Oduu Haaraya

Rakkoolee uummata Oromoo qunnamaniif furtuu: “Jaarmiyaa kamtu furtuu baroota dheraaf bade argamsiisa?”

 

*Malkamuu Jaatee, Eebla (Caamsaa) 2 bara 2018

  1. Seensa

Rakkooleen rooga danuu qaban uummata Oromoo irratti dinaan fe`amanii jiran marti, sirna gabirummaa keessaa dhalatan. Akka himmi, barruu, fi  argi mirkaneessanitti bara 1870 irraa eegalee motummaa Habashaan, alagaa motummicha deggeran, fi gantootii meeshaa diinaa ta`aan dabalatee: qindoominaan waraana sanyii duguggaa kallatti fi alkallattiin biyya Oromoo irratti labasametu uummata Oromoo rakkolee roga danuu qabaniif saaxilee jira. Uummati Oromoo gidiraa (rakkolee) sirna gabrummaa (saamicha lafaa/qabeenyaa) irraa fufinsaan maddaa jiran kanneen akkka: (1) buqaafamuu fi ariyatamuu, (2) baball’achuu hongee fi iyyummaa, (3) baball’achuu goolii, (4) mancayina qabeenya uumamaa, fi (5) sarbamuu mirgoota namummaa roga maraaf saaxilame. Akkasumas rakkolee walxaxiinsa siyaasa godina gaanfa Afriikaa keessaa dhalatan kanneen akka: (1) hanqina deggersa hawaasoota addunyaa bulchanii; (2) hanqina mootummota alagaa firoomfachuu, fi (3) hanqina tumsa siyaasaaf uummati Oromoo fufinsaan saaxilame. Qabsoo of irratti hirkannoo qofaan rakkolee kana furuuf tattaafatama. Tarsimoo qabsoo of irratti hirkannoo keessaa aangoon maddus facawaa dha, sababii  jaarmiyooleen qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) wal hin tumsineef.

Oromummaan seera uumamaan masakamuun hundee tokkummaa saba Oromoo ta`ee ture. Gosoota sabi Oromoo irratti ijaarame kudha tokko tokkomsudhaan uummaticha gamtessee walfaana hiriirsaa kan ture oromummaa dha.  Oromummaan walitti hidhata mallattolee enyummaa (Afaan + Aadaa + Seenaa) saba Oromoo keessaan uumame. Adeemsa guddina oromummaa keessatti sirnooti Waaqeffannaa fi Gadaa hundeeffamuudhaan saba Oromoo baroota kumaatamaaf aangomsaa turan. Garuu walakkeessa jaarraa 19ffaa irraa eegalee waraana roga danuu fufinsaan dinni irratti labsee jiruun Oromoo fi oromumman badiisaaf (sanyii duguggaaf) saaxilamaniru. Mallattolee (Afaan, Aadaa, fi Seenaa)  enyummaa saba Oromoo  beeksisan irratti dinnii fi ergamtooti (gantooti) duula walirraa hin citine toftaalee adda addaan geggessaa jiru. Dinni heeraa fi seera baafatee mallattolee saba Oromoo beeksisan warra furtuu kana sadan haquun kan Habashaan bakka busuudhaan, adeemsa keessa faana oromummaa gara dabarsee, guutummaatti dhabamsisuuf toftaalee adda addaa baafate.

Shira dinaa fi ergamtooti saganteessaniin  Oromummaan laaffataa ergii adeemeen booda arusummaa, baalummaa, harargummaa, jimmummaa, showwummaa, wallagummaa, fi walloyyeen aguugamee addeemsa keessa akka owwaalamu godhamee ture bara 1870 hanga bara 1992. Dinni bara ammaa kun ammoo toftaa dhokataa fi  fagenyatti tarsimaawe fayyadamuu eegalera, suta sutaan oromummaa ukkaamsee owwaaluuf. Fakkenyaaf: Saamicha qabeenya uumamaa (lafaa) sagantaaween uummata kumaatama lafa jirenyaa irraa fufinsaan buqisaa adeemsa keessa biyya Oromoo roga-malee gochuudhaan ergii dhabamsisee booda dinni haala ammayyaaween Habashummaa dagaagsee oromummaa biceessuu karoorfate. Toftaalee dinni grgaaramu keessaa gurguddooliin: (1ffaa) industirii qonnaa babalisuun magaalaa xixiqoo Habashummaan kessatti hundee godhatu ijaaruu  fi  (2ffaa) gooli babalisuun uummata Oromoo kitilaan lakkaawaman ergii lafa jirenyaa irraa buqiseen booda saboota bicuu lafa Oromoo irra qubachisuu dha. Uummati Oromoo lafa baroota kumaatamaaf irra jiraate irraa yeroo buqifamu, mallattoleen Oromummaa lafa sana irraa dugugamanii dhabamu jechuu dha. Seenaa magaaloota gurguddoo tokko tokko  Oromiyaa  keessatti argaman wajjin walfakkaachuu mala.

  1. Jaarmiyaa kamtu furtuu broota dheraaf bade argamsiisa?

Waraana sanyii duguggaa irratti labsamee jiru injjifachuudhaan bilisummaa fi walabummaa gonfachuuf uummati Oromoo bara 1870 irraa eegalee QBO rogaalee shaniin walitti hidhaman geggessaa jira. Bara 1870 – 1992 (1) qabsoo bilisummaa Afaan Oromoo + (2) qabsoo bilisummaa aadaa Oromoo, + (3) qabsoo bilisummaa seenaa Oromoo, + (4) qabsoo bilisummaa hawaasummaa fi dinagidee Oromoo, + fi (5) qabsoo bilisummaa siyasaa saba Oromoo geggefamaa tureetu Oromoo fi Oromummaa du`aa kaasee adunyaatti  beeksise.  Adeemsa sadarkaalee QBO keessatti Oromoo fi Oromummaa labsuun kan milkaawuu dandayee,  bara  1973 – 1992  ijaaramuu jaarmiyaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) + Waarana Bilisummaa Oromoo (WBO) ta`uun beekamaa dha. Bara  1973 hanga bara 1992  qindoominaan diina irratti haleellaa geggefametu hundee lammaffaa uumamuu saba Oromoo fi  Oromummaa ti. Hanga owwaala dinaa irratti bilisummaa fi walabummaan saba Oromoo labsamutti uummata Oromoo irratti shira xaxuu irraa dinni akka sekondii tokkoof of hin qusanne hubachuudhaan akkaataa shirri diinaa gutummaan diigamutti ijaaramuuf qophaawuu dha.

Sochileen QBO jaarraa 20ffaa keessa yeroo lama  (bara 1974 fi bara 1991) mootummaa Habashaa, biyya Oromoo keessatti baballifame, jijjiruudhaan bu`ura QBO argamsiseera. Jaarraa 21ffaa kana keessa sochiin QBO geggefamaa jiru ammoo owaala mootummaa gabiromfataa irratti mootummaa sirna bilisummaa, haqaa, fi nagaa hundeessa jedhamee abdatama. Adeemsa QBO sadarkaa xummuraa kana  booda  mootummaa haaraan dhalatuuf  qophaawe kun hundee bilisummaa uummatoota Afrikaa ta`uuf akka milkaawu hin mamsisu. Kanaafuu jaarmiyoleen QBO hogganan, haala duree tokko malee waltumsuun, qabsoo seenaa boonsaa qabu kana jaarmiyaa gamtaaween hoggananii milkeessuutu isaan irraa eegama. Jaarmiyoolee siyaasaa dursee uummati Oromoo, oromummaa irratti hundaawuudhaan, daandii tokkummaa fi waltumsuu agarsiisaa jiruun jaarmiyoolee QBO hogganan maraaf barnoota kennaa jira. Barnoota tokkummaa fi waltumsuu galma uummata Oromoo keessatti geggefamu kana jaarmiyooleen siyaasaa hubachuudhaan gara hojiitti hikuutu isaan irraa eegama.

Tokkomuu jaarmiyoolee jechuun guutummaan walitti-baquudhaan jaarmiyaa tokko jalatti hoogganaa fi qabeenyaa tokkomeen guutummaatti buluu dha. Waltumsuu jaarmiyoolee jechuun ammoo jaarmiyoolee 2 fi 2 ol fedhaan walitti idayuun jaarmiyaa qindeessaa hundessuun, osoo enyummaa ofii badiif hin saaxilin fi mirga keessa ofii to`achuu dabarsanii hin kennin, hooggana qindaween (koree qindeesituun) kaayyoo ifaa fixaan baasuu dha. Fakkenyaaf bara 2013 jaarmiyooleen lama,  Kongireesa Ummata Oromoo (KUO) fi Warraaqsa Feediraala Dimokirasii Oromoo (WFDO), walitti dabalamuun jaarmiyaa Kongireesa Feediraala Oromoo (KFO) hundessuu fi jaarmiyaa ABO fi murni Qaama Ce`umsaa (QC-ABO) walitti araaramuun tokkummaa jaarmiyaa ABO argamsiisutu tokkummaa jaarmiyoolee siyaasaa mumullisuu eegale. Akkasumas bara 2017 jaarmiyoleen sadii (Adda Tokkichummaa Bilisummaa Oromiyaa, Kallacha Walabummaa Oromiyaa fi Adaa Walabummaa Dimokraasummaa Oromiyaa) walitti idaayamanii Adda Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa (ATWO) argamsiisan. Garuu kun qofaan hin ga`u. Jaarmiyooleen siyaasa QBO hogganan martuu waltumsuutu barbaadamaa jira.

Yeroo ammaa jaarmiyooleen siyaasa QBO kanneen hojii qabatamaa raawwachaa jiran lakkoofsaan shan (5) hin caalan. Isaaniis ABO, KFO, Adda Dimookiratawaa Oromoo (ADO), ATWO, fi  Gurmuu mooraa dinaa keessatti QBO finiinsuu jalqabe, Sabaanboontota Oromoo Diina Saaxilan (SODS) jedhamee kan waamamuu malu. Sadarkaan guddina QBO dhibbaa geessiseen Dhaabbata Dimookiraasii/Gantummaa Uummata Oromoo (DhD/GUO) keessatti SODS dhalatee alkallattiidhaan Xummura Fincila Diddaa Gabirummaa (XFDG) deggeruu jalqabeera. Jaarmiyaa walitti baqee tokko ta`e qofaan siyaasaa QBO hogganuun haala qabatamaa lafa irra jiruu wajjin wal hin simatu.  Gurmuu jaarmiyoolee siyaasaa muurtaawan qabaachuun waanuma ta`uu maluu dha sababii gurguddoo kana sadaniif: (1) heddumina uummata Oromoo fi ba`llina daangaa biyya Oromoo, fi (3) dagaagina sirna aadaa fi hawwaasummaa saba Oromoo, fi (3) waldorgommii ijaaraan buu`ra sirna gadaa (dimokiraasii) ti. Kanaaf, jaarmiyaan QBO kamuu kan koo qoofatu caalaa irraa of qusataa, kayyoo warraaqasa XFDG gutummaatti fixaan baasuuf, gara waltumsuun qabsaawutti guddachutu irraa eegama.

Jaarmiyoolee shananuun ilaalcha siyaasaan gartuu lamatti addaan qoodamu. Gartuu A: motummaa sirna feediraalaa ammayyaawe argamsisuu keessaan gaafiin siyaasa QBO deebii gutuu argata jechuun KFO, ADO, fi SODS amanu. Gartuu B: Biyya Oromoo (Oromiyaa) + uummata Oromoo gutummaatti dhibbaa diinaa fi alagaa irraa walaboomee + bilisoome argamsisuudhaan  gaafiin siyaasa QBO deebii gutuu argata jechuun ABO fi ATWO amanu. Rakkoolee walxaxoo uummata Oromoo mudataniif karaa fediraalummaas ta`e karaa  walabummaa furmaata argamsisuun kan mijjatu yoo siyaasa, waranaa, fi dipilomaasiin aangooman qofa. Aangoon kunis gamtaan qabsaawuu keessatti argama. Motummaa feediralaa yookin motummaa walaba ijaarrachuu, adeemsa sirna sagalee bilisaan (refirendemiin) filatee mirkaneessuuf, mirgi kan uummata Oromoo ti malee jaarmiyaa siyaasaatu uummataaf fila miti. Gaafatamni jaarmiyolee siyaasaa gamtaan QBO hoggannudhaan uummata qabasaawaniif mirga filannoo goonfachisuu ta`uu jaarmiyoolee hunduu ni beekan. Yoos, maaliif waltumsuu hanqatanree?

Motummaa fediraalaa yookin motummaa walaba argamsisuu irratti jaarmiyooleen dursanii walcigaadudhaan, moraa QBO keessatti dorgommii siyaasaa ijaaraa hin taane baballifameen, adeemsi QBO baroota dheeraaf danqamera (takaalameera). Keessumaa bara 1992 irraa eegalee aangoon QBO gartuu siyaasaatti caccabee walirratti duluun dinaaf haala mijjeesse. QBO ittin geggesuuf qabenyaa horatamee jiru haala qindaaween walitti fiduun gabbisanii gara sadarkaa aangoomina gutuu (siyaasa + waranaa + diplomasii) jijjirataa gamtaan qabsaawanii diina gutummaatti injjifatuuf hin milkoofine. Hanqinni kun amaloota hoggana jaarmiyaa QBO irraa madde. Inistituwoota alagaa (Habashaa fi Faranjii) keessatti aadaa (oftulummaa, waltuffii, walmorkii, masaanummaa, fi walqooduu) baratame moraa QBO kessatti shaakaluun akka hogganni gamtawee hin argamnne godheera. Akkasumas siyaasa Komunistii (Maarkisist-Leeninist) kan kallachummaa dafqaan-bulaa fi sirna jaarmiyaa siyaasaa tokkicha qofaa lallabu irraa amaloota waraabaman mooraa QBO keessatti hojii irra olchuun akka gamtoominni jaarmiyoolee hin argamne taasisuudhaan dinaaf daandiin saamichaa tottolfameeraaf.

Dinni bara ammaa kun, akka fedheetti qufee biyya Oromoo keessa buraaqudhaan, yakkoota sukanessoo uummata Oromoo irratti raawwachaa jiruuf haala kan mijjesseef sababii gurguddoo kana lamaan: (1ffaa) Gamtaan qabsaawuu hanqachuu jaarmiyoolee siyaasa QBO fi (2ffaa) Deggersa motummoota aangawoo irraa dinaaf fufinsaan kennamuu dha. Bifa ijaaraa ta`een jaarmiyaa QBO hoogganuu jalqabuu murteessuun jalqaba gamtaan QBO hogganuu ti. Jaarmiyoleen amaloota diigoo sirnoota alagaa kessaa fudhatamanii hojii irra olfaman irraa moraa QBO qulqulessuudhaan, haala safuu aadaa Oromoo irratti hundaween walkabajaa, yoo sirna gamtaaween siyaasa QBO geggessuuf waliif galan ni milkaawu. Kanaaf, jaarmiyooleen siyaasaa dhimma dhunfaa ofii irra yoo dantaa uummata Oromoo dursaniif tumsa kallattii fi alkallattii moraa QBO keessaa fi alatti argamsisun bara bilisummaa ni dhugoomsu. Rakkoolee waggoota 150 ol uummata Oromoo qunnaman gutummaatti kan furtuu QBO gamtaan finiinsuu dha. Furtuun argamuu qabus: “ ilaalcha oromummaa irratti hundaawun sirna gadaa haaraween masakamanii gamtaan QBO hogganuu dandawu jaarmiyoolee ti”.

  1. Xummura

Barruu kana haasaa obbo Baqqalaa Garbaa mana hidhaatii ba`e Fulbaana 14 bara 2018 haasawe keessaa kan fudhatame ergaa furtuu kanaan xummura:

“…Sabni tokko ta`e, sabni waldhagawu, sabni gamtaa qabuu yoomiyyuu alagaa jala hin jilbeenfatu… Amma yeroon isaa yeroo itti wal qoodan miti, yeroo siyaasaan itti adda wal baasan miti, yeroo partiidhaan adda wal qoodan miti, yeroo itti amantaan wal qoodan miti, amma yeroo itti tokko ta`anii mirga ofiif qabsaawanii dha.”

Ragaalee

 

  • OLF, 1976. Oromo Liberation Front political program. Finfine – Oromia, October 1974 and amended on June 1976

 

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Uummata Oromoo fi Qeerroo Oromootiif

#Xalayaa: Dhaamsa Oromummaa   Berhanu Hundee   Kutaa tokkoffaa     Duradubbii Uummatni Oromoo humnaan …

Yaada kanaaf deebisaa kenni