Oduu Haaraya

ROMIYAAN SEERA WARAANAA JALA JIRTI

                                                                                   Taammanaa Bitimaa irraa
Kunoo, erga mootummaan warra Wayyaaneelabsii seera waraanaa” baasee, biyyi abbootii Gadaa fi haadhotii Siiqqee kottee gita-bittee Tigraay hakoosshaa fi shookkisaa san jalatti argama. Uummanni Oromoo guddichii fi uummatoonni impaayera Toopphiyaa marti waggaalee 25-n dabran kana keessa, kotteedhuma warra Wayyanee kanaan dhiddhiitamaa jiru. Ammoo, haala isa ammaa kana kan adda isa taasise “Fincila Diddaa Gabrummaa” kan otoo wal irraa hin citin, waggaa tokkoo ol Oromootaan Oromiyaa guutuu keessatti adeesifamaa jiruu kana. Fincilli Oromootaa kun kan naannoo Oromiyaa tokko yookaan lamaa-sadii keessa qofaatti oofame otoo hin taane, kan godinaalee mara keessatti baadiyaa irraa hamma magaalaatti godhame. Gandi Oromoo fi magaalaan Oromoo kan Fincila kana keessaa qooda hin qabne, ibsaanillee barbaadamee argamuu hin dandayu. Fincilli seena-qabeessichi kun Oromiyaa guutuu dhuunfachuu bira kutee, saboota biroofillee fakkeenya tahuun olkakaasee jira. Dabaleesoo, Fincilli kun Oromiyaa fi Toopphiyaa bira dabree addunyaa  guutuu keessatti beekamee muldhata. Kan biraa hafee, guyyaaa leencichi Oromoo Fayyisaa Leellisaa Olompiyaa Riiyoo irratti mallattoo (asxaa) Fincila Oromoo olkaasuun muldhise san, uummatoota dachee tanaa kan biliyoona lamaa ol (miliyoona kuma lamaa ol) tahantu daawwate. Gaaf san irraa jalqabee, “Oromoo” fi “Oromiyaa“-n gurraa fi qalbii uummatoota addunyaa keessatti galmeeffamanii argamu.
Otoo haala kanaa olitti ibsame keessa jirruuti kan Irreechi baranaa Hara Harsadii, magaalaa Bishooftuu keessatti tahe. Ayyaana kabajamaa fi daran jaalatamaa kana irratti, kan warri Wayyaanee bineensummaa fi bisaambisummaa (“savagery“) isaanii ifumatti addunyaatti agarsiifatani. Uummata Oromoo uffata aadaa isaa kan jiraa namaa dhiisii du’aayyuu hawwatu saniin jifaaramee, meeshaa duudhaa Oromoo kan sonaan miidhagu qabatee san irrattis: daraaraa adaa, keelloo fi coqorsa qabatee baye irratti loltuu isaa bobbaasee, namoota 700 battala achumatti galaafachuun kanneen kumaatamaan lakkaawaman immoo madeesse. Dabalees namoonni balaliyaalee (xayyaarota) samii irraa gaazii boochisaa fi boombii gadi-roobsan jalaa baqatuu fi boolla itti-yaadamee duraan kanumaaf qoppheeffame keessatti dhume. Hayyoo hoosiftuu fi mucaan harmaa, jaartii fi jaarsi hedduun boolla kana keessatti jiraa isaanii awwaalamani. Oromoota kitila (miliyoona) lamaa ol tahan yeeyyiiwwanii fi waraabeyyiin Wayyaanee barana akkanatti keessummeessite. Oromoota kitila 50-a ol (50 000 000 +) tahan callaa otoo hin taane, uummatoonni addunyaa tanaa hedduun: “muu yaa Wayyaanee badi!” jechuun bineeyyii tana abaare. Namoota uummanni Oromoo akkanatti waliigaluun abaare, Waaqnis isaan abaaruun hojii harka isaanii akka kennuuf mamii hin qabnu!
Dhumaatii uummata Oromoo isa gaafa Irreechaa kana booda, bariitu isaa uummanni Oromoo aarii hamaa fi onnee cimtuudhaan boqqayee bawuun dachee sochoose. Sabbanni, Daalattiin, Hoolonni, Sululti, Lagni Xaafoo, Aqaaqiin, Sandaafni, Sululti, Biishooftuu fi kanneen tarreessinee fixuu hin dandeenye sochowee lafa sochoose. Warri Wayyaanee: “Oromiyaan nu harkaa baate” jechuun hatattamaan “labsii seera waraanaa” kana baasani. Seerri saanii kun baatii jahaaf hojii irra oola. Erga seerri kun baafamee asii, loltoonni Wayyaanee gandeeni fi manneen Oromoo keessa labuun, halkan dukkana uffatanii uummata Oromoo dararaa, saamaa waan barbaadan akka barbaadanitti hojii irra oolchaa jiru. Qqbeenya uummataa saamuu, namoota reebuu, waxaluu, hidhuu fi tumuu bira dabranii dubartoota fi shamarran Oromoo abbootii warraa hidhamanii fi maatii isaanii fuulduratti gudeeduutti ka’ani.  Biyya mootummaan tokko nan bulcha jedhu tokko dhiisitii, mandarri shiftaa fi gaadduun weerarame tokkollee akkanatti bulfamee hin beeku. Kunoo amma, waanbadummaa fi bineensummaan warra Wayyaanee ifumatti muldhachaa jira. Garuu, uummannii fi sabni Oromoo qabsoo bilisummaa isaa irraa duubatti hin deebine. Amma mootummoonni biyyoota ambaa kanneen akka biyyoota tokkummaa Oroppaa faa dararamaa fi roorroo uummanni Oromoo keessa jiru beekaa dhufaniiru. Fakkeenyaaf, “Caffeen Oroppaa (European Parliament) dhiyeenya kana dureewwan Oromoo keessaa, Dr. Mararaa Guddinaa akkanumas atileetota Oromoo keessaa obboo Fayyisaa Leellisaa afeeruun waayee haala amma Oromiyaa keessa jiruu irratti haasofsiisanii turani. Kan nama dhibuu fi nama aarsu Dr. Mararaan akkuma Finfinneetti deebiyeen mana hidhaatti galchuu isaaniiti. Sababni isaas “shororkeessitoota wajjin haasofte, qunnamtii goote” kan jedhamu. Jarri taayitaa fi qabeenya Oromiyaatiin maraate kun miseensota Caffee Oroppaa aaddee Ana Gomes faa, obboo Martin Schulz faa shororkeessitoota seyanii moo maal dubbiin? Amma jarreen tun karaa lamaan funyoo ittiin of-fannisan ofumaan qoppheeffachaa jiru. Funyoo warri Wayyaanee kurfeeffatan kana mee kanaa gaditti baldhinaan haa ilaallu!
Kunoo, uummanni Oromoo waggaa tokko guutuu diddaa gabrummaa karaan qabsoo nagaatiin adeemsee jira. Kanaanis Gaafa Afrikaa bira kutee addunyaatti ofis, qabsoo isaas beeksifatee argama. Hardha gaazexoota addunyaa guutuu keessatti sonaan beekaman kanneen akka: “The New York Times”, “The Washington Post”, “The Guardian”, “The Times“, — faatu waayee Oromoo fi qabsoo isaa yeroo yeroon barreessaa jira. Dabalees raadiyoolee biyyalafaa kana irratti daran beekaman kanneen akka: “BBC, VOA, DW, NCC, Aljazera“, — faatu waayee qabsoo fi warraaqsa Oromiyaa dabarsaa jira. Mootummaan Wayyaanee qullaa isaa uummatoota fi saboota addunyaa fuuldura dhaabachaa jira jechaa dha. Kun kan sirriitti nutti agarsiisu dhiigni ijoollee fi uummata Oromoo inni akka galaanaatti lolaye sun bu’aa wayii malee, akka hin hafne. Haatahu malee, dhumaatii uummata Oromoo isa gaafa Irreechaa booda, qabsoon Oromoo karuma nagaatiin qofa akka tarkaanfachuu hin qabne hubanna. Dureewwan Wayyaannee sammuu isaanii isa akka yaaduuf uumame san, boollatti darbatan kun dirqumaan uummata Oromoo baldhaa fi saba Oromoo guddicha kana gara qabsoo hidhannootti dhiibaa jiru. Erga jarri qawwee bakka amantii ofii buufate kun fedhe: Oromoon qawweettis, eeboottis, gaachanattis, shimalatti sirriitti beeka. Ilmaan qeerransoota fi leencotaa gorra’anii, qeyee qeerransootaa fi leencotaa dhuunfatanii nagaan jiraachuun yoom argamaree?
Funyoon inni lammaffaan warri Wayyaanee kurfeeffachaa jiran immoo isa isaan waayee Oromoo fi Oromiyaa irratti ijaarsotaa fi mootummoota baay’ee waliin waldhabaa dhufaniiti. Fakkeenyaaf baajata mootummaa isaanii kan waggaa waggaanii keessaa galiin cimaan kan isaan maqaa gargaarsa misoomatiin biyyoota Oroppaa fi Ameerkaa irraa argatani. Keessumaa Biyya Jarmanii, Faransaa, Biritaanii Guddoo fi USA-a irraa kan biliyoonota hedduun lakkaawamu guurratu. Amma erga isaan aaddee Gomes faa gola “shororkeessotaa“-tti naqanii, maddi horoo fi horii irraayyi cita yookaan hedduu qaldhachaa adeema jechuu dha. “Yaa qotiyyoo yaa gowwaa, ati waan garaa keetii malee, hin argine bowwaa!”, jedha ibsoon uummata Oromoo tokko. Nuti jabaannee karaa garagaraatiin dhiibbaa irratti goonan warra Oroppaa keessaa gariin horoo mootummaa Wayyaanee irratti dhangalaasaan yeroof dhaabuu, yookaan irraa xiqqeessuu dandayu. Karaa kanaan dhageettiin Oromoo fi Oromiyaan karaa miidiyaalee biyyalafaa argachaa dhufan, hedduu nu deegaruu dandaya.
Mee amma otoon barreeffata kana hin xumurinan, wanneen daran barbaachisoo tahanii fi nu irraa eegaman armaa gaditti tokko tokkoon lafa kaaya. Wanneen kun qabsoo fi warraaqsa saba Oromootiif hedduu kan barbaachisan waan tahaniif akka laayyootti ilaaluun bira dabruun gaarii miti. Dubbii tana hundi keenya sirriitti itti-yaduu fi fixaan baasuuf tattaafachuu qabna. “Yoo abbaan iyye, ollaan namaaf birmata“, jedha mammaaksi Oromoo tokko:
1) Amma dammaqiifni sabaa inni Oromoon irra gaye hedduu, sonaan hedduu gammachiisaa fi mirqaansaa dha. Haatahu malee, nuti “fiixaan baanerra” jenneetoo haara baafachuu otoo hin taane, irra caalayyuu irratti hojjachuu qabna. Amma Oromummaan gormee, daraaree, lalisaa waan jiruuf, eenyumtu akka durii nu Oromoota: kutaadhaan, amantiidhaan, gitaa fi jiruu-jireenyatiin addaan nu qoqqooduu hin dandayu. Ammaan tana Oromoon keenya alaa-manaa: Oromummaa, birmadummaa, bilisummaa, walabummaa jechuun tarkaanfachaa jira. Maarree ammas kana caalaa, caalchifnee: “bilisummaa Oromoo, walabummaa Oromiyaa” yookaan dha’a!”, jechuun harka walqabannee garuma fuuldurraatti tarkaanfachuu qabna! Abadan kakuu dha; laguu dha; hoodamootummoota Habashaa fashistoota fi naazota kanneen akka motummaa Minilik, mootummaa Dargii fi motummaa Waayyee tahan ijoollee fi dhalootatti hin dabarsinu!
2) Amma jaarmolee taliigaa, addoota bilisummaa Oromiyaa fi ijaarsota kaan danuu qabna. Garuu, isaan kun walitti dhufuun tokkummaa jaarmolee Oromoo hundeeffachuun dirqama. Dirqama kan isa taasisuu yoo kun tahe malee, waan nuti galma keenya gawuu hin dandeenyeefi. Kan nama dhibuu fi dabreeyyuu kan nama gaddisuu yeroo dhalawwan Oromoo Biyya Gadaa guutuu irraa ka’uun dachee sochooftee, diina Oromoo fi Oromiyaa dhaabbii dhoowwitu, ijaaarsonnii fi gurmeewwan Oromoo tokko tokko walgaarreffachuu bira kutaanii arrabaan walitti bu’uu isaanii-ti. Qaanii fi salphina hunda keenyaati! Dhiigni uummata Oromoo barana akkasitti dhangalaye kun maal nuunin jedha laata? Nuti ammas akkuma kaanaan duraa sagalee keenya jabeessinee olqabuun, “jarmooleen Oromoo walatahuu qabu” jenna! Kan galma tokko keessatti yookaan odaa tokko jalatti yaa’ee waliigalteen, waltahuu qabuu jaarmolee malbultii (siyaasaa) callaa akka hin taane beekuu qabna. Kun jarmoolee Oromoo kanneen taliigaa, kanneen hawaasaa, kanneen amantii, kanneen hojii, kanneen artii, kanneen akkaadamii, kanneen dubartii fi dargaggoo-shamarranii mara kan ofitti qabu taha. Mee kana irratti hayooleyyiin Oromoo hatattamaan irratti nuuf haa hojjatani!
3) Uummanni Oromoo inni sammuu fi qalbiin isaa bilisoome kun, inni Oromummaan of-gonfee tarkaanfatu kun, inni tokkummaa ofii ijaarrate kun kana irratti dabaluun hidhatee, of-hidhachiisutu kan isaa baasu taha. Lakkii, dhumaatii gaafa Irreechaan booda ijoolleen Oromoo harka-qullaa baatee diinaan hin gorra’amtu. Isa hidhatee ishiitti dhufe kana hidhattee ofirraa diibsuu qabdi! Qawwee of-harkaa dhabdu: eeboon, shootalaan, qottoodhaan, manshiidhaan, haamtudhaan, cakiidhaan, dongoraadhaan, maarashaadhaan, doomadhaan, danqaraadhaan, mancaadhaan, gajaraadhaan, falaxaadhaan, dhagaraadhaan, hableedhaan, hordaadhaan, shimalaan, — diina ishii fi diina biyya ishii isa gara bineensaatti of-geeddare kana dura-dhaabachuu fi isumaan qawwee isaa irraa hiikkachuu qabdi! Uummanni Oromoos erga kutaatee olka’ee, hidhannoo dhalawwan isaatiif bituun isa hin dhibu. Nuti itti-beeknaan wanneen baay’een biyyuma keenya keessa ciisaa jiru. Diina nu nyaachaa jiru kana irraa hidhannoo isaa hiikkannee of-hidhachiisuun namaanis, Waaqanis eebbifamaa dha!
4) Nuti amma daddaballee Oromoota ijaarasota diinaa fi waraana diinaa keessa jiraniif, waamicha Harmee Oromiyaa dabarsuufii qabna. Miseensonni OPDO akka bobaa diinaa jalaa bawuun uummata isaaniitti makaman, waamicha walirraa hin cinne gochuufii qabna. Dhiibbaa garagaraa, ee dhiibbaa waaqaa-lafaa irratti adeemsusuutu kan nama baasu taha. Oggaan kana jedhu dureewwan OPDO isaan tolaa fi rakasaan warra Wayyaaneetti of-gurguran jechuu kiyya otoo hin taane, miseensota dasiiba-a (“Common“) kanneen kitila hedduun lakkaawaman jechuu kiyya. Akkanuma ilmaan Oromoo warra waraana diinaa keessa jiraniif, waamicha cimaa cimsinee yeroo yeroon dabarsuufii qabna.
5) Nuti dhalawwan Oromoo kanneen addunyaa mara keessa faffacaanee jirru, karaa addaddaatiin uummata keenya gargaaruun seeruma. Gargaarsi kun gargaarsa horoo fi horii callaa miti. Kun karaa beekumsaa fi muuxannoo, karaa ijaarsaa fi dippilomaasii faa kan of-keessatti hammatu taha.
6) Dhalawwan Oromoo kanneen barumsa seeratiin unibarsiitota garagaraa irra eebbifam hedduu qabna. Kunoo, isaan baranayyuu magaalaa Londanitti kora waammatanii turani. Amma isaan walmariyachuun dureewwan Wayyaanee isaan uummata keenya gorra’anii gorraasisan Mana Seera Addunyaa isa Biyya Hoolandaa, magaalaa Heeg (“the Hague“) jirutti dhiyeessuu qabu. Nuti immoo karaa horoo fi karaa kaan isaan bira dhaabachuun sirruma. Akkanuma lammiiwwan biyya alaa kanneen haqa Oromoo beekanii gargaaraa jiran, akka isaan bira dhaabatan mamiin tokkollee hin argamu.
7) Gocha Fayyisaa Leellisaa Olompika Riiyoo irratti adeemsisee asii, addunyaan Oromoo fi Oromiyaa gurraayyi qabdi. Nuti carraa kanatti dhimma-bawuun qabsoo fi warraaqsa uummata keenya isa ammaa caala beeksifachuu qabna. Nuti mana-lamii (embaasii) tokkollee hin qabnu. Lamiin (abbaasaddarri) Oromiyaa nu dhalawwan Oromoo warra bineensummaa mootummoota Habashaa baqachuun biyyambaa (diyaasporaa) jiraannu. Nuti uummata Oromoo aannanii fi abbaa aannanii, dammaa fi abbaa dammaa, beekaa fi gorsaa, kam himnee kam dhiifnaa mitii, uummata dhala namaa dhiisitii bineeyyii fi shimbirroolee, biqiltuu fi margaafuu bakka guddaa keennuuf san keessaa baane. Uummata akkanaa kana kottee diinaa jalatti dhiifnee ciifnee bullaaree? Kanaaf, sonaan waltaanee karaa maraanuu uummata keenya cinaa ijaajjuu qabna!
                                 “Oromoon dhiiga keenya
                                 Oromiyaan biyya keenya
                                 Hin gorgurru saba keenya
                                 Haa cittu mormi keenya!”
Jedha, wallisaan Oromoo Bilisummaa Dinquu. Innuu dubbii fixee jiraa ani wannin kanatti dabalu hin jiru; yeroo shantamii-shan harka dhawuu malee!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …