Oduu Haaraya

Polisoonni Israa’eel Lammii Ertraa Ajjeesan

Dargageessa lammii Ertraa  kan gara Israa’eeltti godaanee jiru polisoonni biyyatti dogoggoraan ajjesne jedhan. Kunis buufa Awutoobusitti Barsheebaa jedhamutti namni tokko looltuu Israa’eel tokko ajjesee kanneen biroo 10 eega madeessee booda nama badii kana geesisee se’anii lammii Ertraa kana polisoonni ajjesan.

Polisiin akka jedhutti dargageessi Habtom Walda Mikaa’eel Zerom jedhamu kun Dilbata darbe shakkamaa isa lammataa se’uun ajjesan.

Vidiyoon namoota naannoo sana turaniin waraabame akka agarsiisuutti Buufata Awutoobusii Barsheebaa kan Israa’eel gama kibbaa keessatti nama madaa’ee lafa irra kufee dhiigaan laaqame kana namoonni achii turan tumaa turan.

Mummichi ministeera Israa’eel Benjamin Natanyaahuu sodaa fi bir’uu jiru irratti akeekkachiisa kan kennan yoo ta’u eenyu iyyuu seeraan gaafatamuu jalaa hin miliquu jedhan.

Doktoorri Israa’eel kan Dargageessa Ertraa wal’anuuf yaalan akka jedhantti madaa hamaan qoma isaa fi mar’imaan isaa mudateetu jira. Akkan yaaduutti madaa hamaan lubbuu isaa galaafate isa rasaasaan haleelamee dha jedhanii haleellaa Kanaan kan ka’e hedduu dhiiguu isaatu lubbuu isaa oolchuuf yaalii ta’u danqe jedhan.

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …