Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo(QBO) Seenaa Qabsoo Bilisummaa Kosovo (QBK) irraa Maal Barachuu danda’aa?

 (By SochiiWalabummaa Oromiyaa)

“The United States has today formally recognized Kosovo as a sovereign and independent state. We congratulate the people of Kosovo on this historic occasion … In light of the conflicts of the 1990s, independence is the only viable option to promote stability in the region.” (U.S. Secretary of State Condoleezza Rice, Washington DC, Feb. 18, 2008)

Seenaa fi haalli qabsoon isaanii keessatti geggeeffamu addaddummaa ha qabaatu malee, QnBO kan QBK irraa baratuu danda’u: (a) Ummatin waan fedhu beekee, Ija jabaatee, irree horatee, kutannoon mirga isaa falamate gargaarsa addunyaa akka horatu; (b) Kaayyoo bilisummaa bakkaan gahuuf “qabsoo nagaa” qofaan akka hin geenya fi qabsoon hidhannoo akka filmaata biraa hin qabnne; (c) Yeroo gabaabaa keessatti waraana ijaarachuu fi injifachuun akka danda’amu.

Daangaan Kosovo, akka har’a beekkamutti kan sararame, dhuma Lola Addunyaa 2ffaa booda, yeroo Soshaalist Republic of Yugoslavia keessatti mirga ofiin of-bulchuu gonfatte ture. Bara 1989 keessa, mootummaan Serbia, heera haaraa tumuun, mirga Kosovon ofiin of-bulchuuf qabddu irraa mulqe. Ummatin Kosovos, bara 1991 keessa, ‘referendum’ godhachuun, fedhii Serbian alatti, walabummaa Kosovo labse.

Biyya walaba labsachuu isaanii sababfachuun, Serbian, 1990moota keessa, cunqursa fi roorroo  hedduu ummata Kosovo iraan geesse. Ummata Kosovo kumaatamaan lakkaawwaman ajjeessitte;  800,000 kan ta’an lafa fi mana isaanii irraa buqqisite. Ummatin Kosovo garuu cunqursa fi rorroo isa irra gahaa tureen mo’amuun mootummaa Serbia tii haarka kennuu gonkumaa ni dide; kutannoo fi jabina caalaan fincila isaa finiinse.

Waraana Bilisummaa Kosovo (WBK) ijaaruun kan jalqabame bara 1993 keessa ture. Waraanichi kan tarkaanfii isa duraa fidhate bare 1996 keessa ture. Yeroo sanitti, lakkoobisi miseensota isa nama 150 qofaa ha turu malee Pristina, Vucitrn, Kosovska Mitrovica, Pec, Suva Reka, fi Piodujevo keessatti tarkaanfii laalessaa addaddaa diina isaa irratti fudhachaa ture. Tarkaanfiin WBK kan irratti xiyyeeffates buufata polisii warra Serbia, buufata raayyaa waraana mootummaa fi gantoota fi basaasttota dhalootaan Kosovar ta’an irratti ture. Tarkaanfiin WBK diina irratti fudhatu, akka ‘civilians’ hin gaagaane of-eegganno guddaan sosso’u turan.

 

Bara 1997 keessa, WBKn, akka hoogganootin siyaasa Kosovo haasaa nagaa mootummaa Serbia wajjin godhan keessatti murtii mirga ummatin Kosovo mootummaa walaba ijaarrachuuf qabu dabrasee kennu irraa akka qooda hin fudhanne akeekkachiise.  Akeekkachiisin isaan ifatti fira fi diinatti labsan kun tarkaanfii qabatamaa isaan yeroo yerootti fudhachaa turanitti dabalamee kutanno isaan waraana riphee lolaa geggeessuuf qaban xaliila godhee mul’ise.  WBKn siyaasa (geo-politics) addunyaaf ilaaacha gahaa kan kennu fi, osoo kaayyoo isaa hin ganin, toofttaa isaa akka feesisetti kan jijjiiruuf banaa fi dandeettii qabu ture.

 

WBK, dhuma 1997 jala, ijaaramee bara afur (4) keessatti, nannoo Donji Prekaz fi Drenica qabachuun akka diinni acchi gahuu hin dandeenye ittisuu danda’e. Naanno kanattis misensota WBK fi kaadhimaatootaa addaddaa leenjisuu jalqabe. Jalqaba bara 1998 tti, lakkoobsi WBK gara 500 gahe: waggaa lamatuu keessatti, kan bara 1996 keessa 150 ture, harka 3 ol guddate.

 

Addunyaanis ummatin Kosovo mirga isaa kabachiifachuuf hamma du’aatti lolachuuf akka kutate akka gaariitti hubate. Akkuma Oromoon “yoo abbaan iyyate [lolate], ollaan namaaf dirmmata” jedhu, ummatin  Kosovo kutachuu arginaan hawaasin addunyaa (international community) araaraa buusuuf gidduu seene. Serbian nagaa diduu irraan kan ka’e NATO (North Atlantic Treaty Organization) Serbia irratti bombii hedduu roobsuun akka isheen Kosovo irraa harka ishee fudhattu dirqisiise. Serbianis human ishee kan waraanaa fi kan poolisii Kosovo keessaa baaftte. Gumiin Ittisaa kan Mootummoota Gamtoomanii (UN Security Council) Kutanoo (resolution) bara 1999 baseen, hamma haalli Kosovo murtii maayyii argatutti, Kosovon mootummaa cehumsaa (UN Interim Administration Mission in Kosovo (UNMIK)) jedhamu jala galchee Kosovo fi Serbia marissisuu jalqabe. Isaanis walii-galtee irra gahuu hin dandeenye. Yeroo kanatti, Dhaabine Mootummoota Gamtoomee (UN) walabummaa Kosovo deggeree gabaasa galche.

Fulbana 17, 2008, Caffeen Parlaamaa Kosovo walabummaa Kosovo labse. Ergasii as biyyoonni 100 ol ta’an Kosovo akka biyya walabaatti fidhatanii jiru, mootummaa USA dabalatee.

Dhaabonni addunyaa (international organizations) heddunis Kosovof miseensummaa kennan. Bara 2008 keessa, Serbian, dhimma kana irratti ilaalcha Mana Murtii Addunyaa (International Court of Justice (ICJ)) gaafatte. Manni murtii Addunyaas, “Kosovoon walabummaa ishii labsuun seera addunyaa tokkollee hin cabsine” jechuun deebii kenneef.

Ummatin Kosovo fi jaarmonni siyaasa Kosovo waan barbaadan beeku turan: Kosovo Walaba! Ummatin Kosovo mirga isaa falmachuuf “qabsoo nagaa” qofaan akka hin geenya hubate. Yeroo gabaabaa keessatti WBK ijaarrate. WBK harka maratee biyya ambaa keessa hin teenye. Biyya isaa keessatti tarkaanfiilee laalessaa diina isaa irratti fudhachuu eegale. Tarkaanfii isaa kanaan kutannoo mirga isaaf falmachuuf qabu addunyaatti mul’ise. Addunyaas ni dirmateef. Ummata fi biyya isaanii bilisummaa fi walabummaa gonfachiisan.

*Sochii Walabummaa can be reached at sochiiwalabummaa@gmail.com and at  Facebook page SochiiWalabummaa Oromiyaa.

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …