Mana

Hiikkaa Qur'aanaa

Gadaa Islaamaa

Qur'aanafi Saayinsii

Seenaa Gabaabaa

Zikrii

Tell Your Friend

Contact Us

ORDER CD


Walqabsiisa biroo
Qur'aana
Qur'an(Audio & Reading)
Quran Online
The Noble Qur'an Translation
The Noble Quran
Quran.al-islam.com
Islamic City
New version of Electronic Reciter

Walqabsiia broo

Top Islamic Websites
ISNA
MSA
Learn about Islam



Gadaa Islaamaa


Hayyuu Abbaa Kitaaba kana Abul A'la Mawdudi. Translated by Dr.Shek Muhammed Rashaad Abdullee.

Namni kitaaba kana kaaye beekaa islaamaa Abul Al'a Maawduudi jedhama. Dura afaan urduutiin bara 1932tti maxxanfame. Eegasii Afaan adunya heddutti deeffamuudhaan diinaa islaamaa karaa gabaabaan, xiqqaa fi guddaaf akka galutti kan qindaawedha. Afaan ittiin hikame keesa tokko Afaan Oromooti. Warraa irraa fayyadamu rabbi nu haagodhu!




kenek-looking design that very much resembles the fro nt jet

Duree islaama jechuun maali? Ibaadaa Ergaa iimaana Salaata Shari'aa Heera Mataa

Diinaafi shari'aan adda tahuu

Karaa shari'aa beekaniin

Fiqhii

Tasawwufa

Diiniifii shari'aa

Wanni hanga asiitti siif dubbannee addeessine, kutoota dabare keessatti diinirraahi. Ammoo amma shari'aa nabi Muhammadirraahi waa siif dubbanna. Haa tahuu odoo waan shari'aan taate hin barre duratti waan diiniifi shari'aa adda godhu baruun ni barbaadama.

Waan shari'aadhaafi diin adda godhu
Wanni tanaan dura siif dubbanne, anbiyoonni Rabbiin erge marti wanni isaan ummata isaanii barsiisuu turan diinaa isaaniiti. Sun Rabbitti amanuu. Sifa Rabbii amanuu, guyyaa qiyaamaatti amanuudha, akki anbiyoonni isaaniin ja'anitti. Kitaabban Rabbii hundatti amanuu, Rabbumaatu buusee dhugoomsuu. Karaa kitaabban sun dubbate malee karaa biraa deemuu dhabuu. Ergamtoota Rabbii malee, nama isaan hin tahin jala deemuu dhabuu. Tokkummaa Rabbii yaaduu, nam tokkollee isaan wajji ibaaduu dhabuu (diin) jechuun isa kana.

Eega diin kanatti waan biraatu dhufa. Sun (shari'aadha) shari'aa jechuun: akkaataa ibaadaati. Karaa jiruutiifi butiidhaati. Hariiroo nama jidduu jirtuufi akkaataa wajjiin itti dalagan, seera halaaliifi haraam sun waan dalaguun nama gayuufi waan dalaguun naaf hin geenye. Rabbiin gaafa dura anbiyootaa isaa, heera yookaa shri'aa adda addaatin erge. Heeram ummata adda addaa kana zamana isaanii saniiti galu, ummata san hunda adda addaan guddisee. Adabaafii mandarummaa barsiisuu jecha. Akka booda keessa heera guutuu ummata hundaaf tolu qabatanii jala deemuu dandayan godhuuf jecha.

Duuba hoggaaummanni hundi karaa anbiyoota adda addaatiin heera takkittii guutuu gosa namaa hundaa toltu qabatanii jala deemuuu baratanii qophaawan. Rabbiin nama maayyii anbiyootaa godhe, mataa ergamootaa kan ergaan Rabbii isaan dhumtu takkaa isarratti dhaabbattu nabi Muhammad (NIHJ) erge. Heera guutuu addunyaa hundattiifi nama hundatti geessuu barsiisee erge. Shari'aa nama hundaafi ummata hundaaf hanga guyyaa qiyaamaatti toltu. Shri'aaRabbiin namaafi zamana uume, kan haala gabroottan isaa beeku, heera Rabbiin waan gabroottan isaa miidhuufi waan isaani tolu beeku kaayee shari'aa guutuu erge. Diin nabi Muhammad dhufeen kan nuti qabannu kun, diinuma anbiyoonni kannee nabi Muhammad dura dabran barsiisan malee, waa diin biraamiti. Diinaa anbiyoonni barsiisuu turaniis kanuma nabi Muhammad barsiisu kana. Waa takka irraa hin jijjiiramne. Tokkummaa Rabbii yaadutti nama yaamuun Rabbitti waa qindeessuu dhabuun, malaaykatti amanuu, anbiyoota hunda dhugoomsuu, kitaabban Rabbiitti amanuufi guyyaa qiyaamaa dhugoomsuun waan anbiyoonni hundi itti nama yaaman, sun waan hin jijjiiramne. Wanni waan anbiyoonni itti yaamurraa jijjiiramu (shari'aa) yookaa heera jiruutiifi akkaataa ibaadaati. Kan bakka shari'aa anbiyoota sanii, shari'aan shari'aa isaanii sanirraa bal'oodhaa dhuftee buute. Tan akkaataa ibaadaa keessattiifi akkasuma haala jiruufi hariiroo wajji bultii namaa halaaliifi harama nama hundaaf ibsitu. Kan hanga guyyaa qiyaamaatti heerri shari'aa tanaa deemu, kan heerri shari'aa nabi Muhammad kun ir'u hin qabneefi wal hin dhadhabne.

Waan shari'aa (heera) islaamaa beekaniin
Shri'aa nabi Muhammadiifi heera isaa baruuf, waa lama qabna. Tokko qur'aana. Lammeessaan immoo hadiisa.

(Qur'aanni) dubbii Rabbiiti. Qur'aanni jechaafi hiikkaan isaa Rabbumarraa dhufe. Ammoo (hadiisni) waan nabi Muhammadirraa nuu odeeyfame....jiruun nabi Muhammad jalqabarraa kaase hanga maayyiitti waan qur'aanni nuu hiiku.

Nabu Muhammad guyyaa ergaa Rabbii itti dhuftee ergameraa jalqabee karuma Rabbiin hanga jiran irratti deemuu namaaf jaalate barsiisa. Bara diiydamii sadi(23) keessatti. Duuba yroo xiqqoo hin tahin tana keessatti asaaboonni isaanii, dhiiraafi dhalaadhaan, firri isaaniifi beerri isaanii qulqulloonni sun waan inni ju'u hunda akkaan itti yaaddawanii, caqasanii qabatan. Waan inni dalagu hunda akkaan jala deeamnii dalagan. Asaaboonni isaa waan jiruu isaanii keessatti isaanitti argamu hundarraa isa gaafatan. Duuba nabiin waan gaaritti isaan qajeelchan,. Waan hamtuurraaisaan dhoowwan. Duuba warri isa argee dhagayu sun, waan isarraa argee dhagaye san, qabateeti nama achi hin jirre, kan nabirraa hin dhagayinitti, waan dhagayan san geessan. Akkasuma yoo nabi Muhammad dalagaa takka dalage, warri dalagaa isaanii san arge qabateeti warra fagoo jiruun gaya. Akkasuma yoo namni tokko fuula nabu Muhammad duratti waa dalage, yoo wanni san gaarii taate nabi Muhammad itti cal'isa, garuu yoo hamtuu taate irraa dhoowwa. Duuba warri achi jiru waan akkanaa eeganii irraa qabatanii, waan san warra achi hin jirreen gayan. Ammaas warri ashaaboota nabi Muhammad dhaqqabee arge, kanneen karaa nagayaatiin isaan jala deeman, waan asaaboonni nabi Muhammadirraa argee dhagayee qabate san mara, asaabootarraa qabatan. Isaaniis warra asaaboota hin argin kan isaan dhaqqabeef odeessanii dabarsan. Ammoo eega asaaboonni dabre, warri asaaboota dhaqqabee dabre, ummanni islaamaa waan hadiisa tahe kan walirraa qabataa dhufan mara galmeessanii kitaaba keessatti waitti qaban. Maqaa nama hadiisa san nabi Muhammadirraa odeessee takkaa ashaabaarraa odeessaniin wajji. Warri nabi Muhammadirraa odeesse, asaaboota nabaiiti. Akkanatti ummanni islaamaa ar'a hadiisa nabi Muhammad hedduu argatuu dandaye. Irra beekkamaan hadiisaa, kan hedduu itti irkatamu kitaaba Bukhaariiti, eegasii kan Muslimi ammallee kitaaba Turumziitiifi kan Abuu Daawuudiifi kan Ibnu Maajahafii Nasa'iiti.

Ilmii fiqhiidhaa
Ulamaan (hayyoota) islaamaa gurguddoon, heera qur'aafi hadiisa keessa jiru hunda if dura qabanii laalanii, qaaydaa qur'aanaafi hadiisaarraa heera itti fudhatan godhanii sanirratti deemanii heera islaamaa kan kitaabban hedduu keessa faca'e bakka takkatti walitti qabanii tarreessan. Heera hundaf baaba kaayanii. Wanni ulamaan islaamaa ahkaama yookaa heera qur'aanaatiifi hadiisaa bakka takkatti walitti qabeef, akka ummanni islaamaa laaftutti heera islaamaatti dalaguu dandayu godhuufi. Hayyoonni islaamaa heera qur'aanaafi hadiisaa bakka takkatti walitti qabu kanaan (fiqhi) je'aan. Ummanni islaamaa tokko tokko matatti hadiisaafi qur'aanarraa heera fudhatuun hin mijjaawu. Waan beekkomsa hadiisaa kan heera shari'aadhaa beekuu isa dandeessisu hin qabaatiniin. Oromi islaamaa kan addunyaa galata ulamaan islaamaa irraa qabu diduu hin dandayan. Ulamaa islaamaa kanneen ciinqii ba'atanii kitaabban fiqhiidhaa kana isaanii kaayan. Eega dubbii akkaan gad qabbuufi xiinxaluudhaan laalanii kataban. Wanni shakkii hin qabne, shri'aa islaamaa jala deemuun, ummata islaamaatiif laafuun,,sababaa ulamaa gurguddoo fiqhii keessa saniiti.

Gaafa dura kitaabban fiqhi kaayamuu jalqabe, nama hedduudhaatu kitaabban fiqhiidhaa kaaye. haa tahuu jara san hundaa keessaa Mazahaba afur qofaatu hafe. Mazahabni fiqhii afran sun Mazhaba irra hedduun ummata islaamaa kan addunyaa tanarraa jiru qabatee Rabbi ibaadu. kan heeraislaamaa kan isaan kaayan dalagaarra oolchan Mazahaba afran sun kunoo akka asiin gaditti dhihaatan kana.

  • Mazahaba (fiqhii Hanafiiti) namni Mazahaba hanafii kan kaaye Sheeykhicha Annu'maan ilma Saabiti ja'ama. Kan Abuu Haniifa jechuun beekame, Rabbiin isarraa haajalatu. Jarri Mazahaba isaa kana isaan wajji kaaye ashaaboota isaa kan akka Abuu Yuusufiifi, Muhammadiifi Zafuuriifi ammallee nama biraati. Sheekkootii gurguddoodharraa isanin marihatee qur'aanaafii hadiisatti irkatee kaaye.
  • Mazahaba (fiqhii Maalikiiti). Namni isa qur'aanaafi hadisarraa fuudhee kaaye, sheek Maalik ilmaAnas je'ama. Isaatu kaaye Rabbi isarraa haa jaalatuu.
  • Mazahaba (fiqhii shaafi'iiti). Namni Mazahaba kana kaaye, hadiisaafii qur'aanarraa fuudhee, sheekticha tokko kan Muhammad ilma Idriis Shaafii je'ama. Rabbi isarraa haajaalatu.
  • Mazahaba (fiqhii Hanbaliiti). Namni Mazahaba kana kaayehadiisaafi qur'aanatti irkatee sheekticha tokko kan Ahmad ilma Hanbal je'amu. Rabbiin isarraa haa jaalatu.

Mazahaba fiqhiidhaa afran kana baasuun takkaa kaayuun amata dhibba lamaan egga nabi Muhammad dabree dhufee keessatti. Waldhabneen Mazahaba afran kana jidduu jiru, waanuma uumaadharraa dhufu malee, waldhaba biratiimiti. Maalif? Wannumti takka tan dhiirti hedduun isii keessatti yaada yookaa mala kennattu, malli isaanii san waa xiqqollee taatu waluma dhabuun hin oolu. Haa tahuu sheekkootiin Mazahaba afran keesse tun, warra akkaan Rabbi sodaatuufi warra dhugaa dubbatuudha. Warra gaggaarii haqa barbaadaaf akkaan tattaafata godhe. Kanneen abaduma haqarra hin mayne. Duuba isaan jara akkanaa taanaan, ummanni islaamaa hundi Mazahabni afran kun haqaa dhugaa yaada.

Haa tahuu wanni mul'atu: namni tokko dubbii isaa takkitti takkaa fakkeenya takkittii keessatti Mazahaba tokko malee, Mazahaba afranuu qabaatuun hin mijjaawu. Tanaaf jecha: yaanni irra hedduum ulamaa'iin islaamaa qabu; ummanni islaamaa Mazahaba afran kanarraa tokko qabatuun ni barbaadama jechuu. Haa tahuu ulamaa'ii gariitu jira, kanneen Mazahaba fiqhii tokko qofa qabaatuutti haajaan hin jiru ju'u. Isaan akki jea'an: namni orma islaamaarraa beekkomsa jabaa qabu, inni mataa isaatiin heera qur'aanaatiifi hadiisaa haa fudhatu. Ammoo namni beekkomsa hin qabne, kan hadiisaafi qur'aanarraa lubbuu isaatiin heera fudhatuu hin dandeenye, nama ulamaa islaamaarraa haqarraa jiraaargu, kan ilmi isaatiifi dhugaa dubbatuun isaa, yookiin mala isaa qabatee jala deemuu ni qaba. Warri yaada kana qabu, warraa hadiisaati ja'aman. Isaaniis akkuma jara afran dubbatamee haqarra jiran, yaanni isaaniis haqa.

Tasawwufa islaamaa
Tassawwufaafi fiqhiin maaliin addaa tahan? Waann adda tahaniin: fiqhiin waan dalagaa namarraa mul'atutti rarraati. Wanni fiqhiin laaltu: ati waan itti ajajamte, akka itti ajajamtetti daleeyde moo hin daleeyne? Jechuudha. yoo waan sirraa barbaadamuun dhaabbate, haalli qalbii teetiifi akkaataan qalbiin tee hoggaa waan san daleeydu itti jirtu fiqihii hin yaachiftu. Dantaa irraa hin qabu, toltuu hammaattuus. Wanni haala qalbiifi akkaataa ilaalee toohatu fiqhiimiti, tasswwufa. Fiqhiin salaata keetirraa wanni laaltu; wudu'a (dhiqata) sharxiifi fardii isaa guutteeti gootemoo hin gunnee? Qiblatti gara galteeti salaatte moo hin gara hin galle? Arkaana islaamaa guutteeti salaatemoo hin guunne? Waan salaata keessatti qara'uun dirqii qaraatemoo hin qaraane? Jechuudha. duuba yoo waan dubbanne hunda guuttee daleeyde, fiqhii biratti salaanni kee fayyaa taati. Ammoo tassawwufni wanni laalu; waan qalbiin tee hoggaa salaattu itti jirtuufi haala isiiti laala. Hoggaa salaattu qalbiin tee gara Rabbii gara galchiteeti salaattemoo gara hin galchine? Hoggaa salaattu qalbii tee yaada addunyaarraa qulqulleessitemoo hin qulqulleesine? Salaanni kee kun sodaa Rabbiitiifi Rabbiin na dhagayaa na argaa hubatuu sii idaatemoo hin idaane? Salaanni kee waan daleeydu hunda Rabbii jettee dalaguu yaaduu sii ida'emoo hin idaane? Hangam takka salaanni kee lubbuu tee waan hamtuudharraa qulqulleeyse? Hangam takka salaanni kee haala si tolche? Hangam takka salaanni kee waan iimaanni siin ju'u dalagutti si kaase? Wanni hubanne kun hundinuu waan salaanni godhameefi. Duuba akkuma salaanni waan dubbanne san guutuutti sii argamsiisuun salaanni kee guutuu taha. Akkuma waan san hin argamsiifneen salaanni kee tassawwufa biratti ir'uudha. Akkanatti fiqhiin ibaadaa hunda gubbaa malee keessa hin laalle. Wanni fiqhiin laaltu, namni waan itti ajajame akka itti ajajamettti dalagemoo hin daleeyne jechuu. Ammoo tasawwufni wanni laalu, namichi hoggaa waan dalagu san dalugu, qalbii qulqulluun, niyyaa gaariifi garaan dhugaatiin dalagaa? Jechuu.

Fakkeessaadhaan siif dubbatuu deemu kanaan akka fiqhiifi tasawwufni adda tahe beekuu ni dandeessa. Fakkeessaan saniis kunoo kana.

Namni tokko yoo sitti dhufe karaa laman laata. Karaa tokko: namni sun fayyaa qaamaa qabaa? Humniti isaa hundi guutumoo ir'u? Fuulli isaa ni bareedamoo ni fokkota? Inni huccuu gaarii uffatamoo huccuu badduu? Jechuudha. karaan lammaffaa namaicha sanirraa wanni ati beekuu barbaaddu, adaba isaa, haala isaa, beekkomsa isaa, aylii isaatiifi tola isaati. Duuba gamni tokkoffaa laalcha fiqhiiti. Ammoo gamni lammaffaa laalcha tasawwufaati. Akkasuma nama tokko yoo jaala godhatuu feete, karaa lachuun laalta. Namni ati jaala godhatuu feetu nama argaatolufi kan keessatolu. Duuba akkasuma jiruun bareedduun ammallee guutuun, islaama biratti jiruu nama keessaafi gubbaan, shari'aa yookaa heera islaamaa qabateeti. Ammoo namni gubbaarra ibaadaa godhu kan keessi isaa hamaa, akka qaama fuulli isaa bareedu kan lubbun isaa keessa hin jireetti. Ammoo namni yaanni isaa gaarii kan garaa toluufi ibaadaa mul'attu, akka malee dalagu, arkaana isii takkaa shri'aa isii ir'isee, wanni inni fakkaatu nama fokkotaa fuula hammaatuufi kan ijji lachuu duudaa kan miila lamaaniin hokkalu.

Fakkeessaa kanaan hariiroo fiqhiifi tasawwufa jidduu jirtu beeytee jirta. Haa tahuu wanni qalbii madeessuufi ija boochisu, zamana boodaa kana bekkomsaafi adabni xiqqaannaan badii gurguddoon argamtee ijji tasawwufaa qulqulluufi xaliilli boorooyte. Ormi islaamaagariin falsafaa islaamaa hin tahin ummata biraa badaadharraa baratanii maqaa tasawwufaatiin islaamati seenanii waan islaamarraa alaa, kan qur'aanaafi hadiisarra hidda hin qabne, maqaa tasawwufaatin yaaman. Inuma warri kana dalage hanganatti hin dhaabannee dabraniiti heera islaamaarraa if bilisoomsan. Wanni isaan ja'an: tasawwufaafi shari'aan humaawalirraa hin qaban, tasawwufaafi shari'aan laga laga addaan jira. (Suufiyyiin ) heerashari'aadhaa qabatuun isarratti hin jiru ja'an. Yaada badaa akkanaa kana warra homa hin beeyne kan Suufiyyaa ifiin ju'u hedduurraa dhageessa. Haa tahuu wanni isaan ja'an kun yoo dhugaa laalle waan haqarraa faggoofi kijiba bakka hin qabne. Namni tasawwufa dhugaa qabu heera salaataarraa if hiikee salaata dhiisuu hin qabu. Akkasuma zakaafi hajjii dhiisuu hin qabu. Suufiyyiin dhugaa shari'aa Rabbii tan ergamaan isaa nabi Muhammad (NIHJ) nu barsiise diduun takkaa kilaafuun waan isaan maluumiti. Suufin dhugaa heera islaamaa kan nabi Muhammad nu barsiise, kan heera diinaggeey takkaa heera kkaataa bultii warraatiifi bultii ummataa, heera adabaa, heera nama wajji dalaguu kan haqa Rabbiifii haqa namaa, heerahalaaliifi haraam, takkaa waan dalaguun gayuufi waan dalaguun hin geenye kan isaan nu barsiisan tokkollee diduun takkaa kilaafuun waan nama tasawwufa himatuun maluumiti. Namni nabi Muhammad jalahin deemne karaa dhugaatiin kan waan inni itti isa qajeelche hin qabanne Suufiyyii isaan ja'amee yaamamuu haqa hin godhatu. Maalif? Tasawwufni akkanaa kun islaamaraa waa takka hin qabu...tasawwufni dhugaa karaa islaamaatiin Rabbi jaalatuudha. Ergamaa isaa nabi Muhammad jaalatuu. Inumaa jaalala Rabbiitiifi jaalala rassuula isaatiif lubbuu dhabuu. Duuba jaalalti Rabbii wanni itti yaamtu, namni islaamaa waa xiqollee shari'aa Rabbiitiifi karaa ergamaa isaarraa maquu dhabuudha. Tasawwufni islaamaaqulqulluun waan shari'aadharraa kophaa bahuu miti. Tasawwufa jechuun: shari'aa islaamaati yaada qulqulluun, qalbii xaahiraafi garaa gaariin dalaguudha

 

 

 



Tabarooleen Gola kanaa idileen seeraan tikfamoodha.
Barreeyfama gola kana keeysatti dhihaatan mara, hayyama qa'ee kanaatiin maletti qabeentaan Bilisummaa (gola) kanaa idileen yookiin quucata isaa, bifa fedheen, sagaleedhaan, katabbiidhaan, suuraadhaan asirraa waraabuun dhorkaadha!
Copyright © 2001-2004 Bilisummaa. All rights reserved
Home | News | Language | History | Islam | Culture | B.game