Rakkinni ummata Oromoo, Mootummaa Walaba Oromiyaa ijaaruudhaan furmaata argata malee, umurii cunqursaa fi saamichaa Oromoo irratti dheereffatuuf filannoo dharaa Wayyaaneen geggeessituun miti

Saartuu Magarsaa irraa

Sirna dimookraasii jechuun, sirna mootummaan ummataa, ummataan, ummataaf ittiin ijaaramu jechuu dha. Sirni dimookraasii kun, mootummaa ummataa, ummataan ijaaramee ummataaf hojjetu argamsiisuu kan danda’u, mirgi yaada ofii bilisa ta’anii ibsachuu, mirgi bilisa ta’anii socho’anii ummata dammaqsuu, mirgi ijaaramuu fi ijaaruu, mirgi siyaasaa kan dhaaba siyaasaa fedhan deggeruu fi mormuu, mirgi siyaasaa kan filuu fi filamuu, mirgi hiriira nagaa bahuun imaammata mootummaa ykn dhaaba siyaasaa deggeruu ykn mormuu, mirgi sabquunnamtiitti walqixa dhimma bahuu, mirgi seeraan tikfamuu fi kkf yoo kabajame fi hojii irra oolfamee dha.

Sirni dimookraasii, mootummaa: ummataa, ummataan ijaaramee ummataaf hojjetu ijaaruu kan danda’u, seerri hundaa ol ta’ee hundi seera duratti walqixummaan yoo ilaalame fi qaammi filannoo hoogganu, qindeessuu fi murtii sagalee ummataan darbe labsu, ummata bal’aa fi dhaabota siyaasaa filannoo irraa hirmaatan hunda biratti fudhatama yoo qabaatee dha. Sirni dimookraasii, mootummaa ummataa, ummataan, ummataaf argamsiisuu kan danda’u, dhaaboti filannoo keessatti dorgommii siyaasaa godhan, dhaaba isaanii keessatti kan sirna dimookraasiitti amanan fi ittiin bulan yoo ta’e ,imaammata ummata bal’aa biratti deggersa qabu qabaatanii ummatatti kan dhiyaatan yoo ta’e fi ummati akka isaan filu abdii irraa qabaatanii ummati bilisa ta’ee fuulduree isaa akka murteeffatu yoo itti amanan qofa.

Sirni dimookraasii, mootummaa ummataa, ummataan, ummataaf ijaaruu kan danda’u, murtii filannoodhaan godhame irratti falammii dhalatu qaammi murtii irratti kennu, kan ummataa fi dhaabota siyaasaa filannoo irraa hirmaatan fi filannoo irraa komee qaban biratti fudhatama qabu ta’uu qaba. Sirni dimookraasii: mootummaa ummataa, ummataan, ummataaf ijaaruu ykn oomishuu kan danda’u, dirreen siyaasaa, dhaabota siyaasaa filannoo irraa hirmaatan hundaaf walqixa yoo ta’ee fi qaammi dhaabota siyaasaa galmeessuu fi dorgommii filannoo keessatti akka hirmaatuuf hayyama kannu kan dhaaba siyaasaa kamiifuu hin baabsine yoo ta’e qofa. Sirna dimookraasii keessatti, filannoon gochaa ykn hojii guyyaa tokkoo ykn lamaa osoo hin taane, gochaa ykn hojii adeemsa hedduu fi dheeraa of-keessaa qabuu dha. Sirna dimookraasii dhugaa keessatti, kan ilaalamuu fi faarfamuu qabu, filannoon geggeeffamuu isaa qofa osoo hin taane, jalqabaa irraa hanga dhumaatti adeemsa filannoon ittiin geggeefamu dimookraatawaa fi kan seera filannoo kabaje ta’uu isaatiini.

Sirni dimookraasii, mootummaa ummataa, ummataan, ummataaf argamsiisuu kan danda’u, adeemsi filannoon ittiin geggeeffamu jalqaba irraa hanga dhumaatti dimookraatawaa ta’uu isaa dhaaboti siyaasaa filannoo irraa hirmaatan kan itti quufan yoo ta’e, adeemsi kun kan sirna dimookraatawaa hordofe fi daangaa tokko malee ummata hirmaachisu ta’uu qaba. Ummata lakkaawuu, naannoo bakka bu’ooti ummataa irraa filaman murteessuu, filannoof galmeeffamuu, nagummaa ummata filannoo irraa hirmaatuu tiksuu, meeshaalee filannoo gahaa yeroodhaan buufata filannoo dhaqabsiisuu, hanga sagaleen ummataa lakkaawamutti seerri filannoo dimookraatawaa ta’ee fi dhaaboti filannoo irraa hirmaatan itti quufan yoo hordofame qofa. Sirni dimookraasii, mootummaa: ummataa, ummataan, ummataaf ijaarame argamsiisuu kan danda’u, dhimmi murtii ykn filannoo ummataaf dhiyaatu, dhimma mootummaan ummataaf murteessee ummatatti dhiyeessu osoo hin taane, dhimma ummati sagalee irratti kennachuu barbaadu kan of keessatti haammate yoo ta’e qofa.

Sirna dimookraasii seerota armaan olii guutatee filannoo geggeeffameen: hoogganoota filaman, mootummaa ijaaramu, qoondaalota waajjira mootummaatti ramadaman, murtii qondaalota kanneeniin darbu, imaammata murtaahu, heera tumamu , seera bahu, ajaja fi qajeelfama darbu qofatu ummata biratti fudhatama qabaatee seerawaa ta’a. Hoogganoota, mootummaa, fi qondaalota sirna dimookraatawaa seerota armaan olii guutateen filaman irraa ummati ajaja fudhachuuf dirqama. Mootummaa sirna dimookraasiitiin filameen imaammata tolfamu qofa kan ummati hojii irra oochuuf dirqamu. Mootummaa sirna dimookraasiitiin ijaarame qofaaf kan ummati katoo (tax) kaffaluuf dirqamu. Heera fi seera, mootummaan sirna dimookraatawaan ijaarame tumu qofa kan ummati ittiin buluuf dirqamu. Hoogganoota, mootummaa, fi qondaalota adeemsa dimookraatawaan waajjira mootummaa hin seenne, heera, seera fi imaammata sirna dimookraatwaan hin tolfamne irratti fincilee of irraa kaasuuf ummati mirga seera addunyaan kabajame qaba. Mootummaan, hoogganni, heerri, seerri fi imaammati ummati ittiin buluu qabu, kan fedhii isaatiin murtaahe yoo ta’e qofa.

Sirna dimookraasii keessatti, kan sagalee guddaa argatutu filamee mootummaa ijaara; heera fi seera tolcha; ummati hiree isaa akka murteeffatuuf hayyama waan ta’eef, mootummaan gabroomfataa Impaayera Ixoophiyaa Wayyaaneedhaan hoogganamu baay’ina ummata Oromoo irraa sodaa guddaa qaba. Sodaa qabuuf jecha, ummata Oromoof waltajjii bilisa kan dorgommiin siyaasaa bilisa ta’e keessatti geggeeffamu hayyamee hin beeku. Bara 1991-1992tti, bara mootummaa cehumsaa keessatti hirmaate, ABO’n ummata Oromoo harka 90 akeeka walabummaa Oromiyaa fudhachiisuudhaan of-jala hiriirsuu danda’ee ture. Kun humna filannootti jijjiiramee ummati Oromoo hiree isaa salphaatti akka murteeffatu kan godhuu danda’u ta’uu fi kun ammoo, akeeka sirna: gabrummaa, cunqursaa, saamichaa, ajjeechaa, hidhaa fi kkf Oromoo irratti diriirsuuf Wayyaaneen qabdu fashalsuuf irree cimaa akka qabu oggaa hubatu, mootummaan Wayyaanee, ABO dhiibee mootummaa cehumsaa keessaa baasuudhaan dorgommii siyaasaa dharaa impaayera Ixoophiyaa keessatti qindeessuun qofaa isaa fiigee qofuma isaa mohuun haga har’aa jiraate.

Mootummaan gabroomfataa Impaayera Ixoophiyaa, kan Wayyaaneedhaan hoogganamu, haga ammaatti, filannoo afur haa geggeessu malee, filannoon isaa kun hundi, adeemsa dimookraatawaa, kan ummati walaba ta’ee, dhaaba walaba kan mataa isaa ijaarratee keessatti hirmaataa ture waan hin taaneef: hoogganoota, mootummaa, qondaalota, heera, seera, imaammata, murtii fi qajeelfama fedhii ummataa irraa madde argamsiisee hin beeku. Mootummaan gabroomfataa Impaayera Ixoophiyaa, dhimma ummati Oromoo sagalee irratti kennachuu barbaadu osoo hin taane, umurii sirna gabrummaa, cunqursaa fi saamichaa ittiin ummata Oromoo fi biro irratti dheereffachuuf kan isa gargaaru qofa murteessee ummati sagalee akka irratti kennatu kan dirqaa ture waan te’ef,: mootummaa, heera, seera, hooggana, imaammata fi qajeelfama dantaa ummata Oromoo kabachiise argamsiisee hin beeku. Ummati Oromoo fi Oromiyaan, dhuma jaarraa 19ffatti, afaan qawweetiin , kiyyoo gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalatti waan kufeef, mirgi hiree murteeffannaa isaa kabajameefii mootummaa walaba Oromiyaa ijaarratee : bilisummaa, nagaa, badhaadhina fi gammachuun jiraachuuf jaarraa tokko oliif gaafataa jira malee filannoo dharaatiin mootummaa gabroomfataa of irratti jijijjiruuf waan hin taaneef, filannoon Wayyaanee, filannoo ummati Oromoo hiree isaa irratti murteeffachuu danda’u ta’ee hin beeku. Dhugaatti, sirna dimookraasiitti amanuun yoo jiraate, filannoo dhugaan, ummati Oromoo Mootummaa Walaba Oromiyaa ykn tokkummaa Ixoophiyaa keessaa akka filatuuf hayyamuu dha.

Mootummaan Impaayera Ixoophiyaa kan Wayyaaneedhaan hoogganamu fi haga ammaatti filannoo dharaatiin ijaarame, kan ilmaan Oromoo: ajjeesee karaa irra harkisaa jiru, ajjeesee irbaata allaattii fi warabessaa taasisaa jiru, kan ilmaan Oromoo gabaa keessatti fannisaa jiru, kan ummata Oromoo ajjeesee lafeen isaanii bosona keessatti akka dhukkaahu godhe, egeree Oromiyaa kan ta’an qeerroo Oromiyaa mana barnootaatii hari’aa kan jiru, kan ummata Oromoo kuma dhibba tokkoo ol mana hidhaa keessatti guraarsaa jiru, kan ummata Oromoo kuma hedduu lafa isaa irraa buqqisee bakkeetti facaase, kan ummata Orooo kuma hedduu kooluu galche, kan ummata Oromoo: beela, hiyyummaa fi dhukkubaan fixaa jiru, kan lafa Oromoo saamee gurgurataa jiru, kan ijoollee: haadhaa fi abbaa malee hambise, kan haadha manaa, abbaa manaa malee hambise, kan abbaa fi haadha jalaa ijoollee facaasee gargaarsa malee hambise, kan bosona Oromiyaa dhabamsiisee Oromiyaa gammoojjummaaf saaxile fi bineensa bosona Oromiyaa biyyoota ollaatti baqachiise, kan nagaa fi mirga ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa fi Gaanfa Afriikaa jeeqaa jiru, kan humna fi qabeenyaa ummata Oromoo saamaa jiru, kan mirga: filuu, filamuu, ijaaramuu, yaada ofii ibsachuu, dhaaba fedhan deggeruu ykn mormuu, seera duratti walqixxummaa qabaachuu ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo hunda dhiitee irraa deemaa jiru, qabsaawota walabummaa Oromiyaa qabsoo irratti wareegaman fi hidhaman “hattuu” ittiin jechuun walabummaa Oromiyaaf qabsoo ummati Oromoo geggeessu tuffachaa jiru, qabeenyaa fi lubbuun isaa akka tikfamuuf mirga ummati Oromoo qabaachuu malee dhiitaa kan jiru, kan gochaa shanyii duguuginsaa ummata Oromoo, Gambeelaa, Beenishaangul, Sidaamaa, Walaayitaa, Kafichoo, Ogaaden, Affaar fi kkf irratti raawwachaa jiru waan ta’eef, filannoon Wayyaaneedhaan hoogganamu, mootummaa ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa argamsiisee hin beeku; filannoon isaa kunis, waltajjii ummatni Oromoo fi ummattooti Impaayera Ixoophiyaa irratti hiree isaanii murteeffatan ta’uu hin dandeenye.

Mootummaan Wayyaanee, uumaa fi imaammataan, akeeka jibbansa fi tuffii ummata Oromoo, akkasumas, saamicha Oromiyaa irratti kan ijaarame waan ta’eef, filannoon qaama kanaan geggeeffamuuf deemu, akkuma arma duraa: hooggana, mootummaa, qondaalota, heera, seera, imaammata, qajeelfama fi caasaa ittiin ummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa biroo : cunqursu, saamu, salphisu, ajjeesu, mana hidhaatti guru, qeyee isaa irraa buqqisee lafa isaa gurguratu, barattoota egeree biyyaa ta’an mana barnootaa keessaa hari’u, ummattoota hiyyoomsu, dhukkubaan fixu, nagaa ummattootaa ittiin jeequ, akkasumas, ummattoota: gosa, amantii fi naannoon kan wal-lolchiisu oomishachuu irratti kan qiyyaafatee dha.

ummati Oromoo fi ummattooti cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa hundi, gaaffiin isaanii, qabsoon walabummaa yoo galma gahe qofa deebii kan argatu malee filannoo Wayyaaneetiin deebii argachuu akka hin dandeenye beekuu qabu. Walabummaan: biyyaa, nageenni, badhaadhinni fi gammachuun ummata Oromoo fi kan saboota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, keessattuu, injifatnoo qabsoo walabummaa Oromiyaa irratti kan irkatu ta’uu beekee, ummati Oromoo, filannoo Wayyaanee irraa hirmaatuun, billaa ykn haaduu ummati Oromoo fi sabooti cunqurfamoon hundi ittiin qalaman of-irratti qaratuu hin qabu. Ummati Oromoo fi sabooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa hundi, filannoo wayyaanee irraa hirmaatuudhaan, waraabessa quufe fi waraabessa beela’aa keessaa filatuu hin qabu. Ummati Oromoo fi sabooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa, filannoo dharaa wayyaaneen qindeessaa jirtu irraa hirmaatuudhaan gabroomfattoota keessa filatuu hin qabu. Filannoo wayyaanee irraa hirmaachuun, cunqursitoota paarlaamaa Impaayera Ixoophiyaa keessa taa’anii seera cunaqursaa fi saamichaa ummata irratti tuman keessaa filachuu dha. Ummati Oromoo, filannoo Wayyaanee kan itti bahi isaa ykn bu’aan isaa ummata Oromoof: salphina, hiyyummaa, deega. tuffii, ajjeechaa, hidhaa, baqattummaa, qeyee irraa har’atamuu fi kkf ta’e kana irraa hirmaatuun haada ittiin fannifamu Oromoof bituu hin malle. Gaaffiin ummata Oromoo, gaaffii abbaa biyyummaa, kan walabummaa Oromiyaa qofaan deebii argatu waan ta’eef, mootummaa fi hooggana farra qabsoo walabummaa Oromiyaa of-irratti filuudhaan qabsoo walabummaa Oromiyaa dura dhaabbachuu hin qabu. Filannoo wayyaanee irraa hirmaatuun, ummati Oromoo fi sabooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa biroon akka : ajjeeffaman,hidhaman, biyya har’aman, ijoolleen durbaa gudeedaman, jaarsaa fi jaartiin ilmaan isaanii duratti salphifaman, qotee bulaan Oromoo qeyee isaa irraa buqqifamu, humni dafqaan bulaa Oromoo akka saamamu, oomishi qotee bulaa Oromoo akka saamamu, beekaan Oromoo akka salphifamu, Oromoon hiyyummaa, wal’alummaa fi dhukkubaan Oromiyaa irraa akka dhabamsiifamuuf mootummaa Wayyaaneef hayyama kennuu waan ta’eef, ummati Oromoo fi sabooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa filannoo wayyaanee kana: lagatuu, dura dhaabbachuu, gufachiisuu, jeequun fashalsuu qaba.

Filannoo wayyaaneen qindeessaa jirtuun, mootummaan fashistii fi nama nyaataa, akkasumas, mootummaan warabessaa fi bulguu ijaaramu, gochaa fashistummaa fi bineensummaa ummattoota irratti akka hin raawwanneef: garaagarummaa akeekaan osoo hin daangeffamin, dhaaboti siyaasaa Oromoo fi kan saboota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa hundi filannoon Wayyaanee akka bakka hin geenyeef duula wal irraa hin citne godhanii ummatooti cunqurfamoon filannoo dharaa kana irraa akka hin hirmaanne godhuu irratti gahee seenaan irraa eegu taphatuu qabu. Matootiin: amantii, hawaasaa, miti mootummaa, firoottan Oromoo, ogeessoti fi beektonni Oromoo, jaaroleen Oromoo, dubartooti Oromoo, qotee bulaan, dafqaan bulaan, daldalataan, barsiisaan, barataan, shammarranii fi dardarri Oromoo fi kan saboota cunqurfamoo hundi, filannoo wayyaanee, mootummaa: gabroomsaa, cunqursaa fi saamichaa itti fufee oomishuuf deemu fashalsiisuu qaban. Ummatni Oromoo fi sabooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa hundi, filannoo dharaa hirmaannaa ummattootaa malee, yakka Ixoophiyaan ummattoota irratti hojjechuuf karoorfatte namoota bakkaan gahan mootummaan gabroomfataa Ixoophiyaa ittiin filatuuf deemu kana dura dhaabbachuun qabsoo walabummaa ummattoota Impaayeera Ixoophiyaa shaffisiisuu fi guyyaa itti mootummaa walaba mataa isaanii ijaarratan gabaabsuu qabu. Yeroo, humna, qabeenyaa, yaada, beekumsa fi ogummaa isaanii hunda, daandii walabummaa biyyaa irra qajeelchuun guyyaa itti bilisa ta’ee hiree isaa murteeffatu gabaabsuun, ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa, ba’aa gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa kan jaarraa tokkoo olii irraa boqotanii: nagaa, kabajaa, badhaadhinaa fi gammachuu akka argataniif yoomuu caalaa amma Adda Bilisummaa Oromoo jala hiriiruun qabsoo walabummaa finiinsuu qabu.

Saartuu Magarsaa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Afraffaa – Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? …

Yaada kanaaf deebisaa kenni