Oduu Haaraya

SEENAA BARREEFAMA AFAAN OROMOOTIIFI SHOORA DR. SHEEK MAHAMMAD RASHAAD

Dr. Abdulsemed Mohammed

 Afaan meeshaa walqunnamtiiti; mallattoo eenymmaatiisi. Akeeka barruu tanaatiif meeshaa walqnnamtii tahuu isaa haafuulleeyfannu. Meeshaa walqunnamtii hoggaa jennu moggaalee lama walitti fida; akka riqichaati isaan tajaajila jechuudha. Kanas bifa lamaan jechuunis: dubbiifi katabbiidhaan tajaajiluu dandaya. Dubbiin sagalee ykn qooqa qofaan  gargaaramanii walitti dubbatanii ykn haasawanii hariiroo walhubantiidhaan xumuramtu qabaachuudha. Haaluma kanaan qubee walitti diranii waan katabbii jennuuniin  wal qunnamtii akkasii qabaachuun hindandayama. Afaan kamuu karaalee lameen himaman  kanaan  hawaasa isaa akka tajaajilu shakkiin hinjirtu. Garuu, ar’allee afaannan baay’eetu sadarkaa dubbii qofatti hornagamee hafee jira. Kanneen gara katabbiititti dhawaataan tarkaanfachaa jiranis muraasaa miti. Afaannan sadarkaa afaan dubbii qofatti bara dheeraa turan keessaa, tokko, Afaan Oromooti. Ragaalee qabnurraa akka hubannutti afaan Oromootiin katabuun erga eegalame hinturre: umriidhaan yoo himne bardhibbee lamaafi cinaa qofa. Qabsoo garasiin godhamte dheertuudha; gufuuleen mudatees baay’eedha.

Akeekni barruu tanaa seenaa barreeffama afaan Oromoo bifa gabaabaadhaan dhiheessuudha. Afaan tokko afaan katabbii tahe jechuun mallattoolee sagaleelee afaan sun keessa jiran bakka bu’an moggaafatee  sirnaan walfaana tarree galchee barruu dhaamsa ittiin dabarfatu ittiin tolchuun dandayame jechuudha.

Mallattooleen afaan tokko ittiin katabuuf mogaafaman waliigalatti QUBEE jennaan. Qubeen afaan tokkoo mallattoolee sagaleelee afaan sun keessa jiran guututti bakka bu’an of keessaa qabaachuu qabdi. Fakkeenyaaf, Afaan Oromoo sagaleelee SODDOMA qaba; soddomman kanarraahi ijaarama jechuudha. Qubeen afaan tokkoof moggaafamtu tan sagaleelee afaan sunii sirriitti bakka buutee laaftutti ittiin barreessuu nama dandeessiftu tahuu qabdi.

Gara akeeka barruu tanaatti ceehuu dura, ifaajee Afaan Oromootiin barreessuuf godhamte ilaalla.  Ragaan harkaa qabnu akka mul’isutti kitaabni duraa Raayya keessatti bara sheekoota Aanniyyi fi Daanniyyi keessa katabame. Kitaabban sun kitaabban manzumaati. Faaruu Rabbiitiifi kan ergamaa Isaati of keessaa qaban jechuudha. Kitaabban sun qalama dibeetaan tuqachaati harkaan barreeffaman. (qalamni gaafasii gobeensa fiinxi qaraa jechuudha). Qubeen ittiin barreeffamaniis qubee Arabaati. Qubeen Arabaa seera dheerina, gabaabina, laafinaafi jabeenya sagalee mul’isan qajeellotti qabdi. Sababa kanaafis namni Afaan Arabaa dubbisuufi katabuu beeku Qubee Afaan Oromoo dafeeti barata; katabuufi dubbisuus laaftutti qomatti galfata. Qubeen Arabaa tuni immoo, Afaan Oromootiif hanquudha.  mallattoolee sagaleelee afaan Oromoo baay’inaan 6 (jaha) tahan bakka bu’an of keessaa hinqabdu. Isaanis:  c, ch, dh, g, ny, ph [q x ?]  hinqabdu jechuudha. Isaan kanaaf mallattoolee jiranirratti waa dabalanii mallattoo hahhaaraya itti tolchuun hindandayama.  Meeshaalee katabbii  afaan Arabaatiif tolfamaniin afaan Oromoo katabuun ykn maxxansuun hindandayamu. haatahu jennee yoo itti seennelle waan baay’ee feesisa: meeshaalee barruutiifi kan mana maxxansaa bifa haarayaan qoranii tolchuu, maallaqa guddaa dhimma kanaaf barbaachisuus diinnagdee biyyaa agabsanii garasitti ramaduu, hundaa’ol immoo mootummaa dhimma kana akka dantaa ofiititti fudhattee hojiirra oolchuuf qaamaa qalbiidhaan sossootu aangoorra jiraachuun dirqama taha. Kanaafuu ifaajeen garasiin godhamaa turte hundi hawwii milkiidhaan wal hingarre taateeti hafte.

Tattaaffiin itti aantu warra kiristaanaatin godhamte. Toora xumura bardhibbee 19ffa pirotestaantoonni warra Orophaa “Macaafa Qulqulluu” gara afaan Oromootti hiikanii maxxansiisuu fedhan. Hojii suniifis Oromticha Oniisimos Nasiib (Abbaa Gammachiis) jedhaniin muudan. Anisimoos Nasiib teessoo isaa magaalaa Asmaraa biyya Ertiraa godhatee Macaafa ulqulluu Afaan Amaaraatirraa gara afaan Oromootti hiikee bara 1886 keessa achumatti maxxamfames. Kitaabni sun “Macaafa Qulqulluu” jedhama. Kan hiikees “Anisimos Nasiib, nama biyya Oromoo” jedha. Qubee Saabaatiin barreeffame. Qubeen Saabaa tanuma Afaan Amaaraatiifi afaan Tigree ittiin barreeffamtu tana. Qubeen tuni sababoota lamaaf afaan Oromootiif mijjooma hinqabne. Sababni tokko, seera dheerina, laafina, gabaabina fi jabeenya sagalee mul’isu hinqabdu. Sababni lammadaa, dubbachiiftoota “vowels”  torba qofa qabdi; afaan Oromoo immoo, 10 qaba; kurnanuuti barbaada. Torban qubeen saabaa qabdu keessaahis lama sagalee afaan Oromoo waliin wal hingitan. Kanaafuu, qubeen Saabaatiin Afaan Oromoo katabuun hindandayamu.

Tattaaffiin Sadaffaan tan qubee Laatiiniin godhamte taati. Tanas bakka lamatti qoonnee laalu dandeenya. Tokko kan Lola addunyaa kan lammaffaatiin dura taheefi kan Lola lammaffaa keessaafi achiin boodaati taha. Tattaaffiin duraa ammas tanuma warra Orophaa (France, German, Italy) fedhii amantii babal’isuu qabaniin godhamte taati. Kitaabban xixiqqaa amantii mataskaana pirotestaantii ykn kan kaatolikii barsiisan qubee Laatin tanuma afaan faransaa, afaan Jarman ykn afaan Xaalyaanif moggaafaman  jijjiirama tokkollee osoo itti hingodhin Afaan Oromoo ittiin kataban. Seera afaan isaaniitiin afaan Oromoo barreessuu yaalan. Rakkoolee gararreetti gara dheerina, gabaabina, laafina fi jabeenya sagalee jennee ibsine sun qaban. [sagalee takka qubee adda addaa tin bakka buusuu fkf  ny —> gn, …]

Kan itti aanu tattaaffii Lola Addunyaa kan Lammaffaa keessa taate taha. Kuni gadaa qubee afaan Oromootiif  aduun baate, gadaa qormaata karaa saayinsii afaaniitiin   maalummaan afaan kanaa sirnaan itti hubatame jechuu nidandeenya. Tattaaffii ogeeysa saayinsii afaanii Martin Moreno warra biyya Xalyaaniitiin godhame taha. Kitaaba saa  kan mataduree “Gramatica della Lingua Galla” jechuudhaan moggaasees bara 1939 keessa maxxansiise. Nama yeroo duraatiif xiinsaga (phonology), xiin-unkaa (morphology) fi walfaanoommii jechootaa qajeellotti hubate waan taheef gadaa suniin “Gadaa Moreno” jedhee yoon moggaase dogongora hintahu.

Qubee MARTIN MORENO

’         A       B        C        Č        D       Ḑ0      E        F        G       H       I          J         K       L        M       N       Ñ       O       H       Q       R        S        Ṧ          T        Ṭ        U       W       Y       Z

Lola addunyaa kan lammaffaa booda haala ilmaan biyyaa barnootaaf gara biyya alaa itti imaltaawaniitu dhalate. Akkaataa biyyaa itti bahaniin immoo,murnoota lamatti qodaman. Murni tokko warra hiree barnootaa bifa qaari’aatiin (scholarship) ykn motummaadhaan ergamanii biyya alaatti deemani. Jarri kuni warra barnoota sadarkaa lammaffaa biyya eessatti fixatanii digrii duraatiif alatti imaltaawan ykn kanneen digrii duraa qaata biyya keessatti univarsitiirraa eebbifamanii digrii Maastersiitiif ykn Doktaraatiif deeman of keessaa qaba.  Isaan kuni biyya itti deeman, universitii itti baratan,  maal akka baratan, yeroo hammam keessatti barnoota sun akka xumuran, maallaqa ittiin jiraataniifi meeqa akka argatan beekaniiti roophilaadhaan gara biyya itti baratan sunitti imaltaawan. Jarri kun yeroo baay’ee gara biyyoota Orophaa ykn  gara Ameerikaati dhaqan. Garri caalu, Ilmaan Amaaraa haa tahan malee, ilmaan sabootaafi sablammiilee birootis hammi tokko hinjiran.

Barattoonni hiree tana argatanii barnootaaf gara Orophaa dhaqan barnoota qofa osoo hintahin nashaaxa siyaasaatis hinhoratan. Siyaasaa gara bitaatti conqoltutti waan amananiif   bitaaleeyyii yaada maarkisistii ykn sooshalistiitiin masakamuufi biyyaas ittiin maskuu kajeelan tahan. Isaan kuni, dura Waldaya Barattoota Tophiyaa kan Orophaa  jechuun beekkamu ijaarratan. Ilmaan Oromoo miseensoota waldaya kanaa tahan keessaa, kanneen Afaan Oromoo gara afaan barruutitti akka tarkaanfatu hawwaniifi hawwii tanaas dhugoomsuuf hojii nama boonsitu hojjetaniifi seenaanis dagachuu hinqabneetu jira. Isaan kuniis Haylee Fidaatiifi Abdullaahi Yuusuf turan.  Kufiinsa Haylesillaasee booda    kan qooda guddaa qabu Haylee Fidaati. Qubee Martin Moreno fudhatanii jijjiirama xiqqaa itti godhuudhaan ittiin barreessuu jalqaban. Qubeen isaaniitiis  kunoo tana.  Qubeefi seera Martin Moreno lafa kaayetti jijjiirama xiqqaa itti godhaniiti kunoo qubee kanatti aantuun as bahan:

A       B        C        Č        D       Ḑ       E        F        G       H       I         J          K       L        M       N       Ñ       O       H       Q       R        S        ṧ        T          Ṭ        U       W       Y       Z

 

Warri Orophaa kuni garuu, waa lama dagatan. Laageen (’) tan namni garii hudhaa ykn hamzaa jedhuun  phoneme (dhamsaga) of dandeesse tahuu dagataniiti keessaa hanqisan. Qabxiin lammaffaan Qubee tanaan biyyatti galanii ittiinis barreessuuf hiree yoo argatan makiinaan barruutiifi manni maxxansaa kanaaf qophaawan jiraachuu dhabuudha dagatan.  Akkasiinuu qubee tana lafa hinkeenye. Bara 1973-1974 keessa kitaabban lama biyya Jarmanitti maxansiisan. Matadureen kitaabban lameenii: tokko Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo kan jedhu yoo tahu kaan immoo Bara Birraan Barihe jedha. Kitaabni duraa, akkuma maqaan isaatuu himutti kitaaba seera afaaniiti. Seera afaanii kan bu’uraa bifa gabaabaadhaan dhiheessa.  Kitaaba kana qopheessuurratti maqaan baay’ee dhawamu Haylee Fidaa haatahu malee, jarri kaanis qooda hinqaban. Kan Bara Birraan Barihe jedhu immoo, roorroo sirni nafxanyaa ummatarraan gayu bifa diraamaatiin dhiheessa. Kitaabban lameen kuni jabeenya fi laafina, dheerina fi gabaabina sagaleelee afaan Oromoo yeroo duraatiif qajeellotti adda baasanii mul’isan waan tahaniif seenaa barreeffama Afaan Oromoo keessatti bakka guddaadha qaban.  Jarri kitaabban kana qopheesse kuni kufiinsa mootummaa Haylesillaasee booda, dhaaba siyaasaa “MEISON” jedhu moggaafatanii gara biyyaa deebi’an. Maqaan “MEISON” Kottoonfii maqaa Afaan Amaaraatiin dhaaba saaniitiif moggaafataniiti (“Mellaa Itiyoophiyaa Soshalist Niqinnaaqee”) Afaan Oromootti (Sochii Soshalistii Idil Tophiyaa) jechuudha.

Yoos sochiin ABO tiis qaata jalqabde. Hoggansa  Elemoo Qilxuutifi Jaarraa Abbaa Gadaatiin  qabsoon hidhannoo dhandhaaramte. Waraanni ijaaramuus barnoota siyaasaa, leenjii lolaatiifi barnoota qalamaa akka argatu, barnoonni kuniis afaan Oromootiin akka kennamu murteeffame. Kanaafuu, Qubee warri MEISON fide guutumatti fudhatan.  Makiinaa Barruutiin barreessuuf immoo, makiinaaleen qubee tanaaf qoramanii tolfaman hinjiran. Makiinaan jirtu tanuma afaan Ingiliizii qofa. Makiinaan Afaan Ingiliizii Qubee Haylee Fidaa ittiin barreessuuf hinmijjooytu. Barkoo ykn baallaa xixiqqoo mallattoolee garii  gararreerra (gubbaarra) jiran harriiqqaadhaan bakka buusanii barreessuu jalqaban.  Kuniis golollee waraqaa ooftu oliifi gad qabuudhaan harriiqqaa ykn qabxii itti godhuu dirqama tahe. Kuniis tarree yaa’a barruu jallisuufi barruus buburreeysuu fide. Yeroo dheertuu fudhachuu malee rakkoon barruu fokkiftu mul’achuun dhimma furmaata saffee itti barbaadan taate.

Gaafas kitaabni “ Fura Afaan Oromoo” kan Sheek Mahammad somaaliyaarraa hulluuqee gara biyya teenyaa seenuu haahimamu malee, harka namayyuu gayuu hindandeenye. Garuu, makiinaa barruu tan biyya keessa jirtuun rakkoo malee ittiin barreessuun akka dandayamu hoggaa dhagayan barbaachaaf karaa bu’an. Dr. Mahammad Rashaad qunnamuun dirqama tahe. Akkasitti booddee magaalaa guddittii biyya Soomaaliyaa moggaasatti wal qunnamanii haasawaafi marii booda Qubee Dr. Mahammad Rashaad fudhatanii ittiin fayyadamuu jalqaban. Qubeen ar’a manbarnoottan keessatti ilmaan Oromiyaa ittiin barataniifi waajjiroota Oromiyaa keessattiis ittiin hojjetan qubee suni. Qubeen sun kitaaba mataduree “Fura Afaan Oromoo” jedhuun bara 1969 keessa dura harkaan barreeffameeti ganna lama booda  yeroo duraatiif maxxamfame. Namni  kana barreessees Sheek Dr. Mahammad Rashaadi.  Qubee Afaan Oromoo bifa arra qabdu kana  Sheek Mahammad Rashaad Abdulleetu itti abbaa. Kanatti aansee Sheek Rashaad eenyu akka tahan beekuuf akkaataa biyyaa itti bahaniifi maal akka hojjetan seenaa isaanii hamma tokko dhiheessuun yaala.

 

Sheek Mohammed Radhaad Eeenyu? Akkamiin Qubee Tolchutti Seenan?

Oromoota barnootaaf biyya alaa dhaqan keessaa, murni lammadaa warra fedhii barnotaaf qabaniin ka’anii ofumaan daangaa qaxxaamuranii biyyaa bahan of keessaa qaba. Jarri kuni mootummaa isaan afeertee qaariyaa isaaniif baaftees   tan irraa kafaltee isaan argitees hinjirtu. Ka galaa (sinqii) qabu gala saa baadhatee, kan hinqabne immoo, dhoortoo kadhachaa miilaan daangaa biyyattii tarkaanfatanii, dura gara biyya ollaa dhaqan. Barnoota barbaacha biyyaa bahuu malee, maal akka baratan, biyya tamitti akka baratan, yeroo hammamiif akka baratan, maallaqa qubsumaaf, nyaataafi uffataaf barbaachisu hinqaban; eebyurraa akka argatanis himbeekan. Kanneen haala kanaan afaan bineensaa bu’anii, dhukkuba hamaadhaan qabamanii ykn beelaafi dheebuudhaan du’a mudatanii  karatti hafan baay’eedha. Kanneen lubbuun isaanii eewalamte keessaa, garii hiree barnootaatin wal dhabanii biyya ollaa miilli saanii dura ejjete sun qubachuufi mu’oya (kuulii) dalagachaa of jiraachuisuuf dirqaman. Muraasa imala isaanii itti fufanii fagaatanii deemanis biyyoota Baha Jiddugaleysaa gayaniiti imala saanii xumuran. Warri haala kanaan biyyaa bahan hundi muslimoota sabaafi sablammii garagaraatirraa dhalatan tahuu isaanii beekuun gaariidha.   Oromoota hiree akkanaatiin miilaan biyyaa bahanii fedhii barnootaaf qaban argatanii sadarkaa digrii duraatiifi tan lammadaa argachuudhaan eebbifaman keessaa, tokko, Dr. Muhammad  Rashaad Abdullee ti.

Sheek Muhammad Rashaad Baha oromiyaa, Godinaa Harargee Dhihaa, Koonyaa Carcar Laga Arbaatitti dhalatan. Hoggaa Umriin barnootaaf geeyse barnoota amantii Islaamaa abbaa saanii jalatti barachaati guddatan. Dr. Muhammad Rashaad barataa faxina turan. Kanaafuu, barnoota bu’uraatiifi kan sunitti aanu yeroo gabaabduu keessatti xumuran. Kana malees, sabboonaa roorroon sabni Oromoo sirna nafxanyaa jalatti mudate isaan anaannachiiftu turan. Hoggaa umriidhaan dardarummaa guutan waahila isaanii tokko wajjiin miilaan Laga Arbaatii ka’anii, dura  magaalaa Ciroo gayan. Achirraahis tirachaa magaalaa Harar gayan. Waan Ciroofi Hararitti argan laalchisee bara 1992 keessa yeroo duraatiif gara biyyaa hoggaa dhufan gaaffii fi deebiin godheef  keessatti akkana jedhan:   “Hoggan magaalaa ciroo gaye, ashkara Amaaraa kan ‘irgiccaa’ dhiituun arke. Magaalaa Hararittiis waanuma akkasiitiin arke. Yoo anaatii ashkarri Oromoo miidhu bakkuma lameen kana jira. Kanaafuu anaafi waahilli kiyya biyyaa baanee biyya Islaamaa dhaqnee rakkoo sabni keenya qabu itti himnee hidhannoo akka nuuf kennan kadhanna. Achirraa hidhannee bombii harkatti qabannee tokkoon keenya gara magaalaa Harar, tokko ammoo, gara magaalaa Ciroo sunitti deebinee  yeroo takka kessatti Ashkaroota bakka lameenuu jiran bombiidhaan daaraa gooneeti saba keenya bilisoomsina” jedheetiin yaade. Yemmuu biyyaa bahaniis akeeka lama qabaachaati turan. Akeekni duraa barachuu yoo tahu kan lammadaa biyyatti deebi’anii diina saba miidhu murruq godhuudha.

Biyyaa ka’aniiti miilaan dura Jibuuti dhaqan. Achirraa dooniidhaan Yaman seenan. Yamanirraahis miilaani Su’uudiyaa dhaqanii magaalaa Madiinatul Munawwaraa qubatan. Hamtuun amna dheeraa kana keessatti qunnamaniis baay’ee nama sodaachifti; lubbuu Rabbi eewalami jedheen qaban malee, nama umriidhaan turee as gayu tahuun akka jabaadha. Yeroo hamma tokkoof Su’uudiyaa taa’aniiti booddee gara Suuriyaatti deeman. Achitti barnoota saanii yoo xumuraniis xalayaa ragaa takkaan malee geggeeffaman. Yoos gara Misratti qaceelanii Universitii Al Azharitti galmeeffaman.  Achitti Digrii Duraa, itti aanseetis Digrii Lammaffaa argachuudhaan eebbifaman. Barnoonni baratanis guddichi (major) barnoota amantii haatahu malee, barnoota hawaasaa (Sociology), xiinqalbii (Psychology), Manxiq (Logic), xiinqoonqa (linguistics) barataniiti jiran.

Dr. Muhammad Rashaad hayyuu hayyummaa saa beekkoomsaan mirkaneessa qofa miti. Sabboonaa hojiidhaan maalummaa saa mul’iseesi. Universitii Al Azhar kutaa afaanii keessa damee afaannan alagaa itti barsiifamuutu jira. Afaannan achitti barsiifaman keessaa, tokko, afaan Amaaraati. Dr. Rashaad suutatti itti dhihaatanii dubbiin dhugaa tahuu hoggaa hubatan seerumaani “Afaan Oromootis nuu naqaa” jedhanii gaaffii saanii dhiheeffatan. Gaaffiin saanii hoggaa fudhatama dhabde “Maalif” akka didamte gaafatan. “Afaan Oromoo Qubee hinqabu; kanaaf dinne” jechuudhaan deebii laataniif.  Haalli kuni hayyicha kana garamitti akka bobbaase tilmaamuun nama hindhibu. Gadaan achiin duraa tanuma ofiif barachuuf itti tattaafatan turte; tan achiin boodaa immoo, saba saa barsiisuuf tattaaffii adda citii hinqabne itti jalqabani. Afaan Oromoo qubee hinqabu; qubee dhabuun kabajaa afaannan biroo argatan isa dhabsiisuun hedduu itti dhagayame. Qubee qabaatee afaan ittiin barreeffamu tahuu akka qabu itti amane. Dirqama kana ofitti fudhatee tarkaanfii saa jalqabe. Tattaaffii Sheek Bakrii Saphaloo qubee Afaan Oromoo uumuudhaan godhaniifi sheekkaniifi darasoota faana Aanniyyiifi Daanniyyi bu’uudhaan Qubee Arabaatin Afaan Oromoo barreessan qoratanii tolaafi gufuu qaban adda baafatanii hubachuu jalqaban. Ulaagaalee barbaachisoo fi murteessoo jedhaniin hunda madaaluu itti fufan. Ulaagaaleen kuniis:

  1. Mallattoon filatamtu tan sagalee Afaan Oromoo sun guututti bakka buutu tahuu,
  2. Namni qubee sun barsiisu laaftutti argamuu; bakkayyuus jiraachuu.
  3. Makiinaaleen ittiin katabaniifi ittiin maxxansaniis lafa jiraachuu

Ulaagaalee sadeen kanaan Qubee lameenuu hoggaa madaalan lameenuu fullahuu ykn bakka gayuu hindandeenye; lameenuu hinkufan.

Qubeen Arabaa ulaagaalee sadeenuu guutuu hindandeenye. Gara mallattootiin afaan Oromootiif hintaatu; hinhanqatti. Mallattoolee sagaleelee Afaan Oromoo jahaaf bakka bu’uu dandayan hinqabdu. Mallattooleen jahanis kanneen akkaataa ammaatti kataban kana: “G, C, CH, DH, NY, PH” . Hanquu tana ibsuuf fakkeenyuma Dr. Rashaad natti himanin dhiheessa. Hima akkanatti barreessinu kana “Dhagaa caphsii cirracha nyaadhu”  qubee Arabaatiin barreessuun hindandayamu. Jijjiirama tokko tokko itti godhuudhaan sagaleelee tana akka bakka bu’an gochuun hindandayama. haatahu immoo, makiinaan akkasitti qoramtee tolfamte lafa hinjirtu; beekaan beekkoomsa kana qomaa qabaatee yoggasumatti barsiisuu dandayuus hinjiru. Kanaafuu, Afaan Oromoo ittiin barreessuuf filachuus moggaafachuus hindandeenyu.

Hayyoota Oromoo kanneen Afaan Oromootiif qubee qoranii qopheessuuf tattaaffii godhan keessaa, kan duraatiifi guddichi, Sheek Bakrii Saphalooti. Qubeen Saphaloo qubee ajaa’ibaati. Qubee takkittiin Afrikaa keessatti dhalattees isii tana. Qubee ilma Oromootiin qoramtee Oromiyaa keessatti dhalatte tahuu isiitiin malees,  qubee saba Oromoo saba qubee ofii qabu taasifte waan taateef ayaa hundi keenya ittiin boonnu, tan   yaadqalbii sabaa ar’aas jajjabeeysituufi niis dagaasituun jedha. Asirratti waa himee taruun fedha. Qubeen Saabaa Qubee biyya Yamanitti dhalattee warra Habashaatiin  gara Afrikaa as goodaante malee Afrikaa keessatti hindhalanne. Ragaalee baay’ee tarree galchinee dhiheessuus ni dandeenya. Akeekni barruu tanaa garuu, kana miti.  Kanaafis kanumaan irra tarree hegere hoggaa feesise itti deebina.

Qubeelee lameenuu tan Arabaatiifi tan Saphaloo gara ulaagaalee lameen irraa boodaatin yoo laalle Arabaatu irra wayya. Kanaafuu Dr. Rashaad osoo Misra jiranuu hamma qubeen irra wayyaa argamtutti  yeroodhaaf  qubee Arabaatitti fayyadamuu turan. Maluma Aanniyyi fi Daanniyyi  jalqabanitti  jijjiirama tokko tokko itti godhanii bifa Afaan Oromoo ittiin barreessuuf maltu taasisan.  Akkasiinuu harkaan malee, makiina barruutiin barreessuun hindandayamne.  Afaan Oromoo qubee qabaachisuuf tattaafachuun isaa akeeka qaba. Akeekni isaatis Univarsitii Al-Azhar damee afaannan alagaa sunitti deebi’ee warra afaan Oromoo Qubee hinqabu  jedheen suniin kunoo“Afaan Oromoo Qubee hinqabaa akka ittiin barsiifamu amma nuu hayyamaa” jedhee  afaan Omootinis  akka barsiifamu gochuudha. “Harki diddaaf deemu daduu hinseenu” jetti Oromoon. Jarri ammas hindidan; tattaaffiin Sheek Mahammad Rashaad Misratti gochaa turees milkaawuu hindhabde. Tattaaffiin Afaan Oromootiif Qubee barbaaduuf jalqabe ammoo, hamilee finiintuufi fedhii cimtuudhaan itti fufte.

 

GODAANSA GARA SOOMAALIYAA

Oduun biyyaa dhuftu yaada biyyatti deebi’uu jedhu haqanqoorteeti nama keessaa fixxi. Warri ofiin biyyaa bahee, alatti baratee biyyatti deebi’e hiree gaariin isaan hinqunnamne. Garii hinhidhaman; garii achi buuteen isaanii hinbeekkamtu. Sabbaba kanaafis biyyatti deebi’uun akka harka ofiitiin du’aaf dabarsanii of kennuutti hubatame. Malli hafe biyya ollaa dhaqanii biyyatti dhihaatanii jiraachuu tahe. Biyyoota ollaa keessaahis Somaaliyaan irra wayyaa taatee waan mul’atteef garasitti godaanuun dirqama tahe.

1991             1939                       1974             1977                       1969

AMMAA     MORENO    HAYLEE FIDAA ABO            Dr. RASHAAD

C                     Č                        Č                  C                            C

CH                   C                        C                  CH                         CH

DH                   Ḑ                       ɗ                  D                           DH

NY                   Ñ                       Ñ                 N                           NY

X                     Ṭ                        Ṭ                  T                            X

SH                    Ṧ                       Ṧ                  S                            SH

PH                    P                       P                  P                            PH

Hubachiisa:

Qubeen ABOn dura ittiin fayyadame kanneen tarree galfaman sun (C, D, NY, S, PH) gararreerraa harriiqqaa ykn sarara xiqqaa qabu. Kan Haylee fidaa ammoo, baallaa qarri lameen ol garagalan ofirraa qaban. Qubeen arra mallattoo “x” tanaan bakka buufamte ammoo, T barreessaniiti qabxii xiqqoo miiljaleerra kaayan.

Dr. Mahammad Rashaadis hamma warra ABOtiin wal hinqunnaman mallattoon qubee arra “X” jennuun tanaaf “TH” katabuudha turan. Booddee marii bal’oo godhaniin qubee Ingiliizii tan lafatti hafte “X” (tan eks) jedhaniin sun maqaa arra qubee Oromoo keessatti qabdu itti moggaasaniiti garri lachuu fudhatee ittiin fayyadame.

Qubee Afaan Oromoo ittiin barreessuuf toltu moggaasuuf biyya keessattiis alattis qabsoo ciccimtuu tu godhame. Qabsoofi tattaaffiin tuniis jijjiirama kufiinsa mootummaa Haylesillaasee booda jajjabaatteeti itti fufte. Mootummaan Dargii  Afaan Oromoo Qubee Saabaatiin  akka barreeffamu murteessite.  Gaazexaa Bariisaa dhuunfaadhaan maxxamfamaa ture ni dhaaltee qabeenya mootummaa tahee akka itti fufu godhe. Gaazexaan Bariisaa dhaloota isiitirraa qubee saabaatiin barreeffamaa turte. Akkasiinuu  Bariisaan  barruulee qubee Laatiiniin barreeffamanii maxxamfaman fuula gariirratti baasuu turte; hanqina qubeen saabaa qabduufi mijjooma qubeen Laatin Afaan Oromootiif qabdu basaqeeysatti ibsuudhaan dubbistootaaf dhiheessuudha turte. Bara Dargii qubee Laatiiniin barreessuu dhiisii yaaduunuu yakka guddaa ture. Ob. Mahdii Haamid Muudee, editara fi qopheessaan gaazexaa Bariisaa, osoo kana beekuu soda takkaan malee, qubee Laatiniin barreessee akka raabsamtu godhee dhaamsa sun ummataan gayeeti jira. Sababni  Dargiin gaazexaa Briisaa humnaan fudhatee mootummaa jalatti akka maxxamfamtu itti godhees kanuma.

Haaluma akkasiitiin wallisaan, sabboonaafi qabsaawaan Oromoo beekkamaan,  Dr. Alii Birraa bara 1976-tti akkana jechuudhaan wallise:

 

 

A, B……………. jennee-k-kaana;

Tanumaan jalqabna;

Afaanuma keenyaan katabnee-d-dubbifna.

Qubeen Oromoo qubee Laatin akka taatu sodaa malee wallise; kaaseeta maxxanseeti raabse; dhaamsa kanaasummataaf labsuudhaan aantummaa Qubee Oromootiif qabu ifatti ibsee kumaatamoota barsiisee qabsoodhaaf kakaase.

Yeroo sun mootummaan Dargii afaan Oromootiif Qubee Saabaa moggaafte. Kitaabban barnoota bu’uraa ni qopheessite;  duula beekkoomsaafi guddinaa jechuudhaan barattoonni biyyattii akka duulanii ummata ijaataniifi barsiisan ni labsite.  Hayyootaafi sabboontoonni dantaa Oromootiif anaannatan hundi qubeelee lafa jiran keessaa tan mijjooma qabdu qubee Laatin qofa tahuu barsiisuufi falmachuu isaanii itti fufan.

Dr. Muhammad Rashaad beekkoomsa biyya alaatti baratan saba saaniitiif qooduuf biyyatti deebi’uun harka ofiitiin du’aaf of kennuu itti taate. Misraa deemuun dirqama; malli biyyatti siqanii qubachuuf filmaanni biyya takka qofa tahe. Biyti gaafasitti irra wayyaa Soomaaliyaa waan taateef garasitti godaanaan. Yeroon yeroo J/ Ziyaad Barree mootummaa Abdirashiid Ali Sharmaarkee fonqolchee aangoo itti dhunfate turte. Ziyaad Barreetis siyaasaa gara bitaa awaddu ofitti fudhatee biyyattii daandii soshalistiirra kaaye. Afaan Soomalee afaan barruu tahee akka ittiin barsiifamuufi ittiinis hojjetamu ni murteessan. Qubeen filataniis Qubee Laatiin taate. Koreen dhimma kana geggeessitee fiixa baaftuus ni jaaramte. “Sheek Mohammed Rashaadiis miseensa koree sunii akka tahu godhame” warri jedhu ni jiran. Ani garuu, ragaa dhugooma waan kanaa mirkaneessu ammoo, hamma ammaatti hin argine.

Somaaliyaatti hoggaa godaanan wanni duraa bakka qubatan qabaachuudha. Itti aansee biyyaafi qilleensa biyyaatiin wal fudhachuudha. Sun booda osoo hin turin waan sabaaf tolu argamsiisuuf tattaaffii isaanii itti fufan. Dr. Mahammad Rashaad ummnni bal’aan akka baratee, waa hubatee, dammaqee bayyanatu hawwan. Karaan garasitti nu geessu karra qaba; karri suniis barnoota jedhan.  Hawaasa Oromoo kan halaala jiru kana halaalaa barsiisuuf  afaan Oromoo afaan Miidiyaa akka tahu gochuu feesisa. Kana jechuun: gaazexaa, kitaabbaniifi barruulee ummanni irraa baratu maxxansanii raabsuu; raadiyoofi TV keessaan ummata gurra ykn gurraafi ija ummataa gayuu barbaachisa. Hawaasa dubbisuufi barreessuu hin beekne kan akka hawaasa Oromoo hoggaa tahe wanni miidiyaa elektronikaa caalu hin jiru. Raadiyoo keessaan dhaamsa qabdu bifa sagaleetiin akka dhagayutti gara gurra saa erguu, ykn TV keessaan dhaamsa qabdu bifa suursaga  (suuraa fi sagalee) taheen gara argaafi dhageeytii ummataatiif qilleensarraan itti erguudha.  Namni waan qabuun, waan dandayuuniifi waan lafa jiruun jalqaba. Tattaaffiin jalqabaa afaan Oromoo raadiyoona akka seenu gochuudha. Sheek Rashaad kana hoggaa himan akkana jedhan: “Ani beekkoomsa xiqqaa tokkoon qaba; Raadiyoo hinqabu; maallaqa bahii hojii tanaatiif feesisuus hinqabu.

Abdiin kiyya Tokkicha na uume qofa. Akka na gargaaruus shakkii hinqabu. Kanaafuu Isa abdadhee Isarra of kaayeetiin qondaalootafi itti gaafatamoo Raadiyo Maqdishoo bira dhaqee Afaan Oromootis akka nuu naqan itti iyyadhe. Sababoota siyaasaa, kan diplomaasiitiifi kanneen adda addaa dhiheessuudhaan “Lakki, lakki. Kuni Tophiyaa wajjiin wal nu lolchiisa; seera akkaataa ollaan waliin itti jiraatu ni cabsa. “Kuni hin tahu” naan jedhan. Ani garuu, hifaataan maleetti itti deddeebi’ee,  yaada fi mala garagaraa itti dhiheessuudhaan tura keessa deebii jaalannu nuuf kennan. Afaan Oromoo raadiyoo maqdishoo ni seene. Haa tahu ammoo, Afaan Oromo jechuu nuf hayyamuu ni didan; diduu qofa miti, nuus ni dhoowwan. Faraqaa Afaan Qottuu” akka jennu nutti himan. Raadiyoonni sun arra hin jiru; yaadannoofis kunoo akkanatti jalqabuu ture: “Kun Raadiyoona Maqdisho qooqa Jumhuriya Dimoqraasii Somaalee faraqaa Afaan Qottuti) jechuu ture. Booddee tura keesaa ammoo, “Kun Raadiyoona Maqdisho qooqa Jumhuriya Dimoqraasii Somaalee faraqaa Afaan Gaallaati” jechuutti jijjiirame.Guyyatti sa’aa takka dabarsuu ture; qophiilee adda addaa: oduu addunyaa, gorsa fayyaa, barnoota amantii, haasawa manguddoo, walleefi muziqaa, kkf ).  Raadiyoonni sun ummata ni gammachiise; ni barsiise; ni bayyanachiise; ummata dantaa ofiitiif falmatu ni taasise. Bifa waliigalaatiin humna qabsoo itti aantuuf qophaawe ni uumte.  Hayyichi Afaan Oromoo afaan raadiyoo akka tahuu tattaafatees Dr. Mahammed Rashaad Abdulleeti.

Tattaaffiin hayyichi kun Somaaliyaa keessa osoo jiruu godhe itti fufa qabsoo Misratti jalqabamte tahuu dagachuu hin feesisu. Tuniis Afaan Oromoo Afaan ittiin Barruutiifi afaan barnootaa gochuudha. Qubee ulaagaalee sadeen gararreetti ibsaman guututti qabdu moggaasuu, mariidhaaf dhiheessuu, hoggaa fudhatamtees Qubee Oromoo tahuu sii murteessuudha.  Tattaaffiin garanaan biyya keessatti godhamaa turte gufuu adda addaati mudatte. Gufuun duraa warra Afaan oromoo  afaan katabbii (afaan barruu) akka hin taane fedhan hunda of keessaa qaba. Isaanis mootummaa Nafxanyaa, nafxanyoota yaada mootummaatti amananiifi kanneen yaadqalbii suniin masakaman hunda of keessaa qaba. Jarri kun bifa dandayan hundaan afaan Oromoo afaan barruu akka hin taane gochuuf tattaafatan. Hamma bara 1974 Qubee fedheen afaan Oromoo barreessuun yakka ykn wanjala ture. Ergas ammoo, bara Dargii keessa qubee Saabaatiin malee, qubee biraatiin afaan Oromoo barreessuun yakka tahuun itti fufe. Arra garuu, seeraan murteeffame: Oromiyaa keessatti afaan Oromoo afaan barruu, afaan hojiitiifi afaan barnootaati. Murtii tanaas walgahii Duraa tan Caffee Oromiyaatu murteesse.

Gufuuleen tattaaffii tana heewasan biyya alaattis hin hanqanne. Humnoota gaafa Soomaaliyaan qubee Laatin moggaafatte dura dhaabbate suniitu afaan Oromootis heewasuu jalqabe. Jarri kuni akka warra Habashaatti qubee Saabaa haa tahu hin jenne. Waa mara ija amantiitin laalan; qubee Arabaa filachuu dhabuun akka waan  amantii diduutti hubatan. Gariin isaanii tafsiira (hiikkaa) haaraya tolfataniiti “Laatiin jechuun “Laa diin” ykn (Amantiin hinjirtu) jechuu waan taheef irraa dhaabbadhaa” jedhan. Jarri kuni qubeen Arabaa Diin-Islaam dura, gaafa jaahiliyyaa  dhaamsa zamana jaahiliyyaa ittiin barreeffamaa akka turte dagachuun isaanii ni mala. Garii ammoo, jaalala amantii ofiitiif qabaniin qubee Arabaatiifi afaan Arabaa bay’ee jaalatan. Qubee Arabaa afaan Oromootiif moggaasuun amantiin sun akka babal’atuuf haala mijjeessuu akka tahetti amanan.

Jaarmayni dhiibbaa akkanaa gochaa turte takka Raabixatul Islaamiyyaadha. Raabixaan tuni biyyoota ollaa (Suudaaniifi  Soomaaliyaa)  keessatti qubeen Arabaa afaan Oromootiif akka moggaafamtu dhiibbaa cimaa gochaati turte. Dhibbaa tana fashalsiisuuf tattaaffiin Dr. Mahammad Rashaad Soomaaliyaa keessatti godhan kan seenaan dagattuu miti. Walgayiilee garanaan godhamaa turanirratti argamuudhaan ibsa bal’aa raga gayaa diduun hindandayamne iin waldhiheessaati turan.  Hayyoota gaafas tattaaffii sun keessatti hirmaatan keessaa, tokko, Ob. Xaahaa Abdii akkana jedhan: “Dhiibbaan Raabixaan gootu cimtee hunda keenya hifachiiftee abdii nu kutachiisuu bira geyseeti turte. Haala sun keessatti anaa garaan na gubatee rakkachutti jiru Sheek Mahammed Rashaad :  “Qubee Arabaatiin afaan Oromoo katabuu narra ka moyxannoo itti qabu hin jiru.Rakkoo, dhibdeefi hanquu qubeen tun qabdu ka beeku ana. Yeroo ammaatti garayyuun madaallee hoggaa laallu qubeen qubee Laatinirra afaan Oromootiif mijjooytu hinjirtu. Garanaan anaatu warra Raabixaatin falmaati abshir je’aa” jechuudhaan garaa nu qabbaneesse” jechuudhaan ragaa bahe. Akkuma jedhanitti Dr. Rashaad muggutii Raabixaatirra aananii barreeffamni Afaan Oromoo bifa isaan maluun daandii guddinaarra akka qaceelu qooda daaddaa hin qabne gumaachaniiti jiran.

Tattaaffii Qubee afaan Oromoo moggaasuuf godhamte keessatti kitaabni duraa “FURA AFAAN OROMOO” yoo tahu bara 1969-itti Maqdishotti barreefame. Kitaabni sun mootummaa Somaaliyaatin hin fudhatamne. Inumaatuu bifa suniin maxxamfamuun isaatuu akka yakkaatti ilaalame Sheek Rashaad qabanii hidhuuf warra nagaya eegu itti bobbaasan. Jaarsi garuu, mimmiliqaa jiraateeti manguddoo keessaan ofirraa qabbaneessee fedhii isaaniitis hubate. Gaafas Somaaliyaan Ogaadeeniifi lafa Oromiyaa kutaa bahaatiifi kan kibbaarraa ciqqaawwatanii muratanii biyya “Soomaaliyaa Guddittii” (Soomaali Weyn) ijaaruuf shakaran. Eenyummaa saba Oromootis haaluudhaan maqaa haaraya “Soomaali Abboo” jedhanii waaman itti moggaasan. Kitaabni Fura Afaan Oromoo yakka tahee magaalaarraa guuramuunis sababni saa kana. Suniis “Fura Afaan Abboo” tahee akka maxxamfamu ajajan. Mataduree malee qabeentaan kitaabaa ka duraaniitin addaa miti.

Sheek Dr. Mahammad Rashaad, kitaabban baay’eedha barreessan. Baay’een achiin dura waan hin barreeffaminiif isaatu ka duraa taha. kitaabban ijoollee barreessuuf inni ka duraati. Qur’aana guututti gara Afaan  Oromootti hiikuudhaaf inni ka duraati. Kanuma bifa lamaan  barruufi sagaleedhaan biyyaaf qopheessuu isaatinis inni ka duraati. Kana malees kitaabban amantiitiifi kan hawaasaa kanneen adda addaa kitaabsuu isaatiif inni ka duraati. Isaan keessaa hamma tokko: Hadiisa Afurtamman Nawawii, Seeraafi Naamusa Hajjii, Gadaa Islaamaa (Hundeelee Amantii Islaamaa), Tajwiida Qur’aanaa (Akkaataa Qur’aanni Itti qara’amu), Manxiq (Logic), kkf. Kanneen malees, kitaabban Sheekkoo walalooleefi gorsoota adda addaatis barreessaniiti jiran. Ija kanaatiin ragaalee lafa jiran  hundaan Sheek Mahammad RashaadAbbaa Barreefama Afaan Oromooti” yoon jedhe itti xiqqaata malee, itti hin guddatu. Sheek Mohammed Rashaad umrii saanii guutuu Oromoo fi Oromummaaf waa buusuuf wareega godhan. Waggoota hamma tokko dura osoo Su’uudii jiranuu faalij irra gayeeti yeroo dheertuuf dhukkubsatan. Booddee gara biyyaa ofiitti galanii magaalaa Dirree Dhawaatti, Caamsaa 25, 2013 du’aan adduyaa tanarraa galan.(Rabbi Rahmata Isaaniif Haa Godhu; Ol’aantii Jannataa Jannatul furdowsiin isaan haa qananeeysu)

Dr. Sheek Mahammad Rashaad hayyuu ummata ofii dagatee osoo humaa hin dhiisiniif  aakiratti deeme miti. Marsaa internet keessatti “Bakka Rashaad” jedhee “website” ofii ijaarratee hojiilee saa kan bara hedduu achirra kaayeeti dhaalmaya dhalootai kaniifi kan hegereetiif gayu dhiise. Kana gochuu isaatiin ammas hayyuu duraa  tahuu saa hundi keenya ragaa dha. www.rashaad.org dhaqaati dhaala isiniif lakkise daaw’adhaa.

 

Hikkaa Jechootaa

Waaheellan barruu tana osoo ummatatti hi bahin dura  dubbisan “xumuratti hiikkaa jechootaa yoo itti dabalte gaarii dha” jedhanii waan na gorsaniif kunoo itti dabalameera. Bakka barbaachisutti jechi hiikamu uunkaa barruu tana keessatti ittiin mul’ate qofa osoo hin tahin hundee isaatii fi hortee achirraa dhalatanis ni dhiheessina.

 

Awaduu        this is in the infinitive form and it means “to tilt towards”. Synonyms afaan Oromoo: conqoluu, golisuu

Ciqqaawuu   it is a verb in the infinitive form. It means cutting into small chunks (originally used for trees ad tree branches) but now extended to other similar actions.  Like the scrumble land.

Dhoortoo      has two meaings: one is “a begger”singular, or “beggers” plural both in  the  noun form , the other is “begging” a gerund. Dhoortoon hulaarra ejjitii maaliin kennaaf? A begger(s) is by the door what should I give him/her/them?   Dhoortoodhaan jiraata. He lives by begging.

Dibeeta         it means INK . It is a solution made by mixing water, soot, natural gum and other things.

Hornagame :           In the article the word appears in this form. It is a passive verb from the derivative /hornagam-/ meaning “to be limited” and “Hornagame” would indicate a passive verb of the 3rd persone singular of masculine gender the past tense.  Its root verb is /hornag-/ , a active verb whose English equivalent is “(to) limit”. Here (to limit) is included with “(to)” in bracket  only because it has a meaning close to the infiitve form of the English verb. Otherwise, /hornag-/ is a verb root and not in its infinitive form which as /hornaguu/ which exactly has the meaning “to limit”. There is also the Noun form (“Hornaga) meaning “Limit”.  The statement “sadarkaa afaan dubbiititti  hornagame.” Means “It was limited (forced to remain) to the level of a spoken language only; not allowed to develop to a written language.

Shakaruu      it is a verb in the infinitive form; it is related to hyperactivity or elated behavior which is usually goal directed to get some thing, or attain a certain goal, or do or perform a certain activity.

Suursaga       this is a word coined by blending two words (suuraa & Sagalee) to bear the meaning just like “VIDEO”. Blending is done based on the method the Oromo people used in the past:  ex. Abbuuddoo (“the thumb”) from Abbaa and guddoo; qoollajjii from (qoola and jiidhaa) meanig (“freshly removed animal skin after killing”) , and many more: ogbarruu, seerlugaa, xiinsaga, kkf

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …