Oduu Haaraya

Qabsoon keenya Amma Walabummaa Oromiyaa, Amma Bilisummaa Oromootti!

 

 

Baarentuu Gadaa Irraa//

Bubbeen siyaasa kijibaa impaayeera itiyooophiyaarraa asiif achiin bubbiseef  qabsaawaan, sabboonaan kaayyoo isaa kan ganamaa,qabsoo mirga abbaa biyyummaa Oromoo dhugoomsuuf, bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf  gaggeessaa jirurraa duubatti jedhu hin jiru. Eeyyee holola diinaatiin namuu hin seesu. Hin burjaaja’usi. Uummanni Oromoo holola fakkeessii diinni qindeessee maqaa isaatiin afarsaa jiruunis mirgi koo kabajame, bilisoome jedhee  sirba gammachuutin lafa qaaccessu hin jiru. Yoo jiraate diraamaan diinni  waggoota 27n darbaniif  dalagaa ture kan isaaf hin gallee dha.

Wayyaaneen waggoota 27n darbaniif  gaafiin mirga abbaa biyyummaa Oromoo akka hin dhugoomne hanqisuuf, walabummaan Oromiyaa fi bilisummaan ummata Oromoo akka hin milkoofne karaatti kutuuf carraaqaa turte.  Wayyaanen hidhaa, dararaa fi ajjeechaa dabalatee hololli Oromoo irratti hin gaggeessiin hin turre.  Oromoon irree tokkoon akka inni mirga abbaa biyyumma, bilisummaa isaaf hin kaane, yoo ka’ees cichee  akka itti hin fufne shira hedduu raawwachaa ture. Haa ta’uutii guyyaan guyyaa caalaa, barris bara keessaa akkuma jedhamu san Oromoon akka diinni yaade dhiisee walfaana ka’uun, cichee loluun injifannoolee har’a wayyaanee dhiphisaa jiru kana argamsiisuu danda’eera. Qabsoon bilisummaa Oromoo ABOn durfamu kaayyoo eegaleef, walabummaa Oromiyaa bilisummaa Oromoo dhugoomsuuf itti dhihaateera. Mootummaa gabroonfataa TPLF /EPRDF dhiibee kufaatii jalaan gaheera. Xumurri sirnichaa dhihaachuu mallattooleen har’a Impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiran mirkaneessaa jiru.

Roga kamiinuu hoo deemame, alaa manatti Oromoon har’a galiin qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuu maal akka ta’e ni beeka. Beeku qofas osoo hin taane akka galma gahuuf  waan danda’u hunda gumaachaa jira. Daa’ima  sd. 1ffaa barattuurraa kaasee amma hayyoota yunvarsitoota adda addaatti baranii fi barsiisaniitti, kan  Oromoon  qabsaawuuf mirga abbaa biyyummaa, walabummaa fi bilisummaa ofii dhugoonfachuuf  ta’uu beeku. Kana dhugoomsufis qabsoo, FXG gaggeeffamaa turee fi jiru keessattis kan hirmaachaa jiran,  gootonni hirmaatanii wareegama adda addaa kaffalan danuudha.  Kun amma Oromoon mirga abbaa biyyummaa isaa  gonfatutti hin dhaabbatu. Halli amma Oromiyaa keessa jirus kanaaf ragaadha.

Wayyaaneen hidhaa, ajjeechaa fi dararaa waggoota 27n darbaniif Oromoo irratti gaggeessaa turteen uummata Oromoo jilbiifachiiftee jiraachuuf yaaltee jirti. Garuu hin milkoofneefi. Uummanni Oromoo  addatti qabsaawonni qeerroon ilmaan isaa guyyaarraa guyyaatti heddummaachaa, jabaachaa fi cichitoota ta’uun dura dhaabbataa turaniiru. Ittis jiru. Kan ulee diinaaf hin jilbeenfanne, hololaaf gurra hin kennine ta’aa dhufan. Qawwee Wayyaanee duras dhaabbatanii daawoon, daawoon wayyaanee!, Wayyaaneen nurraa haa butu, haa kuftu jechaa jiru. Amma Wayyaaneen buqqaatuttis qabsoon, FXGn kan duubatti hin deebine ta’uun amma dinaafis firaafis mirkana.

Torban tokko dura Murni gabroonfattuun TPLF/EPRDF miseesnsa dhaaba bixxiltee ergachaa turte miseensota OPDO keessaa kan  Dr. Abiyyi Ahimad jedhamu maqaa Oromootiin hogganaa EPRDF godhu kan quba hin qabne hin jiru. Ebila 2 bara 2018 ammoo paarlaamaa fakkeessii ergamtoota isiitiin guutametti dhiheessitee, ergamaa kana ergama biraaf ministeera muummee fakkeessii gootee muddee jirti.

Wayyaaneen muudama ergamaa kana boodas angoon karaa nagahaa tokkorraa tokkootti  cehe jettee hololaan lafa dirrisiisaa turte.  Jabummaa, hayyummaa, nama jijjiramaa ta’uu Abiyyi Ahimadis tuultee  karaa midiyaa ishii holola baayyee gaggeessaa jirti. Kanneen sirba baasanii abbaa jijjiramaa ta’uu nama kanaa dhaadhessanis jiru.  kun hunduu garuu soba, holola sobaatii. Aangoon  jijjirame hin jiru, Abiyyi Ahimad bakka Hayilamaariiyaam Dassaalanyi buufame, ykn wayyaaneen   qabsoo FXG Oromootiin dhiphatte H/Dassaalanyi bakkaa kaaftee Abiyyi ykn Abiyoot Ahimadiin  bakka buufte malee  jijjiramni dhufe hin jiru,  kunis kan ta’eef dhiphuu qabsoon Oromoo itti bulcheen malee fedhiin ykn jaalataniiti miti.

Filannoon gaggeeffames  akkasuma hin ture. Abiyyi ykn Abiyootiif kan kenname muudama.  Oromoo nurraa qabbaneessi  muudama jedhuudha.  Dhugaan turee fi jiru kana.  Dhugaan kana ta’ee osoo jiruu ergamtoonnii fi garaaf bultoonni  garuu waan galii qabsoo Oromoo hin beekneef akka waan Oromoon OPDO keessaa nama tokko ministeera muumee naaf godhaa jedhee qabsaawaa, dhiiga isaa dhangalaasaa tureetti muudamuu Abiyyi Ahimaditti lafa qaaccessu. Kan baayyee nama ajaa’ibu ammoo ergamtoonnii fi garaaf bultoonni biyya keessaa fi alaa lafa nagahaatti lafa qaacceessan kun ofii of-gowwoomsanii fi burjaaja’anii nama biraas burjaajeessuuf yaaluu isaani ti. Akka isaan yaadanitti akka inni kuniis yaadu kufaa ka’aa jiraachuu isaanii ti. Ergamtoonni kun holola Abiyyi rakkoo uummata Oromoo furuuf dhufe, mirga Oromoo kabachiisuuf dhufe jechuun waan hin fakaanne nama qabsiisuuf tattaafatu. Garuu hin milkoofnefi,  holola dharaa kanaan yomiyuu hin milkaawanis.

Fakkeessitoonnii fi ergamtoonni garaa malee mataa hin qabne kun  Oromoon akka  isaan caalaa Abiyyiin beeku quba hin qabani. Abiyyi Ahimad guddisa  wayyaanee ta’uu Oromoon har’a osoo hin taane waggoota danuu dura beeka. Muudamni isaas Oromoof dhimmamamee osoo hin taane akka mootummaa Wayyaanee /EPRDF tajaajiluuf, qabsoo uummata Oromoo yoo danda’e dhaamsee yoo dadhabe qabbaneessee  sirnichaaf bara bittaa fi saamichaa dheereessuuf akka ta’e beekamaa dha.  Warri burjaaja’anii nama biraas burjaajessuuf yaalan garuu  garaan isaanii waan mataa isaanii injifateef kana quba hin qabani.

Muudamni Abiyyi Ahimad diraamaadha, Wayyaaneen diraamaa  bu’aa hin qabne hojjechaa jirti, diraamaan kun gongumaa  humrii isii hin dheeressu.  Oromoon Abiyyis  ta’ee Oromoon biraa sirna Wayyaanee /EPRDF jalatti  yoo muudame  akka jijjirama wayiituu hin finne ni beeka. Gaafiin mirga abbaa biyyummaa Oromoo  TPLF EPRDF jalatti deebi’uu hin danda’u. Mirga abbaa biyyummaa mitii sirna wayyaanee jalatti gaafiin bulchiinsa gaariituu akka hin deebi’iin waggoonni 27 bara bittaa wayyaanee kan amma mummicha ministeeraa Itiyoophiyaa ta’e koloneela waraanaa, ministeera waajjiroota adda addaa itti ta’ee keessatti taajijilaa ture  darban ragaa bahaniiru.

Har’a uummanni Oromoo baddaa gammoojjitti, baadiyyaa magaalaatti  haala Wayyaaneen itti jirtu quba qaba. Kan tarii faajja’e yoo jiraate  ammoo sirna Wayyaanee/EPRDf keessatti ergamtoota akka miseesnoota  OPDO  warra waggoota 27 amantummaan wayyaaneef tajaajilaa turanii miti osoo ministeerri muummee dhaabooleedhuma mormitootaa jedhamanii fi karaa nagahaa ni qabsoofna jedhanii waggoota 27n darbaniif  hidhamaa fi gadi dhiifamaa biyya san keessa socho’aa turan keessaawuu aangoon ministeera muumee kun kennamee amma wayyaaneen biyya sanaa  hundeen hin buqqayinitti jijjiramni dhufu hin jiru. Kan jijjiramni dhugaa dhufu  awwaala wayyaanee qofa irratti, gaafa wayyaaneen aangorraa kaatee ummattoonni biyyatti keessumaa Oromoon gatii dhiiga isaa mirga abbaa biyyummaa dhugoonfate qofa.  Kan ABOn/WBOn/qeerroon Oromoo walumaa galatti kan uummanni Oromoo qabsaawaa turee fi jiruufis kanumaafii.  Amma kun  dhugoomutti ammoo holola fakkeessii gaggeeffamuun Oromoon sobamu hin jiru. Jiraachus hin qabu. Diinni maqaa Oromootin  ergamtoota isaaf aangoo hireef gammachuun lafa qaacceessuuniis ofuma taajjabsiisuu yoo ta’e malee bu’aa hin qabu. Kan ta’uu qabu  holola fakkeessii kanaaf osoo gurra hin kennin qabsoo eegalame, FXG bakkayyattuu finiinsanii itti fufuu dha. Qabsoon keenya Amma Walabummaa Oromiyaa, Amma Bilisummaa Oromootti waan ta’eefi!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …