Oduu Haaraya

Qabsoo maqaa dhooftee KADHAAF marxifattee, Osoo mana jirtuu nan hidhame jettee, osoo hin tuqamin nan reebame jettee,,

Qabsoo dhiigaan dhufeen kan daldalaa turtee,, Bilisummaaf miti DOOLAARA barbaachaaf wareegamuuf kaatee ??? kekekekekekeke Qabsaa’aa fakkaattee iyyitee wawwaattaa,, Lammii gowwomsitee imimmaan harcaaftaa,, osoon isin qabuu maaf diinni na nyaataa ?? Jettee nu boossiftee qoonqookeetti nyaattaa ?? Osoo fayyaa qabduu maaf taatee kadhattuu ??

Haala habashootaa warra kadhaan bultu, tooftaa taasifattee osoo harka qabduu, kan barruukee haftee nama jala qabdu, hordaa harkaan qabdee lafa QOTTEE hin nyaattuu ??

Kaleessas kan hubee qabsoo saba kootii,, warra haadha garaa ishee akka keetii,, isheetu gurguree SHARAFEEM qoonqootti, garaashee guuttachuuf dhiiga Abbootii kootii. Baqadhu baddeettaa dafii bakka jirtuu, anaan na hidhanii na dararaa jiruu, jettee rifaasiftee kan qabsootti jiru, yaroo hiriyaakoo qe’eerraa kaachiftuu, maaluma siin jedha LAFEEN gaara jiru , dhiigni barattootaa jigee yaa’aa jiru, ekeraan goototaa laga keessaa iyyu, caraanee lallabee hudhee sihaa diru.

Dhugaa qabda ati teessee nyaattee bartee, falmaa dhiigaan dhufe dahoo taasifattee, Dheebuu Doolaaraatiif samiirra barriftee, isa beelli wadee of duuba aanisitee, diinqa keessa teessee aduutti of baaftee, maqaa qabsaa’aatti qoonqoof of moggaaftee, kadhaaf qaama fayyaan okkoltee ultaalte. hahahahahaha Nadhibe waa’eenkee dubbiin qoonqookeetii, yarotti haasoftu an qeerroo qabsootii, jettee odeessuudhaan warra baar- gamaatti, ittiin jiraatteetta kunoo hanga ammaatti, salphachuukee bari ammagaa dirreetti. Yoo rakkinaaf ta’ee biyya guutee jiraa, eenyutu ittiin du’ee awwaalamee jiraa ? eenyufaa ajjeeftee mee DHABI yaa firaa ?? Egaa yaa lammiikoo kan biyyaaf kan alaa, dubbii nama kanaa xiinxalaa ilaalaa. Nuti kaayyoof duunaa ati qoonqoof du’ii, yaa hidda Goobanaa warra seenaa xurii. ….

Obsaa / Iskeender/ Abdulkadiriif…

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …