Oduu Haaraya

Rakko Baqattota Oromo jiddu gala Bahaa fii Afrikaa Bahaa keysaafuu Masrii Sudaan fii Biyya Yaman keysatti irraa geyaa jiru irraa waa muraasa dubbachun barbaada

Muddee 11/2014
1. Akkuma Yaadatamuu dhaabbanni UNHCR fii Motummaan Yaman Gabaasa Muddee 4/2014 waliin baasaniin Bqattonni Ethiopia namni 71 sababa hammenya qilleensaatiin qaraqara Magaalaa Adan Biyya Yamnitti Bishaan Bahara Diimaa keysatti dhumuu isaanii gabaasuun dhaabbata kanaa ni yaadatamaa.
Dhaabbanni kun gabaasa isaa itti fufuudhaan waggaa 2014 qofa keysatti namni 205 Bishaaniin du’uu Baqattota ethiopia gabaasee jira.
2. Gara Baqattota Oromo Biyya Sudaan keysatti jiraatanii Yo ilaallee akkuma jennee himnutuu namatti ulfaata .
* Ni Reebamu , Biyya irraa dheysanii dhufanitti Debifamu .
* Gosa Rashaaydaa Sudaaniin butamanii humnaan gaallanii fii Lafa hojjachiifatuu .
* Ka Barbaadan akka horiitti Gurra’anii “khalee ”
keysaa gurguratu .
3. Gara Baqattota Biyya Masriitiin Rakko hammana hin ja’amneetu Baqattota Oromo mudachaa jira.
4.Yaro Sudaanirraa gara Biyya Masrii dhufan Dallaalota Sudaanitiin akka Re’ee yk Holaatti walitti Gurguramaa biyya Masrii dhufuu .
5.Yaro Daangaa Biyya Masrii Seenan waraanaa daangaa Biyya Masriitiin qabamanii hidhaa biyyatti keysatti gidiraa adda addaa argaa jiru.
Kannen hidhaa biyya Masrii keysatti gidiraa argaa jiran keysaa akka fakkenyaatti Dargaggago Oromo tokko nama maqqaan isaa Gammachiis Qixxeysaa ja`amuu maqaa dhawuun ni dandeyamaa .
Obbo Gammachiis waggaa Afur gutuu mana hidhaa biyya masrii keysatti gidraa gara garaa argaa jira.
Obbo Gammachiis Yaakka Raawate tokkolle hin qabu .
Yakki isaa tokkichii Rorro Motummaa Wayyaanee Osoo dheysuu waanuma daangaa biyya Masrii Cabsee Senee qofaaf waggaa Afur gutuu mana hidhaa “Qanaaxir “ja`amu keysatti gidiraa gara garaa argaa jira.
6.Namni Rakko kana hunda tarkaanffatee biyya Masrii Senee UNHCR biratti fudhatama argachaa hin jiru .
Argatullee Xaleyaa Adiitu harka kaayama yk Laatamaafi . xaleyaa Adii kanaan teysoo biyya Masrii Argachuu hin dandeyu.
Akka Salphatti Yo Polisii biyyattitiin qabame biyya irraa dheysee dhufetti debifamuuf saaxilamaa .
7.Gara biraatiin Baqattotonni jiruun biyya masrii itti hammaannaan gara biyya Awrophaa Imaluuf otuu deemaa jirani qabamanii harka motummaa Masritti gidiraa gurguddaa argaa jiru hedduudha.
8.Ka akka Tasaa Donii yaabbachuuf hiree argatellee
Osoo bakka itti demu hin genyin meqa Doniin garaan galtee bishaan “Bahara Adii ” keysatti dhihana kalluunaa yk Qurxummii tahee jiraa.
Akka torbaan kana gabaasa dhaabbanni UNHCR baaserraa hubatuun Dandeyametti waggaa 2014 kana keysaa Baqattonni biyyota garagaraa 3875 Bishaan galaana Adii keysatti dhumuu isaanii dhaabbanni kun gabaasa torbaan kana baaseen ibsee jira.
9.Baqattota Bahara Diimaa fii Bahara Adii keysatti dhumaa jiran keysaa Lakkofsi Ilmaan Oromo Baayyinni isaanii hagam akkam akka tahe wal nama hin gaafachiisu.
10.Biyya Masrii keysatti Haalli jirenyaa hedduu dhiphisaadhaa , Ilmaan biyyaatu 100%60 hujii waan hin qabneef tasuma hujiin argatanii ofin jiraachisuun ni jabaata .
Oduu Dallaalotaa dhageyanii biyya namaa keysatti Rakko Cimaaf of saaxiluun baarbaachisaamiti jechuuniin barreyfama kiyya xumuraa.
Gaazexeysaa fii Barreysaa Gammadaa Sute : Muddee 11/2014

Check Also

roobee20160806

‪#‎Oromoprotests,‬ Hiriira mormii nagayaa Baalee Roobee yeroo ammaa