Mana

Hiikkaa Qur'aanaa

Gadaa Islaamaa

Qur'aanafi Saayinsii

Seenaa Gabaabaa

Zikrii

Tell Your Friend

Contact Us

ORDER CD


Walqabsiisa biroo
Qur'aana
Qur'an(Audio & Reading)
Quran Online
The Noble Qur'an Translation
The Noble Quran
Quran.al-islam.com
Islamic City
New version of Electronic Reciter

Walqabsiia broo

Top Islamic Websites
ISNA
MSA
Learn about Islam



Gadaa Islaamaa


Hayyuu Abbaa Kitaaba kana Abul A'la Mawdudi. Translated by Dr.Shek Muhammed Rashaad Abdullee.

Namni kitaaba kana kaaye beekaa islaamaa Abul Al'a Maawduudi jedhama. Dura afaan urduutiin bara 1932tti maxxanfame. Eegasii Afaan adunya heddutti deeffamuudhaan diinaa islaamaa karaa gabaabaan, xiqqaa fi guddaaf akka galutti kan qindaawedha. Afaan ittiin hikame keesa tokko Afaan Oromooti. Warraa irraa fayyadamu rabbi nu haagodhu!




kenek-looking design that very much resembles the fro nt jet

Duree islaama jechuun maali? Ibaadaa Ergaa iimaana Salaata Shari'aa Heera Mataa

Amantiin islaamaa maalif islaamaan yaamate

Hiikkaa (ma'anaa) islaamaa maali? maaltu islaama ja'ama?

Kaafira jechuun maali? kufriin maali?

Dararaa kufriin namatti fidu

Faaydaa islaamaa

Amantii yookiin diin islaamaa

Amantiin islaamaa maalif islaama je'amtee yaamamte?
Wantii amantii tahe tan adunyaa tanarra jirtu hundi, tan adda addaa tun wanni maqaa adda addaatiin beekamteen yookiis yaamamteen saniin yaamamteef: isaatu maqaa nama amantii san fideeti, takka isaatu maqaa ummata tokkoo kan amantiin sun isaan keessatti aragamtee mul'atteetti jechaafi.

Fkeenyaaf diin yookaa amantiin kristiyaanaa wanni "Masihiyyaa" je'amtee yaamamteef, nama amantii san fideetu "Masiih" je'ama jechaafi. Masiih jechuun maqaa nabi Issaati. Amantiin "Buuzaa" je'amu kan Aasiyaa keessatti argamu kuniis maqaa nama isa fideetu Buuzaa jedhamee yamama. Diin yahuudaatiis gosa "Yahuuzaa" je'amu keessatti argameeti kan maqaa isiitiin yamame. Akkanatti amantiin hundi maqaa nama amantii san fideetiin takkaa maqaa gosa diin sun keessatti argameen yookaa mul'ateen yaamame. Diin islaamaa malee. Diinaan islaamaa maqaa nama tokkootiin hinyaamamne, akkasuma maqaa ummata tokkootiin hin yaamamne. Wanni inni yaamameen "Islaama" jechuudhaani. Hiikaan yookiin ma'anaan islaama jechuu: dubbii rabbii dhagayuu jechuudha. Wanni jecha islaamaa kanarraa fudhannu yookaa nuu beekamu amantiin islaamaa wan namni tokko qofti ilmaan namaarraa itti amanu yookaa dhugoomsuumiti, ammallee amantii ummanni tokko qofti qabaatuumiti. Namumti waan Rabbiin je'u dhagayu, warra addunyaa tanarraa jirurraa kan dur dabre tayuu, kan amma jiru tayuufi kan amma booda dhufuus "Muslima" je'ama.
Hiikkaa Islaamaa yookaa ma'anaa islaama jechuudhaa

Afaan arabaatti islaamaa jechuun, waan rabbiin itti ajaje hunda dalaganii, waan inni irraa dhoowwe hundarraa dhoowwamuudha, dura dhaabbachuun maletti takkaa mormuun maletti. Wantii amantiin teenya islaamaan yaamamteef isaatu dubbii Rabbii dhagayu jechaafi. Kan jibbansi keessa hinjirre, takkaa diddaan dubbii Rabbii keessa hinjirre.

Islaamni maali?
Wanni beekamee, wanni hundi addunyaa tanrratti heera beekamaa jala deemtu qabdi. Qaaydaa adda addaa tan isii ajajju qabdi. Aduun, jiinifi urjiin qaaydaa irraa hinmaqneen deemti, kan irraa hisossoone. Kan hanga rifeensaa tokkoo qaaydaa sanirraa bahuu hin dandeenye qabdi. Dachiin akka je'anitti rogaa isii lamaan kan kaabaa kibbaa, kan afaan faranjiitti "pool" je'aniin jidduu naannooyti, kan yeroodhaafii, sosso'iinsaaf karaan isii godhame waa takka hinjijjiramne. Bishaan, qilleensi, ifniifi oo'wi hundi isaanii qaaydaa kophaadhaa tan isaan ajajju qaban. Wanni lubbuu hinqabne goggooyduun hundi, wanni mayraa hiundi, wnni lubbuu qabu hundi heera qabdi. Kan heera suniin malee hin ida'amne, hin ir'anne, kan hinjiraanneefi kan hiduune, waan dubbanne san dhiisii, matummaan namaatuu odoo haala ifii laalee akka heera yookaa karaa Rabbiin isa kaayerraa hin mayne akka guututti heera sanii gad je'u if arga.

Namni hafuura baafatuun, bishaanitti haajamuun, nyaata barbaaduun, ifatti haajamuuniifi oowa'atti haajamuun akka karaa yookaa heera Rabbiin jiruu isaatiif kaayeen taate siif mul'ata. heeruma kana jala qalbiin namaa hoggaa sossootu deemti. Dhiiyniniis hoggaa qaama keessa yaa'u, hafuurri hoggaa seenuufii hoggaa bahu, humniti qaamaa hundi tana akka surrii, mar'imaanii, sonbaa, moorgayaa, foonii, harka lamaanii, miila lamaanii, arrabaa, ijaa lamaanii, funyaaniifi gurraa lamaanii hundinuu karaa Rabbiin isii kaaerratti dalagan. Kan heera isii kaayamerraa hinjallanne.

Heerri guutuun kun, kan wanni takkalleen isarraa bahuu hindandeenye waan Rabbiin uumee hundarraa, waan irraaguddoo samii keessa deemturraa qabee, hanga waan irra xiqqaa cirracha dachii keessa jirutti, hundi isii waan mootiin dandeeytii guutuu qabu uume sun Waaqa yookaa Rabbi. Duubaa yoo waanni samiifi dachii keessa jiru hundi, karaa Rabbiin isii kaaye jala kan deemtu taate wanni Rabbiin uume hundi, Rabbii mootii dandaya waan hunda uume heera isiin irratti deemtu kaaye dhageessi. Wanni huni ajaja isaa jala deema akkanatti yoo laalle. Wanni nuuf mul'atu: akka amantiin islaamaa diin waan Rabbiin uume hundaa tahe. Maalif? Islaamaa jechuun dubbii Rabbii dhagayu, waan itti ajajaman dalaganii waan irraa dhoowwamanirraa dhoowwaman, diddaan maletti akkuma tanaan dura beeyte. Tanaaf jecha aduun, jiinifii dachiin islaama. Muaka, dhagaan, bineessiifi horiin islaama. Inumaa wanni Rabbiin hin beeyne, kan Rabbiin hinjiru je'u, kan aayaata isaa didu takkaa waan Rabii hintahin gabbaru, takkaa takkaawaa Rabbitti qindeeysu hundi Muslima, gama waan Rabbiin irratti isauumeyoolaalle. Maalif? Namni hundi hindhalatu, hinjiraatu, hindu'u. Karaa Rabbiin dhaloota isaatiifi jiruu isaatiifi du'a isaatii godherratti malee. Humniti qaamaa hundi diinaa islaamaa malee, amantii biraa hinqabu. Maalif? Humniti hundi akkaRabbiin fedhetti malee, akka heera inni kaayeefittimalee hinargamtu, hinguddattu, hinsossootu. Inumaa hayni (haqni) arrabni namichi mala kufriitiin dubbatu, wallaalaan takkaa doofummaaf yoo mataaarraabaalaalle, diin islaamaa malee diin biraa hinqabu. Mataan namichaa, kan nmichi nama Rabbi hintahiniif gad je'utti dirqees akkasi. Amantii islaamaa malee, amantii biraa hinqabu. Haala Rabbiin itti isa uume yoo ilaalle. Qalbiin inni wallaalaan takkaa gowwummaan jaalala waan Rabbi hintayiniitiin guutu, kan nama Rabbi hintayiniin guddisuun guutu, qalbiin sun uumaa isii yoolaalle Muslima. Wanni hundi gama uumaatiin yoolaalle Rabbiifi harka kanniti. Heera uumaa kan inni kaayeef dalagaarra oolchiti. Isaaf gad jetti.

Duuba waan dubbanne kana yoo qabattee siif galte, mee koottu! Gama uumaatiimit gama waan dalagaa namichaatiin argamteetiin laallaa. Namichi jiruu isaa keesatti fuula yookaa gara lama kana adda addaati qaba.

Garri tookko; namni heera uumaarratti deema, karaa Rabbiin itti uumerraa hinmaqu.

Garrii lammaffaa; nama ayliitu kannemeefi, beekomsaatu kennameefi, dubbii gadi qabee laaluutu kannemeefi akkasuma mala baasuu dandayuut isaaf kanneme. Namni waa fudhatuufii waa didu qaba. Karaa tokko jaalatee kaan jibbu qaba. Namni ifuma biraa kaasee haalaajiruu adda addaatiif, heera kaayyatu qaba. Takkaa heera jiruu kan namni biraa kaaye filatee qeebalu (fudhatu) qaba. Namni addunyaa kana keessatti hidhaamiti, mala baasu qaba. Akkuma mala fedhe filatee dalaguu kenname. Namni fedhii Rabbiin isaaf kenne qaba. Jihaa takkaa garri lamaan kun, waan jiruu namaa hunda keessatti adda addaan argamudha. Duuba gama uumaatiin yoo laalle namni hundi islaamarratti uumame. Islaama dalagaarra oolchuuf argame. Akkuma wanni biraa hundi, waa Rabbiin uumeef dalaguuf argamte. Dubbii tana tanaan dura beeytee jirta.

Ammoo gama uumamaatiimiti gama kaniin, yoo haala namaa laalle, muslima tahuufi muslima tahuu dhabuu keessatti filmaata qaba. Duuba filmaata qabaatuun kun nama bakka lamatti qoodde.

Namni tookko kan Rabbii isaa beeku, kan akka inni isaa uume qabu dhugoomsu. Kan heera shari'aadhaa kan filmaata keessa jirtu jala deemu. Akkuma heera uumaa kan filmaata keessa hinjirre jala deemu. Namni akkanaa kun, kan heera uumaadhaatiifi heera shari'aadhaa jala deemu muslima guutuu je'ama. Kan islaamummaan isaa guutamte. Maalif? Jiruun isaa amma islaama qulqulluu taate. Eega Rabbiif if kenne, fedhii isaatiin waan duraan fedhii isaatiin malee, dirqiin jala deemu amma yaadaa isaatiin filannaa isaatiin Rabbii isaa dhagaya. Kan duraan fedhiifii filannaan malee dhagayuu ture. Amma beekomsi isaadhugaa tahee jira. Waan inni rabbii isaa kan humna beekkoomsa itti baratu isaaf kanne beekeef jecha. Ayliin isaatiis bilchaattee malli isaa qajeelee waan yaadee Rabbii beekkomsaafi waa taliguu kanneef malee, waan biraa gabbaruu dhabuu murateefi. Arrabni isaatiis haqaafi dhuga dubbata. Waan Rabbii tokkicha humna dubbatuu isaaf kenne malee, Rabbii biraa maqaa hindhooyneef jecha. Duuba amma nama akkan keessatti dhugaa malee wanni biraa hinhafne. Waan heeraRabbii kan filaannaa keessa qabu keessatti karaa biraa dhiisee karraa Rabbii filateef. Isaafi waan biraa kan Rabbiin uume hunda jidduu hanni walbaruu kan waliin boohaaruu hidhame. Maalif? Inni Rabbii hikmaa qabu kan beekkomsaqabu qabu kan wanni inni uume marti isaaf gad jettu malee, waan biraa hin ibaadu. Tanaaf jecha namni akkatti amane kun, kaliifaa Rabbiiti. Ka biraa bakka dhaabbatee waan Rabbiin itti ajaje dalagee daleeysiisu. Kan waan Rabbiin irraa dhoowwerraa dhoowwamee irraa nama dhoowwu. Nama, kan wanni addunyaarra jiru hundi kan isaati inni ammoo kan rabbiiti.

Kufrii jechuu maali?
Nama guutuu reefu dubbanne san maddii, nama biraatu jira. Sun nama dubbii Rabbii dhagayuu didee ittikafre. Inni nama islaamummaan dhalate. Kan odoon beekin jiruu isaa hunda islaamummaan jiraate. Haatayuu humna isaa ta bekkoomsaafi ta aylii rabbii isaa uumee gurraafi ija isaabaqeeyse ittiin baruuf hin tattaafanne. Inumaa rabbiin nijraa eehamuurraa if guddisee isa gabbaruu lakkisee heera shar'aadhaa kan Rabbiin kaye, kan jiruu isaatti rarra'u kan filannaa keessa qabu qabaatuu didee takkaa waan Rabbiin tahin Rabbitti qindeessee aayaata yookaa mu'jizaa tokkummaa Rabbii asxaa dandeeytii isaa ta akka dachii, samii ta akka uumaa namaa dhugoomsuu dide. Namni akkanaa kun kaafira je'ama. Nama Rabbi morme je'ama. Maalif? Kaafira jechuun waa hagooguu takkaa dabooluu. Duuba nama haala dubbanne san qabuun kaafira je'an. Isaatuu diinaa Rabbiin irratti isa uume wallaalaan hagoogee yookaa dhooyse. Wanni tanaan dura beeyte: namni dhalatu hundi karaa islaamaarratti daleeydi. Wanni Rabbiin uume kan addunyaa tanarra naannoo isaa jiru hundikaraa rabbiin isii uumee kaayerratti deemti jechhudha. Haatayuu kaafirri girdoo wallaalaatiin wanni addunyaarratti uumamte akkasuma lubbuun namaa irratti uumamte, heerri uumamaa irraa dhokatee, kan humna isaa kan aylii, tan beekkomsaa waan Rabbiin isaa je'ee isa hin uuminiin dalagu agarta. Isaa waan Rabbiin isaaf uume jaaree diiguu jecha takkaa balleeysuu jecha beekkomsaa isaatiifii aylii isaatiin jaatanii godhu garta. Ati mataa keetiin, jallina mul'ataa namni Rabbitti kafre keessa jiru beekuu dandeessa.

Dararaa kufriitiifi hammeenya isiin dhaltu
Kufriin wallaala. Inumaa wallaalli dhugaa kufriidha. Hamaan wallaala nama Rabbii isa uume hinbeeynarra badaa eessa jira? Kan odoo addunyaa guddoo tana akka isii keessatti waani Rabbiin uume halkanii guyyaa daleeydu argu, nama isii uumee daleeysiisu hinbeeyne wallaalli waallaala isarraa hamaa ni jiraa?

Eenyu namni cilee dhagaa uume? Kan waan hedroojiin ja'aniin uume? Eenyu namni waan oksijiin ja'aniin uume? Kan waan kalsiyoom je'amu, kan waan aazoot je'am kan waan soodyoom je'amu akkasumaatti albuuda biraa tan lubbuu hinqabne tan aylii hinqabne uuume? Kan waan sanirraa waan lubbuu qabu kan akka namaafaa uume? Si! wanni hedduun bakka hundatti addunyaa tanarratti argu, tan mataan isiidhaa isii tolchuuf ammallee issii bareechuudhaaf ogummaan hiriyyaa hinqabne, handasaafii uunkaa, ammallee qixxeessuu keessatti argamuun ni barbaadamaa himtu? Namni waan uumame kan isaa uumuun beekkomsa qixaa hiinqabne, kan hiriyyaa hinqabne, dandeeytti guddootti haajaamaa argu, kan ayliin isaa nama jabaa hikmaafii beekkomsa qabu kan waan san uumee tolche barutti hinqajeelin haalli isaa waanuma nama ajaaibu takkaa nama dinquumiti? Mee xiqquma gadi qabii laali! Nama akkanaa kanaaf hulaan beekkomsa dhugaa ni banamtii? Eega karaa beekkomsaarraamaqee? Namni akkanaa kun odoo hangamuu yaadee, waa qoqqotee baruu fedhee takkaa barbaadee karaa diriiraa qabatamaa beekkomsaa fayyaa qabutti hinqajeelu karaa jiruu tokkolleen. Maalif? Inni amarii yookaa dhiima isaa hunda keessatti dukkana wallaalaatu dura dhufaa booddee isaatiis dukkana malee hin argu.

Kufriin Rabbi mormuu, dilii, cubbuudha. Inumaa irraa guddaan dilii ammalle iirra fokkataan dilii kufriidha. Maalif? Dilii jechuun waan takka bakka isii wallaalanii bakka isiin hinmalle kaayuudha. Heera waan uumamerraa maysee. Wanni tanaan dura beeyte wanni rabbiin uume hundi Rabbii isii dhagayuurretti uumamte jechuudha. qaamni namaa hundi kanumaaf uumame malee waan biraatiifiimiti. Dhugaa Rabbiin filannaa gaarii, dalagaa humnaafaa namaa kennee jira. Haatahuu waanni uumaa humnoota qaama isaa himtuuf akka Rabbin isii uume jaalattutti mallee, daleeysiisuu takkaa itti dalaguu dhabuudha. Namni Rabitti kafre, akkamalee humna isaa godhe waan isiin uumamteefirraa dhoowwetti, waan isiin hin uumaminiif daleeysiisa wanni ati agartu. Isaa dukkana nama Rabbiin hin tayin guddisuutiin takkaa sodaatuutiin qalbii isaa guutuudha. Jaalala Rabbiitiifi isa sodaatuufi isa guddisuu qalbii isaa keessaa baasee qullisee. Odoo heerri uumamaa qalbii isaa ifaa jaalala Rabbiitiifi sodaa isaatiin guututti isa yaamuu akkamitti kaafirri waan humna isaa taheef waan harkaa isaa keessa jiru hunda, waan jaalala Rabbiitiin waldhabu daleeysiisa. Odoo heerri isiin irratti uumamte waan shari'aa Rabbii galu malee waan biraatiin dalaguu dhabuu faraduu (muruu). Mee Rabbii ji'ii! Namni nama jiruu isaa waa hunda balleeysu keessatti fixe, waan biraa dhiisi lubbama issaatuu miidhuu keessatti jiruu isaa fixerra eenyuutu cubbuu dalage.

Kufriin takkaa rabbi mormuun dilii qofaamiti, inumaa inni miidhaafii moromaa, ganuu, galata balleeysuu je'ama. Mee namni waan if duratti laalee argurraa maal qaba? Waan hadhuura kiyya je'u qabaa? Eenyu namni surrii isaatiifi aylii isaa uume? Isaatu if uumee moo Rabbii guddaadha? Eenyu namni qalbii isaa, arraba, ija isaa lamaan, gurra isaa lamaan, mia isaa lamaan, harka isaa lamaaniifi akkasuma umna qaama isaa hunda uume? Isa moo Rabbii gudda? Mee eenyu, namni waan san tolchee uume tan faaydaa isaaf qabdu godhe? Eenyuutu humna tanaan dalaguu, isiin qanani'uu isaaf aanjeesse? Lubbuu isaati moo Rabbii gudda?

Wanni irraa hafiinsi hinjirre akka deebisaan, ati gaafii tana kennitu wanni laallee garru hundi kan Rabbiiti jechaa tahe. Rabbiitu waan san uumee dhooyse. Rabbiitu isii qaba. Isaatu nama kenne. Yoo duuba dhugaan akkana taate, dhugaan shakkii hinqabne kanuma. Eenyu namni dilii nama aylii isaa waan Rabbiin jibbuun daleeysiisurra heddommaatu? Kan arraba isaa, ija isaa, harka isaa, miila isaa waan heera Rabbiitiin waldhabuun dalagutti dirqu sanumaatu dilii akkaan heddoommata. Nama qananii goftaa isaatiin dhalatee guddatee eega sanii haqa isaatiin dhaabbatuu didee ganu. Atuu yakka itti murta. Akkasuma nama mootummaa wajji dalagu, kan irree mootummaan isa harka keesse karaa mootummaa miidhuun dalage akka inni balleeysaa tahe itti murta. Akkasuma nama tola isaaf oolee galata galchuu dide balleeysaa itti murta. Haatahuu maali wanni namni kun nama tola isaa ooleef gala hin galchine jenne yakka itti murruuf? Namni namaaf tola oole waan namaaf tola oole san eessaa fide? Mee akkamitti namni nama akka isaa tola oola? Namni aangoo san isaa kanne Rabbiimiti? Haqni jabaan namni addunyaa tana keessatti namarraa qabu haqa haadhaa abbaati. Galata isaanii galchuu jecha haa tahu, eenyu namni qalbii haadhaa abbaa keessa jaalala ilmaanii buuse? Eenyu namni haati akka ilmoo garaadhatti baattuufii laalaa dhalaatiin isii cinqeef, naatee rahamata gootee guddiftu godhe? Eenyu namni abbaa waan cinqamee argateen jaalalaan ilmoo macaroo foon xiqqaa akka qallabu godhe? Kan isaan guddisuu jecha, isaan barsiisuuf jecha if wareegu, kan sanii jecha horiidhaafi waytiidhaafi waan biraallee kennu. Mee kufriin akka kufrii nama Rabbitti hinamannee, kan Rabbumaa isaa beekuu didee isa dhagayuurraa gara gale nijira? Kufriin isarra hamaa hinjiru. Miidhaa miidhaa isarra fokkottu ni gartaa? Ganiinsa ganiinsa isaa kanarra hamaa nigartaa?

Namni yoo kafre yookaa Rabbi morme kufrii isaa saniin miidhaa Rabbitti dhaqqabsiisa hinsayin. Mee silaa akkamitti miidhaa Rabbitti dhaqqabsiisa? Rabbiin kan mootummaa guddoo qabu, qabeenya bal'aa hoonga hinqabne kan ilmi namaa tattaafatuun wajji meeshaa gurguddoo wahiin laalan gargaarsifatuudhaan wajji, waan Rabbiin uume jalaa qabee hanga gubbaatti baruu dadhabe....samii, dachiifi urjiin gurguddoon yaatu tan akka Mirrihk tan lakkooysaa hindhumne tan waan Rabbiin uume keessa akka kubbaa xixiqqootti mul'attu. Duuba wanni sun hundi Rabbiif gad jetti, wanni dachii samii keessa jiru hundi Rabbiif gad jetti. Isiin tan Rabbiiti namni isaan falmu hinjiru. Inni kan wanni hundi itti haajamtu, arjaa namatti hin haajamne, kan nam tokko hanga ija liphii takka isarraa hinduroomuu hin danddenye mee akkamiin namni laafaan waa hundaaf, akka hundaan Rabbitti haajamu Rabbi miidhuu dandaya? Sababa isaatti kafruutiin, tanaaf jecha namni Rabbitti amane lubbuu ifiitiif tole, yoo kafre ifiiti galaafate.

Midhaan Rabbitti kafruu kan waan Rabbiin je'e diduu: namni kafare sun kheeyrii hundarraa hoongayuu khasaaramuudha. Inni beekkomsa qajeelaa hinqunamu. Maalif? Namni Rabbii ifii hinbeeyne akkamitti waan biraa beekkomsa qajeelaa beeka? Tanaaf jecha nama Rabbitti kafre ayliin isaa waan jiruu isaa tahe hunda keessatti, karaa jallaa goruu hinooltu. Mee silaa aylii nama isa uume baratutti hin qajeelin, akkamitti beekkomsa waan biraa xaliilatti qajeelti? Akkanitti namni rabbitti kafre waa hunda keessatti dhama'ee hoongayuu hin oollle. Ammallee haalli isaa, teessoon isaa, namaa wajji jiraatuun isaa, mootummaan isaa, taligaan isaa duraa baduun hin oolle. Kan sababa saniin dachii balleeysu, dhiiga namaa gadi naqee haqa namatti taphatee gosa roorroo mara, gara jabeenya mara isaan dhamdhamsiisee. Akkanatti kaafirri mala isaa badaan, takkaa yaada isaa badaan, dalagaa isaa badduun jiruu ifitti booreessa. Ammaaoo aakhiratti wanni inni itti balleesse marti dhaabbateeti ragaa itti baati. Mana murtii Rabbii kana haqaa keessatti ayliin isaa isa kasasti. Ijji isaa, gurri isaa, harki isaa, miilli isaa lamaan isa himatan. Waani isaan je'an: yaa Rabbi namichi kun addunyaa tanarratti dubbii tee dhagayuu didee, zikrii teetirraa garagalee dilii teetiin dirqiin nu dalage jetti. Gaafas mana murtii Rabbii keessatti dachiin inni irraa deemee irra taa'ee Rabbitti dilaaye takkaa cubbuu dalage Rabbitti himatti. Guyyaa qiyaamaa ka gurgurri isaa keessa hinjirre, kan jaalli shafa'aa nama hinfuune yoo Rabbi fedhe malee. Gaafas horiin inni karaaharaamiin argate, kan karaa haraamitti baase, wanni inni dirqiin haqa malee dalage daleeysiise sun hundi guyyaa qiyaamaa isiidhaafii isa jiddutti murtii Rabbirraa barbaaddi.duuba namni murtii Rabbiirraaoolu hinjiru. Rabbiin isaanii dirmateeti murtii isaan jiddutti godhee waan kaafirtichi miidhe hundaaf haqa irraa fuudhee isa adaba. Adaba isa xiqqeessu kan dilii isaa, sababa inni heera rabbirraa bayee rabbii isaa dhagayuu didee if miidheef.

Faaydaa islaamaa
Wanni dubbannee dabarsine daraaraa yookaa badii kufriin Rabbi mormuun qabu. Hammeenya booda kaafirtichi mudatu. Mee amma koottu! Faaydaa islaamni yoo jaalanneejala deemne qabu laallaa.

Waan tanaan dura dubbannerraa wanni beeyte: akka wanni addunyaa tana keessatti uumamte, tan bakka hundatii agarru waan Rabbii isii uume nu barsiisuufi kara nu qajeelchuudhaati. Warshaan yookaa fabrikaan guddaan addunyaa je'amu kun, kan akkaataa gaariin dalaagaa isaa deemsisu, kan heera uumaa guutuuf gad je'u, kan qaaydaa hindiigamnerratti deemu wanni akka dachiifi samii keessatti agarruudha. Wanni ragaa taatu akka namni isii uume kan isii taligu jabaa irreeguddo qabu, kan wanni takkalleen fedhiifii ajaja isaarraa hinbaane. Akkuma tanaan dura namaafi wanni biraa hundi ta Rabbi dhugoomsuuf uumamte tahuu beeyte. Wanni ati agartu akka heeraa uumaatti waanuma hunda kan halkanii guyyaa kan Rabbii isaatiif gad je'uudha. Odoo if quban qabaanne namni heera uumaa jalaa bahee jiraatuun hinmijjaawu.

Haatayu Rabbin ilmaan namaatiif; bilisummaa filannoo takka kanne. Beekkomasaafi yaadaan kheeyrii sharri adda baafatuudhaan waan biraahundarra isa caalchise. Namaafii beekkomsi isaa ayliin isaa, humniti inni waa adda baafatuu dandayuun hundi waan Rabbiin isaan leenjisu. Inni leenjisaa bilisummaa isaa kennee jira. Namichi sun, bilisummaa filannaa isaa kennamte tana heera Rabbirraa maqeen moo, garaa heera Rabbiitiin gore? Rabbiin hoggaa hunda isa arga, isa laala. Kanaan Rabbiin nama mokkora takka imtihaana nama godha. Rabbii haala tokookan irra bahuu hindandeenytti nama hindirqine, akka aduufii waan bira tan lubbuu hinqabne karaa Rabbii dgahagyuu qofatti dirqamte. Kan Rabbiin dhagayuurraa bahuu hin danddenye kan akka Malaaykaa dubbii dhagayuu qofatti dirqamte kan haala kanarraa bahuu hindandeenye. Namni odoo kan akkasitti karaa tokkorraa bahuu hindandeenye tahe silaa faaydaan leenjisaa takka imtihaanaa nibaddi. Ammoo Rabbiin leenjisaaf nama uumee jira. Jallinaafi qaceelloo addaan baafatuu dandayuu isaaf kenne, kun waan beekkamaadha hubatuun nama hindhibu. Fakkeenyaaf yoo leenjisa wahiitiif gaafii isaa xalayaarratti katabanii sitti fidanii akka kanatti malee deebisaa isaa hin kennin siin je'an, deebisaa beekkamtu kannuututu sirra jira. Meee leenjifni akkanaa kun faadaa maal qaba? Haqa yoo taat, humniti tee tan beekkomsa yoo deebisaa gaaffii sanii keessatti fedheeguutuu qabaatte malee, hin mul'attu. Duuba yoo fedhii guutuu qabaattee deebisaan tee dhugaa taatee, leenjisa san keessatti ni milkooyta. Karaan hegeree gaarii siif banama. Yoo ammoo deebisaan tee akkamalee takka sirrii hintahin ni kufta. Karaan if dura deemuutiis sitti cufama. Akkuma kanatti Rabbiin imtihaana yooka leenjisa jiruu keessatti bilisummaa yaadaa namaa kenne. Karaan jiruudhaa kan fedhe filatuu isa dandeessise.

Namichi waan nabseen isaa uumamteef hinbeeyne, kan heera uumamaa hinbeeyne, kan Rabbii isa uumee hinbeeyne, kan sifa Rabbii isaa hinbeeyne, kan karaa badii filate, kan bilisummaa yaadaa kan Rabbiin isaa kennetti fayyadatuu hinbeeyne, namni kun kufiinsa mul'attaakufe. Leenjisa beekkomsaatiifi kan ayliidhaa, kan humna kheeyriifii sharrii addaan foohatuu keessatti, ammallee waan dalaguun isarraajiruuf yaaddawuu keessatti dhugumaan kufee hoongawe. Namni kun akka nama gama hundaan garjalee tahe ragaa ifitti baha. Booddeen nama kanaaakka tanaan dura beeyte tahuu ni barbaadama.

Ammoo namni kuun dhugumaan leenjisa jiruu keessatti milkaaye, yaada isaa daleeysisee beekkomsaafii aylii isaarraa bu'aa gaarii faaydaa qabubuufatee, Rabbii isaa beekee itti amane, kan akka malaaykaatti itti hin giddamin filmaata isaatiin amanee kan kheeyriifi sharri adda filatuu keessatti gufatee karaarraa hin bahin, kan fedhii isaatiin karaagaarii filateedha. Kan wanni isa dura dhaabbatee sharrii filatuurraa isa dhoowwu hinjirre, odoo sharrii san fedhee. Kan waan uumameef beekee, waaqa isaa beekee isa dhagayuu filate, odoo sharriifii keeyrii jidduu filmaanni isaa kennemee jiruu. Mee maaltu leenjisa kana keessatti akka milkaawu isa godhee bakka uumameefiin isa gahe? Wanni bakkasaniin isa gahe, isaatu aylii isaa tolchee daleeysiisee akkasuam ija, gurraafi surrii isaarraa faaydaa buufatee yaaduma isaatiin jecha gaariifi dalagaa faydaa qabdu malee waan biraa dalaguu dhabuu murate.. akksumatti namichi kun akka haqa beeku ragaa gad dhaabe, Rabbii isaa beekuun. Ammallee akka haqa jaalatu karaa haqaa deemuun ragaa fidate.

Duuba namni kun yoo jiruu isaa keessatti milkaawe wahi nama dinqaa? Namni haala gaarii ol'aanaa kanaan beekkame, kan beekkomsaafii dalagaarraa waan diriirtuu fayyaa qabdu malee hinfilatin, waan Rabbiifi sifa isaa beekuuf jecha, inni dhugumaan bakka beekkomsi irraa jalqabamuufii bakka beekkomsi itti dhaabbatu beeke. Namni akkanaa kun jiruu isaa keessatti karaa jallaa nama dhamaasu hin qunnamuus hinseenuus. Maalif? Tarkaanfiin inni dura tarkaanfate, tarkaanfii beekkomsaa dhugaarratti jaaramte. Ammaas wanni inni hamilu akka waan gaarii tahee sirriin dhokatu, tanaaf jechi isarraa agartu isa uumaa samii dachifii laale, waan isaan lamaan keessa jiru karaa (falsafaatiin) baruu barbaadu. Haatahuu inni dukkan shakkii keessaa hinbaane. Akka warri falsafaa kuun badutti. Ammallee inni beekkomsaa khokhataa takkaa saayinsiidhaa qabatee heeraa uumaa baree waan Rabbiin addunyaa tana keessatti uumee baasee, humna Rabbiin addunyaa tana keessatti uume, ammallee humna Rabbiin ilmaan namaa keessa kaaye baree, karaa waan samiifii dachii keesatti uumamerraa itti fayyadaman baasuuf tattaafata. Humna ayliitiifii tan beekkomsaa itti baqeeysee, kan sodaan Rabbii guyyaa qiyaamaa waan hamtuun fuula Rabbii dhaabbatuu sodaatuun, beekkomsa isaa ka waan hamtuun dalaguurraa dhoowwituudha. Namni kana nabseen isaa anaatu wan san qaba hin jechisiiftu, ammallee heera Rabbiin irratti waa hunda uume injifedhee beekkomsa kiyyaan waanaan fedhe dalagee addunyaan laaffifadha, addunyaaniin gara galcha, beekkomsa kiyyaan nama sodaachisa nama fixa, midhaan balleeyseen dhiiga namaa gadi naqa hin je'u. Beekkomsaisaatiin waa kana hindalagu. Maalif? Waan san je'uudhaafii waan kana dalaguun haala kaafiraati malee, haala nama Rabbitti amaneetiimiti. Maalif? Namni Rabbi waahundaa isaaf uumee beeku, dhawaatuma beekkomsa waa Rabbiin uume ida'atuun, akkuma barnoota saayinsii ida'atee ogummaa dalagaabaree, waan Rabbiin dachiifii samii keessatti uume beekuu ida'atuun Rabbi dhugoomsuu ida'ata.

Tokkummaa Rabbii yaaduu ida'ata, akkasuma galata Rabbiif galchuu heddommeessuu ida'ata. akkasuma waan Rabbiin beekkomsaa na kennee waan dachiifii samii keessa jiru na barsiiseef, waan biraatiifimiti akkan gabroota Rabbii fayyaduufi, yaaduu ida'atee waan nama fayyadu takkaa bu'aa namaaf yookaa Rabbiinuumeef qabu dalaguuf jaatanii godha takkaa carraaqa. Maalif? Waan Rabbiin isaan qananiiserratti galata isaa galchuun, waan san hamtuun dalaguu dhiisanii waan gaarii dalaguudha. Akkasuma namni islaamaa tarkaanfii barnoota diinaggey, kan taligaa, kan heeraatiifi, barnoota kan biraatiif ogummaa biraa keessatti kaafira yookaa nama Rabbi moromu dubatti hin hafu, takkaa isaagadiimiti. Haatyahuu hamileen muslimaatiifi ta kaafiraa barnoota keessatti adda adda. Maalif? Namni islaamaa waan beekkomsa tahe qalbii yookaa aylii qajeellotiin barata takka qar'a. Ammallee waan gaariif dalaguun barata. Akkasumatti waan gaari bu'aa qabutti gayuuf barata. Inni wanni taarika baratuuf waan ummata duriit argamee beekee isaan gorfamuufi, ammallee waan isan guddiseefi waan isaan if booda deebise baree, waan haala dhiira isaanii tan waan gaarii daleeydee waan gaarii jettitti rarrau'rraa, waan isaaf tolu fudhatee, waan ummata dur balleeysee dhabamsiisee takkaa waan isaan laafise hundarraa fagaata.

Beekkomsa diinaggeey keesatti, karaa hormaataatiifi karaa horii itti basan, kan bu'aan isaa nama gariirratti hin dhaabbanne kan bu'aan isaa nama addunyaa tanarra jiru hunda walgayu filata. Ammoo taligaa keessatti yaanni isaa hundi, akka heerri nagayaa kan qixxummaa kan keeyrii kan kabajaa kan naamusaa biyya hunda walgayu godhu, kan namni tokkichi qofti taligaan kophaa ba'atee nama hincunqursine, takkaa tuutti takka, tuuta kaan hin cuqursine godhu, irree mootummaa amaanaa Rabbiin harka namaa kaaye, tan nama Rabbiin uume hundaaf keeyrii argamsiisan godhuuti. Ammaasnamni islaamaa yoo heera barate, wanni baratuuf nama hundaaf haqa isaa akka barbaadamutti kennu qixxummaan, kan nam tokkolleen gama tokkolleen hin miidhamne.

Dhugaa dubbatuufii amaanaa tiiysuufi gurra ifii eegun, Rabbi sodaatuun,haqa jala deemuun, haala nama Rabbitti amaneeti, wanni inni beeku Rabbiin isa waa hunda uume, kan waan uumame hunda qabu, kan wanni inni argateefii wanni namni biraa argatelleen Rabbumaraa taate. Ammas wanni namni Rabbitti amane beeku, akka waa takkaallleen handhuura isaa hin tahin, waan biraa dhiisii lubbuun isaatuu, humni qaama isaatuu wanni inni qabu hundi amaanaa Rabbiiti. Akka Rabbiin fedhetti malee itti dalaguufi daleeysiisuun isaaf hin gayu. Rabbiin amaanaa bira kaaye tana irraa deeffata. Guyyaa qiyaamaa gaaffii jabduu irraa gaafatama. Guyyaan san guyyaadhufaa taa'u, kan dhufuu isaa keessa shakkin yookaa mamiin hinjirreedha jechaa yaada.

Mee if keessa deebi'ii haala nama Rabbitti amanee, kan sayiinsa badaadharraa qalbii if xaharsu, kan yaada hamaadharraa if ququlleessu, kan ija isaa laalcha badaadharaa qabu, kan gurra isaa waan fokkattuu dhagayuurraa qabu, kan arraba isaa waan haqa hin tahin dubbatuurraa dhoowwu, kan waan haqa isaa hin tahin nyaatuurra beelaan du'uu filatu, kan miila isaatiin waan hamtutti hin deemne, kan waan haqa hin tahiniif gadi hin jenne odoo rarraafamellee osoo foon isaa cicciramellee. Inni waan itti haajamu karaa badaan karaa namatti roorrisuutiin argatuu hin barbaadu. Wanni inni akkaan jabeessu haqa, dhugaafi amaanaadha. Inni waan kanaan dhaabbatuuf if hinqusatu. Horii isaallee hinqusatu. Wanni inni akkaan jibbu roorroo, kijibaafi nama gantuudha. Karaawaan kanaa abaduma hinfilatu. Miidhaa sodaafi takkaa faaydaa barbaadaaf waan badduun dubbadhe san hindalagu. Inni kijibni mooyuu, kan nam cunqursuun lalisuu, nama ganuun argamee moohuu hinjaalatu. Namni haala gaarii akkanaa qabu, isuma kan addunyaa aakiratti milkaawe.

Eeyyee namni guddina, gurra, kabajaafi ulfina addunyaa tana keesatti isarra qabu hin jiru. Maalif? Inni Rabbiif malee waan bairaatiif mataa gad hinqabatu. Nama Rabbi hin tahin jala harka hin qabatu. Duuba nama akkanaa kana sababaan xiqqeenyaa akkamiin itti dhaaqqaab. Nama kana namni isarra humna qabu hinjiru. Maalif? Inni rabba maleewaan biraa hin sodaatu, waan kajeelu hunda Rabbrraa malee nam biraarraa hin kajeelu. Duuba humnuma tamtu nama kana karaa haqaarraa maysa? Mee diinaggeyuma tami tan meeshaa iimaana isaa bittu. Nama kana namni yookaa wanni addunyaa tanarratti isarra dureessaa, kan isarra diinaggeey qabu hin jiru. Maalif? Inni saree addunyaatiimiti, hoshonshoma addunyaa dhabaamaa walitti qabatuuf hin bololu. Waan hamtuu nabseen jaalattu, hawwii nabsee jala deemee hin dalagu. Inni waan karaa haqaatiin dalagatee argate aminfata. Diinaggeey haraam ijaan hin laalu, horiin haraam odoo hangamuu heddommaate isaa dhufe jibbeeti dida. Durummaa jechuun durummaa halaal aminfatuuti. Wanni durummaa tanarra caalu addunyaa tanarra hinjiru. Namni isarra namni hundi jaaltu addunyaa tana keesa hinjiru. Namni isarra namni ija guddinaatiin laalu hin jiru. Wanni namni isaa jaalatee isa guddisuuf isaatu namuufuu haqa isaa guutuu kennaafi, kan waa takka irraa irraa hin irrifne. Inni isaaniif tola ooluu malee, nama tokkottii hamtuu hindalgu. Inni waan isaanii tolu dalaguuf caya, kan gaataa isaanirraa hin barbaanne. Duuba kun hundinuu nama isa jaalachiiseeti isa kabajanii guddisutti isaan dirqe. Namni isarra, namni hundi isa amanee iasatti irkatu addunyaa tanarra hin jiru. Maalif? Inni amaanaa isaanii hin khadda'u, hin ganu yookaa hin kaadu. Hogguma hunda dhugaafii tolaan, isaaniin wajji deema. Waan ballama isaanii seene ni guutaafi. Bakka dhugaa ammallee waan amaanaa, waan biraa hin filatu haala saa hunda keessatti, isa Rabbiin haala hundatti na argaa yaadu, yeroo nam tokkolleen addunyaa tanaarraa isa hin agarreefi hoggaa namni isa arguus, Rabbiin waa takka isarraa hindhokanne na argaa yaadu. Duuba nama kana hangam taakka namni hundi isaa jaalatanii, hangam takka isatti irkatanii, hangam takka dubbii isaanii hunda keessatti mala isaa qabatanii hin gaafatin, namni sii deebisuu dandayu Rabbi malee hin jiru.

Duuba eegaa haala muslimaa kana qabattee deemuun sirratti jiru, beeytee hubattee wanni ati murtu yookaa firdii gootu: akka namni Rabbitti amane addunyaa tana keessatti xiqqeenyaan jiraatuu hin taane, haqa isaa dhabee. Muslimni jiruu isaa keessatti mataa olqabateeti bula malee mataa gadi qabatee hin bulu. Inni isa jabaati jiraata malee, laafinaan hin jiraatu. Maalif? Haalli islaamni isaan faaye yookaa isaa kenne, humna humniti takkalleen isii hin injifanne, humna wanni humna je'amu tan addunyaa tana keessa jirtu isii duraa dhaabbachuu hin dandeenyeedha.

Sun waan namichii Rabbitti amane, addunyaa tana keessatti argatuudha. Ammoo wanni namni Rabbitti amane aakhiratti argatu, Rabbiin jaalal isaatiin isa hagoogee jennata lagootiin masnoofii manootii isaa jala olii gad yaatu, kan waan lubbuun feetu hunda keessatti argatu isa seensisu. Galata inni amaanaa guutee geessisee, leenjisa yookaa fatanaa addunyaa baasee milkaaweef jecha. Sun milkii zalaalam kan gabrichi rabbii isaatti amane addunyaa aakiratti isaan qanani'uudha.

Islaama jechuun isa siif dubbanne kana. Amantii namni irratti uumame. Diin ummata tokko qofatti hin gabaabbanne, kan biyya takka qofarratti hin gabaabbanne, kan zamana tokko qofarratti hin gabaabbanne, kan namni Rabbi beekee martii isaan yaamamudha. Diin namni heera isaa jala deeme, kan namni karaa isaa diriiraa seene hundi, zamana fedhe haatahuu, ummata fedhe haatahuu, biyya fedhe haatahuu isaan qajeeluudha. Kun gaa diin islaamaa je'ee yaamu, maqaan biraa kan afaan isaatiin yaamuudha.

pr inter sports a sleek-looking design that very much resembles the fro nt of a sports car...



Tabarooleen Gola kanaa idileen seeraan tikfamoodha.
Barreeyfama gola kana keeysatti dhihaatan mara, hayyama qa'ee kanaatiin maletti qabeentaan Bilisummaa (gola) kanaa idileen yookiin quucata isaa, bifa fedheen, sagaleedhaan, katabbiidhaan, suuraadhaan asirraa waraabuun dhorkaadha!
Copyright © 2001-2004 Bilisummaa. All rights reserved
Home | News | Language | History | Islam | Culture | B.game