Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Saglaffaa

 

Duraan dursee, akka waliigalaatti ilmaan Oromoo hundaaf, addattii immoo Sabboontotaa fi Qabsaa’ota Oromoo tiif baga Guyyaa Gootota Oromoo (GGO) kan bara 2018n isin gahe. Guyyaa seena qabeessa kana laalchisee, barreeffama kutaa kanaa keessatti kaayyoon Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) fi galiin isaa maal akka ta’e/ta’u akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaatitti dhimmoota tokko tokko kaasuun barbaada.

Kaayyoo fi Galiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) maali?

Waayee ka’umsa ykn calqaba qabsichaa warruma seenaa barreessaniif dhiisee, garuu QBOn kan calqabe akka namootni tokko tokko ibsanitti waggoota afurtama ykn shantama ykn jahaatama yookaanis waggoota sadi duraa miti. Bifa qindaayeen ta’uu baatullee, qabsoon kun kan calqabe erga uummatni keenya diinaan weeraramee; bilisummaa fi biyyi isaa humnaan irraa fudhatamee kaasee ti. Asirraa kaanee yoo laalle immoo, gabaabumatti kaayyoo inni guddaan “Abbaabiyyummaa Oromoo” deebisanii argachuu dha. Kuni yoo mirkanaa’e wantootni barbaadaman hunduu isa kana keessatti argatamuu danda’u.

Namootni tokko tokko kaayyoo qabsicha kanaa yookaanis gaafii uummata Oromoo yoo ibsan, waan sadirratti akka hundaaye mul’isu. Isaanis i) lafa isaarratti abbaa lafaa fi qabeenyaa ta’uu; ii) ofiin of bulchuu fi iii) waayee eenyummaa ti. Gaafiin abbaabiyyummaa yoo ka’u, akka waan Oromiyaa fottoqsuutitti waan fudhatamuuf, isa kana ibsuuf waan ofqusatan fakkaatu malee, gaafiin sadeen armaan olitti tuqaman kunis kanuma Abbaabiyyummaa keessatti mula’chuu danda’anii dhaa bar!! Kanaaf, sadarkaa har’a irra jirru kanarratti kaayyoo QBO fi gaafii uummata Oromootiif hiika (definition) biraa kennuu yaaluun ykn yaaduun afaanfaajjii uuma jedheen yaada.

Kaayyoon QBO fi/ykn gaafiin uummata Oromoo inni bu’uraa firaafis ta’ee diinaaf ifaa ifatti lafa kaa’amuu qaba. Maqaa tooftaa fi tarsiimootiin dhugaa jirurraa fagaachuu yaaluun booda rakkoo biraa fiduu danda’a. Qabsoon lubbuun meeqa ittiwareegame kun waan qoosaa tii miti. Wanti wareegama ulfaataa ittikaffalame sun galii hawwame sana gahuun dirqama ta’a. Eessaa akka kaane, maaliif akka kaane fi eessa gahuu akka barbaadnu yoo hin beekne, waan kaaneef, garamitti akka deemnu fi eessa gahuu akka hawwinus beekuun rakkisaa ta’a.

 

Qabsoon bilisummaa Oromoo (QBOn) yoom xumurama?

Gaafii kana laalchisees yaadolee adda addaatu mul’achaa jiru. Isaanis a) qabsichi galii isaa gahee jira kan jedhu; b) injifannoolee tokko tokko galmeesse malee hin xumuramne kan jedhu fi c) qabsichi bakkuma ka’e sana jira kan jedhu dha. Yaadni ani qabu yaadolee sadeen kana keessaa isa lammaffaa ykn b) keessa ta’ullee, waayee xumura qabsoo kanaa laalchisee, waan tokko tokko jechuun barbaada.

Qabsoon tokko akka waliigalaatti yoo laalame, qabsoo bilisummaas haa ta’u, qabsoo biyya ijaaruus haa ta’u, qabsoo jiruu fi jireenyaas haa ta’u,… waan xumuramuu miti. Kanaafuu, jechumti qabsoon ni xumurama jedhuuyyuu sirrii miti. QBO wajji walqabsiifnee yoo laalle garuu, qbsoon kun kan dhaabbatu ykn xumuramu yoo gabrummaan xumurame qofaa dha. Kanaaf yerro baay’ee “Fincila Xumura Gabrummaa *- FXG” jedhama malee xumura qabsoo jedhamuu isaa hin dhageenye. Xumurri gabrummaa kan ibsamu immoo Abbaabiyyuumman Oromoo yoo mirkanaa’e qofaa dha. Sochiin uummataas kan xumuramu fi gaafiin isaas kan deebii argatu immoo jaalannus jibbinus, fudhannus dhiisnus, amannus amanuu baannus yoo uummatni keenya hiree isaa ofuma isaatiin/isaatiif murteeffachuu danda’ee dha.

Yaadolee armaan olitti a) fi c) jalatti kennaman yoo laalle, yaadoleen lamaanuu yaadolee dhara ta’anii dha. Maal jechuu dha? Warri qabsichi kun galii isaa gahee jira jedhan, Muummichi Ministeerotaa (MM) Oromoo waan ta’eef isa kana wajjin walqabsiisanii laalanii yoo ta’e kun dogongora guddaa dha. Akkuman kanaan dura barreeffamoota adda addaa keessatti ibsaa ture, Oromoon tokko MM ta’ee Araat Kiiloo seeneef gaafiin uummata Oromoo inni bu’uraa deebii argate ykn ni argata jechuun gonkumaa hin danda’amu. Gaafii kanaaf deebii kennuun hafee, sababa kanaan siriidhaa qabsoon tun gara hin taanetti akka hin deemne ani yaaddoon qaba. Maaliif yoo jedhame, tarii jijjiramoota xixiqqoo godhamuu malan tokko tokkoon uummatni keenya akka hin gowwoosamneefi.  

Qabsichi bakkuma ka’e sana jira warri jedhanis haala deemaa jiru hin hubanne jechuu dha. Warri akkana jedhan tarii bara 1991 booda jijjiiramni hin jiru jedhanii kan yaadan yoo ta’e, kun xinnoo fudhatama qabaachuu mala. Haa ta’u malee, QBOn galii hawwame gahuu baatullee, bara 1991 injifannoolee guruddoo galmeessee jira. Sana booda garuu injifannooleen nuti arganne hamma kana jennee dubachuun rakkisaa ta’ullee, jijjiirama hedduutu mula’te mula’chaas jira. Kanaafuu, qabsoon kun bakkuma sana jira kan jedhu dhara waan ta’eef, isa kanaan hamilee uummataa fi qabsaa’otaa cabsuun sirrii miti. Takkas ta’u lama, xinnaatus baay’atus waan qabsoon kun galmeessetti gammaduu fi ittiin boonuu qabna malee, wareegamni Sabboontotni Oromoo kaffalan bilaasha jennee laaluun sirrii miti.    

Wanni biraallee yoo hafe, jechuun gaafiin uummata Oromoo inni bu’uraa yoo deebii argachuullee baate, injifannooleen sochiin uummta Oromoo biyya keessaa fi alaa keessumaayyuu immoo kan Qeerroo Oromoo galmeessan akka laayyootti laalamuu hin qaban. MM OPDOn ittiin dhaadatanuu injifannoolee kana keessaa isa tokkoo dha. Kan biraas wanti dagatamuu hin qabne, hawaastotni Addunyaa fi mootummootni biyya alaa sochii uummata Oromootiif hubannoo kennuun isaanii kunuu injifannoo guddaa dha. Akka fakkeenya addaatitti yoo fudhanne immoo, mootummaan Ameerikaa kan hanga har’aatitti Wayyaanee harkatti baatee, gargaaree, guddisee, jabeessee asiin gaheeyyuu fuula irraa garagalfachaa jiraachuun, kunuu injfannoo qabsoo uummata keenyaa ti.

Barreeffama har’aa xumuruudhaaf, gaafiin uummata Oromoo inni bu’uraa deebii argachuu kan danda’u MM Oromoo ta’eef akka hin taane jala sararamee; jijjiirama xixiqqoodhaan uummatni gowwomsamee, sochiin uummataa akka hin qabbanoofne; QBOn galii hawwamurraa akka hin hafne; hunda caalaa immoo hanga uummatni Oromoo hiree isaa murteeffatutti qabsoon kun ciminaan itti fufuu qaba. Ittimudduun amma. Injifannoon xumuraa kan uummata cunqurfamee ti. Fedhiin uummata Oromoo akka bakka gahu shakkiin hin jiru. Gootota keenya kan wareegman seenaan bara baraan isaan faarsa. Guyyaan Gootota Oromoos guyyaa addaa ti.      

Dhimma biraatiin hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

    

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –   Berhanu Hundee Kutaa Jahaffaa   …

Yaada kanaaf deebisaa kenni