Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

 

Berhanu Hundee

Kutaa Diigdamiishanaffaa

Dirree siyaasaa babal’isuu fi dhaabbilee mormitootaa (akka haaraa jedhamutti morkitootaa) wajjin marii godhuuf tattaaffiilen Muumicha Ministaraa (MM) Dr Abiyyiin calqabaman kan jajjabeeffamuu qaban ta’anillee, haalli yeroo ammaa Oromiyaa keessatti mul’atu baay’ee kan nama gaddisiisu qofaa osoo hin taane kan hedduu nama yaaddessuu dha. Keessumaayyuu wanti lixa (dhiha) Oromiyaatti ta’aa ykn godhamaa jiru baay’ee kan nama yaaddessu bira dabree saba Oromootiif qaanii guddaa dha. Maaliif yoo jedhame, uummatni Oromoo biyya tasgabbeessuu fi ijaaruu akka danda’u Addunyaatti agarsiisaa yeroo jirutti naannoo isaa keessatti rakkoon akkanaa uumamuun hedduu nama qaanessa. Rakkoolee kana eenyutu uume? Badii godhame fi lubbuu lammiilee galaafatamaniif eenyutu ittigaafatama? Barreeffama kutaa kanaa keessatti gaafiilee kanatti xiyyeeffadheen yaada koo ibsuu yaala.

Warri dhiha (lixa) Oromiyaatti rakkoo uumanii, lubbuu lammiilee galaafatan kun eenyu?

Eenyu maaliif rakkoo akka uumu dhimma xiyyeeffannaa argachuu qabu waan ta’eef, akka tilmaama kiyyaatitti yaadan qabu osoo hin ibisin dura, wanti tokko beekamuu qaba. Akka dhagahamaa jirutti humnoota garee sadiitu naannoo kana keessa socha’aa jiru.

 

  • humnoota hin beekamne garuu tarii Wayyeeneetu gurmeessuu fi qindeessuu mala kan jedhaman;

 

Wayyaaneen maaliif akka rakkoo uumtu hundaafuu ifa dha jedhee waanan amanuuf, asirratti waa baay’ee jechuu barbaachisaa miti. Humnoota garee lamaan hafanirratti garuu yaadan qabu ibsuun barbaada. Asirratti wanti ani dubbistoota barreeffama kanaa hubachiisuu fedhu, ani garee tokko deeggaree kan biraa balaaleffachuuf akkasumas jaarmayaa tokkoof dubbachuu osoo hin taane, yaada dhuunfaa kiyyaa ibsuufani.

Ka’umsa yaada kiyyaattif akka ta’u, waan tokko yaadachiisuun barbaada. MM Dr Abiyyi yeroo gara Asmaraa/Eertiraa deeme sana jila ABO kan Obboo Daawud Ibsaatiin durfamu wajjin marii godhee akka ture himamaa ture. Isuma sana wajjin walqabatee natti fakkaataa, ABOn labsii dhukaasa dhaabu baasee ture. Marii calqabame sana ittifufanii karaa nagaatiin furmaata barbaaduuf natti fakkaata. Mariin sun yeroo ammaa maalirra akka jiru beekuu baadhullee; marsaalee tokko tokko fi Face Bookrratti waa baay’eetu argamaa jira. Mariin ABO wajjin calqabame kun OPDO akka hin gammachiisini fi sababa kanaan dhaaba kana (OPDO) keessatti tarii gareleen adda addaa akka uumaman odeeffama. OPDOn akka ABOn biyyatti deebi’u hin barbaadu jedhamas. Kanaaf ragaa ta’uu kan danda’u, barreeffama mata dureen isaa “Shanee fi Wayyaanee Lakkoolee Hammeenyaa!” jedhu tokko bilisummaa.com irratti dubbiseen ture. https://bilisummaa.com/shanee-fi-wayyaanee-lakkoolee-hammeenyaa/

Kaayyoon barreeffama kiyyaa ilmaan Oromoo jidduutti olola fi rakkoo uumuuf osoo hin taane, waanan barreessu kanaaf ragaa qabatamaa ta’uu akka danda’u hubachiisuufi. Shanee fi Wayyaaneen lakkoolee hammeenyaa ti waan jedhameef sababa isaa abbuma barreeffama sana dhiyeesseefan dhiisa. Garuu kan na dinqe, yeroo ammaa mootummaan Itoophiyaa nagaa fi araara buusuuf ABO wajjin mariin calqabame yeroo jedhamee himamaa jirutti, maaliif ABO warra Shanee jedhamee yaamamurratti duulli akkanaa kun godhama? Moo Shaneen isan jedhan kun garee biraa ti laata? Karaa biraatiin immoo, kanaaf ragaa qabatamaa qabaachuu baadhullee, MNO WBOrratti duula godhuuf akka karoorfates ni haasa’ama. Egaa, walumaagalatti karaa tokkoon marii barbaadaa ykn hoggantootni ABO akka biyyatti galan yaamicha godhaa; karaa biraatiin garuu ABO/WBOrratti duula gara garaa banuun maaliifi?

Yoo uummatni nagaa rasaasaan dhumu, kana eenyutu itti gaafatama?

Ani akka yaada fi ilaalcha ykn hubannoo kiyyaatitti, OPDOn dhugumatti hoggantootni ABO gara biyyaatti akka deebi’an waan barbaadan natti hin fakkaatu. Sababni isaa immoo, Hoggantootni ABO biyyatti deebi’anii uummata Oromoo bal’aa jidduutti yoo argaman, uummatni guutumaa guututti isaan duuba hiriiruu waan danda’uuf, kun OPDO biratti sodaa guddaa uuma. Jiraachuun OPDO fi egereen isaatuu gaafii keessa gala jechuu dha. Dhugaan hunduu hubachuu qaban, OPDOn jaarmayaa walaba taatee, uummata Oromootiif ijaaramtee miti. Dhaaba Wayyaaneedhaan ijaaramtee, fedhii isaanii guutaa ture dha. Kuni olola osoo hin taane, waan seenaan ragaa bahuu dha.Kanaafuu, ABO wajjin walbukkee dhaabbattee uummata Oromoo keessa jiraachuun ishii waanuma hin yaadamnee dha.

Haa ta’u malee, OPDOn uummata Oromoo bal’aa biratti fudhatama argachuu kan barbaaddu yoo ta’e, tokkoffaa ABO diina godhattee laaluu fi isa dhabamsiisuuf yaaluu dhiisuu; karaa nagaatiin taa’anii waliin mari’achuu; WBO dhabamsiisuuf duula calqaban kana dhaabuu. Lammaffaa, Oromiyaa walaba taatu ijaaruudhaan kan mormanillee yoo ta’e, imaammata ABOrratti waliigaluu. Innis xinnaatee yoo xinnaate mirgi hiree murteeffannaa uummata Oromoo kabajamee; uummatni bal’aan kun galii isaa isa xumuraa fi egeree isaa ofumaaf akka murteeffatu taasisuu. Qabxiilee lamaan kana hojiirra oolchinaan, OPDOn ABO wajjinis ta’ee uummata Oromoo bal’aa wajjin araaramuu dandeessi. Yoo kana hin goone fi akkuma amma itti jiran kanatti duula kana ittifufan, ammaaf yeroodhaaf miidhaa goddaatu uummata keenyarras gaha malee, booda garuu kan dhabamuuf deemu ABO osoo hin taane, OPDO Wayyaaneen ijaarte kana dha. Kun olola osoo hin taane, waanuma arguuf deemnuu dha.

Dhumarratti, WBOn gaachana uummata Oromoo ti; abdii bilisummaa fi egeree saba kanaa ti. WBO ammaaf laaffisuu ta’a malee isa dhabamsiisuun waan danda’amu natti hin fakkaatu. WBOn bilisa baasaa dha malee uummata isaa miidhuuf manaa hin baane. Kaayyoon isaas kanaa miti. Yoo waraanni irratti banamu ofirraa ittisuun dirqama isaa ti. Haa ta’u malee, naamusa eeggatee socha’uu fi hanga danda’ametti uummata nagaa keessa seenee diina wajjin walitti dhukaasuun balaa waan fiduuf kanarratti ofeeggannoo godhuun dirqama ta’a. Yoo uummata keessatti dhukaasni baname, humnoota lama kan walitti dhukaasan qofaa osoo hin taane, humna hin beekamnetu keessa galee, uummata keenya fixa. Wayyaaneen isa kana barbaaddi. OPDOn immoo isa kana sababa gootee, WBO maqaa xureessuu fi uummata biratti akka balaaleffatamu godhuuf carraa argatti. Kanaafuu haala kana keessatti ofeeggannoo cimaa barbaachisa.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …