Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

 

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee   

Kutaa Kurnaffaa

 

Akka Muummicha Minsteerotaa (MM) Itoophiyaatti filamuun Dr Abiyyi Ahmad Oromoo yaadaan abkkee lamatti waan hire fakkaata. Gama tokkoon, Oromoon waan Araat Kiiloo seeneef amma jijjiiramatu dhufa jedhanii warra gammachuudhaan mirqaananii fi jijjiirama kanas eegaa jiran yoo ta’an; gama biraatiin immoo hanga Wayyaaneen mootummaa kana keessa jirtutti jijjiiramni hin dhufu warra jedhanii dha. Anis yaadaan garee lammaffaa kana keessan waanan jiruuf, barreeffama kutaa kanaa keessatti dhimmoota tokko tokko kaaseen yaada kiyya ibsuu yaala.

Maqaa Muummicha Minsteerotaa (MM) Ormootiin sirna Wayyaanee suphuu yaaluun kan jijjiirama fidu caalaa gaaga’ama inni fidutu caala

Akkuman kanaan dura barreeffama  biraa keessatti ibsuu yaale, tokkoffaa, MM Oromoo ta’eef uummata Oromootiif jijjiiramni dhufuu akka hin dandeenye fi gaafiin Oromoo innii bu’uraa immoo sirumaayyuu deebii argachuu akka hin dandeenye irra deebi’ee jala sararuun barbaada. Lammaffaa, dhaamsi sirba Haacaaluu Hundeessaa “situ Araat Kiilootti aana” kan jedhu dogonggoraan hubatamuu hin qabu. Akka anaaf galuu fi/ykn hubadhutti, Haacaaluun situ Araat Kiilootti aana kan jedheef Qeerroo ati qabsoo kee jabeessi, alaa homaa hin eegin; situ Wayyaanee amma jilbiiffachiisaa jirtu kana kuffisee, uummata Oromoo aangessuu danda’a jechuuf malee, nama Oromoo tokko dhiisii dhibbuu Araat Kiiloo yoo galan hanga Wayyaanee achi jirtutti, hanga sirni nama-nyataan kun jirutti jijjiiramni tokkollee hin dhufu.

Muummichi Ministeerotaa haaraan, Dr Abiyyi, hojiidhaan agarsiisee jijjiirama fiduun hafee; calqabumti isaatuu gaarii akka hin ta’ini fi fedhii uummata Oromoos guutuu akka hin dandeenye ragaalee baayeetu jiru. Asirratti wanti hubatamuu qabu, ani Dr Abiyyiin isa yoon jedhu akka ilma Oromoo tokkootti fi akka Obboleessa quxusuu tokkootti waanan laaluuf waan ta’eef, akka MMtti laalee isaan jechuu hin fedhu. Gara ragaaleetti deebi’ee, fakkeenya tokko tokko kaasuuf:

 

  • Gaafa filatamu haasa’a godhe keessatti waan baay’ee nama gaddisiisu dubbate. Innis Mootota duraanii keessumaayyuu immoo Minilik, kan Oromoo biratti akka bineensaatti laalamu, gochaa isaa kan seenaanuu hin daganne sana dhiisee, hojii isaa faarsuun dogongora seenaa ti. Siidaalee Aanoolee fi Calanqoo sanaayyuu ittiamanee kan ijaarsise dhaabuma isaa DhDUO waan ta’eef, kunuu seenaa calaqqisaa osoo jiruu, Nafxanyoota gammachiisuuf jedhee, waan madaa Oromoo tuqu haasa’uun dogongora guddaa dha.

 

 

 

  • Erga filatamee, idileedhaan (formally) MM biyyattii Sanaa ta’e booda, silaa oolee osoo hin bulin dafee Kaabinee haar’aa ijaaree hojii uummatni isarraa eegaa jiru eegaluutu irra ture. Kun hanga har’aatitti hin taane. Mootummaa isaa jalatti har’allee uummatni Oromoo Agaaziidhaan akka baala mukaa harca’aa jira. Reebichi, dararamni fi ajjeechaan uummata Oromoorra gahaa jiru guyyaarraa gara guyyaatitti dabalaa deeme malee uummatni keenya nagaa argatee hin beeku.

 

 

 

  • Akkuman A) jalatti ibse, dafee Kaabinee ijaaree karaa kanaan akka seerri Federaalaa hayyamuufitti, Labsii Yeroo Muddamaa (LYM) uummatarraa kaasuun silaa hojii isa duraa fi hatattamaa ta’uu qaba ture. Dhimma jiruu fi jireenyaa uummata Oromoo murteessu, kan dursa (priority) argachuu qabau, kana dhiisee naannoleerra deemuun dhugumatti ammaaf barbaachisaa hin turre. Kun kan ta’uu qabu yoo uummatni keenya nagaa fi tasgabbii argate booda ture.

 

 

 

  • Naannoo Somaalee deemee, namticha maraataa uummata keenya ficcisiisee fi ficcisiisaas jiru, Abdii Illee, wajjin walhammatanii akka waan nagaan jiruu agarsiisuun Oromoof gadda guddaa dha. Agaaziin Wayyaanotaa halkanii fi guyyaa Oromootti taphachaa yeroo jirutti, biyya isaanii Naannoo Tigraay deemee, uummata isanii gammachiisuuf waa hundaa yaaluun hamilee maaliitiini? Dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’aa ture/jiru fi lafeen uummata Oromoo caccabe xinumallee isatti hin dhaga’amuu?

 

 

 

  • Dr Abiyyi MM ta’ee mootummaa Wayyaanee inni hogganu jalatti kunoo ammas marsaa lammaffaaf Mooyyaaleetti dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’ee, lubbuun ilmaan romoo darbee jira. Oromoon keessumaayyuu Qeerroon Oromoo meeqa guyyaa guyyaatti akka mana hidhatti guuramanii fi dararamaa jiran; dubartootni Oromoo kan umriin isaanii baay’ee xiqqaa ta’an dabalatee guyyaa guyyaati meeqa gudeedamaa, booyaa, dhiigaa akka jiranis Waaqa/Rabbi qofaatu beeka. Isa kana uummatarraa dhaabuun silaa hojii hatattamaan godhamuu qabu ture.

 

 

Egaa, osoo dhugaan kun lafarra jiruu; osoo calqabni MMtuu hin tolin adeemsa keessa jijjiiramni tokko ni dhufa jedhanii yaaduun hiikni isaa maali? “Biddeenni gaariin eeleerratti beekama” jedhaa mitii Oromoon yoo makmaaku!! Dr Abiyyis sirna Wayyaanee kufuuf hallayyaa fiixeerra jiru kana deebisee lubbuu fi human itti horee, akkuma MM isa duraa sirnicha kana tajaajiluuf yoo ta’e malee, uummata Oromootiif jijjiirama fiduun hafee, nagaa uummatichaatu eegsisuu hin dandeenye, hin danda’us.  Dhugaan kun hundaafuu firas ta’ee diinaaf ifa ta’uu qaba.

Mootummoota Habashootaa dhufaa dabran keessatti uummatni Oromoo haaluma walfakkaatuun dararamni irra gahaa turullee, sirna Wayyaanee jalatti garuu yoomiyyuu caalaa hidhaa, dararama fi ajjeechaa hanga kana hin jedhamnetu irra gahaa jira. Wanti biraa hafee, uummatni keenya nagaan bahee galuu; nagaan qayee fi mana isaa keessa jiraachuu dadhabee guyyaarraa gara guyyaatti reebamaa, hidhamaa, dararamaa fi ajjeefamaa jira. Duulli Wayyaaneedhaan uummata Oromoorratti godhamaa jiru duula duguuggaa sanyii ti. Wayyaaneen uummata Oromoo addatti baastee lafarraa dhabamsiisuuf itti xiyyeeffattee jirti. Diinni tokkoffaan Wayyaanotaa Oromoo ta’ee jira. Sirni nama-nyaataan kun yoo ittifufe, badiin Oromoorra gahu cimaatuma deema. Kanaafuu, Oromoon akka nagaa argatu sirnichi kun hundeedhaan buqqifamuu qaba.

Qabsoon Oromoo keessumaayuu kan Qeerroo Oromootiin godhamu sirnicha kana diiguutti xiyyeeffachuu qaba malee, kana booda jijjiirama bifa biraatu dhufuu danda’a jedhanii eeguun badiirratti badii biraa dabalaa deemuu ta’a. Keessumaayyuu immoo maqaa MM Oromootiin jijjiiramni ni dhufa jedhanii yaaduun haala keessa jirru hubachuu dhabuu dha. Oromoon yoomiyyuu caalaa, dammaqee, gurmaayee, of ijaaree, humna isaa jabeessee hanga sirna kana buqqisutti karaa hundaan qabsoo hadhooftuu tana ittifufuu qaba malee waan biraatiin gowwoomsamuu hin qabu. Sirni Wayyaanee yoo kufe booda immoo, waan isaaf ta’u fi akka isaaf ta’utti, akka fedhii isaatitti kan murteeffatu uummatuma bal’aa ta’uu qaba. Waayee hiree murteeffannaa uummata Oromoo laalchisee barreeffama kutaa itti aanu keessatti yaada qabdheen deebi’a.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee   

Kutaa Kudhatokkoffaa

 

Dhimma har’a qabadhee dhiyaadhetti osoo hin seenin dura, dubbistoota fi hordoftoota barruulee kiyyaatiif waan tokko ifa godhuun fedha. Mootummaa sirna Wayyaanee, kan Muummicha Ministeerotaa haaraa Dr Abiyi Ahmed tiin hogganamu, keessatti akka yaadamu fi hawwamutti jijjiiramni dhufuu hin danda’au yoon jedhu, dandeettii fi fedhii Dr Abiyyi gaafii keessa galchee tii miti. DhDUOs ta’ee Dr Abiyi ammaaf aangoo jijjiirama kana ittiin fidan hin qaban; wanti hunduu kan furtuu ta’ani fi caasaaleen mootummaa murteessaa ta’an harka Wayyaanotaa waan jiraniif, haala kana keessatti jijjiiramni tokko akka hawwamutti hin dhufu jechuufani. Ani akka dhuunfaatitti dhaabichas ta’ee namootarraa jibba hin qabu. Akka ilmaan Oromootitti hundaafuu jaalala walqixa ta’en qaba. Warra fedhii uummata Oromoo faallessaniin garuu nan morma.

Hiree ofii murteeffachuun uummattootaa kabajamuu fi hojjiidhaanis mul’achuu qaba

Akkuma beekamu mirgi hiree ofii murteeffachuu uummattootaa, sabootaa fi sab-lammootaa Heera biyyattii Itoophiyaa sana keessattillee keeyyata 39 keessatti lafa taa’ee jira. Seerri fi heerri Federaalaa hojiidhaan mul’achuullee baatan; waliigalteen irratti godhamee waraqaarra kaa’amanii jiru. Haa ta’u malee humnootni, keessumaayyuu warri sirna Federaalaatiin mormanii fi sirna durii sana deebisanii ijaaruu hawwan keeyyata 39 kanaan akka malee mormaa jiru. Mirgi hiree ofii ofiin/ofiif murteeffachuu uummattootaa waanuma seera Addnunyaa keessattillee irratti waliigalamee jiru waan ta’eef, inni kun addatti Itoophiyaaf qofaa hin uumamne. Kanaafuu, seera kana kabajuun mirga ilma namaa kabajuu dha. Mirgi ilma namaa immoo bakkee fedhettuu gaafii keessa galii hin qabu.

Jaarmayoota siyaasaa Oromoo kan ijaaramanii jiran yoo laalle, akka kaayyoo ykn mul’ata isaaniititti bakkee gurguddoo lamatti baasnee laaluu ni dandeenya. Isaanis:

 

  • Itoophiyaa diimookraatofte keessatti gaafiin Oromoo deebii argachuu ni danda’a; kanaafuu biyyattiin tunis walfaanummaadhaan jiraachuu qabdi jedhani warra amananii fi kanaafis hojjetan; (Asirratti jecha “Walfaanummaa” jedhu boodan bal’inaan itti deebi’a)  

 

 

 

  • Lakkii impaayara Itoophiyaa keessatti sabootni fi sab-lammootni bifa koloniitiin qabamanii waan ta’eef; biyyattiin tunis sirna kanaan waan ijaaramteef, sirni kun diigamee, sabootnis walaba ta’uu qabu warra jedhan

 

Kaayyoo fi mul’atni akkasumas galiin qabsoo isaanii adda adda haa ta’u malee, akka anaaf galutti hundi isaaniituu fedhii uummata Oromootiif; mirga uummatichaas kabachiisuuf waan hojjatan natti fakkaata. Warri fedhii uummata Oromoo hin kabajne immoo, maqaa saba ykn uummata kanaa moggaafatanii ijaaramuu hin qaban. Maqaa saba kanaatiin uummata keenyas afaanfaajjessuun isaanirra hin jiru. Jaalatamus jibbamus, fudhatamus dhiisamus wanti fedhii uummata bal’aa Oromoo faallessu uummata kana keessatti hundee hin qabu. Fedhii uummata kanaa warri hin kabajne diinota uummatichaa ti. Kanaafuu, mul’ata adda addaas qabaatan fedhii uummatichaa eeguun; mirga hiree uummatichaas kabajuun dirqama Oromummaa ta’a.

Rakkoon mul’ata adda addaa uume kun, akkaataa seenaa fi gaafiin biyyoolessaa Oromoo itti hiikamu natti fakkaata. Kanarratti siriitti waan irratti waliigalame hin fakkaatu. Seenaan ijaarsa Itoophiyaas bifa adda addaatiin waan laalamu fi ibsamuuf, kaayyoo qabsoo kan waloo ta’e tokkorratti waliigaluun rakkisaa ta’e. Weerarri Minilik godhes karaa adda addaatiin ibsama; hiika adda addaatu kennamaafis. Haa ta’u malee, akkataan inni biyya tana qabatee fi ijaare yoo laalame, biyyattiin tun bifa koloniitiin ijaaramatee as geese. Olaantummaa saba tokkootu keessatti calaqqisaa as gahe. Kanaafuu, sirna kolonii kana diiguun barbaachisaa ta’a. Akkuma Addunyaa keessatti mul’ate, sirna kolonii diiguu jechuun biyya walaba taate fi mootummaa birmadummaa ijaarrachuu jechuu dha.

Haala Itoophiyaa keessatti garuu bakkee waliigalteen hin jirree fi gaafiileen sabootaas karaalee adda addaatiin hiikamaa jiran kana keessatti, murtiin xumuraa kan uummataa ta’uun dirqama ta’a; mirgi fi fedhiin uummatichaas eegamuu qaba. Gabaabumatti, waan barbaadu, akkamitti akka jiraachuu fedhu; eenyu wajjin jiraachuu akka fedhu uummatni bal’aan Oromoo murteessuu qaba jechuu dha. Warri kanaan morman ykn murtii kana dura dhaabbachuu fedhan warra fedhii uummata knaa hin kabajne waan ta’aniif isaan kun diinota uummatichaa ti. Walumaagalatti, mirga hiree murteeffannaa uummata Oromoo eegsisuun dirqama jaarmayaa Oromoo hundaa ti. Kana ykn sana siif wayya jedhanii uummata barsiisuun ykn iiti himuun garuu mirga jaarmayootaa ti. Mirgi hundaatuu eegamuu qaba jechuu dha.

Rakkoolee siyaasaa Itoophiyaa hidda baasanii as gahan kana furuuf akka yaadaatitti (theoretically) filannoolee (options) saditu jiru. Isaanis:

 

  • Federeeshinii Dhugaa kan naannolee amma jiranirratti hundaa’e (WALFAANUMMAA)

 

 

 

 

 

 

  • Tokkummaa Saboota walaboomanii (GAMTAA SABOOTAA)

 

Akkuman armaan olitti ibsuu yaale, filannoolee kana keessaa kan isaaf ta’u kan filatu uummata bal’aa ta’uu qaba.

  1. A) Federeeshinii dhugaa kan naannolee amma jiranirratti hundaa’e (WALFAANUMMAA)

Jaaramayootni Oromoo karaa itti amananiin hojjechuun ykn qabsaa’uun mirga isaanii ta’ee; uummata kanas amansiisanii kaayyoo fi galii isaanii duuba hiriirsuunis akkasuma mirga fi jabeenya isaanii ta’ee; garuu akka barbaachisummaa xiqqaa tokkotitti (as a minimum requirement), sirni amma jiru kun yookaan hundeedhaan buqqa’ee fi diigamee yookaan immoo akka fedhii uummataatti, gaafiilee uummataatiif guutumaa guututti deebii kennuu akka danda’utti kan haaromsamu yoo ta’e, kun akka filannoo tokkootti laalamuu ni danda’a. Haal-dureen filannoo kanaa garuu gaafii uummata Oromoo isa bu’uraatiif deebii guutuu kennuu qaba. Yoo kun hin taane, qabsoon ittifufa. Biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tanas, seenaan ishii akkuma jirutti ta’ee, garuu akka daangaa ishiitti jiraachisuu warri barbaadan filannoo kana fudhachuun dirqama ta’a.

  1. B) Walabummaa Sabaoota Itoophiyaa (GARGARBAHINSA)

Xinnaatee yoo xinnaate filannoo inni duraa akka barbaadamutti milkiidhaan yoo xumuramuu baate, qabsoon sabootaas keessumaayuu kan Oromoo ittifufuun dirqama ta’a. Qabsichi immoo haala kanaan yoo ittifufe, galiin xumuraa walabummaa Oromiyaa ykn/fi mootummaa birmadummaa Oromoo mirkaneessuu ta’a jechuu dha. Filannoo inni lammataa kun saboota fi sab-lammoota biyyattii hunaafuu akka fedhii isaaniititti galii isaa kan gahu ta’a. Kaayyoo fi qabiyyeen barreeffamoota kiyyaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) waan laallatuuf kan saboota biroorratti yaada kennuu hin fedhu. Haa ta’u malee filannoon kun akka yaadaatitti hundaafuu ni ta’a jedheen yaada.

  1. C) Tokkummaa Saboota walaboomanii (GAMTAA SABOOTAA)

Dubbiin tun akka makmaaksa Habashootaa የሚለበስ የላት፣ መከናነብ አማራት”  Waan ofirra buustu hin qabduu, kan ittiin ofmartu hawwiti” jedhamu hin ta’in malee, kunis akka yaadatitti; hojiirra ooluun isaa baay’ee rakkisaa ta’uullee, akka filannoo tokkootitti laalamuu ni danda’a. Filannoon kun dhugumatti baay’ee fagoo kan ta’ee fi mirkanaa’uun isaas gaafii guddaa ta’ullee, nagaa fii tasgabbii akkasumas guddina fi dagaagina naannoo Gaafa Aafrikaa tiif filannoo gaarii dha jedheen yaada. Achi gahuun garuu , laga namatti aanu osoo hin ce’in laga achi aanu tokko ce’uu yaaduu akka ta’e naaf gala. Akka filannoo tokkootitti yaada dhiyeessuun hammeenya waan qabus natti hin fakkaatu; dubbiis oo’isuu miti.

Haa ta’u malee, haala Itoophiyaa keessatti bifa saboota fi sab-lammoota biyyattii sanaa yoo laalle, gamtaan akkanaa kun ijaaramuun isaa gaafiilee baay’ee kaasa. Gamtaa saboota walabaa ijaaruu dura sabootni sun mataa mataatti (kophaa kophaatti) walaba ta’anii mootummaa birmadummaa isaanii ijaarrachuu qabu (akka filannoo lammataa armaan olii jechuu dha). Sana booda akka gamtaa biyyoota Aafrikaa ykn gamtaa biyyoota Auroopaa, walitti deebi’anii ijaaramuu jechuu dha. Filannoon kun warra Itoophiyaa akka teessoo lafaatitti takka taatee jiraattu arguu barbaadaniifillee filannoo biraa ta’a. Yoo kuni hin taane biyyattiin sun filannoo lammaffaa keessatti addaan bittinooftee hafuu waan dandeessuuf jechuu dha.

Sabootni akka Oromoo, Amaaraa, Somaalee, Afaar, Tigraay, Beenishaangul, Sidaamaa, Gaambeellaa fi kan kana fakkaatan, kan daangaa murtaa’aa ta’e qabaniif rakkoo hin fidu. Rakkoo kan fidu garuu sab-lammooto xixiqqoo warra kibbaa kan daangaa ifa ta’e tokko hin qabneef baay’ee rakkisa ta’a; yoo naannoleen amma jiran kun walaba ta’anii; erga mootummaa birmadummaa isaanii ijaarratan booda walitti deebi’anii gamtaa uuman malee jechuu kooti. Egaa kan ta’es ta’u filannoon kamiiyyuu hojiidhaan mul’atee argamus dhiisus, murtiin xumuraa kan uummata bal’aa ti. Furmaata xumuraa (lasting solution) fiduu kan danda’u hiree murteeffannaan uummatootaa yoo mirkanaa’e qofaa dha. Kana mirkaneessuun immoo dirqama hundaa ta’uu qaba.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

 

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …