Oduu Haaraya
abdusalaam qaasim

Qabsaawaa Gootaa fi Qondaala Waraana Adda Bilisummaa Oromoo kan Seenaan isaa hin dubbatamin.


—————————————————————————–

( By Jemal Ahmed )

Maqaan Dhalootaa Abdusalaam Qaasim jedhama, maqaan Qabsoo kan Dhaaba keessatti beekkamuun #Elemoo#Biiftuu ti, Jaal Elemoo biiftuu Bara 1960 Baha Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaa Magaalaa Qarsaatti Abbaa isaa Haaji Qaasim Kabiiraa’tiifi Haadha isaa aadde Haliimoo Muussaarraa dhalate, Jaal Elemoo yeroo joolummaa xiqqo jabaate akkuma joollee hundaa Barnoota isaa eegale, Barnoota kutaa kudha lamaa ( 12) qabxii garii arkatee Unibarsitii seenee ture, Jaal Elemo Roorroo hamtuu Ummata keenyarra geeysu arkee Barnoota kiyya dura lammii kiyya bilisoomsuun qaba jedhee Barnoota isaa muree lammii isaa roorroo jalaa bilisa baasuuf Murteeyfate.

“* Seenaa Duubaa Hanga tokko;- obboleeysa Abdusalam Qaasim ( Elemoo Biiftuu ) obbo Mahammed Qaasim gootota Dargiin akka lakk, habashaatti bara 1977 Magaalaa #Wataritti ajjeefame keeysaa nama tokko, waan nama gaddisiisu ajjeechaa bara sanii firaafi maatiin hundi walitti qabameeti yeroo ilma isaanii ajjeesan dirqamaan ililcha, Haati Mahammed Qaasim adde halimoo Muussaa ilma isiitti ilaalchuu dadhabdeeti ilkee ciniinnatte, waraanni Dargii Maal taate jedhee nama isii waliin taa’u gaafannaan warri bira jiruus ni ajjeesan jedheee ilkee dhukkuba jedhee waraana Dargiitiif hime, eega Dhukkubu fuudhaa galchaa jedhaniin, isiniis kan ajjeeftan kun ilma kiyya jcehuu waan hin dandeenyeef jecha ilma isii kan isii durratti ajjeesaniif akkuma ilkee Ciniinnateetti Qarsatti galte, yeroo ammaa kana hoggaa mana du’aa ykn mana Booyaa dhayxe booyaa hin beeytu, ni ililchiti, obbooleessi Jaal Elemoo Biiftuu Qabsaawaan Abdulhakim wareegamee Jaal Elemo guyyaa sadaffaa isaatti wareegame obboleeytiin isaanii Gaasixeeysituu Buufata Raadiyoo Harar tan turte adde #Aziza Qaasimiis rakkuma wal fakkaatuun Biyyarraa baate , seenaa isaaniitiis itti deebina.*

Jaal Elemoo Biiftuu kaayoo isaa kana galmaan gayuuf Umrii Joollummaatiin Bara 1970ta keessa waraana Adda Bilisummaa Oromootti dabalame, Jaal Elemo osoo gara biyyaa hin seenin yeroo Biyya ollaa kan akka Djibout ( Jibuutii ) turan Shoorri qabsoo keeysatti inni taphate kan himamee dhumuumit, Jaal Elemoo Biiftuu intala takka qaba, Jaal Elemoo gootummaan inni guyya guyyaan dabalaa deemu yeroo gabaabaa keessatti Sadarkaa Hoggansaa ol aanaan akka geeyse warri lubbuun jiru ragaa baha, Jaal Elemoo hogganaa miseensota waraana isaa dura deemee lolu malee hogganaa waraanaa duuba deemu hin turre.

Bara 1991 yeroo Addi Bilisummaa Oromoo ( ABO’n ) biyya seenu Jaal Elemoo Biiftuu Qondaalota Waraana Adda Bilisummaa Oromoo kanneen ciccimoo jechuun adda duretti laalaman keessaa tokko ture, Baha Oromiyaa keessattuu Godina Harargee Bahaa keeysa iddoon waraanni isaa hin gayin muraasa( xiqqoodha) , waraanni isaa iddoo dhaqetti Diina inifatu malee injifatee galee hin beeku, Jaal Elemoo Loltuudhaas, Qondaalaas, Lolee lolchiisutti amana, lolchiisuun qoftiin isaaf luuynummaadha malee gootummaamit, Jaal Elemoo yoo loltoota Diinaa lamaa fi sadihi kan lubbuun jiru harkatti qabatee fuula keeysa laale malee ajjeesuun qofti isa hin gammachiisu.

Jaal Elemoo Haala kanaan Angoon Hoggantummaa Waraanaafi naannoo gaara mul’ataa guututti itti kanname , teeysoon waajjira isaa guddaan Magaalaa Kurfaa Calleeti, Waraana Diinaa kan fuula Gaara Mul’ataa achi deemuu kajeeluu Dildila Daawweerratti qaxara cabsee karatti hambisa, waraana isii lubbuun jirtu qabees ( boojihe ) shakkii takka malee bakka barbaaddan dhaqaa jedhee taphata, nama waraana qofarraa osoo hin tahin mataa ifiirraa Abdii guutuu qabu, wayyaaneen Waraana ABO baha Oromiyaa iddoo hedduu keessaa baafte Gaara Mul’ataa seenuuf abuurtee waraana humna adda addaa if keessaa qabu gaara Mul’ataa ergiti, amkkuma amala isaa Dildila Daawweerratti laga Gobeeleetti ida’a.

Wayyaaneen waraana isii kan karaa Gaara Mul’ataa as mil’ate bobbahuu malee ka galu ni dhabdeeti gabaasa Elemo hoggaa dhageesu Elemoo Qilxuu kan du’e je’anii as jira jechuu mudatte, Eega Elemo Waraana nyaaphaa Diinaa Darzanaan galafatee Abdii Gaara Mul’ataarraa kutachiise, guyyaa Boodaa humna waraanaa guddaa Birgeedii hedduu Gaara Mul’ataatti boobaafte, lolli ni eegale, Jaal Elemoo Biiftuu kan lola xixxiqaaf Ciqileerraa hin kaane waraana guddaa Diinaa garraan hedduu mirqaanee lafaa ka’e, Shugxiifi kilaash mudhii isaatiin wal bare cinatti Girnoof lafaa fudhate, fayyaa dayaa amma imaama qabanne jechuun isaatiis lola bareedaa barbaannu ar’a arkanne jechuu akka tahe waraana hundaaf ifa.

Dhukkeen Lafaa kaatu Hurree Gaara Mul’ataa Goggooysitee Bagdaad fakkeeysite, Loonchar, Bombii, Girnoof kilaash fi AK hunda shiishii malee sagaleen dhabamteti yoo ijaan barbaadan malee gurri waan dhagayu wallaale, Dabbaal Mootii Gaaraa kan takkaa Hurreen irraa hin ka’in ar’a maaltu na mudate jedheeti ija banate, Umrii yeroo sanii wajjiin fageenyarraa hoggaa Xiixaa lola sanii dhageenyu akka waan Bakakkaan samii gubbaaa deemtuu nutti fakkaachaa ture, warra keenya yoo gaafannees Bar Elemoo Biiftuu ilma Qaasim Kabiiraati nuun jedhan, nama akka keenyaa kana osoo hin tahin nama bifa biraa qabu nutti fakkaate,reefki waraana wayyaanee Dabbaal Mootii Gaaraa jala lafa guute, Jaal Elemoo kan refka diinaa Daawachuu jaalatu irra naannawee geerare, lola akkasii gootummaan gegeeseeti Gootichi Jaal Elemoo Biiftuu * Abdusalaam Qaasim * Gootummaa akkasitiin Waraana wayyaanee Gaara Mul’ataa ijaan achi mil’achuu sodaachise, guyya boodaa Wayyaaneen Jaal Elemo injifachuu dadhabde harka lafa jalaatiin nama itti bittee galaafatte, Kanniisni Mootiin keeysaa kutee dute Jajjabeen Jaal Elemoo ibidda san Caalu qabsiifteeti Dachiifi Samii Dukkaneeysite, manni tuuttoon hiikkatte waan hin dhaabbaneef Jajjabeen Jaal Elemoo tan onnee ibiddaa akkuma amala isii Diina gogonbiftuus Sababa Chaartaraatiin faffacaatee achi buutee miila Bakar taate.

Gooota keenya Rabbiin warra jannataa haa godhu
Nutiis warra gumaa isaanii baasu nu haa godhu
Seenaan isa haa yaadatu.

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …