Mana

Hiikkaa Qur'aanaa

Gadaa Islaamaa

Qur'aanafi Saayinsii

Seenaa Gabaabaa

Zikrii

Tell Your Friend

Contact Us

ORDER CD


Walqabsiisa biroo
Qur'aana
Qur'an(Audio & Reading)
Quran Online
The Noble Qur'an Translation
The Noble Quran
Quran.al-islam.com
Islamic City
New version of Electronic Reciter

Walqabsiia broo

Top Islamic Websites
ISNA
MSA
Learn about Islam



Gadaa Islaamaa


Hayyuu Abbaa Kitaaba kana Abul A'la Mawdudi. Translated by Dr.Shek Muhammed Rashaad Abdullee.

Namni kitaaba kana kaaye beekaa islaamaa Abul Al'a Maawduudi jedhama. Dura afaan urduutiin bara 1932tti maxxanfame. Eegasii Afaan adunya heddutti deeffamuudhaan diinaa islaamaa karaa gabaabaan, xiqqaa fi guddaaf akka galutti kan qindaawedha. Afaan ittiin hikame keesa tokko Afaan Oromooti. Warraa irraa fayyadamu rabbi nu haagodhu!




kenek-loking design

Duree islaama jechuun maali? Ibaadaa Ergaa iimaana Salaata Shari'aa Heera Mataa

Arkaana iimaanaa

Hiikkaa ibaadaa

Salaata

Soomana

Zakaata

Hajji

Islaama tiiysuu

Ibaadaa

Kutaa dabre keessatti wanni ibsine, nabi Muhammad (NIHJ) wanni itti nu ajaje:

1. Rabbii tokichatti amanuu takkaa waaqa dhugoomsu.

2. Malaaykaa Rabbiitti amanuu, ni jirtii dhugoomsuu

3. Kitaabban Rabbiitti amanuu keessattuu qur'aana.

4. Anbiyoota Rabbiitti amanuu, keessattuu maayyii isaanii nabi Muhammad (NIHJ)

5. Jiruu eega du'anii dhugoomsuu. Guyyaa qiyaamaatti amanuu takkaa dhugoomsuudha. Dhaabni islaamaa jara shanan kana.

Ati yoo shanan kanatti amante ummataa islaamaatti seente. Isaanirraa tokko taate. Haa tahu islaamummaan kee hin guutamne. Maalif? Namni tokko yoo waan nabi Muhammad Rabbirraa dhufeen, shari'aa isaa qabatee dalagaarra oolche malee hin guutamu. Maalif? Waan nabi Muhammad dhufeen dhugoomsuun waan san dalagaarraa oolchu barbaachisa. Duuba eega waan nabi Muhammad dhufeen dhugoomsitee waan san dalaguun (islaama) ja'ama...fakkeessaaf: ati waaqni tokkichi Rabbii keeti dhugoomsitee jirta. Hiikkaan kanaa: Rabbiin gooftaa keetii, ati gabricha isaati jechuudha. ammaas akka at ka Rabbii taate akka inni wahitti si ajajee wahirraa si dhoowwe beeytee jirta. Hiikkaan kanaa: ati waan inni itti si ajaje daleeydee waan inni irraa si dhoowwerraa dhoowwamtee seera inni siif kaayerratti dhaabbatuun sirra jira jachudha. Yoo ammoo dubbii isaa dhagayuu didde, dili yookaa cubbuu ajaja goftaa didutti seente. Ammaas akka qur'aanni kitaaba Rabbirraa dhufe tahe beeytee jirta. Hiikkaan kanaa: wanni qur'aana keessa jiru hundi haqaa beekuu keeti. Duuba sun wanni itti si dirqu: waan qur'aanni dalagi je'eefi waan inni dhiise siin ju'u dhagayuudha. Ammaas nabi Muhammad ergamaa Rabbiitahu beeytee jirta: hiikkaan kanaa: wanni inni itti si ajajuufi wanni inni irraa si dhoowwu hundi haqa Rabbiitii beeytee jirta jechuudha. duuba sun wanni itti si dirqu: waan inni ju'u hunda dhagayuufi dalagaarraa oolchuu. Tanaaf jecha yoo dalagaan tee waan itti si ajaje takkaa itti eemaramte sirrii dhufte, akkuma itti ajajamtetti daleeyde islaamummaan tee guutuudha. Kanaa achitti islaamummaan tee guutuudhaamiti. Akkuma dalagaan tee waan itti amante dalaguurraa gad xiqqaattuun iimaanni keees ir'ata.

Mee koottu! Karaa nabi Muhammad itti nu yaame, kan Rabbiin jaaltatu, kan hanga jirru irratti deemuttiajajamne siif dubbannnaa. Wanni isaan itti nu yaaman kan dura dursoo, kitaaba kana keessatti siif dubbannu, ibaadaa waajiba takkaa dirqamaa tan akka salaataa, zakaataa, soomanaafi hajjii faadha.

Hiikkaan ibaadaa (gabbara) maali?
Ibaadaa jechuun gabrumma. Ati gabra, kan ati gabra taateef rabbii keetiifi. Wanni gabrichi goftaa isaa gabbaruu ja'ee dalagu hundi ibaadaa yookaa gabbara ja'amti. Fakkeeynaaf: yoo hoggaa nama dubbiftu kijibarraa gortee hamaarraa fagaattee dubbii fokkattuu namaan ju'uu dhiifte, rabbiituu waan kanarraa na dhoowwe jettee takkaa yoo dhugaafii qixxummaan waan gaariin namaa wajji deemte, Rabbiitu waan kanatti na ajaje jetteewanni atii Rabbiitu jibbaaf dhiifte yookaa Rabbiitu jaalataaf daleeydu tun (ibaada) jedhamti. Rabbi gabbaruu ja'amti. Odoo wanni ati dhiifte takkaa daleeyde sun waan jiruu tee tan addunyaatti rarra'u taatellee. Akkasuma yoo bitii gurguraaf magaalaa keessa olii gad deemte, yoo haadhaa abbaa kee, fira kee, hiriyyaa tee haala gaariin wajji jiraatte, heera Rabbiifi shari'aa isaa eeggataa, namuufuu haqa isaa kenna, Rabbiitu kenniif ja'ee na ajajee yaadaa kan nam tokkoll haqa isaa duraa hin balleessine, Rabbiitu irraa na dhoowwee jechaaf kana hunda daleeyde takkaa dhiifte, jiruu tee dhugumaan ibaadaa takkaa gabbara Rabbii keessatti dabarsite. Akkasuma yoo nama waa hin qabne gargaarte, takkaa nama miidhameef tumsite takkaa nama beelawe nyaachifte takkaa dhukkubsataa bira dhaabbatte, kan waan kana hunda Rabbumaa jettee daleeydu, kan faaydaa dalagaa sanii namarraa hin barbaanne, kan guddina yookaa gurra barbaadaaf hin daleeyne, wanni ati daleeyde sun hundinuu ibaadaa yookaa gabbara waaqarraa lakkaawamti. Akkasuma: yoo naggaadee taateetakkaa nama waa tolchu taate, takkaa nama khaddamtee waan sirraa barbaadamu hundaan dhaabbattee dhugaafii amaanaan, Rabbuma sodaaf eegasii halaal dalagattee haraam dhiifte, dalagaan tee tun ibaadaa Rabbiiti ja'amte. Isii cehuun gabbara Rabbiiti ja'ama, kanuma waan san rizqii lubbuu teetitiif daleeydu.

Walii galli dubbii: yoo haala jiruu teetii hunda keessatti sodaa Rabbii qabaatte, yoo waan Rabbiin fedhu dalaguufi shari'aa Rabbii jala deemuu ija dura if qabde, waan faaydaa qabu kan Rabbitti balleessuun argattu takkaa argatuun mijjaawu diduu murattee yoo waan balaa tahe kan sababaa dubbii Rabbii dhagayuutiin si tuqu takkaa si xuquun mijjaawu hundarratti obsuu muratte, wanni sun hundinuu ibaadaa Rabbirraahi. Jiruun tee akkanatti deemuun jalqabarraa hanga dhumatti ibaadaadha. Jiruu akkanaa tana keessatti nyaataafi dhugaatiin, hirribaafi dammaquun, teessumaafi dhaabbatiinsi, deemsaafi dubbiin, cali'isuufi yaanni hundinuu ibaada malee waan biraa hin taatu. Duuba (ibaadaa) jechun akkana. Hikkaan ibaadaa kan dhugaa kana. Wanni islaamni fedhu waan biraatiimiti. Nama akka dubbanetti hoggaa hunda akka Rabbii isaa ibaadu godhu. Tanaaf jecha Rabbiin ibaadaa garii namarratti wajjabsiise (dirqe) waytii garii keessatti. Akka isiin ibaadaa waytii hundaatiif karaa bantee nama qopheessituuf jecha. Akkuma ibaadaan xiqqoon waytii garii keessatti dalagamtu tun, ibaadaa guddoo waytii hunda keessa dalagamtuuf waan nama guddiftuuti. Takkaa qopheessituuti. Namni ibaadaa garii Rabbiin waytii garii keessatti namarraa kaaye tana akka gaaritti dalagu hundi ibaadaa biraa hunda dhugumaan akka gaaritti dalaga. Waanuma dalagu hunda keessatti Rabbii ifii sodaatee heera shari'aadha eeggataa, waytuma hunda. Tanaaf jecha ibaadaan hanan dubbatuuf teenyu, ija ibaadaa ammallee zaata ibaadaa taatee utubaa diin kan jaarmayni isaa irratti dhaabbatu godhamte. Duuba akkuma jaarmayni hundi utubaa isa dhaabu qabu, akkasuam jaarmayni jiruu islaama utubaa isa dhaabu qaba. Akkasuma jaarmayni jiruu islaamaa utubaa isa dhaabu kan isa malee hin dhaabanne qaba. Sun ibaadaa tana. Tanaaf ibaadaan tun utuboota islaamaa ja'amtee yaamamte. Duuba namni ibaadaa tana dhiise dhugumaan utubaa islaamaa jiiysee jaarmaya jiruu islaamaa diige. (isiin artkaana islaamaati jedhamti)

Salaata shanan fardii
Arkaan islaamaarraa kan duraa (salaata). Salaanni yoo gad qabnee laalle: ati waan qalbiin itti amante, arrabaafii dalagaan halkaniifi guyyaa keessatti hoggaa shan deddeebiftee yaaduudha. Ganama hoggaa kaate odoo waa takka hin daleeyne if qulqulleessiteexaharattee fuula Rabbii dhaabbattee akka ati gabricha isaa taate if beeytee mul'ifta. Oldhaabbattee, gad teessee, gadjattee (rukuu'a gootee) sujuuda gootee akka maratti gabrummaa tee mul'iftee waa hundarratti si gargaaruu isa kadhattee karaa gaarii si qajeelchuu isarraa barbaaddee ballama siifii isa jidduu jiru, kan akka ati gabricha isaa tahuu, kan inni gooftaa kee tahuu beekuudhaan. Ballama dubbii isaa hunda haarayoomsitee, jaalala Rabbii argattee dallansuu Rabbii biraa fagaatuu hawwuu kee ammaa amma deddeebiftee mul'iftee qura'aana isaa dubbiftee takkaa qaraatee akka nabi Muhammad ergamaa Rabbii kan dhugaadhaa tahe ragaa baatee guyyaa waan daleeydarraa gaafatamtu, kan eegasi galata haqa godhattu argattu, guyyaa isa keessa gara mana murtii Rabbii deeffamtu yaadattee kanaan guyyaa kee jalqabda. Eega sanii hoggaa saa'aa meeqa dalaga tee hojjattee namni azaanuudhaan gara yaadannaa Rabbii koottaa gara dalagaa milkiidhaa koottaa je'ee si yaame darsii ibaadaa lammada deebifta. Akka Rabbi kee irraanfattee warraa dagaterraa hin lakkaawamne...duubaa bakka jirtuu kaateeti bakka ibaadaa itti yaamamtee san dheeyxee daleeyda. Duuba eega iimaana kee haaryoomsitee dalagaa tee ta addunyaatti deebita. Kun salaata zuhurii (saalaanni zuhurii raka'a afuri). Ammaas waa xiqqo booda salaataa asriitiifi si yaama. Ammaas hoggaa guyyaan dabree halkan dhufe, akkuma guyyaa salaata subiitiin jalqabde, halkan kee zikrii Rabbiitiin jalqabdee salaata maghribaa salaattee ibaadaa Rabbii goota. Akka darsii tee ta iimaana halkanii hin irraanfanne. Ammoo eega waa xiqqo teesse, waytiin ishaa'iidhaa dhufti, duuba kaateeti salaata ishaa'iidhaa raka'aa afur salaattee Rabbii kee yaadatta. Yeroo irraa boodaa halkan keessa. Maalif? Halkan waytii shakamiin yookaa huxuxiin hin jirre, waytii qalbiin gad nama teessu, kan wanni qalbii si hatu hin jirre hoggaasan waan ibaadaarraa yeroo wacii keessa si dabre, kan jaatanii jiruudhaa si hanqifte, halkan waytii waa hundi cal'isu keessa daleeydee qanani'uu qabda.

Salaanni dhaaba islaamaa kee gad siif jabeessuuurraa hoggaa takka gad hin teenye. Kan halkaniifi guyyaa keessa hogga shan deebi'u, kan ibaadaa biraa bal'oodhaaf si qopheessuudha. Akka tanaan dura siif dubbanne. Salaanni isa kan hoggaa hunda aqiidaa islaamaa tan xaharaan (qulqulluun) lubbuu teetiifi guddina ruuhii teetii, tolli haala keetii, quluqullummaan dalagaa teetii keessa jirtu si yaadachiisa. Mee naa odeessi? Maalif hogaa wudu'a (dhiqattu) godhattu akka nabi Muhammad barsiisetti wudu'atta? Maalif salaataa keessatti waan ergamaan Rabbii Muhammad si barsiise qaraata? Sababaan sanii waan nabi Muhammad ja'e dhugoomsuun dirqama jechaa yaaduu keetiifiimiti?maalif waan qur'aanarraa salaata keessatti qaraatu keessatti beekaa hin dogoggorre, yookaa hin gufanne? Sababaan sanii: qur'aanni duubii Rabbiiti, caccabsuurraa eegamuu qabaa yaaduu keetiimiti? Eenyu mee namni ati sodaattu yoo nabi Muhammad qara'i ja'e qara'uu baattee waan biraa salaata keessatti qaraate, takkaa matumaanuu waa takka qara'uu dhiifte kan nam tokkolleen ati salaataa keessatti waa qara'uufi waa qara'uu dhabuu kee sin dhageenye, mee eenyu sodaatta? Sababaan sanii matuma ati Rabbiin na dhagaya, waa takka waaniin dhooysee qara'u isarraa hin dhokattuu beekuu keetiifiimiti? Eenyu namni salaatatttu si dammaysu bakka nam tokko hin jireetti? Sababaan sanii Rabbiin na argaa yaaduu keetiifi malee wahi waan biraatiifii? Wanni hoggaa waytiin salaataa geesse dalagaa tee si lakkisiisee gara salaataa si oofu maali? Maali wanni waytii qabbanaa salaata subiitti si dirqu? Maali wanni waytii oow'aa salaatatti si dirqu? Maali kan waytii taphaa yeroo gammachuu waan san dhiiftee salaatatti ka'utti si dirqu? Mee wanni si dirqu, waan san dalaguun waajiba jechuun sitti dhagayamuu malee wahi waan biraatii? Mee yoo salata hin salaatiinmaal sodaatta? Takkaa yoo salaata keessatti beekaa gufatte maal sodaatta? Mee sun sababaa biraa ni qabaa kan sodaa Rabbii hin tahin? Kan ati guyyaa qiyaamaa gara isaa deebitee fuula isaa dura dhaabbatuu yaadduu kan hin tahin wanni biraa kan sodaattu ni jira? Mee Rabbii' ji'ii; wanni nama muslima dhugaa godhu kan salaatarra caalu addunya tanarra ni jiraa? Mee wanni zikrii Rabbiitiifi sodaa isaa nama yaadachiisu kan rabbiin ni argaa ni dhagayaa yaaduu namaa haarayoomsu, kan guyyaa qiyaamaa mana murtii Rabbii dura dhaabbatuu nama yaadachiisu, kan hoggaa shan halkanii guyyaa keessa waan ergamaan Rabbii ja'e jala deemuu nama yaadachiisu, kan halkanii guyyaa saa'aa hunda booda waan itti dirqameen dhaabbatttu nama barsiisu kan salaata hin tahin namni ni argata? Ibaadaa hunda keessa waan akkanaatiin leenjifamuun? Duuba namni akkatti salaatan leenjifame hoggaa masjiida bahee, addunyaa isaa dalagatu, shari'aa qabaatee Rabbi sodaatuun akkaan kajeelama. Namni akknaa sheeyxaanni dilii yookaa cubbuu isatti bareechuun, qalbii isaa buute mara rabbiiin na argaa waa takka dubbii tiyyarraa isarraa hin dhokatuu yaadatee waan san dhiisa. Ammoo namni Rabbi hin sodaanne, kan Rabbitti dilaawuurraa hin deebine, eeguma akkatti salaata salaatee. Sun salaanni sodaa Rabbitiifii haala gaarii nama hin barsiiftu jechaadhaafiimiti, sababaan hammeenyaafii badii namni sun irratti uumame, kan isarraa deemuun hin mjjooynerraahi dhufe.

Rabbiin wanni jabeessee akkaan warra islaamaarraa barbaade, salata fardii jamaa'aadhaan salaatuu. Akkasunma salaata jum'aadhaa torbaanirraa jamaa'dhaan salaatuu dirqama godhee jira. Salaataa jamaa'aadhaan salaatuun: tokkummaafi jaalala, obbolummaa ummata islaamaa jiddutti argamsiifti. Tuuta takkaa tan walqabattee jabaatti gooti. Isaan hoggaa walitti qabamanii Rabbii isaanii dura dhaabbatanii ruku'uua godhanii wajji sujuudan, qalbiin isaanii walitti qabamteeti, waljaalattee obboleeyyan walii tahuun isaan jiddutti dhagayama. Ammaas jamaa'aadhaan salaatuun, naama tokko kan if keessaa filatanii mataa godhatan dhagayuurratti nama leenjifti. Akkaataa yookaa toftaa dalagaa waytii dalagaa eeggattu nama barsiifti. Ammallee walgargaaruufi rahamata waliigodhuu, walqixxummaafi tokkummaa isaan jidduttidhalti. Wanni ati gartu, warra salaatu hunda kan dureessaafi hiyyeeysa, xiqqaafi guddaan isaanii, gubbaafi jaleen isaanii hundi wal maddii dhabbatanii salaatan, kan nama gurra guddaafi nama darree, nama sadarkaa guddoo qabuufi nama kaan addaan hin beeyne kan wajji dalagan garta.

Kun faaydaa salaanni qaburraa waa xiqqishu. Faaydaan salaataa tun isiniifi malee Rabbii keessniifiimiti. Rabbiin wanni salaata isinirratti wajjabsiiseef, takkaa itti isin dirqeef dantaa teessaniifi malee dantaa nama biraatiifiimiti. Dantaa isaatiifiimiti. Wanni Rabbiin hoggaa isin salaata dhiiftan, isinitti dallanuuf, isintu salaata dhiisuun isa miidhe jechuufiimiti. Wanni inni isinitti dallanuuf, isintu salaata dhiisuun lubbuu teessan miidhe jechaafi. Waan faaydaa salaanni isiniif qabu if dabarsitaniif jecha. Mee humna guddoo Rabbiin keessan sababaa salaataatiin isinii kennu qalbii godhaa laalaa. Kan isin qeebaluu diddanii irraa gara galtan. Yaa qaannii teessan! Arraba keessaniin Rabbii keessan beeytanii, ergamaa isaa nab Muhammad dhagayuun dirqii, aakhiraatti waan daleeydanirraa ni gaafatamanaa beeytanii eegumsa irraa guddaa waan Rabbiin itti isin dirqee dalaguu dhiiftaniimitii? Haalli keessan kun waa lamarraa tokko taha: takkaa salaanni waan Rabbiin fardii godhe tahuu mormitan, takkaa akka isiin waan Rabbiin waajiba godhe taate ni beeytanii, haatuu beekaatuma salaatuu dhiifatanduubaa yoo salaanni waajiba tahu kan moromtan taatan, isin warra qura'aana kijibsiise, kan ergamaa Rabbii kijibsiisuu quraa'naafi ergama Rabbii dhugoomsineen isin himatan kijiba. Yoo ammoo odoo salaanni waan Rabbiin wajjabsiisee beeytanuu dhiiftan, haalli keessan kun, akka nam tokkolleen isin hin amanne isin godha. Duuba namni isin amanuu dhabuun isin kasaaramuuf ni gaya! Mee silaa haqa Rabbii balleessitanii akkamiin haqa namaatiin dhaabbattu, takkaa amaanaa isaanii tiiysuun keessan kajeelama?

Soomana ramadaanaa
Runiin lammeessaa tan arkaanaa islaamaa (soomana). Waan soomanni tahe maltu si beeysise? Waan soomanni tahe, faayda isaa yoo baruu feete; soomanni waan salaanni halkanii guyyaa keessatti hoggaa shan nama yaadachiisu hunda inni amata (bara) keessaa, baatii takka guutuu hogguma hunda nama yaadachiisa. Soomana nyaataa dhugaataa ganamarraa hanga galgalaatti dhiifta. Odoo ati halkan nyaatatti jirtuu yoo halkan barihe, jalaani ife takkaa azaana subii sii hiraabbatutti jiru dhageesse, hoggaasuma daftee nyaataafi dhugaatii dhiifta. Waan nyaataa dhugaatii tahe kan eega fajriin bahe sii dhufu odoo hangam mi'aawee ittin dhiyaattu. Hanga duun seentuti. Dubbiin soomanaa waan nyaataafi dhugaatti fuula namaa duratti dhiisuurratti hin dhaabbattu. Akkasuma hoggaa kophaa jirtu bakka nam tokko sin agarrettiis waa takka waan nyaataa dhugaatii tahetti hi dhiyaattu. Fajriirraa qabdee hanga aduun lixxutti waa takka bishaanirraa gad hin habbuuyxu. Waa takka nyaatarraa gad hin liqimsitu. Haa tahuu nyaataa dhugaatiirraa dhoowwamuun bakka itti dhumu qaba. Tanaaf jecha hoggaa aduun lixxee azaana maghribaa dhageesse faxaratti daddafta, achirraa qabdee halkan hunda waan feete nyaattee dhuuyda. Mee akkaan gadi qabii laali! Maali wanni daleeydu kun? Wanni shakkii hin qabne: akka sodaan Rabbii ta si daleeysiiftu, dalagaa tee tana duuba jirtu. Akka Rabbiin ni argaa, ni beekaa hubattuun duuba jirtu. Akka guyyaa boruutti amanuun, mana murtii Rabbiirra fidamuu yaaduun. Akka qur'aanaanfi ergamaa dhageytii jabduu dhagayuun duuba jirtu. Akka waajibni sitti dhagayamuun akka sabrii qabaatuun, akka waan nabseen feetu jalaa didanii injifatuun duuba jirtu shakkiin hin jirtu. Silaa odoo haala kana dhabee akkas tahuu hin dandayuu....baatiin ramadaanaa takkaa soomanaa guyyaa soddom guutuu hoggaa takka qofa amatarraa sitti dhufti. Haala gaariirratti si leenjisuu jecha. Hanga ati muslima guutuu taatutti. Haalaafi sifti gaariin ramadaanni si qabsiise kun akka ibaadaa Rabbii ta dhugaa , ta namni muslima tahe haala jiruu isaa keessatti dalaguun irra jiru hundaan dhaabbatuu isaaf mijjeessitu. Soomanni dalagaa biraa hundaan guutanii dhaabbatuu nama barsiisa.

Rabbiin baatii (ji'a) tokkicha malee soomanuu nama hundarratti hin wajjabsiifne (hin dirqine) baatii takkittii sanuu wajji soomanan malee addaan hin soomanan. Baatii takkittii namni hundi waliin soomanu keessa faaydaa hedduutu jira. Tanaaf jecha hoggaa ramadaanni dhufe nama islaamaa hunda haalli xahaara'uufi qulqullummaa, iimaanafi sodaa Rabbii, waan Rabbiin ju'u dhagayuufi haala toluun dalagaa tolchuun nama hunda walgeessi. Ramaadaanni hoggaa dhufe magaalaan waan badduu ni rakishti ni caphxi. Kheeyriin nama hunda walgeessi. Ramadaanni dhufnaan warri tolaan gabraoottan Rabbiirraa waan gaarii hundarratti walgargaaru heddommeessu jalqaban. Warri hamaan waan badduu dalaguu ture, ramadanii geenyaan waan hamtuu san dalaguu qaanfatuu jalqaban. Warri waa qabu, dureeyyiin obboleeyyan isaanii warra waa hin qabneef rahamata godhuun itti dhagayamteeti horii isaaniitiin isaan gargaaruu jalqaban. Akkanatti haalli warra islaamaa hunda walfakkaatta. Duuba sun hundinuu wanni isaan keessatti dhalu: nuti obbaleeyyaniin, jamaa'aa tokko jechaan isaanitti dhagayamuu. Tanaaf jecha soomanni waan haala waljaalalaa, obbolummaa, wal gargaaruufi tokkummaa ummata islaamaa jiddutti argamsiisuuf bu'aa guddoo guddoo qaba.

Faaydan soomanaa tun hundinuu, waanuma lubbuu teenya fayyadaati. Waanuma nuu tolu. Rabbiin walitti qabamnee jiraatuu keenya keessaa faaydaa takk hin qabu. Wanni Rabbiin soomana ramadaanaa nurratti wajjabsiiseef, dantaa teenyaafi malee waan biraatiifiimiti. Warri uzriin yookaa sababaan maletti soomana ramadaanaa soomanuu dhiisu, ifuma miidhe. Ammoo kan warra dhiiserraa haala fokkatu, kan karaa hammaatu, warraa baatii ramadaanaa keessa dirree baasee nyaatee dhugu. Kan namaafi Rabbirraa hin qaanfanne. Haalli jara kanaa akki ju'u: nuti orma islaamaatiimiti. Shari'aa isaanii hin qabannu. Nuti warra jamaa'aa islaamaarraa bahuun itti ulfaatuumiti. Akkana ja'a haalli isaanii. Jarri kun Rabbii isan uumee isaan razaqurraa hin qaanfatan, tanaaf diinaa isaa balleessan. Akkasuma isaan waan ergamaan Rabbii (NIHJ) itti isaan yaame qabaatuu diduurraa hin dhaabbatan. Shari'aa Rabbii diduun dilii yookaa cubbuu isaanitti hin fakkaattu. Duuba jara haqa Rabbiifi ergamaa isaa hin tiiysine kanarraa ballama guutuufi amaanaa namaa eeguufi, haala toluufi waan dalaguun irratti jiruun dhaabbatuufi heera tiiysuun wahi kajeelamaa? Hin kajeelamu jechuudha. nama haqa Rabbii isaa eeguutu kan namaas eega.

Zakaata
Rukniin sadeessaa kan arkaana islaamaa (zakaata). Rabbiin nama islaamaa kan horii qabu, kan horiin isaahanga zakaan itti wajjabu gahe, amanni yookaa barri guutuun irra dabre hundarratti, zakaa horii isaa sanirraa baasee nama waa hin qabneef takkaa nama waan isaa gayu hin qabneef(miskiina) takkaa warra imaltuu jiruuf, takkaa nma amaneef, takkaa deeynii (mugoota) namaa jecha fuudhee ifirraa qabuuf, takkaa warra qabsoo haqaa godhuuf, takkaa warra gabrummaa jalaa bahuu deemuuf, takkaa warraa waan zakaa dalaguuf zakaa horii isaa sa kennuudha. Jara dubbanerra qooduu Rabbi wajjabsiise.

Akkanatti Rabbiin horii dureeyyii islaamaarraa warraa waa hin qabneef haqa beekkamaa godhe. Akkuma horiin isaa waldhabuun. Namni hanga haqa Rabbiin isarratti wajjabsiiserraa dabarsee nama waa hin qabneef kenne, galata guddaa Rabbirraa argata.

Horii hanga beekkama dureessi hiyyeeysaa kennu, kan zakaata ja'amu kana Rabbiin ifii itti hin haajamu. Ittiis hin fayyadamu. Haa tahu wanni gabroottan isaatiin ju'u: yoo naaf jettanii, garaa gaariin obboleeyyan keessan kan waan qabne, horii keessan kennitan, dhugumaan naaf kennitan. Waan kennaa saniin obboleessa keessanitti hin dhaadatiniin. Waan akkanaatiin gaafa akkanaa sii kenne jettanii. Ammallee waan isa xiqqeessitanii hin miidhiniin. Waan galata namaa kennitaniif sanirraa hin barbadiniin. Waan nama garsiifatuu hin kennin. Waan haa namni na faarsuuf hin dalagin. Duuba yooniif warraa haajamaa kennaa haqa godhatuuf, waaniin horii keessan keessatti isaaniif wajjabsiise kennitan, isinii qalbii teessan haala badaafi yaada gadigaloo sanirraa qulqulleessu, sawaaba guddaafi qooda guddaan, kennaa tiyya tan hin dhumnerraa isinii kenna. Ja'a Rabbiin. Rabbiin barakaa horii isaanii keessatti darba. Balaa hundarraa deebisa. Aakhiratti jannata isaan seensisa jechuudha.

Rabbiin akkuma salaataafi soomana nurratti wajjabsiise, zakaas nurratti wajjabsiise. Zakaan dhaaba yookaa arkaana islaamaarraa ruknii jabaadha. Maalif? Zakaan ummataa islaamaa haala if wareeguufi tan nama biraatti waa dabarsu barsiifti. Rabbii ja'anii. Akkasuma qalbii ummata islaamaa dooynummaafi if qolummaarraa, ammallee nama jibbuurraa, horii gabbaruurraa qulqulleessiti. Islaamni nama dooynatti hin haajamu.. nama horii ibaaduufi kan irratti goggogu.

Inni haa xiqqaatuu haa guddatuu, islaama hin fayyadu. Namni karaa islaamaa qajeelee deemu, kan hoggaa hunda karaa isaarraa hin baane, nama hoggaa amriin Rabbii dhufte horii dayfa isaatiin dalagee argate Rabbii ja'ee karaa haqaatii ja'ee kennu takka wareegu. Kaan waa takka dantaan lubbuu isaa keessa hin jirre. Zakaanni nama islaamaa waa kennu barsiisa. Hanga yoo wanni jabduun horii kennutti nama dirqitu dhufte, horii kennuun itti hin ulfaannetti. Hanga waan barbaadamurraa harka hin marannetti, hanga waan isaa ja'anii horii kennuun barbaadamu keessatti, gammadaa arjummaa garaa gaariin baasu takkatti.

Faaydaa zakaa tan addunyaa hedduu sanirraa ummanni islaamaa walii tumsuufi wal qixxaatu, hanga namni qullaa deemu, kan beelawuufi hiyyummaan xiqqeessite isaan jiddutti hin argamne takkatti, hanga dureessi isaann hiyyeeysaa isaaniitii if qabu takkatti, hanga hiyyeeysi isaanii waa dhabaaf dureessa isaanii jala harka qabatuu qaanfatu takkatti. Kan tokkolleen ummata islaamaarraa qananii wasanaa baatetti horii isaa hin baafne. Kan haqa hiyyeeyyiifi harmallaa warra waa hin qabneef horii isaa keessa jiraa beeku. Kan akkasuma warra dalagaa dandayu kan dalgaa dhabeefhaqaatu horii isaa keessa jiraa beeku. Kan akkasuma joollee waa baratuu dandeessu, tan horii dhabaaf tan baratuu dadhabdeef haqaatu horii kiyya keessa jiraa beeku. Kan dulloonni dalagaa dhabe horii isaa keessaa haqa qabaa beekuudha. Ammoo dureessi akka jarri dubbanne sun horii isaa keessaa haqa qabu hin beeyne, takkaa hin eehamne, inni dureessa obboleeyyan isaatti roorrise. takkaa miidhuudha. Mee yoo horii hisaab hin qabne qabaattee fooqii akka biraafi man akka biraa, makiinaa yaabbii tan akka biraa qabaattee akka feetetti qananiite, kan obboleeyyan kee warri waa hin qane kumni meeqaatam si maddii jiru, kan biddeena goggogaa argatuu hin dandeenye kumni meeqaatam kanneen dalagaa dandayan horii dalaganiin dhabaaf dalgaa dhabanii, dalagaa malee si maddii tatta'an, kan horii keetiin karaa dalagaa isaaniif hin banne, mee roorroon kanarra hamaa eessa jira? Islaamni nama akkanaa kana ni jibba. Haala isaa kan (nabaasi kan feete albaasi) ju'u kana dura dhaabbata. Ni balaaleeyfata. Qabsoo iti godha. Waan argan ifuma qofaa walitti qabatanii ammatuun haala kuffaaraati. Kanneen beekkomsi isaanii waan harki isanii dhaqqabe mara walitti qabachuudhaan wal horsiisaa karaa ribaatiin takkaa dhalaatiin, waan namni biraa harkaa qabu hunda harkaa fudha ju'uudha beekkomsi isaanii. Ammoo ormi islaamaa diin isaanii akki ju'uun: yoo Rabbiin rizqii isnii hire, waan haajaa teessnirraa hafe hin kuusinaadhaa, obboleeyyan keessan warra waa hin qabneef kennaa, akka haajaa bahanii dalagaa jiruu isanii dandayan. Akka isin dalagaa jiruu teessanii dalagattanitti ja'anii diin islaamaa kan isaan qajeelchuudha.

Hajjii
Runiin afreessaa tan arkaana islaamaa (hajjiidha)islaamni hajjii nama islaamaa kan Makkaa dhaquu dandayurratti malee nama biraarratti hin wajjabsiifne. Takkaa itti hin dirqine. Sanuu umrii keessaa hoggaa takka qofa hajjiin namarratti wajjabdi. Nabi Ibraahim (NIHJ) bara kuma hedduu dura mana ibaadaa bakka ammaantana Makka yookaa Bakka ja'amtutti jaare. Duuba Rabbiin dalagaa isaa qeebalee yaada isaa gaarii galatoomfatee mana inni jaare san mana kiyya ja'ee Rabbiin yaame. Dalagaa nabi Ibraahim guddisuu jecha. Tanaaf jecha Rabbiin akki je'e: namni na ibaaduu fedhe, fuulaan mana Ibraahim jaare kanatti gara galee haa na ibaadu, haa na gabbaruu, namni mana Ibraahim jaare kana dhufuu dandayu, jiruu isaa keessatti hoggaa takka dhufee mana kana haa ziyaaruu, oo hoggaa hedduu dhufuu dadhabe. Akka mana kana hoggaa torba naannawu jaalalaan.

Akka nabiyyichi keenya Ibraahimisaan xawaafuu yookaa naannawuu turetti. Akkasuma wanni Rabbiin gabroottan isaatiin je'e: hoggaa mana keessanii baatan, isnii mana Rabbii kabaje, kan Ibraahim jaare kana dhufuu deemu, qalbii teessan qulqulleessaa. Shahawaa teessaniifi fedhii nabsee teessanii qabaa dhoowwaa. Walaajjeesuu, dilii, falmaafi waan hamtuu dubbatuurraa fagaadhaa. Mana kana hoggaa dhuftan haala guyyaa qiyaamaa Rabbii keessan dura dhuftan irratti jiraatuun, isinirraa barbaadamuun mana Rabbii koottaa. Adabaafii sodaa Rabbiitiin laafina keessan mul'isuudhaan dhufaa. Waa takka beekhaa: isin dalagaa hajjii tanaan gara Rabbii dandayaati gara galtan. Gara Rabbii samiifi dachii, waan isaan lamaan jidduu jiru uume qabu, Rabbi wanni isa malee jiru hundi gara isaa haajamtu. Waa takka beekhaa yoo akkatti sodaadhaafii qulqullummaan dhuftanii na dura dhaabbattanii ibaadaa tiyya tan isin gubbaa jirtu daleeydan, niyyaa gaariin qalbii gara kiyya deebiftanii, gaafas sawaaba guddaa isinii kennina je'e Rabbiin.

Hajjii tana gama biraatiin yoo laalle: wanni garru akka hajjin irra jabduu ibaadaa guddoo taate. Mee maalif namni hajjii godhu isaatiin, nagada isaatiin, ilmaan isaatiin, hiriyyaa isaatiin, biyya isaatiin adda baha yoo kan qalbiin isaa jaalala Rabbiirraa qullaa taatu tahe? rakKoo imaltuu (safara) dheeraa dhandhamee mataan hajjii jecha bahuun kun sadarkaa guddoo Rabbi biratti qaba. Inni sadarkaa imala biraatiin adda. Maalif nama hajjiif bahe, yaanni isaa hundi gara Rabbiiti gara gala. Jaalalti Rabbbii qalbii isaati seenti. Mana Rabbii arguuf hawwiin isaaf ida'ama. Akkuma safara isaa keessatti karaan gabaabbatee kara Makkaa dhiyaatuun, akkuma Makkatti dhihaatuun itti dhagayamuun, haalli jaalalaa ida'amee hawwiin isa gara Rabbii isa buttu dacha dachaa taatee qalbiin isaa diliirraa dheessitee waan dilii tahe tan san dura dalage hundarraa towbatee, maalifin dalagee ja'ee sheenawee Rabbii isaatti booyeeYaa Rabbi hagaan jiru diliirraa na dhoowwi, waan ati jaalattu dalaguu na qunnamsiisi je'ee kadhata. Achirraa mi'aa zikrii Rabbii tan dur hin agarre, akkasuma mi'aa ibaadaa tan dur hin agarre arga. Hogga salaatu sujuudaa dheeraa mataa irraa olfuudhuu hin feene sujuuda. Hoggaa qur'aana qara'u akkasi. Mi'aan inni san dura raguufii tan amma hoggaa ibaadaa godhu argu adda fagoodha. Hoggaa soomanuus mi'aa soomanaa tan san dura hin agarre arga. Duuba hoggaa biyya Makkaa Madiinaa seenu, taarikaa islaamaa kan duriitu fuulaa isaa duraa mul'ata. biyya xaahira san dachii isii gubbaatti wanni argu, faana orma islaamatti dura dursoo senee Rabbirraa jaalatanii, Rabbiiniis isaanirraa jaalate, kanneen Rabbii je'anii, diinaa isaa jabeessuu je'anii, lubbuu isaaniifi horii isaanii wareeganii qabsoo godhan. Kan cirrachi byya sanuu hundi guddina islaamaatiin ragaa isaa bahu, kan dhagaan biyya sanii hundi, dachii qulqulluun islaamumman irratti jalqabamee nuurri isaa isiidharraa ifee dubbiin Rabbii isii keessatti ol fuudhamte, tan isii keessatti nabi Muhammad dhalatee guddatee ergame, dachii tana ja'ee dubbatu. Akkanatti qalbiin mu'minaa sababaa hajjiitiin jaalala Rabbiitiifi jaalala diinaa isaatiin guutamti. Duuba gaafa biyya isaatti deebi'e, qalbii isaa keessatti faana islaamaa tan hanga jiruu isaa irraa hin haqamneetu maxxanfama.

Hajjiin faaydaa addunyaa heddu qabdi. Akkuma faaydaa diinaafi aakhiraa ta dubbannee dabarsine san qabdu. Faaydaa hajjii tan addunyaarraa: Makka bakka namni addunyaa hundi itti walgayu godhuudha. Bakka namuu dhaquu hawwu. Gosa adda addaa, ummata bifa bifaa kan afaan afaanii tahuun wajji. Duuba hoggaa hundi isanii achitti walgahe, akka obboleeyyan tahan, akka hundi isaanii ummata tokko tahan if beekan. Takkaa if argan. Akkanatti hajjin gama tokkoon ibaadaa Rabbii taatee gama kaaniin walgaya yookaa kora addunyaa kan namni biyyoota addunyaa hundarraa amata mara dhufu taate. Tanaaf jecha hajjiin irraa caalaa waan obbolummaa islaamaa, ummata islaamaa kan addunyaa tanarra jiru hunda tokkummaa, jaalalaafi walgargaarsarratti guddiftu takkaahuu jaartuudha. Kan sababaa hajjiitiin tokkummaa, obbolummaa, jaalala, walbaruufii wal gargaaruu baratan.

Tiiysuu islaamaa
Waajibni yookaa dirqamni irraa boodaa, kan Rabbiin gabroottan isaa itti dirqe: islaama tiiysuudha. Islaama tiiysuun odooarkaana islaamaarraa tahuullee baatee, haa tahuu islaama tiiysuun waan jabduu islaamni akkaan jabeesserraahi. Kan qur'aanaafi hadiisa keessatti bakka meeqaatamitti deddeeffamee dubbatame. Duuba mee (tiiysuun islaamaa) maali? Maalif Rabbiin islaama tiiysuu ummata islaamaarratti wajjabsiise? Yookaa islaamaa tiiysuu isaan dirqe? Duubaa hiikkaan (tiiysa islaamaa) akka barattuuf jecha: fakkeesssaa takka siif dubbanna. Mee nama tokko qabadhu, kan an jaala keeti siin jaaladha siin ju'u. kaN sanumaa wajji yoo balaan sitti buute, dalagaan isaa akka inni sin jaalanne ragaa itti baatu. Kan wanni ati keessa jirtu cinqiin sitti buute isa hin yaachifne. Kan waan hamtuu si miitu sirraa deebisuufi waan gaarii si fayyadu sii dhiheessuun isaa sin yaachifne. Inni waan si fayyadu argatuuf waan sii miidhu hunda dalaguu hin lagatu. Waan dantaan isaa keessa hin jirre kan si fayyadu hin dalagu. Hoggaa balaan si tuuyxxe, si bira hin dhaabbatu. Inuma nama si arrabsu kan hamtuun si dubbatu sitti jeeynoomsa. Takkaa hoggaa isaan hamtuun si dubbatan sirraa hin deebisu takkaa sirraa hi dhoowwu, cal'iseeti sitti laala. Yoo oromi xilaata keetii hamtuu sitti yaade isaan gargaara. Takkaa xamada. Yookaa illima. Isaan si miidhuudhaaf lafa siif kayan, oduma beekuu, akka sharrii isaanii jalaabaatu sin godhuu itti si dhiisa. Hanga si balleessu takkatti. Duuba namni haalli isaa akkanaa kun, akka inni jaala kee tahe ni seetaa? Takkaa siin jaaladhaa inni himatu ni dhugoomsitaa? Lakkii abaduma hindhugoomsitu. Waani inni afaaniin siin jaaladha ja'ee qalbiin si jibbuuf. Jaala jechuun: nama jaala isaa qalbiin jaalatu. Kan garaa kaayyatu, kan isa gargaaree aanaa godhatu, kan isaa tumsee xilaata isaarratti isa gargaaruudha. Kan namni tokkolleen hamtuun isa dubbatuu hin jaalanne. Duuba yoo haalli dubbanne kun, nama an jaala keeti siin ju'u keessan hin jiraatin, inni munaafiqa waan himatu keessatti kijibuudha.

Duuba yoo nama islaamaati ifiin jette, waan sirratti wajjabu, waan islaamni dalaguu isaatti si dirqe fakkeessaadhaan siif dubbadhee kanarratti qiyaasii baradhu. Wanni beekuu qabdu: an Muslima jechuun kee: hiikkaan isaa ai islaama tiiysuun sirratti jiraatuudha. Iimaanaaf hinaafu, diin jaalatuu, obboleeyynakee kan islaamaatiif waan gaarii yaaduu. Gorsa gaarii isaan gorsuu. Wanni islaamaa toluufii wanni orma islaama fayyadu, hoggaa hunda si duraa mul'atuu, waan daleeydu hunda keessatti dalagaan orma islaamaa miitu tan shari'aadhaan wal dhabdu sirraa hin argamin. Dantaa lubbuu teetii argachuu jecha takkaa balaa lubbuu teetirraa deebisuu jecha. Wanni sirratti jiru: dalagaan dantaan islaamaa keessa jirtuufi tan dantaa orma islaamaa keessa jirtu, lubbuu teetiifi horii keeiin qooda irraa fudhatuudha hanga dandeessu. Dalagaan akkasii si dabruu dhabuudha. Waan orma islaamaatiifi islaama miidhu hundarraa fagaatuu. Guddinni kee, kabajaan tee islaama keessa jiraatuu yaaduu, xiqqeenya islaamaatiifi xiqqeenya orma islaamaarratti obsuu dhabuu. Akkuma xiqqeenya lubbuu teetiirratti hin obsinetti. Xilaata islaamaatiifi xilaata ummata islaamaa gargaruu dhabuudha. Akkuma xilaata kee hin gargaarre, lubbuu teetiifi horii keetiin waan orma islaamaarraa xilaata deebisuuf qophaawuudha. Akka lubbuu teetirraa wahayyu wareegtee deebiftutti.

Namni an muslima mu'mina ifiin ju'u hundi, akka dubbanne tahuun ni barbaadama. Yoo ammoo an islaamummaa naan qabaa jechuudhaa, waan dubbanneen dhaabattu baatte, munaafiqa ja'ama. Dalagaan isaa akka inni kijibaa tahe ragaa itti baati. Akka waan inni an islaama ja'ee arrabaan dubbatu, kan waa islaamni irraa barbaadehin daleeyne. Kijiba taatee dalagaan isaaragaa ittibaati.

Karaan islaama tiiysaniin hedduu sanirraa tokko (jihaada) karaa Rabbiiti. Kan islaama keessatti beekkame. Jihaada jechhun: qabsoo godhu. Waan deemaniif argatuudhaa jecha, humna hunda if duuba kaayyatuu dhabanii itti dhadhawatuudhaan haga argatanitti. Namni akkanatti islaama guddisuu deemu waanuma qabu hundaan, horii, luubbuu, qalama, arrabaafii waan kana fakkaatuun islaamaaf dalagu hundi, qabsoo keessa jira. Yoo kan ma'anaa qabsoo yookaa jihaadaa guututti kan fudhannu taane. Haa tahuu qabsoon hiikkaa biraati qabdi. Hiikkaan sun akki ju'u: qabsoo jechuun: xilaata islaamaatiin lolu. Islaamummaa jabeessuu jecha. Kan Rabbuma jaalachiisuu jecha qabsoo godhan. Duuba jihaanni xilaataan loluu kun, shari'aa islaamaa keessatti (fardu kiaayaa) je'ama. Fardu kifayaa jechuun: waan namni hundi dalaguun dirqiiti. Kan haa tahuu yoo namni islaamaa gariin waan san dalage, warri kaanirraa waan san dalaguun kufu. Yoo ormi islaamaa jabaan sharxii qabsoo guutatte, bakka xilaanni jirutti dhaqee odoo xilaanni biyya islaamaa hin seenin loleen, warra islaamaa kan hin duulinirraa diliin kufte. Ammoo yoo xilaanni biyya islaamaa takka seene, gaafana (jihaanni) fardu (aynii) je'ama. Fardu aynii jechuun: kan nama hundarratti adda addaan wajjabu yookaa namuu itti dirqamu jechuudha. kan namni gariin dalaguudhaan kaanirraa hin kufne. Kan akka salaata shananiitti namuu jihaada godhutti dirqamu. Tanaaf jecha warri xilaanni biyya isaanii seene hundi isaanii xiqqaa guddaan, dhalaa dhiiraan, laafaa jabaan qabsoo godhanii xilaata ifirraa deebisuun dirqama isaaniiti. Yoo warri biyya sanii ifirraa deebisuu dadhabe, warri biyyaa isaanitti aanu, lubbuu isaaniitiifi horii isaaniitiin isaanii tumasiin wajji loluun dirqama isaaniiti. Ammoo yoo eeguma warri ollaa isaanii isaanii tumse xilaanni caphuu baate, warraa islaamaa kan addunyaa hundarratti isaan tumsuun, isaanii wajji loluun fardu aynii jedhama. Kan nam tokkolleen irraa ooluu hin qabne. Hiikkaan kanaa yoo warraa addunyaarraa namumti tokkichi biyya xilaanni seene saniif dirmatuurraa taa'e, dili hamtuu dilaawae jechhudha. Gaafa akkatti diinni biyya seene kana jihaanni qabsoon haqaa salaatafii soomanarra jabduudha. Maalif? Iimaanni mu'minaa jihaadaan mokkorama. Jajihaadaan iimaanni jabaafii laafaan adda laalama. Namni islaamaaf hin tumsine, kan orma islaamaatii wajji qabsoo hin goone, odoo rakkoon itti jiraattellee iimaanni isaa ni shakkama. Islaamni isa dareema. Duuba gaafana maali faaydaan inni salaataafi soomanarraa argatu? Ammoo namni islaama dura dhaabbatu, kan xilaata (nyapha) islaamatti tumsee orma islaamaarratti isa gargaru, inni nama badiin zalaalami itti muramte. Kan akka inni munaafiqa tahe shakkiin hin jirre. Nama akkanaa kana salaata, soomanni, zakaafii hajjiin isaa duraa badde.

that very much resembles the fro nt jet

 

 



Tabarooleen Gola kanaa idileen seeraan tikfamoodha.
Barreeyfama gola kana keeysatti dhihaatan mara, hayyama qa'ee kanaatiin maletti qabeentaan Bilisummaa (gola) kanaa idileen yookiin quucata isaa, bifa fedheen, sagaleedhaan, katabbiidhaan, suuraadhaan asirraa waraabuun dhorkaadha!
Copyright © 2001-2004 Bilisummaa. All rights reserved
Home | News | Language | History | Islam | Culture | B.game