Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

 

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee   

Kutaa Kudha-afraffaa

 

Dhimma har’a yaada koo irratti barreessuu fedhu keessa osoo hin seenin dura, waayee MIDROC laalchisee waa jechuun barbaada. Dhimmi Laga Dambii dhimma Maastar Plaanii Finfinneerraa adda hin ta’u yoo jedhame dhara waan ta’u natti hin fakkaatu. Karoorri lamaaniituu Oromoorratti duula labsanii, karaalee adda addaatiin sanyii isaa dhabamsiisuu dha. Karaa injifannootiinis yoo fudhatame, uummatni keenya diina harka micciiree lamaanuu dhaabsisuu danda’ee jira. Kana hundaafuu galanni uummata keenyaaf keessumaayuu warra dhimma kanaaf jedhanii wareegama ulfaataa kaffalaniif haa ta’u. Asirraa wanti hubatamuu danda’u immoo Oromoon waan barbaadu argachuuf humnas, dandeettiis, beekumsas, qabeenya fi tokkummaas akka qabuu dha.

Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) hanga Abbaabiyyummaan Oromoo mirkanaa’utti cimee ittifufuu qaba

Haasa’a ykn makmaaksa Oromoo keessatti waan jedhamu tokkotu jira. Innis “Lafti bari’uuf yoo jettu dukkanni ni hammaata” jedhama. QBOnis isa kana wajjin walfakkaata. Akkamitti yoo jedhame, qabsoon kun bifuma kamiinuu haa ta’u injifannoodhaan xumuramuuf galii isaatittii dhiyaatee jira. Haa ta’u malee, akkuma makmaaksi jedhu, qabsoon kunis hanguma galiitti dhihaachaa deemutti, wareegamni kaffalamus kan dur caalaa hammaachaa deema jechuu dha. Kanaaf, diinnis nutti cimee, Oromiyaa guutuu keessatti karaalee adda addaatiin uummata keenya miidhaa jira. Injifannoon xumuraa garuu kan qabsoo haqaa waan ta’eef, QBOn diina injifatee, gabrummaa xumuree galii hawwamu akka gahu shakkiin tokko hin jiru.

Abbaabiyyummaa Oromoo mirkaneessuu jechuun maal jechuu dha?

Yeroo baay’ee waayeen kun yoo dubbatamu akka waan Oromoon biyya isaa kana fottoqsee deemuutitti laalama ykn hubatama. Kuni garuu dogonggora. Oromoon bakka irraa fottoqus ta’ee irraa deemu hin jiru. Duris achuma lafa isaarra ture, ammas borus achuma jiraata. Haa ta’u malee, diinni ittidhufee bilisummaa uummatni Oromoo qabaachaa ture fi biyya isaa irraa fudhatee; abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa irratti ta’ee; gama tokkoon qabeenya Oromoo saamaa gama biraatiin immoo biyyaa fi lafa Oromoorratti Oromoo hidhaa, dararaa, ajjeesaa; sabni Oromoo dhukkubaaf, beelaa fi gadadoodhaaf akka saaxilamu godhee; jireenya namaa agdii akka jiraatu taasisee waan as gaheef, diina kana ofirraa kaasee, hundeedhaan buqqisee, hiree ofii akka murteeffatu godhuu dha.

Gaafa diina isaa ofirraa buqqisee, bilisummaa isaa argate immoo, waa dhabee sana hundaa deebisee waan argatuuf, abbaa biyyaa fi abbaa qabeenya isaa ta’ee, abbaabiyyummaan Oromoos mirkanaa’e jechuu dha. Haala kana keessatti garuu akkamitti fi eenyu wajjin jiraachuu akka barbaadu; biyya akkamii ijaarrachuus akka fedhu kan murteeffatu uummatuma Oromoo ti. Biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti walfaanummaadhaan akka Federeeshiniitti jiraachuu yookaanis immoo mootummaa birmadummaa isaa dhaabbatee biyya walaba taate ijaarrachuuf murtii booddee kan qabaatu uummatuma Oromoo ti. Murtiin kun bakkee hin beekamnetti dursanii akka fottoquutitti hubachuun ykn hiika kana kennuun sirrii miti.

Abbaabiyyummaan Oromoo jijjiirama DhDUO/AWDUI keessatti godhamuun argamuu ni danda’aa?

Gaafii kanaaf deebii kennuuf qorannoos ta’ee xiinxala gadifagaate godhuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Haaluma deemaa jiru fi seenaa jaarmayoota kanaa yoo laalle, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, deebii gabaabaan gaafii kanaa “hin danda’amu” kan jedhu ta’a. Asirratti, gaafiin “Maaliif hin danda’amne?” jedhu ka’uu mala. Sababa kanaa gaggabaabsee ibsuun yaala.

  1. ADWUIn walumaagalatti diina malee fira Oromoo tii miti. Mootummoota Habashootaa dhufaa dabran hundaa caalaa uummata Oromoorra miidhaan kan gahe mootummaa AWDUI jalatti waan ta’eef, diinarraa wanti eegamu hin jiru

 

  1. DhDUOn kan har’a motora jijjiiramaa of fakkeessu kun hirribarraayuu kan dammaqe sochii uummata Oromootiini. Haa ta’u malee, uummata Oromoo galateeffachuu dhiisanii, har’allee sobuu fi uummata gowwoomsuu yaalan. Yoo uummatni callisee yeroo kenneef, akka waan uummatni tasgabbaayeetti laalanii amala isaanii kan dur sana agarsiisuu barbaadu. Yeroo kana immoo warra isaan ijaare sana tajaajiluu fedhu. Yoo uummatni itti ka’e, watwaatuu calqabu. Ammallee ofdanda’anii miila lmaan hin dhaabbanne.

 

  1. Waan uummata Oromootiif dhaabbatan fakkaatanii garuu uummata kana diinaaf saaxilaa jiru. Kanaafuu, jijjiirama fidanii gaafii Oromoo deebisuun hafee, nagaa uummatichaatuu eegsisuu hin dandeenye, hin danda’anis. Sabboontotni quuqama uummata kanaa qaban as bahaa jiraatanillee, DhDUOn akka jaarmayaatti ammallee kaayyoodhuma ijaarameef sanaaf hojjechaa jira.

 

  1. Maqaa jijjiiramaa fi maqaa Araat Kiiloo galuutiin daldalaa, garuu al-kallattiidhaan diina (Wayyaanee) isaan duuba riphee callisee daba hojjechaa jiru kanatti lubbuu horaa jiru; akka diinni afuura galafatu godhaa jiru malee jijjiirama barbaadamu fiduuf fedhiis ta’ee humna hin qaban. Namootni fedhii dhuunfaatiif jedhanii diina wajjin hojjechaa jiranis jaarmayaa kana keessa baay’eetu jiru.

 

  1. Jijjiiramallee fiduuf kan tattaafatan yoo ta’an, jijjiiramni isaan fiduu malan sirna tortoree baduuf deemu kana suphanii, lubbuu itti deebisanii uummatrra tursiisuuf yoo ta’e malee, abbaabiyyummaan Oromoo jaarmayoota kana jalatti gonkumaa mirkanaa’uu hin danda’u. Akkuma kanaan dura irra deddeebi’ee barreessaa ture, DhDUOn QBO gargaaruu caalaa gufuu ittita’uuf akka jiru dhugaan kun hubatamuu qaba.

Egaa, abbaabiyyummaa Oromoo mirkaneessuun hafee, jaarmayoota kana keessatti, sirna kana suphuudhaan jijjiiramni xixiqqoon hawwamullee argamuu akka hin dandeenye fakkeenyota tokko tokko kaasuu yaalee jira. Kanaafuu, gabrummaa xumuree, abbaabiyyummaa Oromoo mirkaneessuu kan danda’u qabsoo cimsanii ittifufuudhaan Oromoon hiree isaa ofiif/ofiin mirkaneeffachuu akka danda’u taasisuu qofaa dha. Karaan, malas ta’ee falli biraa hin jiru. Jaarmayaa ofiifuu bilsa ta’ee hojjechuu hin dandeenye fi humnas hin qabnerraa waa eeguu dhiisanii qabsoo cimsanii hanga galii booddeetitti ittifufuu dha malee filannoon biraa hin jiru.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee   

Kutaa Kudhashanaffaa

 

Oduu fi odeeffannoo adda addaarraa akka hubatamutti, Addi Diimookraatawa Oromoo (ADOn) jila hoggantoota isaa gara Finfinneetti erguuf qophiirra akka jiru dha. Jaarmayaan kun biyyatti galee hojechuu akka barbaadu durumaa kaasee ibsaa waan tureef, galuuf deemuun isaa waan haaraa miti; namas hin ajaa’ibu. Haa ta’u malee, jaarmayaan kun yeroo ammaa kanatti dursee murtii kanarra gahuuf maaliif akka filate yoon ittiyaadu, yaada adda addaa keessa na galcha. Dhimma kana laalchisee waan tokko tokko kaasuun barbaada.

Shirri Wayyaaneen OPDO duuba dhokattee xaxaa jirtu waan hubatame hin fakkaatu   

Wayyaaneen uummattoota fi jaarmayoota biyyattii sanaa toftaalee adda addaatiin  qoqqooddee umrii bittaa ishii dheeressuuf yaaliin ishiin godhaa turte fi ammallee itti jirtu waan haaraa miti. Kaan amantiidhaan, kaan naannoo fi gandaan, kaan ilaacha siyaasaatiin addaan qoqqooddee mooraan mormitootaas akka laaffatu godhuu dandeessee jirti. Kanaaf immoo mooyxannoo bara dheeraa qabdi. Amma garuu sochii uummataa jalaa bahuu akka hin dandeenye hubattee; OPDO sochiin uummata Oromoo akka hirriibarraa dammaqu taasise kana duuba dhokattee fi riphtee shiraa biraatiin sochii uummataa laaffisuuf hojjechaa jirti. Shiroota ishiin yeroo ammaa hojjechaa jirtu keessaa inni tokko maqaa araaraatiin mormitootaaf yaamicha gootee isaan kana tooftaa biraatiin qabachuuf tattaaffii godhaa jirti. Shirri kun garuu waan hubatame hin fakkaatu.

Araarri biyyoolessaa fi ce’umsi nagaa akkamitti milkaa’uu danda’a?

Yoo dhugumatti araarri biyyoolessaa (national reconciliation) fi ce’ums nagaa (peaceful transition) kan barbaadamu ta’e, jaarmayootaaf yaamicha godhuu dura tokkoffaa, waan gufuu ta’an hundaa karaarraa kaasuu dha. Lammaffaa, jaarmayoota hundaa wajjin marii godhuu yoo barbaadan, walqixxummaadhaan wajjin haasa’uu dha malee tokko tokko keessaa filatanii wajjin mari’achuudhaan, kaan garuu moggaatti dhiisuun bu’aa hin qabu. Keessumaayyuu immoo jaarmayoota gurguddoo yookaan hangaftoota ta’ani fi uummata biratti deeggarsa guddaa qaban dhiisanii jaarmayoota xixiqqoo ofitti harkisuun shiraaf malee dhugumatti marii dhugaa barbaadaniitii miti. Waan isaan amma ADO wajjin godhan fakkeenya gaarii ta’uu danda’a.

Akkuma beekamu Oromiyaa keessatti uummatarraa meeshaa waraanaa hiikkachiisaa jiru. Kunis uummatni yoo hidhate, isaaniif gaaga’ama guddaa akka ta’u waan beekaniifi. Karaa jaarmayootaatiinis warra qabsoo hidhannoo gaggeessan kophaatti baasanii irratti duuluuf; jaarmayoota jidduuttis walqoqqoodinsaa fi walshakkii uumuuf, dursanii warra karaa nagaatiin qabsoofan jedhan ofitti harkisanii ofjala galchuu barbaadu. Mormitootni karaa nagaatiin qabsoofna jedhanis warra qabsoo hidhannoo godhaa jiran akka balaaleffatan taasisu. Waayeen kun ibsa ADOn godhaa jirurraa ifaa ifatti mul’ata. Nuti biyyatti galuufii, isinis warri qabsoo hidhannoo gaggeessaa jirtan hiikkadhaatii akka keenya kana godhaa jechuu waan barbaadan fakkaata dubbiini. Egaa, walqoqoodinsis asirraa calqaba jechuu dha.

Ayyaanlaallattummaa dha moo dhugumatti tooftaa fi tarsiimoo qabsoo ti?

Dhugaa dubbachuuf, ana ejjannoon ADO naaf hin galu. Waanan kana jedheef sababaalee adda addaan qaba. Mee yaadannoo dhihoorraa waan tokko tokko kaasuun yaala. Yeroo sochiin uummata Oromoo cimee sodaachise sana jaarmayootni Oromoo biyya alaa jiran ADO dabalatee tokkoomuuf ykn wajjin hojjechuuf walhubannoo fi waliigaltee tokkorra gahanii turan; OMN irrattillee hoggantootni jaarmayoota hundaatuu ibsa godhaa turan. Suni ta’ee osoo jiruu, ADOn isa kana dhiisee mooraa alagaa deemee jaarmayoota akka Ginbot 7 faa wajjin tumsa biraa uumuuf hojjechaa ture. Sanuma wajjin walqabatee dhihoo kana maqaa “Sochii Biyyoolessaa Itoophiyaa – Ethiopian National Movement” jedhuun waa hojjechaa akka jiran dhagahamaa ture.

Gaafiileen asirratti ka’an: 1) Gama tokkoon jaarmayoota biraa wajjin (kan Oromoo dabalatee) tumsa barbaadaa; gama biraatiin immoo kophaa deemanii biyyatti galuuf murtii kanarra gahuun warra ADO maaliifi? 2) ABOn qabsoo hidhannoo gaggeessa; nuti garuu qabsoo karaa nagaa filanna jedhanii ABO balaaleffachaa, garuu mooraa alagaa deemanii, warra qabsoo hidhannoo gaggeessina jedhan wajjin akkamitti waliigaluu danda’an? 3) Amma immoo sana dhiisanii lakkii haalli biyya keessaa mijataa ta’ee jiraa isin hunduu qabsoo hidhannoo dhiisaatii akka keenya kana godhaa jechuun maaliifi? 4) Jarri kun maaliif akka gaararraa jijjiiramu? Dhugaa dha, qabsoon tooftaa fi tarsiimoo adda addaa akka gaafatu fi yeroo tokko tokko garagaggaluunis barbaachisaa akka ta’u siyaasa keessa waanuma jiru dha. Haa ta’u malee, kan isaanii kun adda natti ta’ee jira.

Kan biraa immoo akka ADOn ibsaa jirutti, mariin guyyaa lamaa (Caamsaa 11 fi 12 bara 2018) mootummaa Itoophiyaa wajjin godhamee akka ture fi gara Finfinnee deemuudhaan marii kana ittifufuuf akka barbaadanii dha. Achi deemanii marii godhuun maaliif barbaachisa? Ammuma maaliif hin fixatin? Guyyaan lama gahaa hin turree? Ana akka natti fakkaatutti jarri kun amma himuu hin barbaadne malee, waa hundaa fixatanii; tarii biyyatti waajjira banachuuf akka deemanii dha. Waanuma ta’eefuu karaan haa qulqullaa’uufi!! Haa milkaa’anisi jechuun barbaada akka ilma Oromoo tokkotitti. Haa ta’u malee, waan yeroon nutti agarsiisuuf deemu ta’us, ani adeemsa jara kanaarraa shakkiin qaba. Dhimma kana garuu yeroo biraan bal’inaan itti deebi’a.

Dhumarratti, Wayyaaneen OPDO duuba dhokattee; maqaa yaamicha araaraatiin akka shira xaxaa jirtu hubachuun baay’ee barbaachisaa dha.  Ammaas kaayyoon ishii jaarmayoota jidduutti walshakkiin akka uumamu taasistee; kaan ofitti qabdee, kan biraa rukutuuf akka ta’e hubatamuu qaba. Kaayyoo fi fedhiin mootummaa Itoophiyaa uummatas hiikkachiisaa; jaarmayootni qabsoo hidhannoo gaggeessanis hiikkatanii harka Wayyaanee akka seenan taasisuuf malee, dhugumatti araara biyyoolessaa fi ce’umsa nagaa fiduufii miti. Kana godhuuf tarkaanfiin duraa jaarmayoota tokko tokko kan akka ADO kana ofitti harkisanii kan hafanirratti daba hojjechuufi. Dubbii hubataatu arga!!

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

JUXTAPOSING DEMOCRACY WITH THE GADA SYSTEM OF THE OROMO PEOPLE Part VI

    By Odaa Hora   Where does Gada depart from Democracy? In the preceding …

Yaada kanaaf deebisaa kenni