Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee   

Kutaa Kudhasaglaffaa

 

Barreeffama kutaa dabree keessatti mootummaa wajjin mariitti dhiyaachuu dura jaarmayootni Oromoo waliin haasa’uu fi gaafii Oromoorratti ejjannoo tokko qabaachuu akka qaban; akksaumas mariin Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi jaarmayoota bilisummaa Oromiyaa hundaa hin dabalanne bu’aa fiduu akka hin dandeenye ibsuu yaaleen ture. Barreeffama kutaa kanaa keessattis dhimmuma kana keessaa osoo hin bahin waan tokko tokko kaasuun barbaada.

Hanga gaafiin biyyoolessaa Oromoo deebii argatutti, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) hiikkachiisuun QBO awwaaluu ta’a

Namni tokko waan tokkoof lubbuu takkittii dabarsee kan kennu dirqamee ti malee lubbuun namaa yoo takka baate waan hin deebineef kuni qoosaa miti. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) abbuuma fedheenuu haa hogganamu; jaarmayaa kamiinuu ajajni haa kennamuuf, wanti inni qawwee baatee gaara fi bosona Oromiyaa keessatti wareegamuuf waan tokko qofaafi. Innis bilisummaa Oromoo argamasiisuufi. Bilisummaan Oromoo immoo warra bilisummaa kana jaalatanii fi hawwanis ta’ee warra isa kana hin feeneefillee waliqixa dha. Yoo sabni Oromoo bilisummaa argate kan gabrummaa keessatti hafu hin jiru. Kanaafuu, jaalatamus jibbamus, fudhatamus dhiisamus, WBOn ilmaan Oromoo fi warra bilisummaa fi haqa barbaadan hundaaf wareegamaa jira.

Waayeen WBO yoo ka’u, tarii namootni garee tokko wajjin walbira qabanii laaluu malu. Kuni garuu dogongora. Wanti laalamuu qabu garee kamiinuu wajjin walqunnamtii haa qabaatu, WBOn gaachana saba Oromoo ti. Hadhooftus dhugaan kun fudhatamuu qaba. Waayee WBO waanan kaaseef sababa adda addaan qaba. Fakkeenyaaf, akka haasa’a Obboo Lammaa Magrsaarraa hubatamaa jirutti, mormitoota (akka isaan jedhanitti morkitoota) wajjin haasa’uu dura warri hidhatan akka hiikkatan akka haal dureetti waan lafa kaa’an ykn lafa kaa’uu barbaadan fakkaata. Ani akka yaada fi laalcha kiyyaatitti, waayeen hiikkachiisuu qabsaa’otaa kun lammata haal duree ta’uu hin qabu. Dogongorri bara 1992 hojjetame sun barumsa guddaa ta’uu qaba. Hidhattoota hiikkachiisuun yoo gaafii Oromoo deebisuuf gutumaa guututti irratti waliigalamee fi kunis hojiitti jijjiiramee, uummatni Oromoo bal’aan ittigammade qofaa ta’uu qaba.

WBO dhabamsiisuus ta’ee uummata Oromoo hiikkachiisuu yaaluun badii daangaa hin qabnetti nama geessuu danda’a

Dhugaan hubatamuu qabu, uummatni Oromoo kan hidhatu warra duula irratti banan ofirraa ittisuuf malee, daangaa dabree uummata biraarratti weerara banuufii miti. Kuni osoo beekamuu; uummatni keenya qayee isaarratti shiftootaan ajjeefamaa osoo jiruu; silaa warra dura hiikkachuu qaban hiikkachiisuu dhiisanii uummata nagaatiin ati qawwee kee hiikkadhuutii du’i jechuun hangam uummata Oromootiif dhimma dhabuu agarsiisa. Alagaan silaa alagaa dhaa; diinnis silaa diinaa, warrumti uummata kanarraa dhalatanuu gochaa kana dalaguun isaanii hangam garaa akka jabaatan agarsiisa. Uummata irraa dhalatan caalaa kan isaan yaaddessu tokkummaa biyyattii tanaa ti. Isaaf halkanii guyyaa dhama’u; yoo uummatni keenya akka baalaa harca’u garuu wanti tokko isaanitti hin dhaga’amu. Kuni ajaa’iba!!

WBOs taanan,akkuman dursee ibsuu yaale, jaalatee ykn araada (suusii) nama ajjeesuu qabaatee osoo hin taane, gabrummaa fi roorroo uummata Oromoorra gahaa ture fi ammas jiru taa’ee laaluu dadhabee ti. Ba’aan sabaa kun ittiulfaannaan maatii, jiruu fi jireenya isaa dhiisee bosonatti galuu filate. Hanga gaafiin Oromoo deebii argatutti manni isaatis bosona fi gaara Oromiyaa ta’a jechuu dha. WBOn akkuma maqaan isaa ibsu bilisummaa Oromootiif malee saboota fi sab-lammoota biyyattii sanaarraa rakkoo qabaatee; isaan kanas miidhuuf akka hin taane hubatamuu qaba. WBOn gaachana uummata Oromoo ta’ee, hiree murteffannaan uummata kanaas akka mirkanaa’uuf lubbuu isaa kennaa jira malee, akka ololli irratti godhamaa jirutti biyyattii tana diiguufii miti.

Maqaa qabsoo hidhannootiin jaarmayoota Oromoo jidduutti walqoqqoodinsa uumuun shira hin milkoofnee dha

Akkan hubadhutti, adeemsi DhDUO ykn bulchinsi MNO fi Mootummaa Itoophiyaa warra qabsoo hidhannoo ala karaa nagaatiin hojjenna jedhanii fi warra qabsoo hidhannoo gaggeessan jidduutti gaara guddaa uumuu barbaada. Kana qofaan hin dhiisan; warra karaa nagaatiin qabsoofna jedhan ofitti qabanii; kan hafan kophaatti baasanii shiraan yookanis immoo humnaan (waraanaan) rukutanii dhabamsiisuuf waan deeman natti fakkaata. Akkuman dursee tuquu yaale, haasa’a Obboo Lammaarraa wanti hubatamu kan biraa tokko, warra karaa isaan barbaadan sana deemuu hin feene fi siyaasaa isaanii sana hin hordofne akka yaada dulloomaa fi yeroon irraa dabree tokkotti waan laalan fakkaata. Kanaafuu, isin achuma jirtanii; bu’aan isin fiddanis hinjiru; nutu isin bilisoomse jedhanii dhaadatu.

Obboo Lammaa Magarsaas ta’e MM Dr Abiyyi wanti isaan dagatan tokko, isaanuu kan sadarkaa kanaan isaan gahe, qabsoo hadhooftuu Sabboontotni Oromoo meeqa itti wareegamani dha. Wanti hin danda’amne lafa kanarra hin jiru waan ta’eef, qabsoo hadhooftuun tun immoo ittifuftee saba Oromoos gutumaa guutuutti bilisa baasuu akka dandeesu hubachuu qabu. Yoo dhuguma uummata kanaaf kan yaadan ta’e; yoo dhuguma uummata irraadhalatan kanaaf kan quuqaman ta’e; yoo dhugumatti gaafii Oromootiif deebiin akka argamu kan barbaadan ta’e; yoo dhugumatti  nagaa fi tasgabbii biyyattii tanaafillee kan yaadan ta’e; yoo tokkummaa biyyattii tanaas jiraachisuu barbaadan, dura gaafii Oromoo deebisuuf isa kana ajandaa hangafa godhanii, jaarmayoota Oromoo hunda wajjinuu haal duree tokko malee walqixxummaadhaan marii godhuu qabu. Yoo kuni hin taane garuu jeequmsisi ittuma fufa; kan bu’aa argatus hin jiru. Wayyaanee qofaatu bayyanatee aangootti deebi’uuf carraa argata.

Dhimma biraatiin hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Diigdamiitokkoffaa

 

Barreeffama kutaa dabre keessatti mooraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti maaliif addaanbahinsi uumamaa akka as gahee fi sababa kanaan gareeleen akka heddooman kaaseen ture. Akkasumas jaarmayoota ykn gareelee ABOrraa kophaatti bahani fi jaarmayoota bilisummaa Oromiyaa kan biroos kanan beeku tarreesseen ture. Barreeffama kana keessatti qabxiilee lamaan hafanirratti waan tokko tokko kaasee yaadakoo ibsuun barbaada. Qabxiileen lamaan hafanis:

(2) Jaarmayootni Oromoo warri kaayyoo fi galii tokko ykn walfakkaataa qaban maaliif tokkoomuu akka dadhaban

 

(3) Mooraan QBO maal ta’uuf akka deemu fi dhiibbaan uummata Oromoo fi addatti kan Qeerroo jaarmayoota keenyarratti maal ta’uu akka qabu

2) Jaarmayootni Oromoo warri kaayyoo fi galii tokko ykn walfakkaataa qaban maaliif tokkoomuu dadhaban?

Jaarmayootni ykn gareeleen Oromoo kan duraan ABO tokko turani fi amma kophaatti bahanii jiran yeroo ammaa shantu jiru. Isaan kunis barreeffama kutaa dabree keessatti tarreeffamanii jiru. Akka naaf galutti, Adda Diimokraatawa Oromoo (ADO)rraa kan hafan afranuu kaayyoos ta’ee galii tokko akka qabanii dha. Innis “bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa” ti jedhu. Erga kaayyoon isaanii tokko ta’etti immoo walittideebi’anii tokko ta’uu ykn walittibaqanii hoggansa tokko jalatti jaarmayaa tokko ta’uun yoo hin danda’amne tokkummaa kaayyoo (unity of purpose) uumanii waliin hojjechuun silaa dirqamallee ture. Kana godhuun hafee, waanuma waliin haasa’anuu hin fakkaatan. Kan caalatti nama gaddisiisu garuu yeroo tokko tokko walqeequu fi walirratti duuluu isaanii ti.

Qabsaa’otni ganama kaayyoo tokkoof manaa bahan, hanguma fedhe rakkoon dhuunfaa isaan jidduu jiraatullee, hanga uummata Oromootiif dhaabbatanitti; hanga gabrummaa xumuruu barbaadanitti, akka waliin hin hojjenne kan isaan taasisu naafi hin galu. Kopha kophaa deemaa, beekumsa, dandeettii fi qabeenya walumaagalatti humna isaanii gargar facaasuun injifatamuutti akka isaan geessu isaan caalaa kan beeku jira jedhee hin yaadu. Nutu dursee aangoo qabata jedhanii kan yaadanillee yoo ta’e, aangoon isaan irratti wal lolan sun ammaaf hin jiruu bar. Akka jaarmayoota siyaasaatti waldorgomuuf kan filannootti dhiyaatan osoo ta’ee, kophaa kophaa deemuun waanuma jiru. Isaan garuu akka jaarmayoota bilisa baastotaatti laalamu ykn oflaalu. Jaarmayaa bilisa baasaan tokko immoo kaayyoo tokko qofaa qaba.

Akkuman kanaa dura barreeffama kutaalee dabranii keessatti ibsuu yaale, Mootummaan Itoophiyaa jaarmayoota mormitootaa (morkitootaa) wajjin haasa’uu akka barbaadu ibsaa ture. Yaadni Mootummaa kun immoo dhugumatti nagaa fi araara barbaadee yookaanis shiraaf ta’uu isaa ragaan hin jiru. Amala mootummaa kanaarraa hubatamuu wanti danda’u garuu shirri duuba jiraachuu akka danda’uu dha. Karoorri Mootumichaa waanuma fedhes ta’u, shira dura dhaabbachuufis ta’ee; marii dhugaa ta’e tokkotti dhiyaachuu dura tokkummaan jaarmayoota Oromoo barbaachisaa qofaa osoo hin tane murteessaa dhas. Ejjannoo fi ajandaa waloo tokko qabatanii; gamtaadhaan mariitti yoo hin dhiyaanne fi kophaa kophaa deemanii haasa’uu kan barbaadan yoo ta’e kun gaaga’ama hundaa ta’a. Waan kana irradeddeebi’ee ibsaan ture.

Akkuma beekamu fi hubatamu, yeroo ammaa jaarmayootni Oromoo akka kaayyoo qabsoo isaaniitittti garee gurguddoo lamatti bahanii jiru.

1) Warra bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa akka galiitti fudhatanii qabsaa’aa jiran fi

2) Warra Itoophiyaa diimookraatoftu keessatti gaafiin uummata Oromoo deebii argachuu ni danda’a jedhanii amananii fi kanaafis hojjechaa jiran

Adeemsi tokkummaa kaayyoo (unity of purpose) uumuus ta’ee; ejjannoo fi ajandaa waloo tokko qabatanii mootummaa wajjin mariitti dhiyaachuun garee lamaaniifuu tokko ta’uu qaba. Kanaafuu, warri garee lammaffaa keessa galuu danda’anis kan akka Kongresi Federalistii Oromoo (KFO), Adda Dimokraatawa Oromoo (ADO) fi jaarmayootni Oromoo walaba ta’an kan biroo, kan kaayyoo walfakkaataa qaban waliin mari’achuudhaan yoo barbaachisaa ta’e Koree Marii Waloo tokko uumanii karaa kanaan ejjannoo fi ajandaa waloo tokko qabatanii motummaa wajjin haasa’uun dirqama ta’uu qaba jedheen yaada. Tooftaa fi tarsiimoon kun warra garee tokkoffaa keessa jiraniifis walfakkaataa ta’uu qaba. Isaanis Koree Jaarmayoota (Humnoota) Bilisummaa Oromiyaa (Committee of Oromia Liberation Forces) jedhu ijaaranii karaa kanaan ajandaa waloo tokko qabatanii mariitti dhiyaachuu qabu.

(3) Mooraan QBO maal ta’uuf deema? Dhiibbaan uummata Oromoo fi Qeerroo, jaarmayoota keenyarratti maal ta’uu qaba?

Gabrummaa bar-dhibbee tokkoo fi wal’akkaa nurratti fe’amee jiru kana keessaa bahuufis ta’ee egeree keenya tolfachuuf gaafiileen akka mata dureetti dhiyaatan kun baay’ee murteessoo dha. Gaafiilee, Oromoon hunduu ofis ta’ee walgaafachuu qabanii dha jedheen amana. Moraan QBO maal ta’uuf akka deemu kan murteessan jaarmayoota Oromoo fi uummata Oromoo bal’aa dha. Uummatni Oromoo keessumaayyuu Qeerroon Oromiyaa waa hundaa jijjiiruuf humna akka qaban Addunyaattillee agarsiisanii jiru. Dhiibbaa uummata Oromoo fi sochii Qeerrootu OPDOllee akka garagaltee ofhubattu taasise. Sochii kanatu warra “Team Lammaa” jedhamu as baase; Muummichi Ministeerotaa (MM) biyyattii tanaa Oromoo akka ta’u taasise. Sochii kanatu diina jilbiifachiisee har’a qilleessa haaraa biyyattii sana keessatti uume. Humni uummata Oromoo fi kan Qeerroo waa hunda jijjiiruu akka danda’u shakkiin hin jiru.

Waan ta’eef, hanga ummatni Oromoo bilisa ta’ee, fuulduree isaa murteeffachuu danda’utti, jaarmayoota garee lamaaniirrattuu dhiibbaa godhuudhaan akka ejjannoo fi ajandaa tokko qabatan taasissuf, uummatni keenya fi addatti Qeerroon dhiibbaa cimaa godhuu qabu. Jaarmayootni keenyas filannoo biraa waan hin qabneef, dhiibba kana fudhatanii; garee kamiiyyuu haa ta’uu tokkummaa kaayyoo uumuun dirqama isaanii ta’uu qaba. “Yaa soogidda ofiif jedhii mi’aawi, yookaan dhagaa dha jedhanii achi si gatu” akkuma jedhamu, haala keessa jirru fi balaa nutti deemaa jirullee hubatanii waan barbaachisu hundaa godhun dirqama yeroo ti. Seenaa dabrerraa baratanii, waan dhufuuf ofqohpeessunis dhimma yeroon gaafattuu dha.

Dhumarratti, wanti tokko kan dagatamuu hin qabne fi hunduu hubachuu qaban, Wayyaaneen sagalee fi fuula ishii dhoksitee; OPDO duuba teessee, garuu aangoo qabdu hundatti fayyadamtee; shiroota adda addaa xaxaa akka jirtu dha. OPDO akka riqichaatitti ittifayyadamte bakkee barbaadutti ce’uu yaalti. Wayyanee yeroon ishii dabre; kana booda homaa godhuu hin dandeessu jechuun dogongora guddaa dha. Ammaaf humni murteessaa ta’e harka ishii akka jiru dagachuu hin qabnu. Kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan ammallee aangoo ishiitti fayyadamtee shira xaxaa akka jirtu kan hin hubanne jira jedhee yaaduun na rakkisa. Karaa biraatiin immoo, OPDOf dirreen hunduu banaa yoo ta’e, karaa hin taanetti nu oofuu akka dandeesus hubachuun barbacisaa dha.

Jaarmayaan kun ammalle bakkabu’aa EPRDF/TPLF Oromiyaa ti malee bakkabu’aa uummata Oromoo akka hin taane dhugaan kun beekamuu qaba. Osoo bakka bu’aa uummata Oromoo taatee; osoo dhugumatti uummata kanaaf kan quuqamtu taatee, silaa nagaa uummata kanaa eegsisuu dandeessi ture; uummata kenyatti yartuun hin roorristu turte. Jaarmayaan tun har’as ta’ee boru nagaa uummata Oromoo eegsisuu hin dandeessu. Hooggantoota ishiis yoo ta’an tokkummaa Itoophiyaatiif dhiphachuu fi dhama’uu malee, miidhaan uummata Oromoo isaanitti hin dhaga’amu. Kanaaf, OPDOrraa waa eeguun gowwummaa dha.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee   

Kutaa Diigdammaffaa

 

Barreeffama kutaa kana keessatti mee akka waliigalaatti mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) fi addatti immoo mooraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) laalchisee dhima yeroo dheeraa gaafii na keessatti uumaa ture tokkon kaasuu barbaada. Dhimma kana immoo bakkee (iddoo) saditti baaseen laaluu yaala.

(1) Mooraa ABO keessatti maaliif addaanbahinsi yeroo adda addaa uumamaa akka as gahee fi sababa kanaan gareeleen heddooman

(2) Jaarmayootni Oromoo warri kaayyoo fi galii tokko ykn walfakkaataa qaban maaliif tokkoomuu akka dadhaban

(3) Mooraan QBO maal ta’uuf akka deemu fi dhiibbaan uummata Oromoo fi addatti kan Qeerroo jaarmayoota keenyarratti maal ta’uu akka qabu

Duraan dursee, wanti ani dubbistoota barreeffama kanaa hubachiisuu fedhu, ani rakkoolee mooraa QBO fi ABO keessa jiran hin beeku garuu akka hubannoo kiyyaatitti yaada fi ilaalchan qabu ibsuufi. Barreeffamni kun yaada malee waraqaa qorannoo (research paper) akka hin taanes asuman beeksisuun barbaada.

1) Mooraa ABO keessatti maaliif addaanbahinsi uumamaa as gahee, sababa kanaan gareeleen heddooman?

Akka warri keessa beekan dubbatanitti, moraa ABO keessa ijaarsuma jaarmayaa kanaarraa kaasee rakkooleen bifa adda addaa jiraachaa akka turan himama. Sana hundaa seenaaf dhiisuudhaan, mee waanuma bara 1992 booda mul’achaa as gaherraa hubannoo kiyya ibsuun yaala.

Akkuma beekamu addaanbahinsi inni duraa kan uumame bara 2001 yoo ta’u, yeroo sana ABOn bakkee lamatti bahee; gareen tokko maqaa ABO Qaama Ce’umsaa (ABO QC) moggaafatee Obboo Dhugaasaa Bakakkootiin hogganmaa aka turen yaadadha. Rakkoo keessaa beekuu baadhullee, akka dubbatamaa turetti sababni addaan bahinsaa waan kaayyoon ganamaa sun cabeef ykn jijjiirameefi jedhama. Akka naaf galetti kaayyoo ganamaa kan jedhamu sun Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu fi Mootummaa Birmadummaa Oromiyaa ijaaruu natti fakkaata.

 

  • Kaayyoon sun maaliif jijjiirame ykn cabe? Eenyutu jijjiire?

 

Ani akkan yaadutti rakkoo keessaa kan ani hin beekne ykn rakkoolee dhuunfaatu jiraatanii ta’a malee, hanga yeroo sanaatti kaayyoos ta’ee sagantaan ABO waan jijjiirame natti hin fakkaatu. Wanti fooyya’ellee yoo jiraate, akka himamaa turetti bara 2004 kora ABO sadaffaarratti wanti tokko tokko jijjiiramanii ta’uu danda’a. Kanaafuu, sababa dhuunfaa kan namoota jidduutti uumameen yoo ta’e malee, kaayyoo laalchisee wanti ifatti beekame hin jiru jechuu kooti. Yoo rakkoo namootaa ta’e immoo, gaafiileen: Eenyutu rakkoo sana uume? Maaliif rakkoon sun uumame? Sana hundaafuu eenyutu ittigaafatama? kan jedhan waan seenaaf taa’anii dha.

Sababni addaanbahinsa sanaa kan ta’es ta’u, warri addaan bahanii turan sun yeroo dheeraa booda araaramneetii, deebinee tokko taane jedhanii beeksisan. Kan nama gaddisiisu garuu tokkummaan sunis yeroo dheeraaf osoo hin turin, hoggansa ABO QC duraanii keessaa namootni tokko tokko ammas deebi’anii kophaatti bahuudhaan, garee biraa uuman. Gareen kunis ABO Obboo Galaasaa Dilbootiin hogganamuu dha jedhamee beekama. Kuni maaliif ta’e? Ammas kaayyootu cabee? Sagantaatu jijjiiramee? Akka natti fakkaatutti, amma dhugumatti sababa dhuunfaatu jira amantaa jedhutti nama geessa. Maaliif yoo jedhame, akka dhagahamutti, hunduu waanuma bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif qabsaa’an fakkaata. Kana jechuun immoo kaayyoon isaanii tokkuma jechuu dha.

 

  • Bara 2008 addaanbahinsi lammataa maaliif uumame? Sababni isaa hoo maali?

 

Akkuma yaadatamu, erga addaanbahinsi kun uumame booda mooraa QBO keessatti gareeleen kun walirratti duulaa akka turan gaddisiisaa ta’us seenaa Oromoo keessatti bakkee qabatee jira. Warri maqaa “ABO Jijjiiramaa” moggaafatanii kophaatti bahan sun jalqabarra dhugumatti waan jijjiirama guddaa tokko fidan fakkeessanii, hawaasota Oromoo biyya alaa jiran amansiisuu yaalanii turan. Nan yaadadhaa, gareen kun Onkoloolesa bara 2009 maqaa “Tokkummaa qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo” jedhuun Tokkummaa tokko uumanii turan. Haa ta’u malee tokkummaan sun yeroo dheeraa waan ture natti hin fakkaatu.

Sun kanumaan osoo jiruu, sababa hinbeekamneen gareen kun deebi’ee bakkee lamatti bahuudhaan; gareen tokko “Jijjiirama” yoo jedhamu, kan Generaal Kamaal Galchuutiin hogganamu uumame. Gareen biraa maqaa ABO Koree Yeroo (ABO KY) jedhamu kan moggaafate yoo ta’u kan Obboo Ibraahiim Muummeetiin hogganamu ture. Osoo hin turin garee Jijjiiramaa keessattis ammas rakkoon uumamee, namootni keessaa bahnii jaarmayaa biraa uuman. Jaarmayichi haaraan kun Adda Dimookraatawa Oromoo (ADO) yoo ta’u, kan Obboo Leencoo Lataatiin hogganamuu fi yeroo ammaa kana gara biyyaatti galuuf qophiirra jiruu dha. Warri hafan immoo bara 2012 sagantaa ABO jijjiirree jirra jedhanii labsan. Kana qofaadhaan hin dhiisne; mooraa Habashootaa kessa tumsa uumuuf yaalii godhaa turan.

Habashaanis isaanitti fayyadamtee, warra hafanirratti olola oofuuf miidiyaa isaaniirratti hoggantoota warra Jijjiiramaa afeeranii hasofsiisuu sagantaa godhatan. Haa ta’u malee, tumsi barbaadamaa ture sunis osoo hin milkaayin hafee, warri ABO Jijjiiramaa kan Generaal Kamaal Galchuutiin hogganamu sun Habashootarraa deebi’anii, maqaa haaraas moggaafatanii; sagantaa ykn kaayyoo ABO jijjiirame jedhame sanas bakka duritti deebifne jedhanii; amma kunoo Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) jedhamanii beekamu. Egaa, asirratti kaayyootu cabee ree? Kaayyootu mooraa QBO keessatti waliigaltee isaan dhoowweeree? Isa kanatu walitti isaan mufachiieeree? Lakkii, wanti ifaa ifatti mul’achaa jiru rakkoolee biraatu jiru malee rakkoon rakkoo kaayyootii miti.  Waanan kana hundaa kaasuuf, fuulduratti waan tokko tokko ibsuuf akka ka’umsa ta’uufi.

Warri ABO jijjiiramaa keessa turan gara ADO fi KWO qofaatti bahanii hin hafne. Gareen biraa tokko immoo maqaa ABO Tokkoome (ABO-T) jedhu qabatanii jiru. Isaan kuni hunduu ADO, KWO fi ABO-T warra bara 2008 ABO Obboo Daawud Ibsaatiin hogganamurraa kophaatti bahanii dha. Durumaanuu maaliif achirraa bahan? Sababni isaa maal ture? Akka booda haasa’aa turanitti, hoggansa ABOto nu hojjisiisuu dide; abbaa-irrummaatu jira waan jedhamu faatu dhagahamaa ture. Dhugumatti ABO Obboo Daawudiin hogganamu keessa rakkoo uummatni Oromoo hin beeknetu jiraa?? Dhugumatti abbaa-irrummaatu jiraa? Isa kanatu gaafii guddaa natti ta’ee, dhimma kana akkan kaasu na taasise.

Qabxiilee lamaan hafanitti osoo hin ce’in dura, barreeffama kutaa itti aanu keessatti hubachuuf akka gargaaru, jaarmayootni Oromoo, kan duraan ABO tokko turani fi amma kophaatti bahanii jiranis ta’ee jaarmayootni bilisummaa Oromiyaa kan biroo akka armaan gadii ti.

  1. A) Warra ABO tokko turan:
  • ABO Shanee Gumiitiin beekamu kan Obboo Daawud Ibsaatiin hogganamu
  • ABO Garee Obboo Galaasaa Dilbootiin hogganama jedhamu
  • ABO-Tokkoome kan jedhamu kan duraan Dr Nuuroo Daddafootiin hogganamaa ture fi amma  Obboo Abbaa Nagaa Jaarraatiin hogganamu
  • KWO kan Generaal Kamaal Galchuutiin hogganamu
  • ADO kan Obboo Leencoo Lataatiin hogganamu
  1. B) Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO – ULFO)

Isaan kun jaarmayoota duraan kophaa kophaa turani fi bara 2010 walittibaqan’ee, jaarmayaa tokko taane jedhan:

  • AWDO – Adda Walabummaa Dimokraatummaa Oromiyaa, kan Obboo Jaarraa Abbaa Gadaatiin hogganamaa ture
  • GABUO – Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa, kan Obboo Sisaayi Ibsaatiin hogganamaa ture
  • ATBUO – Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo, kan General Waaqoo Guutuutiin hogganamaa ture

THBOn yeroo ammaa maalirra akka jiru wantin beeku hin jiru. Erga bara 2010 as waayee isaanii quba hin qabu jechuu kooti.

Qabxiilee lamaan hafan barreeffama kutaa itti aanu keessatti qabadheen dhiyaadha.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ijaarsa seeraan fi pilaaniin magaalaatiin alaatiin magaalaan finfinnee fi magaalotni GAONF manca’aa akka jiran beektuu?

(By Makuriya Waahimaa Hunde) Bara 2009 egalee mootummaan saamicha lafaa qonnaan bulaa buqqisuudhaan murna biyya …

Yaada kanaaf deebisaa kenni