Oduu Haaraya

Qeeqafi Taajjabbii Kuntaala Tokkoorra Dalagaa Qabatamaa Kiiloo Takkaatitu Caala!


Hiwi Elona ~ Caam/2017
————————
Jaallewwankoo

qeeqa

Hojii hojjatamuu kamiyyuu keessatti dogongorri hin dhabamu. Nama hamma dandeettii ofii sabaaf gumaachudhaaf tattaaffaturraayis hanqinni hin dhabamu. Namni qeeqafi hamii jalaa ba’uu danda’u yoo jiraate nama harkaafi luka isaa maratee taa’e qofa. Hojii qabatamaa tokko hojjadhee ofiifis uummata kootifis bu’aa nan buusa jettanii ni yaaddan taanan qeeqafi arrabsoo akkasumas hinaaffaa isinirra ga’uuf adeemuuf sirritti qophaa’uu qabdu.

Qeeqa dhiyeessun hojii qabatamaa tokko hojjatanii akka argisiisuutti hin ulfaatu. Eenyumtuu eddoo jiruu ol ka’ee qaama barbaade irratti akka barbaadetti qeeqa dhiyeessuu danda’a. Kanaaf namni hedduun oluma ka’ee kallattii jiruu rasaasa qeeqaa dhukaasa. Qeeqni akka qeeqaatti rakkoo hin qabu, garuu gaafa qeeqni waanyoo, tuffiifu hinqaffaadhaan guutame faaydaa isaa irra miidhaa isaatitu caala. Qaamni qeeqa kennu tokko yoo dhugaadhaan sirreeffama kan barbaadu ta’e qeeqni isaa hamma danda’ameen qeeqa ijaaraa ( constructive criticism) ta’uu qaba.

Gama biraatiin qeeqni dhiyaatu kaniyyuu namaafi yaada adda baasee ilaaluu qaba. Namni tokko har’a dogongoree waa balleessuun ni mala. Namni har’a waan tokko balleessef garuu yeroo hunda balleessaa sanaaf jecha qeeqamuun irra hin jiraatu. Yoo qeeqnu yaada namootni dhiyeessaniifi hojmaata isaanii irratti haa fuulleffannuu. Waan hunda caala garuu, qeeqa dhiyeessuu keenyan dura ani akka dhuunfaa kootti eenyu? Maalan hojjadhe? Maalan gumaache? Eddoo nama sanaa osoon ta’ee maalan godhuu danda’a jedhanii of gaafachuun barbaachisaadha. Qeeqafi taajjabiin qullaa bu’uura haqaa hin qabne osoo hamma kuntaala dhibbaas heddummaatee hojii qabatamaa kiiloo takkattii akka hin madaalle irraanfachuu hin qabnu!

Naaf Jiraadhaa!
Teenya Oluma1f91e 1f3fb

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …