Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

 

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Diigdamiisadaffaa

Dhimma har’a kaasuu barbaade keessa osoo hin seenin dura, hiriira kaleessa (23/06/2018) Finfinneetti godhame fi Muummicha Ministeerotaa Dr Abiyyi Ahmad ajjeesuuf yaalii godhame laalchisee waa jechuun barbaada. Dr Abiyyi ilaalcha fedhe haa qabaatu; siyaasaa fedhes haa gaggeessu, garuu akka ilma Oromoo tokkootitti miidhaan akka irra gahu Oromoon kana fedhu waan jiru natti hin fakkaatu. Kanaafuu, anis akka ilma Oromoo tokkotitti fi Obboleessa isaa tokkootitti baay’een rifadhe; garuu uummatni miidhamullee nagaa ta’uun isaa baay’ee na gammachiise. Warri isa dhabamsiisuuf yaalanis diinota hunda keenyaa waan ta’aniif, uummatni Oromoo ilmaan isaas ta’ee dhimma isaa tikfachuuf tokkummaadhaan ka’uu qaba.

Nagaan, jaalalli, tokkummaa fi dhiifama waliif godhuun bakka kan argatan yoo gaafiin uummataa deebii argate qofaa dha

Dhimma kana laalchisee barreeffama gabaabaa tokko Face Book irratti baaseen ture. Haa ta’u malee, namootni  tokko tokko waan kaleessa ta’e sana wajjin walqabsiisanii yaada kiyya kana gara maleetti waan hubatan fakkaata. Uummatni lakkoofsi isaa hamma kana gahu bahee walbira dhaabbachuun seenaa biyyattii tanaa keessattillee isa duraa waan ta’eef, karaa kanaan yoo laalame, nagaa, jaalala, tokkummaa fi dhiifama kan jedhamu kun dhugaa fudhatamuu qabuu dha. Dhaamsi barreeffama kiyyaa sun garuu isa kana faallessuuf osoo hin taane, akka waliigalaatti yoo fudhannu, gaafiin uummata kamiiyyuu keessumaayuu kan uummata Oromoo deebii hanga hin argannetti nagaa, jaalalli, tokkummaa fi dhiifamni iddoo argachuu hin danda’an; gaafiin biyyoolessaa Oromoo kan dhiifamaan bira dabramuu miti jechuufi.

Akkuman armaan olitti tuqee dabre, Dr Abiyyis ta’ee Obboo Lammaa Magarsaa ilaalcha  siyaasaa fedhan qabaachuun akkasumas jaalala addaa ta’e biyyattii tanaaf qabaachuun isaanii mirga isaanii ti. Tokkummaa biyyattii tanaatiif halkanii fi guyyaa dhama’uunis akkasuma mirga fi filannoo isaanii ti. Waan ta’eef, nagaa, jaalala, tokkummaa fi dhiifama lallabuun fedhii ykn/fi hawwii isaanii ta’uun akkuma jirutti ta’ee, garuu wanti isaanis hubachuu qaban hanga gaafiin biyyoolessaa Oromoo guutumaa guututtii deebii hin argannetti fedhii fi hawwiin isaanii kun waan milkaa’u natti hin fakkaatu. Dhugaan jirus, gaafiin uummataa deebii yoo argate fi uummatnis kanatt yoo gammade qofaa dha wanti hunduu mul’achuu kan danda’an jechuu dha.

Obboo Lammaas ta’ee Dr Abiyyi isaan lamaanuu akka namaatitti hoggantoota ciccimoo fi biyyallee tasgabbeessuu akka danda’an waanuma hubatamaa jiruu dha. Karaa kanaan yoo laalme, wanti Dr Abiyyi ji’oota muraasa dabran kana keessatti hojjete waan dinqisiifamuu qabuu dha. Akka ilmaan Oromootitti ittiin boonuu qabna yoon jedhe dhara waan ta’u natti hin fakkaatu. Akka alagaa fi diinni nu tuffachaa jiran osoo hin taane, ilmaan Oromoos biyya takka tasgabbeessuu fi bulchuu akka danda’an mirkaneesuun isaanii dhugumatti Oromoo boonsisuu qaba. Kun dhugaa waliigalaa ti. Haa ta’u malee, waan isaan gara fuulduraatitti hojjechuuf deemanii fi gaafii uummata Oromoo deebisuu danda’uu isaanii waan arguuf teenyu ta’a.

Kuni akkuma jirutti ta’ee, ana dhuunfaadhaan adeemsi jara lamaaniituu na hin quubsine. Na quubsuu qofaa osoo hin taane, yaaddoollee na keessatti uumee jira. Maal jechuun barbaade? Jarri kun lamaanuu Araada Itoophiyummaa dhugumatti waan qabaniif, akka amma itti jiran kanatti yoo ittifufan, yeroo dheeraa keessatti (in the long term) Sabboonummaan Oromoo (Oromo Nationalism) Sabboonummaa Itoophiyummaatiin (Ethiopian Nationalism) liqimsamaa waan deemuuf, waayeen Oromummaa tokko (Oromo Value) dagatamaa deemuuf crraan uumamuu danda’a jedheen yaada. Wanti eenyummaa Oromoo calaqqisan dagatamnaan immoo balaa guddaatu nutti deemuuf jira jechuu dha. Kana yaaddoon koo.

Dhimmi Saba Oromoo dhiifamaan irradabramuu ni danda’aa?

Oromoo ta’ee kan rakkoon uummata kanaa ittidhagahamu fi kan sammuu qulqulluudhaan yaadu, gaafii kanaaf deebii gabaabaa “hin danda’u” jedhu akka kennu abdiin qaba. Haa ta’u malee, deebii gabaabaa kanaan waan hin dhiifamneef, xinnoo bal’isee ibsuun yaala. Akka waliigalaatitti yoo laalame, dhimmi dhiifama waliif godhanii irra dabran jira. Kun seera uumaa ti. Garuu seenaa uummata Oromoo keessatti fi waan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ta’e bal’inaan yoo laalle, waan dhiifamaan irradabramu caalaa kan dhiifamni hin godhamneetu baay’ata. Yoon akkan jedhu immoo xiiqii qabannee nagaa fi jaalala haa booressinu jechaa hin jiru. Kan bara dheeraa haa hafuu, waanum dhiyoo kana waggoota muraasa dabran kana keessatti godhaman yoo yaadanne, wantootni dhiifama hin godhamneef hedduu dha. Gabaabumatti, waantoota uummata keenyarra gahan kanaaf qaamni ittigaafatamu seeratti dhihaachuu qaba jechuu dha.

Mee wanti biraa haa hafuu, wanti Irreecharratti ta’e; wanti Ambootti ta’e; wanti Calanqootti ta’e; kan Mooyyaaleetti ta’e; uummatni Oromoo miliyoonatti lakkaawaman Naannoo Sumaaleerraa buqqifamanii har’allee rakkachaa jiran; kan maatii tokko keessaa namani sadi awwaalame; haati reeffa mucaa ishiirra teessee boo’aa osoo jirtuu dararamni hamaan irragahe fi k.k.f yoo yaadanne, kuni hunduu laayyoodhumatti dhiifamaan irradabramuu? Qaamni badii kana hundaa raawwate osoo itti hingaafatamin hafa jechuu dhaa? Yoo akkana ta’e immoo biyya akkamiititu ijaaramuuf deema ree? Seera fi heera akkamiitu uumamuuf deemaree? Madaan kun osoo hin fayyin akkamitti tokkummaan yaadama ree? Tokko boo’aa kan biraa koflaa jiraachuun haqaa ree? Egaa waayee dhiifamaa karaa kanaan laaleetani malee, kan dabreef dhiifama waliif godhuun waanuma Waaqni jaalatuu dhaa bar!!!

Dhumarratti, wanti jala sararamuu qabu, hanga gaafiin Oromoo deebii hin argannetti; hanga uummatni keenya deebii barbaadu tokkotti hin gammadnetti, nagaan, jaalalli, tasgabbii fi tokkummaan hawwamu kunillee mirkanaa’uu hin danda’an. Kanaafuu, Obboo Lammaa fi Dr Abiyyi akkasumas warri “Team Lemma” jedhamnii yaamamanii fi warra jijjiiramaaf qophaa’an jedhaman hunduu dhugaa kana hubatanii dhimma kanarratti ciminaan hojjechuun fedhii osoo hin taane DIRQAMA ta’a. Fedhiin uummata bal’aa Oromoo waanuma fedheenuu bakka bu’uu hin danda’u. Fedhiin uummata keenyaa dursa (priority) argachuu qaba.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …