Seenaa Itopiya bara 1847 hanga 1983 jedhu afaan Amaaratin profeser Bahiru Zawudee barreese irraan gara afaan Oromooti hike.

Baqqalaa Jirataa irraa*

Dubbistotaf! harra waa’ee haala siyaasa Itopiya ammaa otuu hin taane seenaa wagga 100 duraa kitaba tokko keessatti dubbise isinii hirun fedhe. Seenaa Itopiya bara 1847 hanga 1983 jedhu afaan Amaaratin profeser Bahiru Zawudee barreese irraan gara afaan Oromooti hike.

Seenaa kana maalif akkan hiikee dhiyeesuf barbade yaada kiyya dhuma irra ka’era. Seena kana keessatti maqootin Fitawuraarii (ፊታውራሪ), Ligaabaa (ሊጋባ), Iraas (እራስ), Bitwadad (ብትወደድ), Iceegee (እጬጌ), Dajamasha (ደጃዝማች) fi Mokanint (መኳንንት), Liji (ልጅ), Abeto (ኣቤቶ) jedhan dhalootni ammaa keessuma dhalootni qubeee dhaga’anii waan beekan natti hin fakkatu. kanaafuu maqaa kabaja ykn taayitaa ta’uu isaa akka hubttan.

Jabana Iyaasuu
Iyaasun abbaa isaa Mootii Walloo Mika’el (durati Iraas Ali) fi haadha isaa hintala Miniliki Shawaraggaa irraa dhalate. Minilik Ilma dhiiraa hin qabu.

Xaayitun (haati warraa Minilik) yeroo aangoo irraa dhorkamtu dargagoo Mooti Minilik dhaaluf qopha’u jalaa gufuun tokko buqa’e. Waggaa isaatti bara1903 bakka bu’aa (እንደራሴ) isaa kan ta’e Bitwadad Iraas Tasamman yeroo du’emoo dargagoo Iyasuudhan kan hayi jedhu ni dhabame. Angoo guutu dhunfachu kan isa dhorke kan xuxamee dhumee garuu du’uu dide qama Minilik qofaa dha. Minilik afurri keessa bahudhaf ganaa waggaa lama turutu irra ture. Iyaasun mootii moototaa jedhamuu yoo baateyyuu yeroon aangoo isaa bara 1903 hanga bara 1909 ture, Haata’u malee jalqabuma irratti qixa hin eegamne irraa humni taayitaa Iyaasuu falmu dhalate. Ajaja Xaayitutin Finfinnee akka hin geenye kan dhorkamee ture Iraas Abataan nugusummaa irraa dhorkamuu Xaayituu akkuma baren hamilee injiffannotin gara Finfinnee dhufee barcuma mooti Minilki qabachudhaf yaada kan jedhu oduun faca’e. Karaa tokko bakka Iraas Tasammaa nama isaaf ta’u busee karaa biroo moo Zawudituu (hintala Minilik) fuudhee yeroo isheen muudamtu maqaa isheetin bitudhaf yaala hamin jedhus ture. Dubbichis kan ifa bahe meeshaa masaraa mootichaa keessa jiru qabachudhaf yeroo seenudhaf yaale ture. Waardiyotni masaraa Fitawurarii Gabramaramin oganaman hin seensisnu jedhani giddutti dubbin cimaan erga dhalatee booda Abunin (oganaa amantii Ortodoksii) gidduu seenee dhiigni otuu hin dhagala’in qabbanese. Abataanis gara naannoo bittaa isa jala jiru Kambataatti deebi’uf waligale. Abbaa Iyaasuu Iraas Mika’elif garuu kun gahaa hin turre. Aangoo seerri ilmaa isaatif kennu mormitotni itti baayatanii waan rakkisanif fakkataa rakkoo kana guutummatti dhabamsisudhaf loltota 8000 qajeelchudhan Finfinnee dhufe. Sana boodas Abaataa Kambataa irraa waamsisee/yaamsisee Maqdallaatti ergee hidhamee akka turu godhe.

Kana giddutti kallattiti bahee mullachuu irra of dhoksee kan ture ejjennon Fitawurarii HabeteGiyorgis (Qusee Dinagdee) cimaa dhufe. Kambtaa Abataan dhabe dabalachuu irra darbee oganaa Mokanintota Shawaa ta’ee olbahe. Yeroo tarkanfin Iyaasuu Mokanitota yaaddoo keessa galche Iyaasauu angoo irraa buusuu qindeese, boodas yeroo abbaan Iyaasuu Iraas Mika’el ilma isaa aangootti deebisudhaf yaalii godhe fashalesuu keessatti hojii qulfii hojjete.

Jabanni mootummaa Iyaasuu jabana hibbodhan guutame dha. Afaan guutanii garummaa isaa fi gadhummaa isaa dubbachuun nama dhiba. Carraa isaa ta’ee jabanni Iyaasauu gababaa yoo ta’uu kan isa booda taayitaa qabate Tafarin faalla isaa baroota dheeradhaf Itopiyaa bituu isaa irra yyuu akka maqaan iyaasuu tolaan ka’uu hin barbadu ture. Kanafuu kitabota seenaa baayee keessatti irra deddebi’ame kan himamu muslima ta’uu isaa, qoosaa fi tapha jaallachuu Iyaasuu ti. Kitaabota caalaa ummata qubee hin lakka’intu waa’ee tolaa Iyaasuu dubbata. Baredinni isaa, dandeetti dubbii fi nama isporti ta’uun isaa kan qalbii ummata hawwatan keessaa turan. Qeeqa dalgaa mootummaf xiyyeefannaa hin kennu jedhufille kun kan ta’eef ijollumma isaa irraa kan dhufe jedhee falmaafii ture ummatni.

Iyaasuun yeroo taayitaa isaa gababduu sana keessatti tarkanfii hawaasummaa fi guddina dinagdee cimsu jedhaman tokko tokko fudhatera. Qabeenyi dhunfaa akka kabajamu fi gibira yerodhan akka sasabuu, sirnni himataa fi himatamaa walitti hidhee gidirsuu akka hafuf tarkanfii fudhatera. Akkasumas sirna Leebaa shayi (Hattuu adamsanii qabu) jedhamee beekamu, garuu kan namootni ittin haaloo walirratti bahuf itti fayyadaman seera qabsisudhaf yaalera. Heerrega mootummaa oditii gochisisudhan namoota qabeenyaa fi maallaqa mootummaa ballesan irratti tarkanfii fudhachudhan Itopiyatti Iyaasuun nama isaa jalqabaa ti. Kan nama gaddisisu garuu nama jibbee kana sababefatee hidhuu isaa ti.

Walumaa galatti amalli fi imaammatni Iyyaasuu kan walmormanii fi itti fufinsa hin qabne turan. Karaa tokko imimmaan namoota midhamanii haquuf jecha Afarota qabeenyaa ummata Oromoo jiillee saaman irratti yeroo duulu argina. Baruma sana moo kan bara baraan maqaa isaa xuresaa hafee duula ummata Gimiraairratti adeemsisame oganuu isaa fi namotni kuma hedduutti lakka’aman akka garbudhaf saxilaman gochuu isaa ti. Waardiyota nageenya magalaa eegan xurumbullee (poolisi) jedhamudhan kan beekaman kan dhabe Mootin kun galgala galagalamoo ofumaf seera cabsee jara sanaa wajjin walitti dhukasuu irratti argama.

Kun marti akka laayyotti kan bira darbaman turan. Badii Iyaasutif sababa kan ta’an Gimiraa irratti duuluu fi xurumbullee wajjin walitti dhukasuu isaa otuu hin taane waraana Adawa booda siyaasa biyyatti tasgaba’ee fi waligaltee dipilomaasii mootummota alaa wajjin ta’e jeequu isaa ti. Iyaasun Mokanintoota bara Minilk ulfinaa guddaa qabaachaa turan ayyana irraa ballese. Mootii isaanii Minilikin ajjabanii bakka addaa addaa deemuu akka waan guddatti warra lakka’an mokanintota kana callisanii ta’uu qabu jechudhan kan armaan gaditti dubbifamu kan sammuu isaani cabsu ittin jedhe:
”Yeroo anni namota dargagoo ta’an fudhadhe biyyaa dawwachuf ka’u hayyama kiyya malee na hordofuu hin dandeesan. Furdatanitu, dullomtanitu. yeroo keessan abbaa kiyyaa hordoftani biyya misomsitanitu. amma garuu figdanii jalaa bahuu fi, aritanii qabuu waan hin dandeenyef teesanii dalagaa keessani irratti cimuu qabdu” jedhe.

Ilaalcha gaaridhan yoo ilaalan kan Iyaasuun jedhu isin yeroo keessanitti hojjetanitu, ammammoo Itopiyaa hammayyofte ijaaruun dabareen kan keenya jechuu isaa ti. Mokanintootni garuu haala kanan hin ilaallef.

Iyaasuun kan obsa dhabe mokanintota qofa irratti otuu hin ta’in Minilik mataa isaatti ture. Jireenyaa fi du’a giddutti rarra’ee turuun Minilik carraa siyaasa Iyaasus akkasuma akka rarra’ee hafu waan godhef. Walitti bu’ins wardiyota masaraa fi Iyaasuu giddutti bara 1905 ummames obsa dhabuu isaa kan mullise dha. Miniliki malee goofta biroo kan hin beekne wardiyotni akkuma duratti Iraas Abaataa masaraa seenuu dhorkan ammas Iyaasudhan hin seentu jedhan. Sababni isaas Iyaasuun Minilikin gara Ankobaritti geesisuf yaada qaba kan jedhu waan dhaga’anif otuu nuyi hin du’in mootin keenya masaraa kana hin bahu jechudhan Iyaasuu irraatti karra cufan. Iyaasunis masaraa marsudhan wardiyotaf waan tokkolle alaa akka hin seenef godhe. Dhukasni sa’aa 5 ture gidduu isaanitti banamee namoota 17 kan ta’an du’an. Xumura irratti oganaan amantii Abuna Matiyos gidduu seenee wardiyotni akka harka kennan ta’e. Iyaasunis oganaa wardiyota Fitawurari Gabramaram Begemdritti (Gondar), qondaltota hafanmoo Ankobartti akka hidhaman godhe. Iyaasun injiffanno isaa booda Dajamasha Tasammaa Gazmuu Masaradhaf oganaa haraa muude.

Iyaasun kan qormata keessa galche mokanintota qofaa otuu hin ta’in olaantummaa amantaa Ortodoksitis. Dinootni isaa Iyaasuu ummata biratti jibbisisudhaf akka meeshaatti kan itti fayyadamanis isuma kana. Iyaasun warra amantaa kiristanaa hordofuu wajjin fuudhan walitti hidhatee jiraachun isaa otuma beekamu kan afarsamee odefamu garuu dubartii musilimaa fudhe kan jedhu ture. Bataskana Qacanee Madanalamii ijaarsisuu fi gadami Dabralibanosif gargarsa gochuun isaa dagatamee akka raajitti kan odeefamu Masgidota ijaarsise kan jedhu ture. Himanni bara 1909 Iyaasuu irratti dhiyates manafiqa (nama amantaa hin qabne) kan jedhu ture. Himani kun fakkachuufi didnan duris nama Mahamad Ali jedhamu (abba isaa Iraas Mika’el jechuu isaanii ti) irraa kan dhalate irraa maaltu eegama kan jedhu ture.

Himatichi garuu haqa hin ture. Ragaan biyya keessas ta’a kan biyyota alaa irraa argaman kan mirkanesan yaalin Iyaasuu kirstanummaa Islamummadhan bakka buusudhaf otuu hin ta’in sirna loogidhan guutame haqee muslimoni biyya isaanii irratti akka keessummatti ilalamuu isaanii hambisudhaf ture. Rakkoon iyaasuu imammata isaa ifatti ibsuu fi hojirra oolchudhaf toftaatti fayyadamuu dadhabuu isaa ti. Imammata amanti iaalchisee oganaan Iyaasudhan walgitu Itopiyatti argamera jedhanii yaadun nama dhiba.

Qixa kanaan yoo ilaalame immammatni amantii Iyaasuu biyyattin sabaa, sablamii fi amantalee gurgudda lama qabdu kun biyyaa waqixumma fi haqaan tokkummaan ishee ijaaramu gochudhaf yaalii isa jalqabatti jechuun ni danda’ama. Garaa garumman yaadaa Iyaasuu fi diinota isaa gidduu jiru hagam ballaa akka ta’e kan mullisu himata fulbana 16 bara 1909 Iyaasuu irratti dhiyate yoo ilaalu dha. Himatichi akkas jedha ”Iyaasuun kan Islamni qale nyaachudhan biyyan babalisa jedhee ummata sosoba kan jedhu ture.

Imaammatni haaraan Iyaasuu ummatota biyyatti kan tuffataman akka biyya isaanii irratti kabajaa fi walqixummadhan jiraatanif yoo ta’u karaa biraa mormitootni isaa lammiliee biyyatti humnaan qabatan dhiituu fi gabarsisuu malee imaammata biraa akka hin qabne mullisa.

Himanni manafiquma Iyaasuu irratti dhiyaate amantii kiristanaf yaaduu irraa kan madde otuu hin ta’in yaaddo siyaasaa isaan qabateef amantiiti fayyadamudhaf mija’aa ta’ee waan argamef dha.

Mokanintoota Shawaatif Iyaasuun kan balaa ta’e olaantummaa isaanii qormata keessa galchuu isaa ti. Jabana Minilik kabajamoo fi sodatamoo kan turan jabana Iyaasuu tuffatamuun isaanii isaan aarse.

Kanaafuu otuu Iyaasuun bakka jaallatu Ogaden dawwacha jiruu aangoo irraa isa buusudhaf tumaa tumuu eegalan. Haala kana ibsudhan Iyaasuun dafee akka deebi’u dhamsi yoo isa gahes mokanintota Shawaa isaayyuu hin gahan jedhee tuffidhan deebise jedhama.

Imammatni Iyaasun mokanintota Shawaa dadhabsisuf qabu sadarkaa olaanaa irra kan gahe caamsaa bara 1906 abba isaa Iraas Mika’elin Mootii Wlloo fi Tigree godhee muuduu isaa ti. Mataan isaa Lij ykn Abetoo dha malee mootii ykn mootiimotota kan hin jedhamin Iyaasun abbaa isaatif taayitaa olaanaa kenne. Iraas Mika’elis Kaaba Itopiyaa kallatidhan kan hafemoo karaa ilma isaa harka duubatin to’annaa isaa jala galchee biyyatti irratti Mootii beekamaa ta’e.

Sirna mudama Iraas Mika’el irrattis Abuna Axee Yohanis kan ture Abuna Phexrosin kan durfame jilli tokko kan ergame yoo ta’u Iyaasuu bakka bu’uudhan kan argaman ministera masaraa Ligabaa Walda Gabrel Bashaa fi ministera maallaqa Bajrondi Yigezu Bahabtee turan. Ayyanichaaf midhagina fi kabaja kennudhafis Iyaasun masaraa Miniliki Zawudi fi uffata muudamaa baasee erge.

Imammatni Iyaasu mokanintota Shawaa dallansise kan biroo tarkanfii muuduu fi shaaruu inni fudhate dha. Imammatni isaa kun mokanintota baayedhaf kan tolu hin turre. Fakkeenyaf ministera rayyaa ittisa biyyaa kan ture Fitawurarii Habta gorgis taayitaa dura taa’ummaa mana maree ministirotaa irraa buusee nama isatti dhiyatu Nagadras Haile gorgisin muude. Dajamash Tafarinis (Hayilasilase) madda galii isaa gumuruka Harar fi Dirredawaa irra kasee nama hiriyaa isaa ta’e Yidilbi nama jedhamuf ka’e. Yidilbin naannoo Gambeelas dabalee akka bulchuf mudame.

Tarkanfin kun namoota baayee waan mufachisef Iyaasuu aangoo irraa fonqolchuu yoomiyyuu caalaa barbachisaa ta’ee mullate. Waligalteen Tafarii (Hayilasilasee) fi Habtegorgis Dinagdee yoo itti fufuu baateyyuu kan madde kana irraa ti.

Sana boodas Iyaasun mootummota 3 gurguddo ta’an ija isaanii Itopiyaa irra ka’atanii turan Inglizii, Faransayii fi Xaliyanii irratti yaaddoo guddaa uume. Walabumman Itopiya motummota kana yeroo hunda isaan warersa ture. Sababni isaas ummatoota naannolee ollaa Itopiyaa bittaa koloni isaani jala jiran nu irratti fincilsisa jedhani waan sodatanif. Kanaaf jecha bara 1899 Itopiyan olaantummaa isaani jalaa akka hin baane waligaltee godhan.. Minilik mataan isaas walabummaan Itopiya akka guutuu hin taane waan hubate fakkata. Kanaaf jecha mootummota saden walin imammata diplomasii wal kabajuu fi wal danda’uu jedhu irra gahuu danda’ee ture. Imammatni Iyaasuu garuu kan madalii hariroo alaa kana diigu fakkatee mullate.

Balaan kun mootummota sadenitti kan ifa ta’ee mullate imammata Iyaasun Ogadenif qabu yeroo beekan ture. Iyaasun naannoo sanaf jalala addaa waan qabu fakkata. Akka waan magnetin harkisuu naanna’e naanna’e achumatti deebi’a. Dinootni isaa kan aangoo irraa isa buusanis otuu inni achi jiruti. Imammata amantii irratti akka arginetti yaalin Iyaasuu ummatni sumalee itopiyummaa isaatin kabaja isaaf malu akka argatuf ture. Jalala addaa Ummatni sumalee Iyaasudhaf qabus kan mullate gaafa inni taayitaa irraa buusame ummatich Hararitti duuluu isaa ti. Iyaasun abdii sumaalee cimsudhaf tarkanfii fudhate keessaa tokko nama Abdallaa Sedeq jedhamu nama biyyaa bulchaa Ogaden godhee muuduu isaa ti. Mootummota naannoo sana kolonefatan kan naasisee warerse garuu isa kana otuu hin tane erga isaan naannoo sana qabatan irraa kaase waggota 15 keessuma Inglizii fi Xaliyanii irratti warana banee kan ture qabsa’aa sumalee Sayid Muhamed Abdulleetif gargaarsa hamilee fi meeshaa kennuu isaa ti.

Kun marti kan ta’emoo yeroo waranni adunyaa tokkofan adeemsisamu keessatti waan ta’ef kolonefattota naasisuu irra darbee kan wacabarsisu ture. Yeroo isaan Awurophaa fi giddugaleesa bahaatti Jarmanii fi Turkii wajjin hudhani walqaban Iyaasun ummata Afrikaa kolonii isaanii jala jiran akka fincilan godha jedhanii waan yaadanif Iyaasuun seexana taa’ee itti mullate. Kanuma kan jabeesu Jarmanii fi Turkin (keessumaa Turkin) faayida toftaa Iyaasuun isaanif qabu waan hubatanif akka inni gara kaampii isaanii seenu sosobu eegalan. Iyaasuun gutumatti yoo kaampii isaanii galuu baateyyuu mallattoo inni agarsise kolonefatotni ollaa sadan bulanii otuu hin oolin Iyaasuu taayitaa irraa buusuf warra shawaa wajjin akka dhabbatan isaan gochuu danda’era.

Egaa Iyaasuu taayitaa irraa buusudhaf gamtaan humnota keessa fi alaa kan uumame haala kanaan ture. Mormiin mootummota kolonefatota ollaa hammachaa dhufuun kan ifa bahuu danda’e yeroo isaan qaamee bara 1908 tarkaanfii isaa ilaalchisani Iyaasudhaf xalayaa dininaa barreesan ture. Sana irra darbanii Iyaasuu taayitaa irraa buusuf diinota isaa biyya keessa wajjin erga walif galanii booda muslima ta’uu Iyaasuu kan agarsisa jedhan suuraa fi sanadota sobaa addaa addaa qophesudhan kallatidhan hirmataniru.

Akkuma barame Iyasuu aangoo irraa buusudhaf tummaan godhame kun kan ummataa akka fakkatu godhamera. Himatni inni angafti waa’ee manafiqummaa waan ta’eef oganaan tumaa sanaa dursaa amantii kan ta’e Walda goorgis ture. Warri tumaa kana tumman mana Iceegechatti (dursaa amanti) kan walgahan yoo ta’u kan haala mijeesumoo Fitawurarii Habta goorgis ture. Carraan Iyaasuu kan caalaa gadisisaa ta’e argame warri inni ofitti dhiyeesee mudaa fi badhaasa ture isa ganuu isaanii ti.

Iyaasuu balalefachudhaf kan hin jarjarin Abuna Maatiwos qofa ture. Dinootni Iyaasuu kakuu Minilik akka Iyaasuu hin ganne jedhee kakachise akka irraa hiikuf gaafatanii jennan Iyaasun muslima ta’uu isaatif ragaan qabataman hin jiru jedhee morme. Haata’uu garuu booda dhiibban karaa Iceegee itti baayanan kakuu isaanii irraa hiike. Sana booda Iyaasuun guyyaa masqalaa muslima ta’e jechudhan guyyaa sana taayitaa irraa akka bu’u murteesani hintalli Minilik Zawuditun akka barcuma Minilik qabattu ta’e. Dajamash Tafarimoo (Hayilasilasee) kan gara fuladuratti barcuma dhaalu jedhamee muudame.

Iyaasun taayitaa irraa bu’uu isaa akkuma dhaga’en jijjigaa irraa gara Finfinnetti qajeele. Haata’uu malee waraani Shawaa 1500 ta’u Me’eesoo irratti eegee warana irratti bane. Iyaasunis mo’amee gara gamojjii Afaritti baqachuf dirqame. Waggota shanan itti aananis bakka irraa bakkatti ari’amaa jirate. Akkuma eegame murtee Finfinnee irratti ta’e kana irratti mormmii guddaan kan ka’e Iyaasuu irraa otuu hin taane abbaa isaa Mooticha Mika’el irraa ture. ”Mucaa kiyya bade naa barbada” jechudhan loltuu 80,000 dursudhan Shawaa irratti duule. Karaa Shawas waraanii lakkofsan 120,000 gahu qopha’ee isa eege. Waraanni inni jalqabaa dirree Tooraa jedhamu irraatti onkololesa 7 bara 1909 ta’ee waraanni walloo mo’ee ajajaan waraana Shawaa Iraas Lulseged Axnafsegeds warana kana irratti du’e. Injiffannon argamee fi ergaan jechota haxummadhan guutame Fitawurarii Habtegorgis biraa isa gahe mooticha walloo dagachisan. Warana Adawaa boodaa dhiga baayeen kan itti dhangala’e bakka segelee jedhamu irratti onkololesa 17 bara 1909 ta’e. Waraanni Shawaa toftaa marsani lolutti fayyadamee waranni walloo haala hin yaadnetti rukutamee faca’e. Mootii Mika’els ni boji’ame. Jijjiramni taayitas dhiigan raawate. Jabanni Iyaasuus asuma irratti raawate.

Dubbistotaa! Jalqaba barreefama kanaa irratti maalif akkan amma seenaa kana isinif hiruf barbade xumura irrattan ibsa jedhen ture. Haaluma kanaan seenaa kana irraa maal hubannaa kan jedhu waan gababaduu jechun fedha.

Inni tokkofan aangoo siyaasa qabachuun waaan ummata ofitif hawwan tokko hojiirra oolchudhaf hagam akka murteesaa ta’e tarkaanfilee Iyaasun fudhate ragaa tokko ta’uu isaa hubana. Iyaasuun otuu aangoo guutuu hin qabatin tarkaanfii inni fudhate ummattota hagam akka gammachises seenaa kana irraa hubachuu dandeenya. Iyaasuun bilisummaa cunqurfamtootaf kan dhabbate ture. Namni uummattota biyyatif ta’u nama akka Iyaasuu ti jechu dha.
Inni biraa akkuma hundumtuu beeku siyaasni Itopiyaa haxummadhan kan guutamee ta’uun isaa kan harra eegalee otuu hin taane hundeefama ishee irraa ta’uu isaa ti. Kana keessatti gaheen mootummota alaas kan harraa akka hin taanee fi yoomiyyuu dhiibbaa isaanii jalaa bahuun akka hin danda’amne argina. Imammatni faayidaa isaanii hin eegne hojii irra ooluu hin danda’u. Kana ammallee ijaan argaa jirra. Kanaafuu siyaasaa fi imammatni mootummaas haa ta’uu paartii tokkoo kan kallatidhan faaiydaa isaani tuqu yoo ta’e bakka gahuu hin danda’u jechaa dha.

Inni biroon rakkoo waqixummaa amantii yeroo sana Iyaasuun hiikuf yaalee hanga harratti otuu furmata hin argatin hafuu isaa ti. Dhimmi cimaan harrallee xiyyeefanna guddaa barbadu kan biraa siyaasaa keessatti qulqullummaa guddaan akka iddoo hin qabnee fi abshalummaan akka barbachisu dha. Qulqullumman toftaadhafi abshalummaa wajjin malee akka hin baasne Iyaasu irraa hubachuun nama hin dhibu. Jechafan jedhe malee kun yeroo bayee Oromoota irraa gahera waan haaraa seenaa irraa baruu barbachisu miti.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Afraffaa – Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? …

One comment

  1. Seenaa dhugaatti.galaanni keep bilisumma

Yaada kanaaf deebisaa kenni