Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?


– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Lammaffaa –

Berhanu Hundee

Barreeffama marsaa lammaffaa kutaa tokkoffaa keessatti jijjiiramni ni dhufe malee Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) galii isaa akka hin gahin; jijjiirama dhufe kana keessatti gaafiileen Oromoo deebii akka hin argatin fi akkasumas sirni Federaalisimii amma ijaaramee jiru kun maal ta’uuf akka deemu gaafii kaasee, garuu dhimma kana bal’inaa akkan ittideebi’u tuqee dabruun kiyya ni yaadatama. Barreeffama kutaa lammaffaa kana keessatti dhimma Federaalisimii amma jiru fi dhimmoota biroorratti yaada tokko tokko dhiyeessa.

Sirni Federaalisimii Itoophiyaa amma jiru kun diigamuuf deemaa laata?

Sirni Federaalaa Naannolee sabaa fi sab-lammootaarratti hundaa’ee, ijaaramee amma jiru kun, akka humnootni farra-QBO jedhan kennaa Wayyaaneen nu badhaaste osoo hin taane, bu’aalee QBOn fide keessaa isa tokkoo dha; kan lubbuun meeqa ittigalaafatame, kan dhiigni ittidhangala’e fi lafeen ilmaan cunqurfamootaa itti caccabee dha. Oromiyaan har’a kaartaarratti mul’attee Addunyaan beeku tun wareegama kana keessatti mirkanoofte. Humnootni farra-QBO ta’an keessumaayyuu warri sirna durii sana deebisanii uummattootarratti fe’uu barbaadan sirni Federaalaa kun akka diigamu sababni isaan brabaadaniif Oromiyaa kaartaarratti arguun dhukkuba mataa waan isaanitti ta’eefi. Kanaaf karaa danda’amu hundaan injifannoolee QBO balleessuu barbaadan. Walitti bu’insi daangaaleerratti uumamee fi sababa kanaan uummattootni qayee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun waan akka sirni Federaalaa kun sababa ta’eetti dhiyeessuuf yaaliin isaan hin goone hijn jiru.

Sirni Federaalaa kun diimookraasiin waan keessa hin jirree fi hojiirra oolchuurratti rakkooleen waan jiraniif mudaa horate malee, osoo sirnaan hojiitti hiikamee, rakkoolee biyyattii tanaa hidda baasanii as gahaniif furmaata hundaafuu ta’u dha. Rakkooleen sirnoota Habashaa dhufaa dabran keessa turan rakkoolee cunqursa sabummaa waan turaniif, sirni Federaalaa naannolee sabootaa fi sab-lammattootaa bu’ura godhatee ijaarame kun fala rakkoo biyyattii tanaa ti jechuu dha. Humnotni sirna kana hin jaalanne lakkoofsi isaanii xiqqaa waan hin taaneef, gama tokkoon karaa danda’amu hundaan of ijaaraa fi humna isaanii cimsaa; gama biraatiin immoo tooftaale adda addaatti fayyadmuudhaan olola oofanii uummattoota amansiisuuf wanti isaan hin yaalle hin jiru. Saboota fi sab-lammoota keessaa namoota isaaniif tumsa ta’an salphaatti argachuu waan danda’aniif, kuni hedduu isaan onnachiisa. Duris taanan sirna cunqursaa uummatarratti fe’uu kan danda’an humna isaanii qofaan osoo hin taane, gantuu fi galtuu argatanii; isaanitti waan fayyadamaniif milkaa’uu danda’an.

Sirna Federaalaa kana diiganii, bakkee isaa kan ofiif hawwan buusuuf erga qophii xumuranii turee jira. Itoophiyaan isaan hawwanis maal akka fakkaattu kaartaa qopheeffatanii jiru. Kunis dhoksaadhaan osoo hin taane, waan marsaalee hawwaasummaarratti maxxanfamee argamaa ture fi jiru dha. Adeemsa jara kanaa tuffatanii dhiisuun gaaga’ama waan fiduuf, humnootni sabaa fi sab-lammootaa akkasumas  humnootni sirna Federaalisimii deeggaran humna isaanii cimsanii fi caalanii argamuun dirqama ta’a. Akka yaada fi laalcha kiyyaatitti, ejjannoo ODP sirriitti beekuun rakkisaa ta’ulle, jaarmayootni Oromoo sirna Federaalaa kana akka deeggaranin amana. Waan ta’eef, jaarmayootni Oromoo walittibaqanii tokko ta’uun yoo isaan rakkisellee, tumsa waliif ta’anii hojjechudhaan gaaga’ama dhufuuf maluuf ofqophessuun; humna mooraa keenyaa cimsanii argamuun barbaachisaa qofaa osoo hin taane murteessaa dhas.

Humni Jaarmayoota Oromoo yeroo ammaa hangam abdachiisaa dha?

Akkuma beekamu, Kongresii Federaalisti Oromoo (KFO)rraa kan hafan, jarmayootni Oromoo kan akka ABO SG, ABO-Tokkoome, ABO-QC, ADO, AWO fi kan biroo hundi isaaniituu warra duraan ABO tokko turanii dha. Dhugaan hadhooftus liqimsuun dirqama waan ta’eef, jaarmayootni kun kan biyya alaatti walsukkuumaa, walrigaa fi walitti gaarreffataa turan waan ta’aniif, biyyattis galanii gochaa akkanaarraa waan ofqusatan natti hin fakkaatu. Wanti hubatamaa jiru, ABO SGrraa kan hafan hundi isaaniituu erga biyyatti galanii, bobaa ODP jala seenanii waan taa’an fakkaatu. Kan nama dinqu garuu, erga bobaa ODP jala galanii, yookaan isaan wajjin walitti hin baqne, yookaanis immoo walaba ta’anii uummatas ijaaraa of hin cimsine. Waan isaan taa’anii eegaa jiran naaf hin galu. Filmaata dhufuuf ofqopheessaa jiru akka hin jedhamne, haalli yeroo ammaa Oromiyaa keessa jiruu mijataa hin fakkaatu.

Asirratti wanti hubatamuu qabu, ABO SG jedhee kanan asitti dhiyeesse jaarmayoota hafanirraa adda baasuuf malee kun maqaa idilee jaarmayichaa tii miti. SGn Shanee Gumii jechuu waan ta’eef, kun Koree Hojii Raawwachiistuu (KHR) dha malee maqaa jaarmayichaa miti jechuu kooti. ABO SG jaarmayoota hafantu irraa fottoqan malee, ABO hundee ta’ee dha; kan caasaa fi waraana qabuu dha. Amma erga yaaliin WBO mooraatti galchuu calqabamee as haalli jijjiirame malee, WBOn qaama ABO SG ti. Haa ta’u malee, namootni hedduun jaarmayaa kana akka garee xiqqaa tokkootti laaluudhaan “Shanee” jedhanii yeroo yaaman hubatama. ABO SG erga biyyatti deebi’e booda waan moggaatti dhiibamaa jiru fi dhiibbaan wayiis irra jiru fakkaata; sirnaan socha’aa waan jiru hin fakkaatu. WBO mooraatti galchuu wajjin walqabatee adeemsi jirus ABO SGf mijataa hin fakkaatu. Sababaalee adda addaatiin dhiibbaan irratti godhamaa jira. Shirootni adda addaa irratti godhamaa jiru; waajjiraaleen bakka eegaman hundatti hin banamne jedhama; miiseensotni isaas bilisaan socha’uu waan danda’an hin fakkaatu.

KFOs yoo laalle, jaarmayaan uummata Oromoo akkasitti sochoosaa ture sun haala qabbanaa’aa keessa waan jiru fakkaata. Isaanirras dhiibbaatu jira jedheen yaada; sababa malee callisuu hin filatne. Walumaagalatti waan isaan godhaa jirani fi haala akkamii keessa akka jiran beekuun hedduu rakkisaa dha. Akkuma armaan olitti tuqame, jaarmayootni hafanis ODP jala galanii, waa eegaa waan jiran fakkaata malee, sochiin isaaniis hin mul’atu. ODP keessas rakkooleen adda addaa uumamnii, Paartiin kunis keessi isaa gareelee adda addaatti akka qoqqoodame odeeffannoon tokko tokko ni mul’isu. ODP keessa warri jijjiirama amma dhufe kana ceesisuu barbaadani fi warra OPDO durii sanatti deebissuu barbaadan akka jiran ifatti mul’achaa jira jedhamee odeeffama.

Walumaagalatti, haalli jaarmayootni Oromoo yeroo ammaa keessa jiran dhugumatti waan abdii namatti horuu miti. Yoo mooraan keenya hin cimne, gaaga’ama keessa galuun keenya waan hin oolle ta’a. Diinotni keenya garuu haala amma mijateef kanatti fayyadamanii, ofijaaraa fi humna isaanii cimsaa jiru. Uummattoota biyyattii tanaa amansiisuu fi deeggarsa argachuuf waan isaan hin yaalle hin jiru. Miidiyaaleen isaan qaban biyyattii tana keessatti hedduu waan ta’aniif, karaa kanaan dhiibbaa godhaas waan jiran fakkaata. Jaarmayoota keenya jidduutti walshakkii uumanii, karaa kanaan mooraa Oromoo laaffisuuf halkanii guyyaa hojjechaa jiru. Diinota QBO laalchisee, barreeffama itti aanu keessatti bal’inaan ittideebi’a.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Tokkoffaa – Berhanu Hundee Yaadachiisa: Mata duree “Qabsoon Bilisummaa Oromoo …

Yaada kanaaf deebisaa kenni