Oduu Haaraya

Seenaa fi Hidda Latinsa Oromoo Harargee

Gosoonni Oromoo kan Ilmaan bareentummaa tahan keessaa kan harargee keessa jiraatan ilmaan Humbannaa/Aniyyaati isaaniis ilmaan sadan Sadachaa Baabboo ,Malkaa fi Danbee jedhamuun yammu beekaman ilmaan Afran kodheellee immo Biduu, Annaa, macca fi Kooyyee jedhamuun beekaman.

ilmaan Afran Qalloo immoo Afran ilmaan Qalloo yammuu tahan isaaniis Oborraa, baabbile,Dagaafi Ala jedhamuun beekaman.

Akkasuumaas Guutuu Harargee lixa qabatanii kan argaman Ilmaan Murawwa/Ituu jedhamuun kan beekaman yammuu tahu walumaaa galatti Gosootni kuniis dhuma Jaarraa kudha lammaffaa dura jalqanii seeraa gadaa tokkoon Odaa Bultum jalatti waggaa dhibba hedduuf of bulchaa turuu isaanii seenaan barreeffamaa adda addaa ni ibsa.

Hiddi laatinsa Oromota Harargee akka kanaan gadiitti tarreeffamu
Marawwaa (Ituu)

Afran Mana Ituu 2. Shanan Mana Baabboo

1/ Afran Mana Ituu

Adaayyoo Arroojjii Waayyee Baayee
2/ Shanan Mana Baabboo

Baabboo Algaa Galaan Warra Gaamoo

Humbannaa
Anniyyaa
Sadan Sadachaa Afran kodheellee
Baabboo Malkaa Danbee Biduu Annaa macca Kooyyee

Qalloo
Oborraa Baabbilee Dagaa Alaa

Oborraa
Dagaa Akkichuu ` Bilii Dooranii
Yaasaa Booranii Mangaadhaa Xaayee Gorbee Kuraa Hinee Yaasaa Guutaa Guttayyuu Abbichuu

Baabbilee
Areelee(1) Heeban(3) Hawwiyyaa(2) Girii
Dooyyoo 1. Fagaroo 1. Gundhabee Waalee Waajaroo Lubaayaa
Goonaa 2. Karaalee
Baabboo

Haagloo

Maayaa (7)
Alii
Usmaan
Boonayaa
Dooranii
Hagaloo
Tudhaa
Miyyii
3/ Dagaa

Noolee Jaarsoo (6) Huumee (12)
1/ Haleelee 1/Oromoo 1/ Sirgaalaa
2/ Muchaa 2/ Dawwaaroo 2/ Duudaa
3/ Oromoo 3/ Dhangaa 3/ Warra Daay
4/ Walaabuu 4/ Badii
5/ Warrasay 5/ Oboo
6/ Ogaa 6/ Asaboo
7/ Ibsoo
8/ Onaayaa
9/ Alii
10/ Noolee
11/ Guyyee
12/ Busa
4/ Alaa (12)

Abbaadhoo (4) Abbayyii (4) Gutayyuu (4) Arroojjii (7)
Tuulama 1. Kodhallee 1. Yaasaa A) Sadeen Oboo
Sirbaa 2. Amuumaa 2. Kuutayyaa 1. Baachoo
Kuraa 3. Diiramuu 3. Guuleee 2. Balaalo
4.maayaa 4. Sobaalee 4.yaayya 3. Doogu
B) Afrab Jamjam
1) Diimaa
2) Bonee
3) Waayyuu
4) Abbaadhoo
Alaa

Nuunnuu(4) Goollo(3) Galaan (3) Buubbuu (3)
1, Baabboo 1, Maaruu 1, Dambee 1, Aliimoo
2, Jiddaa 2, Hurratii 2, Iluu 2, Diramuu
3, Itayyaa 3, Jiddaa 3, Morowwaa 3, Kutaayyee
4, Biliidaa
Alaa

Kaakoo (4) Eree(3)
Diiramuu(4) Meettaa(8)4n baddaa 4n Lagaa
1, Hariroo 1, Dooguu 1, Oyloo 1, Ariyaa 5.Maaru
2, Dullachaa 2, Baaduu 2, Corroqoo 2, Buunnii 6.Dullacha
3, Dhanqaa 3, Buraaqsaa 3, Abuunni 3, Daada 7.Biyyoo
4, Adaanoo 3, Abuunni 4,Ooyloo

8.Dimmaa
Weeyrara Alagaatiin Dura Ittiin Bulmaata sirna Gadaa Raabaa fi Doorii Oromoota Harargee
Bara sirna gadaa kana keessatti abboottii gadaa lakkoofsan hedduu ta’aniitu teessoo isaanii Odaa Bultum godhachuun Oromoo Harargee bulchaa turan keessaa akka fkntti Abbaa gadaa Jaarraa Mardiidaa/1193-1200/,Roobaa Dhungataa /1201-1208/,Roobaa Gaamoo/1209-1216/ Roobaa Gobeellee/1217-1224/,Dooyyoo Daarimuu.1225-1232/ fi Harhar Hargaya/1233-1241/ jalqaba irratti warreen eeramaniidha

Haata`u malee lakkoofsi namaa fi horii hedduummaachaa waan dhufeef gosoonni Oromoo kun lafa baballifachuuf gargar fagaatanii qubachuu jalqaban.

Akkaata kanaan Oromoon Afran Qalloofi Anniyyaa gara bahaa godaananii lafa bal’aa qabatanii jiraachuu jalqaban. Iddoon qubatanii jiratan Odaa Bultum irraa baay’ee fagaatte.

Sababa fageenya kanaan seeraafi bokkuu tokko jalatti buluun baay’ee ulfaataa dhufe.

Rakkina kana furuuf gosoota Orommo gara bahaa socho’anii qubatan keessa tokko kan ta’e Oromoon Afran Qalloo Jaarraa 18ffaa keessa konfodereshiinii Afran Qalloo jedhamu hundeessuun sirna gadaa mataa isaani uummatanii ittin of bulchuu jalqaban.

Sirni gadaa ilmaan Afran Qalloo hundeeffatanii ittin bulaa turan kun Raabaa Doorii jedhama.

Teesson gadaa Raabaa Doorii afran qalloo Mooraa Fugug bakka Buluuloo jedhamtutti yammuu tahu Buluuloon Aana Qarsaa naannoo Magaalaa waatar jedhamtu cinaatti argamti.

Korri caffee gadaa Raabaa Doorii walgahii isaa waggaa saddeet, saddetiin gaggeeffata.

Hirmaattoonni kora caffee gadaa Raabaa Doorii kuniis dhiibbaa tokko malee bilisaan yaada isaanii dabarfatu.Korri yaa’ii caffee kun gosa hunda walqixxummaan hirmaachisee nageenyaa fi tasgabbii ummataa kabachiisaa tureera.

Kana malees, sababa bishaan dhugaati fi lafa margaatin walitti buinsa gosa jiddutti uumamaa ture furmaata itti keennuun nageenyaa ummata jiddutti buusaa ture.

Sirni gadaa kun Aadaa,duudhaa,afaan,seenaa fi Amantii saba Oromoo akka hin banne eegee dhaloota irra dhalootatti akka dabru taasisuun guddina Aadaa fi eenyuummaa oromootif gahee bahaa ture.
Gama biraatin gosoonni Afran Qalloo hundi bulchinsa Raabaa Doorii kan mataa ofii qabaachaa turan.

Bulchinsi kunis kora caffee Raabaa Doorii gosaatin hogganama.

Korri gosaa kan rakkoolee xixiqqoo gosa jiddutti umamtu furmaata itti kennuun nageenya hawaasaa tiksu Raaba jedhama.

Haata’u malee rakkoolee gurguddoo gosa jiddutti uumamtu ilaaluuf kan aangoo qabu kora caffee gadaa Doorii jedhama.

Bulchinsa gadaa Afran Qalloo keessatti qaamni aangoo guddaa qabu Caffee Gadaati.

Gara biraatiin Raabni bulchinsa gadaa yoo ta’u

Dooriin waraana gadaati.Hojiin waraana doorii diina ummata irra ittisee nageenya hawaasa Oromoo tiiksuudha.

Ajajaan waraana doorii Abbaa Duulaa jedhama.

Haata’u malee, qaamni waraana labsuuf aangoo qabu Caffee Raabaa Dooriiti.

Hoggantoonni sirna gadaa raabaa doorii karaa dimookiraasiitin ummatan filamanii waggaa saddeet,saddeetin aangoo walif dabarsaa biyya bulchaa turan..

Gama kaaniin gosti Oromoo Anniyyaa Jaarraa kudha saddeetaffaa irra eegalee Caffee Gadaatin of bulchaa turuu isaani seenaan manguddoota oromoo irra argame ni ibsa.

Akka manguddoonni kunneen jedhanitti teessoon caffee gadaa Oromoo anniyya Diida Anniyyaa ykn Burqaa Tirtiraa jedhamti.

Miseensota hoggansaa kora caffee Gadaa Raabaa fi Doorii akka kanaan gadiitti tarraa`aniiru.
Abbaa Fugug(Abbaa Gadaa) – Presidenti
Abbaa Bokku – Itti Aaanaa-Presidenti
Abbaa Chaffe – Waliitti Qabaa kora (Chaffe)
Abbaa Dubbi – Kan Dubbii Ykn Dhimmoota Uumaman akka murtii Argataniif kora caffeetiif dhiheessu
Abbaa Seera – inniis nama heeraa fi seera sirritti beeku fi akkasumaas heeraa fi seera kana kora caffeetiif kan ibsuudha

Abbaa Alanga – Inniis dhimmoota umameef murtii gitu kora caffeettiif kan himu
Abbaa Duula – Ajajaa waraanaatti
Abbaa Sa’a – qabeenya kan toohatu
Hoggansi kora caffee kun Aadaa, seenaa,afaan fi safuu hawaasa beekuufi akka hin tuqamne tiksuuf dirqama qaba.

1.Hiikkaa Gadaa

Gadaan waan jecha tokkoon himamuu miti.

Kana jechuun gadaan hiika hedduu qaba jechuudha.

Innis akka armaan gaditti ibsama.
Gadaan sirni ittin bulmaataa Oromooti
Gadaan maqaa waliigalaa kan ittin bulmaataa dimookiraatawaa taheedha.

Sirna dimookiraasii hayyoota Oromootiin uumameedha. Sirni gadaa heera saba Oromoo guutuu kan siyaasaa, dinagdee fi hawaassummaan sabichaa ittin murteeffamuu dha.

Kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee itti walii galu wabii tokkummaati.
Gadaan sadarkaa umriiti
Sirni gadaa sirna dhalli Oromoo hoodaa fi itti gaafatama adda addaa kan itti qabatanii dha.

Hojiileen raawwatamu hundi sirna gadaan walitti hidhata qaba.

Kana jechuun gadaan sirna aadaa, seenaa, afaan, hawaasummaa, dinagdee Oromoo irratti hundaa’ee ijaarame jechuudha.

Dhallii oromoo sadarkaa umrii waggaa saddeet saddeettin tokko irra gara biraatti dabraa bara saddeetama booda sadarkaa gadamoojjii /kudha tokkoffa irra gaha.

Namni tokko sadarkaa gadaa tokko keessa bara saddeet qofa tura. Yeroo sadarkaa gadaa tokko irra kan biraatti cehu sirna adda addaatuu raawwatama.

Sadarkaaleen gadaa kunis akka armaan gadiitti dhihaatu.
2. Sadarkaalee Gadaa
maxxaarii (0-8)
Sadarkaa kun sadarkaa daa’imaati
Daa’imni sadaekaa kana keessa jiru rifeensi isaa hin haadamu
Daa’imni tokko yeroo sadarkaa kana hulluqu maqaa arkata.

Maatiin daa’iman sadarka kana keessa jiran qaban yoo aannan hin qabne gosaatuu keennaf.

Daa’imni sadarka kana keessa jiru hamtuufi toltuu, firaa fi alagaa addan baasuuf fa’a.

kana malees hibboo fi seenaa akaakkayyuu fi abaabilee isaa irra barata. Akkasumaas, gaggeessa paartii gaafa dhalatan taayta irra ture waliin akka miseensaatti fudhatama.

Sadarkaan kun Oromoo Ituu biratti maxxaarrii jedhama.
Ruubaa/Itti makoo (9-16)
Daa’imni tokko yeroo sadarkaa kana seenu rifeensi irra haadamee booda ayyaanni qophaahee keennaan gabbisaa /goramsa tokko/ keennameefii sadarkaa itti makkootti seena.

Yeroo kana hammachiifamee maqaan baafamaf.

Guyyaa kanarra eegalee maqaan kanaan beekkama. Ijoolleen sadarkaa kana seenani bara afur booda gaammaa haaddatanii, roggee filatan

Gahee hojii isaanii
Bishaan daakuu, farda gulufsiisuu fi sirba fi geerarsa baratu.

Kanamalees hidda sanyii isaanii, hojiitiksaa, adamoo, ispiirtii aadaa fi jibrii foo’uu baratu.

Akkasumaas , siyaasaa (mirga, dirq

ama, seera) fi hawaasummaa baratu.

Dhumma irrattis ayyaana ijoollee kan tabooree jedhamu hiriyaa isaanii walin kabaju.

Sadarkaan kun – Boorana keessatti – Gammee xixiqaa jedhama

Goobama/Dabballee (17-24)
Da’imni sadarkaa Ruubaa keessa dabree sadarkaa goobamaa ykn dargaggoo keessa seena.

Gahee hojii
Leenjii waraanaa baratu
Biyya irra deemuun sirba saban wal baru
Yeroo gadaan buttaa qalu goobamaatuu korma kuffisee qabaaf
sadarkaan kun bakkoota adda addaatti maqaa adda addaa qaba.

Tuulama – Foollee
Borrona – Gammaa Gurguddaa
Gujii – Kuusaa
Afran Qalloo – Goobama
Raaba/Foollee (25-32)
Namni tokko sadarkaa gobama keessa bahee sadarkaa raabaatii seena.

Sadarkaan kun sadarkaa loltummaattii.

Namni sadarkaa kana seenee waraana taha jechuudha.

Sirna gadaa keessatti murni kun murna loltuu ture.

Namni umriin isaa sadarkaa kana seenee hundi loltummaa tahuuf dirqama qaba.

Gahee hojii Raabaa
Leenjii waraanaa baratanii yeroo diinni biyya weerare meeshaa waraanaa kan akka xiyyaa, eeboo, gaachanaa fi fardaan duulanii diina ofiirra deebisu.

Dhimmoota biyyaan wal qabatan barachuu jalqaban.

Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba.

Kunis
Booranatti – Kuusaa
Tuulamatti – Qondaala
Gujiitti – Raabaa
Afran Qallootti – Raabaa jedhamu
Doorii (33-40)
Sadarkaan kun yeroo itti ilmaan kormaa aangoo qabachuuf qophii barbaachisu itti godhaniidha.

Haalii hojii isaanii warra biyya bulchan waliin waliitti hidhata qaba.

Gahee Hojii Doorii
Bakka warri gadaa itti murtii seeraa keennan rakkoo gosaa ilaalanii fi marii adda addaa godhanitti argamanii seea baratan.

Manguuddoo biyyaa irraa aadaa, seenaa, amantii, fi seera baratan.
Yaa’ii caffee gadaarratti hirmaatanii duudha bulchinsa gadaa baratan.
Rakkoolee xixiqqaa uumamte furanii muuxannoo hojii horatan.
Biyya keessa deemanii ummatan wal baru. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba.

Kunis :- Booranatti – Raabaa Doorii
Tuulamatti – Luuba
Afran Qallootti – Doorii /Raaboodoorii/
Gujiitti – Doorii jedhama.

Waluma galatti sadarkaan doorii kun yeroo itti ilmaan kormaa aadaa, duudhaa, seenaa, safuu, seeraa fi heera baratanii angoo qaphachuuf itti of qopheessaniidha.

Gadaa (41-48)
Sadarkaan kun yeroo ilmaan kormaa aangoo siyaasaa itti qabatanii biyya bulchanii dha.

Kana malees yeroo seera itti seeraa ilaalanii rakkoo gosaa furaniidha. Akkasumas abbaan gadaa biyya bulchu yeroo kana filamee hojii mootummaa godhaa itti jalqaba. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba.

Innis :-
Booranatti – Gadaa
Gujiitti – Gadaa
Tuulamatti – Luuba
Arsiitti – Luuba

Waluma galatti sadarkaa gadaa kana keessatti biyya guutuu keessa deemanii rakkoo dinagdee, hawaasaa, siyaasaa fi waraanaa furuuf itti gaafatama qaban.
7.Abbaa Bokkuu(49-56).
8.Abbaa muudaa(57-64)
9.Hayyuu(65-72)
10.Gada Mooji(73 -80)

Sadarkaan kun yeroo murni duraan aangoo irra ture aangoo itti dabarsu keennuun aangoo irra buhuudha. Manguddoonni yeroo aangoo isaanii fixan akka angafootti ilaalaman.

Abboottii Gadaa aangoo irra jiran gargaaran ykn gursu.
3/ Gadaan maqaa miseensoota paartiilee gadaati.

Gadaan oromoo shani ykn gaggeessa gadaa shan qaba. Gaggeessa gadaa jeechuun miseensa paartiilee siyaasaa jechuudha.

Gadaan tokko waggaa saddeet qaba.

Gaggeessi tokko waggaa saddeet biyya bulchee kan itti aanuuf aangoo keenna.

Abbootiin gadaa waggaa saddeet saddeetiin aangoo waliif dabarsu. Waggaan saddeet gadaa tokko maqaa mataa isaa qaba.

Kunis gaggeessa ykn miseensa gadaa jedhama.

Kunis bakka adda addaattii maqaa adda addaa qaba.

Boorana – Gaggeessa Gadaa
Tuulama – Miseensa Gadaa
Ituu – Miseensa Gadaa
Arsii – Miseensa Gadaa
Gujii – Baalii jedhama.
4.Marsaa Gadaa

Gaggeessi gadaa tokko tartiibaan deemee kan jalqabaatti yoo deebi’u marsaa tokko tahu.

Kunis Marsaa Gadaa jedhama. Gaggeessi gadaa tokko waggaa 40 booda bakka isaatti deebi’a ykn aangoo qabata.

Ilmaan gadaa moojii warra gadaati. Kana jeechuun abbaan gadaamoojii yoota’u ilmi isaa abbaa gadaa ta’a.

Gaggeessa Gadaa Afran Qalloo
Hormaata
Sabbooqa
Dibbeessa
Fadataa
Daraaraa fa’a.

Gaggeessii kun tartiibaa marsaan gadaan yoo mul’atu kan armaan gadii

fakkaata.
Sabbooqa

Hormaata Dibbeessa

Daraaraa Foodataa
Waluma galatti gaggeessi gadaa 5 marsaa gadaa tokko tahu. Tartiiba yeroo idileetiin yoo laallu jireenya namaa tokko keessa marsaa gadaa lamaatu jira.

Isaaniis

Marsaa duraa – Gadaa Abbaa
Marsaa Boodaa – Gadaa Ilmaa
Dhalii oromoo tokko guyyaa itti dhalatee eegalee hanga umrii waggaa (80) miseensa paartii gadaa tokko tahee jiraata
Kana jechuun abbaa fi ilma jidhuu garagarummaa umrii waggaa 40 jira.
——————————————————-
Ababoota laamishaahuu fi Guutummatti dhababmuu sirna Gadaa Raabaa fi Doorii
Ittin bulmaatni Mootummaa Raabaa fi Doorii Harargee Kuniis laamshaahuu kan eegale .

Jalqaba jaarraa 18ffaa keessa sababa Abbootiin Gadaa Rabaa fi Doorii tokko tokko Amiirota hararii waliin hariiroo Fuudhaa fi Heeruma uumuu dabalatee Amirota Harararii gosa orommoo lallabachuu barbaadaniif akka gosti moggaafamtuuf godhan booda.

Adeemsi kuniis muudamni Abbaa gadaa akka duraatti kan heeraafi seera sirna gadaa eggatee deemu osoo hin taane Angoon abbaa Gadaa maatii irraa gara maatiitti akka darbuuf xurree saaqe.

Sababnii bara hariiroon kun uumamu Angoon Amiirota kan warra maatii tookko waan tureef Aboottiin Gadaa raabaa fi Dooriitiis Adeemsa kana dhaaluu jalqaban fkn Amiir Ali ibn Da’ud kan bara(1647-1661)bulchaa ture irraa eegalee hanga Amiiraa isa dhumaa Amir Abdullahi ibn Muhammed kan bara(1885-1887)harar bulchaa turetti Amiirumaan Abbaa irraa gara ilmaa ykn obboleessa irraa gara obboleessaattii dabraa turte.

Gara oromootiinis Abbootiin Gadaa adeemsa kanan bulchaa turan akka fkntti Ballaa Buubaa ,Caammaa Nuur,kormooso,wadaay galmoo faan isaan muraasa.

Adeemsa fuudhaa fi heerumaatiin walqabatee Ali ibn Da’ud kan bara(1647-1661)bulchaa ture niitiin issaa oromo Anniyyaa yammuu taatu Amiir muhamad kan(1866-1875)Harar bulchaa ture nitiin isaa oboleettii koormoosoo kan abbaa gadaa afrn qalloo ture yammuu taatu inniis kudha lamaana alaa keessaa gosa warra Abbaadhooti.

Akkasumaas kormoosoos intala Amir Abdul Karim (1825-1834),kadja tan jedhamtu fuudhee akka ture ni himama.

Gara biraatiin naannoon Oromiyaa Bahaa tun Afaan qawwee weerartoota Arabaa jechuun Mootummaan Turkii fi Mootummaan Misraatiin A.L.A bara (1875-1885) Weeyraramuun ittiin bulmaaatni sirna Gadaa Raabaafii Doorii Oromoota hararg kun daran akka laamishaahu ta`e.

Adeemsa kanaaniis Weeyrartoonni kun bakka Abbootii Gadaa Duursitoota Gosaa gosoota oromoo kan naanno kana jiraatan keessaa filanii Maqaa Damiina,Garaada fi Malaaqa jedhamu moggaasuudhaan angoo kennaniifi akka adeemsi ittiin bulmaaata sirna Gadaa sabni kun ittiin walbulchaa ture dadhabu taasisan.

Dhuma irrattis Sirni Gadaa boonsaan Oromoon ofii kalaqatee ittin of bulchaa ture Kun xumura Jaarraa 19ffaa keessa weeyrara nafxanyootaatiin guutuutti Barbadaahuu isaa yaadannoo kaleessaatti.

Xumura

Akukuma jalqaba irratti ibsine sirni Gadaa sirna Dhimma jiruu fi jireenya ummata Oromoo fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada diinagdeefi amantiiti.

Akkaataan jireenya maatii, fuudhaafii heerumaa, hariiroon uumaa, Akkaataan qabannoo qabeenyaa itti loon bobbaasan, ,akkaataan itti qabeenya horatanii dhimma ittiin bahan hundi aadaa Gadaa keessatti bakka olaanaa qabu.
Namuu qabeenya mataa isaa irratti mirga guutuu qaba.

Akkaataan baasiin gumaa, adabni seeraa cabsanii fi sababa biraalleeofitti makanii itti waliin jiraatan hundi aadaa sirna kanaantiin gaggeefamu.

Akka bara saniitti eenyulleen aadaa kana nifudhata.

Murtiin adabbii yoo irratti dabrellee namni sun beekeeti eegumsa tokko malee, taa’ee adaba isarritti raaw’atamu eeggata.

Aadaa kanaa ala bahuun, badiidha, namuu aadaa tahuu isaa waan beekuuf sirna Gadaa keessa jiru osoo keessaa of hinbaasin kabajee jiraata.

Walumaa galatti sirni Gadaa sirna tokkicha ilmaan Oromoo hundi ittiin wal-bulchaa ture har`a addunyaa biratti fudhatama argachuun Galmee UNESCO irratti Galmaa`e waan ta`eef sirna kanaan yoo har’a wal-bulchine tokkummaa Oromoo gutumaan guutuutti mirkaneessuu bira dabree eenyummaan
Saba Keenyaa daran Addunyaa irratti akka beekamu taasisaa.

kanaafuu sirna miidhagaa sabni keenya ittiin walbulchaa ture kan gita bittaan nafxanyaa akka awwaalamu taasise ture kana iddoo jalqabaatti deebi`ee akka dagaagu gochuuf ga`een tokkoo tookkoo abbaa aadaa kan ta`e saba oromoo irraa eegamu ol`aanaa waan taheef gumaachi yaadaa fi beekumsaa nuti gumaachinu eegala dhuma hin qabneedha

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!!Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

SEENAA BIRRAA 1875 FII 1974

Birraa 05, 2017   Abbaa Urjii tiin   Galmee seenaa Oromiyaa keessatti, jiini Birraa, kanneen …

One comment

  1. seenaa baay’ee namatti toluu nu barsiiftee kaanaaf baay’ee si galatoomfanna waan tokkotu naaf hin gallee maali yoo jettee yeroo baay’ee oromoo harargee hoggaa himamu seenaa gasa tokkoo qofaatu himama gosa gurguddo sadeen (3)jiru keeysaa seenaa afran qalloo qofaatu himama maalif kun Taha maalif kuun himamee kuun hin himamee kanuma ammaa kana keeysattuu waa hedduutu mula’ata silaa kun yoo sirraayee baay’ee namatti tola galatomi horii buli

Yaada kanaaf deebisaa kenni