Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

 

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee   

Kutaa Kudhasaddeettaffaa

 

Mootummaan Itoophiyaa jaarmayoota mormitootaa wajjin haasa’uu barbaaduu duuba shirri jiraachuu akka danda’u barreeffama kutaa isa kana duraa keessatti ilaalcha kiyya ibsuu yaaleen ture. Shirri kuni immoo addatti mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti walqoqqoodinsi jaarmayoota keenyaa akka uumamu fi humni Oromoo akka laaffatu taasisuuf waan ta’eef, shira kana dura dhaabbachuun dirqama Sabboontota Oromoo hundaa ti. Shirri akkanaa kun akka hin milkoofne fi qabsoon kunis gara fuulduratti akka deemu wanta godhamuu qaban tokko tokko barreeffama kutaa kanaa keessatti kaasuun yaala.

Mootummaa wajjin mariitti dhihaacuu dura jaarmayootni Oromoo waliin haasa’uu fi gaafii Oromoorratti ejjannoo tokko qabaachuu qabu

Akka kaayyoo isaanii fi galii isaan barbaadanitti adda baafnee yoo laalle, jaarmayoota Oromoo garee gurguddoo lamatti hiruu ni dandeenya. Gareen tokko warra hiree murteeffannaan uummata Oromoo akka mirkanaa’u qabsaa’an yoo ta’u; gareen biraa Itoophiyaa diimookraatofte keessatti gaafiin Oromoo deebii argachuu ni danda’a warra jedhanii dha. Wanti nama gaddisiisu garuu jaarmayootni kaayyoos ta’ee galii tokko ykn walfakkaataa qaban tokkummaa uumuu dadhabuu isaanii ti. Walittibaqanii hoggansa tokko jalatti ijaaramuun isaanii dirqamaa miti. Akka hawwii uummata Oromoo osoo ta’ee, tokkummaa kaayyoo (unity of purpose) ijaaruun silaa dirqama Oromummaa ture. Waan fedhiin dhuunfaa fi rakkoon biraas jiruuf kun milkaa’uu garuu hin dandeenye. Rakkoon kun caalaatti kan mul’atu immoo jaarmayoota Oromoo biyya alaa jiran jidduutti.

Osoo isaan biyya alaa keessatti walrigaa jiranuu yookaanis immoo maqaadhuma qabatanii taa’anii jiranuu, qabsoon biyya keessaa isaan gattee fagaattee deemtee jirti. Uummatni Oromoo isaan ni dhaabbannaaf, ni hogganna, bakka buuna jechaa jiran isaan bira dabree jaarmayootaayyuu hogganaa jira. Kanaafuu, maqaa qabatanii taa’uun; ibsa ejjannoo baasuun; hojiidhaan osoo hin agarsiisin jirra jirra jechuun yeroon irraa dabree jira. Amma wanti isaanirraa eegamu jarmayaa tokko ta’uun yoo isaan rakkise; waliin haasa’uu, eejjannoo waloo kan ifa ta’e tokko qabaachuu, jijjiiramni tokko tasa kan dhufu yoo ta’e akkamitti akka ittiqophaawuu qabanirratti waliin haasa’uu, karoora fuulduree (roadmap) waloo qabachuu fi waa hundaaf ofqopheessuu dha. Qaama kamiinuu wajjin haa ta’uu, mariitti kan dhiyaatan yoo ta’e, ajandaa waloo tokko qabaachuun murteessaa dha.

Jaarmayoota Oromoo biyya keessa jiran yoo laalle, Konfaransiin Federaalistii Oromoo (KFOn – OFC) jaarmayoota lama kan kaayyoo fi galii tokko qaban walittibaqsee jaarmayaa tokko ta’ee jira. Kuni silaa hundaafuu fakkeenya gaarii ta’uu qaba ture. Haa ta’u malee, akka Obboo Baqqalaa Garbaa dhihoo kana simannaa isaaf taasifamerratti dubbatee ture, nuti kan biraa liqimsuus ta’ee, kan biraatiin liqimsamuu hin barbaadnu jedhe osso hin taane, KFOnis balbala isaa banaa godhee jaarmayoota biroo kan isa wajjin kaayyoodhaan walfakkaatan simatee tokkummaa kaayyoo uumuun barbaachisaa dha jedheen amana. Jarmayootni walfakkaatan walittidhufuun yeroon isaa amma ta’uu qaba. Akkanatti walittidhufanii, ejjannoo tokko qabaatanii, ajandaa waloo tokkorratti yoo hin hojjenne, injifatamuun laayyoo ta’a.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi jaarmayootni bilisummaa Oromiyaa bifa haaraadhaan cimanii argamuu qabu

Asirratti, jarmayoota bilisummaa Oromiyaa (Liberation Forces of Oromia) yoon jedhu, warra hiree murteeffannaa uummata Oromoo mirkaneessuuf qabsaa’aa jiran fakkeenyaaf kan akka Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO), Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO) fi warren kaayyoo fi galii walfakkaataa qaban hundaa jechuu kooti.

Waayee ABO yoon kaasu garuu, wanti hubatamuu qabu, ani garee tokkorraa dubbachaa hin jiru. Wanti nama gaddisiisu, har’a jaarmayootni maqaa kana qabatanii jiran heddoomanii jiru. Kana arguun gadda qofaa osoo hin taane qaanii dhas. Jaarmayaa guddaan, kan kallacha QBO ta’ee; injifannoolee fi bu’aalee gurguddoo argamsiise sun bakkee adda addaatti caccabee argamuu caalaa kan nama gaddisiisus ta’e kan nama qaanessu hin jiru yoon jedhe dhara hin ta’u. Mariin mootummaan Itoophiyaa mormitoota wajjin godhuu barbaadu ABO fi jaarmayoota bilisummaa Oromiyaa yoo hin dabalanne, bu’aa waan fidu natti hin fakkaatu.

Karaa biraatiin immoo, ABOn gareeleen hunduu walitti debi’anii, walittibaqanii hoggansa tokko jalatti jaarmayaa tokko ta’uu yoo hin dandeenyellee, walitti dhufanii waliin mari’atanii, ejjannoo tokko yoo hin qabaanne fi kophaa kophaa deemanii marii godhuu kan barbaadan yoo ta’e, bu’aa isaa caalaa gaaga’ama isaatu caala. Kophaa kophaa deemanii diina wajjin mar’achuus ta’ee waliigaltee fedhii uummata bal’aa Oromoo hin guunne tokkorra gahuun kisaaraa hundaa ta’a. Dogongora booda sirraayuu hin dandeenyetu godhamuu danda’a. Amma yeroo baay’ee murteessaa ta’e keessa waan jirruuf, ofeeggannoo cimaa barbaachisa.

Humni Oromoo kamiiyyuu, kan dhuguma uummata kanaaf bu’aa fiduu barbaadan hunduu, diina injifachuu fi egeee keenyaafillee bu’ura gaarii uumuuf, haal-duree tokko malee waliin haasa’uu fi ejjannoo waloo qabaachuun dhimma yeroon gaafatuu dha. Amaluma dur barame sana qabatanii; kophaa kophaa kaachuun kan ittifufu yoo ta’e, qabsaa’anii diina injifachuus ta’ee yookaanis diina wajjin marii godhanii waliigaltee tokkorra gahuun gonkumaa waan danda’amuu miti. Kanaafuu, warri kaayyoo adda addaa qaban ejjannoo tokko qabaachuun kan rakkisu yoo ta’ellee, warri kaayyoo fi galii tokko ykn walfakkaataa qaban tokkummaa kaayyoo uumanii ejjannoo tokko qabaachuun barbachisaa qofaa osoo hin taane dirqama ta’uu qaba jedheen amana.

Dhumarratti, wanti dagatamuu hin qabne tokko, jaarmayootni Oromoo waliigalanii, ejjannoo tokko qabaatanii, fedhii uummata Oromoo guutuuf gamtaadhaan mariitti kan hin dhiyaanne yoo ta’an, Dhaabbatni Dimokraatawa Uummata Oromoo (DhDUO) niillee akka jaarmaya hangafa fi bakka bu’aa uummata Oromootti oflaalee, waa hundaa murteessuuf deemuu mala. Kanaaf karaan saaqamnaan immoo gaafiin Oromoo deebii argachuun isaa shakkisiisaa ta’a. Maaliif yoo jedhame, OPDOn ammallee miseensa jaarmayaa AWDUI waan ta’eef, waanuma jaarmayichi kun murteessutu hojiidhaan argama jechuu dha. Akkuma dubbatamaa jiru, ammaayyuu kunoo isin bilisoomsinee, jijjiirama isiniif fidnee, kana caalaa maal barbaaddu jechaa jiruu mitii?? Kuni QBOtti gufuu waan ta’uuf, kana hubachuun barbaachisaa dha.

Dhimma biraatiin hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

  – Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –   Berhanu Hundee Kutaa Kudhatorbaffaa …

Yaada kanaaf deebisaa kenni