Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Q

– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Shanaffaa

Berhanu Hundee

Barreeffama kutaa afraffaa keessatti adeemsi ODP fi hojii isaan dalagaa jiran QBO ni gargaara moo gufuu itti ta’aa jira? jedhee gaafii kaasee; asirratti yaada gabaabaa; akkasumas jaarmayaan kun (ODPn) maaliif dhimma Oromootiif dursa fi xiyyeeffannaa akka hin kennine sababaalee adda addaa dhiyeesseen ture. Barreeffama kutaa shanaffaa kana keessatti filmaata biyyoolessaa dhufuuf jiru fi waliigaltee ABO fi Mootummaa jidduutti godhame laalchisee ibsa Koreen Teekiniikaa dhiyoo kana kenne laalchisee yaada koo dhiyeessa.

ABOn loltuu fi humna hidhate bosona keessaa hin qabu jechuun tooftaa siyaasaa ti moo dhugaa dha?

Akka ibsamaa turee fi yaadatamutti, waliigalteen ABO fi Mootummaa Itoophiyaa jiddutti godhame ABOn karaa nagaatiin akka qabsaa’u fi loltootni isaa jechuun miseensotni WBO humna addaa Oromiyaatti dabalamanii nagaa Naannoo kanaa (Oromiyaa) akka eegan akka ta’en hubadha. Haa ta’u malee, waliigaltee kana hojiirra oolchuurratti rakkooleen adda addaa akka uumamanis waanuma himamaa turee dha. Waliigaltee kana hojiirra oolchuu fi akkasumas nagaa fi tasgabbiin akka uumamu jechaaf Koreen Teekiniikaa dhaabbate. Adeemsa kana keessatti miseensotni WBO hangi tokko mooraatti akka deebi’an ni yaadatama. Mooraa kana keessatti garuu rakkooleen adda addaa isaan qunnamaa akka ture miidiyaarraa dhagahamaa ture. Kuni ta’ee osoo jiruu garuu ammallee warri bosonatti hafan akka mooraatti deebi’an irratti hojjetamaa jira fakkaata.

Adeemsi kun waan naaf hingaliniif, dhiyoo kana barreeffama gabaabaa tokko dhiyeesseen ture

http://ayyaantuu.org/waliigaltee-abo-fi-mootummaa-ibsa-koree-teekniikaa-የኦነግና-የመንግስት-ስምምነ/ Barreeffama sana keessatti, ibsa Koree Teekiniikaa laalchisee gaafiilee dhiyeesseen ture. Akkuman mata-dureerratti gaafii dhiyeesse, ibsi ABOn Obboo Daawudiin hogganamu kenne akka yaada kiyyaatitti karaa lamaan laalamuu ni danda’a jedheen yaada.

Tokkoffaa, akkuma hubatamaa jiru ABOn hoggantootni isaa erga biyyatti galan booda dhiibbaalee adda addaatu isaanirra waan jiru fakkaata. Gama mooraa Habashootaatiin akkuma barame ABOtu biyya tana keessatti lola labsee, nagaa booressa jedhanii jaarmayaa kana maqaa xureessaa jiru. OPDO (ODP)nis jaarmayaa kana (ABO) sababa godhattee, Oromiyaa keessatti rakkoolee adda addaa uumaa jirti. Waan ta’eef, ABOn amma komii kana keessaa bahuu fi filmaata dhufuuf jiruufis ofqopheessuuf jecha ani karaa nagaatiin qabsaa’uuf murteeffadhe; loltoota fi hidhattootas hin qabu jechuun tooftaaf ta’uu male jedheen tilmaama.

Lammaffaa, ABOn dhugumatti miseensota WBO amma bosona jiran kana ajajuuf humna waan dhabeef, yookaanis miseensotni kun ABOf waan hin ajajamneef, ABOn immoo waan ta’aa jiruuf ittigaafatama akka hin fudhanneef jecha, dhugumatti murtii kanarra waan gahe fakkaata. Wanti asirratti namaa hin galle garuu ibsa WBOrraa kennamaa jiruu dha. Akka Jaal MARROON ibsaa jirutti WBOn amma bosona jirus qaama ABO akka ta’ee fi kaayyoo jaarmayaa kanaa galiin gahuuf lolaa akka jiru dha. Yoo akkas ta’e immoo, ABOn WBOrraa adda ofbaasuun adeemsa fi kaayyoo jaarmayaa kanaa gaafii keessa galchuu mala.

ABOn karaa nagaatiin qabsaa’ee, filmaataan moo’atee kaayyoo ijaarameef galiidhaan gahuu danda’aa?

Anaaf kun gaafii cimaa dha. Maaliif yoo jedhame, haala amma biyyattii tana keessatti addatti immoo Oromiyaa keesatti mul’achaa jiru yoo laalle, dhugumatti filmaatni dhugaa ta’e godhamee; isa kana keessatti ABOn injifatee; kaayyoo isaas galiidhaan ni gaha jedhanii yaaduun hedduu rakkisaa dha. Namni amala Mootummaa Itoophiyaa fi addatti immoo amala fi shira OPDO beeku, waan kana tilmaamuun waan isa rakkisu natti hin fakkaatu. Yoo lolli Oromiyaa keessatti deemaa jiru kun akkanumatti kan ittifufu ta’e fi nagaa fi tasgabbiin hin uumamne, akkamitti filmaatnuu gaggeeffamuu danda’a? Lolli kun akka dhaabbatu immoo, warra bosona jiru waliin marii dhugaa taasisuun waan filannoo (option) hin qabne ta’a. Gaafii miseensotni WBO kun dhiyeessaa jiran dhageeffachuu fi furmaata waloo barbaaduun barbaachisaa qofaa osoo hin taane hundaafuu murteessaa dha.

Gaafiileen biroo asirratti ka’uu malan, ijoollee bosona jiran (Miseensota WBO) kana duuba qaama biraatu jiraa? Yoo qaamni biraa jiraate, qaamni kun kan fedhii uummata Oromootiif hojjetuu dhaa? Ijoolleen tun gaafiileen isaan dhiyeessaa jiran ykn/fi ibsi isaan baasaa jiran akka mul’isanitti: gaafiin Oromoo debii haa argatu; Abbaabiyyummaan Oromoo haa mirkanaa’u; mirgi hiree murteeffannaa uummata Oromoo haa kabajamu fkk kaasa kan jiran rakkoo maal qabu? Isaan kun gaafiilee uummata bal’aa Oromootii mitii? Ijoolleen tun fakkeessuuf jedhanii lubbuu isaanii wareeguuf lolaa jiruu? Gaafiilee isaan dhiyeessaa jirani fi ibsa isaan baasaa jiran keessa dogongora maaltu jira, dhugaa haa dubbannu yoo jenne?

Asirratti wanti hubatamuu qabu, ani ijoollee kanaaf dubbachuuf osoo hin taane, osoo danda’amee; karaa nagaatiin rakkooleen kun furamuu danda’anii; uummatani keenyas nagaa fi tasgabbii argatee, ani gammachuun kiyya daangaa hin qabu. Ani asirratti yaada koo yoon barreessu, qaama kamiifuu dubbachuuf osoo hin taane, nagaa fi nageenya uummata keenyaatu na yaachise. Barreeffamni kiyya kaayyoos ta’ee dhaamsa biraa hin qabu.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …