Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Lammaffaa

 

Barreeffama kutaa tokkoffaa keessatti qabsoon kun eessaa akka ka’e; qormaatota adda addaa fi bu’aa ba’ii meeqa keessa dabree injifannoolee gurguddoo akka galmeesse ibsamee ture. Injifannooleen qabsoon kun bara 1991 galmeesse akkuma jiranitti ta’anii; bara 1991 booda hanga sochiin uummata Oromoo bara 2015 eegaletti garuu mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) sababaalee addaa addaatiin laaffachaa akka turte; haala sana keessatti immoo wantootni qabsoo kanatti gufuu ta’an hedduun uumamanii akka turanis barreeffama kutaa tokkoffaa keessatti tuttuqamanii jiru. Barreeffama kutaa lammaffaa kana keessatti qormaatota har’a jiran ibsuun yaala.

Diinotni Qabsoo Bilisummaa Oromoo eenyu?

Qabsoon tun diinota alaa fi keessaa akka qabdu dhugaa nama jalaa dhokatuu miti. Diinote alaa bakkee lamatti baasnee laaluu ni dandeenya, Isaan kanas gaabaabatti ibsuuf:

  • Isaan tokko, warra duraan nu gabroonfatan fi fuuldurattillee sana godhuuf hawwii qaban; warra sirna durii dulloomaa sana deebisuu barbaadan yoo ta’an, kan biraa immoo Wayyaanota har’a qabsoo tana dhabamsiisuu fi sanyii Oromoos duguuganii lafarraa balleessuuf warra duula nurratti bananii jiranii dha.

 

  • Isaan biroo, warra fedhii fi dhimma mataa isaaniitiif jedhanii diinota keenya gargaaraa jiran; warra bilisummaa Oromoorraa shakkii qabanii dha. Isaan kun mootummoota biyyoota alaa keesumaayuu kan Wayyaanee duuba ykn bira dhaabbatanii waa hundaan gargaarsa godhaa turani fi ammas itti jiranii dha.

Diinota keessaa iddoo yookaan garee saditti baasnee laauun ni danda’ama. Isaanis:

  • Tokkoffaa, warra diinaan bitaman, garaaf bultoota, gantoota, galtoota fi basaastota diinaaf hojjatan yoo ta’an,

 

  • Lammaffaa immoo kallattiidhaan diina ta’uu baatanillee, arrab-lamoota, ayyaanlaallattoota, xawalwaallota, warra ejjannoo tokko hin qabne, warra kaayyoo fi galii qabsoo kanaa beekaniis ta’ee osoo hin beekin jallisanii hiikuu barbaadu; sababa kanaan afaanfaajjii uuman yoo ta’an isaan kun gufuu guddaa qabsoo kanaa ti.

 

  • Sadaffaa, wanti biraas kan akka diina keessaatti laalamuu qabu ykn danda’u, sababadhuma fedheenuu haa ta’u warra qabsoo kanaaf dantaa hin qabne; warra olola diinaatiin salphaadhumatti moo’amani fi meeshaa diinaa ta’ani; warra rakkoo eenyummaa (identity crises qaban) al-kallattiidhaan hojii diinummaa hojjetanii dha.  

Qormaatota Qabsoo Bilisummaa Oromoo har’aa

Egaa, akkuma armaan olitti gabaabinaan ibsame, diinotni QBO lamaanuu (kan keessaa fi kan alaa) qormaatota gurguddoo qabsoo kanaa ti. Diinni alaa silaa diina waan ta’eef, addaan baafatanii isaan kanaan lolouun nama hin rakkisu. Isaan kana injifachuuf humna cimaa barbaachisullee, diina addatti beekaman waan ta’aniif isaan kana adda baafachuun nama hin rakkisu jechuu kooti.

Diinni keessaa garuu dhugumatti baay’aa hamaa dha. Waayeen kun makmaaksa Oromoo tokko na yaadachiisa. Innis waayee ibiddaa yoo haasa’amu:”Diina jedhanii iraa hin fagaatan; fira jedhanii itti hin dhiyaatan” kan jedhuu dha. Diinotni QBO kan keessaas akkuma ibiddaa ti. Yoo itti siqanis, karaalee adda addaatiin qabsaa’ota dhugaa balleessuu yoo dadhaban laaffisuu barbaadu ykn qabsoo kanatti gufuu ta’u. Akka irraa hin fagaanne immoo, lammii ofii ti. Kanaafuu, lammii lammii ganu caalaa diinni hamaan jiraa ree??

Seenaa saba Oromoo keessatti, yeroodhuma Minilik biyya teenya weeraree kaasee hanga har’aatitti diinotni keenya (diinotni QBO) jabina kophaa isaaniitiin osoo hin taane, Oromumaan Oromoo bitaa as gahan. Oroomoo gantuu fi galtuu ta’antu karaa isaanitti agarsiisee uummata keenya ficcisiisaa ture, har’as jiru. Diinotni keenya kan dhufaa dabran hunduu gargaarsa biyya alaatiin taankii fi xayyaara waraanaa haa qabaatan malee, dhugumatti humnaan saba Oromoo caalanii tii miti. Kan humna Oromoo laaffisu fi humna diina alaa cimsu diinota qabsoo kanaa kan keessaa ti. Akka tokkummaan Oromoo laaffatu kan taasisanillee diinota keessaa kana malee jabina diinota alaa miti. Dhugaa dha, diinotni alaa qaawwa fi balbala diinotni keessaa uumaniin nu keessa seenanii addaan nu hiruuf carraa argatu. Isa kanatu qabsoo tanatti qormaata ta’ee akka galii ishiirraa turtu taasise.

Waayee galii qabsoo kanaa ergan kaasee, mee waan biraas kan kaayyoo fi galii QBOtti qormaata ta’an waan tokko tokko kaasuun yaala. Har’a kan baay’ee nama gaddisiisu, jaarmayota Oromoo, gareelee Oromoo fi akkasumas namoota Aktivistoota Oromoo ofiin jedhan tokko tokko yoo laalle, hiikni isaan kaayyoo QBOtiif kennan kan afaanfaajjii uumu fi uummata keenya dogongorsu akka ta’an hubatama. Akkamitti yoo jedhame,

  • Tokkoffaa, biyyi teenya Oromiyaan akka humnaan weeraramte fi har’allee weerarama keessa akka jirtu waan dagatan ykn beekaatuma dhugaa lafarra jiru kana dhoksan fakkaatu. Asirraa ka’ee gaafiin Oromoo gaafii KOLONII akka hin taane fakkeessanii dhiheessuu barbaadu ykn yaalu.

 

  • Lammaffaa, erga ka’umsa qabsoo kanaa ykn kaayyoo qabsoo kanaa jallisanii hiikan booda, isa kanarratti hundaa’uudhaan galiin isaa Abbaabiyyummaa Oromoo mirkaneessuu akka hin taa’initti dhiheessuudhaan; Oromoon Impaayara Itoophiyaa sana bilisoomsee fi diimookraatessee, akka jiraachisu fi sana keessatti ofis bulchuu danda’ee uummattoota biroo wajjinis bulchinsa waloo ijaarrachuu akka qabu ibsuudhaan; galiin qabsoo tanaas isuma kana nuun jedhu.

 

  • Sadaffaa, gaafii uummatni keenya yeroo dheeraaf gaafachaa as gahe, keessumaayuu immoo gaafiilee Qeerroon Oromoo kaasaa jiran; osoo dhaadannoo isaan qabatanii agarsiisan ragaa ta’uu danda’anuu; dhugaa kan dhoksuuf, uummatni Oromoo jijjiirama imaammataa (policy reform) yookaanis sirna kana suphee jijjiiramni tokko tokko yoo argame akka waan Oromoon kanatti gammadee qabsoo dhiisuutti nama amansiisuu warri yaalanillee hin dhabamne.

Kan biraa wanti nama ajaa’ibu, har’a kan caalaatti hidhamu, dararamu, ajjeefamu, biyyarraa akka baqatu taasifamu, kan qabeenyi isaa saamamu, kan qayee fi lafa isaarraa buqqa’u,… Oromoo ta’ee osoo jiruu; hanga dhihoo kanaatitti uummattootni biyyattii sanaa callisuu filatanii yeroo turanitti ykn jiranitti; osoo hin yaamamin, osoo hin gaafatamin, Oromoon Itoophiyaadhaaf du’uu qaba; itti wareegamee biyyattii tana jiraachisuu qaba jechuudhaan ormaaf jedhanii uummata keenya ficcisiisuuf dogongorsaa jiru. Mee hubadhaa, Oromoon hamma biyyattii tanaaf wareegame osoo bilisummaa isaatiif wareegamee, qaata abbaabiyyummaa keenya mirkaneeffachuu dandeenya turre.

Wanti asirratti hubatamuu qabu, waan armaan olii kana hundaa yoon tarreessu, ani akka dhuunfaatitti biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tanarraa rakkoo fi jibba qabaadhee tii miti. Kaayyoon QBO garamaleetti hiikamee galiin isaas kanuma wajjin walqabatee akka gara hin taanetti hin deemne, ka’umsa fi kaayyoo qabsoo keenyaa, dhugaa fi seenaarratti hundaa’amee tikfamuu fi ittisamuu qaba jechaan jira. Kaayyoon QBO hangafti (core objective) hiree Oromoo Oromoon ofumaaf/ofumaan murteeffachuu akka danda’u taaisuu dha. Kun firaafis ta’ee diinaaf ifa ta’uu qaba.

Hiree murteeffannaa kana keessatti immoo akkamitti fi eenyu wajjin akka jiraatu kan murteessus uummatuma bal’aa Oromoo ti. Saboonni fi Sab-lammootni biroo gargaarsa Oromoo yoo gaafatan, Oromoon gargaarsa kennu ni danda’a; osoo hin gaafatamin garuu wanti wareegama barbaachisaa hin taane kaffaluuf sababni hin jiraatu. Ormaaf ykn alagaaf du’uun dhaabbachuu qaba. Kaayyoo fi galii QBO laalchisee, qabiyyee fi dhaamsi barreeffama kanaas isuma kana.

Kutaa itti aanu keessatti dhimmoota birootiin hanga walitti deebinutti nagaatti.

Ulfaadhaa!

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Uummata Oromoo fi Qeerroo Oromootiif

#Xalayaa: Dhaamsa Oromummaa   Berhanu Hundee   Kutaa tokkoffaa     Duradubbii Uummatni Oromoo humnaan …

Yaada kanaaf deebisaa kenni