Oduu Haaraya

SEENAA GABAABAA J/ GOOTICHA KEENYAA MAAMMOO MAZAMIIRR

kolonel maammoo mazamiir abbaa isaanii obboo MAZAMIIR HABTEE haadha isaanii addee UMMEE GURMEESSAA irraa shawaa lixaa aanaa gudaar keessaatti bara 1929ttii dhalatan dhalatanis umurii isaani gaafa barnootaaf gahu mana barnoota dajjashmach baalchaa magaala guder keessaatti argamu seenuudhaan barnootaa sadarkaa jalqabaa argataan,
akkaasumas barnoota sadarkaa lammaaffaa mana barnoota tafarii mokonnon keessaatti osoo hordofaa jirani mana barnoota leenjii barsiisoota harar irraatti akka barataanfi baratoota yeroo sanaa qabxii olaanaa qaban kwwssaa tokko ta.anii gara magaala harar imala deeman.

Haa tau male fedhiin isaanii yeroo sana barnoota qofa osoo hin taanee dhiimmaa waranaas waan barbaadaniif mana leenji waraana harar seenaan mana leenji kana keessaatti qabxii olaanadhan waan xumuraniif leenjisaa mana leenji waraana harar ta,ani mudaman yeroo muraasa boodas leenjistoota barnoota sadarkaa olaanaa akka barataniif caarraa argatan keessaa MAAMMOO MAZAMIIR isaan tokkoo turan.
Bara 1962tti universty finfinnee irraas digrii jalqabaa barnoota seeraatiin L L B argatan.

Koloneel maammoo mazamiir osoo barnoota mooraa universty finfinnee jiranii ummaata oromoo gurguddoon walitti makamuun gurmaauudhan dhaabaMACCAAF TUULAMA jalatti mirga kabachiisuuf sochii akka jalqaban oddefannoon argatan.yeroo kana irraa jalqabees baratoota mooraa universty finfinnee keessaa gara dhabbata MACCAAF TUULAMAA Keessaatti makamuuf sochii jalqaban keessaa maammoo mazamiir isaa tokkodha.fedhiin isaani kunis milkoomeefii gara dhaabbata kanaati makamudhaan hanga murtoon du.a itti murta,e fannifamaniiti sochiif guddaafi bu.a qabeessaa tae seena ummata oromoo keessaatti rawwaatani akka darban misseensoonni maccaaf tuulama keessa turaan kanneen ammaa lubbuun jiraan ragaa dhuga qabeessaa ni bahu.
Kolonel maammoo mazamiir bara jireenya isaanii kessaattii harka caalu kitaaba seenaaf siiyaasa dubbisaa akka darbarsanif ummata oromoo cunqursaa jala jiruuf sagalee tauudhaan waltajji gargaarsa irraatti falmii cicimoo taasisaa akka turan michuu isaani obboo
TASFAYEE DAGAAGA ragaa bahuu isaan nama amma lubbuun jiruu.

Kun utuu kanaan jiruu M gabroonfataan kanneen waaee ummata oromoofi oromummaa akka lafa kau kanneen hin feene keessa tokko kan ta.e motummaa/sanyii jaldeessaa H/silaaseen himata dhara himachuudhan kolonel maammoo mazamiir gurandhala 10 bara 1967 ummata sinima Ampiir keessaatti walittiqabaman irraattii Boombii darbate namoota hedduu irraatti midhaa geessisee jedhamudhaan guraandhala 28 bara 1969 murtoon du.a itti murtaae!!!

Kolonel maammoo mazamiir gaafa diraama mootummaa dalageen murtoo sobaa irraatti murtaae fannifamuuf jedhan dhaamsa dhumaa akkas jechuun dhammataan innis *dhigni koo mirga ummata oromoo kabachisuuf dhangalateedha male dhiga lafatti badde miti
har.a maalummaa ummaata oromoo balleesuudhaaf nama ummata oromoof qaroo tae damee tokko murtaniis dameen ummata oromoo SAGAL ta,e dhufa*dhiga ummata oromoo bara dhangala,a jiraniis tae bor dhangalau dabalate ummatni oromoo mirga isaa akka kabachifatu hin shakkinaa jechuun ergaa dabarsee,
garuu mooti murtoon kun akka na irraatti rawwaatu godheef fakkattonni isaa dhalattuu oromoo nu booda jirtuun murtoon wal fakkatan akka isaan hin qaqabnee itti naa himaa!!!
Jechuun fannifaman!!

Kolonel maammoo mazamiir himata dharaa ragaa hin arganneen himatamuudhaan bara 1969 mana adabaa GAASHIRE/ALENBEKAGN jedhamu keessaatti fannifaman!”!!!
Kolonel maammoo mazamiir osoo mirga ummata oromootif hin fannifamin dura Abbaa ijoollee 2 turan!

Maddii oromowiki oromo new culcture and language get you tub say seenaa maammoo mazamiir!galatoomaa

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …