Oduu Haaraya

QOOSAA:- ADDA DURUMMAA DUREESSA TOKKOO

QOOSAA:- ADDA DURUMMAA DUREESSA TOKKOO

Akkuma beekamu biyyoota guddatan fkn USA keessatti
namoota qofaaf osoo hin taane beeyladoota akka fardaafis
kunuunsi addaa ni godhama. Fkn farda dhiquu, ilkaan isaa
qulqulleessuu, jammura isaa filuu, eegee isaa filuu kkf.

Biyya Itoophiyaatittis dureessi tokko guddinna biyyattii
kan mirkaneessu korbeeyyan re’iinii 20 dhibba sadi sadiin bitee;
nama itti qaxaree kunuunsaa; areeda re’iinii filchiisee jira.
Gochichis gochaa fakkeennummaa qabu ta’ee jira. Areedni
korbeyyaniis dheeratee dheeratee lafa gahe; ciqilee
tokko dheeerate!! Kanaan boodas adda dureen qoteebulaa kun tokko
tokkoo korbayyanii qarshii 30,000 gurguree; walumaagalatti
20*30,000=600,000 (kuma dhibba jahatti)
gurguratee kunis qoteebulaa adda duree dureessicha taasisee jira;
badhaasas adda durummaan argamsiiseefii jira. Kanas Itoophiyaan
guddinna ariifachiisaa keessa galuu isii EBC(Ethiopian Broadcasting
Coorporation) gabaase!! Kolfa! Kaa! Kaa!…
Gamteessaa Sabaatin

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …