Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

 

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Kudhatorbaffaa

 

Dhaabbatni Dimokraatawa Uummata Oromoo (DhDUOn – OPDOn) walgahii Koree Jiddugaleessaa irratti taasiseen, ji’oota muraasa dura murtiilee fi ejjannoolee adda addaa dabrsee akka ture ni yaadatama. Isaan kana keessaa inni tokko jaarmayoota mormitootaa wajjin haasa’uuf akka deemu dha. Kanuma wajjin walqabatee natti fakkaata, Addi Dimokraatawa Oromoo (ADOn) mootummaa Itoophiyaa wajjin marii godheee amma biyyatti galuuf akka jiru himamaa jira. Barreeffama kutaa kanaa keessatti dhimma marii mormitootaa laalchisee yaada kiyya dhiheessuun barbaada.

Mormitoota wajjin haasawuuf karoorfachuun Mootummaa Itoophiyaa shiraaf moo dhugumatti araara barbaadee ti?

Dhimma kanarratti yaada koo osoo hin ibsin dura, waan na ajaa’ibu tokkon mee adeemsa Muummicha Ministeerotaa (MM) Dr Abiyyi laalchisee waan tokko jechuun fedha. Akkuma beekamu erga akka MMtti filatame kunoo torban sagal ta’ee jira. Erga sanaa kaasee biyya keessa fi biyya alaas deemaa jira. Adeemsa kana keessatti bu’aan argames jiraachuu mala; ani hin beeku. Biyya alaa deemuun isaa kaayyoo guddaan lammiilee hidhaman hiiksisuuf jedhama. Isaan kana keessaa tokko kan ta’e immoo Alaamuddiini dha.

Namoota hidhaman hiiksisuuf yaalii godhuun waan deeggaramuu qabu ta’ee; garuu osoo kan biyya keessaa ammallee manoota hidhaa biyyattii sanaa keessatti dararamaa jiranuu; ittdabalmaanis kan biroo hidhamaa jiranuu, isaan kana hiiksisuu dadhabee; isaanirra dabree gara biyya alaa deemuun maaliif barbaachise? Dursee lammiileen biyya keessatti hidaman maaliif hiikamuu dadhaban? MM dhugumatti lammiileedhaaf quuqame moo fakkeessee ergama biraa bakkaan gahuufi? Lammiileen ishii hidhamuun, Itoophiyaan hidhamuu ishii ti jedhee haasa’aa jira. Oromoon mana hidhaa keessatti dararamaa jiran lammiilee biyyattii tanaa tii miti jechuu dhaa ree?

Yeroo maqaa Labsii Yeroo Muddamaatiin (LYMtiin) ammallee Komaand Poostiin akka barbaadetti  biyyattii sana unkuraa jirutti; yeroo uummatni Oromoo lakkoofsaan miliyoonatti dhiyaatan Naannoo Sumaaleerraa buqqifamanii, ammallee rakkachaa jiranitti; yeroo uummatni keenya har’allee nagaa fi tasgabbii dhabee jirutti; yeroo rakkoon Laga Danbii furmaata barbaadaa jirutti; isa kana hundaa dagachuudhaan ykn dursa kennuufii dhiisee; waayeen Alaamuddiin isa cinqee dhimma kanatti xiyyeeffachuun maaliifi? Alaamuddiin kan qabeenya Oromiyaa saamaa jiru; kan naannooleen akka summiidhaan badan godhaa jiru; kan Oromoon akka dhukkubaaf saaxilamu taasise; kan silaa yakkaan seeratti dhiyaatee murtiin kennamuufii qabu kanaaf dhiphatee; isa hiiksisuuf asi fi achi deemuun isaa maaliifi?

Akkuma beekamu hidhamtoota biyyattii sanaa keessaa dhibbantaa sadddeettamaa (80%) ol Oromoota. Isaan kana keessatti Qeerroo kumaatamatu argamu. Qeerroon Oromoo immoo falmii cimaa godhee; wareegama ulfaataas kaffalee; OPDOnillee hirriibarraa dammaqxee sadarkaa kanarra akka geessu kan taasise dha; jaarmayaa ADWUI keessatti bakkee furtuu ta’e akka qabdu kan godhe dha. MM Dr Abiyyis kan taayitaa guddaa kanaan isa gahe sochii uummata Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo ti. Akka inni himachaa jirutti, Mootii Itoophiyaa torbaffaa akka ta’uuf deemu hawwii fi abjuun isaa akka milkaa’u kan taasise sochii uummata Oromoo ti. Maarree, waaffalli uummata kanaa dhimmi isaa dagatamee hafuu dhaa?

Egaa, waayee MM kanuma jechuudhaan, gara mata duree barreeffama kutaa kanaatti deebi’uudhaaf, akkuman kanaan durallee barreeffama kutaa kudhashanaffaa keessatti ibsuu yaale, ani akka natti fakkaatutti ykn tilmaamutti mootummaan Itoophiyaa jaarmayoota mormitootaa wajjin nan haasa’a jechuun isaa dhugumatti araara dhugaa buusee, jijjiirama fiduuf osoo hin taane, shiratu duuba jira jedheen yaada. Osoo dhugumatti araara biyyoolessaa (national reconciliation) fi jijjiirama sirnaatiif ce’umsa (transition to regime change) uumuu kan barbaadu ta’ee, mormitoota hundaa bakkee qaamni sadaffaan walaba ta’e tokko argamutti affeeree wajjin mar’ii godhuutu isarra ture. Kana godhuu dhiisee tokko tokkoon keessaa luqqisuu filate.

Dhugaa dha, jaarmayootni mormitootaa amma jiran hundi isaaniituu kaayyoo fi galii adda addaa qabu. Kuun warra bilisummaa fi walabummaa sabootaatiif qabsaa’an; kuun kan biyyattii sana diimookraatessinee gaafii uummataa deebisuu dandeenya jedhan; kuun immoo kan sirna durii sanallee deebisuu barbaadan jiru. Isaan kana hundaa bakka tokotti yaamanii marii godhuun baay’ee rakkisaa akka ta’u hubachuun nama hin dhibu. Kanaaf, tarii warra xinnoo kaayyoodhaan isaanitti dhiyaatan jechuun warra Itoophiyaa tana diimookraatessuu barbaadani fi walabummaa sabootaa hin feene dursanii mariif affeeruu barbaadu ta’a. Yoo karaa kanaan laalame, sadarkaa sadarkaadhaan deemuun barbaachisaa ta’uu mala. Kanaaf, jaarmayoota xixiqqoo kan akka ADO kana dura haasofsiisuu barbaadu.

Haa ta’u malee, adeemsi akkanaa kun akka laalcha kiyyaatitti, gaaga’ama qaba. Jaarmayoota waldura dhaabsisuu danda’a. Humna mormitootaas gara gara hiruuf carraa uuma. Tokkummaa fi tumsi jaarmayoota mormitootaa akka hin milkoofne taasisa. Walduradhaabbnnaan jaarmayootaa immoo rakkoo ta’ee uummattootatti ce’uu danda’a. Akkuma midiyaalee hawaasaa (social media)rratti argamaa jiru, akka fakkeenyaatitti yoo fudhannee, ADO fi warra Ginbot 7 jidduu wal hamachuun akka mul’achaa jiru fi rakkoon kun akka uummat bira gahullee taasisuuf, ADOn saba Amaaraa gane waan jedhamu faatu dhagahamaa jira. Akkuman dursee ibsuu yaale, kun humnoota mormitootaa faffacaasa; Wayyaaneen/Mootummaan Itoophiyaa isa kana barbaadu. Kanaafan kun gaaga’ama qaba jedhe.

Shira Wayyaanee/Mootummaa Itoophiyaa kana dura dhaabbachuuf maaltu godhamuu qaba?

Rakkoon biyyattii sanaa kan Foormulaa Heerragaatiin (mathematical formula) furmaata argatuu miti. Rakkooleen biyyattii tanaa jaarraa tokkoo ol hidda baasanii waan as gahaniif, baay’ee walxaxaa dha. Isa kana keessatti gaafiin Oromoos deebii argachuun isaa baay’ee rakkisaa akka ta’u namuu waan hubatu natti fakkaata. Haa ta’u malee, Qabsoon  Bilisummaa Oromoo tun akka fuulduratti achi siqxu maaltu godhamuu qaba? Gaafii kanaa fi isa mata duree lammaffaarratti ka’eef deebii ta’uu danda’a jedhee yaadu barreeffama kutaa itti’aanu keessatti yaada qabadheen dhiyaadha.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Kudhajahaffaa

 

Akkuma beekamu Afaan Oromoo utubaalee (pillars) sadeen Oromummaa (Afaan, Aadaa fi Seenaa Oromoo) keessa isa tokko fi hangafa dha. Injfannoolee Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) hanga har’aatti galmeesse keessaa inni guddaan tokko immoo Qubee Afaan Oromoo ti. Qubeen mallattoo eenyummaa keenyaa ti jechuu ni danda’ama. Dhalootni Oromoo kan har’a diina jilbiifachiisaa jiru kunillee Qubee kanaan yaamama. Qubeen mallattoo bilisummaa ti yoo jedhamellee dhara hin ta’u. Sababa kanaaf Qubeen diinota keenyatti dhukkuba mataa isaanitti taatee; ishii balleessanii qubee Saabaatiin bakke buusuuf hawwu. Qubeen Saabaa ykn Gi’izii Afaan Oromoo barreessuuf akka hin tolle itti himamus, dhugaa kana amananii hin fudhatan. Haa ta’u malee, isaan fudhatanis dhiisanis, waan nuuf ta’u nutu murteeffata malee namni biraa kana nuuf godhuuf mirga hin qabu. Kanaafuu, mallattoo keenya kana tikfachuun, kunuunsuu fi guddisuun dirqama Oromummaa ti.

Afaan Oromoo waggoota 27 dabran kana keessatti akka guddachuu qabutti guddatee jiraa?

Gaafii akka mata dureetti ka’e kanaaf, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, deebii kennuu osoo hin yaalin dura, barreeffama kutaa kanaa keessatti waayee Afaan Oromoo waanan kaaseef sababaalee adda addaan qaba. Akkan dhimma kanatti xiyyeeffadhu kan na taasise immoo “YUNIVARSITII SALAALEE” kan jedhu mallattoo (logo) tokko akka tasaa Face Book irratti argeen ture. Mallattoon kun wixinee (draft) ta’uu ykn isa xumuraa (final) ta’uu isaa waanan quba qabu hin jiru. Rakkoolee gurduddoo osoo qabnuu dhimma kana akka waan guddaatti laalee dubbii oo’isuufis miti. Haa ta’u malee, dubbiin tokko waan salphaa dha ykn xiqqaa dha jennee yoo bira dabarre, booda rakkoo guddaa ta’ee as bahuu mala. Kanaafan dhimma kana waayee Afaan Oromoo wajjin walqabsiisee kaasuu barbaade. Dhimmoota isa kana wajjin walfakkaatan gara boodaan ittideebi’a.

Amma gara gaafii mata dureetitti deebi’uuf, sadarkaan Afaan Oromoo har’a irra jiru gammachiisaa fi boonsaa ta’ulle; Afaan kun waggoota 27 keessatti akka guddachuu qabutti waan guddate natti hin fakkaatu. Dhugaa dha, Oromiyaa keessatti Afaan barumsaa fi Afaan hojii ta’ee jira. Garuu karaa adda addaatiin yoo laalame, dhiibaan akka irra jiru hubachuun waan nama rakkisuu miti. Tokkoffaa, dhiibbaa alagaatu jira. Akkuma jedhame, Afaan Oromoo eenymmaa Oromoo fi Qubeen immoo mallattoo bilisummaa waan ta’aniif, isaan kun diina fi alagaa hin gammachiisan. Kanaaf, kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan; dhoksaanis ta’ee ifatti Afaan keenya akka hin guddannee fi dagaagne shirri irratti hojjetama. Lammaffaa, dhugaa haa dubbannu yoo jenne, Afaan Oromoo har’a abbaa hin qabu. Yoon akkana jedhu Mootummaan Naannoo Oromiyaallee dhugumatti Afaan kana guddisuuf waan ciminaan irratti hojjete ykn hojjetu natti hin fakkaatu.

Qubee mallattoo keenyaa kanallee mudaa itti uumuuf, wanti hojjetamaa ture yaadannoo yeroo dhihoo ti. Tartiiba qubee ni jijjiirra jedhanii akka yaalii godhaa turan; garuu mormii fi sochii cimaadhaan dirqifamanii akka waan kana dhaaban ni yaadatama. Kuni kan agarsiisu Afaan Oromootiif dantaa akka hin qabne dha. Afaan kun akka sirriitti guddatu silaa bajata guddaatu kennameefii, irratti hojjetamuu qaba ture. Kana godhuun hafee, Afaanuma kana qulqulleessuuf tattaaffiin waan godhame hin fakkaatu. Bakke tokko tokkotti Afaan kun biyyuma isaa Oromiyaa keessatti akka dhukatullee taasifamaa jira. Isa kanaaf fakkeenyota tokko tokko boodarra kaasuun yaala. Walumaagalatti yoo laalame, Afaan Oromoo akka guddachuu qabutti hin guddanne. Waggootni 27 dheeraa dha umrii dargaggeessa tokkoo ti. Afaan kenya garuu ammallee daa’ima jechuu ni danda’ama.

Afaan Oromoo biyya isaa Oromiyaa keessatti dursa argachuun dirqama

Akka hawwamuu fi dubbatamaa jirutti, Afaan Oromoo Afaan Federaalaa akka ta’uu qabuu dha. Kuni immoo hawwii Oromoo hundaa ti yoo jedhame dhara hin ta’u. Haa ta’u malee, hawwiin kun akkuma jirutti ta’ee; wanti dagatamuu hin qabne tokko, Afaan Oromoo Oromiyaa biyya isaa keessattuu Afaan biyyaa ta’ee guutumaa guutuutti mula’chuu hin dandeenye. Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessattuu idleedhaan (formally) Afaan hojii haa ta’u malee, waajjiraalee hundaa keessattuu Afaan kun olaantummaa qabaa? Waajjiraalee fi dhaabbattootni (institutions) adda addaa Afaan kanaan sirriitti hojjetuu? Afaan kana calaqqisuu, mul’isuu? Maqaaleen daldalaa (business), dhaabbilee barnootaa, hoteelaa, mana nyaataa fi dhugaatii, mana bashannanaa fi kkf hunduu Afaan kanaan barreeffamanii jiruu? Yoo barreeffamanii ta’e immoo sirnaan barreeffamanii jiruu?

Fakkeenyaaf maqaaleen dhaabbilee barnootaa (educational institutions) kan akka Yunivarsitilee Oromiyaa Afaan kanaan mul’atuu? Gaafii bay’ee asitti tarreessuurra mee fakkenyota muraasa ta’an tokko tokkon tuttuquu yaala. Yunivarsitiilee Oromiyaa yoo laalle, Yunivarsitii Amboorraa kan hafan hunduu Afaan Alagaa malee kan keenyaa hin mul’isan; yoo mul’isanillee baay’ee xiqqaatee fi dhokatee mul’ata. Kuni maaliif ta’e? Yunivarsitiilee kanatu Oromiyaa ala jiru moo isaan kun qabeenya Oromiyaatii miti? Afaan kanatti fayyadamuun qaanii ta’e moo tuffii Afaan kanaa qabanii dha? Afaan kana dhoksuun eenyummaa Oromoo dhoksuu dhaa bar!! Eenyummaan keenya biyyuma Abbaa keenyaa keessatti dhokataa? Dhimmi kun salphaa ykn laayyoo fakkaata malee dhimma guddaa dha. Kanaaf hubatamuu qaba.

Dhumarratti, guddinni Afaan Oromoo guddina hawaasa keenyaa ti; guddina biyyaa fi saba keenyaa ti. Afaan kana guddisuun qaama Qabsoo Bilisummaa Oromoo waan ta’eef, guddina Afaanichaa kanarrattis ciminaan hojjechuun dirqama Oromummaa ti. Afaan keenya Afaan Federaalaa akka ta’u hawwuu dura, mee biyyuma isaa keessattuu xiyyeeffannaa haa argatu. Wanti sirraa’uu qaban haa sirraa’an. Afaan keenya Oromiyaa keessatti dursa argachuu fi guddatee ifaa ifatti barreeffamuu qaba. Yeroon Afaan keenya keessatti dhokatu dabree jira. Mqaaleen daldalaas ta’ee kamiiyyuu dursanii Afaan kanaan barreeffamuu qabu. Waajjiraaleee Oromiyaa keessattis Afaan keenya qulqullinaan ittfayyadamuu qaba. Yeroon Afaan keenya xureessinuu fi dhoksinu dabruu qaba.         

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

JUXTAPOSING DEMOCRACY WITH THE GADA SYSTEM OF THE OROMO PEOPLE Part VI

    By Odaa Hora   Where does Gada depart from Democracy? In the preceding …

Yaada kanaaf deebisaa kenni