Oduu Haaraya

Sababa daawwii Obaamaatiin Jiraattonni Finfinnee jeeqamaa jiru.

OMN:Oduu Adol.26,2015 Daaw’annaa Pirezidaantiin biyya Ameerikaa, Baaraak Obaamaa, Itoophiyaatti taasisan waliin walqabatee, biyyattiin humnoota nageenyaatiin muddamtee akka jirtu himame; Sakkatta’insa hunoonni kunneen raawwachaa jiraniinis ummanni rakkachaa akka jiru maddawwan Oromiyaa Midiyaa Network gabaasan.
Maddawwan Oromiyaa Miidiyaa Network akka gabaasanitti, humni nageenyaa olaanaan Poolisoota Federaalaafi naannolee akkasumas humna waraanaa biyyattiirraa walitti babahe biyyatti bakkawwan garagaraatti ramadamee maqa nageenya eegsisuutiin namaafi konkolaataa karaarra deemu hunda sakkatta’uurratti argama.
Maddawwan keenya Finfinneetti argaman akka jedhanitti, Finfinneen humnoota tikaatiin weeraramttee, waraanni addaa hidhannoo guutuudhaan ramadamee sababa nageenya eegsisuutiin magaalattii hunkuruurratti akka argamuufi ummata bahaafi galasaatti sakkatta’insaan rakkisaa akka jiru raga bahaniiru. Hunmi waraanaa kun sammiirraan helikooptarootaan deeggaramee, lafarratti daamdiiwwanirratt fageenya meetira shan shanirratti dhaabatee akka jiru kan himan maddeen Oromiyaa Miidiyaa Network, soda gara garaa ummatatti naqq akka jiran dubbatan.
Boolee Buufata xiyyaaraa irraa eegalee hanga Masarraa Itoophiyaatti karaarra dhaabbachuufi konkolaataa karaarra dhaabuun dhorkaa ta’uusaa kan addeessan maddi Oromiyaa Miidiyaa network, magaalattiin haala mul’attee hinbeekneen eegamaa akka jirtu himanii, Mootummichi rakkina ummannni qabaachaa tureef xiyyeeffannaa lagee, ooggantoota biyyoota birootiif akka hintaane ta’ee mul’achuun ummata guungumsiisaa akka jiru yaada ummatarraa argatan wabeeffachuudhaan gabaasaniiru.
Magaalaa Finfinneetti, daandiiwwan keessummaan irra deema jedhaninn yaadan hunda haala armaan dura mul’atee hinbeekneen qulqulleessuudhaan haala qabatamaa ture dhoksuurratti akka argaman kan addeessan maddi Oromiyaa miidiyaa network kan biraa, yeroo kanatti namoonni harka qalleeyyii mana dhabanii daandii Finfinneerra jiraachaa turan karaarraa guuramanii bakki geessan akka hinbeekamnellee himaniiru. Kunis waan dura hinjirre, dhufaatii pirezidaantichaatiif qofa fakkeessaa akka jiran dubbatanii, gochi mootummichaa amantaa ummataa ofirratti dhabsiisaa jiraa jedhan.
Maddi Oromiyaa Miidiyaa Network kan biroon Oromiyaa Bahaatti argaman akka jedhanitti, Magaalota akka Adaamaa, Shaashamannee, fi Hararitti konkolaattota buufatawwan garagaraatti dhaabsiisuudhaan sakatta’insa humnoonni tikaa Itoophiyaa raawwataniin ummanni dararaa argaa jira.
Maddawwan kunniin akka jedhanitti, dhufaatiin Pirezidaantichaa faayidaan ummataaf kennurratti amanataa hangas jedhamu akka hinqabne yaadawwan ummataa bu’ureeffatanii gabaasaniru.

Gabaasaan Tasfaayee Laggasaa ti.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …