Oduu Haaraya

QABSOON XURREE OFII BAAFATTE QOFA IRRA IMALTI.

 

========== Kutaa 1ffaa =========

Saphaloo Kadiir irraa

Sabni Oromoo baroota hedduuf dhiibbaa fi dhiittaa siyaasaa sirna shalaalaa fi gadaada jalatti baroota danuuf miidhamaa ture. Badii malee ajjeeffamee, qabeenya saamamee, qe’ee isaa irraa buqqaafamee jalee namaatti laalamee jiraachaa ture. Ammaas sanuma daran roorroo fi miidhaan sirna dheeytawaa fi firra-dhawaa wayyaanee jalatti rirriitamaa jira. Hanguma inni qabsoo finiinsuun shirriis, dharriis itti hammatee xiloo siyaasaa diinaatiin diramee akka hamaa gaaga’ama jira. Sabni Oromoo gabrummaa jalatti akka mudhuru sababni dirqe sirna siyaasaa qammanaa habashootaa kan sirni nafxanyaa diriirseen akka tahe ifa gala. Sirni yuuraa fi xuuraan ammaa kuniis gaafuma duraa san ba’aa gabrummaa teepha hamaan Oromoo irratti hidhee qabeenya Oromiyaas saamee hidha kutaa jira. Funyoon gabrummaa nurra diriirfame takka nu hidhaa, takka nu miidhaa darbannoo dararaa walitti daddabarsaa akka asiin gahan beekkamaa dha. Sababa kanaan sabni kun sablatee hadhaa fi kudha hamaa mudatee, kulkula cubbuun itti uumteen leeydamaa ture. Arraas hin fayyine dhuundhuunni madaa kalee falaqisuu fi dhukkubuu hin dhaabne. Madaa fottoqsanii madaa uumaa, madaa afreeysanii sibiijjeeysaa akkamitti madaan qoortee fayyitiree? Sirnoonni kolonii kan barayyu lubbuu teenya waadu fi lafarraa haadu, saba Oromoo kana osoo dhabamsiisuuf gaaduu gannaa fi gadaa miti jaarraa tokkoof walakkaatu naanna’e.

Sirnoota tortoraa haada dhoqqeetiin wal guduunfaa gannoota dhibbaa fi qiniif wal shorrooysaa as dhufe kana guutumatti hundee irraa akka hin fiilletti fonqolchanii walabummaa ganamaa san deebifachuuf sabni Oromoo qabsoo gosaa fi roga danuun godhaa turee, arraas ittuma jira. Qabsoo qabsaa’ootaa fi gootoota Oromootiin dur irraa taasifamaa tureen injifannoon danuun arkamuus garuu hanga arraa qaphxii maayyii, milkii xumuraa kan walabummaa fi bilisummaa irra gahuun hin danda’amne. Galmaa fi galmee hawwinu san milkaa’uu dadhabuun akkuma jirutti tahee, ammoo abdii murree, hamilee cirree harka marannee osoo hin taa’in ammallee galma san gahuuf deemsaa fi tooftaa qabsoo jijjiirrachaa daandii keenya irraa osoo hin gorre itti saksaakaa jirra. Qoree shira gabrummaa tan waggaa dheeraaf nu okkolchiisaa turte san ciniinnee, qirqixnee akka caphxuu fi haftuun qirfiixaa hin hafnetti qunxuuxnee baasuuf yeroo duraa caalaa kan itti cillaayfannu amma akka tahe beekuun dirqama taha. Beekuu qofa osoo hin taane wal beeksisuun, hubannee wal hubachiisuun deemsa qabsoo ammaatiif dirqama qofa osoo hin taane qoricha jijjiirraa hin qabne akka tahees gad fageessinee qalbitti guduunfachuu qabna. Karooraa fi tarsiimoo, sirnaa fi seeraa, ulaagaa fi dhugaa qabannee ejjannoo fi murannoo takkaan tarsiimoo fi imaammata dhugaa guduunfannee tarkaanfannu malee galmaaf galiin hawwinu abjuu hin hiikamne tahee akkuma kanaam duraa hamileen teenya qaxara qoortee, habaleen teenya doomtee karatti hafna. Ilaalchoota hadarraaqa qabannee soora walabummaa soorannee quufuuf hawwuun abjuu lukkuuti. Qabsoo dhiigaa fi lubbuu dhugaa meeqa itti wareegnee asiin geenye tana gatii gitu itti milkaa’uu qabna. Milkii kana irra dhaabbachuu fi qabaachuuf ammoo murannoo fi hidhannoo, taankii fi baankiis horuu qabna. Xurree halkanii ibsaa malee, hawwii harka duwwaati fi ajjeta daddaaqaan qilee hamtuu ganna dhibbaa oliif torban dachiitti gad banamte tana utaallee gama dhaquu hin dandeenyu. Ilaalcha siyaasaa dheedhii fi saattawaa qabannee gaara guddaa wayyaaneen waggoota 26 dabran Oromoo fi Oromiyaa keessatti jaarratte diiguu hin dandeenyu. Kana jechuun kiyya ammoo hamilee fi habalee qabsaa’oota Oromoo cabsuuf osoo hin taane, ilaalcha siyaasaa keenya bilcheessinee eenyullee dursinee marsaa fi sarara irra geenyee fi amma jirru beeknee akka eenyulleen qaawa hulluuqee nuttiin seenu hin arganne duraa tufteeyyuu qabna jechuu kooti.

Qabsoon Oromoo eega gaafa Oromiyaan koloneeffatamtee irraa hanga arraa sadarka sadarkaan finiinaa dhufte. Haa tahuu malee waggaa sadiif afran dabran kana godhamaa turte adeemsa addaatiin jijjiiramaa wayta ammaa guutumattuu Oromiyaatti galtee jirti. Oromiyatti galuu qofa osoo hin taane qabsoon keenya tumsa adda addaa horachaa, humna dabalachaa sadarkaa tana geessee jirti. Kan barbaadamuus kanuma. Amma qabsoon Oromoo sadarkaa cimaa fi hamaa irra geessee jiraachuu kan mirkaneessu ragaa fi dhugaa danuutu jira. Qabsoon Oromiyaa keessatti godhamaa turte haala amma jirtu irra dhaabbannee yoo laalle ammoo qabsoo bifa lamaatu jira. Lamaaniis qabsoo Qeerroo fi qabsoo OPDOti. Qabsoon bifa lamaan jirtu kun ammoo gubbaarra yoo laallu akka waan walitti dabalamtee, akka waan qabsoon takka taate fakkaatti. Gariin namaa akka waan qabsoon Oromoo Opdo jalatti galtee, akka waan Opdo’n Oromiyaa walaboomsuuf murattee wayyaanee jalaa baatee warri itti fakkaatuus jira. Lammaa Magarsaa fi Dr. Abiy Ahmed faan humna waraanaa jaaranii Oromiyaa walaboomsuuf kan qabsotti seenan namni itti fakkaatuus jira. Garuu ammoo tumsa dabalatte malee qabsoon takka hin taane, takkaas hin taatu. Kaayyoon qabsoo Oromoo tan ummanni Oromoo bal’aan dur irraa itti cichee, gootoonni danuuniis itti kufee qaanqee qabsoo dabarsaa asiin ga’an san galmaan ga’uuf gannoota sadiif afran dabran kana kaka’uumsa fi gaggeessummaa qeerroo Oromootiin godhamaa turtee fi godhamaa jirtu, fuula duraas hanga goolabbiitti kan itti fuftuu dha. Qabsoon Oromoo ammallee kaayyoo guddaa fi if danda’aa kanuma ganamaa san qabdi. Kaayyoon kuniis walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromooti. Kaayyoon kun kan kaayame arraa miti. Akeekni qabsoo amma godhamaa jirtuutiis kanuma tahee warraaqsi itti aanu bifa haareyaan kan itti fufu taha. Warraaqsi itti aanu kun ammoo bifa kamiin taha kan ja’u ammaaf bira kunnee sadarkaa qabsoon amma irra jirtu irratti xiyyeeffanna.

– Qabsoon Oromoo Eessaa Kaatee Eessaa geessee jirti?

Qabsoon Oromoo gaafa Oromiyaan koloneeffatamte irraa jalqabdee takkaa shilimsitee hin beektu. Haa tahuu garuu waggoota 20’moota dabran kana rafuullee baattu qabsoon Oromoo sababoota adda addaatiin muugdee turte. Qabsoo Oromoo kan muuysise ammoo gaggeessitootni dhaaboota qabsoo rafuu isaanii qofaan kan uumame osoo hin taane, ummanni Oromoos qalbii alatti ergee akka waan bilisummaa fi walabummaan inni barbaadu biyya alaatii fe’amtee dhuftuufitti ijaan gama biyya alaa eegaa ture. Haa tahuu garuu waggoota afran dabre kana bifa haareyaan warraaqsi Oromoo jalqabe arra sadarkaa kana irra gahee jira. Jalqabni warraaqsa qabsoo Oromoo haareyni bara 2014 sababa azmaariin warra habashaa Teedii Afroo ja’amu koonsartii muziiqaa isaa mata duree ‘lolli Minilik lola eebbifamaa dha’ ja’uun qopheesse mormuun qaanqeen warraaqsaa qabsiifamte. Mormii san keessatti Oromoon humnaa fi gamtaa isaa hubatee, qabsoo haareyaaf if qopheessuuf waalideeyfate. Osoo ummanni Oromoo aara hin qabbanneefatin bara 2015 dubbiin shira saaminsa lafa Oromoo maqaa ‘Master plan’ ja’uun dhufe daran Oromoo aarsee diddaa fi warraaqsi bifa addaatiin jalqabsiise. Wayta kanatti warraaqsi harka caalatti barattoota manneen barnootaa ol aanoon kan finiinaa ture yoo tahu dhawaataan qaamoota biraas ofitti dabalaa deeme.

Bara 2016 barattoota sadarkaa ol aanaa qofa osoo hin taane manneen barnootaa sadarkaa hundatti qabsiifamee, araddootaa fi ganda baadiyyaa hunda keessa labee wajiijamuu itti fufe. Hagayya 6, 2016 hiriirri guddaan guutuu Oromiyaatti gaggeeffame. Hagayya 6, Guyyaa dhagaan bu’ura ijaarsa gamtummaa fi tokkummaa Oromoo itti kaayame turee dha. Tokkummaa fi gamtaan Oromoo kan itti mul’ate yoo tahu tokkummaa arra OPDO’n akka waan ifiif fiddeetti lallabdu kun Hagayya 6, 2016 bu’ura isaa guutuu Oromiyaatti kan ummanni Oromoo akka sabaatti mirkaneessinee dha. Warraaqsi Oromoo bifa kanaan itti fufee duguugiinsa sanyii irreecha irratti gaggeeffame booda bifa haareya qabatee gulantaa itti aanutti cehe. San booda duula lagannaa gabaa, duula manaa bahuu dhiisuu, duula diddaa kafaltii gibiraa.fi kkf tooftaa hedduu dabree deeme. Warraaqsi qabsoo Oromoo hanga deemu kana mara miseensoota dabalachaa deemti. Haaluma saniin wayta ammaa kana miseensoota ol aanoo Opdo sadarkaa jechaa fi haasawaatti ofitti dabaluu dandeessee jirti. Gochaan ammoo Opdo’n gonkuma kaayyoo Oromoo san galmaan gahuu danda’an ja’ee kan yaadu yoo jiraate abjuu keenyaa dammaquu qaba. Wayta ammaa qabsoon Oromoo sadarkaa gulantaa xumuraa irra geessee jiraachuu kan mul’isan mallattoon mul’isu danuu dha. Warraaqsi walabummaa oromiyaa kan fincila xiqqaa irraa ka’e tooftaa tarsiimoo of dandeesseen sadarkaa aanga’oota Oromoo diinaaf hojjatan ofitti makuu geessee jirti. Kana booda hoo? Poolisii Oromiyaa fi Miseensoonni gariin akkamittii fi tooftaa kamiin qabsotti dabalaman? Miseensoonni Opdo ol aanoon maaliif qabsoo Oromoo haqa tahuu dubbatan? Qabsoon Oromoo garam deemaa jirti? Kana booda qabsoo Oromootiif tarsiimoo kamiitu barbaachisa? gaafiilee ja’uu fi dhimmoota biraas barruu kutaalee itti aanu keessatti eeggadhaa.

Qabsoon tarsiimoo sirriitiin as geesse ammaas otti fufti!”

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Sadaasa, 2017

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!!Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Addi Bilisummaa Oromoo ni jiras hin jirus!

******************************************************************** Hub: Osoo dubbiftee hin fixin hin mufatin! Akka jiruuf- ana, sih fi onnee uummata …

Yaada kanaaf deebisaa kenni