Oduu Haaraya

Qaajjibboo Nafxanyaa Afaan Oromoo dubbattuun ”mootummaa kiyya” jedhanii waamuun ofumaan of salphisuu dha

Boruu barraaqaatiin

Murni ergamtuu Nafxanyaa Oromiyaa irratti fe’amte kan ‘Mootummaa Oromiyaa’ ofiin jettu Oromoos tahee Oromiyaa bakka hin buutu. Oromoon yeroo ammaatti mootummaa koo kan jedhee waamu hin qabu. Qaajjibboo Nafxanyaa Afaan Oromoo dubbattuun ”mootummaa kiyya” jedhanii waamuun ofumaan of salphisuu dha. Oromoon mootummaa isaaf tahu siichi jaarrata. Hanga ammaatti duraan Nafxanyaa jalatti, isa booda ammoo Wayyaanee TPLF jalatti, ammas ammoo deebi’ee Nafxanyaa jalatti dhiitamaa jira malee mootummaa mataa isaa hin qabu. Cundhuurri akka qaajjibbootti dugda Oromootti maxxantee dhiiga Oromoo xuuxxee Nafxanyaa obaaftu ”mootummaa Oromiyaa” jedhamtee waamamuu gonkumaa hin dandeessu. Karaa qawweenis karaa fincilaanis Oromoon ishii liqimsee tufuun waanuma hin oolle. Kan nama raaju har’as akkuma kaleessa Wayyaanee jalatti barattetti Oromoo doorsisuu kajeelti. Seenaa kaleessaarraa barachuu hin dandeessu waan taheef likkii Oromoo hin beeytu. Oromoon yeroon itti doorsisa diinaa sodaatee jilbeenfatee bule akka hin jirre dhamaatuun hin yaadattu. Koronaa kana akkuma waan malaaykaa Rabbi irraa ergameefii ishii baraaruuf dhufetti ilaalti. Gaachana fi eeboo godhattee ittiin Oromoo waraantee irra bubbuluuf abjootti. Oromoof koronaa caalaa buchulloota Nafxanyaa kanatu hamoo dha. Koronaan yoo amala isaa baranii of eeggatan lafaa ka’ee nama hin tuqu. Koronaan Oromoo fi Oromiyaa irraa rakkoo hin qabu. Cundhuurri Nafxanyaa garuu Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuuf dhufte waan taheef nan tuqin jechuu hin dhageessu. Koronaan ilma namaa addunyaa guutuutti dhufe malee Oromoo qofa irratti hin qiyyaafanne. Bineensonni nafxanyaamootummaa” ofiin jettu garuu addatti Oromoo diineffatte. Yeroo Oromoo ajjeeftullee reeffa isaa akka shunkurtaatti cirtee, bineensa soorti. Kanaafuu koronaa caalaa jara addatti Oromootti ergame kanatu hamaa dha. Ummanni keenya harka bitaatiin koronaa ofirraa ittisaa, harka mirgaan diina addatti isarratti bobba’e kana hundeedhaan ofirraa finqilchee darbu malee abadan nagaa hin argatu. Duumessaa gaditti humni Oromoo falmaa mirga isaarraa dhaabsisuu danda’u gonkumaa hin jiru.

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …