Oduu Haaraya

Qabsoo roga hundaan jabeessuu fi tokkummaan dhaabbachuun bilisummaa Oromiyaaf wabii dha.  

Ibsa ABO jijjiramaa haala yeroo irratti.

Ilmaan Oromiyaa bilisummaa sabaa fi abbaa biyyummaa isaanii goonfachuuf qabsoo hadhooftuu fi haarsaa guddaa gaafachaa jiru yeroo dheeraaf gaggeessaa jiru. Qabsoon bilisummaa fi mirga dimokraasii goonfachuuf taasifamaa jiru, yeroo kamuu caala muldhataa fi danboobaa ta’ee qarqara injifannoo isa mahii gahaa jira. Keessumaa dhalooti qubee qabsoo kaleessa abbootiin keenya kumaatamaan itti wareegamanii sadarkaa amma irra jirruun nuga’an, abbummaan ofitti fuudhatee qabsoon finiinsaa jiru abdii Oromiyaa boruu ta’ee jira.

Mirgaa fi bilisummaa Oromiyaaf jaarmiyaaleen siyaasaa Oromiyaa   gara garaa bifaa fi amala qabsoo gara garaa qabu ka’umsa godhatanii ummata Oromoo ijaaruu fi dammaqsuun isaanii diinni amma fedhe iyyuu Oromoo fi Oromiyaa irratti roorrisusi dhabamuun isaa kan hin oolle ta’uun mirkanii dha. Qabsoon bilisummaaf taasifamu biyya keessaa fi biyya ambaatti ilmaan Oromiyaa ijaarsa  gara  garaa jalatti  taasisaa jiran  dammaqiinsaa fi  guddina siyaasa Oromoo muldhisa.

Sirni abbaa irree Wayyaaneen guddina qabsoo Oromoo keessumaa dhaloota qubee irraa sodaan inni  qabu  boqonnaa  isa  dhoowwee  jira.  Aadaan  qoqqoodanii  bituu  sirna  Wayyaanee  yeroo kamuu  caala  harkatti  fashalee  jira.  Kanaaf  jecha  tokkummaa  saba  keenyaa  fi  qabsa’otaa laaffisuuf jecha jaarmiyaalee Oromiyaa maqaa gara garaa itti moggaasuun dhaaba kami akka Oromoof ta’u, akeekuufii dhama’a. Maqaa shororkeessaa fi yaada hin qabne jedhuun, ummata Oromoof jaarmiyaa isaaf malu akeekuu yaala. Akka kana duraa jala deemtuu fi ergamtuu isaa kan taate OPDOn yeroo kamuu caala ergama isaanii Oromiyaa keessatti raawwachiisuu dadhabanii jiru. Kun kan ta’eef sabboontotiin ilmaan Oromiyaa qabsoo roga hundaan taasisanii fi ilmaan Oromoo miindaaf jecha miseensa OPDO ta’an mooraa qabsoo sabaatti waanta makamuu jalqabaniifi. Kun sirna Wayyaaneetti mataa dhukkubbii guddaa itti ta’ee jira.

Filannoo fakkeessii Caamsaa 24, 2015  taasifamaa jiru kana ilmaan Oromoo Wayyaanee irraa, milkii fi bu’a qabseessummaa hin eegan. Wayyaaneen bifa kamiinuu sirna bicuu ta’ee otoo jiruu saba Oromoo wayyabaaf mirga isaa eegsisuu hin danda’u. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO Jijjiramaa) filannoon Wayyaaneen itti jirtu kun akkuma kana duraa fakkeessii fi aangoorra bubbuluu sirna TPLF mijeessuun ala Oromoof fayidaa tokko hin qabu jedhee amana. Haata’uu garuu dhaabbileen siyaasaa Oromoo gara garaa ilmaan Oromiyaa mirgaa fi bilisummaa isaaniif akka falmatan haala rakkisaa keessatti ummata Oromoo dammaqsuu fi ijaaruudhaan danbalii jijjiramaa Oromiyaa keessatti dhalchuu isaanii ni dinqisifannaa.

Aadaa fi amala TPLF irraa ka’uudhaan filannoo fakkeessii irraa bu’aan akka hin argamne ABOn ijjannoo jabaa qaba.  Kanaaf jecha jaarmiyaaleen  Oromoo  biyya  keessaa fi  biyya  alaa jiran akkasuma, caasaan hawaasa Oromoo gara garaa dhimma bilisummaa saba keenyaa fi abbaa biyyummaa Oromoo irratti tokkummaan dhaabbachuun fardii dha.  Diinni keenya kan nurra bubbule tokkummaa dhabiinsa hoogganoota jaarmiyaa siyaasa Oromoo fi caasaa hawaasa Oromoo akka ta’e hubachuun murteessaa dha. Kanaan booda garaagarummaa xixiqqaan sochii ummata keenyaatti  gufuu  ta’uun  dhaabbachuu  qaba.  Hunda dura tokkummaan  dhaabbannee dheebuu  bilisummaa  ummati  keenya  bara  dheeraa  ilmaan  Oromoo  itti  wareegaman  baasuu qabna.

Kanaaf  jecha  Addi  Bilisummaa  Oromoo  (ABO  Jjjiramaa)  dhaabbilee  siyaasaa  fi  caasaa hawaasaa  gara  garagaraaf tokkummaan  dhaabbannee injifannoo  Oromoo  akka  dhugoomsinu waamicha taasisa. ABOn dhaabni siyaasaa Oromoo kamuu bilisummaa fi mirga dimokraasii Oromoo dhugoomsuuf, toftaa fi amala qabsoo kamuu hordofuuf mirga qabu jedhee amana. Kanaaf jecha dhimmoota tokkummaan waloon hojachuu qabnu irratti xiyyeefachuun mooraa qabsoo  Oromoo  tokkoomuu  qaba kan  jedhu ijjannoo jabaa qaba.  Dhaaba siyaasaa Oromoo kamuu kan jaarmiyaa kiyya  malee dhaabbileen siyaasaa biraa mirgaa fi bilisummaa Oromoof falmuu hin danda’an jedhanii fi qoollifattoota tokkummaa qabsoo Oromoo ta’an, hundaaf akka aadaan akkasii kun yeroon irra darbee fi qabsa’aa kamuu biratti fudhatama kan hin qabne ta’uu hubachuun akka gara tokkummaa dhugaatti deebitan waamicha godha.

Dhuma  irratti  ilmaan  Oromoo  biyya  keessaa  fi  biyya  alaa  jirtan  qabsoo  keenya  qarqara injifannoo geessee jirtu kana galii isaan gahuuf tokkummaan dhaabbannee bilisummaa Oromoo fi abbaa biyyummaa keenya akka dhugoomsinu waamicha taasisa. Filannoon Wayyaanee bifa kamiinuu itti bahi isaa sirna bicuu TPLF aangorra tursiisuun ala fayidaa irraa argannu kan hin jirre ta’uu isaa beeknee danbalii bilisummaa yeroo ammaa roga hundaan uumamee jiru daran jabeeffachuudhaan tokkummaan akka falmannu waamicha  goona.

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO jijjiramaa)

Injifannoon ummata Oromoof

Caamsaa 22, 2015

Check Also

alaabaa

Bulchiinsa gabrummaa diddaaf wal’aansoon godhaamaa turte tan ifatti mul’atte, bara 1962.

Abbaa Urjii tiin: Hawaasa Oromoo kanneen bulchiinsa gabrummaa Minilik jalatti buluu diddaaf lolanii injifataman keeysaa …