Oduu Haaraya

OSFNA 2015 Commentator Abdi Mude Says, “Bishaan Dabre dhiisanii isa dhufu woraabu.”

Maqaan koo Abdii Muddee jedhama. Yeroo ammaa kanatti mana baruumsa Mankato state University jedhamutti digrii koo isa jalqabaa saayinsii compiitaraa/computer science yookiin immo information technology Hordofaa jira. Karaa biraatiin immoo itti gaafatamaa dhimma siyaasaa fi hawaasummaa woldaa dargaggoo Oromia Minnesota/OYA ti.

Yeroo baay’ee wolaloo barreessuufi woltajjii geggeessuudhan hawaasa koo keessatti kan beekamu yommuu ta’u, OSFNA bara 2014 Minnesota keessatti adeemsifame irrattis commentator akkan ta’u kaadhimamee hojjadhee ture. Inni sun anaaf muxannoo koo isa jalqabaa ta’us haala gaariidhaan itti gaafatamummaa koo akka bahe dinqisiifattoonni koo naaf himanii turan.

Keessumattuu namoota hedduu kan raaje keessaa, jechoota naannawa tokkoo osoo hin taane, kan woltawaa oromoonni hundi dhagahan fayyadamuun koo daranuu jabeesse. Kanaaf anis bara kanas gama OSFNAtti deebi’uudhaan hawaasa koo qarqaaruudhaaf murteesse.

Egaan akkuma beekkamu OFNAn yeroo ammaa kanatti utubaa dargaggoo keenyaa akka ta’e eenyuunillee hin mamsiisu. Dargaggoon wirtuufi abdii boruu ta’uu isaanii irraan kan ka’e OSFNAnis kana irratti xiyyeeffachuun isaa Oromoo fi Oromiyaadhaaf firii boruu akka oomishaa jiru beekamaadha. Yeroo ummanni keenya karaa siyaasaatiin gargar diigamanii jiran kanatti, OSFNAn alatti furmaanni hatattaamaa akka hin jirretu natti muldhata. Kana kan na jechisiise OSFNA hunda isaaniitu wolitti fida gatii ta’eef. Yaada koo xumuruuf yommuu jedhu, dhuma irratti dargaggoota keenya OSFNA hogganaa jiran osoo hin galateeffatin bira dabruun hedduu natti ulfaata. Woldaa jiguuf kirkire deebisanii ijaaruudhaan, dargaggoota abdii kutuuf dhiyaate deebisaanii abdii itti horuudhaan OSFNA bifa haaraya ta’een hundeessuudhaaf halkaniif guyyaa ifaajjanii waan dhamaataniif, galanni keessan

Dachaadha. Akkuma oromoon yeroo mammaaktu “ bishaan dabre dhiisanii isa dhufu woraabu” jedhan, nutis isa dabree irraa barannee aarsaa barbaachisu hunda kafaluudhaan dhaloota dhufuf hambaa gaarii kaayudhaaf gamtaan hojjachuu qabna. Gosaawwan ispoortii kanneen akka kubbaa miilaa, fiigichaa fi kanneen biroo akkasumas kana bira dabree shamarran hirmaachisuun keessan seenaa keessati akka yaadatamtan isin taasisa. Anis gama kootiin dandeettii koo waaqni naaf laateen isin bira dhaabbachuufi saba koo gargaaruudhaaf yeroo kamuu of duuba hin jedhu. Carraa kana naaf kennuu keessaniif hedduu isin galateeffachaa, horaa bulaa, guddadha, fiixaan bahaa isiniin jedha.

Dagaagi OSFNA koo
Lalisii jiraadhu
Wonta hunda keessaa
Olta’ii mul’adhu!!!!!!!

Kabajaa wojjiin,
Abdi Mude
Mude.abdi@gmail.com

Check Also

lalisaa 2017

A Runner In Exile

After his dramatic protest at the Rio Olympics, Ethiopian marathoner Feyisa Lilesa didn’t feel safe …