Oduu Haaraya

Poolisiin Itiyoopiyaa miseensota isaanii hidhuu itti fufe jedhu hoogganoonni paartii Mormituu

Poolisiin namoota itti dabalaa to’annaa jala oolchuun dhaga’amee jira. Kanneen hidhamanis hanga yoonaa mana murtiitti hin dhiyaanne.

Paartiin tokkummaa dimokraasii fi haqaa miseensonni isaa qabaman haal duree tokko malee akka hiikaman ibsa marsaa interneetii irratti tamsaaseen yaadachiiseera. .

Kaleessa poolisii dhaan to’annaa jala kan oolan miseensota hoji raawwachiistuu paartii tokkummaa dimokraasii fi haqaa obbo Habtamu Ayalew fi obbo Dan’el Shibeshi malee itti aanaa dura taa’aan mana marii semayawi paartii Obbo Yeshii Waas Asefa yeroo dhuma wal fakkaatu poolisii dhaan qabamuu isaanii dura taa’aan paartichaa obbo Yeleqaal Geetnet VOAf mirkaneessaniru.
Obbo Yeshiwaas yeroo qabamanii manni jireenya isaanii sa’aatilee afuriif sakata’ametti unifoormii waraanaa fi sivilii kanneen uffatan humnootii naga eegumsaa hedduutu naannoo sana kan turan ta’uu dura taa’aan paartichaa beeksisaniiru.

Obbo Yeshiwaas gara waaltaa qorannaa ma’ikelaawwitti erga geessamanii booda galaa dabarsuufii irraan kan hafe maatii isaaniis haa ta’u firoottan isaanii itti dubbachuu kan hin dandeenye ta’uun beekameera.

Paartichis har’a ibsa marsariitii irratti tamsaaseen miseensonni hoji raawwachiistuu isaa kaleessa hidhaman haal duree tokko malee akka hiikaman yaadachiise.

IHADEG hidhaa inni jala bultii filannoo biyyoolessaa eegale kun filannoo bara 2007 dhuunfachuuf tarkaanfii inni fudhate dha jedha ibsi paartichaa.

Ibsi sun itti dabaluu dhaan hidhaan kun diraamaa qindaa’e kan sirnichaa ta’uu itti dabalee akkuma baratame filannoo bara 2007 namoota dararuu fi waliin dha’uu dhaan fudhachuuf tarkaanfii jalqabaa fudhatame jennee amanna jedha ibsi kun.
Gama biraatiin immoo haati warraa obbo Andargachew Tsige aadde Yemisrachi H/Maariyaam qabamuu abbaa warraa isaanii kan dhaga’an isaan wixata irra qabamanii gaafa jimaataa ta’uu dubbatan.

San booda ministrii dhimma alaa biyya Britaintti bilbiluun haalli isaa maal irra akka jiru gaafachuu isaanii ibsan.

Hojjettoota Embassy san’aa jiran waliin wal quunamuu dhaan Hanga Adoolessa sadii bara 2014tti mootummaan Yemen eessa akka jiru nutti hin himne jedhan.

Ambasaddorri biyya Britain kan Senea’a jiran ofii isanaii xalayaa muummicha ministeeraa Yemenitti kennanii turan. Garuu as ykn achi jira deebii jedhu hin kennine. Mootummaan Briteen biyya lammii itti ta’etti deebisee adeemsa seeraa akka eegalu aadde yemsirach gaafataniiru.

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …