Mana

Hiikkaa Qur'aanaa

Gadaa Islaamaa

Qur'aanafi Saayinsii

Seenaa Gabaabaa

Zikrii

Tell Your Friend

Contact Us

ORDER CD


Walqabsiisa biroo
Qur'aana
Qur'an(Audio & Reading)
Quran Online
The Noble Qur'an Translation
The Noble Quran
Quran.al-islam.com
Islamic City
New version of Electronic Reciter

Walqabsiia broo

Top Islamic Websites
ISNA
MSA
Learn about Islam



Gadaa Islaamaa


Hayyuu Abbaa Kitaaba kana Abul A'la Mawdudi. Translated by Dr.Shek Muhammed Rashaad Abdullee.

Namni kitaaba kana kaaye beekaa islaamaa Abul Al'a Maawduudi jedhama. Dura afaan urduutiin bara 1932tti maxxanfame. Eegasii Afaan adunya heddutti deeffamuudhaan diinaa islaamaa karaa gabaabaan, xiqqaa fi guddaaf akka galutti kan qindaawedha. Afaan ittiin hikame keesa tokko Afaan Oromooti. Warraa irraa fayyadamu rabbi nu haagodhu!




kenek-looking design that very much resembles the fro nt of a sports car... Duree islaama jechuun maali? Ibaadaa Ergaa iimaana Salaata Shari'aa Heera Mataa

Ergaan maali?

Waan nabiyyiin beekkamuun

Dubbii nabiyyii Rabbii dhagayuu

Nabiyyoota dhugoomsuun ni barbaadama

Taarika ergaa Rabbii

Ergamiinsa nabi Muhammad (NIHJ)

Ragaa ergamiinsa nabi Muhammad

Maayyi ergaa waaqaa

Ragaa ergaan Rabbii nabi
Muhammadirratti dhumuu

Kutaa dabre keessatti wanni nuti dubbannee ati beeyte waan as deemu kana.

Tokkoffaan; namni beekkomsa fayyaa qabu, kan Rabbiitiifi sifa isaatiifi kan karaa isaa kan gaafatama guyyaa boruu beekutti haajama. Akka Rabbi ibaaduufi heera isaa jala deemuu dandayuuf jecha. Ammaas beekkomsi namni waan san beeku, beekkomsa cimaa fi jabaa sadarkaa hubantii gahe tahuu.

Lammaffaan; Rabbiin ilmaan namaa aylii isaaniitiin cinqamanii waan san baruu barbaadutti hin dirqine, isaanirraa dhiira anbiyoota je'amtu filateeti beekkomsa san isaan barsiise gabroota isaa warra dachiirra jiru hunda beekkomsa san barsiisaa je'ee anbiyoota san ajaje. Gabroota isaatii karaa beekkomsaa laaffisuu jecha.

Sadaffaan; waajibni yookaa dirqamni amma gabroottan Rabbirra jiru: aylii isaaniitiin kara haqaa barbaadu cinqamuumiti. AnbiyootaRabbi warra dugaa dubbatu san dhugoomsu wanni isaanirratti jiru. Namni tokko Nabiyyi yookaa ergamaa Rabbii tahuu hoggaa beekan, itti amanuu. Isa dhagayuu, waan inni je'e daalagaarraa oolchu. Waa hunda isarrattilaallatanii jiruu isaanii keessati isa jala ddemu.

Amma waani sii dubbannee ibsuu feenu, waan ergaan Rabbii taateefi karaan anbiyootaafii ergamtoota Rabbii beekaniin maali jechuudha, yoo Rabbi je'e.

Waan Ergaan Rabbii taate.
Rabbiin addunyaa tana keessatti waan namni itti haajamu hunda uume. Namni ijaa lamaan wahiin laalu, gurra lamaan wahiin dhagayu, funyaan whiin fuunfatu, coraa qaamaa kan tuqaa beeku, mialamaan deemu, harkaalamaanwahiin dalaguufi aylii wahiin yaadu, akkasuma humna biraa hedduu tan qaamni isaa xiqqaan kun if keessa qabu hunda namni qaba. Humna san hunda Rabbiin dhalootarraanamaaf kenne. Waani Rabbiin dhalootarraasan hunda kenneef, waan inniitti haajamuutu wal dhadhaba jechaafi. Namni eega dhalatee addunyaa tanatti seenee jiruu isaa jalqabe, waan jiraatuun kan jiruun isaa irratti dhaabbattu kan hangana hin je'amne if duratti arga. Kan waan san malee jiraachuu hin dandeenye. Kan akka qilleensa, bishaanii, ifaa, oow'aa, aannan harma haadhaa, jaalala haadhaa abbaa, jaalala fira isaafi kan nama biraallee argita. Duuba akkuma guddatuun wanni inni itti haajamu guddataa deemti, kan isiidhaan haaja bahaa deemu. Inumaa akkuma wanni dachii samii keessatti uumame hundi isuma guddisuu malee waan biraatii hin uumaminiiti, akkuma isa qofaa akddamuuf yookaa tajaajiluuf uumamteeti.

Ammaas mee tarkaanfii takkaif duratarkaanfadhu akka Rabbiin humna dalaagaa tan adda addaa addunyaatana keessatti namaaf kenne agarta. Namuu ilmaan namaarraa xiqqaatuu guddatuu, humna qaamaa ta aylii, ta beekkomsaafi ta dubbiiti qaama keessa qaba. Rabbiin waan uume keessatti waan fedhe dalaga, isa malee namni isirratti faarfamu hin jiru. Waan nama kenne kan dubbanne keessatti nama hunda wal hin qixxeessine. Silaa odoo walqixxeesse namuu walirraadurooma. Namni obbaleessa isaakabaju hin jiru. Tanaaf jecha Rabbiin waan ilmaan namaa itti haajaman uume. Waan san adda addaan tokko tokko isaanirra qoode. Kanaa humna qaamaa kenne, kaanii humna horii kenne, kaani humna beekkomsaa kenne. Akkanatti waan kanaa hin kennin, kaanii keennee gabroottan isaarra waan walli galli isaani itti haajamu qoode. Tanaaf jecha wanni ati agartu, gaarii namaa kan nama biraarra humna qaamaatiin caalu, ammoo garii isaanii kan humna dalagaadhaatiin nama birraarra caalu, nama garii kan beekkomsi namni biraa hin qabne qabu garta, garii namaa kan joollummaarraa hawwiin isaa lolaati garta, garii kan haalli hayyummaa isaan wajji dhalate, garii nama humniti dubbii beekuu isaan wajji dhalate garta, garii nama beekkomsa hisaabaafi handasaa qabu kan namni biraasan hin qabne garta. Gariin ka baasa baasee waan namni takkaa hin argin, waan nama dinqu takka ajaa'ibssisu fiduutu jira. Kan waan namni bara meeqatamitti hin yroo xiqqotti arguutu jira. Wanni dubbanne san hudinuu kennaa Rabbiti, inni waan fedhe akka fedetti abba fedheef kenna. Namni tokkolleen humna waan dubbannee san na jaaladhaaf if keesstti uummatuu hin dandayu. Akkasuma naan jibbaaf diduu hindandayu. Waan san karaa barnootaatiin argatuun hin taatu. Sun waan Rabbiin namaan wajjiin uumu, kan gabroottan isaarraa abbaa fedhee kennu. Namni Rabbiin dhiirummaa isaa kenne dhalaaif godhuu ni dandayaa?

Hoggaa humniti adda addaa, nama adda adddaa keessa jiraatu laalte wanni ati beeytu: akka Rabbiin nama waldaddabarsee uumuu keessaa hikmaan Rabbii jirtu. Kan waan namaa kenne hunda, hanga ammalle akka ilmi namaa itti haajamuun isaan keessa facaase kaaye. Tanaaf garii isaanii qeeyrummaaf uumee dalagaatana jaalachiise karuma dalagaa sanii isanii bane, akkasuma garii waan qonnaatiif, garii waan naggadaatiif, garii sibiila tumuuf, garii huccuu dhawuuf, garii dalagaa akkanaa ta biraatiif nama likkii hin qabne uume isaanii laaffise. Duubaa waan namni dalagaa qotee bulaatiifi dalagaa dayfaan bulaatti akkaan haajamuuf Rabbiin lakkoysa jara kanaa heddommeesse. Ammoo warri humni beekkomsaa kennemeef, kan humni saayinsii kennemeef, kan humni namaan deemuu kennemeef lakkooysi isaani warra humna dalagaa kennemarra xiqqa. Maalif dalagaa ogeessoota saniitu yoo gad qabnee laalle zamana dheeraa nama akka isaanitti haajamuurraa nama duroomsaafi waan isaan beekan sun keessatti. Ogeessi tokko yoo caphaa nama wal'aanee fayyan, gaafama deebi'anii ogeessa akka isaatti haajamn?

Haatuu namni handasaa baruun, takkaa riyaadaa kimaayaa, heera, taligaafi beekkomsa diinaggeedhaa, akaasumas namni beekkomsa biraa keessatti jabaa nama keessa jiraatuun takkaa ummata keessatti argamuun waan addunyaa tanarratti itti haajamu hundarra isaan duroomsa? Lakkii hin duroomsu. Waan biraatti haajamuurraa isa hin qubsu. Inuma namni waan dubbanne caalaa itti haajamu, siyaasaafii waan biraa daran akkaan itti haajamu, nama harka isaan qabee karaa Rabbii diriiraa isaan qajeelchu argatu. Dhugaadha, beekkomsa waan dubbannee qabaatuun waan addunyaa tana keessatti namaaf uumameetti nama qajeelchuudha. Akka waan sanirraa itti fayydaman nama barsiisa. Haa tahuu wanni namni akkaan itti haajamu, nama nama waan addunyaa tanarratti uumame qabu gabroottan Rabbii beeysisu. Kan namni waan dachii sami keessatti uumame isaanii kenne, eenyuu isaanii himu. Kan karaa namni isaan qananiise jaalatu isaanii addeessu. Akka karaa isaarratti umrii isaanii fixanii milkii zalaalamii argataniif. Wanni surrii namaa hin seenne, Rabbiin akkatti waan namni itii haajamu xiqqoo guddoo isaaniif addunyaa tana keessatti uume, nama karaa Rabbii kan namni akkaan itti haajamu isaan qajeechu isaanii erguu dhabuu. Sun waan hin mijjooyne... tanaaf jecha: Rabbiin nama kessatti dhiira humna beekkomsaa guddoo isaanii kenne uume, beekkomsaadiinaadhaa, kan adabaa, kan heeraa isaanii kenne, nama addunyaa keessa jiru hunda karaa Rabbii barsiisutti isaan ajaje. Dhiira akkatti Rabbiin guutee uumee (diin) isaan barsiise san, ergamootaafii anbiyoota Rabbii jenneeti yaamna. Hunda isaanirra rahamataafii nagayni haa jiraatu.

Nabiyyii beekuu
Akkuma namni beekkomsa hunda keessatti akkaan jabaatee nama caalu, humna beekkomsa saniif isa qopheessitu wajjiin dhalatu. Nabiyyiin Rabbii xabiyaa yookaa haala kophaa tan namarraa isa footu, tan beekkomsa hundaaf isa qopheessituun wajji dhalata..wallisaan humna wallee baasu qabu, walaloo isaa dhagayuun akka inni humna walaloo baasuu sanii wajji dhalatee beeyta. Maalif? Namni biraa odoo hangamuu if dhibee walaloo akka walaloo isaa san baasuu hin dandayu. Akkasuma nama xabiyaan isaa yookaa uumaan isaa dubbataa, kan uumaan isaa waa barsiisuu kan xabiyaan isaa baasa baasuu, kan xabiyaan isaa namaan deemuun uumamtedalagaa isaatiin beeyta. Waan jarri kun dalagaa isaanii keesatti baasa baasaniif takkaa waan namni biraa hin finne fidaniif jecha. Oromoon akki jettu "kormi hegere qabu gooranatti beeysisa" je'u, duuba Nabiyyi Rabbii, Rabbiin waan namni biraa fiduu hin dandeenye qalbii isaa keessattii darba. Nabiyyiin waan namni fiduu hindandeenye namaa fidee nama barsiisa, ammaas qalbiin nabiyyii Rabbii, waan qalbiin nama biraa hin agarre agartiwaan namni biraa odoo bara meeqaatam jaatanii godhee beekuu hin dandeenye nama odeessee namaa galcha. Kan waan inni je'u ayliin fayyaa qabdu dhugoomsitu, kan qalbiin wanni inni hime dhugaa tahuu ragaa baatu. Akkasuma wanni addunyaan irraa dabarte hundi, akkasuma wanni amma addunyaa keessatti argamu hundi waan nabiyyichi je'u hunda dhugoomsu. Kan anamni waan biraa waan innni je'u takkaa fide abaduma fiduu hindandeenye. Nabiyyicha uumaan isaa qulqulluudha. Haalli isaa gaarii, haalaa isaa hunda keessatti karaa dhugaa kan waan hamtuurraa if eegu, kan gurra ifii tiysu, karaa kabajaa malee hin deemu. Waan jje'uufii waan dalagu keessatti waan haqa hin tahinitti hin dhiyaatu. Waan gaaritti namagorsa, waan itti nama gorsu san, issatu nama hunda dura dalaga. Jiruu isaa hunda keessatti wanni inni dalaguufi wanni inni je'u takkaa walhindhabne. Inni danataa nama biraatiif if miidha, dantaa isaatii je'ee nama biraa hin miidhu. Jiruu isaanii dhagayuu, amaana, kabajaa, sirrii toltuu, yaada gaarii, naamusaafi ir'ummaan keessa hin jirrerratti jaaramte. Duuba wanni kun hundinuu wanni ragaa tahu takka bayu, akka inni haala kana qabu nabiyyii Rabbii kan dhugaa dubbatu kan nama qajeelchuudhaa ergame tahe.

Dubbii nabiyyichaa dhagayuu
Namni tokko nabiyyii Rabbii tahuu ragaa dhugaatiin yoo beeyte wanni sirratti jiru; wanni inni itti si ajajuufi waan inni irraa si dhoowwu, ammalle waa hunda keessatti dubbii isaa dhagayuu waan inni itti si ajaje daleeydee, waan inni irraa si dhoowwerraa dhoowwamtee. Maalif? Wanni ayliin namaa guututti diddu, namni tokko nabiyyii isaa fudhatee, beeytee waan inni je'u dhagayuu dhabuu. Maalif? Hiikkaan inni nabiyyii tahuu beekuu keetii, inni if biraakaasee waan je'u jechuu, wanni je'uufi wanni dalagu hundi waan Rabbiin je'i je'eeni. Kan akka Rabbiin jaalatutti malee, hin daleeynee dhugoomsuu. Duuba wanni ati amma nabiyyicha kana jala mayxee daleeydu, takkaa jettu, Rabbii si uume dhagayuu didde, karaa isaarraa maquu je'ama. Wanni karaa Rabbiirraamaqe hundi abaduma hin milkaawu. Haqa hin je'amu. Wanni nabiyyicha tokko dhugoosuun kee itti si dirqu: guututti ati isa dhagayuudha, kan waa xiqqollee waan inni ajajeefi, waan inni irraa dhoowwu dura hin dhaabbanne. Takaa qeebaluu hin dinne. Waan itti si ajajeef, takkaa irraa si dhoowweef beeytuu, beekuu baattuu. Maalif? Matumti wanni itti si yaamu, Rabbirraa tahuu qofti, akka wanni nabiyyin sun je'u nama hundaaf faaydaa qabu ragaa guddaa taha. Yoo waan nabiyyichi je'u faaydaa isaa kan hin beeyyne taate, waan nabiyyiin je'e hin ir'isu. Wanni wallaala kee san si fide, humna waan saniin beeytu dhabuudha. Wanni namuu beeku, namni waa hin beeyne tokko yoo nama waan dalagu keessatti ogummaa qabu harkatti dubbii qabe, takkaa waan inni je'u qeebaluu diduun hiikkaa waa sanii waan hin beeyne jechaafi, namni sum gowwummaa keessa wasanaa bahe jechuudha. wanni hundi addunyaa tana keessatti nama akkaan isii beekutti haajamti. Duuba namni wanni sun isa yaachiftu, nama akkasii yoo agarte isaan mariyata, isa dhugoomsa, waan inni je'utti irkata. waarri aylii qabu waan namni akkasii je'u duran dhaabbatu. Dalaga ogeessa itti hin seenan, isumatti dhiisan. Maalif? Addunyaa tana keessatti namni hundi, beekkomsa hunda keessatti ogeessa tahuun hin mijjaawu. Wanni ayliin teetiifi beekkomsi kee dandayu, waan itti haajamtu tan ifii hin beeyne keessatti nama waan san akkaa beeku barbaaddatuudha. Duuba yoo argatte wanni siratti jiru yoo ogummaa isaa garte, isa dhugoomsuu. Dalagaa isaa dura dhaabbatuu dhabuu yaada keetirratti diddee takkaa dalagaa isaa jibbitee. Duuba nama akkanaa kanaan sin dhugoomsu, ogummaa tee hin amanu yoo faaydaa daagaa teetii na beeysifte malee jechuun gowwummaa.... mee yoo mugguttiin wahii sitti argamte, kan ati heera dubbii sanii hinbeeyne, dubbii san xabaqaa heera dubbii sanii beekutti kennatuu dhabuun faaydaa sii qaba? Ammoo yoo xabaqaadhatti dubbii teekennette dalagaa isaaitti seene, akka beekutti haa fixu itti dhiisu qabda...mee yoo xabaqaa kanaan an si hin dhugoomsu, yoo akka itti mugguttu na garsiifte malee itti jette, if biraa sin arihuu? Akkasuma yoo ogeessa si wal'aanu kan dawaa yookaa qoricha sii heesabeen; yoo faaydaa dawaa kanaa ragaa fidde na beeysiftemalee sin dhugoomsu jette, si wal'aanuu hin dhiisuu? Duuba dubbiin amantiidhaatiis akkasuma. Maalif? Ati beekkomsa Rabbii keetiitti haajamta, karaa gaarii Rabbiin jaaltu kan hanga jiruu teetii irratti deemtu beekutti haajamta. Haathuu beekkomsa san argatuun, karaa san baruun mataa keetiin sii hin mijjaawu. Tanaaf jecha wanni sirratti jiru nabiyyi Rabbi erge, kan dhugaa barbaadu humna qabu hundaan, aylii Rabbiinsii kenneen nabyyii dhugaa barbaaduu. Warra kijibaan ergamaa Rabbiiti je'u ifirraa eegu. Maalif? Yoo nama Rabbin hin ergin nabiyyii godhatte sijallisa, karaa haqaarraa si mayseeti karaa jallaa si deemsisa. Ammoo eega akkaan gad qabdee barbaaddee namni tokko nabiyyii Rabbiiti, ergaa isaa hubatte ragaa inni ergaa Rabbii tahuu himu agarte, wanni sirratti jiru, waan diin keessatti karaa hundaan isarratti irkatuu, waan inni itti si ajajuufi waan inni irraa si dhoowwu hunda keessatti g
uututti isa dhagayuu.

Anbiyootatti amanuun ni barbaadamaa
Karaan islaamaa qajeelaaan karaa nabiyyiin nu qajeelche jechaa hoggaa beeyte, akka namuu wanni ilmaan namaa tahe hundi nabitti amananii isa jala deemuun dirqamaa tahe beeyte. Akkuma nama isa jalaa maqee karaa biraa deeme, karaa ifumaa baafate shakkiin maleetti jallataa tahe beeyte.

Ilmaan namaa dubbii tana keessatti, wan nama dinqu dalagan. Maalif? Isaanirraa nama nibiyyicha beeku kan itti amane, kan dubbii isaa hin dhageenyeetu jira. Duuba jarri kun kaafira tahuun wajji isaan gowwoota. Maalif? Nabiyyii tokko dhugoomsanii akka Rabbiin isa erge beekanii, eegasii waan inni je'u dhagayuu diduun haqa dhiisanii badii filatu. Qajeelloo dhiisanii beekaa jallina bitatuu. Duuba akka namuufuu mul'ate, gowwummaan kana dabarte hin jirtu.

Ammaas ilmaan namaarraa warra: nabiyyicha jala deemutti hin haajamnu jeuutu jira. Ayliin teenya karaa diriiraa nu qajeelchiti. Kuniis jallina guddaa haqarraa fagooti. Wanni ati ilmii handasaa keessatti baratte: taraarraan diriirtuun tan qafii lamatti dhaabbattu, taraarraa takka malee takka hin taatu. Taraarraan biraa takkaa jalloo takkaa qaftii lamaanitti hin dhaabbattu. Duuba akkasumaa karaan haqaa kan karaa islaamaa diriira je'amu, kan Rabbiifii gabricha isaa walitti hidhu karaa tokko malee lama hin tahu. Akka qaaydaan hisaabaa tun murtetti....karumti karaa islaamaa hin tahin hundi takkaa qajeelaamiti takkaa gabricha Rabbii isatti hin geessu.

Mee tarkaanfii biraa if dura fudhu. Wanni ati tanaan dura beeyte: karaa Rabbiitti kan nama geessu, karaa tokko qofa. Sun karaa ergamaan isaa nama qajeelche. Namni karaa san dhiisee karaa biraa barbaaduu jecha if cinqu hundi, haalli isaa waa lamarraa tokko tahuu hin oolu.

Takkaa: karaa Rabbitti isa geessu matumaanuu dhabuu, takkaa karaa dheeraa jallaa argatuu. Duuba akka haala duraa sanitti yoo matumaanuu karaa Rabbitti si geessu dhabe akka inni bade shakkiin hin jiru. Yoo ammoo akka haala laammeeysaatti karaa dheeraa jallataa argate, inniniis yoo xiqqaate shakkiin malettigowwummaa. Jallina gowwaa tahuu isaa keessa karaarraa bahuu isaa keessa shakkin hinjiru. Mee horii waa hin beeyne hoggaa bakka takka dhaquu deemu, akka itti karaa diriiraa filatu hin agartu...duuba namni Rabbiin aylii kenneefii eegasii gabrootaa isaarraa nama filee itti ergee karaa qajeelloo, karaa kheeyriitti isa yaamu, kan ammoo inni lakki si jala hin deemuu karaa ati itti nayaamtu hin deemu, an lubbuu tiyyaaniin ija dunuunfadhee hangaan waaniin deemuuf takkaa barbaadu argadhuttiin deema je'u.

Kun waan namni yoo waa xiqqo gad qabee laale beekuu dandayu takka dhaqqabu. Inumaa ati yoo xiqquma yaadaan laalte wanni ifa sii galu; namni ergamaa Rabbiitti amanuu didu, karaa rabbitti isageessu diriiraa tahuu jallaa tahuu matumaanuu hin argatu. Maalif? Nama kana ayliin isaa waan haqa eehamurraa isii doowwuun tuqmuu hin ooltu. Tanaaf jecha namni kun: takkaa nama waa beekuu hin danddenye takka nama if guddisu. Kan jallinni haqa eehamuurraa isa dhoowwu itti jiru taha. Takkaa nama aadaa abbootii isaa jala deemuu, kan waan abbootii isaarraa dhaale san waan hamtuudhaan namni dubbatu dhagayuu hin dandeenye yookaa hin jaalanne taha. Takkaa nama nabsee isaa Rabbi godhatee waan isiin jettuun dalaguu malee waan ergamaan Rabbi je'u eehamuu if keessa hin agarre taha. Maalf? Wanni inni yaadu yoonaan: waan ergamaan Rabbi je'u qeebale waan dilii tahe kanaan aadaa godhadhe, dalaguuf karaa hin argadhu jechuu. Duuba namni haala dubbanerraa haala tokko qabu hundi karaa Rabbitti qajeeluun isaa hin mijjaawu. Ammoo namni haala sanirraa qulqullaawe ergamaa Rabbii dhagayuu dhabuun, waan inni dhufeen qeebaluu dhabuun isaa waan hin mijjoyne.

Wanni asitti dagatuu dhabuun nurratti jiru, nabiyyiin takkaa ergamaan, nama Rabbiin ergu. Rabbuma kanatti amana, dhugoomsa, jala deemaa namaan je'u. Tanaaf jecha: namni nabitti hin amanne, kan nabi harka darbatu Rabbittiis hin amannne, inni nama karaa Rabbirraa bahe. Namn nabiyyicha dhagayuu diduun Rabbi dhagayuu didu. Maalif? Nama mootiin kee sirratti shuume dhagayuun waan irraa hafiinsi hin jirre. Nama mootiin shume dhagayuu diduun, mootii san mootii dhagayuu diduu je'ama. Inni akkuma wan mangistii dura dhaabbateeti. Mootummaa takka dhagayuuf nama isiin moosifte dhagayuu dhabuun walitti hin qabamu, didda waliiti. Kun fakkii waan Rabbiifi nabiyyicha inni erge jiddu jiruuti. Maalif? Mootin nama hund yoo keessa laalle Rabbi. Duuba nama Rabbiin isaanitti ergee dhagaya jalee deema je'een, itti amananii jala deemuu dubbii isaa dhagayuu, waa hundarraa caalchisuun dirqama. Namni nabiyyicha dhagayuu dide kaafira. Rabbitti amanuu amanuu baatuus.

Taarika gabaabaa ergaa Rabbii
Wanni amma sii ibsuu feenu, akka itti Rabbiin anbiyaa namtti erguu jalqabee, ergaan isaa guddachaafi bal'ataa deemte. Hanga mataa anbiyootaarraa kan anbiyoota hunda booda ergeetti, kan isa booda nabiyyiin biraa hin ergamne.

Wanni sirraa hin dhokanne Rabbiin dura dursoo lubbuu takkitti uume. Lubbuu takkitti sanirraa jaartii isaaf uume. Eegasii isaan lamaanirraa ummata biyyoota addunyaa qubatu kan ar'a laallee garru kana uumee facaase. Gosa adda addaatiifi saba adda addaa godhe...oduun ummata hunda tan diinaatiifi tan taarikaalleen wanni irratti waligalte: Rabbiin uumaa gosa namaa lubbuu takittiirraa jalqabee jechuudha. akkasuma beekkomsi (saayinsii) kan qoranna shanyii namaatti rarra'u addunyaa tanarraa shanyii namaa tan adda addaa, tan namni addunyaa tanarra jiru irra faca'eetu jira hin jenne. Himtee hin jabeessine. Inumaayyuu warri (seyiinsaa) saayinsii wanni itti gahe, wanni beekkameef qiyaasnii loollanii dura dursoo, nama tokkichaatu uumame, eegasii wanni gosa namaa tahe tan amma jirtu hundi lubbuu takkittii sanirraa damooytee facaate.

Lubbuu takkitti shanyiin namaa irraa kaate sun, akka afaan keenyaatti (Aadami) nama jechuudha. duuba nabi Aadam nagayni isarri haa jiraatu nama Rabbiin dura dursoo filatee addunyaa tanarratti namatti erge. Ilmaan kee diin islaamaa barsiisi je'een. Wanni isaan barsiisu isaaniifi waan uumame hundaaf Rabbi tokkicha malee Rabbiin biraa hin jiruu, tanaaf jecha Rabbii tokkicha malee waan biraa hin ibaadina. Isaaf malee hin sagadina jiruu teessan karaa inni jaalaturraati malee hin fixinaa. Isinii haala toluufi qixxummaa qabu yoo kana daleeydan Rabbii gaata warra toleeti isinii kenna. Ammoo yoo Rabbii dhagayuu baattanii diin isaarraa gara galtan, adaba warra badaati isin adaba beekaa je'aan.

Duuba warri tole, ilmaan Aadamirraa abbaa isaanii jala deemanii waan inni itti isaan yaamu, kan inni itti isaan qajeelche karaa qajeelaa, haada Rabbii isaanii qabatan. Sun karaa islaamaati...ammoo ilmaan Aadamirraa warri badan, waan abbaan isaanii je'u dhagayuu didanii karaa islaamaa qabatuu didanii, waan nabsee isaanii jaalattu jala deeman. Hanga gosti dill, cubbuu hundi isaan keessatti argamtetti. Tanaaf jecha isaanirraa nama: aduu, ji'aafi urjii Rabbi je'ee gabbaruutu jira, ammaas isaanirraa nama: muka, dhagaa, laga, bineessaafii horii Rabbi je'ee gabbaruutu jira. Amaas isaanirraa nama: wanni akka bishaanii, ibiddaa, dhukkubaa, fayyaafi wanni waan kana fakkaata kan waan uumame keessa jiruufi akkasumaa wanni qananiidhaa hundi adda addaan Rabbi qabdi je'uutu jira. Kan namni hundi Rabbii Rabbii kana gabbaruun isarra jiru. Akka hundi isii barakaa yookaa qananii isii isaa kennituuf. Akkanatti wallaalli jallina hedduu dhal. Jallina akka Rabbitti waa qindeessuu, muka gabbaruufi suuraa wahii gabbaruu. Akkanatti diin hedduun dachii tanarratti argame....sun eegaa ilmaan Aadam dachii tana keessa faca'aanii gosaafi sabatti addaan qoodamanii argame. Achirraa gosti hundi diina kophaa godhatte. Kan akkaataa diinaa san itti dalagan keessatti gosti hundi waldhabdu...duuba waliigalli dubbii ilmaan namaa hoggaa Rabbii isaanii irraanfatan, diinaa isaa kan abbaan isaan Aadam fidee itti isaan yaame irraanfatanii fedhii lubbuu isaanii jala deemanii aadaa badduu hundarraa waa qabatanii, yaanni badaan isaan keessatti heddommaate waan isaan fayyaduufi waan isaan dararu, waan dhugaatiifi waan kijibaa addaan baafatuu dadhabaniidhama'an.

Tanaaf jecha Rabbiin ummata hundatti anbiyootaafi ergamtoota erguu jalqabe. Ergamtoota isaa kanneen waan ergamaan Rabbii (Aadam) dhufeen nama barsiisanii waan isaan san dura irraanfatan isaan yaadachiisan. Kanneen Rabbii tokkicha ibaadutti isaan gorsanii Rabbitti waa qindeessuufi mukaafi waan biraa ibaaduurraa isaan dhoowwan. Kanneen aadaa badduu ummata keessa deemsisanii karaa Rabbi biratti jaalatamu, kan hanga jiran irratti deeman isaan qajeechan, kan heera yookaa shari'aa fayyaa qabdu isaanii addeessanii qabutti isaan ajajan, Rabbiin ummata hundatti erge. Biyti addunyaa takkalleen takkaa Hindi, Chaayna, Faaris, Iraaq, Misra, Afrikaafi Awrooppaa tan erggamoonni Rabbii anbiyoonni isaa keessa hin jirtu. Anbiyoonni Rabbii hundinuu diinaa tokkichaan ergaman, sun diina nuti ar'a islaama jennee yaamnu kana. Haatahuu anbiyoonni akkaataa itti ummataa qajeelchaniifi akkaataa heera jiruu keessatti waa xiqqo wal nidhaban. Maalif? Ergamaan hindi wanni ergameef dhukkuba, wallaalaafi aadaa badduu ummata isaa qofa keessaa deemsisuudhaafi. Duuba sun ummata ummataan waldhaba.

Gaafa mandarummaan ummataa, beekkomsi isaaniifi ayliin isaanii aakkaan hin cimin ergamoonni Rabbii barnoota laafaafi heera hin ulfaanneen isaanitti dhufan. Duba akkuma ummanni guddataa deemuun barnootaafii heerri jiruu isaanii bal'ataa deema. Haatyuu waldhabiinsi xiqqaan anbiyoota jidduu jiru sun, gubbaarra malee keessaanii miti. Maalifi? Shari'aan anbiooytaa hunda keessa yoo laalle, lubbuun isii takkittidha. Ruhiin takkaa lubbuun shari'aa anbiyoota hundaatu sadih. Tokkoffaan: aqiidaa keessatti shari'aan isaanii tokkummaa Rabbii yaaduu. Lammaaffaan: dhugaan deemuu, waan dalaganiifii waan ja'an keessatti niyyaa Rabbiif ququlleessuu. Isuma ja'an dalagu. Sadaffaan: jiruu aakhiraatti amanu, wanni sadeen kun waan anbiyoonni hundi dhufeenii ummata isaanii barsiisan.

Wanni warri aanbiyoonni itti ergame anbiyoota godhe waan ajaa'ibooti. Ummanni sun jaruma anbiyootaa kan isaan qajeelchuudhaa je'ee isaanitti ergame san, cinqanii isaanitti roorrisanii, isaan dhagayuurraa if guddisan. Inumaa hanganatti hin dhaabbannee garii anbiyootaa ajjeesanii garii isaanii biyyaa isaaniitii arihan. Hanga garii anbiyootaatti nama xiqqaa malee namni hedduun hin amaninitti. Kanuma odoo diinatti isaan yaamanuu umriin isaanii hunda isaan keesssa taa'an....haatayuu anbiyoonni Rabbiin filatee erge sun, miidhamne ja'anii diinaa Rabbiitti isaan yaamuu hin dhiifne, irraa gad hin teenye, hin laaffifne hanga yaaminsi isaan diina Rabbitti nama yaaman firii godhatee yookaa faana godhatee irra guddaan ummataa lafa tanarraa jiruu isaan jaladeemetti....asitti duuba jallinni if biraa kaasee karaa biraa baafate sun maali? Ummanni anbiyootatti amanee diinaa isaanii jala deeme, eega anbiyoonni du'e diin isaanii jijjiiruu eegaluu. Kitaaba anbiyootaa kan Rabbiin isaanirratti buusetti waan kijibaa waan Rabbiin anbiyootarratti hin buusin, Rabbiitu buuse ja'anii ida'uu, harka isaaniitiin waan Rabbiin buusetti makanii katabuudhaan. Akkasuma karaa ibaadaa kan anbiyoonni Rabbii hin fidin ifuma biraaummanni sun baafate. Akkasuma gariin ummataa anbiyaa ibaadutti seenan. Ammaas ummata sanirraa warra Rabbiin suraa nabiyyee isaatiin samii lafatti gad bu'e je'uutu jira. Ammaas isaanirraa nama: nabiyyicha ilma Rabbii godhuutu jira. Ammaas isaanirraa nama nabiyyii Rabbitti qindeessutu jira...akkanatti ilmaan namaa zamana adda addaatiifi biyya adda addaa keessatti diina anbiyoonni isaan barsiisanitti taphatan. Eega anbiyoonni isaanii du'anii ka'aniiti anbiyoota suuraa caccabsuu tureefi warra suuraarraa isaan dhoowwuu tureef suuraa godhanii suuraa anbiyootaa san ibaadan. Ammaas shari'aa isaanii jijjiiranii karaa badaafii heera ifumaa if bira kaayan itti makan, hanga hoggaa jaarraan meeqa dabruu, wanni waan warra anbiyaa booda dhufee shari'aa anbiyaatti ida'eefii waan anbiyoonni dhufeen addaa nama fooyuu hin hafinitti. Oduu kijibaa tan isaan anbiyootarraa odeessan keessaa, oduun dhugaa tan haala yookaa manaaqibaa anbiyootaa badde. Hanga oduun isaanirraa waanni dhugaa tan itti irkatan nama biratti hin hafinitti. Hatahuu jaatanin anbiyoonni godhan matumaanuu hundi lafa hin banne. Maalif? Ummata hunda keessatti dhugaafi haqarraa ha xiqqaatullee wahumaatu hafe. Oduma diin nabiyyichaa jijjiiranii waan fehdan itti makanii jiranuu, yaanni takkkaa aqidaan Rabbitti amanuu ammallee guyyaa qiyaamaatti amanuun ummata hunda keessa facate. Bifuma feeteenuu haa taatu. Akkanatti addunyaa guututti waan haala tolaatiifi dhugaaf namusarraa isiirratt hafeen nagaya argatte. Akkanatti nabbiyyin hundi ummata isaa qajeelchee haqa qeebaluuf isaan qopheesse. Hanga diinaan tokkichi dachii mara wal gayu dhufuun mijjeessetti. Kan diin tokkichi sun, dinaa ummata hundaa tahu kan waa takka isa keessatti wal hindhabne.

Tanaan dura waani siif dubbannee ibsine: ummata hunda nabiyyuma tokkootu isaan qofa qajeelchuuf itti ergam. Kan diin inni itti yaamu ummatuma san qofarratti gabaabbatu. Tanaaf jecha wanni nabiyyichi nama barsiisu ummata isaa qofarratti dhaabbata. Waan ummanni zamana isaa adda adda qubatuuf, kan walitti makamuun isaan jidduu hin jirre. Gaafas ummanni hundi wasana lafa isaaniirraa bahuu hin dandayu. duuba haala kanattidiin ergamaan tokko dhufeen biyya hunda keessa faca'ee ummata hunda walgayuun ni jabaata. Wanni jabeenya ida'u: haalli ummata tokkoo ummata kaaniin waldhaba saniin wajji wallaalli addunyaa hunda gonfatee jira takkaa qadaadee jira. Kan wallaala sanirraa badeen heedduun dhalatte. Aqidaafii haala keessatti kan suuraan badii sanii bakkaafi zamanaan waldhabdu. Tanaaf jecha, ummata hundatti adda addaan nama isaan barsiisee haqatti isaan qajeelchu, kan yaada isaanii jallaa dhabamsiisee bakka isaa yaada gaarii xiqqo xiqqoon fidu, kan karaa badaa hundarraa dhoowwee karaa tolaafi heera qixxummaa qajeelchee akka haati ilmaan isii xiqqaa guddiftutti isaan guddisu isaanitti erguun waan iraa hafiinsi hin jirre tahe. Eegaa akkanatti ergamoonni Rabbii ummata dabre karaa kanaan qajeelchuu jalqabe bara kuma meeqqatam, kan isaanirra dabre Rabbumaatu beeka...hanga zamanni dheeraan ilmaan Aadamirra dabree haalli sadarkaa joollummaarra dabree bakka gahe bilchaatee addunyaa tana keessatti waa tolchuufi nagayni guddatee ummanni lafaa walitti hi dhamee hariiroon isaanii jabaatte bal'attetti. Hanga warri Jabbaaniifi warri Shiinaa karaa lafaatiifi karra bahariin Awrooppaafi Afriikaa fagoo dhaqanitti. Hanga waa katabuun irraa hedduu ummataa naannoo biyya lafaa walgeessetti, hanga beekkomsaafi fanniin facaatee yaanni beekkomsa kan fannii kan saayinsiidhaa wailrraa barametti, hanga isii keessatti namni humna qabu ogummaa guddoo argatee biyya ollaa isaatti duulee qabatee Mootummaa hedduu biyyaa isaa keessatti jaare, ummata adda addaa hedduu mootummaa takka jalatti bulchetti.... Akkanatti ummanni hedduun taligaa takkaafi heera tokkotti buluu jalqabee adda fagaatuufii wal wallaaluun duraan wraa biyya lafaa jidduu jirtu dhabamtee diin islaamaa tokkichi shari'aan isaa takkittiin warra biyya lafaa hundaaf dhufuun mijjaawe.

Odoo taarika nama lafarrii jiruu kan bara kuma lama duraa takkaa kuma lamaa achii laallee, haalli isaa wanni barbaadu diinaa tokkichaa guutuu wanni nama tahe hundi irratti deemu. Maalif? Diinaan gaafa san jiru hundi guutuumiti hiru'uudha. Amantii "Buuzii" yoo laalle isiin guutuumiti. Isiin waanuma adabaati yookaa naamusaati jabeessiti. Heera dubbattu jechuudha. haatahuu: diin buuzii kun chaaynaa, jabbaani, mangoliyaa, afgaanistaaniifi bukhaaraa keessa facatee jirti. Ammoo eegasii diin asiihiidhaa jaarraa hedduu booda dhufe. Wanni mama hin qabne nabi Iisaan (Masiih) diin islaamaa qulqulluu barsiisuudhaaf dhufe barsiise. Haathuu warri isa booda dhufediin isaa kana waan fedhan if biraa itti makanii jijjiiran hanga diin ir'uu ja'amuun malee guutuu hin ja'amnetti. Kan Msiihiyyaa ja'anii yaaman, sunumaa wajjiinuu diin masiihiyyaa ja'amu kun biyya Faarisiifi Afrika, Awrooppaa keessa faca'e...duuba kun hundinuu wanni nu agarsiisu akka addunyaan zamana san diin guutuu kan warralafaa hundaaf tolu argatuuf dheebottu, kan isa dhabnaan diinaa adda addaa ir'uun waan isaan itti haajaman hunda hin qabne jaalatanii aminfatan. Akasitti diinaan sun odoo ir'uu tahee jiruu sanumaan wajji biyyoota san keesafaca'uu dandaye.

Ergaa nabi Muhammad (nagayni isarratti haa jiraatuu)
Zamana haala isaa sii himne kana keessa ergamaan tokkichi addunyaa hundaaf, gosa warra lafa tanarra jiru hundaaf ergame sun, goftaa keenya aanaa keenya (Muhammad ilma Abdullaahiiti) nagayni isarratti haajiraatuu. Kan biyya Arabaa Makkaa keessa ergamee diinaa haqaatiifi heera guutuu nama hundtti geessuun isarra kaayame.

Yoo naannoo lafa addunyaa tana laalte wanni sanirraa beeytu, akka biyti Arabaa tun bakka diinaan addunyaa maraaf tahu isii keessaan argamuun malte biyyoota biraa hundarra. Biyti arabaa tun, Aasiyaafi Afrikaa jidduu jirti. Akkasuma isiin Awrooppatti akkaan dhihaatti, keessattu zamana nabi Muhammad ergame san. Ummanni Awrooppaa kan akkaan duroome biyya Awrooppaarraa gama mirgaatti takkaa kibbaatti taa'uu ture. Kan hanga biyti hundi biyya arabaarraa fagaattu isiiniis fagaattu.

Eegasii waan kitaabban zamana sanirraa katabamee yoo laalte takkaa dubbifte, akka addunyaa keessa namni arabarraa diin addunyaa hudaaf dhufe gargaare dhabuun malu yookaa haqa godhatu hin jirre beeyta, maalif? Ummanni duraan addunyaa teessisee kaasu kan humna gurguddoo qabu kan araba hin tahin, wanni hedduun isaan laaffiftee isaan gad ooftu isaanitti seentee jirti. Kan ummanni arbaa gaafa jeeynummaafi dhiiga oo'waan guutamee jiru. Ummata biraa keessa mandarummaadhaafi qananiin heddommaatuun haalaafi aadaa isaaniillee balleessite...ammoo ormi arabaa gaafas mandarummaa keessatti qanani'anii waan quufni nama daleeysiisuufi haala gadi galoo hin qaban. Gaafa taarikni dhalota nabi Iisaa dhiibba jahaa (600) ummanni arabaa haala badaa ummata biraa keessa faca'erraa guututti ququlluun nagaya qaban. Haalli gaariin addunyaan jaalattu kan ummanni qananiin mandarummaa hin tuqin qabu hunda qabaatuu turan. Arabni gaafas jayna if duuba hin deebine, kan sodaan isa biratti hin argamne takkaa wahitti hin lakkaawamneefi arjoota ballama guutu kan bilisummaafii harka nama jalatti buluu dhabuu jaalataniifi waan hundarra isaan lamaan kana caalchisan. Gaafas mormi isaanii alagaadhaaf gad hin jenne. Hawwiin gurra ifiirraa nyapha deebisuu dhiiga isaanii keessa yaa'a. Jiruu qananii hin qabne jiraatan...wanni shakkii yokaa mama hin qabne akka araba keessa haalli hamaafi badaan jiraatuu ture. Haatahuu wanni san fide ergamaan hanga bara kuma lamaafi dhibba shanii isaanitti ergamuu dhabuudha. Ammallee hayyuun tookko kan haala hamaarraa isaan xaharsee mandarummaa isaan barsiisu isaan keessan mul'atuu dhabu. Tanaaf jecha wallaalli isaan keessa wal gahe. Waan bara dheeraa gammoojjii keessa bilisummaan ta'aniif. Wallaala keessa, fagaatuu keessa nam tokkolleen isaan gorsee waa isaan barsiisee dukkana bineessummaarraa ifa namummaatti isaan baasuu hin dandeenye...hatahuu sanumaan wajji odoo namni tokko jabaan isaan barsiisee haala isaanii tolchu argame,duuba yooniif yaaminsa isaa dhagayanii hamilee gaariifi yaada gaaritti isaan yaamuun dhaabbatan, addunyaa kaasanii teessisuuf akkaan tolan.

Duuba din addunyaa hundaf dhufuu qophaawe cifraa yookaa ummata amma lafa ka'u jayna akkanaa kanatti haajama. Diin kana barsiisanii facaasanii addunyaa hunda walin gayuu jecha.

Mee ammaas afaan arabaa laali. Ati yoo afaan arabaa barumsaa, adaba yookaa heera isaa barte wanni shakkiin malee siif mul'atu akka afaan kun, afaan addunyaa hudarra yaada bal'aafi guddaa ibsuuf malu. Kan hiikkaa beekkomsa Rabbi kan qalbi nama seenu kan afaan biraa mul'isuu hin dandeenye namaaf addeessu. Afaan arabaa kun jecha gabaabaan yaada jabaa qalbii nama seenu nama kaaya. Duuba hiikkaan qur'aanaa afaan akkanaatti haajama. Tanaaf jecha wanni Rabbiin biyya arabaa tana jazeeraa arabaa je'amtu, biyya ergaa islaamaa dura dursoo isii keessatti mul'isuu tayuu filateef, gabroottan isaatiif rahamata isaan hunda wal gayu godhufi. Wanni isiin biyya jiddu jireeytii taatee biyya lafaa hunda walitti hitu.

Duuba eega biyti araabaa biyya hundarra diinaan addunyaa hundaa, kan ummata hundaa isii keessatti dura dursoo mul'atuudhaaf irra caalatti beeyte. Amma waan nama Rabbiin diin islaamaa diin ummata hundaa kanaan dhufuuf filatee nama hundarra caalchise, siif dubbanna, taarika isaa sii addeessina koottu!

Ragga'uu ergaa nabi Muhammad (NIHJ)
Mee ija teetiin waan addunyaan tun bara dhibba kudha afur (1400) dura tahuu turte laali. Wanni ati gartu: addunyaa wanni dafanii wahittiin gayan keessa hin jirre, tan silkii, baaburaafi makiinaan (konkolaataa) akkasuma wanni wahiin maxxansan takkaa xaabi'an kan wanni akka gaazeexaafi kitaabni ammalafa guutee hin jirre garta. Kan safarri akka ammaa kanatti namaaf hin laafne ture. Gaafas namni biyya takkarraa biyya takkatti deemuun baatii heedduu feesisa. Tanaaf jecha gaafas biyti arabaa biyyaa addunyaadhaa hundarraa cittuu turte. Dhugaa biyti Faarisiitiifi biyti Ruum akkasuma biyti Misraa naannoo biyya arabaati jirti, haatayu gaarrii dheeraan cirracha biyyota tana hundaa biyya arabaarra mure. Dhugaa naggaadeen arabaa biyyoota san naggaddaf gaala yaabbatanii torbaan meeqatti yookaa baatii meeqa deemanii dhaqan. Hatahuu safarri yookaa imalli isaan biyyoota san dhaqan waan biraatiifiimiti meeshaa itti haajaman bitatuufi. Gaafas biyya araabaa keessa mandarummaan guddoon hin jirtu. Manni barnootaatiifi bakkeen kitaaba kaayanii namni irraa qara'u (dubbisu) hin jirtu. Waa baruufi waa barsiisuun nama keessa hin facaane. Warri orma arabaarraa dubbisuufi barreeysuu beeku hanga qubbeen harkaati, sanuu akkaan hin beekan. Hanga waan biyyaa isaaniirraa alaa beekuu dandayan takkatti, beekkomsaafi waa miidheeysuu keessatti waan wahi beekan je'an hin qaban zamana san.... akkasuma arabni gaafas mootummaa harka tokko isaan godhuudhaa yaaddooytu hin qabaniis isaan keessa hin jirtu. Ammallee heera tokko kan wahitti isaan ajajee wahirraa isaan dhoowwu hin qaban. Tanaaf jecha gosti hundi ifumaaf if bulchuu turte akka fedhanitti. Horii namaa dirqiidhaan saamuufi lubbuu namaa isaan biratti gatii hin qabdu turte. Tanaaf namni fedhe yoo karaa argate nama fedhe ajjeesee horii isaa fudhata. Waa takka waan mandarummaa hin qaban.. wanni hamtuun akka zinaa takkaa gumnummaa, farshoo, hixaa hiree (yaanasiib) fi wanni akka dhala horii isaan biratti magaalaa guddoo qabdi. Gaafa walirraa hin qaanfatanii qulla waldura yaa'an. Hanga dhalaan isaanii mana Rabbii (ka'abaa) qullaa dhiiraa wajji xawwaafutti. Isaan haraamiifi halaala addaan hin beekan. Bilisuummaan heera tokkollee gad je'uu dhabutti isaan geessite. Ammallee adaba tokko dhabutti isaan geessite.
. akkasuma bilisuummaan isaanii bulchaa tokko dhagayanii jala deemuu dhabutti isaan geessite; sanitti ida'ii wallaalli isaan keessatti hidda hidhatee jira. Tanaaf jecha muka, dhagaafi sibiila gabbaruudhaan waa saniif suduuduu turan. Hoggaa imaltuu bayanii odoo yaa'anuu bakka takkatti qubatanii dhagaa bareeda achitti arganiif, dhagaa san Rabbi godhatanii isaa suduudanii haajaa bahan. Hiikkaa kanaa: mataan isaanii kan nam tokkolleedha gad je'uu dideetu dhagaafi sanamaaf gad je'anii dhagaan sun haajaa isaan baasa. Yaadaafii hawwii isaanii isaaniif argamsiisa sehan jechuudha.

Duuba orma akkanaa kana keessatti, haala akkanaa keessatti ilmi tokko kan abbaan isaa odoo inni garaa jiruu du'e dhalate. Eega dhalatee bara jaha gahe haati isaa duute. Isaa xiqqaadhaa akaakayyun isaa du'e. Duuba odoo haadhaa abbaan isaafi akaakayyun isaa jiraatanillee guddina akkam guddata? Biyya namni isii badee haalli isii bade keessatti. Duuba ilmi kun hoggaa guddatee xiqqo ol hiiqu, isaa hiriyyaa isaa joollee arabaatiin wajji ree tiiysu if arge, ammaas hoggaa ol hiiqu nagadatti seene...ilmi kun namni inni wajji jiraatuufi kan wajji taa'u, kan inni itti makamu oromuma arabaa kan haala isaanii badaa dubbanne dabarsine sani. Namni kun hin dubbisu hin barreeysu (ummiyyii) haatahu aadaa isaatiifi naamusni isaa, haalli isaafi yaanni isaa, haalaafi aadaan orma arabaa kan wajji jiraatuun waldhaba. Adda fagoo. Inni waan odeessu keessatti hin kijibu akka isaan kijibanitti. Gurbaan isaan keessatti dhalatee guddate kun harkaafi arraba isaatiin nam tokkollee hin miidhu. Inni nama garaa namaa laafu kan namatti hin ulfaanne, kan haasoyni isaa namatti mi'aawu. Kan namni hogga takkitti isaa wajji taa'e isa jaalatee lubbuu isaaf kennu. Kan waan nama odoo xiqqaatellee haqaan maleetti hin fudhanne. Inni amaanaa qabuufii dhugaa dubbatuun qulqulluu honga gahe. Hanga warri biyya isaa horii qaalii nurraa badaa sodaatan isuma bira kaayyatanitti. Inni akka lubbuu isaatiifi horii isaa tiysutti isaan tiysa. Namni hundi isatti irkata isa amana, hanga amanaa je'anii isa yaamanitti. Inni nama wahirraa qaaneeffatu. Eega saalfatee nam tokkolletti qaama isaa hunda hin qullisne. Inni waan badduu hundarraa dheessu ture, dalagaa isaa hunda keessatti ququlluudhaafi xaliila, qalbiin isaa yaada hamaa hundarra qulqulluudha. Hoggaa warra biyya isaa kan nama saamee dhiiga namaa gad naqu argu irraa hammaata irraa loolata. Hoggaa lolli ummata isaa jiddutti jabaate jidduu seeneeti wal taasisuu ture. Inni nama rahamata qabu kan qalbii jiidhuufi kan garaa laafu kan cinqii namatti bute nama wajji baatu. Kan hiyyeeysa bira dhaabbatuufi harmalla tolu, kan nama beelawe nyaachisuufi keessummaa bulchuudha, akka gaaritti isaan qubsiisu. Kan hamtuufi khasaraa isaanirra ba'atu, namafagotti yaadan waa argu odoo ummata isaa warra sanama gabbaru, kan abbootii isaaniirraa dhaalan san keessa jiraatuu sanama san gabbaruu akkaan jibba. Inumaa waan akka sanamaa gabbaruu jibbu hin qabu. Inni nama mataa isaa waan Rabbiin uumeef gad qabu hin taane. Akka waan qalbiin isaa isaan jattutti: wanni dachiifi samii keessa jiru hundi ibaadaa haqa hin godhattu Rabbiin tokkicha lama hin je'amne. Kan hiriyyaa qabaatuun isaan hin malle. Duuba inni ummataarabaakeessatti dhalateeguddate haala gaarii dubbannee dabarsin saniin beekkame sun, ummata isaa kan waa hin beeyne san keessa akka durriin dhagaa keessa billiqutti yooka mul'atutti takkaa akka ifaan dukkana halkanii keessa mul'atutti ummatasan keessa mul'ate.

Duuba eega ummata isaakeessa jiruu xaliilaafi gaarii faarfamtuu jiraatee bara afurtama gahee, dukkanti ormi isaa keessa jiru tan gama hundaan isaan hagooyde sun isatti ulfaattee isa rakkiftee, akka itti wallaala akka baharaa guddaatiifi haala hamaafi dalagaa hamtu Rabbitti waa qindeessuutiifi waan Rabbi hin tahin gabbaruu, kan ummanni isaa jiru jala bahu barbaade. maalif? Waan ummanni isaaitti jiru keessa waan haala isaatiin walii galu nidhabe..tanaaf jecha mandara Makkaarraa bahee yeroo dheertu kophaa isaa Khalwaa taa'uu jalqabe, beelaafi ibaadaan lubbuu ifii qulqulleessuu jecha. Waan warri badaan sun itti jiru arguufi dhagayuuraallee fagaatuuf jecha. Halkaniifi guyyaa meeqaatam khalwaa san seenan. Keessattu bakka (ghaaraa hiraa) ja'amtutti. Wanni inni barbaadu ifaa dukkan ummata isaa hagooyde tanaan deemsisu. Waan addunyaa bade tanaan tolchuufi waan heera jallate kanaan qaceelchu. Waan jiruu fokkotten bareechu argatuu barbaada.

Duuba bakka itti kophaa bahee waan barbaadu san barbaadutti, haalli isaa jijjiiramuu jalqabe. Achitti ifaa inni barbaadu saniin qalbiin isaa ifte tasatti. Khalwaa san keessatti humna san dura hin qabneetu isaaf kenname. Duuba khalwaa isaan gaara hiraa takkaa godagaaranuur ja'mu keessa ta'anirraa ummatti isaatti bahee waan Rabbii achitti isaan gabbaranirraa isaan dhoowwuu eegale. Akki isaaniin ja'e: mukaafii dhagaan isin gabbartan isin hin miidhu, hin fayyaduu hin gabbarinaa dhiisa, dachi, aduu, ji'aafi urjii, waan dachiifi samii keessa jiru hunda Rabbii tokkicha malee namni biraa hin uumne, Rabbiin kan isin uumee rizqii isinii hiru, Rabbiin isa isin ajjeessee eegasii isin kaasu, isa malee hin gabbarina. Isa malee waan biraatiin hin gargaarsifatina. Waan itti hafamtan isarraa malee nama birraarra hin barbaadina. Dalagaa badduu akka hannaa, nama saamuu, sagalgalummaa (zinaa) hixaa hiree dhiisa. Waan jettaniifi waan daleeydan keesatti dhugaan deema, qixxummaa qabaadha, lubbuu namaa haqa malee hin ajjeesina. Horii namaakaraamaleehin fudhatina, haqaan malee waa kenninaa, haqaan maleewaahin fudhatina isin hundi nama. Namni hundi walqixa, kabajamuun dhalootaaniimiti, ammallee bifaafii uffataaniimiti, durummaafii bareedumminaaniimiti, wanni kabajaa argataniin sodaa Rabbii qabaatuufi waan gaarii dalaguuni. Namni Rabbi sodaatee lubbuu isaawaan hamtuurraadhoowwee haqa hundaan dhaabbatee tole, isuma namni Rabbiifi nama biratti kabajaa qabu. Kan namummaan isaa guutuu. Ammoo namni akkas hin tahin waa takka kabajaa hin qabu. Aakhiratti qooda hin qabu, hundi keessan eega duutanii kaafamtaniti Rabbii keesssanirra fidamtan. waan addunyaa tana keessatti daleeydanirraa gaafatamuuf. Gaafs mana murtii haqaa duratti magantaan, hiriyyummaafi horiin isinii hin tolu, Rabbi biratti gosa teessanirraa hin gaafatamtan. Wanni aakhiratti isin fayyadee isinii tolu iimaanaafi dalagaa gaarii isin daleeydani. Namni isinirraa Rabbitti amanee waan gaarii dalage jannata seena. Ammoo namni waa takka waan gaariirraa dalagee hin qabne dhugumaan kasaaraa guddoo mul'attu kasaaramee warraa ibiddaarraa tahe je'een.

Haatahu warri inni akkas ja'een, waan inni je'een hin qeeballe, inumaa waan inni ja'u qeebaluu dhabuu qofarratti hin dhaabbanne isumaahuu miidhuu jalqaban. Waan biraatti isa hin miinee, takka isatti hin roorrifnee isaatu aadaa teenya tan abbootii teenyarraa dhaale arrabse, sanama keenya gabbaruurraa nu dhoowwee Rabbii tokkicha gabbarutti nama yaama jechaafi itti roorrisan. Tanaaf jecha isa arrabsanii, cinqanii, xiqqeessanii, dhagaan darbatanii maraataafi joollee itti diranii itti rakkisan, keessa dabranii isa ajjeesuu muratan. Hanga eega isaan waan dandayan hundaan walgayani itti roorrisani, eega roorroo isaanii bara kudha sadi Makka keessatti ba'ate. Makka biyya isaarraa bahee Madiinatti godaanutti dirqametti. Haatahu warri Makkaa biyyaa isa baasuun isaan hin qabbaneessine, Madiinaa inni itti godaanetti itti duulanii isa miidhuu itti fufan.

Mee maalif gabrichi Rabbii gaariin kun, cinqii ummanni isaa isa cinqu dila kana akkatti ba'ate? Wanni inni akkasitti ba'ateef, yoo ormi isamiidhu sun qaceelaniifi takkaa warra qaceelu horaniifi. Akka karaa diinaa islaama, diinaa haqaa isaan qaceelchuufi. Ormi kun hoggaa isaa obsee diin kanatti isaan yaamu kan cinqiin irraa isa hin deebifne argan, wanni isarraa barbaadan: mootii keenya sii goona takkaa horii siif walitti qabneeti nama nu hundarra dureessaa si goonaa waan deemtuun kana nurraa dhiisi ja'aniinii kadhatan. Haa tahuu waan isaan irraa barbaadan irraa qeebaluu didee karaa Rabbitti nama yaamu itti fufe...duuba mee namni nama akkanaa kanarra gaarii, kan isarra dhugaa dubbatu kan isarra haqa filatu addunyaa tana keessa ni jira? Inni ciinqii tana hunda ba'atuun, dantaa lubbuu isaatiifiimiti, dantaa gabroottan Rabbiitiifi. Kanuma isaan dhagaan isa darbatan, kanuma isaan jecha hamaadhaan isa hagoogan inni sanumaan wajji waan gaari malee isaaniif hin barbbadu, waan hamtuu isaanitti hin yaadu.

Mee jireenya guddaa eega inni goda khalwaa saii bahe argame qalbii godhii laali. Wanni ati gartee dhageessuufi inni namarratti dubbisu, waan dubbiin isaa dubbii namaa hunda caaltu, kan dubbiin namaa isatti qixxaawuu dhiisi itti hin dhiyaanne, kan anam tokkolleen dubbii akkasii isa duraafii isa boodallee hin fidin. Arabni waan dhaadatuun ture, walaloo bareedduu baasuu, dubbii miidhayduu hiriyyaa hin qabne dubbatu; duuba ummata arabaa kan akkasitti dubbii beeku saniin: yoo waaniin an isinirratti ddubbisu kana siitu if baraa kaasee ja'e malee, waan Rabbiin na erge buuseemiti kan jettaan taate, isin araba warra dubbii akkaan beeku, mee dubbii akkanaa tan suuraa takkittii fakkaatu fida je'ee itti dhaade. Duuba dadhabaniiti lafa laalan. Wnni san daran nama dinqu, dubbiin ergamaan Rabbii sun if biraa kaasee dubbatu tan hoggaa nama wajji haasawu dubbatu, dubbii Rabbiin buuse tan tan namarratti dubbatuun walqixaamiti. Yoo Waan Rabbiin irrati buuse, kan inni namarratti dubbisuufi, waan inni hoggaa khuxbaa (haaswa) dubbisuufi hoggaa nama wajji haasawu ju'u wal maddii qabdee laalte, akka isaan lamaa adda tahan yooka waldhaban, dubbii hoonga gayuufi ibsuu keessatti siif mul'ata...hiikkaan kanaa: ergamaan sunuu dubbii akka dubbii Rabbiin isarratti buusee namarratti qara'ii je'eenii san fiduu hin dandayu jechuudha.

Duuba ergamaan waa hin dubbisin, kan waa hin barreeysin, kan jiruu isaa gammoojjii (diida) keesaaa warraa waa hin beeynee wajji taa'uu ture, wanni jalqabe; gorsa ija dubbii qabu, kan hikmaafi gorsa akkasii nam tokkolleen isa dura hin je'in, kan isa boodallee hin je'iniifi kan inninuu odoo afurtama guutee isa hin ergin dura waan akkasii isaa ju'u namni hin dhagayin fiduu jalqabe.

Akkasitti inni waa dubbisuufi hin barreeysin kun, NIHJ heera bultii, aadaafii taligaa, waan jiruu ilma namaa tahe hundaaf kaaye. Kan hikmaa heerasanii warri akkan waa beeku kan argaan isaan waa argan jabduu, akka jabatti malee dafanii hin agarre. Hikmaan heera sanii, faaydaan isaa tan tanaan dura namaaf hin mul'atin, orma addunyaatiif mul'atuuf teessi. Wanni inni odeesse hundi guyyuma guyyaan, akkuma addunyaan if dura deemtuun hiikamti takkaa faaydaan heera inni kaayee namaa mul'atti. Heera kana ergamaan kun bara kuma tokkoofi bara dhibba sadii dura kaaye. Sanuma wajji bakka takka tan jijjiirutti haajamtu, takkaa miidheeysutti haajamtu takkaa irraadarbutti haajamtu arguu hin dandeenyu. Kan heerri namni biraa kaayu hoggaa meeqaatam deddeebisanii laalanii eegasii heera tayu.

Hanga bara kudha sadihii keessatti warri isa ajjeesuuf eeggatuu ture, kanneen isaajjeesuuf jecha waa hunda dalagan, nyaphummaa isaarraa deebi'anii irra hedduun isaanii jaalalloota isaa kanneen lubbuu isaanii isaaf kennen yahan. Sun hundi wanni taheef sababaa haala toluu isaatiifi beekkomsa inni dhufeen gaarii saniifi. Dhugumaan humniti jabduufi guddoon isa dura dhaabbatuu turte, haatayuu humna sharrii guddoo islaama dura dhaabbate san hunda cabseeti harka isaa seenan. Duuba gaafa orma akkasitti isa miidhe san injifatee harka isaa seensifete, tokkoo isaanii miidhee biluu irraa hin baane, hunda isaanii dhiheesseeti badhaase. Mee nama kana obsa isaa laalaa! Nama adeera (abbeeraa) isaa kan ammallee obboleessa isaa kan hodhiinsa, Hamza Abdulmuxxalib ajjeesee garaa baqeeysee tiruu isaa nama nyaachiseef araarame.. warra dhagaan isa tumee biyyaa isa baaseef araarame. Inni nama tokkolletti hamtuu hin yaanne. Ballama nama tokkolleti hin diiyne. Lolakeessatti akka malee nama hin miine. Tanaaf nam tokkolleen nypha isaarraa, inni nama gana, nama miidha, ballama namatti diiga je'ee kan isaa himatu hin dhageenye. Sun waan qalbii arabaa hunda isaaf laaffise. Hanga heera isaa saniin dukkana wallaalaafi awaamummaa keessaa isaan baase, ummata heeraafi adaba keessatti ummata biraa hundabira dabre isaan godhetti. Ummata arabaa kan heera tokkolleef gad ja'uu hin turin, ummata heera qabaatuu keessa akkaan hoonga gahe takkaa addunyaa tana keessatti heera qabaatutti hiriyyaa hin godhe. Ummata arabaa kan nam tokkollef gad ja'uu hin jaalanne akka mootummaa guddoo takkitiidhaaf gad je'anii, isiif ja'anii lubbuu isaaniitiifi horii isaanii wareegan godhe. Warra adabaafii naamusa qabaatuu hin turin, haalaafii adaba isaanii tolchee qulqulleesse. Hanga addunyaan ar'a hoggaa haala isaanii kitaaba taarikaa (seenaa) keessatti dubbistu ajaa'ibde fixuu hin dandeenyetti. ...oromi araba kanneen irraa laafaa waarra addunyaa tanarra jiraatuu tureetu, bara diiydamii sadii keesatti sababaa diin ergamaan kun dhufee qalbii isaanii seeneef, humna guddoo mootummaa Faarisii, mootummaa Ruumiifi Misaraa laaffiftee cabsite, orma addunyaa kabajaadhaafi karaa guddinaatiin adaba mandarummaa, naamusa barsiisuuf dhaabbatanii islaamummaafi shari'aa isaa facasuuf biyyoota Aasiyaa, Afrikaafii Awrooppaa keessa faca'an.

Wanni dubbanne sun akka ergamaan Rabbii orma arabaa itti jijjire nuu ibsiti. Ammoo akka islaamni ummata biraa godhe yoo laalle ajaa'iba san daraniti agarra...dhugumaan islaamni warraaqaafi soossaha yaada ummata addunyaattiifi, aadaafi heera isaanii keessati kaase...mee warra isa jala deemuumiti warruma isa jala deemuu didee nyaphummaaf (xilaatummaa) isa qabate yoo laalte wanni ati gartu; akka isaan waan ergamaan dhufeenirraa faaydaa buufaatuurraa if dhoowwu hin dandayin....ergamaa kana dura (NIHJ) addunyaan tokkummaa Rabbii irraanfattee jirti, inni dhufeeti isaan yaadachiise. Hangaa diin warra muka gabbaruu, kan warra Rabbitti waa qindeessu ar'a tokkummaa Rabbii yaaduu dhabuurraa hafiinsi nijiraa if hin agarretti. Akkasuma adabni inni nama qabsiise humna jabduu qabaatuu keessa, ar'a ummanni addunyaa haalaafi adaba saniin qaceelutti jira. Akkasuma heerri inni siyyasaafi bultii namaa keessati kaaye fayyaa qabaatuufi dhugaa tahuufi jabaa tahuu keessa, warri isa dura dhaabbatuufi nyaphi isaa heera isaa kanarraa hatanii heera godhatan. Oromi islaamaa hin qeeballe, hanga ar'aa heera islaamarraa waan itti haajaman fudhatuu takkaa hatuu itti jiran.

Namtichi heera islaamaa kan siif dubbanne fide sun, akka tanaan dura siifibsinetti heera uumaadhaa kan Rabbiin irratti nama uumuun dhalate. Ummata wallaalaafi badawummaa keessatti hidda hidhate keessatti guddate. Inni re'ee tiiysuufi naggada malee waan biraa hin beeyne hanga bara afurtama gayutti takkaa guututti. Inni waan barnoota tahe waa takka nam tokklleerraa hin baranne...duuba guutummaan akkatti inni qabu tun akkamitti, bakkuma takkatti eega bara afurtama guute walitti isaaf qabamte? Eessarraa beekkomsi sun isaaf argame? Bakka tamitti humniti isaa tan humna aadatti namni qabuu olii isaaf argamte? Mee atuu laali isaa abbaa duulaa kan hiriyyaa hin qabne tahe, ammaas isaa mataa warra heera muruu kan hiriyyaa hin qabne agarta. Kana malees isaa heera namni biraa kaayuu hin dandeenye kaayu agarta. Ammaas isaa akkaataa itti haala namaa qaceelchan keessatti baasa baasu agarta. Dabalees isaa taligaa ummataa qajeelchee oofu agarta. Eegasii isaa halkan dheeraa Rabbii isaa gabbaruudhaa dhaabbataa bulu agarta. Guyyaa hunda dalagaa jajjabduudhaan dhaabbatuudhaan wajji. Akkasuma haqa isarra jiru kan heera isaatiifi kan joollee isaarratti, kan aalii isaatifi kan asaabaa isaatiin guutee dhaabbatuun wajji. Inni warraa waa hin qabne khaddama, warra miidhameefi warraa abbaan irraa du'e bira dhaabbateeti gargaara. Odoo mootummaaguddoo tana qabuu, jiruu warraa waa hin qabnee malee hin jiraatu. Seelanarra rafa. Wayyaa boonaa laaftuu hin uffatu. Foon goggooyfamee turenyaata. Inumaa kan waa hin nyaanne guyyaa hedduu irraa dabra.

Ergamaan kun, eega wanni ajaa'ibaa tan dubbannee dabarsine irraa argamte; odoo an akka keessanii miti, an waan gosa namaa tahe hundaa oli ja'ee nama tokkollee isa kijibsiisuu hin dandayu. haa tahuu inninuu akkas hin janne. Takkaa humna isaa san naatu ifumaa tiyyaa uummate hin jenne. Wanni inni ja'uu ture; wanniniin ani qabu hundinuu waan Rabbiiti, Rabbirraa naa dhufte...dubbiiniin an isinittiin dhufe, kitaabniniin isinirratti qara'u kun, kan namaafi jinniin kan akka isaa fiduu dadhaban kun, waanaan an if biraa kaasee ja'ee miti. Waaniin an yaada kiyyaan baaseemiti. Inni dubbii Rabbiiti waan inni naa kenne. Kanarrati Rabbi tokkicha malee namni galatoonfamu hin jiru. Waaniin an dhaabbadhuun hundi, dandeeytii tiyyaaniimiti. Rabbumaatu naa waliggalche. An waa takka hin dalagu, hin ja'u akka Rabbiin itti na ajaje malee ja'a......duuba eega kana hunda beeynee maaluma wanni nama akkati dhugaa dubbatu kanatti amanuu nu dhoowwu? Kan akkaa inni ergamaa Rabbii tahe eehamuu nu dhoowwu? Mee gama kaaniin waan isaa kanname laali! Wanni ati gartu, akka dhalaan isa duraafi isa boodallee dhiira isa fakkaatu hin dhalin, kana malees mee gama dhugaa dubbatuu isaatiin laali! Wanni ati gartu; isa waan kennameefiin hin dhaadanne, wanni Rabbi kanneef sun tiyya ja'ee, faaruu argatuu hin barbaanne. Waan san hunda Rabbumaa isa badhaasetti irkisa. Duuba mee maal arganne, kan isa dhugoosuu nu dhoowwu? Mee maaluma arganne? Kan hoggaa inni waan kana hunda Rabbirraan argadhe nuun ja'e kijibsiifnee: lakkii wanni ati argatte hundi waan ati uummatte, waan yaada kee keessa bahee isaan jennuf? Maaltu kanatti nu geesse? Namni akkatti dhugaa dubbatu, amanamaan kan waan gaggaarii argate san tiyya je'ee ifitti irkisuu didu, kanuma waan san ifitti irkisuun laaftutti isaa mijjooytu, kan isa malee bakki inni irraa argate nam tokkolleenhin beeyne. Kan odoo an nama hundaa oli ja'ee himatee, namni waan inni himate keesatti isa kijibsiisuu dandayu hin jirre, duuba eenyu mee namni nama kanarra dhugaa dubbatuufi amaanaa qabaatuufi xaliilummaa heddommaatu?

Dhagyaa yaadadha hubadha. Namni akkasitti dhugaa dubbatu sun, gooftaa keenya aanaa keenya Muhammad ilma Abdullaahiiti (NIHJ). Dhugaa dubbatuun isaa ragaa ergamaa Rabbii tahuu isaati...wanni gurguddoon inni dalgeefi haalli isaa gaariin sun, ammallee wanni jiruu isaa keessatti argame hundi, kitaaba taarika isaanii keessatti barreeyfamtee jirti. Nama haqa barbaaduuf kitaabban san dubbise hunda qalbiin isaa akka nabi Muhammad (NIHJ) nama Rabbiin erge tahe shakkiin maletti ragaa baati. Dubbiin ergamaan Rabbii kun, Rabbirraa ummata isaatti fide, Qur'aana gaarii nuti isa qaraanu kana...namni qalbii bal'oodhaan hiikkaa isaa beekaa dubbisu, akka inni kitaaba Rabbirraa dhufe tahe, akka kan nam tokkolleen kan isa fakkaatu fiduu hin dandeenye tahe ragaa baya; ni beeka.

Dhumiisna ergaa Rabbii
Eega waan dabre beeyte, wanni ammaantan beekuun kee barbaadamu, karaan islaamafi shari'aaislaamaa beekaniin karaa hadiisa nabi Muhammadiifi karaa qura'anaa malee karaan biraa hin jiru. Nabi Muhammad (NIHJ) waan gosa namaa tahe hundatti ergame. Ammallee lootii yookaa sisilaan ergaa tan nabiyyummaa isaani dhumte. Rabbiin waan namaa erguu fedhe hunda, ifaafi qajeelloo karaa nabi Muhammadin namaaf erge. Namumti haqa barbaadu hundi kan gabricha Rabbii muslima tahuu fedhu, nabi Muhammad kan Rabbiin booddee ergamtootaa isa godhetti amanuurraa hafiinsi hin jiru. Waan inni dhufeen hunda qeebaluurraa hafiinsi hin jiru.

Ragaa dhuma nabiyyummaa
Too waan nabiyyummaan taate, takkaa ergaa taate beeyte, wanni siif ifa bahu akka anbiyoonni guyyaa hunda hin dhalanne. Akkasuma ummata hundaaf nabiyyiin kophaa zamana hunda jiraatuun waan irraa hafiinsi hinjirre beeyta. Maalif jiruu nabityyichaa tokko jiruu diinaa inni dhufeeni. Nabiyyichi waan diinaan isaa jiraateen hin duunee ni jira....anbiyoonni dur wanni du'aniif ummata isaaniitu, waan isaan dhufaniin jijjreef. Waan ifii baasan kan nabseen isaanii jaalattu itti makanii. Ar'a kitaabban anbiyootarratti buufame, kan akka buufamett taa'u kan isaanirraa hafe hin jiru. ..warruma anbiooyta san jala deemurraa nama kitaaba anbiyootaa kan akka buufametti nu bira jira je'u hin agartu. Akkasuma namni manaaqiba yookaa taarika anbiyoota dabree irraanfatee jira. Oduun isaanii tan dhugaa ta itti irkatamtu arguun nidhiba. Hanga zamana isaaniitiifi bakka isaan itti dhalatan waan isaan hanga jiran dalaganhunda qurxiin beekuun hin mijjooynetti. Akkasuma akkaataa anbiyoonni sun jiruu isaanii itti fixan waan isaan itti ajajaniifi waan isaan irraa dhoowwan ar'a namni beekuun waan hin malle, akkanatti ummanni dabre waan anbiyyootatti rarra'uufi waan isaan nama barsiisan irraanfatuun du'a aanbiyoota sanii taate..ammoo nabiyyiin keenya Muhammad (NIHJ) hin duune, ni jira. Maalif? Islaamni inni nu barsiise hin duune nijira. Quraa'nni Rabbin isarratti buuse akkuam Rabbiin buusetti harka keenya jira. Waa takka jijjiiramni harfii isaatiif qafii isaatiifi waan biraatileen hin seene....akkasuma manaaqibne yooka siraan nabi Muhammad haalli isaanii, jiruun isaanii hundi katabameeti (barreeyfameeti) tiyfamtee zamanni dheeraan irraa dabruun wajji, waa takka irraa hin ir'anne ittiis hin ida'amne...ar'a nuti hoggaasan qaraanee akkauma waan nabi Muhhamad if duratti ijaan laallee garru, kan dubbii isaa gurran dhageenyutti....addunyaa tana keessa namni taarikni isaa tiiyfamee barame, kan akka nabi Muhammad hin jiru. Tanaaf jecha, waan san qaraanee(dubbifnee) haala jiruu teenyaa hunda keessatti isa jala deemuu dandeenya..kun hundinuu wanni nuu raggaasisu akka nabiyyii biraa kan nabi Muhammad booda ergamutti haajaan hin jirre.

Nabiyyiin tokko nabiyyii tokko booda ergamuun sababaa as deemtu kanaafi:

1 Diinaan nabiyyichi duraan barsiise haqamee irraanfatame, nama lammada isaan basiisutti haajamu.
2 Diin nabiyyiin duraa barsiise, kan guutuu hintahin kan guutiinsatti haajamuu tahu.
3 Diin nabiyyichi duraa barsiise kan ummata tokko qofarratti gabaabbatuu ture tahuu, kan ummanni hundi ergamaa biraa kan akkasiitti
haajamu.

Duuba ar'a sababaan sadeen tun hin jirtu. Waan asdeemu kanaaf:

1 Wanni nabiyyi Muhammad (NIHJ) nam barsiise hin duunee ni jira. Wanni isa baratuuratti nu gargaaru harka keenya jira. Tanaaf guututti waan diin nabi Muhammad tahe waan inni Rabbirraa fide, karaa jiruu kan inni namaaf kaaye, waan badduu inni balleessuu jecha jihaada godhe beekuun akkaan dandeenya. Duuba eegaa, diinaan nabii wanni inni nu barsiise waan harka keenya keessa jiru tahe, kan guututti beeynu. Nabiyyiin biraa kan diin san haarayoomsu, kan lammada diin san nama barsiisu dhufuun hin barbaadamu.

2 Addunyaan barnoota islaamaa guutuu sababa nabi Muhammadiin argatte jirti takkaa barattee jirti. Diin kanatti ida'uufi ir'isuttillee hin haajamtu. Akkasuma waan diin islaamaa guutuu bakka takkalleen ir'uu hin qabneef, nabiyyiin biraa kan isa guutu, eega nabi Muhammadii dhufuun hin barbaadamu. Tanaaf sababaan lammeessaa dhabame.

3. Ergaan nabi Muhammad (NIHJ) ta ummata hundaati. Ummata tokko qofatti ergamee ummata kaan hn dhiifne, ammallee zamana tokko qofakeessatti ergamee kaan hin dhiifne. Tanaaf jecha: ummanni tokkolleen kan nabiyyiin kophaadhaa itti ergamutti haajamu hin jiru. Akkanatti sababaan sadeessaa dhabame.

Waan dubbanne kana hundaaf jecha nabi Muhammad nabiyyii boodaati je'an. Akkana jechuun: kan anbiyaa hunda booda ergame jechuu. Tanaaf jecha, addunyaan ar'a nabiyyii biraatti hin haajamtu. Wanni ar'a addunyaan itti haajamtu, dhiira nabi Muhammad jala deemtu, kanneen nama hunda isa jala deemutti yaaman, kanneen hiikkaa waan nabi Muhammad dhufeen beekanii dalagaadharra oolchan. Kanneen mootummaa waan nabi Muhammad Rabbirraa fideen dachii Rabbii tanarratti dhaaban.


Namni hedduu bekkomsa hin qabne, akkasuma irraa hedduun waa beekulleen wanni sayu, islaamni nabi Muhemmad dhufuun jalqabame jechu jedhu. Kun dogoggoriinsa badaafi fokkottaa. Yaannni nama baaratuu irraa ququllaawu qaba. Wanni namni waa baratu beekuu qabu; diin tokkichi dhgaa ilma namaa hundaaf, diin islaamaati. Guyyaa namni dura argameraa qabee, ergamoonni Rabbii zamana hundaafi bakka hundatti diinuma islaamaa kanaan dhufa.


Akkanatti ummanni dur diin haqaa, islaama jijjiiranii din ar'a addunyaa tanarati agarru kan maqaa adda addaa qabu ifuma biraa baafatan. Wanni nabi Isaan (Masiih) dhufeen diinaa islaamaati, haatahuu warri isa booda dhufe Masiihii Rabbi godhatanii diin isaa jijjiiranii waan kijibaa itti makanii diin haarawa godhanii nama barsiisanii (Masiihiyyaah) ja'anii yaaman


Nabi Ismaa'iliifi ergaa nabi Muhammad jidduu bara yookaa amata kuma lamaafii dhibba shantu jira. Nagayni nabii keenyaafii nabi Ismaa'iilirraatti haa jiraatuu. Duuba zamana dheeraa kana keessa ergaan Rabbirraa arabtti hin dhufne.


Sababaan afreessaa nabiyyicha tokko, nabiyyii biraa wajji ergee gargaaruu tahuun ni mijjaawa. Haatahuu asitti nuti hin dubbanne. Maalif? Qur'aanni haala kanarraa haala lama qofa dubbate. Duuba haala lamaan kanarraa fudhannee qaaydaa goone: Rabbiin anbiyoota ergeeti anbiyoota biraa kan isaan gargaaru takkaa jabeessu wajji erga hin jennu. Qaaydaa guutuu goonee.

na stylish approach with its latest photo printer, the

jet

pr inter sports a sleek-looking design that very much resembles the fro nt of a sports car...



Tabarooleen Gola kanaa idileen seeraan tikfamoodha.
Barreeyfama gola kana keeysatti dhihaatan mara, hayyama qa'ee kanaatiin maletti qabeentaan Bilisummaa (gola) kanaa idileen yookiin quucata isaa, bifa fedheen, sagaleedhaan, katabbiidhaan, suuraadhaan asirraa waraabuun dhorkaadha!
Copyright © 2001-2004 Bilisummaa. All rights reserved
Home | News | Language | History | Islam | Culture | B.game