Oduu Haaraya

S I I F S I I N—Barruu Oromiyaa keessa caf’ jedhee guute….

 

Bu’aa Ba’ii Maraa Dabarsinee kunoo SIIFSIIN jildii 7ffaa saba Oromoon geenyee jirra. Dabalataanis, Jildii 8ffaa hojjennee xumuruurratti argamna. Qabiyyeewwan utubaa sadii gurguddoo jalatti kan haguugame SIIFSIIN dhaloota haaraa haala qarshii madaalawaadhaan dubbisiisuurratti argama. Dargaggoonni hedduunis gurguratanii ittiin bu’aasaatiin buddeena nyaatanii jiru. Xiyyeeffannoon keenyas 1ffaa, Kalqa Ogbarruu Oromoo (Asoosama gaggabaaboo, walaloowwan, baacoo gaggabaaboo, haqawwaan ajaa’ibsiisoo…), 2ffaa, Afoola uummata Oromoo (Oduu durii, baacoo, hibboo, mammaaksa, tapha ijoollee, faaruu seenaa, ateetee, dhiichisa, mirriga, tabaallii,faaruu waaqaa, oduu duriifi kkf….)f I sadaffaan Beekumsa waliigalawaa (seenaa goototaa, seenaa artistootaa, seenaa namoota akka addunyaatti jiraniifi dhaloonni irraaa waa hedduu baratu, gorsawwan dhimmoota qonnaafi haala muuxannoo waljijjiirraa daldalaafi kkf) kan uummanni keenya irraa muuxannoo gonfatu baay’ee xiyyeefata taasifatee hojjechuurratti argama.
Qopheessitoonni Barruu Siifsiin warreen Armaan gadiiti!

1.Alembirhaan Fiixee Ciibsaa-Dayirektera Olaanaa
Teessoo: 0911782685
chibsaf@yahoo.com
2. Beekan Gulummaa Irranaa – Gulaalaafi Barreessaa olaanaa Barruu SIIFSIIN.
Teessoo:
Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa
PhD Candidate, Documentary Linguistics and Culture
Addis Ababa University
Email: beekanguluma@gmail.com
beekangulummaairranaa@gmail.com,
Skype name: hayyuubeekan
Face book. facebook.com/beekan,guluma or
beekan.guluma@facebook.com
Cell Phone. +251(0) 0939508211
call skype logo+251(0) 911074437
3. Dassalenyi Kabbadaa Qananii-Gargaaraa Gulaalaa Olaanaa
Teessoo
0911940875
desalegn@ayaana.net
desalengnkebede4@gmail.com

4. Darasuu Abdiisaa Bayyanaa –Dezayinerafi ‘Layautera’ olaanaa.
Teessoon:
0919370922
beekaabdii@gmail.com
deresu@ayaana.net
4 . Dassalenyi Kabbadaa Qananii-Gargaaraa Gulaalaa Olaanaa
Teessoo
0911940875
desalegn@ayaana.net
desalengnkebede4@gmail.com

SIIFSIIN’ Barruu Uummataa Dhaabbata Maxxansaa Ayyaanaatiin Qophaa’udha

Kaayyoon keenya warreen gurguddoonis:

Aadaa Dubbisuu uummata Oromoo Dagaagsuu
Afaan Dhalootaatiin Barreessuufi Dubbisuu Jajjabeessuu
Aadaa, Seenaafi duudhaa Oromoo Guddisuufi Babal’isuu
• Uummata Oromoof Carraa Hojii Uumuu
• Barreessiitoota Oromoo jajjabeessuufi barruulee xixiqqoo harkaa fuudhee maxxansuufiin jajjabeessuu,
• Odeeffannoowwan mala ammayyaa kan qote bultoonni keenya irraa baratan qopheessuu
• Odeeffannoowwan ispoortii (Beekumsa Addunyaa) tokko tokko saba Oromoon gahuufi kkf.
Dubbistootaafi leellistoota barruu keenyaa kan taatan yaa uummata Oromoo; Yeroo ammaa kanatti dhaabbanni keenya itti gaafatamumaansaa murtaa’e kun barruu 130, 000 ol maxxansee saba Oromoof raabsee jira. Yeroo ammaa kanas daangaasaa Oromiyaa bal’oofi biyya ambaa keessatti dagaagsuun barruuwwan hayyoota harkaa funaanee dorgomsiisuun deebsiee hawaasichumaaf kan dhiyeessaa jirudha. Haaluma kanaan, kaayyoofi mul’ata dhaabbanni kun qabatee ka’e cina dhaabbachuun saba keessaniif hojjechuu kan barbaaddan, oomishaafi dhhaabbata keessan ispponsera nuuf ta’uun beeksifachuu dandeessu. Dabalataanis, barruuwwan hawaasa kana barsiisuu danda’an ergachuun akka dhaamsi keessan saba keessan bira isiniif ga’u yoo barbaaddan teessoo armaan gadii kana akka nuuf gargaaramtan kabajaan isin gaafanna!!

Dhaabbata Maxxansaa Ayyaanaa
(Kan Mirgisaa Seeraan Murtaa’e)
Lakk. Bil. call skype logo+251 113201 772
Email: siifsiinayaana@gmail.com,
Face book: www.facebook.com/siifsiinmagazine

Dubbisuun Hundee Qaroominaafi Misoomaati!!
SIIFSIIN BARRUU UUMMATAATI!
AFAAN SABA GUDDAA GUDDAADHA!!!

DH A A M S A K E E NY A G U D D A A !!!!

1. Barruu keessan kana barruu ergaa sabaa qabdu nuuf erguudhaan tumsaa..
2. Miidiyaalee garaagaraarratti akka nuuf beekamuufi uummanni keenya waa’ee barruu kanaa beeku nuuf taasisaa..
3. Namoonni bay’inaan fuutanii bu’aa maallaqaa irraa argachuu barbaaddan teessoo keenya Finfinneetiin nu hubadhaa…
4. Barruuwwan haaraan maqaa haaraatiin barruu keenya faana dorgomaa ta’u akka hundaa’uuf hayyoonni Oromoo wal ijaaraati muuxannoowwan keenyas akka isiniif qoodnuuf nugaafadhaa..
5. Barruun Oromoo uummata Oromoo bakka bu’ee akka dubbatuufi kan ittiin maallaqa argatan qofa utuu hintaane, kan ittiin seenaa galmeessanii darban ta’uu nuuf hubadhaa…
6. Uummanni keenya dubbisuurra akka jiru hindagatiinaa…
7. Yoo barru barreeffattan, gorsa dhimma maxxansaarratti barbaaddaniifi haala itti dhaamsa keessan dhaloota haaraan geessanirratti muuxannoo feetan bilisaan kan isin gargaarru ta’uu keenya nuuf beekaa…
8. Ormi dhufee aadaafi afaan keenya akka nuuf hinguddisne beekaa…itti miidhamnullee itti cichinee afaan keenya dagaagsanna!!!

*****TEESSOOWWAN KEENYA ARMAAN OLII KANA GARGAARAMUU HINDAGATIINAA!!!!!
Dubbisa gaarii

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …