Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) Qeerroodhaan gaggeeffamaa jiru amma booda butamuu hinqabu!!

Berhanu Hundee

Sababa gantootaa fi galtootaatiin ykn/fi dogongora tooftaa fi tarsiimoo hojjetameen, Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) galii hawwame gahuu hin dandeenye. Carraalee hedduutu nu darbanii jiru. Bara 2018 galii keenya gahuuf balbalarra geenyee duubatti deebine. Qabsoon xumura gabrummaa injifannoo biraan nu gahe sun humnoota birootiin butamee, kunoo har’a uummatni Oromoo haala baay’ee badaa ta’e keessa galee, isa kana keessaa bahuuf immoo wareegama guddaa ittikaffalaa jirra; ittikaffaluufis deemna. Kuni maaliif ta’uu danda’e jennee yoo gaafii kaasne, deebiin ani qabu waan ayidoolojii fi abdiin “Itoophiyaa diimookraatessuu” jedhu nu keessaa bahuu dideefi; waan projaktii hin milkoofnerratti yeroo, dandeettii, beekumsa, qabeenya fi humna keenya fixnuufi. Impaayara diigamuu qabdu tana diimookraatessinee, haaraa ijaarra kan jedhu kun maaliif sammuu Oromootaa keessaa bahu dida? 

Injifannoon bara 2018 wareegama ulfaataadhaan argame sun nurraa fudhatamee, har’a kunoo qabsoon bilisummaa hafee, qabsoo jiruu fi jireenya saba Oromoo ta’ee jira. Seenaa biyya Itoophiyaa jedhamtuu tana keessatti, sabni Oromoo akka sabaattis ta’ee akka uummataatti arrabsamee, abaaramee, tuffatamee, salphatee hin beeku yoo jedhame dhara hin ta’u. Yeroo Oromoon abbaabiyyummaa isaa goonfachuuf qabsoo hadhooftuu godhaa as gahetti, Sabboontota, Qabsaa’ota fi Hayyoota keenya kaan ajjeesaa; kaan immoo mana hidhaatti guuraa; kana birallee darbanii siridhaa biyyi keessanii mitii asii deemaa yoo nuun jedhan salphinni kana caalu jiraa? Durriyyee fi warri eenyummaan ishii kan hin beekamne walitti dhuftee, handhuura Oromiyaa magaalaa guddoo teenya Finfinnee keessatti nutti dhaadachuu bira darbanii, magaalaa kana keessaa Oromoon bahu qaba jechuun isaanii nuuf qaanii guddaa dha.

Jeneraal Waaqoo Guutuu, gabrummaa hiddaan buqqifna; yoo dadhabne ijoollee ittiguddifna jedhanii dhaamsa nuuf dhiisanii; kunoo dhalootni gabrummaa hiddaan buqqisu yeroo uumaman keessatti, Nafxanyootni bara 1991 awwaalaman sun har’a bool’a keessaa ol jedhanii; humna isaanii cimsuudhaan, sanyii Oromoo lafarraa duguuguuf murteeffatanii jiru. Waan murteeffatan sana hojiidhaan agarsiisaas jiru. Filannoon amma uummatni Oromoo qabu yookaan diinota kana yeroo xumuraatiif ofirraa mancaasee biyya isaa walaba taate ijaarratee, nagaan jiraachuu yookaan akka sabaattuu biyyattii tana keessaa dhabamuuf deemuu dha. Amma murtiin uummatuma Oromoo harka jira. Qabsoon amma boqonnaa haaraa keessa galte tun yoomiyyuu caalaa wareegama hanga kana hin jedhamne nu kaffalchiisuuf deemti. Filannooni jiru garuu, wareegama barbaachisaa ta’e kamuu kaffaluudhaan gabrummaa Oromoorratti fe’ame kana xumuruu dha.

Haa ta’u malee, ammas akkuma yeroo dabree, wareegama ittikaffallee, injifannoon keenya akka hin butamne, kaayyoo cululuqaa ta’e fi galii murtaa’aa ta’e tokko lafa kaawwannee, kanaan deemuun murteessaa dha. Karoora fuulduree (roadmap) ifa ta’e lafa kaawwachuun yeroon isaa amma. Kaayyoon qabsoo keenyaa sirna Nafxanyaa nama-nyaataa kana hiddaan buqqisanii achi darbuu yoo ta’u; galiin qabsoo kanaa immoo asii fi achi osoo hin jenne “Oromiyaa walaba taate ijaaruu” dha. Yoo kuun walabummaa Oromiyaatiif wareegamu, kuun immoo Impaayara tana diimookraatessina kan jedhan yoo ta’e, lamuu haala badaa kana keessaa bahuu hin dandeenyu. Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuun, sadarkaa darkaadhaan ittideemamullee, kun galii keenya isa waloo fi kan xumuraa akka ta’u irratti waliigaluu qabna. Yoo kuni hin taane, ammas diinaaf qaawwa uumuu fi balbala banuu ta’a.

Dhumarratti, qabsoon Qeerroodhaan yeroo ammaa tooftaalee adda addaatiin gaggeeffamaa jiru kun karaa tokko qofaadhaan ta’uu hin qabu. Isa kana bukkeetti WBO humneessuu fi ciminaan ijaaruun har’aaf qofa osoo hin taane abdii egereellee ta’uu danada’a. Loltootni bilisa-baastotni har’aa, WBOn eegdota Oromiyaa egeree ti. Asirratti wanti hubatamuu qabu, qabsoon hidhannoo hangam barbaachisaa akka ta’ee fi waraana cimaa qabaachuun hangam akka nama kabachiisu Tigraayirraa barachuun ni danda’ama jedheen aman. Qabsoon boqonnaa haaraa fi isa xumuraarra geese tun galii ifa ta’e tokkorratti hundooftee, injifannoo galmeessuu qabdi. Yoo kana hin taane, bara baraan booyaa jiraachuun hafee, jiraachuumti keenyaa iyyuu gaafii keessa gala jechuu dha. Wareegama ilmaan isaatiin uummatni Oromoo akka injifatu shakkiin hin jiru.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaatti. 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

MAALTU NU BAASA? YAADA KA’UMSAA!

1. Rakkoon biyya Itoophiyaa waggaa tokkoon as bifa jijjiiratee jira. Akka waggoota darbanii adda dureedhaan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *