
|
Gadaa Islaamaa


Hayyuu Abbaa Kitaaba kana Abul A'la Mawdudi. Translated by Dr.Shek Muhammed Rashaad Abdullee.
Namni kitaaba kana kaaye beekaa islaamaa Abul Al'a Maawduudi jedhama. Dura afaan urduutiin bara 1932tti maxxanfame. Eegasii Afaan adunya heddutti deeffamuudhaan diinaa islaamaa karaa gabaabaan, xiqqaa fi guddaaf akka galutti kan qindaawedha. Afaan ittiin hikame keesa tokko Afaan Oromooti. Warraa irraa fayyadamu rabbi nu haagodhu!
|

|
kenek-looking design
that very much resembles the fro
nt jet
Duree islaama jechuun maali? Ibaadaa Ergaa iimaana Salaata Shari'aa Heera Mataa pproach
Namni waa dhagayuuf jecha waan san beeku qaba
Hiikkaan iimaanaa maali?
Wanni beekkomassafii hubantii argataniin maali?
Waan namarraafagoo dhugoomsuun ni barbaadamaith its latest photo printer, the
jet Amantiifii dubbii dhagayuu
Namni waan takka dhagayee jala deemuuf jecha waan san beekuufii hubatutti haajama. Tanaan dura wanni ati beeyte: islaama jechuun dubbii Rabbii dhagayuu, heera isaafi shari'aa jala deemuudha. Ammoo wanni amma sii ibsuu deemnu namni dubbii Rabbi dhagayee ajaja isaa jala deemuun hin dandayamu, yoo waan as deemu kana beekee beekkomsi inni isa beeke sadarakaa hubantii gahe malee.
Wanni namni Rabbitti amane dura dursoo beekuun dirqamaa, Rabbiin nijiraa muratee yaaduudha. Maalif? Yoo Rabbiin nijiraa hubatee hinyaadin, akkamitti dubbii isaa dhagayee heera isaa jala deema?
Akkasuma sifa Rabbii baruun isarratti jira. Maalif? Yooniif Rabbiin tokkoo hiriyyaa hinqabuu hinbeekin, akkamitti nama biraatii gad je'ee nama biraa jala harka qabatuurraa dhaabbata? Ammaas yooniif Rabbiin ni dhagayaa, ni argaafi nibeekaa kan hiyyanne tahe, akkamiin lubbuu isaa diliifi cubbuurraa qabee dhoowwa? Duuba waan dubbanne kanarrra wanni nuu beekkamu, namni hoggaa waa yaaduufi dalgu haala tokko kan irra jiraatuun dirqama qabatee deemuu hin dandayu, ammallee karaa Rabbii diriiraa qabatee deemuu hin dandayu. Waan sifa Rabbii ol tahe hin beekiniin. Beekkumsa guutuu fayyaa qabaachu qaba. Beekkomsi laafaan hingayu, beekkomsa jabaa, cimaa sifa Rabbii beekuutu barbaadama. Akka qalbiin isaa yaada jallaafii sehiinsa badaarraa tiiyfamatu, akka jiruu isaa waan beekkomsa isaatiin wldhabu dlaguurraa nagaya baatu.
Eegasii wanni namarratti jiru karaa gaarii hanaga addunyaa tana keessa jiru irratti deemee umrii isaa fixuu beekuudhaa, akka Rabbiin jaalatutti. Akkasuma waan Rabbiin jaalatuufi waan Rabbiin jibbu addaan beekuun nibarbaadama. Akka waan inni jaalatu dalagee waan inni jibburraa fagaatuuf, tanaaf jechanamni heera Rabbii shari'aa isaa baree akka heerri sun Rabbirraa dhufe yaaduun waan irraa hafiinsi hin jirre. Ammallee yoo heera Rabbii jala karaa hundaan hanga jiruu tiyyaa deeme malee, jaala Rabbii hin argadhuu yaaduudha. Maalif namichi yoo heera Rabbii matumaanuu hin beekiin akkamitti jiruu isaa keessatti heera Rabbii jala deemuu dandaya? Yoo heera Rabbitti dalaguun hubantiirraa hin ka'in takkaa yoo lubbuu isaa keessaa heerri akka heera Rabbi addunyaa tanarratti ni argamaa yaaduun jiraate, akkamitti isa qofatti harka maratee dhugaan jala deema?
Eegasii wanni beekuun namarratti jiru: yoo Rabbi dhagayuu dhiisee cubbuu filatee karaa qajeelaa deemuu oole, takkaa yoo ibaadaa Rabbii jabeessee jiruu isaa hunda keessatti heera isaa jala deeme, booddeen isaa isii akkam taati? Namni tokko yoo dilii dalage booda keessa akkam taha? Yoo waan gaarii dalagage hoo akkam tahaa beeku qaba. Tanaaf jecha guyyaa qiyaamaatti amanuufi guyyaa boruu fuula Rabbii dhaabbatuufi dalagaa jazaa qunnamuu yaaduurraa yoo kheeyrii yookaa waan gaarii dalage waan gaarii argate. Yoo sharrii yookaa waan hama dalage hamtuu mudataa yaadurraa hafiinsi hin jiru. Maalif nami eega du'ee kaafamee gaafatamutti hin amanne, waani hamtuufi gaariin, sharrii kheeyriin isa biratti walqixa. Waan isaa lamann booda itti fidan beekuu hindandayu. Waan inni namni waan gaarii dalaguufi, namni waan hamtuu dalagu eega du'anii walqixa tahuu yaaduuf jecha. Duuba namni akkanaa kun yoo adaba addunyaa hinsodaatin, akkamiin waan hamtuurraa if qabee waan gaarii dalagurratti obsa? Nama jiruu du'a boodaa takkaa aakhiraa hubatee yaadu malee, ibaadaa Rabbiitiifi heera isaarratti jabaatuun hin mijjaawu. Maalif? Namni waan hubate malee waan shakkii irraa qabu hin jabeessu, waan naaf toltii akkaan hubate. Wanni inni akkaan irraa fagaatu waan namiiti akkaan hubateedha.
Wanni waan dubbanne kana hundarraa nuu mul'atu, ati yoo karaa tokko deemuu feete bakka karaan sun itii si geessuufii faaydaa isaa beekuurraa hafiinsi hinjiru. Inumaa beekkomsa keessa kuttee hubantii qabaatuurraa hafiinsi hinjiru.
Ma'anaa (hiikkaa) iimaanaa
Iimaana jechuun: beekkomsa cimaa shakkiin keessa hin jirree. Duuba namni tawhiida Rabbii, sifa isaafi heera isaa guyyaa (boruu) qiyaamaa jazaa namaa galchuu isaa beeke, qalbii isaatiin akkaan hubatee dhguoomsee, hanga irra deebi'uun hin mijjooynetti namni kun Mu'umina je'ama. Mu'mina jchuun dhugoomsaa jechuudha. iimaanni wanni fidu islaamummaa waan Rabbiin je'u dhagayanii shar'aa isaa qabatanii jala deemuufi dalagaarra oolchudha. Akkaan kajeelutti wanni ati kanarraa beeyte: akka namni tokko yoo mu'mina tahe malee, muslima hin tahin, akka shari'aa dhugoomsuun shar'atii dalaguun dura taate. Iimaanaafi islaamni wanni walii tahan akka firiifi mukaati. Mukni firiirraa maleen mayruu, odoo hoggaa takkee firii lafatti darbaniituma mayruu diduun kan mijjaawullee taate, takkaa darraatee baataellee dachiin hammaattee, takka qilleensi hammaatee. Duuba akkasii namni tokko muslima hin je'amu, yoo qalbii isaa keessa iimaanni jiraate malee, odoo kan oduma iimaana qabuu islaamummaan isaa guutuu tahullee baatee sababaa niyyaan isaa laafte, takka barnoonni isaa ir'ateef takkaa guddifni isaa badeef takkaa haalli naannawa isaa, isa injifateef.
Duubaa yoo waaniin dubbadhe kana beeyte: namni yoo gara iimaanaatiifi islaamaatiin laalle, bakka afuritti qoodama.
1. warra Rabbitti amanu kan iimaanni isaanii Rabbiif isaan gad jechisiisu, warra guututti shari'aa Rabbii qabatee jala deemu, waan Rabbiin irraa dhoowwerraa dhoowwamanii, azaaba isaa sodaadhaaf akka namni cilee ibiddaa harkaan qabuu sodaatutti dilitti dhihaatuu sodaatan, isaan waan Rabbiin jaalatu dalagutti jarjaran, akka namni hoorii argatuu jecha dalagutti jarjarutti. Jarri kun isaani, namni mu'mina dhugaa je'amu.
2. warra Rabbitti amanee, kan iimaanni isaanii Rabbii gad je'utti isaan hin kaafne kan shari'aa jala guutanii deemani. Jarri akkanaa kun odoo iimaanni isaanii guutuu tahuu baatellee, haatahuu isaan kun islaamummaa ni qaban. Jarri kun yoo adabamu hanguma diliiti, yookaa cubbuu isaanii malee akka warra Rabbitti shiftaawettiimiti. Maalif isaan mootii beekanii jiran ammallee heera saatii harka kennanii jiru odoo itti dalaguu baatanillee.
3. warra Rabbitti hin amanin, kan hoggaa laaltu isaan waan ormi islaamaa dalagu dalagan agartu. Isaan kun yoo keessa isaanii laalle: warra Rabbitti shiftaawee Rabbitti morme. Wanni gaariin issan dalagan tan nuu mul'attu ibaadaa Rabbiitiimiti. Akkasuma heera Rabbii jala deemuu hin je'amtu. Tanaaf jecha dalagaan gaarii isaan dalagan sun Rabbi biratti isaanii hin hisaabamtu. Haalli jara kanaa wanni fakkaatu. Nama tokko kan mootii yookaa mataa biyyaa takkaa mootummaa takka matummaa isaa hin eehamne, takkaahuu hin beeyne kan ajaja isatti hin bulle. Namni kun yoo biyya san keessatti waan ajaja mootiidhaatiin walhindinne dalage, yoo wanni heera mootiitiin walfudhatu nama sanirraa argamte, inni heera mootichaa, ajaja isaa dalagaarraa oolchi hin je'amu, akkuma inni nama mootii dhagayu hin je'amne. Namni kun dalagaa isaa tanaan shiftaa ajaja mootii dide tahuurraahin baane. Akasuma namni waan gaarii dalage kan Rabbi hin dhugoomsin muslima hin je'amu.
4. warra Rabbitti hin amanin, kan dalagaan isaanii hamtuu, tan shari'aa Rabbiitiin waldhabdu. Isaan irra badaa namaaati. Warra shiftummaan dachii balleeysu. Duuba qooda namaafran kanarraa wanni nuu mul'ati, akka milkiin namaa addunyaa akiraarratti Rabbitti amanuu qofa keessa jirtu. Islaamni guutuu tahuu, ir'uu tahuu iimaanarraa malee hin dhalatu. bakka iimaanni hin jirre kufriitu jira, kufriifii islaamni diddaa wailliti. Kuriin dubbii Rabbii takka amrii isaa didu. Dubbii Rabbii diduun gosa hedduu, gosa adda addaa tahuun wajji.
Waan beekkomsaafii hubantii argataniin
Wanni tanaan dura beeyte, namni ibaadaa Rabbii godhu iimaana qabaatuurraa hafiinsi hin jiru jechu. Amma mmoo akkaan seyutti wanni gaafatu. Karaan iimaanaa, karaan beekkomsa fayyaa qabu kan hubantii jabduu qabu, Rabbiifi sifa isaa, heera isaa jiruu aakiraa beekaniin maal jechu?
Duuba tana dura wanni siif dabarsine, faanti rahamata Rabbii uumaan bareedduun inni waa uume, addunyaa tan keessa bakka hundaa mul'atti. Wanni Rabbiin akktti tolchee uume tun wnni nu beeysiftu: akka Rabbi tokkicha malee namni biraa isii hin uumin, Rabbii tokkicha kan dubbii waa hundaa oofu. Akkasuma waani Rabiin uume tan laallee agarru tun, nama laalee arguuf sifa Rabbii akka gaaritti mul'ifti. Mee akkamitti sifti Rabbi ta akka beekkomsaa, baasa baasuu, waan hin jirre argamsiisuu, dhiifama namaa godhuu, nama qananiisuu, waa injifaatuufi ammallee sifti isaa ta biraa hundi dalagaa isaa tan akkatti tolchee waa uumutti rarraaturraa hin mul'annee? Haatahuu ilmi namaa aylii isaa dogggorsiisee, yookaa gufachiisee jira. Guututti waa laalee arguun qajeeluu dhiise. Wanni Rabbiin uume tan laallee ija teenyaan garru, ragaa tokkummaa Rabbiitiifii dandeeytii isaa kan ija dura nu dhaabbatu. Hatayuu odoo isiin Rabbii ol tahe tokko tahuu ragaa baatuu, namni gariin Rabbiin lamaje'a, gariin ammoo sadii jedha, gariin waaqa heeduu likkii hinqabne tolfata. Gariin namaa waan uumame, kan laalee argu kana Rabbii hedduurraa qoodaa wanni je'u, roobni waaqa kophaati qaba, ibddi Rabbii kophaati qaba, dukkanti adda Rabbii biraa qabdi, ifni adda Rabbii biraa qaba je'aanii waa hundaafuu addaan Rabbi godhan. Ammaas Rabbii hedduu san gubbatti Rabbii guddaa Rabbii heedduu san ajaju, kan hunda isaanii if jalatti bulchu godhan. Akkanatti ayliin namaa beekkomsa Rabbii keessatti dhamaatee achii achi utaalte. bakkeen dubbii Rabbii warra beekkomsa Rabbii keessatti dhama'ee itti adda babaasanii dubbatan asiimitii bakka biraati.
Ilmaan namaa akkuma beekkomsa Rabbii keessati dhama'an jiruu aakiraa keessattiis yaada adda addaa, kan ajaa'ibaatiin dhufa. Tanaaf jecha gariin namaa akki je'u: jiruu addunyaa tana malee, jiruun biraa hin jirtu, eega du'ani qabrii kaafamuun hin jiru hin kaafamu je'u. Gariin isaanii akki je'u, namni hoggaa du'e ammaas deebi'eeti dhalata, hoggaa meeqaatam addunyaa tanarratti namni jazaa dalagaa isaa addunyuma tanarratti argataa malee bakka biraatiimiti je'a.
Ammoo heera qabatanii hanga jiran irratti deeman, kan Rabbin jaalatu ilmi namaa eessaa lubbuu isaatiin kaayatuu dandaya? Mee namni Rabbii isaatiifi sifa isaa aylii isaatiin hin beeyne, aylii isaatiin heera isaaf tolu kaayatuu ni dandayaa?
Ayliin namaa odoo hangumuu waa barattee guutamte, hangamuu humna beekkomsaa walitti qabattee mala tokko kan heeraa thu takkaa waan heera fakkaatu tahu baasuu hin dandeeysu, yoo mataa meeqaatam itti deddeebitee gad qabdee laalte maleefi takka mokkorte garte malee. Inumaa sanumaan wajji namni waan ayliin isaa baaftetti if hin amanu, ammallee haqa beekeee honga gahe je'ee himatuu hin dandayu. Beekkomsa guutuu haqa waliin gayu beeke je'ee himatuun isaa hin mijjaawu. Wanni mama qabne karaan aylii namaatiifi beekkomsa isaa hanganaa beekaniin, isaafii lubbu isaa walitti lakkisu. Kan namni biraa gubbaa dhaabbatee hin qajeelchine, haa ifumaa jaatanii godhee takkaa tattaafata godhee dhugaafi kijiba, haqaafii baaxila addan baruu. Akka hireen milkii nama dalagateef argamtee kasaaraan takkaa badiin nam hin dalagatinitti buutuuf. Rabbiin eega arjummaa isaatiin, aylii waa adda namaa baaftu nama kennee ayliifii namichaa walitti dhiise. Nama aylii isaatiin qajeelejennata kennee nama aylii isaatiin hin qajeelin adabuu.....haatahuu Rabbiin guddaan gabroottan isaatii rahamata godhuu jecha, namaafi aylii isaa walittidhiisee akka ifumaa carraaqanii aylii isaaniitiin haqabaran godhe. Isaan hin cinqine. Ilmaanuma Aadamirraajara dhiiraa filee, beekkomsaaisaa kan fayyaaqabu isaanii kennee isaanitti erge. Karaa Rabbiin jaaltu kan hanga jiran irratti deeman isaan barsiisaa beekkomsa jiruu aakhiraa isaanii kenne. Waan Rabbiin isaan barsiise san akka gabroottan isaa hundatti geessan, akka waa Rabbirraabeekan isaanii barsiisan isaan ajaje. Dhiitii Rabbiin gabroottan isaatitti erge sun ergamoota Rabbiitiifi anbiyoota isaati....karaan isaan beekkomsa Rabbirraa itti argataniin "Wahyii". Wahyiin mamalaayka ergamtootatti ergee waan fedhe isaan barsiisu. Kitaabni beekkomsaa anbiyoonni kenname keessa jiru. (kitaaba Rabbiiti , dubbii isaati) tanaaf jecha amma namni aylii isaatiifi humna beekkomsa isaatiin karaa haqaa, heera jiruu baafatuuf cinqamuun hin jiru, yoo ergamaa Rabbiitti amanuufi amanuu dhabuu keessatti aylii isaa daleeysisee jiruu gaarii ergamaan dhufeen, qajeelloo inni fide laaluu taate malee. Namni namni haqa baruufii jala deemuuf qophaawe, waan gaarii haqa argu itti amana. Nama waan gaariin dhfettiis ni amana ni dhugoomsa. Namni akkanaa kun leenjisa Rabbiin addunyaa tanarratti isaaf kaa'ye keessatti najjaheemilkaawe... ammoo namni waan gaarii ergamaan Rabbii dhfeen kijibsiisee, kan ergamaa waan saniin dhufeenirraa duroome dhugumaan karaa haqa qeebaluurraa bade. Dalagaan isaa tun waan leenjisa keessatti milkaawuurraa isa hoongeessite. Waan karaa beekkomsa dhugaa kan Rabbi beekuu, kan shari'aa isaa beekuufi jiruu aakiraa beekuu isatti cufe. Wanni kun waan karaa ergamaa Rabbii dhugoomsuun beekani.
Waan namarrraafagoo dhugoomsuu
Ati yoo waan takkawallalte nama beeku barbaadda. Duuba maala namni waan san beeku sii hime jaalatteeti malasanitti daleeyda. Fakkeenyaaf: yoo dhukkubsatte lubbuu teetiin if hin wal'aantu, nama qoricha beeku barbaaddata. Duuba yoo inni akkaan ogummaa qabu kan namni hedduun hara isaarratti fayyoo argate tahe, akka inni nama humna siin wal'aanuun qabu tahe ni amanta. Tanaaf jecha qoricha inni sii heesabe malee hin fudhattu. Waan irraa si dhoowwerraani dhoowwamta. Akkasuma muggutii keessatti xabaqaa (abukaatto) kee ni amanta, waan seera keessatti itti irkatta. Akkasuama nama waa barsiisu waan inni barsiisu keessatti isa dhugoomsita, akkasuma yoo biyya karaa isii hin beeyne takkaa dhaquu kaate, nama karaa isii beeku gaafatteeti waan inni siin je'u dhugoomsite karaa inii si qajeeleche deemta. Haalli kee waan addunya kan hin beeyne hunda keessatti akkasuma. Duuba hiikkaan waan namarraa fagootti amanuu kanuma. Waan ganaa dhufu dhugoomsuun gheybitti amanuun kanuma.
Waan dhufaa jiru kan (gheybii ) je'amutti amanuun hiikkaan isaa nama waan san beeku gaafattee dhugoosuudha. Waan inni je'utti dalaguudha. Ati waan Rabbiin tahe waan sifa isaa taate hin beeytu, akkasuma akka malaaykaan Rabbii amrii Rabbiitiin dalagaa wan inni uumee itti ooftu, kan karaa hundaa namatti marsitu hin beeytu. Akkasuma karaa Rabbiin jaalatu ka jiruu addsunyaatii tolu hin beeytu, akkasuma jiruu aakiraatiifi waan achitti gabroonni Rabbii qunnamu hin beeytu. Beekkomsi waan akkanaa hundi karaan siif argamuun karaa nama dhiira, kan dhugaa dubbatuu isaa, ammallee waa hunnda keessatti Rabbi sodaatuu isaa yaadduuni, kan dalagaa isaa jecha isa xiinxaltee haqa malee hin jeuu hubattee waan inni je'u mara qeebaltee jaalatuun garaa si buutee karaa isaa malee karaan biraa haqaamitii beeyte. Duuba (gheeybitti) amanun isuma kana. Namni ibaadaa Rabbiitiin godha je'u kan waan gaarii Rabbiin jaalatu dalaguu deemu, waan dhufaa jirutti amanuurraa hafiinsi hin jiru. Karaa nama dhugaa dubbatu dhugoomsuutiin. Maalif waan dubbanne beekkomsa fayyaaqabu beekuun karaa ergamaa Rabbiitiin malee hin taatu. Akkasuma karaa islaamaa diriiraa qajeelanii deemuun beekkomsa fayyaa qabu kan ergamaan Rabbii dhufeen kanaan malee hin mijjaawu.
|

|