biyya keenyaa irratti kitaabban qormaata irraatti hundeefaman barreessaa jira.

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …