Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Afraffaa –

Berhanu Hundee

Barreeffama kutaa sadaffaa keessatti tooftaalee humnootni farra-QBO ittifayyadamaa jirani fi gargaarsa isaan mooraa Oromootii argatan laalchhisee waan tokko tokko dhiyeesseen ture. Akkasumas adeemsi OPDO duraanii fi ODP ammaa QBO ni gargaara moo faallaatu hojjetamaa jira jedhee gaafii kaasee; garuu dhimma kana akkan bal’inaan ittideebi’u bulcheen ture. Barreeffama kutaa afraffaa kana keessatti adeemsa ODP laalchisee waanan hubachaa jirun dhiyeessa.

Adeemsi ODP fi hojii isaan dalagaa jiran QBO ni gargaara moo gufuu itti ta’aa jira?

Dhimma kanarratti yaada kiyya yoon barreessu, waanan hubadhe ykn/fi hubachaa jiru ibsuuf malee, dhaaba kanarraa jibba dhuunfaa qabaadhee akka hin taane dubbistoota barreeffama kanaa hubachiisuun fedha. Dabalatees hojii ykn/fi adeemsa isaaniin balaaleffadha malee namootarraa rakkoos ta’ee jibba qabaadhee tii miti. Wanti ani balaaleffadhu immoo waan fedhii uummata bal’aa Oromoo faalleessu fi QBOtti gufuu ta’a jedhee itti amanuu dha.

Maqaa xureessuuf yookaanis olola irratti godhuuf osoo hin taane, akkuma seenaan Oromoo ragaa bahu, dhaabni kun fedhii uummata Oromoo guutuuf jedhamee osoo hin taane fedhii diinaa fi alagaa kabchiisuuf kan ijaaramee fi kaayyoo ijaarameef sanas hojiirra oolchaa akka ture waanuma yaadatamuu fi amanamuu dha. Haa ta’u malee, erga fincila diddaa fi sochii uummata Oromootiin olaantummaan Wayyaanotaa cabee; qilleensi jijjiiramaa biyyattii tana keessatti mul’ate booda; yeroo hooggantootni haaraan dhaaba kanaa waan Sabboonummaa Oromoo calaqqisu dubbachaa turanitti, kan dabree seenaaf dhiisuu wayya jedhamee; dhugumatti dhaabni kun ofjijjiiree uummata Oromootiif dhaabbatinaa laata jedhamee abdiidhaan eegamaa ture.

Amma garuu abdiin sun hunduu qilleensarratti hafe jechuu ni danda’ama. Erga jijjiiramni biyyattii tana keessatti mul’ate booda ODPn dhimma Oromootiif xiyyeeffannaa kennee waan tokko tokko jijjiiruuf akkasumas gaafiilee Oromoon kaaasaa ture keessaa tokko tokkoofillee ta’u deebiin akka kennamu taasisuuf carraa gaarii argatee ture; garuu carraa kanatti hin fayyadamne. Wantootni faallaa kanaa ta’anii argaman garuu hedduu dha. OPDO (ODP)n akkuma amala isaa durii sana har’as alagaa tajaajiluu fi gammachiisuuf dhama’aa jira malee dhimma Oromootiif gurras ta’ee ija hin bananne. Kanaafuu, adeemsi jaarmayaa kanaa QBO gargaaruu caalaa gufuu itti ta’aa akka jiru hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Kuni maaliif ta’e? yoo jedhame, sababaalee adda addaa tilmaamuun ni danda’ama.

ODPn maaliif dhimma Oromootiif dursa fi xiyyeeffannaa hin kennine?

Gaafii kanaaf deebii quubsaa argachuun rakkisaa ta’ullee, garuu sababa kanaaf tilmaa adda addaa kennuun ni danda’ama. Akka yaada fi laalcha kiyyaatitti, sababaaleen armaan gadii kun amansiisaa ta’uu danda’u jedheen amana.

  1. Dhaabni kun OPDOrraa gara ODPtti maqaa haa jijjiirratu malee, kaayyoon isaa kanuma ganama ittiin ijaarame waan ta’eef; akkasumas immoo tooftaa, tarsiimoo fi shira durii sana qabatee waan deemuuf, dhimma Oromootiif dursa ykn/fi xiyyeeffannaa kennuun isaaf hin mijatu; amala barame tokko jijjiiruunis rakkisaa waan ta’uuf jechuu dha.
  1. Mootummaa Federaalaa amma of haaromse jedhu? kana keessatti bakkee (iddoo) furtuu ta’e waan argateef, dhimma Oromoo caalaa dhimma biyyattiitiif dursa kennuu filata.
  2. Namootni dhalootaan (dhiigaa fi fooniin) Oromoo hin taane garuu Oromiyaa keessatti dhalatanii guddatan; Afaan Oromoo dubbatan; waayee Oromoo sirriitti beekan miseensota dhaaba kanaa waan ta’aniif, Sabboontota quuqama Oromoo qabanitti gufuu fi sakaallaa waan ta’aniif, akka Sabboontotni kun dhimma Oromootiif hin hojjenne taasisu
  1. Oromootni dhaaba kana keessatti bakkee furtuu ta’e qabanis tokko tokkoon isaanii fuudha fi heerumsaan Habashoota wajjin waan walitti makamaniif, firoomni kunis dhimma Oromoorratti dhiibbaa guddaa qaba
  1. Dhaaba kana keessa warri dhimma sabaa dhiisanii dhimma dhuunfaatiif dursa kennan (garaaf bultootni) waan jiraniif aksumsa malaammaltummaan hidda baasee waan as gaheef, dhaaba kana keessatti waan fedhii uummata bal’aa Oromoo eegu hojjechuun hin danda’amu
  1. Dhaabni kun dhiibbaa sochii uummata Oromootiin bakkee har’a jiru kana akka gahe dagachuudhaan; oftuulummaa agarsiisuudhaan dhimma Oromoo tuffatee dhiisa
  1. Dhumarratti dhugaan dagatamuu hin qabne tokko, dhaabni kun ABOrraa sodaa waan qabuuf, inaaffaarraa kan ka’e, waan Oromoof tolu tokko hojjechuu hin fedhu. Warra diina ABO ta’an ofitti qabee jaarmayaa jaalatamaa kana dadhabsiisuuf wanti inni hin yaalle hin jiru. Kun ABOf dubbachuu osoo hin taane dhugaa lafarratti mul’achaa jiru waanan hubadheefi.

Egaa, qabxiileen armaan olitti tarreeffaman kun tilmaama kiyyaa fi waanan hubadhe keessaa kan ijoo ta’an cuunfee baasuuf malee, sababaaleen biroos jiraachuu akka danda’an dagatamuu hin qabu. Erga dhimma Saba Orootiif dursa hin kenninee; ODPn filmaata biyyoolessaa dhufuuf jiru kana keessatti deeggarsa Oromoo argachuu ni danda’aa moo jaarmayaa Itoophiyaaf dhaabbatu ta’ee argamuudhaan; deeggarsa saboota, sablammoota fi uummattoota biroo argatee filmaata moo’achuu ni danda’a laata? Isa kana arguuf teenya. Waanuma ta’eefuu dhimma kana ittin deebi’a.   

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa.

– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Sadaffaa –

Berhanu Hundee

Barreeffama kutaa lammaffaa keessatti sirni Federaalisimii Itoophiyaa amma jiru kun gaaga’ama keessa akka jiru fi humnootni sirna kana jibbanis ofijaaraa fi humna isaanii cimsaa akka jiran; akkasumas humni jaarmayoota Oromoo hangam abdachiisaa akka ta’e wantootni tokko tokko gabaabinaan dhiyaatanii jiru. Barreeffama kutaa sadaffaa kana keessatti shiroota humnootni farra-QBO hojjechaa jirani fi waan mooraa Oromoo keessatti mul’achaa jiran laalchisee hubannoo kiyya dhiyeessa.

Tooftaalee humnootni farra-QBO ittifayyadamaa jirani fi gargaarsa mooraa Oromootii argatan

Mooraa Oromoo laaffisuuf akkasumas injifannoolee QBOn hanga har’aatti galmeesse dhabamsiisuuf, diinotni QBO tooftaalee fi tarsiimoolee adda addaatti fayyadamaa akka jiran waanuma ifatti mul’achaa jiruu dha. Humnootni kun karaalee gara garaatiin duula cimaa gaggeessaa jiru. Karaalee kana keessaa inni tokko miidiyaa dha. Baay’ina miidiyaalee isaan qaban qofaa osoo hin taane, akkamiti murannoo fi kutannoodhaan hojjechaa akka jiran hubachuun nama hin rakkisu. Karaa miidiyaatiin olola cimaa godhuudhaan Oromoorratti addatti immoo QBOrratti maqa-xureessa hojjechaa jiru. Tuffii uummata Oromootiif qaban bira dabranii, ifaa ifatti Oromoo arrabsaa fi abaaraa jiru. Uummattootni biroo Oromoorraa shakkii akka qabaatani fi deeggarsa argachuuf yaaliin isaan hin goone hin jiru. Kanaaf miidiyaalee isaanii akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jiru. Kan nama gaddisiisu garuu Oromoo keessaa warri humnoota farra-QBO kana deeggaran jiraachuu dha.

Tooftaan biroo kan isaan ittifayyadamanii al-kallattiidhaan mooraa keenya laaffisuu barbaadan maqaa OROMARA jedhuun deemuu dha. Asirratti wanti ani cimsee dubbistoota hubachiisuu barbaadu, uummattoota Oromoo fi Amaaraa jidduu hariiroo gaariin jirachuu hin qabu jechuu akka hin taanee dha. Hariiroon uummattoota kana lamaanii murteessaa waan ta’eef deeggaramuu qaba. Uummattootni kun lamaan walkeessas ta’ee akka ollootaatti nagaana waliin jiraachuun murteessaa dha. Haa ta’u malee, tokkummaa sababa godhatanii, garuu kaayyoo dhokataa qabatanii maqaa OROMARAtiin deemuun QBO ni gaaga’a malee bu’aa waan qabu natti hin fakkaatu. Adeemsa akkanaa kana keessatti tokko kan biraa gammachiisuuf jedhee waan dhugaa fi seenaa faallessu hojjechuun waan maluuf, bu’aa argamu caalaa rakkoolee isa kana wajjin uumamantu guddachaa fi babal’achaa deemu. Tokko kan biraa gammachiisuuf yoon jedhu, kun harki caalaan gama Oromootiin mul’ata. Oromoon Amaara gammachiisuuf wanti hin yaalle hin jiru. Gama Amaaraatiin garuu wanti akkanaa hin mul’atu yoon jedhe dhara hin ta’u.

Wanta ani jechaa jiru kana akka fakkeenyaatti kaasuuf, waan dhiyoo kana Ambotti ta’e yaadachuun gahaa dha. Jara kana gammachiisuuf jecha, hubatees ta’ee osoo hijn hubatin; beekees ta’ee osoo hin beekin; ittiyaadees ta’ee akka tasaa waan Hogganaan ODP Obboo Addisuu Araggaa dubbate dhugumatti waan seenaa Oromoo faallessu fi QBO xureessuu dha. QBOn maaliif akka eegale fi deemaas akka jiru waanuma diinni fi firris hubatuu dha. Harka muraa fi harma muraan Oromoorratti hojjetame waan seenaan ragaa bahuu dha malee asoosamaa miti. Warri gochaa kana ija isaaniitiin arganillee har’a waan kana dubbachaa jiru. Haa ta’u malee, wanti akka seenaatti barreeffame hin jiru; kanaafuu wanti kun asoosama malee dhugaa miti jedhanii dubbachuun, keessumaayuu Oromoo keessaa wanti akkanaa dubbatamuun baay’ee qaanii dha. Kan diinota keenya onnachiisullee isa kana dha. Madaa ofii abbaatu beeka malee ormi namaaf hin dhukkubsatu.

Fakkeenyi ani armaan olitti kaase kun handhuura qabsoo Oromoo kan taate Ambotti dubbatamuun caalaatti nama gaddisiisa; nama aarsas. Ambo wiirtuu QBO waan taateef, shirri diinaa fi faallaan QBO achitti mul’achuu hin qaban turan. Saboota fi Sab-lammoota akkasumsa uummattoota nagaa barbaadanii fi eenyummaa Oromoo kabajan keessummeessuun Aadaa Oromoo waan ta’eef, kun deeggaramuu qaba. Haa ta’u malee, lafee fi dhiiga ilmaan Oromoorra dhaabbatanii; seenaa uummata keenyaa busheessuun; akka dhugaa hin taanetti dhiyeessuun Oromoof qaanii guddaa yoo ta’u diinota QBOtiif garuu hamilee cimaa kenna. Qotiyyoo abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsa jedhamaa mitii ree? Waayee kana kaasuun koo ololaaf osoo hin taane, dhimmi keenyaa hangam akka tuffatame fi orma gammachiisuuf jecha waan ofii dagachuu ykn dhoksuu yaaluun fafa akka ta’e hubachiisuufi.

Adeemsi ODP, QBO gargaaraa jira moo faallaatu hojjetamaa jira?

Akkuman kanaan dura barreeffamoota adda addaa keessatti yaada fi laalcha koo ibsaa ture, OPDO duraanii fi ODP ammaa keessa Sabboontotni Oromoof quuqaman jiraatanillee, jaarmayaan kun akka dhaabaatti ammallee kaayyoodhuma ittiin ijaarme sana qabatee hojjechaa waan jiru fakkaata. Dhaabni kun olaanummaa Wayyaanotaa jalatti, Oromiyaa keessatti isaan bakka bu’ee hojjechaa akka ture waan hirraanfatamuu miti. Har’as taanan dhaabni kun maqaa jijjiirrate malee kaayyoo fi adeemsi isaa waan jijjiirame hin fakkaatu. Adeemsi isaanii yeroo hunda orma gammachiisuuf malee, dhugumatti uummata Oromoo bakka bu’anii, dhimma saba kanaatiif dursa kennanii, hojjechaa akka hin jirre ragaalee hedduutu jiru. Kuni immoo dhugaa jiru Obboloota keenyatti himuuf malee olola miti; waanuma lafarratti mul’achaas jiruu dha. Dhimma kana bal’inaan itti deebi’a.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Tokkoffaa – Berhanu Hundee Yaadachiisa: Mata duree “Qabsoon Bilisummaa Oromoo …

Yaada kanaaf deebisaa kenni