Oduu Haaraya

Qabxiileen/Ajandaaleen Duula nu Filadhaa KFO Ifa-ta’e!

Kongiressiin Federaalistii Oromoo filannoo bara 2015/2007 kana keessatti ajandaalee kakaasii duula na-filadhaaf itti gargaaramu ifa godheera.
(Katabbichi Baldhaa waan ta’eef isaan kana keessaa Fudheera)
Ajandaaleen kunneen bifa lama qabu:
I. Ajandaalee dhaabbatoo/permanent/ kan sirni biyya bulchu deebisuu hin dandeenye ykn woggoota 23n dabran deebisuu dadhabe.
II. Ajandaalee wayitaawoo fi naannoo ykn godinaalee garaa garaa keessatti jiran.

Kaadhimamtoonni naannoo garaagaraa keessa jiran dhimmoota godinaalee fi aanalee isaanii keessatti furmaata dhaban fi rakkoolee naannoo isaanii kaasanii ittiin uummata dammaqsuu fi kakaassuf mirga guutuu qabu.

I. Ajandaalee Dhaabbatoo
===================
KFOn yo filame:
1. Dhaabbilee dhiibamanii biyyarraa bahanii daandii humnaatiin qabsaawan dabalatee humnoota siyaasa biyyasanii jirjiiruuf qabsaawan maraa affeeruudhaan mootummaa ce’umsaa dhaabuudhaan biyyittii gara sirna dimookraasii fi sirna paartilee hedduu/multi-party system/ dhugoomsutti qajeelcha.
2. Bilisummaa sabootaa, mirga hiree murteeffannaa fi ofiin of-bulchuusabootaa fi Sablammootaa mirkaneessuu ykn Federaalizimii woraqaarra jiru dhugoomsuu!
3. Olaantummaa seeraa, mirga namoomaa, wolabummaa pireesii fi kkf maraayyuu kabajsiisa.
4. Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa taasisa.
5. Poolisii diingdee Qonnaan-bulaa jiddugaleessa taasifate garuu kan qaalawinna gatiii toowatu diriirsuudhaan guddinna diinagdee fida. (Baldhinnisaa Sagantaa Siyaasa KFO) Keessatti argama.
6. Rakkoo hojii-dhabdummaa furmaata kenna.

II. Ajandaalee Waayitawoo
====================
1. Mirga Oromoon Finfinneerratti qabu dhugoomsuu. Maastar-pilaanii aadaa,seenaa fi eennummaa Oromoo dhabamsiisuuf diriire kun akka haqamu ni hojjata. Finfinneen haala diinagdee, siyaasa, seenaa,afaanii fi aadaa Oromoo dagaagsitutti akka guddattu haala mijeessa.
2. Miidhamtoonni hunduu akka haqa argatan qabsaawa. (Justice for the victims of extrajudicial actions!) Angawoonni ilmaan Oromoo fi saboota biraa irratti fixiinsa raawwatanii fi namoonni barattootarratti tarkaanfii ajjeechaa fudhatan martinuu murtiif akka dhiyaatan ni hojjata.
3. Hidhamtoonni siyaasaa hunduu haal-duree tokko malee akka hiikaman taasisa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …