Oduu Haaraya

QABSOON MAARAATOONIIDHA!! (dheeeerraaadha suuta dubbisaa)

================================
Jawar Mohammed
Torban dabre wal fakeenya qabsoo keenyaafi fiigicha maaraatoonii jidduu jiru ibsuudhaaf barruu gabaabduu takka feesbuukii gubbaatti maxxanseen ture. Akkuma beekkamu Fiigichi Maaraatoonii dorgommii kiloomeetira 42ti. Kiilomeetira 41n duraa san kufnee, kaanee, isa nu dura jiru dhaqqabnee fiigicha itti fufuu dandeenya. Akkuma Atleetin teenya Tiikii Galaanaa bara dabre goote sana jechuudha. Dheebonnu karaarraa gorree, bishaan fudhannee, bayyanannee humna horannee fiigicha keenya itti fufna. Kiilomeetira dhumaa keessatti garuu kufnee dogongora xiqqaa tokko raawwannaan moo’atamuu dandeenya. Fakkeenyaaf atileetonni tokko tokko yeroo sarara xumuratti dhihaatan gammachuun of dagatanii yeroo burraaqanitti kan itti dhiyaatee duubaan jiru sirriitti fiigee isaan moo’achuudhaan badhaasa isaan kiilomeetira 42 guutu itti xaaran yeroo dhabsiisu agarra.

Qabsoo Oromoo waggoota shantamaaf godhamaa jirtu keessattis sodaan kiyya guddaan, erga aarsaa hedduu kanfallee sadarkaa ol’aanaa amma irra jiru kanaan geenyee booda gantantarree akka of jalaa hin balleessineefi. Waggoota dheeraa dabran injifannoo gurguddaa argannee jirra. Dogongora hamaas hojjannee turre. Garuu yeroo qabaachaa waan turreef qabsoon dandamattee karaatti deebi’aa as geenye. Waggoota afran dabre kana ammoo saffisa dabaluun goolabbiitti dhihaachaa jirti. Adaduma sarara goolabbiitti dhihaachaa deemnuun tarkaanfiin fudhannu cufti kan nu gatantarsiisan akka hin taane of eeggannoo cimaa godhuu qabna.
Hiriira mormii tibbana godhamaa jiru kanas haaluma kanaan ilaaluun barbaachisaadha. Ummanni maalif hiriira bahaa jira jennee yoo gaafanne deebiin isaa baay’ee salphaa akka ta’e ifa gala. Sababiileen guddaan haalli Oromoofi Oromiyaa ammaa fincilaaf bilchaataa ( ripen condition)

– Uummanni keenna osoo hin jaalatin Wayyaanee waggoota 26f baadhatee dugdi isaa waan madaayeef;
– Madaan ajjeechaa baroota dabranii ammas kan hin qoorin waan ta’eefi tuqaan xinnoon ishee miira isaa waan kakaasuf;

– Hidhamuunifi salphifamuun hoggantoota isaa baay’ee waan isa gaddisiisuf/ isa aarsuf;
– Daangaan isaa shira diinaan qindaayeen sarbamee obboleewwan isaa eddoofi lafa jireenyaa biyya teenya jedhanii keessa jiraataa turan irraa buqqa’uun isaanii baay’ee waan isa madeessef;

– Injifannooleen gurguddoon waggoota dabran galmaahan abdii ol’aanaa ta’e waan itti horeef; ( confidence)
– Hoggansi qalbii isanii hubatuufi dhugaa isaanii dubbatu gama aangoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhufuun onneefi ofitti amanamummaa waan itti horeef; ( euphoric hope)

– Poolisiin Oromiyaa Uummata isaatiif aantummaa agarsiisuuniifi fedhii uummataatiin masakamee hiriira dhowwuu dhabuun uummatichi hamma poolisiin Oromiyaa bira jirutti miidhaan akka irra hin geenye/ irra gahus baay’ee xiqqaa akka ta’u waan amaneef/ waan tilmaamef; ( low risk anticipation)
Dimshaashatti uummatni keenya bifa yeroo kamiinuu adda ta’een sirriiti bilchaatee jira. Bilchini kun qabsaa’ota Oromoof abdiifi humna guddaa kan kenne yommuu ta’u diinatti ammoo naasuufi sodaa hamaa uume jira. Bilchinniifii kaka’umsi uummataa armaan olitti tarreessine kun akkanumaan lafatti kan dhufe osoo hin ta’in hojii ol’aanaa aarsaan guddaan itti baheen kan dhugoomeedha. Kanneen tokko tokkoon yoo ilaalle;

– Dadammaqiinsa sabboonummaa ( nationalist concisouness) kana uumuuf waggoota shantammaan dabre hayyoonni, barreessitoonnifii qindeessitoonni kumaatamaan lakkaawwaman humnaafi lubbuu isaanii itti wareeganiit takka takkaan jaaran ( it was built brick by brick);

– Dhaaba waggoota dheeraadhaaf meeshaa diinaa ta’ee diinni uummata keenya ittiin cunqursu, saamufi ajjeesuuf ijaarate keessatti hoggansi sabboonummaafi aantummaa sabaa qabu aangoo kan dhuunfate akka hireettii miti. Kuni kan dhugoomuu danda’eef tariismoodhaan irratti dalagamee, aarsaan guddaan amma himamuu hin barbaachifne itti kafalameeti.

– Poolisiin Oromiyaa aangoo alagaa eegsisuuf ummata keenya fixaa ture, har’a ajaja diinaa didee namootuma seera cabsaniiyyuu qawwee lafa kaayee kan kadhaataa jiruuf waggaa takka keessatti raajiin (miracle) kun lafatti dhufe seetanii? Lakki! Jijjiiramni kun kan laayyotti dhufe osoo hin ta’in, kan hojiin guddaan irratti hojjatameefi namootni muraasni aarsaadhaaf of qopheessanii dirqama kana fudhatanii jijjirama fiduudhaaf raawwachiisaa jiraniidha.
Kanaafu jijiirama gurguddaa xumura qabsoo keenyaatiif baay’ee barbaachisaa ta’an kana of eeggannoon itti fayyadamuun murteessaadha. Diinni ammoo humna fiigicha meetiroota dhumaatiif kuufanne kana waan arguuf akka qisaasnu gochuun of duuba nu deebisuu barbaada. Akeekni isaanii qaamota qabsoo kana finiinsaa jiran sadiin asii gadii kanneen qaamaafi ololaanis kuffisuudha.

A. QEERROO OROMOO – Humni dargaggoota Oromoo kun waggota dabran keessatti tarsiimoodhaan diina caalee siyaasaa biyyattii kallattii isaa jijjiireera. Kanaafuu firaafi alagaa fagoofi dhihoo birattis humna kabajamuufi sodaatamu ta’ee jira. Akkuma baatilee dabran kana keessa muldhatetti ajaja jeneraalota biyya saniitrra kan Qeerrotu ummataan kabajamaa jira. Qeerroon Oromoo mootummaan biyya bulchaa jira ofiin jedhu ija ummataatin xiqqaatee ( undermined) akka tuffatamu godheera. Mootummaan tokko qaama biraatin wal bira qabamee tuffatamnaan mataa namaa keessatti kufuu isaa kan agarsiisudha. Achirraa qaamaan kufuuf yeroo gabaabaa qofa gaafata.
Diinni kufaatii ol’aanaa kallattii kanaan irra gahaa jiru kana jalaa bahuuf ilaacha ummanni Qeerroof qabu jijjiruu akka qabu sirriitti beeka. Sababa kanaaf Qeerroon kan tarsiimoon masakamu osoo hin taane kan miiraan machaaye fiigu fakkeessee dhiyeessuu barbaada. Humna tokkummaa qabu osoo hin taane kanuma faffaca’ee fincilu godhees agarsiisuun akeeka isaati. Humna kaayyoo biyya ijaaruu qabu osoo hin taane walitti qaba daa’immaniifi kashalabbee biyya jeequdhaaf machoofte akka taatetti mataa ummataa keessatti uumuu fedha. Kana ammoo ololaan yaalanii waan dadhabaniif luuxxee seentotaafi lukkeeleedhaan ( infiltrators and agent saboteurs) fayyadamuun Qeerroo fakkaatanii hojii tarsiimoo hin qabneefi ummata nuffifisiisu fayyadamuutti cehaa jiru. Harargeetti yeroo uggura jimaa Qeerroo fakkaatanii daldalatoota saamaa turan, haadholii waa gurguratan boochisaa turan. Hiriirota godhaman keessatti ummata gara kaambii waraanaatti oofuu dabalatee shira gaaga’ama guddaa fiduu danda’u garagaraa kan yaalan ta’us yaaliin isaanii kuni tattaaffii manguddootaafi poolisiin hanga ammaa qindoominaan godhaniin fashalaa’uu danda’e. Gara fuulduraatis shira kana daran cimsanii akka itti fufan shakkiin hin jiru.

B. POOLISII OROMIYAA – kasaaraa Wayyaaneerra barana gahe keessaa inni ol’aanaan poolisiin Oromiyaa ummatarra goruu isaati. Poolisiin Oromiyaa uummata isaatiif qabatamaan aantummaa agarsiisiisuu isaa bira darbee saamicha jeneraalonni Wayyaanee godhaa jiran bakka heddutti harkatti qabuudhaan gufuu itti ta’eera. Weerara jeneraalonni kun Abdi Ilee duubaan taa’anii godhanis ummata waliin ta’uun kan fashalse poolisii Oromiyaati. Qaama mootummaa kamuu keessatti caasaan hidhateefi hojii nageenyaa keessatti gahee guddaa qabu qajeelfamaafi akeeka mootummaa sanii hojiitti hiikuu diduun isaa sirni suni jiguuf kalaawuu isaa kan agarsiisudha. Akkuma amma dura jenne mootummaan utubaalee aangootin (pillars of power) deeggaramee jiraata. Utubaalee san keessaa tokkoofi jabaan qaama poolisiiti. Poolisiin gara ummataa gore jechuun utubaan tokko sirnicha jalaa baheem sirnichis kufuuf garaasitti jallate jechuudha.

Wayyaaneen aantummaa akkanaa kana yoomiyuu hin fudhattu. Kanaafuu haala kana jijjiirudhaaf mala barbaaduun ishii hin oolu. Kanaaf filannoo lama qabdi. Kan duraa humnaan micciirtee poolisiin sodaatee akka ajajamuuf gochuudha. Kan gochuuf garuu sababa ishii barbaachisa. Poolisiin Oromiyaa nama ajjeesuu waan dhaabaniif inni jedhu sababa gahaa isaaniif hin ta’u. Kanaafuu gara filannoo lammataa deemuuf dirqamu. Kunis yeroo hiriiraa, walgahiifi bakka poolisiifi ummanni walitti dhufanitti jeequmsa kaasuun Uummataafi Poolisii walitti buusuudha. Walitti bu’iinsi kun waa lamaaf kaarra saaqa. Kan duraa aantummaan poolisiin ummataaf qabu kun sababa jeequmsaatiin gara diinummaa duraaniitti akka deebi’u godha. San qofaa miti. Yoo danda’an Oromiyaa guututti jeequmsa uumuudhaan, poolisiin Oromiyaa naannicha keessatti heeraafi seera eegsisuu dadhabeera jechuudhaan kallattiidhaan hoggansi poolisii Oromiyaa ajaja federaalaa jalatti akka galu godhuu barbaadu. Kana gochuuf ammoo labsiin mootummaa federaalaa lakk. 359/2003 jedhamu kan federaalli akka aangoo naannoo irraa fudhatu hayyamuuf baafatanii lafaa qabu. Halli Oromiyaa keessaa karooraan maletti boorayee ajajoonni poolisii Oromiyaa bakkaa kaafaamanii poolisiifi milishaan Oromiyaa kallattiidhaan federaalaan ajajamuu jechuun immoo kasaaraa hamaa qabsoo teenya waggoota hedduun of duuba deebisu yommuu ta’u Wayyaaneef ammoo lootorii lubbuu ishii gaggabde tana baraarsuudha.

C. HOGGANSA MNO- Bu’aa warraaqsa waggoota sadan dabranii keessaa tokko DHDUO keessa warri sabboonummaa, beekkumsaafi murannoonis irra wayyaa qaban gara aangotti dhufuudha. Jarri kun gara aangotti dhufuun gaafii Oromoo deebisee saba keenya kan aangesse ta’uu baatus qabsoo bilisummaa Oromootiif faaydaa guddaa akka qabu jijjiramoota mul’ataa jiran irraa hubachuun ni danda’ama. Jijjirama gama poolisiitiin dhufe armaan olitti kaaseen jira.

Miidiyaan kaleessa saba Oromootin dhiphoota, shoorarkeessitoota jechaa ture har’a ejjannoo sabboontotaa dhiheessuu eegalee jira. Misooma kijibaa dhiisee dhugaa ummataa dhiheessuu eegalee jira. Daangaa Oromiyaa gurgurachuun hafee tiiksutti seenamee jira. Qabeenya Oromiyaa irratti abbaan Oromoo ta’uu akka qabu qondaalota dubbatantu as bahe. Hojii xixiqqaas taatu wanti eegalan waan gaaridha. Warri amma aangoo irra jiran warra akka kanaan dura federaala ( Wayyaanee) bakka bu’ee Oromiyaa saamsisan osoo hin ta’in wa warra mirgaafi dantaa naannichaa falman akka ta’an dubbataa jiru

Shira wayyaaneen xaxxuu fshalsuuf falmaa kana keessattis aangoo federaalaa ifatti gadi dhiisuu mormii eegalanii jiran. Hoggana waan sabni barbaadu hojjachuuf aangoofi humna qabu ta’uu baatus kan hawwiifi fedhii ummataa dhaggeeffatee dubbatutu as bahe. Waliigalatti dhaabni Wayyaaneen Oromiyaa al-kallattiidhaan ittiin bulchuudhaaf ijaarattee turte gara mooraa qabsoo Oromootti saffisaan as siqaa jiraachuun kun saba keenyaaf hiree guddaa yoo ta’u Wayyaaneef immoo baay’ee sodaachisaadha. Kana jijjiruuf saffisaan socho’aa jirti. Akka duritti akka feetetti kan jibbite aangoo irra kaaftee kittillayyoo biroo aangoo irraa baasuu akka hin dandeenye waan beektuuf sababa uummachuu qabdi. Shirri gara naannoo Soomaleetin gooteyaa li duraati. Garuu fashalee jira. Shirri itti aanu Oromiyaa jeequmsa guddaa keessa galchitee keewwata armaan olitti tuqne sanitti fayyadamuun bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waraana biyyattii jala oolchuudha. Hogganoota Oromiyaatiin warra nageenya naannichaa eeguu dadhaban/didan ( unwilling and unable to protect the constitutional order), kanneen shoorarkeessitoota waliin hidhata qaban taappeellaa jedhu itti maxxansanii rukutuudha. Gara kanatti akka deemaa jiran immoo nama qalbiin xiyyeeffate hundaaf ifa natti fakkaata.

Qeerroo, Poolisii Oromiyaa fi hogganoota MNO waliin dhahuun maqaafi qaamaan balleessuun ( Physical and political elimination) akeeka yeroo ammaa Wayyaaneen lubbuu ofii ittiin baraaruuf lafa kaayyattee ittiin socho’aa jirtuudha. Akeekni ishii kun galma kan ga’u yoo qaamonni sadeen kunneen karooraafi tarsiimoo itti yaadamee qophaayeen masakamuu dhabanii diinaaf qaawwa bananiidha. Mootummoonni abbaa irree yeroo warraaqsi uummataa isaan kuffisuuf ka’u tooftaalee farra warraaqsaa ( counter revolution strategies) fayyadamu. Farra Warraaqsaa (Counter revolution) hoggaa jennu warraaqsi tokko yennaa sirna abbaa irree kuffisuuf dhiyaatetti warraaqsi suni sakaallamee ykn butamee akka of duuba deebi’u ykn ammoo abbaan irree sun erguma kufeeyyuu humnoonni warraaqsaa aangoo dhuunfatanii turuu dadhabuu isaanitiin sirni kufe sun ykn qaamni sirna sanaa ( fkn waraanni) deebi’ee aangoo qabachuu yeroo danda’eedha. Dhiheenyuma kana yoo fudhanne Waraanni biyya Masrii (Egypt) kan biyyattii waggoota 60 oliif bitaa ture warraaqsa Arabootaa (Arab Spring) bara 2011 saniin erga kufee booda, warruma warraaqsa san qabsiise jijjirama fide san walitti buusuudhaan deebi’ee aangoo qabatee ture.( dhimma counter revolution kanarratti guyyota itti aanani bal’inaan isiniin gahuun yaala).

Walumaagalatti akkuman baniinsa barruu kanaa irratti ibsetti kiiloomeetiriin takkittiin dhuma fiigicha maaraatoonii sun abshaalummaa, tasgabbii fi of eeggannoo cimaan socho’uu gaafatti. Yeroo gabaabduu hafte sana obsaan goolabuun osoo danda’amuu jarjara hin barbaachisne keessa galuun kufaatii hamaa ta’e fiduu malti. Osoo karaan hin dhumin dhumni isaa dhiyaatee waan nutti muldhate qofaaf gammachuudhaan of wallaaluunis of dagachuu fiddi. Kanaafuu akkuma atileetotni keenya yeroo irraa gara yerootti hamma injifatanitti miiraafi of eeggannoo cimaadhaan fiiganii moo’atanii nutti agarsiisan sanatti nutis karaa gabaabduu nu hafte tana tarsiimoo lafa kaayamee hanga ammaa bu’aa buuse irraa osoo hin maqin, tasgabbiifi waldhaggeeffachuun adeemuun baay’ee murteessaa akka ta’e hubachuu qabnan jedha.
Har’aaf kanuma
Isinitti dheeressee dhiifama
Dhugaa qabna
Tokkummaan qabsoofna
Tarsiimoon masakamna
Ni injifanna!!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!!Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

OMN: Gaafiif Deebii Perez. Oromiyaa Duraanii Obbo Juneeydii Saaddoo waliin

    Prezidaantiin Oromiyaa Duraanii, Obboo Juuneddii Saadoo Maal Jedhu? WASHINGTON, DC (VOA Afaan Oromoo) …

Yaada kanaaf deebisaa kenni