Mana

Hiikkaa Qur'aanaa

Gadaa Islaamaa

Qur'aanafi Saayinsii

Seenaa Gabaabaa

Zikrii

Tell Your Friend

Contact Us

ORDER CD


Walqabsiisa biroo
Qur'aana
Qur'an(Audio & Reading)
Quran Online
The Noble Qur'an Translation
The Noble Quran
Quran.al-islam.com
Islamic City
New version of Electronic Reciter

Walqabsiia broo

Top Islamic Websites
ISNA
MSA
Learn about Islam



Gadaa Islaamaa


Hayyuu Abbaa Kitaaba kana Abul A'la Mawdudi. Translated by Dr.Shek Muhammed Rashaad Abdullee.

Namni kitaaba kana kaaye beekaa islaamaa Abul Al'a Maawduudi jedhama. Dura afaan urduutiin bara 1932tti maxxanfame. Eegasii Afaan adunya heddutti deeffamuudhaan diinaa islaamaa karaa gabaabaan, xiqqaa fi guddaaf akka galutti kan qindaawedha. Afaan ittiin hikame keesa tokko Afaan Oromooti. Warraa irraa fayyadamu rabbi nu haagodhu!




kenek-looking design that very much resembles the fro nt jet

 

Duree islaama jechuun maali? Ibaadaa Ergaa iimaana Salaata Shari'aa Heera Mataa

Waaqatti amanuu

Hiikkaa (laa ilaah illallaahu) jechuu
Laa ilaah illalaahu jechuun maaliin argama?

Waan aqiidaan tawhiidaa jiruu namaa gootu

Malaaykatti amanuu

Kitaabban Rabbiiti amanuu

Ergamoota Rabbiitti amanuu

Guyyaa qiyaamaatti amanuu

Guyyaa qiyaamaatti amanuun ni barbaadama

Dhugaa tahuu jiruu aakhiraa

Jecha gaarii (laa ilaah illalaahu)

Iimaana adda babasii baradhu!

Yaa barataa kiyya, wanni sirraa barbaadamu odoo if dura hin deemne, if duuba deebitee waan beekkomsa tahe, kan hanga ammaa waan dabre keessatti argatte if dura qabuu sun maalif?

1 Wanni shakkii hin qabne, takkaa mama hin qabne: islaama jechuun dubbii Rabbii dhagayuu, ajaja isaa jala deemuu. Haatahuu waan zaatti Rabbii taataaefi waan sifti isaa taate baruun, karaa ergamaa isaatiin malee namaa hin mijjaawu. Akkasuma karaan Rabbiin hanga jiran gabroottan isaarraa jaalate, ammallee akkaataan sawaaba aakhiraatti argatanii adaba jalaa itti bahan, beekkomsa fayyaa qabuuni, wanni sun karaa ergamaa Rabbiitiin malee namaa hin beekkamtu. ..beeysisaan diinaa islaamaa beeysisaniin kan fayyaa fayyaa qabu kunoo akkana jechuu. "islaama jechuun" waan nabiyyiin dhufeen dhugoomsinee akka inni nu qajeelchetti Rabbii keenya gabbaruu takkaa ibaaduu. Namni karaa nabiirraa maqe, kan Rabbi beekuufi ammallee shari'aa yookaa heera isaa baruu deemu kan karaa nabii qabatee hn deemne, inni waa Muslimaamiti. Odoo hangamuu an dubbii Rabbii naan dhagaya, shari'aa isaa jalaan deema je'ellee.

2 Zamana dabre ergamoonni Rabbii ummata addunyaa, kan adda addaatti ergamuu turan. Ummanni hundi adda addaan ergamaa qabaatuu ture. Hoggaa garii ummata tokkotti ergamoonni hedduun ni ergama walfaana. Duuba wanni anbiyoonni waytii adda addaa ummata adda addaatiin dhufanii barsiisan, diin islaamaati ja'ama. Diin islaamaa odoo zamana hundaafi ummata hunda keessatti hiikkaan isaa tokkuma tahuu, akkaataan shari'aatiifi heeraa ibaadaa keessattii ummanni waldhabuun ni jira. Heera san keessatti ummanni tokko ummata kaan jala hin deemu. Kanuma ergamoota hunda dhugoomsuun ummata hundarratti jiru.

3 Nabi Muhammadi (NIHJ) hoggaa addunyaa tanatti ergamu, sababaa isaatiin Rabbiin diinaa islaamaa guute. Diinaa Rabbiin namuufuu buuse. Akka nama hundaaf shari'aa takkittii isii malee shari'aan biroo hin jirre tahuuf. Tanaaf jecha, ergaan nabi Muhammad (NIHJ) tan ummata tokko qofaatiimiti. Ammallee tan zamana tokko qofaatiimiti. Tan ummata hudaatiifi tan zamana hundaati. Nabi Muhammad ergamuun shari'aan islaamaa tan isa dura anbiyoonni adda addatti fide hundi shaaramtee. Eegaa nabi Muhaamd (NIHJ) nabiyyiin biraa namatti hin ergamu. Shari'aan biraatiis hanga guyyaa qiyaamaatti namaaf hin dhuftu. Islaama jechuun: amma nabi Muhammad jalaadeemuu, nabi Muhammad booda namni itti amanuun dirqii, Rabbirraa namatti hin ergamu. Namni nabi Muhammad hin dhugoomsin kaafira ja'ama. Nama Rabbiin morme ja'ama.

Amma mee koottu! Waan nabi Muhammad dhufeen kan itti amanaa ja'e nu ajaje siif dubbannee addeessinaa:

1 Rabbitti amanuu
wanni nabi Muhammad (NIHJ) dura dursoo itti nu ajaje, kan irra jabaa "laa ilaah illallaahu" jechuu. Jechi kun, waan jaarmayni islaamaa irratti dhaabbatu, kan kaafiraafi mu'munia adda godhu. Waan nama jecha kanatti amaneef addaan fooyu. Warri jecha kanatti amane warra addunyaa aakiratti milkaawe. Ammoo warri jecha kanarraa garagale, warraa addunyaa aakiratti kasaarame. Nama "laa ilaah illallaahu" je'utti amaneefi kan hin amanin addan baramuun, matuma jecha kana arraba qofaan ja'uutiin hin argamu, yoo haqiiqaa laalle. Maalif? Ati yoo buseen si nyaattee dhukkubsatte, afanumaan dawaa busee dubbatuun si fayyisaa? Odoo hoggaa kumatokkollee dubbattee. Akkasuma jechi "laa ilaah illallaahu" kun hin fayyadu. Yoo sii hiikkaa isaa hin beeyne arrabarraa baafte, kan sababaa jecha kanaatiin maala dalaguutu narra jiraa hin beeyne. Gaafni jecha kanaan guututti nama kaafiraatiin adda tahuun argamu, yoo hiikkaa jecha kanaa qalbii tee keessa bu'ee akkaan dhugoomsite. Kan hiikkaan "laa ilaah illallaahu" beekuun kee hiikkaa ibiddi nama gubaa beekuu gadi hin taane. Takkaa summiin waan nama ajjeesuu beekuu keetii gad hin taane. Hiikkkaan kanaa akkuma ibiddi nama gubaa beekuun, ibidda harka kaayuu si dhoowwitu, akkasuma summiin nama ajjeeftii beekuun kee, summii nyaatuurraa si dhoowwitu. Akkasuma hiikkaan "laa ilaah illallaahu" beekuun, waan kufrii tahe yookii Rabbi mormuu tahe hundarraa si dhoowwaa. Hiikkaan isii beekuun, waan kufrii tahe haa xiqqaattu haa guddattuu dalaguu, yaaduu, ja'uudhaafi itti dhiyaaturraa si dhoowwa.

Hiikkaan laa ilaah jechuu maali?
Amma ma'amnaa yookaa hiikaa " illah" jechuu baruu sirra jira. Duuba hiikkaan "illah" takkaa waaqa jechuu: kan gabbaruu takkaa ibaaduu haqa godhatu jechuu. Kan guddina isaatiif ammallee sababaa inni kan waa hunda uume taheef jecha isa ibaadu, isaaf gad je'u haqa godhatu. Akkasuma hiikkaan isaa, kan humna aylii namaa beekuu hin dandeenye qabu jechuudha. akkasuma kan wan takkatti hin haajamne, kan wanni hundi wahayyuufu gara isaa haajamtu jechuudha. akkasuma kan namarraa dhokatee, kan humniti isaa ijaan hin argamne jechuudha. jechi (waaqa, gooyta) ja'u kan afaan Oromoo, ammas jechi (geetaa) kan afaan Amaaraa, kan (Good) ja'u kan afaan ingiliiz, jechi (doyootaa) je'u kan afaan Hindii, hiikkaan (ilaah) jechuus kan afaan arabaati. Akkuma jechoota dubbanne sani, afaan biraakan addunyaa keessa jechoonni maqaaRabbii kan (Ilaah) ja'amu fassaru jira.

Ammoo jechi (allaah) je'u: maqaa Rabbiiti. Duuba hiikkaan (laa ilaah illallaahu) jechuu: Rabbii tokkicha yookaa (waaqa) tokkicha malee, namni isa gabbaruu takkaa isa ibaaduu haqa godhatu hin jiru. Waan uumame hundaaf, Rabbii yookaa waaqa tokkicha isaan uume malee, rabbiin biraa hin jiru. Khalqiin hundi, nama isaan qabu mootii mootootaa waaqa tokkicha malee, waaqa biraa hin qaban. Ka wanni hundi isatti haajamtu, kan wanni uumame hundi isaan gargaarsifatutti dirqamttu. Rabbiin tokkichi sun kan humna wahiin beekan takkaa ijaafi gurra faan hin argamne, kan zata isaa beekuurraa ayliin namaa dhamaate. Takkaa dadhabde. Waan inni waa takka hin fakkaanneef.

Haqiiqaa (laa ilaaha illallaahu) jechaa
Wanni reefu dubbannne, hiikkaa (laa ilaaha illallaahu) jechuuti. Gama afaaniitiin. ..ammammoo koottu mee, hiikkaa (laa ilaaha illallaahu) jechuuti siif addeessinaa.

Wanni haala namaatirraa yookaa taarika namaarraa, durirraa hanga ammaatti nu gahe, ammallee wanni faana namaa yookaa araddaa isaanii tan duriifi tan ammaarrallee nu gahe, wanni nuu himu takkaa itti nu qajeelchu; ilmi namaa odoo waa takka Rabbi yookaa waaqa godhatee hin gabbarin barri tokko, takkaa yaroon takka irri hn dabarre. Akkasuma wanni nuti ar'a addunyaa tanarratti laallee garru, ummataafi gosa adda addaa tan waa beeytuufi tan waa hin beeynalleen waanuma takka Rabbi godhattee gabbarti. Kun wanni nu garsiisu, akka lubbuu namaa keessaa yaanni Rabbiin jiraatuu cimee jiru. Lubbuu namaa keessa waan waa takka Rabbi godhatee guddisutti isa dirquutu jira. Duuba sababaa sanii beekuun kee, nafsee teetiifi nafsee namaa hunda laaluun ni mijjaawa. Maalif? Namni uumaa isaa yoo laalle, haala gabrummaatti malee hin uumamne. Namni uumaa isaarraa, laafaafi haajamaa waa meeqaatamiiti, wanni inni if jiraachisuuf itti haajamu, kan wanni itti haajamu sun harkaa isaa keessa hin jirre. Kan waan itti haajamu san hogiin argatee hogiin dhabu. Wanni isa fayyadu meeqaatamiitu jira, kan waan san hogiin argatee hogiin dhabu. Sababaa waan san argatuun, waan inni hin dandeenye taateef, ammaas waa meeqaatamiitu jira, tan isa darartee hamilaa isaa cabsitee dalagaa isaa hunda duraa balleessitee balaadhaafi dhukkubatti gad neeyxu, kan waan san ifirraa deebisuu fedhu, kan hogiin irraa deebitee hogiin irraa hin deebine. Duuba kun hundinuu wanni nu garsiisu: akka wanni sun isaaf argamuufi argamuu dhabuun, akka irraa deebi'uufii deebi'uu dhabuun waan aanjaa namaa keessa hin jirre yahe. Kan namni humna ifiitiin waan fedhu argatuu hin dandeenye.

Wanni gurguddoon guddina isiitiin, qalbii nama sossooftu meeqaatamiitu jira. Namni wanni argu gaara lagootiifi bineessa nama nyaatu. Qilleensa hamaa, galaana, sosso'a dachii, rooba guddaa, hangaasuu, mandiisuu, bakkakkaa, duumeessa gurraachaafi wkf arga. Namni waan kana ija guddinaatiin laala, ammoo lubbuun namaa waan gurguddoo argu san madditti waan xiqqoo hin jirre. Waan laaftu. Kun waan hoggaa waan dubbanne gurguddoo san gad qabee laale itti dhagayamu. Duuba waan dubbanne kan bifaafi humniti adda addaa san laaluun, haala isii qoratuun, ammallee dadhabbii ifii laaluun, wanni qalbii namaa keessatti dhagayamu, akka namni waan laafaa nama biraatti haajamu tahe. Duubaa hoggaa wanni kun qalbii isaa keessa buute, wanni qalbii isaa keessatti dhalattu yaada takkaa aaqidaa Rabbiin waan gurguddoo san uume ni jira jettu. Rabbi waaa rgamsiisuufi waa dhabamsiisuun harka isaati jirti jettuutu dhalata. Duuba Rabbiin waan gurguddoo san uume ni jiraan itti dhagayamuun, Rabbii waan san dandeeytii isaatiin uumeegad je'uufi dubbii isaa dhagayu fiddi. Ammaas Rabbiin waan san uume humna namaan fayyadu qabaa beekanii, waan fedhan hunda harka isa jala qabatanii kadhatu fiddi. Ammaas Rabbiin waan gurguddoo san uume, nama isa dhagayuu dide ni adabaa beekanii isa sodaadatnii dallansuu isaarraa maganfatuu fiddi.

Namni hoggaa dukkana wallaalaa keessa jiru, wanni sehu, akka wanni gurguddoon inni ijaan argu takkaa wanni waan argurraa isa fayyaddu, takkaa wanni waan argurraa isa miidhu Rabbi yookaa waaqa taate..tanaaf jecha: nama garii kan bineessa gabbaru garta, ammoo garii kan gaara takkaa laga takkaa dachii takkaa ibidda takkaa rooba takkaa qilleensa takkaa aduu takka urjiifi wkf ibaadu yooka gabbaru agarta.

Haa tayuu hogaa waan xiqqo dukkanti wallaalaa namarraa kaatee ifaan beekkomsaa itti seene, akka wanni argu sun hundinuu waan laaftuufi darree akka isaa taate arga. Akka duuti akkuma waan xiqqotti dhuftu waan guddottiis dhuftuu beeke. Layni gurguddaan ni goga, bishaan isaa hogiin gd deebi'ee hogiin bal'atee hogiin qallata. Namni gaara qotee caccabsa. Dachiin mataa isiitii garaaisii keessaa waa magarsuu hin dandeessuu bishaanitti haajamti, yoo bishaan isiidhaa gayu hin argatin ni goggooydi. Bishaan lubbuu ifiitiin samiidhaa dhufuu hin dandayu, qilleensi duumeessa oofutti haajama. Qilleensi mataa isaatiin buubbisee nama fayyaduu yookaadararuu hin dandayu waan biraatti haajama. Akkasuma wanni namni samiikeessatti argu, kan akka aduu, ji'aafi urjii hundi isii heera yookaa qaaydaa irraa bahuu hin dandeenyeen deemti, yooka daleeydi. Duuba namichi hoggaa waan kana arge wanni yaanni isaa itti qajeelu, akka wanni isaaf mul'atte sun humna guddoo dhokattuu isii deemsiftu qabdu, humna isii mootu ta akka ifii feetetti isii ooftu, humna waahundadandeessu tan waa hundarraa dhokatte....duuba kanarraa fudhatteeti, namni Rabbiin hedduun dhokataan ni jiraa yaadu jalqabe, wanni namni sehu, wanni laallee garru hundi adda addaan Rabbi qabdi je'u. Ifaan, dukkanti, qilleensi, bishaaniifi fayyaan hundi Rabbi adda addaan qabdi yaada. Tanaaf suuraa Rabbii waan sanii tan hin jirre qalbitti qabatee, suuraa mataa keessaa qabu san ibaada yooka gabbara.

Ammoo hoggaa ifaan beekkomsaa hangasanirra ida'amuuf, wanni arge, akka addunyaan tun karaa tokko kan irraa hin baane qabattee deemtu, qilleensi akka itti buubbisu arga, roobni akka itti roobu arga, akka urjiin samii keessa itti yaatufi zamanii takkaa barri akka itti jijjiiramu arga, akka midhaan ammallee mukni itti bilchaatu arga. Wanni sun hundi qaaydaa walhindabnerratti deemaa argamuu isiiti arga. Ammallee akka humniti hedduun adda addaa waan san argamsiisuurratti wal gargaartu arga. Waa magarsuufi bishaan, biyyee, qilleensiifi aduu wal gargaartu arga. Sun waan qaaydaan wanni laallee agarru irratti deemtu, qaaydaa jabduu tahuu beeysisu. Waan wanni laallee agarru kaayuu ogummaarratti deemtii nu garsiisu. Waytii dalagaa hundaa godhamte, dalagaa san waytii san keessa argamsiisuu jecha waa hedduutu waltahee walgargaara. Fakkeenyaaf, waytii midhaan mayruuf godhamte, waytii san keessa mayra san argamsiisuu jecha waa hedduutu, kan akka biyyeefi roobaa takkaa bishaan, qilleensaafi aduuti, jara kana hundaatu mayra kana magarsuu jecha irratti wal gargaara. Kan tokkon isaanii irraa booda hin aanne. Akkasiin wanni mayru magarti, kan odoo humna sanirraa tokkumti hafee hin magarre.

Duuba waan addunyaa keessa jiruufi akkaataa qajeelaa isiin itti deemtu kana laaluun namni duraan addunyaa tanaaf waaqa adda addaa godhe. Waan hedduu inni Rabbi ja'uun saniif mataatu jiraa, Rabbii isaanirra guddaatu jiraa beeke. Kan Rabbiin guddaan sun Rabbii hedduu san bulchu, kan Rabbii hedduu sanirraa nam tokkolleen dubbii isaatiin kophaa bahee mataa ifiitti hin bulle. Maalif? Odoo Rabbiin adda addaa sun mataa ofiitti bulee, silaa addunyaan tun qajeeltee hin deemtu. Silaa badiin addunyaa walgeessi. Waan wal diiddaan isaan jiddutti argamuu hin oolleef. Namni Rabboota xixiqqaadharratti Rabbii biraatu jiraa yaadu, Rabbii Rabboota ajaju san Rabbii guddaa je'eeti yaama. Kan (Allaah) ja'amu ja'amu afaan arabaatiin, takkaa (barmeshoor) takkaa (khudaay khudaay kaan) takkaa (waaqa) ja'amu afaan biraatiin. Haa tahuu namni waaqa waaqa xixiqqaarraa guddaatu jiraa sun, Rabbii xixiqqaa san Rabbii guddatti qindeessan. Rabbii guddaa san madditti isaan gabbaran. Waani namni san yaadu sehu, dubbiin waaqummaa akka mootummaa addunyaa tahu, akkuma mootiin addunyaa qondaaloota hedduutti irkatu, kan dalagaa hedduu isaan harka kaayu qabu, Rabbiin guddaan sun waaqoota xixiqqaa saniin marihatee isaaniin gargaarsiftee dalagaa waan uumee oofu qaba, kan Rabbii guddaa bira gayuu hin danddenye. Yoo Rabbiin xixiqqaa san jaalachiisan malee. Tanaaf jecha namni waaqa xixiqqaa san guddisuurraa hafiinsi hin jirre. Isaan qabatee waan isaan jibbanirraa fagaatee huulaa Rabbii guddaatiin gayu isaan godhatee harka isaan jala qabatee dirmachuu isaanirraa barbaadee...isaan jaalachiisuuf jecha waa isaanii qodhee akkatti Rabbii xixiqqaa san gabbaruun dirqama jechaa yaada.

Ammoo eega beekkomsi namaa ol hiiqee namni dubbii qoqqotee jala laaluu eegale, lakkooysi Rabbii hedduu sanii xiqqaataati deemuu eegale, Xiqqo xiqqoon namni. Namni beekkomsi isa ida'ame sun waan namni waaqa godhe san gad qabeeti laala, akka wanni sun Rabbi hin tahin beeka. Wanni sun waan namni akkuma waan biraa ta Rabbi uumetti beeka. Inumaa yoo humnaafi heelaan namaa gad hin tahin, tanaaf jecha namni waan san gabbaruu tokko tokkoon dhiisan. Hangamaayyii keessa waaqa tokkicha malee, waan biraa gabbaruu dhiisutti. Haa tahuu waaqa yookaa Rabbii tokkicha san beekkomsa dhugaa hin beeku....Rabbiitokkicha san wallaaluutu mataa namaa keessa jira. Tanaaf namni gariin, Rabbiin tokkichi sun qaama akka qaama keenyaati qaba, bakka takka taa'eeti nama isa gabbaru kan isaa sagadu arga jechaa yaada takkaa seha. Ammaas nama Rabbiin jaartiifi ilmaan qaba, inni akka namaatti horaa sehuutu jira. Kana malees isaanirraa nama suuraa namaatiin lafatti gad bu'e je'uutu jira. Ammaas nama Rabbiin eega waa hunda uumee dalagaa waan uume hundaa keessaa bahetti, akka ifumaa waldalagan godhee bakka takka taa'ee amma haraa baafatutti jira ja'uutu jira. Ammaas nama nama shafa'u kan akka aawliyaa Rabbi biraa qabaatuurraa hafiinsi hin jiru je'uutu jira wasiila godhatanii. Ammaas nama hoggaa Rabbi ibaadu takka sagadu, Rabbiin suuraa akkanaati qabaa garatti qabatee takkaa mataa isaa keessatti qabatee ibaaduutu jira. Akkanatti shakkiin hedduun, badduun mataa namaa guuttee yaada tawhiidaa balleessite. Kan sababaa saniin bordoda shakkii yookaa kufrii keessa lime takkaa cuubame. Waani san hunda fide wallaala.

Sadarkaan yookaa darajaan waaniin dubbadhee dabre hundarraa boodaa, tan hundarraa caaltu, sadrakaa (laa ilaah illllaahu) jechuuti. Sadarkaan tun, sadarkaa beekkomsaa tan Rabbiin sababaa isiitii ja'ee anbiyoottan isaa gabroottan isaatii erge. Biyya hundaafi yeroo hunda . beekkomsa kana dura dursoo, nabi Aadam, abbaa namaatitti kennamee ilmaan isaatiin dhufe. Eegasii nabi Nuuhi, nabi Ibraahim, nabi Musaa akkasuma anbiyoonni biraa hedduun beekkomsa san kenname. Kan anbiyootarraa hunda booda beekkomsa san kannemee ummatattiin dhufe nabi Muhammad (NIHJ). Beekkomsi anbiyoonni kanne kun beekkomsa qulqulluu kan wallaalli itti hin makamin...wanni namni kufrii waa Rabbitti qindeessuufi kufrii biraa tan dubbannee dabarsine sanitti senuuf, sababaa barnoota anbiyoonni dhufeenirraa gara galeefi. Sababaa karaa Rabbi beekaniin ka anbiyoonni isa qajeelcherraa maqee, aylii ifiitti irkatee Rabbi beekuu barbaaduufi.

Mee koottu waan dubbiin dabrsine gabaabduun sun nuu akeekte waan dhugaa sii addeessinaa. Hiikkaa waan anbiyoonni dhufeenii sii himna:

1 Dura dursoon, waan anbiyoonni dhufeenii, kan irraa jabaa Rabbiin ni jiraa yaadu. Wanni argame kun kan laallee agarru hundi nama isa argamsiise qabaa dhugoomsuu. Maalif, wanni wanni uumame guddoon laallee garrufi dhageenyu kun, ayliin namaa jalqaba isaatiifi dhuma isaa hin beeyne, kan isarraa wanni hisaaba hin qabne uumamte, ammallee uumamutti jiru, kan guyyaaraa, sa'aadharra wanni aaylii namaa dinqu takkahuu dhamaasu haarayoomni argamaa deemu, namni waan uumame kana uume, waaqani isii jiraa hin duune. Kan hin likkeeyfamne akka waan uumametti. Dureessa hin haajamne, dandayaa hin dadhabne, ogeessa hindogoggorre, beekaa waa takka isarraa hin dhokanne, jabaa namni dubbii isaa jiru hin jirre, kan humna likkii hin qabne qabu, kan wanni hundi waan jiraatuun isarraa argatu, kan waan ir'uu tahe hundarraa qulqullaawe, kan anmni tokklleen dubbii isaa harkaa kaayuu hin dandeenye tahuu qaba.

2 Sifti Rabbii tan dubbanne dabarsine sun, sifa Rabbii tokkichaa tahuurraa hafiinsi hin jiru. Akkana jechuun sifa san Zaati lama qabaatuun hin mijjaawu jechuudha. maalif? Namni waa hunda injifatu, kan waa hunda moohu, zaata takkaa qofa tahuu dhabuun hin mijjaawu. Akkasuma sifti Rabbii Rabbii hedduurraa qoodamuun hin mijjaawu. Maalif? Fakkeenyaaf: yoo waaqni tokko sifa mootummaa fudhatee Rabbiin kuun sifa beekkomsa fudhatee, waaqni kuun sifa waa razaquu fudhatee eegasii walgargaaruun isaan jidduu jiraatuu baatte, addunyaan tun baddee dhabamuu hin ooltu. Akkasuma sifti sun Rabbii tokkorraa tokkotti dabraa deemuun waan mijjaawuumiti. Sun akka tokko, zamana tokko waaqa tahee kuun zamana biraa waaqa tahutti, akka Rabbiin kun jiruu kanarraa fudhatee jiruu malee dhiisutti. Duuba Rabbiin jiruu ifii hanbifatuu dadhabe akkamiin jiruu nama biraati kenna? Mee namni waaqummaa isaa tiiyfatu hin dandeenye, kan hogiin iraa fuudhamtee nama biraatii kennamtu akkamitti waa uumee bulchee dubbii isaanii oofa.? Dhugaa yoo taate; namni akkuma beekkomsa ida'atuun akka sifa waaqummaa tan akka beekkomsa guutuu, jiruu du'a hin qabne, namni tokko qofti qabaatuun waajiba tahe beekee hubata.

3 Yoniif Rabbiifi sifa isaa akka dubbanetti beeyte, eegasii wan uumame hunda laaltee wanni ati beeytu: akka wanni ati laaltee agartu takkaa dhageessu takkaa akkuma beeytettuu, akkaan beeytuu hundinuu sifa waaqummaa takkaa Rabbummaa hin qabne. Akkawanni laalteegartu nama biraatti haajamtu. Akka isiin dadhabduu taate, kan jiraattee duutu, kan toltee baddu kan haala tokkorratti ifiin hin hafne. Tan waan daleeyduhumna isiitiin hin daleeyne, tan heera Rabbiin irratti uumerraa bayuu hin dandeenye, kan haalli isiidhaa akka isiin Rabbi hin tahin ragaa bahu, kan waa takka asxaa waaqummaa hin qabne, kan dalagaa waaqummaa keessaa waa takka hin qabne agarta. Kun hiikkaa (laa ilaah iillallaah) jechuuti.

4 Yoo waan uumamehundarraa sifti Rabbii dhabamuu beeyte wanni beekuurraa hifiinsi hin jirre, waan uumame hundaaf zaatti takkiittiin waan uumame hundaa ol taate, tan sifa Rabbii san zaata takkittii san malee zaatti biraa hin qabne jiraatuu beekuu, sun hiikkaa (laa ilaah iillallaah) jechuuti. Beekkomsi guddaan, kan hubantii guutuu qabu isa sii dubbanne kana. Kan dhawaatuma wan uumame xinxaltee yookaa qad qabdee laatuun jalqaba beekkomsaafi dhuma beekkomsaa tahuu isaa beeytu. Hoggaa beekkomsa waan uumametti rarra'urraa beekkomsa tokkoqabattee keessa lixxee barte, kan akka barnoota uumamaa, kimaayaa, falkaafi waan lubbuu qabu kan akka beekkomsa namaatti rarra'u takkaa lafatti rarra'u akkaan gad qabdee baratte, Rabbii tokkicha malee Rabbiin biraa hin jiruu dhugoomsuu ida'atta. Hogguma beekkomsa keessatti tarkaanfii fudhate mara wanni sii mul'atu, yoo namni waan dhugaa mul'ataa kana qeebaluu didu jiraate waanummaan dhugaatuu addunyaa tana keesa waan jirtu jechuu.

Tokkummaa Rabbii yaaduufii jiruu namaa

Eega waan dabre beeyte, amma akka tawhinni Rabbii jiruu nama isatti amanee itti qajeelchuufi waan namni diinaa islaamaatti hin seenin jiruu isaa keessatti khasaareef sii dubbanna.

1 Namni jecha (laa ilaah iillallaau) ja'u ka hiikkaa isaa Rabbii tokkicha malee Rabbiin biraa hin jirutti amane, yaanii isaa rakkoo tahuun waan mijjaawuumiti. Maalif? Inni Rabbii dachiifi samii uumetti amane, Rabbii bahaafi dhiha dachii qabu, Rabbii waan uume hunda razaqu, kan tottoohatee guddisu. Duuba namni akkatti amane wanni argu hundi waan Rabbiitiifi gabroottan isaatii yaada. Tanaaf jecha wanni mu'mina dura dhaabbatee keeyrii jaalatuufi nama gargaaruufi nama kaddamuurraa isa dhoowwu hin jiru. Mu'mina yaanni isaa bal'aadha. Wanni qalbii isaa rakkisu hin jiru. Akkuma wanni qabeenyaa Rabbii rakkisu hin jirre. Haala mu'minaa kana, namni Rabbii heddutti amanu takkaa Rabbiin sifa akka sifa namaa ir'uu qabaa yaadu takkaa matumaanuu Rabbiin ni jiraa hin yaanne hin qabu. Tanaaf jecha yaanni kaafiraa rakkoodha yookaa dhiphoo.

2 Namni hiikkaa shahaadaa kanatti amane, amantiin isaa jeynummaafi waan hamtuurraa if guddisuu qalbii isaa keessatti magarsiti. Jeeynummaa waa takka dura hin dhaabbanne. Mu'minni wanni yaadu, waan humna tahe kana addunyaa kana keessa jiru hunda kan harkaa qabu Rabbii tokkicha jechaa yaada. Kan nama dararuufi kan nama fayyadauu isa malee hin jiru. Mootiin dhugaa isa malee hin jiru jechaa yaada. duuba beekkomsi hubantii kan inni Rabbi beeku kun, waan Rabbi hin tahinirraa isa duroomsa. Waan Rabbi hin tahin hin sodaatu, qalbii isaa keessaa buqqisee darba. Tanaaf jecha mu'minni nama Rabbi hin tahiniif mataa isaa gad hin qabu, isa jala hin kufu, harka isa jala hin qabatu. Guddinni nama Rabbi hin tayinii isa hin sodaachisu. Duuba haala kana nama Rabbitti amane malee namni hin amanin qabaatuun hin mijjaawu. Maalif? Haalli nama Rabbitti kafree waan Rabbi hin tahiniif mataa gad qabu, wanni Rabbi tahin sun nama fayyaduu, ammallee nama miidhuu dandyuu isii yaadu. Waan san sodaatee waan kajeelu, naaf argamsiisaa isaarra kaayatu, Rabbii waa hundauume dhiisee.

3 Jecha tawhiidaa kanatti amanun, jeeynummaafi guddina lubbuu mu'minaa keessatti magarsuun wajji, Rabbiif gad ja'uu qalbii isaa keessatti magarsiti. Namni (laa ilaah iillallaahu) Rabbii tokkicha malee Rabbiin biraa hin jiru je'u, if guddisuun isaa hin mijjaawu. Sheeyxaanni hidda morma isaa afuufee akka humna isaatiin dhaadatu godhuun isarraa fago. Maalif? Inni akka Rabbiin waan duraan isaa kenne san irraa fudhuu dandayu beeka, waan qabuun hin dhaadatu. Ammoo namni Rabbitti hin amanin hoggaa qananii addunyaa argate, goobeeti if tuula funyaan samii keessa qabee...maalif? wanni inni yaadu,wanni argate sun humna isaatiin, beekkomsa isaatiin isaaf argamtejechuu. Akkasuma namni kafare kan Rabbitti waa qindeessu Rabbif gad hin ju'u. Maalif? Wanni inni yaadu, waan inni Rabbitti qindeesse santu waa naa kenne jechuu, Rabbiimitii.

4 Namni Rabbitti amane, kan hiikkaa (laa ilaah iillallaahu) jechaadhaa beeke dhugoomse, wanni beekkomsa hubantii beeku, akka karaan najaataafi milkii yookaa karaa nafsee waan hamtuurraa ququlleessanii, waan gaarii dalaguun taate maleen hin jiru, mu'minni Rabbii dureessa, wanni hundi itti haajamtu, Rabbi haqa kana hundaaf walqixatti amana. Rabbi namni tokkolleen waaqummaa isaa duraa tuqutti humna hin qabne dhugoomsa. Ammoo kaafirri warri Rabbitti waa qindeessu, wanni isan irratti jiraatan yaada kijibaati. Tanaaf jecha gariin isaanii akka ilmi Rabbii diilii teenya abba biratti nurraa haquuf if wareegee gorra'ame ja'a. Gariin isaanii nuti ilmaan Rabbiiti, jaalalloo isaati nuun adabu ja'a. Gariin warra gurguddaa keenya kanneen Rabbi sodaattu, Rabbi biratti nu shafa'a ja'a. Gariin qodhaa asnamaaf yookaawaan Rabbitti qindeessaniif geessanii qalan. Wanni seehan, akkas dalaguun dilii fedhan dalaguun nuuf gaya jechuu.

Yaanni badaan kuniifi kan akka isaa bordoda dilii keessa kuffaara kuffisuurraa haran baafanne. Isaanii waan saniin dagamanii nafsee isaanii haala hamaarraa ququlleessuu, waan gaarii isaanii tolu dalaguu dhiisu sun, haala nama Rabbitti waa qindeessuuti...ammoo kaafirri matumaanuu Rabbiin ni jiraa hin yaanne, kanneen Rabbiin oltahe guyyaa boruu isaan gaafatee yoo keeyrii dalagan waan gaarii isaanii kennee, yoo hamtuu dalagan isaan adabu, Rabbiin akkanaa ni jiraa hin yaanne.

Jarri kun wanni yaadu, akka nabseen isaanii addunyaa tana keesatti bilisa taate, kan heera isaan gubbaa isaanitti dhufuuf gad hin jenne, mataa gad hin qabanne. Kanneen lubbuu isaanii Rabbi godhatanii waan isiin feetu dalaganii isii gabbaran yookaa ibaadan.

5 Nama Rabbitti amane, rahamataRabbiirraa garaa muratuun isatti hin dhuftu. Inni Rabbii keeyrii dachii samii qabutti amanee jira. Rabbii ni'imaa isaa lakkooysaan hin dhumne. Akkanatti warra amane iimaanni isaanii qalbii guutee waa takkaleef hin badanne. Odoo addunyaa tana keesatti xiqqeeyfamee, hulaan isii cufti itti cufamtee karaan jiruu itti dhiphateee haanni addunyaadhaa hundi irraa citelleedhaa. Namni amane qalbiin isaa ir'attee hin baaragu, maalif? Wanni inni yaadu ijji rabbii isa eeydi, Rabbiin nafsee isaati isaa kennee, nafseen akka feete isa godhuu itti hin dhiisu. Sharrii nafseerraa isa tiiysa jechuudha. ...tanaaf jecha, mu'minni Rabbitti irkatee jihaada walitti dhaabee godhuurraa gad hin teenye. Isaa hoggaa hunda gargaarsa Rabbirraa isaarraa maddifatu...haali kun aqiidaa tokkummaa Rabbii yaaduutiin malee argamuun hin mijjaawu. Tanaaf jecha warri Rabbitti kafare, kan Rabbitti waa qinddeessuufi kan Rabbiin hin jiru ja'u hundi qalbiin isaani darree, ir'u, waan humna xiqqoo ifii qabanirratti irkataniif. Tanaaf rahmata Rabbiirraa garaa muratuun, hoggaa rakkoon itti dhufte rifatanii baaraganii obsa dhabuun qalbii isaanitti tarrifte liqimsiti. Hanga gaafiin if jibbanii if ajjeessan takkatti.

6 Rabbii tokkicjhamalee Rabbiin biraa hin jiruu beekuun, yaada jabaatuu, jeeynummaa, obsa, wahirratti garaamuratuu, Rabbii guddaa wahyyuuf abdatuu nama keessatti biqilchiti. Namni mu'minaa tokko yoo dalagaan guguddoon Rabbiin jaalatu harka kaayamte hidhateeti irratti obsee, Rabbitti irkatee dalaga. Wanni inni hubantii qabu akka humniti Rabbii dachii samii qabu isaa wajji jirtu...tan tarkaanfii inni fudhatu hunda keessatti harka isaaqabdee isa jabeessitu. Jabaatuufi dalagaarratti cimuun, Rabbitti irkatuudharraa inni argatu, dhaabbatiinsagaariifi jabeenya isaatii gad hin taatu. Balaan feete balaan addunyaarra, takkaa humniti feete humna addunyaarraa isa dura dhaabbattee isa sossooftee hamilee isacabsitee waan hidhatee ka'eefirraa isa hin deebiftu. Duuba warri Rabbitti hin amanin, humna akkanaatiifi hidhannaa yookaa hamilee Rabbiin wajji jiru tan akkanaa eessaa fuudha takkaa eesssaa argata?

7 Rabbitti amanuun, Rabbii tokkicha waa hunda uumee qabu malee, Rabbiin biraa hin jiruu dhugoomsuun mu'mina mirqqansiteeti jeeynummaa qalbii isaa guutti...malif? wanni nama luynoomsee hamilee namaa cabsu, waa lama. Sanirraa tokko: lubbuu, horiifi firaa isaa jaalatuu. Kan lammeeysaa: waan Rabbii guddaa hin tahin, kan nama ajjeeseu takkaa miidhu jiraa yaaduu, ammallee heelanaan du'a ifirraa ddebisuu yaaduu. Duuba nama Rabbitti amane sababaan sodaa lachuu qalbii isaa keessaa baateee iimaanni isaa qalbii isaa qulqulleesse. Wanni sababaa sodaa kan dura qalbii qalbii isaarraa deemsisuun, akka Rabbiin isaafi horii isaallee uumee qabu beeysisa. Akka lubbuun isaatiif horiin isaa, ammalle wann qabu hunda Rabbii ja'ee kennu godha. Akkanatti iimaanni lubbuufi horiin, aaliin nama luynoomsu dhoowwa. Ammoo sababaan lammeessaa: kan nama luynoomsu, wanni iimaanni namarraa deemsisuun, akka wanni takkalleen nama tahuu, bineessa tahuu, boombii tahuu, madaafa tahuu, habalee tahuu, dhagaa tahuu, muka tahuu, galaana tahuu, ibidda tahuu jiruu namarraa fuudhuu hin dandeenye, akka namni jiruu namarraa fuudhuu dandayu Rabbii tokkicha qofa tahe, akka Rabbiin bakka inni itti du'u, waytii inni keessa du'u isaaf godhe, kan humniti addunyaadhaa hundi waytii Rabbiin isaaf godhe san dura hin dabarsine, kana iimaanni isa barsiisa. Tanaaf jecha addunyaa tana keessa namni nama Rabbitti amanerra jeeynaa, kan waa hin sodaanne hin jiru. Isa waraanni guddaan itti jiguun, habaleen itti baafamuun xiyyitiin itti roobuun, boombiin itti harca'uun hamilee isaa cabsite isa hin sodaachiftu. Mu'minni hoggaa qabsoo karaa Rabbiitti seene, humna humna isaatti kudhan deebitu cabsa. Duuba humna akkanaa namni Rabbitti kafare eessaa argata? Kaafirri lubbuu isaa waa hundarra jaalatu kan xilaanni natti as jiguudhaan duuti natti as ceetu, xilaanni narraagara galuun duuti narraa deebitii jechaa yaadu, eessaa haala san argata?

8 Hiikaa (laa ilaah iillallaahu) jechuu beekuun, dhugoomsuun arjummaa nama keesatti guddisa, olfuudha. Rabbii tokkotti amanuun haala badaa gadi galummaa hundarraa olfuudhamuu, waan Rabbiin isaa kenne aminfatuu, harkaa namaarraa duroomuu nama keessatti magarsiti. Rabbitti amanuun qalbii mu'minaa haala badaa akka kajeellaa, bolola, histii (waanyoo) garjalummaaafi saqaccaanummaa hundarraa qulqulleessiti. Mu'minni yoo waa takka keessatti milkaawuu fedhe, karaa diriiraa malee karaa badaafi jallaa deemuun yaadaa isaarraa fagoo. Maalif? Wanni inni yaadu: rizqiin harka Rabbii tokkichaati jirti malee, harka nama biraatiimiti. Rabbiin abbaa fedhetti bal'isee ka fedhett dhiphisa. Humnaafi aangoon, ammallee beekkamuun, nama injifatuun harka Rabbii tokkichaati jirti, akka malutti abbaa fedhee kenna. Wanni namarratti jiru heera Rabbiin kaayerratti hanga dandayame deemeehojjatuu. Ammoo milkaawuufi kasaaraan harka Rabbii tokkichaati jirti. Waan Rabbin namaa hin kennin wanni namaa kennu hin jiru. Waan Rabbiin nmaakenne namni nama dhoowwu hin jiru. Kana wanni mu'minni yaadu. Ammoo warri Rabbi mormu kan Rabbitti waa qindeessu, kan Rabbiin hin jiru ju'u, wanni isaan yaadan mikaawuufi kasaaraan humna addunyaa tanaan gargaarsifatuufi gargaarsifatuu dhabutti rarraati jechu, akka yaada isaaniitti namni humna qabu ni milkaawa, namni humna hin qabne kan humna hin gargaarsifatiin ni kasaarama ni bada. Tanaaf jecha wanni isaan ibaadan bololaafii kajeella. Isaan Rabbitti hin amaniin sun waan nabseen isaanii feetu argachuu jecha gubbaa kennuufi fudhatuurraa hin dhaabbatan. Takkaa hin eeggaman. Nama jala kufanii kadhatuufi hamtuu namatti yaaduu, haala badaafi saqaccaanummaa hunda hin lagatan. Yoo namni biraa milkaawe garaan gubateeti akkamitti namni sun waan san argataaf rakkatanii quba if ciniinan. Duuba nama hassadan. Yookaa hinaafan. Takkaa nama isaan dura dabre san kuffisuufii jechaa waan heelaa waan heelaa tahe mara, karaafii karaa maleen kan hin qaanfanne itti dalagan.

9 Shahaadaa qabaatuun Rabbii tokkichatti amanuun, wanni akkaan jabduu kan itti nama kaasu: shari'aa Rabbii, heera isaa qabatuu, ammallee shri'aa Rabbii san tiiysuu.maalif, namni Rabbitti amane, akka iimaanni isaa ja'utti: wanni inni beekee hubatee yaadu Rabbiin kan waa hundakeessa beeku, Rabbiin hidda dhamaarraa namatti dhihoo, mu'munni wanni yaadu. Yoo dukkan halkanii keessatti takkaa hoggaakophaa jiru waa dalage Rabbiin ni beeka, yoo waan hamtuu qalbiin yaade Rabbiin ni beeka. Yoo waan dalagu addunyaa tana keessatti nama hundarraa dhooysuun, kan isaaf mijjaawu tahe, Rabbirraa dhooysuu hin dandayu. ammaas yoo adaba namaa jala bahe ka Rabbii jalaa bahuu hin dandayu jechaa yaada.duuba akkuma iimaanni qalbii mu'minaa takkaa qalbii nama Rabbi dhugoomsee keessatti cimee jabaatuun, shari'aa Rabbii jala akkaan deemuun argama. Wasan Rabbiin kaayerraan tarkaanfatuu dhabuun cima. Inni waan waaqni irraa dhoowwe dalagutii hin jarjaru. Wanni inni itti jarjaree dalagu waan gaariifi waan Rabbiin itti ajaje odoo dukkana halkanii takkaa kophaa kalawaa keessa jiraatellee. Mu'minni hoggaa hunda poolisii isaan adda hin baaneetu wajji jira. Wanni mu'minni takkaa namni islaamaa hoggaa hunda yaaduun ija dura if qabu: mana murtii dhugaa tan Rabbii tan nam tokklleen mooraa yookaa jedduu gaaffii isii keessaa baafatuu dandayu hin jirre, gaaffii murtii shangoo san if dura qabaa waan hamtuu hin dalagu, immoo waan gaarii hin dhiisu, tanaaf jecha, jecha (laa ilaah iillallaahu) je'anii hiikkaa isaa beekuun tan irra jabduu godhamte. Akka namni tokko muslima tahuun isaa argamuuf jecha. Maalif? Muslima jechuun: akka kitaaba kanarraa kutaa duraa keessatti sii ibsine: gabricha dubbii Rabbii isaa dhagayee jala deemu jechuudha. namni tokko gabricha Rabbii tahee, waan inni ju'u dhagayuun yoo qalbiin isaa hiikkaa (laa ilaah iillallaahu) jechuudhaa dhugoomse malee yoo Rabbii tokkicha waa hunda uumee qabutti amane malee, gabricha Rabbii kan dhugaa tahuun hin mijjaawu.

Aqiidaa shahaadaa qabaatanii, laa ilaah iillallaahu ja'nii Rabbii tokkichatti amanuun tun, dhaaba jabaa wanni nabi Muhammad nu barsiise hundi irratti jaaramtu. Rabbii tokkichatti amanuun hundee islaamummaati. Jabeenyi islaamaa isiirraa madda. Wanni yaada islaamaa tahe hundi bu'ura tokkummaa Rabbii yaaduurratti malee, waan biraatti hin dhaabbatu. Humna isaafi yaada isaa kanarraa malee wan biraarraa hin fudhatu, odoo tokkummaa Rabbii yaaduun dhabamtee waa takka islaamarraa hin hafu.

2. Lammaaffaan Malaaykaa Rabbiitti amanu
wanni lammeeysaan kan nabi Muhammad itti nu ajaje (NIHJ), eega Rabbitti amanuutii maalaaykaaan Rabbii ni jirtii dhugoomsu. Faaydaan malaaykaa Rabbiitti amanuu qabdu aqiidaa tawhiidaa xurii Rabbiitti waa qindeessuurraa qulqulleessu.

Wanni ati tanaan dura beeyte, warri Rabbitti waa qindeessu waan uumamerraa gosa lama Rabbitti qindeessan, gosti takka waan uumame kan ijaan laalanii argan, kana akka aduu, ji'aa urjii, ibiddaa, bishaanfi nama gurguddaafi wkf faadha. Gosti lammeeysaa kan waan uumamerraa Rabbitti qindeessan waan laalanii hin agarre, tan ija namaarraa dhokkattee dalagaa waan uumamee ooftu, wanni sungariin kan qilleensa oofu, gariin kan duumeessa oofee rooba roobsu, gariin kan ifa qopheessu. Duuba wanni uumame tan ijaan argamtu tan Rabbitti qindeessan sun matuma shahaadaa qabaatuutiin, matuma (laa ilaah illaalaahu) jechuutiin Rabbummaan isii dhabamti. Ammoo wanni uumame kan namni ijaan hin agarreefi gurraan hin dhageenye, kan waa dalagu kan ormi kuffaaraa Rabbi godhatee gabbaruu jabeessu takkaa ilmaan Rabbiitii yaadanii malaan suuraa akkanaati fakkaatti ja'anii suuraa godhaniifii isiidhaa sagadan. Isiidhaa waa qodhuudhaan qalanii Rabbitti dhiyaatan takkaa isitti dhiyaatan. Islaamni yaada kophaa kan dubbii tanatti rarra'u ibse, aqiidaa tawhiidaa yaada akkanaarraa qulqulleessuuf. Waan akkasii Rabbitti qindeessanii gabbaruurraa nama dhoowwuuf aqiidaa malaaykatti rarraatu nuu addeesse.

Nabi Muhammad (NIHJ), wanni nuu addeessan: wanni ijaan hin agarre tan nuurarraa uumamte, tan dalagaa waan uumamee ooftu, tan gariin namaa Rabbi sehu kan gariin isaanii ilmaan Rabbii seyu sun, Waa Rabbimiti ammallee waa ilmaan Rabbiitiimiti. Wanni sun waan Rabbiin uume kan malaaykaa Rabbii ja'amni. Kan Rabbummaa keessa waa takka hin qabne...isaan gabroottan Rabbii kan dubbii isaa dhagayu kan waa takka itti hin dilooyne, kan Rabbiin isaaniin dalagaa waan uumee oofu, kan waan inni itti ajaje hundaan dhaabbatan, kanneen mala iaaniitiin waa takkallee dalaguu hin dandeenye, kan Rabbiin waa hunda dandeessise. Kanneen Rabbiin wan akkanaa dalagi je'anii gorsuu hin dandeenye, kanneen Rabbi biratti nama tokkollee shafa'uudhaa irree hin qabne. Duuba namni malaaykaa ibaaduun, yookaa yaammatuun qaanifi xiqqeenya, mee laali Rabbiin gaafa abbaa namaa (Aadam) uume malaaykoota hunda walitti qabeeti isaaf gad jechisiise. Beekkomasa isaanii hin kennin Aadamiif kenne aadam addunyaa tanarratti Khaliifaa godhate, malaaykaamiti. Duuba namni malaaykaan duraan isaaf sujuudde deebi'ee malaaykaa sanii sujuuduun wahi akkaa? Qaanyiin sanirraa eessa jirti.

Gama kaaniin nabi Muhammad (NIHJ), malaaykaa Rabbitti qindeessuufi isaan gabbaruurraa nu dhoowwee jira. Gama kaaniin malaaykoonni Rabbii kun gabroottan Rabbii filatamtoota, kanneen gufatuufii diliirraa yookaa cubbuurraa qulqullaawan tahuu isaanii nuu addeesse. Isaan Rabbitti dalaawwuu dhabuuf uumaman. Isaan waan Rabbiin oltahe itti isaan ajaje malee hin dalagan. Malaaykoonni ibaadaa Rabbiitiif qulqullaawan...Rabbiin isaanirraa malaaykicha tokko filate, inniniis kan Jibriil ja'mu, aanbiyoota isaatiifi ergamtoota isaatti erge. Ammaas malaaykaarraa warra hoggaa hunda namaa wajji jiraatuutu jira. Kan sossohina namni sossohu, dalagaa isaan dalagan hunda gaarii taatu hamtuu taatuu arganii dhagayanii waan namni je'u gaariifi hamtuu tahuu kataban yookaa barreeysan. Nama hundaafuu doosee (kophaatu) isaan bira jira. Kan waan inni addunyaarratti dalageefi waan inni je'e hunda keessatti barreeysanii ol kaayanii guyyaa qiyaamaa dura qabanii fuula Rabbii duratti (mana murtii) Rabbiitti ragaa itti bahan waan inni dalage hundaan, hamtuu toltuun, waan inni dirree baasee dalageefi waan inni dhooysaan dalageen....ammoo waan malaaykaan taate, akkaataa isiin itti uumamte waa takka irraa nuuf hin odeeyfamne. Wanni nuti ajajamne malaaykaan Rabbii ni jirtii dhugoomsuu amanu. Akkaataa isaanii beekuuf karaan hin jiru. Akkaataa malyykaan itti uumamterraa if biraa kaafne dubbatuun wallaalaraahi, ammoo malaaykaan nijirtii dhugoomsuu diduun kufriifi Rabbi mormu. Maalif? Nam tokkolleen malaaykaan hinjirturratti ragaa hinqabu. Malaaykaan ni jirtii diduun, nabi Muhammad kan ni jirti ja'ee nuu odeesse kijibsiisuu malee hiikkaa biraa hinqabu. Maalif? Haqaa yoo taate wanni nuti malaaykatti amanneef, nabiyyii Rabbii kan dhugaa dubbatuufi mu'jizaadhaan nu garsiiseetu, akka malaaykaan jirtu nuu hime jechaadhaafi.

Sadaaffan: kitaabban Ranbiitti amanu
Ammaas wanni sadeessan kan itti amanutti ajajamne, kitaabban Rabbiin ergamtoota isaatiif anbiyoota isaarratti buuse dhugoomsu. Sun waan karaa nabiitiin nu gahe.

Rabbiin akkuma nabi Muhammadirratti Qur'aana buuse, nabiyoota isa duraarrattiis kitaabban buuse jira. Duuba Rabbiin maqaa garii kitaabban sanii nuu himee jira. Kan akka suhufa nabi (Ibraahim), kan akka tawrataa nabi (Muusaa), kan akka Zabuur nabi (Daawuud), kan akka injiil nabi (Isaa). Ammoo kitaabban biraa kan anbiyootabiraarratti buufame Rabbiin maqaa isaanii nuun addeessine. Kitaabban dubbannee dabarsine san malee kitaabban biraa Rabbiituu buusee takkaa Rabbiin hin buufne jennee falmuu hin dandeenyu. Haa tahuu wanni nurratti jiru kitaabban Rabbirraa bu'e hundi haqaa dhugoomsuu takkaa amanuu.

Kitaabban maqaan isaanii nuuf dhawame sanirraa kitaabni nabi Ibraahim kan (suhuf) ja'mu addunyaa tanarratti hin hafne walitti qabamee, ammoo Tawraataafi Zabuuriifi Injiil, odoo ar'a Yahuudaafi nasaaraa bira kan jiraatullee taatee, waa hedduu irraa jijjiiran, jecha garii bakka hiiysanii garii irraa gatanii yaada hedduu if biraa itti ida'an..Yahuudaanuu ar'a wanni beeytu akka kitaabban Muusaafi Daawudirratti bu'e, hundeen kitaabban sanii isaan harka hin jirre. Akka wanni isaan harkaa qaban tarjama (hiikkaa) tawraat taateedha. Kan hiikkaan sunuu zamana dheeraa keessa jijjiiramuufi ida'amuufi ir'ifamuun tuyxe. Namni kitaabban sanirraa kan amma jiru dubbise (qara'e) wanni argu akka wanni hedduun Rabbirraa tahuun hin mijjooyne isa keessa guuttee jirtu...tanaaf jecha kitaabban ar'a addunyaa tana keessa jiran, matumaa kitaabban nabi Muusaafi Daawudiifii Iisaarratti buufamemiti waan dubbiin namaa itti makamteef. Kan wanni dubbii Rabbiitiifi dubbii namaa tan itti makamte san addaan baasu hin jirre. ..wanni Rabbiin kitaabban dabretti amnauudhatti nu ajajeef, akka Rabbiin ergamoota isaa shari'aadhaan ummata dabretti erge beeknuufi, odoo qur'aanni hin buufamin. Akka shari'aan sun shari'aa Rabbii Qur'aana nabi Muhammadirratti buuserraa dhufte taate. Wanni nabi Muhammad ergamee qur'aanni irratti bu'eef, akka shari'aa dur Rabbiin namaaf kenne turuu keessa balleessanii takkaa jijjiiranii takkaa dubbii namaa itti ida'anii dabsan san tolchee qajeelchuufi beeynuufi.

Qur'aanni Rabbiin nabi Muhammadirratti buuse kun, maayyii kitaabban Rabbi biraa bu'eeti. Wanni qur'aanaafi kitaabban isa dura buufame adda godhu waa hedduudha. Sanirraa:

1 kitaabban qur'aana dura buufame hundeen duraa tan Rabbi biraa buute badde hin jirtu. Hiikkaa isii malee, asiliin yookaa hundeen ar'a harka namaa hin jirtu. Akka tanaan dura dubbannee beeyte. Ammoo qur'aanni harfiifi jecha Rabbiirraa buufameen jira, waa takka jijjiirraan harfii (qubeeffi) dubbiftuu isaatti hin seenne jecha dhiisii.

2 Kitaabban dur zamanni dheeraatu keessa ummanni dabre isa keessatti dubbii isaaniitiifi dubbii Rabbii walitti laaqan yookaa makan. Kitaabban isaanii tokkicha keesssa dubbiin Rabbitiifi oduun namni odeessuu, taarikni uummataa, manaaqibni dhiira isaanii gurguddoofi taarika anbiyootaa, tafsiirri, fiqhii ulamaa'iin ijtihaadaan baafte, ammallee wanni biraa bakkuma takka jirti. kitaabuma isaan Rabbi biraa bu'e ja'an keessakan dubbi Rabbi tan isa keessa jirtuufi dubbii namaa addaa baasuun takkaa addaa beekuun hin mijooyne..ammoo Qur'aanni dubbuma Rabbi qofa kan waa takka dubbiin namaa itti hin makamin umanni islaamaa waan ifii kataban kan akka tafsiiraa, hadiisaa, fiqhii, taarikaa takkaa sirna nabi Muhammad qur'aanatti hin makne kophaa katabanii tiiysan.

3 Kitaabban ar'aa ummata addunyaa biratti argamu hundi tokkoon isaa kan nabi abauluurratti bu'e ja'aanii ragaa taarikaatiin takkaa silsilaa sanadaatiin nabiyyicha kitaabni sun ka isaati je'anii dubbatanitti galchuu dandayan hin jiru. San dhiisii inumaa kitaabban diinaa hedduutu jira kan namni irratti bu'eefi zamanni inni keessa bu'e hin beekkamne...ammoo qur'aanni akka inni nabi Muhammadirrati buufame ragaa taarikaa jabaatu jira. Ragaa namni tokkolleen hin shakkine. Sanitti idaanee qur'aana guutuu dhiisii aayanni yookaa booqannaan isaatuu gaafa isiin buuteefi bakkeen isiin nabi Muhammadirratti itti buute beekkamaadha.

4 Afaan kitaabban dur bu'een zamanni dheeraan isa nyaatee dhugee bade. Oduu dur tahe. Namni afaan saniin dubbatu ar'a bakka takkatillee addunyaa tanarratti hin argamu. Warri beekuu dandayu nama xiqqaadha. Kitaabban sun odoo afaan buufameensaniin ar'a jiratee namni isii beekee hukmii irraa fudhatee itti dalaguu dandayu hin jiru....ammoo afaan qur'aanni bu'een afaan jiraa milyoonni kumii meeqa tama dubbatuun, kan milyoonni dhibbi meeqaatam beekuudha addunyaa tana keessatti. Afaan qur'aanni bu'een kun biyyaa addunyaa hunda keessatti qar'ama takkaa barama. Namni fedhe afaan kana laaftutti baratuu dandaya.amni isa baratuuf waaytiin isaa hin bal'atiniif, nama hiikkaa qur'aanaatiifi heera isaaa hiiku bakka hundatti argatuun ni mijjaawa.

5 Kitaabban diinaa kan ummanni adda addaa hakaa qabu hundi adda addaan ummata kophaadhaa dubbiin isaa laalti ummata kaan dhiiftee. Akkasuma namni shri'aa kitaabban san keessa jirtu laale wanni isaa ifa galu akka heerri isa keessa jiru sun irraa hedduun isaa zamana kophaatiif dhufe. Haala zamana sanii laalee waan warri zamana sanii itti haajamu laala, kan warri zamana kanaa heera sanitti hin haajamne, ammaa kan heera sanitti dalaguuun hin mijjooyne. Wanni dubbii jkitaabban sanirraa nuu mul'atu akka kitaabban sun zamana hundaaf hin godhamin, akka ummata hundaaf hin dhufne, akkasuma ummanni kitaabban sun dhufeef akka zalaalam isa qabataniif isaanii hin kennamne. Haa tahuu zamana hanga qabu kan daangaa qabu itti dalaguuf kennaman. Kan zamana san booda ittin daleeyne, aammoo yoo qur'aanaa laalte akka dubbiin ittiin isaa hundi gosa namaa hunda laaltu, namni qur'aanarraa ayaatuma (booqannaa)taate haataatu dubbisu, akka aayanni sun ummata tokko dhiiftee tokko laaltu hin argu. Qalbii isaa keesssa hin buutu. Akkasuma heerri qur'aanaa bakka hundatti yeroo hunda itti daalaguun ni mijjaawa. Duuba kun akka qur'aannni kitaaaba ummata hundaa kan zamana hundaa tahe ragaa dubbattu mul'attu ragaa baha.

6 Kitaabban qur'aana duraa odoo dhugaafi keeyrii dubbatee, naamusaa, adaba, haala gaarii ummanni kitaabban san keessatti barate karaa diriiraa Rabbiin jaalatu kan hanga jiran irratti deeman nama barsiisellee haa tahuu, isiin haala gaariifi waaan gaarii hunda himtee walitti hin qabne hanga waa takka irraa hin hafinitti...ammoo wanni qur'aanni kitaabban sanirraa caaluun, waan gaarii kitaabban dur hunda keessatti dubbatame hunda dubbateeti waan gaarii kitaabban sun hin dubbatin hunda kan waa takka irraa hin dhiisin dubbate.

7 sabaa kitaabban dabre namni harka kakkaayeef jecha, sababaa waan fedhan itti ida'anii wan fedhan irraa ir'isaniif jecha, wanni hedduun ayliin diddu, wanni miidhaa namaatiifii haqa diduurratti jaarame, aqiidaa namaatiif beekkomsa isaanii balleessuutu baay'een kitaabban sanitti seente. Inumaa gariin kitaabban sanii waan fokkottuu Rabbiin jibbu kan haala nama balleessu qabdi. Ammoo qur'aanni waan san hundarraa qulqulluu, wanni ayliin diddu qur'aana keessa hin jirtu. Heera isaa keessa miidhaafi roorrisuun hin jiru. Wanni karaarraa nama jallisu keessa keessa hin jiru. Wanni badduun ayliin jibbituufi wanni haala gaarii qabaatuu dhabutti nama yaamu keessa hin jirtu. Qur'aanni jalqabarraa hanga dhumaatti hikaamaafi gorsa gaarii, qixxummaa nama barsiisuufi karaa diriiraa gaariidhaafi heera gaaritti nama qajeelchuun dhume.

Wanni qur'aanni qabu kun kan kitaabban isa duraa hin qabne, waan torban dubbanne kana. Tanaaf jecha namni addunyaa tanarra jiru hundi qur'aana kanatti amananii jala deemanii kitaabban biraa hunda dhiisutti ajajaman. Maalif? Qur'aanni waan namni itti haajamuun mijjaawu hunda karaa rabbii kan namni hanga jiru qabatee deemu hunda dubbatee addeessee jira. Waa takki itti ida'uufi irraa ir'isuun maletti. Tanaaf jecha eegaa qur'aanni dhufe. Nama tokklleen kitaaba biraatti hin haajamu, kitaaba dur tahuu haaraya tayuu.

Duuba eega qur'aanaafi kitaabban dur waan adda tahaniin beeyte, qur'aanatti amanuufi kitaabban biraatti amanuun waan adda tahaniin baruun siif laafa. Tanaav jecha kitaabban duritti amanuun hiikkaan isaa: kitaabban san hunda Rabbiitu buusee dhugoomsuu, wanni kitaabban sun bu'eef waanuma qur'aanni isa guutuu ja'ee dhufee beekuu...ammoo qur'aanatti amanuun hiikkaan isaa qur'aana kana Rabbiituu buusee dhugoomsuu. Waan isa duraa guutuuf dhufee beekuu. Qur'aanni dubbii Rabbii qulqulluu dubbiin namaa ittin makamin, inni haqa, jechi isaa hundi tiiyfamaa hundi isaa dhugaa. Waan itti ajaje jala deemuun dirqama. Wanni qur'aanaan waldhabu hunda didanii darbuu haqa godhataa beekanii yaaduu.

Afreessaan: ergamoota Rabbiitti amanuu
Eega kitaabaa Rabbiitti amanutti ajajamne, ergamoota Rabbiitti ajajamnee jirra.

Kutaa dabre keessatti wanni siif dubbanne ibsine: ummata addunyaa hundatti ergamoonni Rabbii dhufee jira. Ergamoonni sun diinaa islaamaa kan nabi Muhammad isaan booda dhfee itti nama yaamu kanatti nama yaamuu turan. Anbiyoonni Rabbiitiifi ergamoonni isaa hundinuu akka diraa callee takkittiiti, namni tokko isaani kijibsiisee dhugumaan hunda isaanii kijibsiise. Namni tokkoo isaanii dhugoomse hunda isaanii dhugoomsuun isa qabe...mee yoo namni kudhan kan waan takkittii ju'u si bira jiraate, yoo tokkoo isaanii dhugoomsite hunda isaanii dhugoomsiteemitii? Ammoo yoo tokkoo isaanii kijibsiifte hunda isaanii kijbsiifteemiti? Waan jecha tokkicha akka inni ju'uu ja'aniif jecha. Namni ergamoota Rabbii addaan babaasu, kan garitti amanee garitti amanuu didu, isuma kaafirri dhugaa.

Nabi Muhammad (NIHJ) wanni nuu odeesse nabiyyoonni Rabbiin ummata adda addaatti erge kuma dhibbaafi kum diiydamii afuri(124,000). Odoo umrii addunyaatiifi ummata isiirratti argamee dabreefi lakkooysa warra isaanitti ergame kana walitti llatee, lakkooysi kun akka hedduu hin tahin agarra. Warra qur'aanni ergamtootarraa maqaa dhayee nuu dubbatee, maqaa isaanii beeynee itti amanuun nurratti jira. Ammoo warra akkasitti nutti hin odeessin waliigalatti Rabbiin ergamtoota hedduu qabe jennee itti amanuun nurratti jira. Maaliff? Namni Rabbiin gabrottan isaatti erge warra dhugaati. Tanaaf jecha nuti namni biyya Hindiitti takkaa Siinitti takkaa Iiraanitti takkaa Misratti takkaa Afrikatti takkaa Aowrooppattiifi biyyoota biraatti Rabbiin erge yoo jiraatee ture, itti amanna ni dhugoomsina. Haa tahuu abaluun ergamee abaluun hin ergamne jannee maqaa dhawuu hin dandeenyu. Waan namni waan sunirraa nuuf odeesse hin jirreef. Warra ummanni adda addaa kan addunyaa nabii keenya ja'ee jala deemnee diin godhate waan hamtuun isaan dubbatuun nuuf hin gayu. Yoo dhugumaan ergamoota Rabbii tahanii eega isaan dabranii ummanni diinaa isaanii jijjiiree maaltu nu beeysise? Akkuma warri nabi Muusaafi nabi Iisaa jala deemee eega isaan dabranii diin haqaa san jijjiiranitti..yoo kan orma diin babbaddaa qabu saniin falamnu taane, wanni nuti haqaamiti jannee isaaniin falamnu diin amma isaan qabatanii oofan haa tahua, ammoo nama diin san jalqabe hin dubbannuu irraa cal'ifna. Akka nama Rabbiin erge tokkotti adaba dhabuun nurra hin argamne.

Nabi Muhammadiifi anbiyoota biraa wanni isaan adda godhu hin jiru. Maalif hundinuu warra dhugaa dubbatu kan Rabbiin isaan erge, kanneen karaa diriiraa nama qajeelchan isaan hundattu amanutti ajajamne. Haa tahuu odoo nabi Muhammadiifi anbiyoonni gama dubbanne kanaan tokko tayanuu, wanni nabi Muhammadiifi anbiyoota isa duraa adda godhu waa sadih.

1 anbiyoonni nabi Muhammad duraa ummata adda addaatti, adda addaan ergaman. Akkasuma zamana adda addaatti ergaman. Ammoo nabi Muhammad (NIHJ) uumata hundattiifi zamana hunda hanga guyyaa qiyaamaatti ergame. Akka kutaaa duraa keessatti beeytee jirtu.

2 Diin nabiyyoota dur, akka Rabbiin buusetti addunyaa tanarratti hin hafne dhabamee jira. Akkuma taarikni isaanii kan haala jiruu isaanii himu addunyaa tanarratti hin hafne. Seenaan anbiyootaa sanii kan dhugaa waan kijibaa kan namni if biraa kaasee odeessu keessa badee jira. Namni waan dhugaatti deemu, waan ummanni dur anbiyoota isaaniirraa odeessee qabatee jala deemuun hin mijjaawu. Ammoo nabi Muhammad wanni isaan barsiisan, siiraan isaanii, wanni isaan ja'aniifi wanni isaandalagan, haalli isaanii, adabni isaanii hundinuu kitaabaa keessatti katabameeti harka namaa jira. Haqa yoo taate anbiyootarraa namni taarikni isaa jiraatuun jiraadhaa nabi Muhammad qofa. Kan diin isaa tiiyfamee akka guyyaa dhufeetti jiru, nabi Muhammad qofa. Kan isa jala deemanii diin isaatiin karaa haqaa qajeeluun namaaf mijjaawu.

3 Diin yookaa barnoonni anbiyoonni duraan dhufeen barnoota guutuumiti. Tanaaf jecha nabbiyyiin nabiyyii tokko booda dhufu hundi waan nabiyyichi isa duraarraa hafe fidee guutuu ture. Heera haaraya barbaachisu fidee, waan heera durirraa itti dalaguun hin dandayamne irraa dhiise. Karaa namaan qajeelchu haaraya fide. Akkanatti haalli namaa Aaadamirraa qabee jijjiiramaa deemuun heeddomminnaafi ayliin akkuma amanni walirraa boodaa aanuun ida'amaa deemuun, heera anbiyootaa waldhabsiiftee. Odoo nabi Muhammad hin dhufin. Tanaaf Rabbiin shari'aa anbiyoota dur, eega zamanni isaanii dabre hin tiiysini. Waan namni eega barnoota guutuu argate barnoota ir'uudhatti hin haajamneef jecha. Duuba booda keessa nabi Muhammad barnoota islaamaa guutuu gama hundaan bilchaate kenneme. Akkanatti shari'aa anbiyoonni hundi dhufeen shari'aa nabi Muhammadiin shaaramte. Kan shari'aa isii duraatti nam tokkolleen hin haajame. Maalif? Waan guutuu dhiisanii waan ir'uu jala deemuun waan ayliin diddu. Namni nabi muhammad jala deeme, dhugumaana anbiyoota hunda jala deeme. Maalif yoo jatte? Wanni keeyrii tahe, kan anbiyoonni duraa dhufeenii barsiise hundi, waan nabi Muhammad barsiise keessatti ar'a argamaaf jecha. Tanaaf jecha, nabi nabi muhammad dhiisee nabiyyii biraa jala deemu, kheeyrii hedduu haaraya nabi Muhammad dhufeen tan waan nabiyyichi duraa barsiise keessa hin jirreerraa dhugumaan hoongaye. Tanumaaf jecha namni hundi nabi Muhammad dhugoomsee, itti amanee jala deemuurraa hafiinsi hinjiru. Wanni muslimarratti jiru karaa sadihin nabi Muhammad dhugoomsu:

1 Nabi Muhammad (NIHJ) ergamaa Rabbii kan dhugaa dubbatuu yaaduufi dhugoomsu.

2 Karaan nabi Muhammad, karaa guutuu ir'uun ammallee gufatuuniis keessa hin jirree yaaduu. Dhugoomsu.

3 Nabi Muhammad, nabiyyii maayyii kan Rabbiin nama hundati erge, kan hanga qiyaamaatti namni dhiiraa tokko kan isatti amanuu dide kaafira tahu isa booda hin dhufne yaaduu. Dhugoomsuu.

5 Guyyaa qiyaamaatti amanuu
wanni sanaffaan kan itti amanutti ajajamne, guyyaa boodaatti takkaa guyyaa qiyaamaati.

Wanni guyyaa qiyaamaarraa itti amanuun nurratti jiru waan as deemu kana.

1 Rabbiin waan malee jiru lafarraa haqa yooka fixa. Sun hoggaa qiyaamaan dhaabbattu.

2 Rabbiin warralafaarraa fixe san hunda jiraachiseeti fuula isaa duratti walitti qabaa yaaduu.

3 Rabbiin waan uume hunda mana murtii isaarraa fida. Kheeyrii sharrii, hamtuu gaarii isaan addunyaarratti dalaganirraa isaan gaafattu, haqaan kan nama hamtuu dalagetti hamtuun hin id'amne, kan gaarii dalgerraa gaariin inni dalge hin ir'ifamne Rabbiin gabroottan isaa jiddutti dubbii laalaa yaaduu.

4 Rabbiin nama hudaafdalagaa ni miizaamna, dalagaa gaariifi hamtuu wal maddii kaayamtee. Duuba namni dalagaan isaa gaariin irra caalte Rabbiin isaaf araaramaa, jannata seensisa. Ammoo nama dalagaan isaa hamtuun irra caalte Rabbiin isa adabaa yaaduu.

5 Warri Rabbiin araarameef jannata seena, ammoo warri Rabbiin adabe ibidda seenaa yaaduu.

Guyyaa qiyaamaatti amanuun ni barbaadama.
Guyyaa qiyaamaa kanatti amanutti nabi Muhammad ni yaamee jira. Akkuma anbiyoonni isa duraa itti yaamee jiru. Guyyaa boruutti amanuun sharxii iimaanaarraa ture zamana hunda. Duriifi ammallee, anbiyoonni hundi nama guyyaa qiyaamaatti hin amanin kafarsiisanii jiran. Maalif? Rabbiifi kitaabban isaatiifi ergamtoota isaatti amanuun, yoo guyyaa qiyaamaatti hin amanin hiikkaa hin qabu. Kun waan beekkamaadha. Maalif? Yoo waan akkanaa dalagi siin ja'an, gaaffiin dura dursoo qalbii tee keessa buutu: maali bu'aan, yoon isa dalage argadhu? Maali dararaan yoon isa dalaguu baadhe mudadhu? Jechaadha. Maalif gaafiin tun qalbii tee keessa dhufti? Wanni duftuuf: wanni namni irratti uumameetu takkaa xabi'aa isaatu waan faaydaa isaaf hin qabne dalaguu dhabuu. Tanaaf dalagaa bu'aa irraa hin qabnetti hin mirqaanne. Akkuma dalagaa isaaf qabdurraa gad hin teenye. Kun haala shakkiiti. Ati waan waan kheeyrii naa hin qabuu shakkitu irraa fagaatuu dhabuun kee hin mijjaawu. Mee joollee laali! Maalif ibidda harka keessi? Wanni ibidda harka keessuuf akka ibiddi waan gubu tahe hin beeyneefi. Maalif? Joolleen barnootarraa dheessituwanni dheessituuf: faaydaa barnoonni qabu waan hin beeyneefi. Ilmiin namni gurguddaan qalbii isaanii seensisu barbaadu qalbii isaanii hin seentu. Lubbuun isaanii hin eehamtu. Akkasuma nami guyyaa boodaatti hin amanne, kan qiyaamaan ni dhuftii hin yaanne, Rabbitti amanee ajaja isaa jala addunyaa tana keessatti deemuun hiikkaa hin qabuu yaada. Wanni inni yaadu ibaadaa Rabbii keessa faaydaan namaa hin jirtuu, dubbii Rabbii diduu keessa dararaan hin jirtuu jechuu. Duuba namni kana yaadu akkamiin lubbuu isaa dhibee ibaadaa Rabbiin anbiyoota isaarratti buusefi kitaabban isaa keessatti dubbate qabsiisuun kjeelamaa? Namni kun odoo ammallee iimaanni isaa hiikkaa hin qabu. Waan Rabbi dhagayee jiruu isaa keessatti karaa isa hin deeminiif. Dubbiin hanganarratti hin dhaabbattu. Maalif? Namni jiruun du'a boodaa ni jirtii dhugoomsuun godaannisa yookaa faana jabduu jiruu isaarratti dhiisa. Akka tanaan dura jennee ibsine; namni wanni irratti uumame -xabi'aan isaa waa takka dalgutti hin ka'u, takkaa waa takka dalaguu hin dhiisu, yoo wanni sun faaydaa naa qabdii takkaa na darartii beekemalee. Duuba namni hamilee isaa addunyaa tanarratti faaydaa dalagaa isaarraa argatu takkaa dararaa jalaa bahuu qofaa taate, akkamiin dalgaa gaarii faaydaa isii addunyaa tanarratti hin kajeelle mirqaanee ni dalagaa? Takkaa dalagaa hamtuu addunyaa tanarratti adaba isii mudatuu hin soaanne dhiisaa? Ammoo namni yaanni isaa bu'aa dalagaa isaa argatu tahee, kan bu'aa yookaa faaydaa isii san faaydaa addunyaa qofaratti hin gabaabsine isa biratti faaydaan addunyaa takkaa dararaan addunyaa waan gatii hin qabne tan dhuftee dabartu isa biratti faaydaan dhugaa tan jiruu du'a boodaa kessatti argatu sawaabaa aakhiraatu sawaaba addunyarraa isaa caalaa, akkasuma dararaa addunyaatu ta aakiraa isaa caala jechuu...tanaaf jecha namni Rabbiifi guyyaa qiyaamaatti amane, waan dhugaa filatee waan kijibaa dhiisa. Tanaaf keeyrii sharrii , takkaa gaarii hamtuurraa caalchisa. Faaydaa isii ta aakhiraa laalee. Takkaa dararaa isii ta zalaalam laalee. Odoo keeyrii yookaa wanni gaariin inni dalagu addunyaa tanarratti miidhaa guddoo itti fidellee, odoo sharriin inni dhiise sun dalagee addunyaarratti faaydaa guddoo issaa fiddellee. Mee yaanni nama faaydaa addunyaa qofa dalguufi yaanni nama bu'aa aakiraatti dalagu hangama takka adda fagaata? Yaanni nama aakiratti kafreefi yaanni nama aakiratti amanee akkaan adda fagoo laali. Maalif? Kheeyriin nama aakiratti hin amanin biratti waan faaydaan isii addunyaa tanarratti, addunyaa dhumtu tana keessatti isaaf argamtu, waan akka diinaggeey, takkaa gurraa takkaa namni waan gaariin isa dubbatuu, takkaa mi'aa wahii, takkaa waan isa gammachiisu kan akka shahwaa waan nabseen isaa feetuun dheebii isii baasu yookaa quubsuudha. Ammoo sharriin nama aakhiratti hin amanin biratti: waan addunyaatana keessatti balaan irraa namtti dhuftu takkaa hamtuun irraa argan, akka hooriin takkaa lubbuun takkaa midhaan duraa ir'atuu takkaa baduu, akka fayyaa dhabuu, akka gurri nama caphuu takkaa mootummaan nama adabuudhaa takkaa wanni akka yaada hifannoo nama xuquudha.

Ammoo kheeyriin nama aakhiratti amanu biratti: waanuma Rabbiin jaalatu. Sharriin: waan Rabbiin jibbu. Namni aakiratti amane wanni argu takkaa yaadu keeyriin hoggaa hunda keeyruma. Odoo addunyaa tanarratti isa fayyadduullee baattee, daraaraa hunda isatti fiddellee. Rabbiin faaydaa keeyrii sanii aakiratti naaf kennaa hubatee jira. Akkasuma nama aakiratti biratti: sharriin sharruma, odoo adaba isii dhndhamuullee baatee, takkaa irrattiin adabamaa sodaatuullee baateee faaydaa guddoo irratti argatellee. Wanni inni beekkomsa hubantii beeku, akka yoo ar'a addunyaa tanarratti hin yakkamin waan hamtuu dalagee saniif jecha hin adabamin, aakiratti adaba isii jalaa hin baane.

Sababaa yaada lamaan kanaatiin namni jiruu addunyaa keessatti karaa aakhiraati amanuufi karaa aakhiraatti amanuu dhabuurraa tokko filata. Namni aakiratti hin amanne tarkaanfii takkittii karaa isalaamaa keessatti fudhachuu hin dandayu. maalif? Yoo islaamni ( Rabbii ji'ii horii qabdurraa zakaa baasi warraa waan hin qabnee kenne ja'ee gorse) wanni ja'u: zakaan horrii kiyya narraa ir'isa, bakkaan zakaa irraa baasu namaa liqeesseetiin dhalaan wajji isaanirraa galfadha, yoo naa kennuu didan isaan kasasee hoggaa murtiin isaanirratti naaf jiyde waan isaan qaban, manaafi waan mana keessa jiru fudhee horii dhalaa yookaa ribaa san kafaladha takkaa isaan saama. Ammaas yoo islaamni (dhugaa dubbadhu, kijiba ragaa hin bahin, odoo dhugaa dubbatuu keessa dararaan guddoon jiraattellee, odoo kijiba dubbatuu keessa faaydaan guddoon jiraattellee) je'een. Wanni inni ju'u: yoo kan dhugaa dubbatuun namiitu taate, maalifiin dhugaa dubbadha?yoo kijibaan ragaa bahuun kan nafayyaduu tahe, yoonaan namaatu hamtuudhaan na dubbataa hin sodaatin maalifiin kijibaan ragaa bahuu dhiisa? Yoo odoo karaa namni akkaan itti hin heddommaanne keessa deemuu horii guddaa karaan san keessatti argee, isalaamni (horiin kun keetiimitii hin fudhatin) ja'een, wanni inni ju'u: maalifiif? Waanaa cinqiin maletti horii kennuun maletti argadhe dhiisa? Namni na argu kan poolisitti na himu takkaa ragaa natti bahu takkaa nama keessatti maqaa naballeessu wahi bakka tana jiraa? Yooniin horii kana fudhadhee itti fayyadame maaltu na dhiba? Ja'a. Yoo namni isaa amanee horii isa bira kaayyatee irraa du'e, islaamni( horii jaalli kee sibiraa kaayyate san hin khadda'inii amaanaa isaa aalii isaatii galchi) ja'een. Wanni inni ju'u: maalifiin galcha? Takkaa eenyu namni nabiratti horii dhiise ragaa bahu? Warri isa dhaalu waan san ni beekaa? Yoo horii kana laaftutti nyaachuun naaf mijjaawe, kan na kasasanii hin sodaanne, kaniin maqaatu nabadaa hin sodaanne warraa isaatti deebisu an gowwaadhaa ja'a. Walii galli dubbii tanaa, islaamni namaa aakiratti hin amanne kana tarkaanfii inni tarkaanfatu hunda keessatti, karaa gaarii tarkaanfatutti isa gorsa. Haa tahuu inni jalaa dida, inni karaa lubbuun isaa feetu malee hin filatu, maalif? Gatiin waa hundaa islaama biratti faaydaa isiin aakhiratti qabduun laalamti. Ammoo namni aakhirati hin amanin, gatiin waa hundaa isa biratti faaydaa isiin addunyaarratti qabduun laalamti. Waan dubbanne kanarraa wanni beeytu: akka namni aakhiratti hin amanin muslima hin tahin kana wanni ati hubatte. Inumaa dhugaan; namni jiruu aakhiraadhaa dhugoomsuu didu sadarkaa namummaarraa sadarkaa beneessummaatti gad bu'a islaamummaa qabaatuu dhiisii.

Dhugaa tahuu jiruun aakhiraa ni dhuftii yaaduu
Waan dubbannee dabarsinerraa, aaqiidaa aakhiraa yookaa jiruu eegaa du'anii beeyteeti jirta. Akkuma aqiidaa aakhiraatti namni haajamuufi faaydaa aqiidaa aakiraa beeytee jirtu. Ammoo amma wanni karaa gabaabaan sii ibsuu deemu: aqiidaan nabi nu barsiise, tan aakhiraa tun aqiidaa dhugaa tan kanarratti ayliin ragaa baatu. Aqiidaan guyyaa aakhiraatti amanuu odoo nabi Muhammaditti irkannee waan inni dhufeen dhugoomsuu jecha itti amanuu, kan waan aakhiraa beekuu keessatti nabi Muhammaditti irkatuu malee aylii teenyatti hin irkanne. Haa tahuu odoo ayliin laalle, wanni agarru akka aqiidaan aakhiraa tan nabi Muhammad itti nu yaame tun aqiidaa aakhiraa tan addunyaa tana keessa jirtu hundarra aylitti akkaan dhihaattufi tan ayliin qeebaltuudha.

Addunyaa tana keessa aqiidaa yookaa yaada jiruu aakhiraatti rarra'u sadihiitu jira.

1 aqiidaan takka akki jettu: jiruun teenya jiruma addunyaa tana qofa, addunyaa tana keesa hanga jiraannu jiraanneetuma eegasii duuna, eegaa duunee hin jiraannu jetti. Aqiidaan tun aqiidaa warra Rabbiin hin jiru ju'uuti. Kanneen ulamaa (saayinsii) takkaa warra xabi'aadhaa ja'aman.

2 yaanni lammeessaa akki jettu: lubbuun namaa addunyaa tanarratti hoggaa hedduu duuteeti hoggaa hedduu jiraatti addunyaa tanarratti, jazaa dlagaa isaaargatuuf jecha. Duubaa yoo dalagaan isaa jiruu duraa keessatti hamtuu taate jiruu isaa ta lammeessaa keessatti beeneessa taaheeti uumamee jiraata. Akka saree, jaldeessaa, bashoo yookaa adurree takkaa muka tahee, takaa nama gadii galoo tahee uumama kun adaba isaati. Ammoo yoo dalagaan isaa jiruu duraa keessatti gaarii taate, jiruu lammeeyssaa keesatti sadarkaan isaa olfuudhamti. Yaada kana garii warri yaanni isaanii hin bilchatiniitu yaada.

3 Yaanni sadeessaa akki jettu: guyyaan boruu yookaa guyyaan qiyaamaa ni dhufa, qabrii ni kaafamna. Fuula Rabbii duratti walitti qabamna, waan daleeyne hundarraa ni gaafatamna jetti. Yaanni kun yaada anbiyoonni Rabbii hundi dhufeenii itti nama yaame. Mee aqiidaa sadeen tana xiinxallee haa ilaallu. Hanga isiin aylitti dhihaattu baruu jecha.

1 aqiidaa dura warri yaadu, wanni itti irkateragaan isaanii akka ja'u: wanni namni du'e lammada hin jiraachifamu jechaa yaanneef; nama du'e, kan gale takkaa hin argini. Nama du'e biyyumaatu nyaata, eega du'ee dachumaatu humna isaa addaan facaasa.

Mee isaan nama du'ee gale arguu dhabuun ragaa namni aylii qabu ragaa godhatuu? Takkaa ragaa qabatuu? Nama kanaan akki jennu: ati nama eega du'ee jiraate arguu dhabuun, waan eega du'anii tahan beekuu dhabuu keeti nu garsiisa malee eega du'anii hin jiraatan jechuuf ragaa hin tahu...namni tokko warra baadiyyaarraa kan xayyaaraa takkaa hin argin, waan xayyaaraan taate hin beeku jechu ni dandaya. Ammoo akka wanni xayyaaraa ja'mu addunyaa tanarraa hin jirre naan beeka jechuu hin dandayu, namuu gowwatti isa hisaaba. Maalif? Waa arguu dhabuun wanni sun hin jirtuu nuu hin keennu. Inumaa odoo addunyaadhaa hundi waa takka maqaa dhawanii waan san arguu dhabutti walii galanii wanni sun matumaanuu hin jirtu takkaa argamuun isii hin mijjaawu jechuu hin danddenyu.

2 ammoo yaannni lammeessaa akki jettu: namni hanga jiru nama. Waan san dura odoo nama hin ja'amin, isaa bineessaa jiruu isaa ta duraa keessatti waan gaarii dalageef...bineessiniis hanguma jiru binneessa, waan jiruu isaa ta duraa keessatti waan hamtuu dalageef isaa namaa...takkaa aqiidaan tun akki jettu: namni nama tahuun, bineessi bineessa tahuun, mukni muka tahuun waanii irratti jaaramtu, wanni irraa dhufte dalagaa gaarii takkaa hamtuu inni jiruu isaa ta duraa keessatti dalagee dabarse. Akkanatti du'aa jiruun addunyaa tana keessatti itti waldabarti.

Gaaffiin bakka tanarraa kaatuu akki jettu: dura dursoo eenyuutu addunyaa tana keessatti argame? Nama moo, bineessa moo, muka? Yoo nama jette, san dura wanni jiru bineessa takkaa muka tahuurraa hafiinsi hin jiru, yoo akkas tahuu baate dalagaa gaarii tamirratti sadarkaan isaa olfuudhamtee namummaa argate. Yoo ammoo san dura bineessa ture takkaa muka ture jette, san dura nama tahuurraa hafiinsi hin jiru. Silaa yoo akkas tahuu baatee dalagaan hamtuun inni dalagee tan bineessa isa goote takkaa muka isa goote maali? Haqa yoo taate: warri yaada kana yaadu gaafni uumaan addunyaa tana keessatti jalqabamte gaafana ja'anii himuu hin dandayan. Maalif? Gadaan hundinuu gadaa isa dura dabre qaba, hanga gadaan booda gadaa duraarraa dhaalutti. Kun waan ayliin qeebaluu diddu yookaa eehamuu didduudha.

3 Mee ammaa aqiidaa sadeessaa fudhu.
1 wanni dura dursoo isii keessatti dhufe: Rabbiin guyyaa tokko kan qiyaamaan isa keessa dhaabbattu godhe. Kan dachii samiin isa keessa jijjiiramtu. Kun waan namni surrii qabu hin shakkine. Namni aylii qabu kan uumama addunyaadhaa gad qabee laalu, akka wanni uumame hundinuu hafuu hin teenye, akka isiin hundi dhumuu teessu hubata. Maalif? Wanni uumamaa keessa jiru, humaanfi wanni biraalleen waan likkii qabaati dhumuu hin ooltu. Tanaaf jecha warri saayinsiidhaa wanni irratti walii gale: akka aduun tun guyyaa tokko qabbanaawuuf teessu, akka ifni isii iraa deemuu taa'u, urjiin samii keessa yaatu wal kiphisuu teessu, akka addunyaan tun matumaanuu dhabamtu itti walii galanii jira.

2 Ammaas aqiidaan anbiyoonni dhufeen tun akki jettu, eega wanni uumame hundi lafarraa dhume, jiruu biraatiiru ta jiruu duraa san hin tahin dhufa. Duuba eega du'anii jiraatuun wahii waan ayliin hin qeeballee? Wahi waan surrii namaa hin seennee? Yoo lammada jiraatuun ka surrii namaa hin seenne taate, jiruun namni addunyaarratti qabu tun eessaa isaa argamte? Wanni shakkii hin qabne Rabbiin addunyaa tanarratti nama duraan argamsiise, eega inni du'ees lammada jiraachisuu ni dandaya jechuudha.

3 Ammaas wanni aqiidaa tana keessatti dhufe: nama hunda wanni inni addunyaa tana keessatti irratti hisaabamti. Wanni inni dalage hamtuu taatuu toltuu taatu hundinuu kitaaba tokko keessatti walitti qabamtee guyyaa qiyaamaa kitaabni sun bararaa dhufee nama dalagee kennamee waan ifii dalage hunda arga. Akkanatti dooseen namarratti katabamuun kana ar'a ragaa isaa addunyaarratti laallee agarra.

Wanni nami tanaan dura sehuu ture, qooyxi(sagaleen) afaan namaatii baatu qilleesan keessa seenteeti keessa badde. Eega danbalii qilleensaa keessatti dhifamtee kan faantii isii hin hafne. Haa tahuu wanni amma beekkame qooyxi hundi addaan faana waan isii maddiirraatti lakkifti, kan eegana qooqa san deebisuun mijjaawu. Qaaydaa tanarratti deemnee wanni namni dalage kan qooqa akkuma isiin baatetti akkeessee qabu sun, wanni nu agarsiisu akka wanni sossohaa kan namarraa argamu addunyaa tanarratti waan isiin dura dhufuurratti maxxantu takka qabattu takkaa sajjalamtu. Duuba hoggaa kana beeyne, wanni beekkomsa hubantii beeynu; akka addunyaa tanarratti dalagaan teenya hundi sajjalamtee haftu, kan eega sanii jiraachisanii lammada fiduun mijjaawu.

4 Ammaas wanni aqiidaa anbiyootaa tana keessatti dhufe; Rabbiin gabroottan isaatiif gaafa jiraachise walitti isaan qabee dalagaa isaaniirratti jazaa isaanii galcha. Kan gaarii dalageef jennata kennee, kan hamtuu dalageef hamtuu kennee. Duuba eenyu namni Rabbiin galata namaa galchuun waan hin taane ju'u? Mee maali wanni kanarraa ayliitti hin galle? Inumaa wanni ayliin murtu Rabbiin gabroottan isaa hunda walitti qabee haqaan isaan jiddutti laala. Maalif? Wanni addunyaa tanarratti garru nama waan gaarii dalagu kan swaaba (galata) waan gaarii sanii addunyaa tanarratti Rabbiirraa hin arganne, akkasuma wanni nuti agarru nama waan hamtuu dalagu kan addunyaa tanarratti hin yakkamneefi hin adabamneedha. Inumaa wanni garru akka warri gaarii dalage balaan itti buutee warri hamaan qanani'u. Duuba ayliin namaa wanni murtu akka namni waan gaarii dalage galata artgatee namni waan hamtuu dalage adabamu, akka haqaatti yookaa guututti.

5 Ammaas wanni aqiidaa tana keessa jiru jannataafi ibiddi aakhiraa jiraatu. Jannataafii ibiddi jiraatuun waan ayliin didduumiri. Maalif? Rabbiin aduufi ji'a bakkalchaafi wkf uumuu dandayee, akkamitti jannataafi ibidda uumuu dadhaba? Rabbiin hoggaa guyaa boruu nama walitti qabee isaan jidutti murtii godhu, warraa gaarii dalagee galata dalgaa isaanii kennuuf, bakka isaan itti qanani'an isaanii godhuun ni barbaadama, bakkeen sun jennata. Akkasuma warra hamtuu dalage kana yakki itti muruun ni barbaadama, sun ibidda azaabaati.

Mee waan dubbanne akkaan gadi qabii laali. Hoggaa san akka yaanni aakhiraa tan anbiyootaa tun aqiidaa ar'a addunyaa tana keessa jirtu hundarra waan jiruu namaa tan du'a boodaa keessatti aqiidaa shakkiin maletti akkaan aylitti dhiyaattu. Akka aqiidaa tana keessa wanni ayliin wal didu takkaa wanni argamuun isaa hin mjjooyne hin jirre beeyta takkaa hubatta. Eega kana hunda beeyte, wanni jiruu aakhiraatti rarra'u oduu guyyaa qiyaamaa tan nabi Muhammadirraa nu geeesse. Nabi Muhammad (NIHJ) kan dhugaa dubbatuufi amaanaa qabaatuufi qulqullummaa keessatti bakka haala isaarraa ati beeyte san jiru, kan waan inni nuu odeesse keessa wanni kheeyrii tahe hundi nuuf jiru, tanaaf ayliin wan inni nuu odeesse dhugoomsutti nu ajajji takkaa nutti murti. Ayliin waan nabi Muhammad odeesse daliilaan (raggaasaan) maletti akkanumaan kaanee isa shakkuu yookaa dareemuu hin eehamtu.

Jeccha gaarii
Wanni hanga ammaatti siif dubbanne kun aqiidaa islaamaa shanani. Tan islaamummaan isiirratti jaaramtuudha. Aqiidaan shana sun, jecha tokkicha keessatti maramtee dhumti takkaa galti. Jachi tokkichi sun, (laa ilaah illalaahu Muhammadun rasuulullaah) jechuudha. duuba yoo (laa ilaah illalaahu) jette akka akka Rabbi waaqa tokkicha dhugaatiif gabricha taate, akka waan kijibaa kan namni wallaalaan Rabbi ja'ee gabbaru hundarraa qulqullooytee beeyte if qabsiifte...yoo (Muhammadun rasuulullaahi) jette nabi Muhammad (NIHJ) ergamaa Rabbiin gabroottan isaa hundatti ergee beeyte dhugoomsite. Wanni ati nabi Muhammad ergamaa Rabbii tahuu beekuun si qabsiisu, kan ergaa nabi muhammaditti amanuun si qabsiisu, waan nabi Muhammad dhufeen hunda dhugoomsuu. Waan Rabbiifi sifa isaati, malaaykaa, kitaabban isaatti, anbiyoota isaattiifi guyyaa qiyaamaatti, waan biraa hunda keessatti isa dhugoomsuu. Karaa ibaadaa Rabbii kan inni barsiisejala deemuufi shari'aa isaa jala deemuudha.


Anbiyoonni maqaan dhawame 25. Isaan Aadam, Idris, Nuuh, Huud, Saalih, Ibraahim, Luux, Ismaa'il, Ishaaq, Yaaquub, Yuusuf, Ayyuub, Shubaay, Haarun, Muusaa, Alaaysaa, Zulkifli, Daawuud, Suleeymaan, Ilyaas, Yoonis, Zakariyyaa, Yahyaa, Iisaa, Nabu Muhammad nagayni isaanirrratti haa jiraatu.

 



Tabarooleen Gola kanaa idileen seeraan tikfamoodha.
Barreeyfama gola kana keeysatti dhihaatan mara, hayyama qa'ee kanaatiin maletti qabeentaan Bilisummaa (gola) kanaa idileen yookiin quucata isaa, bifa fedheen, sagaleedhaan, katabbiidhaan, suuraadhaan asirraa waraabuun dhorkaadha!
Copyright © 2001-2004 Bilisummaa. All rights reserved
Home | News | Language | History | Islam | Culture | B.game