Oduu Haaraya

Qabsoo Keenya

Qabsoo Keenya

Cuunfaa: Jiyaa hundaa fi akka halleen itt duulamuu Oromoon kolonummaa fi jijjiirraa saaf jilbeenfachuu didanii jiru. Amma qabsoon saanii sadarkaa itt dachaasuun hin dandahamne gahee jira. Oromoon hoggansa of irratt hirkataa fi walaba, kan qabsoo sabaa qindeessee fiixaan baasu qofa dharra’aa jira. Kaayyoo sabaawaan Oromoo walabummaa fi birmadummaa dha. Soochii Oromoon gara walabummaatt tolchan keessa seenee borcuu kan yaalu onneen faccifamuu qaba. Kan heera TPLF/EPRDF angoo 39 hin fudhanne fira Oromoo tahuu hin dandahu. Haasaa , barruu, walgahii, hiriira haa tahu mallattoolee kkf mirgi of ifsuu ulfoo dha. Oromiyaa keessatt afaan Oromoo barachuun ijoollee Oromoof mirgaa fi dirqama. Imaammata barumsaa diriirsuun humna dhuunfaa finnaa Oromiyaa tahuu qaba. .Ammas lolli jiru sabboonummaa Oromoo fi koloneessaa Itophiyaa gidduu dha. Gaaffiin too’annaa guutuu Oromiyaa keessatt lafa, afaan fi aadaa irratt qabachuu ammayyuu jalqaba bu’uura irra jira. Abbumaan Finfinnee irratt Oromoon qabu kan dhoofsifamu miti. Dadhabbiin sochi malbulchaa Oromiyaa hirqinfu yerooti. Faarri jiru akka EPRDF jiga gahe. Yoo bulchi cehumsaa ni uumama tahe iddoosota ummati suduudaan kennatuun tahuu qaba. Bulcha gidduun barbaachisuuf ST (UN) afeeruu dha.

Oromoon erga Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) jalatt jalqabaaf qabsoo ijaaramaa eegalanii fagaatee jira.Hardha maqaa saanii kan dhahatan jaarmota hedduu dha. Murnootii fi abba tokkooti yeroon gaafa tolu utaalan keessa gugachuuf riphanis jiru. Isaan keessaa kan kaayyoo sabaa xumuraan gahuuf daaya agarsiisu hin jiru. Haa tahu malee dargaggoon Oromoo bakka hirdhatett guutuuf fulduratt bahaa jiru. Sochooti Oromoo kaasaa dadhabbii ilmoo namaa,yaada halagaa fi keettoo diina luuxee galuun meelachaa dhufe. ABOn Oromoof, Oromoon akeeka qabama Oromiyaa raawwachiisuuf, walabummaan ijaarame.

Sagantaa malbulchaa saafi kan EPRDF ABOn shororkeessituu jedhe labse. Sababa sanaan hamajaajii keessaa fi alaa, kanneen jibba Oromoo qabanii fi walabummaa Oromiyaa hin feenee, sabboonota Oromoo balleessuuf kan irratt xiyyeeffatan. Serri shororkaa ergasii gara gocha malbulchaa fi hawaasomaa hundaa fi mallattoolee sabaattis baballatee jira. Sun tahees Oromoon of ifsuu fi aadaa, dudhaa fi dabaan mormuu shakaluu hin sodaanne. Oromoo gomceen Oromiyaa dhufanii akka ofgochuu qabanii fi waan itt dhagahaman akka itt ifsatan isaanitt himuuf; waan isaan uffachuu qaban, mallatoo akkamii qabachuu akka qaban fi maal faarsuu akka irra jiru want galchuun hin jiru jedhanii amanu. Wayyabaaf sodaan doorsisa koloneeffataa raawwatee jira. Waan ajaja gooftolii kolony fudhachuu fi fudhachuu dhiisuu gidduu, gidiraa namarraa gahuu dandauhuf garagarummaan jiru itt hin mullanne. Ejjennoon kun mormii Oromo 2014 jalqabe hanga hardhaatt itt fufeen ifa bahe. Waggooti ergasii jiran keessa hoggansa lafa jalaan guddataa dhufe. EPRDF humnaa fi labsa yeroo ariitii hamaan hankaasuu yaale. Garuu sodaan dhaalan dhufe waan irraa darbeef itt fufee sochoota bilisummaaf gufuu tahuu hin dandeenye.

Hogganooti dhaabota mormituu amanamtuu tahan hidhamanii, dhaaboti sabboontaa lafa jala jiraachuun, dirree lafaa olii OPDOf qulqulleesse. Haala kanaan taasisaa OPDO kan jedhamu dandahutu dhalate. “Biyya fardi bade harreetu garmaama” jedhama. OPDO fi ANDM diddaan

dargaggoo Oromoo mootummaa koloneeffataa EPRDFiin gaggeeffamu fonqolchaa yaadda’an. Kanaaf waliigalanii ummata saaniitt afaan warraaqsa dubbachuu eegalan. EPRDF keessa rakkina alaa itt dhufaa jiru akka itt furan waliigalteen kan jiru hin fakkaatu. Akasumas jara akka OPDO fi ANDM keessas walii galuu dadhabuun jira. Achittis sararaama EPRD keessa jirutt wal hiruun kan jiru fakkaata. Kanaaf lamaan keessatuu jijjirama hoggansaa tolchan. TPLF sana gochuun yeroo itt fudhate. SEPDM rakkina keessaa agarsiisaa hin jiru. Waldhabdeen EPRDF keessaa TPLF waliin utuu hin tahin kan ilaalcha walii galaatii. OPDO fi deggertooti saa ummata Oromooti sana fakkeessanii dhiheessanii.

Kanaaf hanga dhugaan muldhatutt ummati fakkeessituu waliin dhiichisaa bahe. “Keessi keessaa adurreen bineensaa” jedhama. EPRDF, EPRDFii, maqaa Oromo maxxanfateef Itophiyummaa gad hin dhiisu. Ummati itt dammaquun hunda ija facaasisaa jira. Ababbara keessa waanti hamaa fi gaddhiisaa fakkaatu walcinaa muldhataa jira. Ajjeechaa fi hidhaan ummata Oromoo irra gahu itt jabaataa dhufe. Ummati Oromoo ummata duula Wayyaaneen buqqa’e hadhaadhiyyuun ifaan itt jabaataa jira. Utuu akka duriiti karaafa itt cufaatu eegama. Ammaaf sun kan hin taaneef sirni jeeqamuu agarsiisaa. Haalichi haaraa waan taheef akkaata itt qabu hin karoorfanne. Maaliifuu miirri saa kana irratt akkamitt jijjiirameen, gaafii qormaata gaafatu?

Sun akka fedhe haa tahu, OPDOn Oromo Itophistota irraa deggersa argachuun hololli saboonaa isa fakkeessu gad dhiifamuutt kahe. Yakkooti Hamoon OPDOn kaleessa raawwataman hundi irra ilaalamuu eegalan. Hoggansi OPDO gootummaan farfamuu eegale. Itophisa tahuun saa hedduun irraanfatame hololaan sabboona tahe. Hin turre Abbayya cehanii jaala gamatt eeguun walitt boohuu eegallaan eenyummaan saanii ifaa bahe. Sanaaf sabboonoti yoo irraa dacha’an, Itophistooti harka rukutuufii itt fufan. Akkasitt taasisi OPDO qabsoo walabummaa karaa irraa maqsee xurree EPRDFitt galchuu yaale. Garuu ummati Oromo, mirgaa, walabummaa fi bilisummaa badde utuu hin deeffatin dhumuu taha malee hin dhaabbatu.

Sodaan du’aa, guraaramaa fi hidhaa koloneeffataaf jilbeenfachuuf kaasaa tahuun sich hin jiru. Dabeessa dugugguruu hin qabneef alaabaa diddaa Oromiyaa baasanii muldhisuun, of irratt fincaawuu fi alaabichaa fi ABO, dhaaba eegala goodeen, takka hin agarre jedhee haaluu irraa hin deebi’u. Akka sabaawaa Oromoott saganta ABO irratt yaadaan waliigaluu dhabuun mirga; garuu dibbee du’aa diina waliin itt dillisuun lugnummaa fi gantummaa dha. ABOn qabsoo Oromoo humna lolaa kallacha tahee gaggeessee jira. Sanyi bilisummaa inni walakaa jaarraa dura facaasetu Oromoo Oromiyaa keessaa fi bakka fedhan jiraatan waliin gahe jechuu dha. Sana jechuun dhaaba sabaawaa Oromoo angafa jechuu dha. Isa adabuu tahee badhaasuu abbaawummaa Oromoo malee halagooti irratt hin qabani. Kanaaf waan Oromoo kan tahe hunda irraa hamaa faccisuun waamicha Oromummaa fi deebisuun dirqama sabaawaa Oromoo dhugaatii.

ABOn dhugaa dhaaba walaba, of irratt hirkataa fi boonaa dha. Dinni kaayyoo ganama inni dhaabbateef utuu hin tahin isa cabsuu ni dandaha taha. Sun namoota Oromummaan boonan, keessaayyuu dargaggoon fudhatamee, qabsich yeroo hojiin dhaaba roga dhabellee hin dhaabbanne. Ayyaanni dhaaba kallacha tahe kanaa, dirree bahee hin beeku. Diinni Oromo garaagarummaa hawaasomaa fi malbulchaa xixinnoo qabaniin addaan baasuu yaala. Garuu Oromummaan gara halleen akka fedhanitt gad tumanuu kan hin uramne tahuu raggaasisee jira. Hardha Oromiyaan yoomuu caalaa xiiqii tuffii fi xaxaa diiga diinaa wal irraa hin citneen kan kahe tokkumaa saa cimfatee jira. Nyaaphi meeshaa kuusaa saa keessa jiru hundatt dhimma bahuun yeroo ammaa kana Oromoo gad ciraa jira. Garuu akka nu callisiisu ooffalchamuu hin qabu.

Sagantaan malbulchaa ABO bara 1976 fi 1998 fooyya’e ifatt kaayyoon qabsichaa akka empayera koloneeffataa Itophiyaa diigee ummata achi jalatt sakalame bilisoomsuu; Oromoon mirga hiree sabummaa ofii ofiin muteeffachuu mirkaneeffatee, republika Oromiyaa walaba dhaabuu tahuu lafa kaa’ee ture. Ergasii kaayyoo sana bakkaan gahuuf alaabaa ittisaa, mogge lamaan diimtuu jala hiriiranii kumkumooti lubbuu saanii itt wareegani jiru. Kan abbaa fedhe waliin walqixxumaan haasawuu dandahu, ummata birmaduu, nageenyi duubbee iggitii qabu qofaa. Ummati garbummaa jala jiru waa’ee tokkummaa, nagaa fi araaraa ummatoota biraa waliin dubbachuu hin dandahu. Si’ana garbummaa jechuun akka durii seeraan nammi nama bitee gabaa baasee gurguruu jechuu miti.

Qabeenya ofii, lafa ofii, sochii ofii, afaan ofii irratt abbummaa dhabuu, eenyummaa ofiif fanfanamuun eegalee garbummaa si’anaa keessaa hanga tokko. Gabaabaatt biyya ofii keessatt halagaan akka itt jiraatanii fi bulan namatt himuu fi mirgi ilmoo namaa qoodamu fi seera tumuu saa keessatt qooda hin fudhanneen itt murteeffamuu dha. Qabamsi bara dheeraa, biyyuma ofii keessatt Oromoo ciisanyaa fi garbummaatt geeddaree. Aadaa, dudhaa fi afaan saanii haqamanii seenaan saanii roga dhabsiifame. Ummati al tokko walabaa fi boonaa ture, harka koloneeffataatt tuffatamee fi salphatee jira. Sirni koloneeffataa amma TPLF/EPRDFiin iddoosamee jira. Kanaaf humni muummichi Oromoon fuulleett qabsoo walabummaa ittiin qabaa jiru isa.

Qabsoo bilisummaa irratt humni muummichi Oromoo masaku Oromummaa dha. Kan Oromummaan jalaa laasha’etu galii galaa. Balaa hundi kan isaanitt bu’e, Oromoo, saba Afriikaa Saaraa gaditt wayyaba, qabeenya uumaan dureessa, lafa taadhii fi ummata yaada baldhaa qabu tahuu saaniif. Oromoon saba hedduu cunqurfamaa Itophiyaa irraa gara kibbaatt argamu. Tarkaanfataa haa tahanii duubatt harkistuu, amantee qabeessa haa tahanii, Waaqa hin qabneen, roorroo fi bulcha namummaa baasaa mootummaan saaniin Oromo irratt raawwatamaa ture, takka fulduratt bahanii sagalee dhageessisuun balaaleffatanii hin beekan. Garuu yeroo Oromoon gaaffilee kolonummaan akka hafuu fi walabummaa qabatee kahu, aariin burquqanii gad bahan. Hanga sanaatt waan barabaraan isaan bolqaa jiraatan itt fakkaata ture.

Akkasitt abjuun saanii kolonoota hacuucanii bara baraan jiraachisuu, dhalachuu ABO fi dhaabota bilisummaa kolonota biraan doorsisifamuutt kahe.

Dargiin akka akeekaatt, mirga afaan ofiin barachuu fi dhimma itt bahuu fi bulcha keessaa hanga tokko isiniin beekaa jedhe. Sanaan qabsoo walabummaa irraa isaan maqsuu yaalee ture. Labsa lafaa kan jalqaba “lafti kan ummataati” jedhu utuu hin turin “lafti kan mootummaati” jedhutt jijjiirame baasee. Duratt lafti kan finnaa fi abba lafootaa ture. Labsa kanaan abba tokkeen lafa qabaachuun ni haqame. Ammayyuu sanumatt dhimma bahama. Ummmati lafa hin qabne biyya qaba jechuu hin dandahu. Lafti kan finnaati jechuun finnaa halagaa ummati irratt taahitaa hin qabne yk murtii lafa ilaalu irratt qooda hin fudhannne jechuu dha. Lafti eegalee Oromummaa yk eenyummaa Oromootii. Kan isaan lafa isaanii dhabsiifaman eenyummaa saba biraa akka fudhataniifii. Haalamuu fi dhabsiifamuu sanatu ummati fincilee akka ka’u tolche.

Jaarraa walakkaa darbe keessa Oromoon bu’aa hanga tokko galmeefatanii jiruu; garuu ammallee halagaan bitamu; lafti saaniis kan finnaa empayeraatii; hojii mootummaa koloneeffataa yoo afaan koloneeffataa barreesuu fi dubbachuu hin dandeenye hin argatan. Sun imaammata afaan jara abbaa biyyaa, ABOn 1992 mootummaa Itophiyaa waliin dhoofsiseen wal fincila. Akka saatt waabariin ambaa Oromiyaa keessa jiran hundi afaan Oromoon barsiisu. Gochooti ambaa (public) hundi akkasuma. Dhaaboti Oromoo tokko tokko, baasii Oromoon, sadarkaa afaan Oromoo biyya ofii keessatt itt ilaalamu kan halagaan walqixxeesuun waan garaa nama nyaatu. Badaan sanaa gadii, akka dhagahamutt waabariin ambaa Oromiyaa keessa jiran tokko tokko barataan Oromoo, afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa gidduu akka filatu godhama jedhama. Waabariin ambaa Oromiyaa, qabeenya Oromiyaan jiraatu. Kanaaf meeqa itt bahee mirga argame kana dabarsanii kennuun, hamma mirga Oromoon imaammata barumsaa ofii, bifa itt gochuuf qabu irratt dabi tolfameett fudhatama.

Ijoollee kamiifuu afaan ofiin barachuun mirga. Garuu kun Oromiyaa dha; biyya dilormaa guutuun akka afaan ofii hin dubbanne, hin baranne, hin barreessine ukkaamfamee ture. Sabaawoti hundi biyya afaan ofii ijoollee ofii qabeenya ofiin yk gargaarsa gaafatanii itt barsiisan qabu. Oromiyaa keessatt hawaasi hundi waabarii dhuunfaa qabaachuu dandahu; haaloon ukkaamsi Oromoof safuu dha. Yoo waabarii ambaa Oromiyaatt dhimma bahuu fedhan imaammata barumsaa biyyatiin buluu qabu. Waabarooti ambaa Oromiyaa yoo Oromiyaaf anjaa qabaate afaan halagaa akka barnootaatt kennuu dandahu. Warri Oromoof ijoolleen saanii afaan ofiin akka baratan gochuun dirqama.

Gaaffiin afaan ofiin barachuun kaasaa warraaqsa Oromoo sabboonotii itt dhuman keessaa guddicha tokko. Ijoolleef afaan saanii malee akka baratan kolomsiisuun wareegama jaalbiyyooti baasanitt qoosuu fi sabicha irratt yakka raawwachuu dha. Afaan Oromoo dulloota keessaa tokko tahuyyuu, dhimma Oromoo ooluuf dhiheenya carraa argate. Corqaa dhaa; afaanota biraa irraa dorgommeen hin taane akka itt hin dhufne kununsa barbaada. Kanaaf gurguddoon Oromoo akka inni daddafee guddachuun

utuu of hin dandahin duubatt hin deebine gochuuf abbaawummaa qabu. Diinni, irraan rakkoo gurguddaan nu jarjarsee, mirgoota harkaan gahanne akka hin eegganne nu dagaa, jalaan sesseqee nu mulqaa jira. Kana duukaa bu’anii irra faccisuun qooda hayyoota keenya ture. Amma akka agarrutt garuu, hangi tokkoon saanii qabeenyuma Oromoon afaan halagaa irratt guddisaa jiru. Addaababayitt afaan Amaaraa bareechuutt anatu caalaa, anatu caalaa waan wal dorgoman fakkaata. Waant hin beekamu “Shigiggiriin” yoo deebi’ee dhufe ulaagaa ittiin qooda fudhatan taha jedhanii yaadinnu? Kun mirga ummata ofiin, qabeenyaa fi yeroo saan sagaggala beekumsaati. Holola raatessaa saaniin dargaggoo Oromo kan mugsiisan itt fakaatuu, wayyabi guutummaatt dammaqnee jira; akkuma kanaan durraa mirgoota saba ofii irraa hamaa faccisuuf qophee dha. Isaan garuu guyyaan sabichaa yk Waaqa duratt itt gaafataman ni dhufaa.

Qabsoo Oromoo keessatt qabatteen biraa kan sabboonoti qayyabachuuf qayyabachiisuu qaban gaaffii Finfinneett rarra’e jiru. Kanneen ammayyuu sammuu sirna Nafxanyaawaa qaban Oromiyaa keessaa bocanii laaqii tokko baasuun abbaa dhabsiisuu fedhu. Akkuma magaalota gurguddaa kamiiyyuu Finfinneenis jiraattota empayerittii keessaa fi baaqula bakka hallee babbahan qabdi. Jaarmoti sabgidduu keessa jiraatanis hedduu dhaa. Qabama duuba, Finfinneen humna garboota fi qoteebuloota Oromoo fi kolonoota biraa keessaa argamaniin magaalummaatt jijjiiramtee. Masarooti, karooti, galmistaanoti, riqichooti fi dhaaboti garagaraa humna tolaa garbootaa fi qoteebuloota sanaan ijaaraman. Horeen jara saanaa eenyummaa jijjiirratanii hardhallee achuma jiru. Koloneeffataan lafti saanii kan irraa fudhatame, sabi Finfinneen tiyya jechuu dandahu Oromoo malee hin jiru. Lafa handhuura Tuulamaa, gosa Oromoo guddaa tokko kan tahe, keessaayyuu oyiruu fi kaloo qomoota akka Eekkaa, Galaan, Gullalleetii kkf.

Qabama Oromiyaa booda lafti Finfinnee garri caaluu mooraa raayyaa abbaa duulota Habashaa keessaayyuu jara Amaaraaf kenname. Sun 1975 keessa labsa lafaa magaalaan dhumate. Lafti finnaatt yoo darbu qabeenyii mootummaan dhaalame. Kanaaf gaaffiin lafaa Oromoon qabu finnaa empayeraa waliin malee sabaa fi abba tokkee kamiinuu waliin miti. Hardha Finifinnee keessa, jiraattota heeraan murtii kennuu magalichaa keessatt qooda fudhachuuf mirga guutuu qabantu jira. Waliinjiro wayyabummaa himatu yoo jiraate, imaammata magaalattii karoorsuu irraatt dhimma itt baha malee moo’ummaa Oromiyaa didhchiisuuf miti. Finfinneen fedha biyya itt naanna’ee jiruu malee socho’uu akka hin dandeenyes hubachuunis dansa. Qabeenya handhuuraa Oromoo waan taheef, Finfinnee irraa magaalota Oromiyaa biraa irraa addatt bu’aan Oromiyaan gaafatu hin jiru.

Qabsich amma maal irra jira?

ABOn hayyoota Oromo sabboonoo, beekoo dargaggoo tahaniin bu’uurfame. Akka jara xurree sochii baratoota Oromoo Marksiist Leeninist hordofanii utuu hin tahin ilaalcha bilisummaa yk Kaayyoo sabaa akeeka masakaa kan godhatan turan. Yeros, dabballooti olhaanoon ABO

dulluma keessa akeeka kana irraa dheessuuf isa jalqabaa tahu jedhee kan se’ate hin turre. ABOn yoomuu caalaa kan addaan babahuutt kahe 1992 jalqabee yoo tahu bututa qabsoon haa tahuu kaasaan biraa yoo jiraate warraganoo qofatu beekaa. Innasi kan hogganooti saa beekamoon tokko tokko kanneen qabsoof kakaasanii hiriirsan hiree ofiitt dhiisanii mooraa Itophiyanestotaatt cehan. Hogganooti kun isaan lafaa kaasanii ABO ijaaran keessatt argamu. Warana bilisummaa Oromoott (WBO) dargaggoo madaqsanii, lenjisanii bobbaasanii turan. Amma jaarmaa haaraa ijaarratanii Itophiyaa demokraatessuun, Itophiyaanota waliin angoo hirmachuuf kakatanii jiru. Murnooti biraa maqaa ABO irraa addaa fudhatanii yk maqaama sanaan kaayyoo bilisummaa sabaa amanamaa tahanii akka itt fufan labsatan jiru. Qabsoon bilisummaa fi walabummaa ciminaan baballatee jira.

Tokkummaan Oromoo yoomuu caalaa jabaataa jira. Jara biraa, kan mootummaa Itophiyaan cunqurfamuun itt dhagahamu waliin qayyabannoon guyyuu guddataa jira. Jaarraan kun jaarraa Oromiyaa fi kolonoota biraa kan tahu fakkaata. Amaarri biyya ofii jiraatan illee kolonoota waliin hacuuccaa walfakkaatan itt dhagahamaa dhufee jira. Garuu harcaatuun sirna Nafxanyaa durii kan Amaara ofiin jedhan, tumsa dhugaa Oromoo fi Amaara biyya jiran gidduutt uumamuu dandahu roga dhabsiisuun gara fedha ofiitt micciiraa jiru. Jarri kun Oromo warraganoo firoomfatanii waliin waa’ee Oromoon Itophiyaawoo sadarkaa dura tahuu fi empayera ijaaruu irratt miiltoo akka tahan olkaasanii lallabaa jiru. Oromoon garba gamaa dhufan inni jedhamu duubatt dhiibamaa jira jechuu dha. Kanaaf eenyuun hariiroo qabaataa akka jiran of gaafachuun dansaa. Ummatooti cunqurfamoon hariiroo saanii sadarkaa olhaanaatt olkaasuuf rakkina hin qaban. Biyyooti Oromoo fi Habashaa, utuu moototi saanii Oromiyaa fi biyyoota Afriikaa naannaa jiran hin qabatin durattuu olloota bara dheeraaf walbeekan turan. Bilisoomuun Oromoo cunqurfamoota hundaa fi cunqursaaf illee bilisoomuu taha.

Hidhati EPRDF kan finnaa empayera Itophiyaatt si’ana mataa tahe, guyyuu dadhabaa deemaa jira. Dadhabbii ofii irra haanuuf hamilata “haaromsaa gadi fagoo” jedhuu diriirsee jira. Dadhabina saa kanatt dhimma bahuu kan barbaadan ayyaanlaallatooti saba hunda keessaa maddan jiru. Carraa akka mormituu amanamtuutt mootummaa EPRDFiin fudhatamuu kan dhowwataman tokko tokkos jiru. Isaan kana kan EPRDF bososaa jiruuf filmaata tahuu dandeenya jedhanii embaasota biyyoota alaa irraa kan naannaha jiran. Ayyaanlaallatooti Oromoo fi Amaaraa hangi tokko TPLF fi PDOta saa gidduu shibliqii galchuu kan yaalan jiru. Sanneen akka simbirroo kuukkuu jedhamtu kan buphaa mandhee simbira biraa keesatee hammachiifatuutii. Wuciin kuukku wucii isee hammachiifattee nyaattee mandhicha dhuunfattii. Jarri kunis fira fakkaatanii PDO liqimsuu yaala jiru.

PDOti utuu ummati hin gaafatin maqaa saaniin ummata biraa waliin tumsa uumna jedhanis jiru. Yoo caalaa cimsuu tahe malee duruu ummatanii Oromiyaa seenan. Oromoon kanneen Oromiyaa qabachuu irratt qooda fudhatan hunda waliin hariiroo uumuu dura, madaan dhinuu fi

gaaffii deebii argachuufii qaban hedduutu jira. PDOn ummatee dhiisee dhimma saanii miti. Giti bittuu Habashaa mootota saaniin hogganamanii jaarraa tokkoo oliif Oromoo jireenya gadadoo seensisanii jiru. Moototi sun hojjeteebulaa biyya ofiitiifis gara laafota hin turre. Haa tahu malee, kan itti roorrifameef, mootii roorrisaa fi ummata inni keessaa bahe, gargar baasuun rakkisaa dha.

Moototi hooda fi seenaa hundee hin qabneen ummatoota ofiillee waa’ee Itophiyaa boona sobaa obaasuun joonjessaa jiraatani. Maqaa Itophiyaa si’anaa kan ifaan maqaa biyya Habashaa godhee galmeesse Haayila Sillaasee ture. Isaan dura “Habashaan” wal jijjiiruun waamuun jalqabamee ture. Itophiyaan maqaa masoo ummata gurraachaa Abbayya gad haanuu Grikooti ittiin waaman ture. Afrikaa keessa ummati Itophiyaa ofiin jedhu hin turre. Imaltuu Grikiin himamuun, waa’ee ummata Kush Marowee fi Napataa Nuubiyaa wiirtuu godhatee, kan dubbatanii fi barreessan maqaa dhimma itt bahan ture. Waggooti 3000 Habashaan lakkaawwatu seena Kush sana irraa kaha. Hundeen Habashaa Semawaa malee Kush miti. Kanaaf hoodi Habashaan dhugaa jedhe fudhate seenaa ofii keessa waan hin jirre tahuun ifaa dha. Kan dhimma baasuu dhugaa amma lafa jiru malee hooda darbe yk du’e miti. Yeroo ammaa Habashooti hoduu uuman hedduu fi hayyooti ayyaan laallattuun, seenaa naannichaa roga dhabsiisuun akka waan koloneeffataa fi kolonaawaan; cunqursaa fi cunqurfaman hin jirreett lallabuu eegalaanii jiru. Empayera Itophiyaa ijaaruuf Oromoon qooda bilsa walqixxee qaba ture jedhu. Kun garbooti of garboomsuu irratt gooftolii saanii utuu hin tahin isaantu abbaawummaa qaba jedhanii akkan itt himuuti. Dhuguma, yoo dilii irratt dabsatamuun bu’aa fi ulfina injifannoo hirmachuun gahe jechichi sirrii taha.

Dhugaan jiru, Oromoon akka ummataatt takkaa fedhaan Oromiyaa koloneesuu irratt qooda fudhatanii hin beekan. Yaa’a murtii empayera ijaaruu keessattis takkaa hin hirmannee. Miseensoti raayyaa mo’amee kan moo’ateen madaqfaman jiru. Abba tokkooti maqaa saba Oromoon yk jila isaaniin ergaman utuu hin tahin, dandeettii ofiin bulcha Habashaan foo’amanii sadarkaa olhaanaa gahan jiru. Seenaan Itophiyaa si’anaa Oromoo malee adda tahuu akka dandahu ifaa dha. Haa tahu malee sun Itophiyaaf halagaa tahuu saanii hin geeddaru. Isaan of irratt ijaaruuf humna tolaa dhagalaasan barri gaafatan ni dhufa taha. Oromummaan DNA baayoolojii qabaachuu qofa miti. Oromummaan, seraan bulmaata, birmadummaa fi walabummaa, dudhama malbulchaa fi hawaasomaa qabaachuu dha. Haala sun keessa hin jirrett maqaa Oromoo dhahuun cubbuu dha.

Nugusootii fi goototi Habashaa, akaakkilee Oromoo qabachuun hayyoota qaanii hin qabneen facaafamaa jira. Haayila Sillaasee hanga dhumaatt duubbee dhaloota saa iccitiin eegee; hardha qaccee gad yaasuun maal jijjiiruu dandaha? Maqaan dhalootaa Fitiraarii Habte Gogis fi maqaan abbaa saa eenyu? Maqaan abbaa Dajjaach Baalchaa eenyu? Utuu warraaqsi hin saaxilin maaf amba jalaa dhoffaman? Sirni barumsaa Itophiyaayyuu seenaa sobaa afuufaa yoo oolu

baraattoota barasii sanneen hin barsiisnee. Namoota gurguddaaf hafee kadhattuu Habashaafuu ifaan Oromoott firoomuun yeros qaanessaa ture. Akeeki holola akkasii, qabsoo walabummaa Oromoo, Oromoof hin barbaachifnee fakkeessuufii. Yeroo qabsichi fiixee dacha’uu hin dandeenye gahe kana illee, waa’ee seenaa godinichaa dhugaa bahuu hin fedhanii. Barri ammaa kun bara itt haalan utuu hi tahin badii darbe fudhatanii akkataa itt sirreesan kan itt soqan tahuu qaba ture. Kana malee waanti hin yaadamne gudeeda saanii irratt lafa dhahuu dandaha.

Wal amanteen bakka hin jirrett ibsi dhugaallee mamsiisaa taha, dhugummaan saa mirkanaawuuf dura wal amanteen uumamuu gaafataa. Abba tokkeen Oromoo gadi qabame, koloneeffataa akka lolee fi garbicha/garbbittii manaatt tajaajiluun hin haalamu. Garuu sana akka waan Oromoon irratt waliigaleett dhiheessuun hariiroo egereef tuffatamaa fi hubaa tahaa. Boojuu fi fedhanii askarummaatt kan madqfamanitt dhimma bahuun dudhaa booji’aatii. Miseensoti OPDO ummata ofii akka lolan bobbaafamuuf boojuu jalqabaa miti; namooti akka Qusee Diingadee fi Baalchaa Saafoo isaan dura jiru. Qoodi abbaa duulota Oromoo galtuu, sochii Raayyaa fi Baalee gad qabuu irratt qabaataa turan waan irraanfataman miti. Kanaaf seenaan roga dhabsiifame rakkina harka jiruuf furmaata hin tahu.

Maal akka godhamutu eegamaa?

Oromoon akka sabaatt baraaramuuf qabsaawu. Itophiyaanoti kolonoota saanii irratt olhaantummaa turfachuuf qabsaawaa jiru. Kan qajeeltuu akka ujuutt ilaalan hundaaf walabummaa Oromoof loluun fakkeenya ujuu sanaati. Kanaaf itt gala fedhame utuu hin gahin dhaabbatan ofumaa dhama’uu dha. Sun hanga ammaatt firaa fi hamajaajii Oromoof ifaa hin tahin hin hafne. Galaanni namoota miidhamee waan gad dhiifameef, midhammi sun hanga dhinutt ittisuun hin dandahamu. Bilisummaa fi walabummaa qofatu isa dhinsaa. Hundaaf furmaati gaaffii Oromoo baranii, haala nagaa fi tolaa taheen deebisuu dha. Waan garagalchuun hin dandahamnett dhama’uun yeroo balleesuun badiisa soquu dha. Seenaan gara cunqurfamaa malee cunqursaa waliin hin jiru. Cunqurfamaan aariin ka’ee jira; qooqi gaggaarii fi irbuu konkaan imala warraaqaa saanii irraa hin dhaabuunii. Kanaaf qabanaawanii, qalbii horachuu fi ollaa waliin nagaa buusuun barbaachisaa dha.

Gaaffiin Oromoo salphaa dha; mirga hiree sabummaa saanii kan walabummaa dabalatu ofiin murteeffachuu hojii irra oolchuu dha. Hojii irra oolchuutt yoo ofirra garagalanuu, Tigrooti utuu sana hin beekin sabboonota Oromoo qabbaneesuun sona cehumsaa keessatt waliin qooda fudhachiisuun akka hin dandahamne hubatanii turan. Kanaafi kan isaan heera saanii angoo 39 irratt barreesaniif. Amma akka nutt himamaa jirutt, sana kan tolchan gorsa Isaayyaas Afawarqii didanii ture. Humna Oromoo cabsuu waan gargaareef kan inni jedhu hunda waan fudhatan itt fakkaatee ture. Isaayyaas akka TPLF gorsa saa hojii irra oolchuuf karaa ofii qabu hin barre. Utuu bare angoo heeraa hojii irra hin olle, biyya gabbaarii saa, Itophiyaa keessatt burjaajii uume jedhee komachuu hin dhaqu ture. Kan isa balleessuuf deemu, TPLF irraatt ummatoota

Habashaa biraa irraa tumsa argachuuf jedhee, fedha dansa Oromoo waliin qabu wareeguun saa dogoggora guddaa dha. Utu badii caalaa biyya ofii, Afrikaa fi Baha Gidduu irra hin geessisin Mugaabeen barnoota tahuufii qaba ture.

Afawarqiin jalqabumaa kaasee Itoophiyaa akka gola ofiitt ijaaree yeroo dhuma hin qabneef bolquun akka dandahamu yaadaa qaba ture. Itophiyaa akka martii dhiibbaa ofiitt fudhatee olloota Afrikaanota naannaa jiranitt olhaantummaa mirkaneeffachuu fi Tokkummaa Afrikaa (AU) irratt dhiibbaa gochuu akka dandahu ni amana. Itophiyaan kolonoota see malee fedha halletoo’atummaa saa kana quubsuu hin dandeessuu. Mallas Zeenaawii haa galatu sun gabaabaatt cite. Abjoochuu itt fufuu dandaha, garuu seenaan abjuu saatiin cookkoo hin galtuu. Firummaan barnoota dheeraa Oromoo fi ummati Eertraa waliin qabanii fi qaabannoo dansi warraaqxoti Oromoo dabaankufoota Eertraaf qaban, ofirrummaa abbaa hirree kanaan dhibamuu hin qabu. Faallaa hawwaa isaa, Oromoon qabsoo saanii aara hin galfachiifneen koloneeffataa dirqisiisanii mirga sana fudhachiisanii jiru. Bilisooma Oromiyaa utuu dhalooteen hin kutin, arguuf ni jiraataa jennee haa abdannu.

Murnooti Habashaa biroonis akkuma Isaayyaas mirga hiree murteeffannaa Oromoo yaadaanmalaanu fudhachuuf rincicoo dha. Sagalee Oromoo ukkaamsuuf waggoota dhibbaa oliif yaalanii dadhabani. Oromiyaa biyyi halagaa hafee, dhalootaan qaama saanii tahee dhaalmaan Yohaannisii fi Haayila Sillaasee irraa argatanuu, Tigray Tigirinyiin oolfachuu hin dandeenye. Ammammoo waa’ee walii tumsa Oromoo fi Amaaraa dubbatu. Mirga bu’uuraa kana haala attamitt waa’ee waliin dubbachuu kaasu; murnooti Oromoo tokko tokkos akkamitt fudhataniifii? Diinni hedduu hamaanillee, firummaaf tuqaalee leellifaman ni qabaata. Oromoon kanneen mirgoota saa beekan qofaan dhoofsisuutu irra jira. Murni yk abba tokkeen Oromoo kamuu mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu, walabummaa dabalatu dabarsee kennuu hin qabu. Sana dura mirgoota ilmaan namaa fi ummatootaaf maal jechuu akka tahe al lama keessa deebi’ee yaaduu qaba. Keessaayyuu murnooti Oromoo kiyyoo Isaayyaasiin marfamanii jiran gaaffii deebisuu qaban hedduutu jira. Kan Oromoo waliin firoomuu barbaade Wayyaanee Tigray caalaa waan kennuuf qabaachuutu irra jira. Tuffiin abbaa hirroota akka Isaayyaas, waan kolfaa, dharraa fi abjuu hangam duwwaa fi dhugoomuu hin dandeenye akka qaban agarsiisa.

Oromoon humna riphaa fi kutannoo mormii amma itt jiru hamma barbaadame tursuu qaba. Diina Oromoo kalchuun abbaa kalche qofa miidha. Kanaaf yeroo furtuu kana sabaawoti Oromoo hundi, sirrii tahanii dhiisanii ummata ofii waliin dhaabbachuutu eegama. Ummatichi fedha saa bilisummaan ifsachuu kan dandahu dura bilisa tahuu fi duubbee cimaa, falma nakkarii waliin jiruf madaalli akka itt hin dabne eeggachiisuu dandahu qabaachuutu irra jira. Tooftaa fi hojiin malbulchaa kan dhufuu dandahan ummata humnneeffame qofaanii. Tooftaa dhaan qabatanii abba tokkooti

ummatichaan seenuu hin dandahanii. Murnooti hedduun waamichi akka 1991 tahinnaa jechuun riphanii eeggatan jiru. Amma qilleensi malbulchaa isa barasii irraa addaa. Sabootii fi sabaawoti si’ana battala fedha saanii eegsifachuu suduudaan irraa hiriiran qabu. Kanaaf yoo sun tahe murnoota malbulchaa of himataniin utuu hin tahin sonni cehumsaa tokko iddoosota saaniin dhaabbachuu dandaha. Sana mijjeessuuf Sabooti Tokkoman (UN), tibba gidduuf bulcha yeroo gargaaruu dandahu.

Birmadummaan Oromoo kanneen bara “Hirmata Afrikaa” jedhamu isaan waliin kolonumm jalatt kufan waliin walxaxaa dha. Birmadummaan Oromoo kanneen bara “Hirmata Afrikaa” jedhamu isaan waliin kolonumm jalatt kufan waliin walxaxaa dha. Akkuma waliin kufan hireen saanii waliin ka’uu tahuutu irra jira. Egree saanii waliin gooduuf ,wal qayyabannaa waloo fi fedha walii walii walii ulfeessuun waan bira hin darbamne. Gurguddoon haddhaa sirna Nafxanyaan sammuun tuqame harralee yeroo maqaa Itophiyaan dibbee waraanaa dillisan dhagahamu. Habashaa ofiin jedhaa jiraatanuu harcaatuun sirna Nafxanyaa durii Habashaa tahuu dhiisuunu ni mala. Olhaantummaa bakka itt shaakalan biyya adda hin qabanii. Ummatoota biyya itt dhalatanii guddataniin harka wal qabatanii rakkina jiru irra haanuuf tuffii qabuufii.

Hawwiin kanneen haddhaa sirna nafxanyaan tuqamanii, empayerri dandamattee bolola ofittummaa qaban bahachuu malee gad galoo waliin biyya ijaarrachuu miti. Ofittummaa fi ofirrumaa saaniif malee silaa ummatoota dhiigaa fi dafqa saaniin jiraatan bira dhaabbatanii loluutu irra ture. Karaa biraa ummatooti Itophiyaa kallattii bilisummaa, tokkummaa fi eenyummaan saanii akka ummataatt beekamuufii hedduu dharra’uu. Akka kaayyooti ummatooti Afrikaa hundi yoo tokko tahan fedha sanyii gurraachaa fi kanneen guddifatanii fulduratt tarkaanfachiisuuf anjaa qabu. Kun ummatoota Gaanfaa abbaltii dansa qabaniif hariiroo cimaa ummachuun rakkisaa tahuu hin qabu. Garuu kanneen baroota darban haaloo walirraa qabaniif, yaa’a aagii tufsiifatanii garaa qulqulluun walii dhiisuu fi kan darbe irraanfachuu gaafata.

Amma jeeqammi malbulchaa guddaatu Gaanfa Afriikaa keessatt muldhata. “Arfaasaan Arabaa” (Arab Spring) karaa xinxaltooti malbuchaa hedan irra hin deemne. Abbaa hirroota Baha Gidduu fi duuba Garba Diimaa jiran in mancafne. Caalaattuu diigamaa, roorroo mirga ilmoo namaa fi fixaqacee fiddee dhufe. Carraan misoomaa fi tasgabbii dhihoott hin muldhatu. Finnooti hundi, empayera Itoophiyaa fi kan itt marsanii jiran dabalatee bishaan danfaa keessa jiru. Hundi saanii ilmaan namaatt roorrisuu, misaan duubatt hafina fi nagaa fi tasgabbii dhabuun laaqamanii jiru. Hedduu saanii keessatt fixiqaccee deemaa jiraa. Sun calaqee haala addunyaa guutuu keessa jiruutisii. Yoom akka dhoohu kan himuu dandahu hin jiru, garuu qilleensa keessaan kan namatt dhagahamuu akka fagoo hin taane.

Warraaqxota Oromoof dhimmi saanii battalaa, waa’ee gadadoo ummata ofiiti. Kumkumooti guyyuu hidhaatt guuramaa jiru. Kumooti du’aa fi guraarama dheessuuf gara itt gala hin beekamnee, garbichummaa fi dhiyaana qurxummii gabraa fi manyaa tahuun isaan eeggatutt baqataa jiru. Hidhamtoota hiikuuf irbuun seenamuu yeroo bitachuu qofaafii. Namooti dhimma baasan malbulcheesitooti bilchina qabanii fi dargaggoon jajjaboon ammayyuu “Wahinii” keessatt dararamaa jiru. Waamicha mirga ilmoo namaaf utuu hin tahin naannaa irratt ilaaluuf tokko tokkoon gad dhiisuu ni dandahu taha. Akka himamutt, namooti kufaatii Dargii kaasee hidhaman jiru jedhama; keessaayyuu miseensoti ABO. EPRDF demokraatawaa akka hin taane beeku addunyaan fakkeessuu hin qabu. Akka seeran bulmaatatt amanu utuu hin tahin fedha dhipoo saba ofiif deggeraniin nutis beekna isaanis beeku. Deggersa saaniin malee silaa guyyaa tokko hin bulu. Gibira baasota biyyoota hundaa, kanneen nagaa jaallataniif mootummooti saanii akka nama tahan, dhiibbaa irratt godhaniif waamicha haa tolchinuufii.

Waliigalatt empayerri Itophiyaa biyyoota addunyaa hiyyeeyyii gad hanoo keessaa tokko. Yeroo Baankiin Addunyaa fi IMF waa’ee misa nato lamaa GDP (walitt qabaa homisha biyya keessa) dubbatan waa’ee waan hin qabamnee fi lafa irratt hin mullannee fakkaata. Kara deemaanillee kan argu nama beela’e, daare fi da’o hin qabne. Dhugaan jiroo kanaa misoomich eenyuufii? Waan nammi taraan hin qayyabanne fi akka waan gidiraa saaniitt qoosamaa jiruuttuu fudhachuu dandahu. Hamilee mormituu saanii cabsuuf ofaangessootii meeshaa godhataa jiru. Itophiyaa nuti beeknu deegduu fi dhibeen faalamtuu, jireenya fayyaa qabeenyaaf waan barbaachisu hunda hin qabne. Nadheen waraabbachuu kan dandahan bishaan yaa’u qulqulluun dhiheenyatt waan hin jirreef, isa faalameyyuu argachuuf karaa fagoo deemu qabu. Haddhaan qonnaa daldalaa fi warshaa keessaa yaa’u beelladaa fi ummata ajjeesaa, dhalattuu fafeessaa jira.

Bokoki horii callaa (inflation) deettii ariitiin olkaahee Birrii gati hin qabnee gochuun, wayyaba humna waa bittaa dhabsiisaa jira. Gita kam yk murna kam yk korporeeshina kamtu misa camii hin qabne, foolii fi hallu hin qabne kana irraa buufata laata? Oromoon, lakkoofsa saanii fi qabeenya dhalootaa saanii dhabsiifamuu irraan kan kahe ba’aa garri caaluu isaanitt fe’amee. Kun ibidda moormichatt qoraan dabaluun duwwummaa labsa misa diinagdee san saaxiluun waan hin oolle. Yoo GDP waan jedhamu sana mimicciranuu bilisummaan dhalachuu waan hin hafneef faayaa saanii Afrikaa keessaa, EPRDFiin baraarun hin dandahamu.

Xumuruuf, Afriikaa Saaraa gad jirutt Oromiyaan dilormaa, ballina lafaa, fi qabeenya uumaan biyyoota guguddoo keessaa tokko. Garuu Oromoon, durooma qabeenyaa fi dilormaa hoomishaawaa tahanuu, ummata hedduu itt roorrifame, deegaa fi dhukkubi itt baayyatu fi ilmaan namaa moggeeffamanii. Keessummootaa fi kun walfincilaa tahuu ni dandaha, garuu dhugaan kanuma. Birmadummaa saanii kolonummaa saba bucuu anga’oota yerosiin deggeramuun jaarraa 19faa keessa bara Hirmaata Afriikaa dhabe. Of irraa ittisa ijaarame 60moota keessa eegalee hanga hardhaatt itt jira. Amma qabsoon saanii tuqaa olhaanaa gahuun empayera Itophiyaa raasaa jira. Yeroon Gaanfi keessa deebi’amee ijaaramu gahaa jira jechuu dha. Jijjiirammichi nagaan gagg’eeffamuuf fedha dansa saba koloneeffataa, michoota saa garba gamaa fi kolonootaa gaafata. Feedha tokko tokkoon saanii seerawaa walii qayyabatanii rakkina jirufi naannaa diriira dhoofsisaatt furmaata soquuf qophaawuu saanii agarsiisuu qabu. Sun dadhabamnaan nagaan waliin jiraacha barbaaduun karaa dadhabissisaa qabachuuf deema. Bilisummaan Oromoo waan qananii miti; garuu dhimma akka ummataatt ulfinaa fi surraan baraaramuutii. Bara teknoolojiin iyyaatii guddaa mise kanatt, kaasaa Oromoo, seenaa roga dhabsiisuun xiqqeessanii dhiheessuu yaaluun dhimma hin baasuu. Amanamuu fi qulqullommi garaa kan dhimma qaban hunda irraa eegama. Oromoon suduudaan yk karaa iddoosota saanii ofiif dubbachuu ni dandahu. Kanaaf keettoleen diinaa dubbachuufii hin hayyamanii. Dhugaa fi qajeeltuun irra haanu!

 

 

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Amajjii 2018

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Namni ija takka qabu cirrachaan hin taphatu!

  Haasaan Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad dhimma sabboonummaa Oromoo irratti kaase waan laaftutti laallee bira …

Yaada kanaaf deebisaa kenni